Murteessaan Pirimeer Liigii kuni maaliif hojiirraa ari'aman?

Madda suuraa, Getty Images
Murteessaa kubbaa miilaa Pirimeer Liigii Ingilizii kan ta'an Deevid Kuut hojiirraa ari'aman.
Kunis, erga ''qorannoon'' irratti gaggeeffame booda ta'u Waldaan Murteessitoota Kubbaa Miilaa (PGMOL) beeksiseera.
Murteessaan ganna 42 kuni ji'a lama dura leenjisaa duraanii Liivarpuul Yargan Kiloop yeroo arrabsan viidiyoon mul'isu miidiyaa hawaasummaarra gadhiifamee ture.
Yeroos waldaan murteessitootaa yeroof hojiirraa isaan dhorkee ture.
Achii guyyoota lama boodammoo viidiyoon biraa bahe.
Waggaa darbe Waancaan Awurooppaa yeroo taasifametti daakuu adii funyaan isaaniin yeroo ofitti fudhatan viidiyoon mul'isu gaazexaa 'The Sun' jedhamuun gadhiifame.
Erga viidiyoowwan kuni bahanii booda Waldaan Murteessitoota Kubbaa Miilaa (PGMOL) hojirraa isaan dhorkee qorataa ture.
Boodarra wanti isaan dalagan waan nuti ''falminuuf'' miti jedhan.
Wantoota murteessaan kuni raawwatamaniiru jedhamaniifi qoodaman BBC'n addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Waldaan murteessitotaa wanti murteessaan raawwatan ''waliigaltee isaanii kan cabsudha'' jechuun ibsa baaseen beeksise.
Isaan gargaaruuf wanta danda'u mara akka raawwatullee ibse.
Kuut akka hojiirraa ari'aman wanta itti murtaa'e ol iyyachuu danda'u.
Murteessaan ganna 42 kuni yeroo xumuraaf Pirimiyeer Liigiirratti kan taphachiisan torban muraasa dura Liivarpuul Aston Viilaatiin 2fi 0 yeroo injifatedha.
Viidiyoo itti qorataman keessaa tokkoorratti Deevid Kuut nama tokko waliin taa'anii Liivarpuul fi leenjisaa isaanii duraanii Kilooppiin yeroo qeeqan mul'atu.
Taphi kuni tapha Adoolessa 2020, Liivarpuul Barnileey waliin 1fi 1 qixa xumuramedha. Tapha kanarratti isaan murteessaa taphichaa turan.

Madda suuraa, Getty Images
Liivarpuul galchii lammataa galchuun qabxii sadii argachuuf yaaliin taasisan hin milkoofne.
Tapha booda Kiloop badii taphattoota keenyarratti raawwatameef murteessaan taphichaa rukuttaa nuuf eeyyamuu didan jedhanii isaan qeeqanii turan.
Leenjisaa duraanii Liivarpuul fi murteessaa kana gidduu tapha booda wal qeequun ture.
Deevid Kuut liigicha keessatti murteessitoota muuxannoo dheeraa qaban keessaa tokkodha.
Waggoota jaha dura eegalee murteessaa Pirimiyeer Liigiii Ingilizii ta'un tajaajilaa turan.
Murteessitoonni Pirimeer Liigii Ingilizii murteessitoonni kubbaa miilaa kilaba kam akka deeggaran waldaa kanatti beeksisuuf dirqama qabu.
Murteessaan amma hojiirraa dhorkaman kuni bakka Nootingihaam jedhamuutii dhufan. Kilaba Nootis Kaawuntii jedhamu deeggaru jedhameera.
Sababa kanaaf tapha kilaba Nootisis ta'e kan Nootingihaam Foorast irratti taphachiisuu hin danda'an.












