Biyyoonni miseensa NATO waraana gara isaanitti deemaa jiruuf of qopheessuu qabu- Barreessaan olaanaa

Madda suuraa, Reuters
Barreessaa olaanan Dhaabbata Waliigaltee Atlaantiik Kaabaa (NATO), Maark Ruut biyyoonni miseensa gamtichaa ta’an Raashiyaa waliin lola gara fuula duraatti taasifamuu danda’uuf qophii miti, yeroon yaanni kun itti jijjiramu amma jedhan.
Maark Ruut akka jedhanitti, Raashiyaan, ''Yukreen waliinis ta'e nu waliin waraana yeroo dheeraaf qophaa'aa jirti'' jechuun, haalli nageenyaa amma jiru hammataa ta'uu fi dhabbatichi kanaaf of qopheessuu akka qabu dubbatan.
Biyyoonni miseensa NATO ta’anis baasii ittisaa fi waraanaa isaanii dabaluu fi cimsuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.
Barreessaan olaanaa kun kana kan dubbatan Doonaald Tiraamp Waayit Haawus seenuun dura miseensota NATO ittisa irratti baasii gahaa hin ramadneef Ameerikaan eegumsa hin kennitu jechuu hordofeeti.
Biyyoonni miseensa NATO ta'an bara 2024tti waggaatti galii waliigalaa biyyaalessaa isaanii keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaa 2 deeggarsa ittisa waraanaaf akka baasan waadaa galaniiru.
Balaa guddaa Raashiyaa irraa gara isaanitti deemuuf baasiin kun ga'aa akka hin taane fi kana caalaa barbaachisa ta'uu dabaluun himan.




















