'Haala akkasiifi yeroo kanatti gonkumaa Sooriyaa gadhiiseen baha jedhee hin yaadne ture' - Asaad

Pirezidantiin duraanii Sooriyaa Bashaar al-Asaad ibsa erga aangoorraa kaafamuun gara Rashiyaatti baqatanii booda yeroo jalqabaatiif kennaniin, ''Ani Sooriyaa gadhiisuuf hin yaadne ture'' jedhan.

Guduunfaa

  • Awaalchi abbaa Asaad magaalaa dhaloota isaanii keessatti gubame
  • Kufaatii Asaadiif Iraan US fi Israa'el himatte
  • Sa'udiin Waancaa Addunyaa 2034 akka qopheessitu murtaa'e
  • Haleellaa Israa'el Gaazaa manarratti raawwatteen 19 ajjeefaman
  • Addaan cituu WhatsApp fi Instagram'f Meta'n dhiifama gaafate
  • Israa'el Sooriyaa haleeluu akka dhaabdu qondaalli UN gaafatan
  • Israa'el Sooriyaatti haleellaa qilleensaa 350 ol raawwachuu amante
  • Tamsaasa kallattii dhimma Sooriyaafi kaan asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa waamicha Pirezidantii Turkiin mari'achuufi jedhame

    Dureewwan biyyoota sadanii,

    Dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa affeerraa Pirezidantii Turkii Reeseph Xayyiib Erdogaaniin marii marsaa sadaffaaf Ankaaraatti wal arguuf akka jedhan gabaafame.

    Mariidhuma kanaaf Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud gara Turkii imaluu miidiyaan mootummaa Somaaliyaa gabaaseera.

    Gama Itoophiyaa ammatti wanti mirkanaa'e jiraachuu baatus, MM Abiy Ahimad yoo hirmaatan marii jalqabaa sadarkaa duree biyyootaan taasifame ta'uf deema.

    Itoophiyaafi Somaaliyaan erga muddama seenanii waggaa guutuuf yoo ta'u, muddama kana furuuf carraaqqiin irra deddeebiin kana dura taasifame hin milkoofne.

    Kana dura marii marsaa lamaan Turkiin qopheessite irratti kanneen hirmaatan ministiroota dhimma alaa biyyoota lamaaniiti.

  2. Waraana Somaaliyaafi humnoota Jubaalaand giddu lolli taasifame

  3. Awaalchi abbaa Asaadi magaala dhaloota isaanii keessatti gubame

    Awwaalchi abbaa Asaad ibiddaan gubame

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Awwaalchi abbaa Asaadi magaalaa dhalootaa saanii keessatti gubame

    Suuraaleen bulchiinsa Lixa Sooriyaa kan taatee ollaa Laataakiyaa irraa BBC dhaqaban toko tokko, loltoonni finciltootaa bakka awwaala pirezidaantii du’aanii boqotan Haafez al-Assaad osoo gubataa jiruu maddii dhaabbatanii suuraa ka'an mul’isu.

    Bakki awwaalcha abbaa pirezidaantii Sooriyaa aangoo irraa kaafaman, Baashaar al-Asaaad, saanduqa reeffaa gara alaatti harkifamee gubate fakkaatu dabalatee, gar tokkoon ibiddaan gubateera.

    Abbaan Asaad fi kan duraan dursaa biyyattii turan bara 2000 keessa kan du'an yoo ta'u, awwaalcha isaanii ganda dhaloota saanii kan taatee ollaa Qaardaahaatti awwaalamanii turan.

  4. Waan Sooriyaa keessatti ta'aa jiru murteessuuf 'yeroonsaa ganaadha'- Itti gaafatamtuu GCHQ

    Hoggantuu GCHQ

    Madda suuraa, UK GOVERNMENT

    Hoggantuun dhaabbata basaasaa UK (GCHQ), Anne Keast-Butler, waan amma Sooriyaa keessatti ta'aa jiru murteessuuf ''dhuguma baayyee yeroonsaa ganaadha'' jetti.

    "Kanaafidha akeekaa fi kallattii isaa hubachuun, akkasumas qaamolee imaammata baasanii fi murteessitoota biroo beeksisuu akka dandeenyuuf haalicha sirriitti hordofuu kan qabnu," jechuun BBC Breakfast'tti himti.

    Yaadni duree tanaatis kan kennite, murtee mootummaan UK gaafa Wiixataa gaaffii koolugaltummaa lammiilee Sooriyaa dhaabuuf murteesse hordofeetidha.

    Ministirri Biyya Keessaa Yvette Kuupar, ''kufaatii mootummaa Asaad booda haalli garmalee saffisaan socho'aa jira'' jechuudhaan, namoonni tokko tokko haala dhiheenya kana mudate hordofuun gara Sooriyaatti deebi'aa jiru jedhan.

    Dhaabbanni tola ooltummaa Deeggarsa Koolugaltummaa murtee kanaan, ''garmalee yaaddoo'' akka qabu ibsuun, tarkaanfiin kun namoota kumaatamaan lakkaa'aman kan ''haala ifa hin taane'' keessa galchuu danda'u ilaalcha keessa galchuun ''baayyee hariifataafi ganaadha'' jechuun ibseera.

  5. Maanchister Siitii kilaba dhumaa ani leenjisudha- Gaardiyoolaa

    Peep Gaardiyoolaan Maan Siitii ala kileba biraa ammatti hin leenjisu jedhe

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Peep Gaardiyoolaan Maan Siitii ala kileba biraa ammatti hin leenjisu jedhe

    Peep Gaardiyoolaan kilabni amma leenjisaa jiran Maanchister Siitiin kilaba dhumaa leenjisan tahuu akka danda'u himan.

    Leenjisaan duraanii Baarseloonaa fi Baayern Munik Gaardiyoolaan erga bara 2016 Maan Siitii leenjisuu eegalee kilebicha waliin waancaawwan 15 injifateera.

    Yeroo gannaa darbe garee biyyaalessaa Ingilaandi akka leenjisuuf gaafatamus, ergasii Maan Siitii waliin kontiraata waggaa lamaa dabalataa mallatteesse.

    YouTube Daanii Gaarshiyaa jedhamu irratti akka dubbateetti, yoom Maan Siitii keessaa akka bahu ibsuu baatus, kilaba biraa akka hin leenjisne ibse.

    ''Kilaba gara biraa waanan leenjisu miti,'' jedhe.

    ''Waa'ee kontiraata yeroo dheeraa mallatteessuu yaaduu hin danda'u. Garuu waanan ani hin goone yoo jiraate Maan Siitii amma gadhiisee gara kilaba biraa deemuuti.

    ''Aannisaa hin qabu. bakka biraa deemee leenjii haaraa jalqabuuf fi waan akkasii yaadaa hin jiru. Lakki, lakki. Lakki tarii garee biyyaaleessaa yoo tahe.''

    Leenjisummaa dhiisee deemaa golfii taphachuun barbaada. Leenjisummaa dhaabuu qaba.''

  6. Gatiin bunaa haala kana dura mul'atee hin beekneen dabale

  7. Iraan akkamiin bulchiinsa Asaad deeggarte?

    Iraaniifi Israa'el waliif diinadha

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Iraaniifi Israa'el waliif diinadha

    Iraaniifi Sooriyaan Warraaqsa Islaamaa bara 1979 irraa qabee michoota yoo tahan, Iraan bara 1980 keessa waraana Iraaniifi Iraaq irratti Sooriyaan Iraan deeggaruun michooma jabeeffatte.

    Yeroo waraana waliinii Sooriyaa Iraan loltoota dhibbaan lakkaa'aman bobbaasuutu amanama.

    Asaad deeggaruufis doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu baasteetti.

    Musliimoti Shiyaa kumaatama Iraaniin leenji'an - baayyeen isaanii Hezboollaa keessaa, Iraaq, Afgaanistaaniifi Yamanirraa turan waraana Sooriyaa cina tahuun lolaa turan.

    Haa tahu malee, yeroo dhihoo gareen hidhataa Iraaniin deeggaramu Hezboollaan Libaanos keessatti haleellaa Israa'eliin dadhabaa dhufnaan kufaatii waraana Sooriyaa ariifachiiseera.

    Hogganaan Teeraan Ayaatoolaa Alii Kaameeniin aangoorraa ka'uu Asaadiif Israa'eliifi US komatan.

  8. Israa'el guyyaa afraffaaf Sooriyaa keessatti haleellaa raawwataa jirti

    Haleellaa qilleensaa Israa'eliin dooniiwwan waraanaa Sooriyaa manca'an

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa qilleensaa Israa'eliin dooniiwwan waraanaa Sooriyaa manca'an

    Dhaabbati buufata isaa UK godhateefi haala mirga namoomaa Sooriyaa hordofu (SOHR), Israa’el guyyaa afraffaaf bakkee kuufama meeshaa waraanaa Sooriyaarratti haleellaa raawwataa jirti jedhe.

    Xiyyaaronni waraanaa Israa’el halkan keessa bakkeewwan raadaariin Sooriyaa jiru naanna’un xiyyaarawwaniifi raadaarii mancaasuu ibseera.

    Erga bulchiinsi Asaad gaafa Dilbataa aangoorraa ka’ee, Israa’el haleellaa xiyyaaraa 352 ol bakkeewwan Sooriyaa 13 keessatti raawwachuu gartuun kuni ibseera.

    Raayyaan Ittisa Biyyaa Israa’el haleellaa qilleensaa 350 ol raawwateen qabeenya waraanaa bulchiinsa Asaad 80% mancaasuu ibse.

    Haleellaan kunis qiyyaafannoowwan ‘’istiraatejikii’’ magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo, Hoomis, Taartus, Laataakiyaafi Paalmayiraatti jiranitti raawwatame jedhe.

  9. Baqattoonni Sooriyaa gara biyyasaaniitti deebi'aa jiru

    Bulchiinsi Bashaar al-Asaad kufuun booda lammiileen Sooriyaan Turkii fi Libaanositti baqatanii turan danuun gara biyyasaanitti deebi'aa jiru.

    Baayyeen namaa miyasaa fe'ee, ijoolleesaa baatee daangaa yeroo ce'u mul'ateera.

    Lammiilee Sooriyaa biyya isaaniitti deebi'aa jiran
    Lammiilee Sooriyaa biyya isaaniitti deebi'aa jiran
    Lammiilee Sooriyaa biyya isaaniitti deebi'aa jiran
  10. Haleellaa qilleensaa waraanni Sudaan gabaatti raawwateen namoonni 'jumlaan' ajjeefaman

    Waraana Sudaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Sudaan humna addaa RSF jedhaman lolaati jira

    Waraanni Sudaan lafa gabaa lixa naannoo Daarfuritti haleellaa qilleensaa raawwateen namoonni 100 ajjeesuun himatame.

    Gareen Ogeessota Seeraa Hatattamaa gaafa Wiixataa haleellaa magaalaa Kaabkaabiyaa lafa gabaatti raawwate ''ajjeecha jumlaa suukaneessaa'' ittiin jedheera.

    Yeroo dhihoon as waraana Sudaaniif garee hidhataa Rapid Support Forces (RSF) gidduu lolli hammaatee jira.

    Lola aangoof ji'oota 19 darbaniif taasifameen lamman isaanii yakka waraanaa raawwachuu ni haalu.

    Waraanni Sudaan rakkoo namoomaa isa guddaa jedhamu kan uume yoo tahu namoonni miiliyoona 11 tahan qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

    Akka gareen Ogeessota Seeraa Hatattamaa jedhutti haleellaan kuni yeroo jiraattonni naannichaa iddoo Kaabkaabiyaa jedhamtu gabaaf bahanitti raawwate.

    Daarfur keessatti magaalaan to'annoo waraana jala jirtu Kaabkaabiyaa dha. Ebla darberraa qabees marfateetu jirti.

    ''Haleellaan gabaatti namoota nagaa irratti raawwate sarbama seera idil-addunyaati,'' jedhan Ogeessonni seearaa kunneen.

    Gareen waraana Sudaan lolaa jiru, RSF, magaalaa Omdurmaan walumatti qabee haleeluudhaafis qeeqaniiru.

    Gaafa Kibxataa dubbiihimaan waraana Sudaan haleellaan qilleensaa raawwate waan sirrii biyya eeguuf taasifame dha jedhe. Waraannichi qiyyaafannoo RSF naannolee jireenyaa keessatti dhokatan ni haleellaa jedhe.

    Gareen mirga namaaf falmu Human Rights Watch (HRW) Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaan Afrikaa loltoota Sudaanitti bobbaasuun uummata nagaa akka eegan gaafateera.

  11. Boordiin Filannoo uggura paartilee shanirratti kaa'e kaase

    Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa uggura paartiilee shanirratti kaa’e kaasuu isaa beeksise.

    Paartileen shanan kan ugguraman dhimma Yaa’ii Waliigalaa, odiitiifi lakkoofsa dubartoota barbaachisu hirmaachisuu dhabuun walqabateeti jedhameera.

    Miidiyaan biyyaalessaa EBC akka gabaasetti, kanneen ugguraman keessaa dhiifama kan jedhaniifi murtee darbe mormuun ragaa kan dhiheessan erga qorataman booda uggurri irraa ka'e.

    Akkaatuma kanaan, dogongorri gara fulduraatti akka hin raawwanneefi boordicha waliin wal amanteerra erga gahan booda uggurri ka’u boordichi ibse.

    Paartileen kuni Warraaqsa Biyyaalessaa Walaayittaa, Paartii Dhaloota Haaraa, Sochii Dimookiraasii Ummata Gambeellaa, Gamtaa Dimookiraatikii Itoophiyaafi Paartii Haqaafi Dimookiraasii Agawidha.

  12. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Waan addunyaan itti jirtu jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  13. Loltoonni Israa'el kibba Sooriyaa keessatti 'zoonii ittisa' akka uuman qajeelfamni kenname - ministeera ittisaa

    Loltuu Israa'el
    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan kun loltuun Israa'el naannoo Sooriyaa waraana irraa bilisa ta’e keessa jiraachuu mul'isa

    Ministirri ittisaa Israa'el ''qaamni garee shororkeessaa'' kamuu daangaa fi lammiileeshee akka doorsisan hin hayyamnu jechuun akeekkachiiseera.

    Jechasaa kanaan dura Humni Ittisaa Israa’el (IDF) yeroo jalqabaaf loltoonni isaa naannoo waraana irraa bilisa ta’e kan Golaan Heights keessatti argamu bira darbee socho’aa akka jiran beeksiseera.

    Ibsa gaazexeessitootaaf kenneen Ministirri ittisaa Israa'el Katz, waraanni Israa’el guyyoota darban keessa Sooriyaa keessatti “dandeettii waraanaa” akka balaatti ilaalan balleessuuf socho’aa akka ture mirkaneessaniiru.

    Gama biraatiin Turkiyaan Israa'el naannoo Sooriyaa waraana irraa bilisa ta’e keessatti 'sammuu dhuunfachuu agarsiisaa jirti' jetti

    Pirezidaantiin Turkiyaa Recep Erdogaan - kan biyyi isaanii baqattoota Sooriyaa biyyoota kamuu caalaa keessummeessitu - Sooriyaan deebi’ee qoodamuu hin qabdu jedha.

    Turkiyaan baqattoota Sooriyaa miliyoonaan lakkaa’aman keessummeessiti akkasumas gareewwan hidhattoota biyyattii keessatti socho’an tokko tokko ni deeggartti.

    Biyyoonni Arabaa ibsa baasaniin Israa’el naannoo waraana irraa bilisa ta’e kana dhuunfachuushee mormaniiru.

    Ministeerotni dhimma alaa Masrii, Qaxar fi Sa’uudii Arabiyaa tarkaanfiin Israa’el kun abbaa biyyummaa Sooriyaa, seera idil-addunyaa fi waliigaltee bara 1974 mallattaa’e kan cabsu ta’uu ibsaniiru.Israa’el garuu waliigaltichii Asaad aangoorra kaafamuun kufe jette.

  14. Abuuna Baasiliyoos Paatiriyaartii Bataskaana Ortodoksii Ertiraa ta'un muudaman

    Abuuna Baasiliyoos Paatiriyaarkii jahaffaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Ertiraati

    Madda suuraa, Yeman G/Meskel

    Ibsa waa'ee suuraa, Abuuna Baasiliyoos Paatiriyaarkii jahaffaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Ertiraati

    Abuuna Baasiliyoos Paatiriyaarkii Ortodoksii Ertiraa jahaffaa ta’un muudamuu isaanii bataskaanattiin ibsite.

    Filannoo gaafa Wiixataa Qulqulluu Sinodosii magaalaa Asmaraatti taasifameen Abuuna Baasiliyoos sagalee caalmaa argachuun filataman.

    Paatiriyaarkii ta’uf abbootiin amantaa sadii filannoof dhihaatanii turan jedhameera.

    Filannoo kana Qul. Sinodoosii Masrii Paatiriyaarkii Aleegizaandiriyaa Teewodiroos II’n durfame qaamaan argamanii taajjabaniiru.

    Abuuna Baasiliyoos Amajjii keessa hojii isaanii ifatti eegalu.

    Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo Ertiraa wal qoodinsaafi gidduseentummaa mootummaan qormaata keessa akka jirtu ibsama.

    Bara 2006 eegalee Paatiriyaarkii bataskaanattii kan turan Abuuna Antooniyoos bara 2019 itti gaafatamarraa buufamaniiru.

    Abuuna Antooniyos waggoota 15’f hidhaa mana keessaan erga turan booda Guraandhala 2022 du’aan boqochuun ni yaadatama.

  15. UK'n gaaffii koolugaltummaa lammilee Sooriyaa irratti murtii kennuu dhaabde

    Lammiileen Sooriyaa Turkii keessa jiran gariin erga mootummaan Asaad kufee booda deebi'aa turan

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Erga Pirezidaantiin biyyattii Bashaar al-Asaad aangoo irraa kaafamanii booda UK dabalatee biyyoonni Lixaa gaaffii koolugaltummaa lammilee Sooriyaa irratti murtii kennuu dhaaban.

    Ministirri Biyya Keessaa UK, Iveet Kuuper ''kufaatii mootummaa Asaad booda haalli kun garmalee saffisaan jijjiiramaa jira'' jechuun namoonni garii gara Sooriyaatti deebi'aa jiru jedhan.

    Biyyoota gaaffii koolu galtummaa lammiilee Sooriyaa irraa dhiyaatan hunda dhaabsisan keessaa Jarman, Faransaayii fi Siwiidin jiru.

    Oostiriyaan ammoo yeroo dhiyootti baqattoota gara biyyattiitti akka deebistu mallattoo agarsiifteetti.

    Asaad fincila deggersa dimokiraasii gara jabummaadhaan erga caccabsee booda, bara 2011 waraanni biyya keessaa ka’ee lammiileen Sooriyaa miliyoonaan lakkaa’aman biyyattii baqataniiru.

    Bara 2011 hanga 2021 gidduutti lammiileen Sooriyaa kuma 30 ol ta’an UK keessatti koolu galtummaa argataniiru.

    Gareen hidhattoota Islaamummaa Hayaat Taahrir al-Shaam (HTS) fi gareewwan finciltootaa biroon Dilbata darbe magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo to’annaa jala oolchaniiru.

    Haa ta’u malee, jijjiiramni aangoo saffisaan Sooriyaa keessatti mul’achaa jiru kun baqattoota haaraa uumuu mala jechuunis yaaddoon jira.

    Baqataa lammii Sooriyaa UK fi Yunivarsiitii Oksifoord keessatti kaadhimamaa PhD kan ta'e Jaad Baghdadi UKn murtii koolugaltummaa dhaabuunshee ''abdii kutachiisaa'' jechuun himan.

    “Mootummaan [UK] waldaalee siivikii kamiyyuu ykn mootummaa haaraa [Sooriyaa] waliin dubbatee akka karaan lammiileen Sooriyaa deebi’aniin jiraachuu fi dhiisuu isaa hin beeku, kanaaf akkamitti murtoo akkasii murteessa?” jedhan.

  16. Israa'el Sooriyaa haleeluu akka dhaabdu qondaalli UN gaafatan

    Akka gabaasaaleen jedhanitti, Israa'el erga Dilbataa haleellaa qilleensaa 300 ol Sooriyaa keessa raawwatteetti

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Akka gabaasaaleen jedhanitti, Israa'el erga Dilbataa haleellaa qilleensaa 300 ol Sooriyaa keessa raawwatteetti

    Israa’el haleellaa Sooriyaa keessatti taasisaa jirtu akka dhaabdu qondaalli olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) gaafatan.

    Sooriyaatti Ergamaa Addaa UN kan ta’an, Geyir Pedersan, haleellaan Israa’el ‘’baay’ee nama jeeqa’’ jedhan.

    ‘’Daangaa Sooriyaa keessatti sochii waraana Israa’eliifi haleellaa boombii arguu itti fufneerra. Kuni dhaabbachuu qaba,’’ jechuun dubbatan.

    Gama kaaba bahaa Sooriyaa ammallee hidhattoonni Turkiifi Ameerikaan deeggaraman akka wallolaa jiran ibsuun walitti bu’iinsi Sooriyaa keessaa akka hin dhaabbannees dubbatan.

    Dhaabbanni Mirga Namoomaa Sooriyaa UK keessatti argamu (SOHR) jedhamu akka jedhetti, erga Dilbataa haleellaan 310 ol bakka buufata waraanaa irratti raawwatame.

    Bakki haleellaawwan kunneen rukutan buufataalee waraana Sooriyaa, kuusaa meeshaa waraanaa, buufata xiyyaaraa, buufata humna galaanaafi giddugala qorannoo dabalata.

    Haleellaan kunis Aleeppoo, Damaasqoo, fi Hamaa keessatti mudate jedhe gartuun kuni.

    Guyyaa Wiixataafi Kibxata qofa haleellaawwan 60 mudatuu gartuun kuni ibse.

    Akka gabaasaaleen jedhanitti, haleellaa kanaan wiirtuuwwan kuni miidhamuu qofa osoo hin taane akkuma jirutti manca'an.

    Israa'el mootummaan Asaad aangoorraa kaafamuu hordofee meeshaaleen waraanaa ''harka warra finxaalleyyiii'' akka hin seenne hojjechaa akka jirtu dubbatti.

  17. Israa'el Sooriyaatti haleellaa qilleensaa 300 ol raawwatte - Gabaasa

    Aara magaalaa Damaasqoo keessaa mul'atu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Aara magaalaa Damaasqoo keessaa mul'atu

    Haleellaan qilleensaa kuni buufataalee waraana Sooriyaa, kuufama meeshaa waraanaa, buufata xiyyaaraa, buufata humna galaanaafi giddugala qorannoo rukute.

    Haleellaan kunis Aleeppoo, Damaasqoo, fi Hamaa keessatti mudate jedhe gartuun kuni.

    Akka gabaasaaleen jedhanitti, haleellaa kanaan wiirtuuwwan kuni miidhamuu qofa osoo hin taane akkuma jirutti mancaa’an.

    Guyyaa Wiixataafi Kibxata qofa haleellaawwan 60 mudatuu gartuun buufata isaa UK godhate ibseera.

  18. Murteessaan Pirimeer Liigii hojiirraa ari'aman

    Murteessaa kubbaa miilaa kuni waggoota jahan darbaniif Pirimeer Liigiirratti taphachiisaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Murteessaa kubbaa miilaa kuni waggoota jahan darbaniif Pirimeer Liigiirratti taphachiisaniiru

    Murteessaa kubbaa miilaa Pirimeer Liigii Ingilizii kan ta'an Deevid Kuut hojiirraa ari'aman.

    Kunis, erga ''qorannoon'' irratti gaggeeffame booda ta'u Waldaan Murteessitoota Kubbaa Miilaa (PGMOL) beeksiseera.

  19. Gaanaan biyya Afrikaa shanaffaa mormituun filannoo itti injifate taate

    Bara pirezidantii turan Joon Mahaamaan (gidduu) Waayit Haawus [Masaraa US] daawwachuun pirezidantii US yeroosii Obaamaa (bitaa) waliin wal arganiiru

    Madda suuraa, US Embassy in Ghana/Facebook

    Ibsa waa'ee suuraa, Bara pirezidantii turan Joon Mahaamaan (gidduu) Waayit Haawus [Masaraa US] daawwachuun pirezidantii US yeroosii Obaamaa (bitaa) waliin wal arganiiru

    Filannoon guyyaa Sambataa Gaanaatti taasifameen dorgomaan paartii mormituu kana dura pirezidantii biyyattii turan, Joon Mahaamaa, injifatani.

    Mahaamaan filannoo kana 56.6% yoo injifatan, dorgomaan isaanii Pirezidantii I/Aanaa Gaanaa Mahammuduu Baawumiyaadha.

    Mahaammaduun sagalee 41.6% argatan.

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Joon Mahaamaa baga filannoo irra aantan jechuun erga baga gammaddan dhaamaniiru.

    Namoota sagalee kennuuf galmaa’an keessaa 60.9% bahanii filachuu Komishiniin Filannoo Gaanaa beeksiseera.

    Pirezidantiin I/Aanaa biyyattii osoo qabxiin ifatti hin labsamiin dura bu’aa filannoo akka fudhatan ibsan.

    Kunis, muddama hambisuufi nagaan akka hin boorofne yaadanii ta’u himan.

    Qabxii ibsuuf yeroo dheeraa fudhachuun isaa yaaddoo uumee ture.

    Pirezidantiin Gaanaa Naanaa Akuufo-Addoo marsaa lamaaf erga filannoo hoogganan booda aangoorraa bu’aa jiru.

    Marsaa lama caalaammoo bulchuu hin danda’an.

    Gaanaa keessa mormituun injifachun isaa Afrikaa keessatti seenaa haaraa galmesseera.

    Kunis, baatiiwwan muraasa darban filannoo Afrikaa keessa taasifamen kan Gaanaa filannoo shanaffaa mormituun itti injifate ta’eera.

  20. Harka fuune!

    Tamsaasa kallattii BBC Afaan Oromoo eegalleerra.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii duraa keessumaa waa'ee Sooriyaa gabaasaa turre asiin bakka tokkottiargattu.

    Nu hordofaa.