Guyyaa muudama Tiraampiif kan affeeraman pirezidantiin Chaayinaa argamu dhiisuu malu jedhame

Madda suuraa, Reuters
Sirna aangoo ifatti fudhachuu pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan Ammajjii dhufaa keessa gaggeeffamu irratti waamichi kan taasifameef pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing carraan argamusaanii gadaanaa ta'un gabaafame.
Maddeen qophii guyyaa aangoo fudhannaa Tiraampiitti dhiheenya qaban lama Pirezidantiin Chaayinaa guyyicharratti affeeramu ibsuun, haata'u malee ni argamu jedhamanii akka hin eegamne himan.
Ameerikaatti Ambaasaadarri Chaayinaa sirnicha irratti ni argamu jedhamee kan eegamu yoo ta'u, qondaaltoonni Chaayinaa gara biraas argamu akka danda'an maddeen kunneen michuu BBC Ameeriaa kan ta'e CBStti himan.
Ragaaleen akka agarsisaniitti sirna aangoo wal harkaa fuudhuu pirezidantoota Ameerikaa kamuu irratti dureewwan biyya alaa argamanii hin beekan.
Kanaafu pirezidantiin Chaayinaa akka argamaniif affeeramuunsaanii kan hin baramne ta'uu CBS gabaaseera.
''Kunis pireezidant Tiraamp deeggartoota isaa waliin qofa osoo hin taanee dureewwan biyyoota diinootaafi morkitoota isaa waliin illeen marii ifaa ta'e uumuuf fedhii qabaachu kan agarsiisuudha'' jechuun dubbii himtuun Tiraamp Kaarooliin Eviit kan Fooksi Niiwusitti himte.
Tiraamp haasaawwan kanaan dura taasisaniin, pirezidantii Chaayinaa yoo lellisan dhagahaman illeen Chaayinaa irratti garuu komii cimaa kaasu.
Baatii dhufaa keessa wayita aangoo pirezidantummaa ifattu fudhataniitti oomishaalee Chaayinaarraa gara Ameerikaa galan irratti qaraxa dabalataa kaa'uudhaaf waadaa seenaniiru.
Tiraamp baatii Onkololeessaa keessa, dursaan Chaayinaa kan ''ummata biiliyoona 1.4 cimsee bulchuudha. Jaalannuus jibbinus nama cimaadha'' jechuun gaazeexeessaatti himanii ture.




















