Eegdonni Biyyaalessaa US Loos Anjalasitti 'sa'aatii 24 keessa dhaqqabu'

Donaald Tiraamp erga godaantonni magaalaa Loos Anjalas keessatti poolisii waliin walitti bu’an booda hookkara ka'e to’achuuf Eegdota Biyyaalessaa bobbaasaiiru. Bulchaan bulchiinsa Kaaliforniyaa, Geevin Niwisom, oppireeshinii adeemaa jiru ''gara jabummaa'' jechuun ibsani.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Barreessaan seenaa intala Pireezidant Wiiliyaam Ruutoo barreesse himatame

    Weebistar Ochoraa Elijaa

    Madda suuraa, Francis Odee

    Falmitoonni mirga yaada ofii ibsachuu himatamuu barreessaa kanaa balaaleffataniiru. Barreessaan kuni seenaa intala Pireezidant Wiiliyaam Ruutoo beekamtii ishee malee barreesse.

    Chaarliin Ruutoo barreessaa Weebistar Ochoraa Elijaa jedhamu eeyyamashee otoo hin gaafatiin barreessuun maqaa ishee ''akka malee'' fayyadamuu himte. Kitaabichi mata-duree Beyond the Name: Charlene Ruto and the Youth Uprising jedhuun bahe.

    Kibxata kaleessaa barreessaan kuni maqaashee akka gowwomsaatti fayyadamee barreessuun to'atamee erga himatameen booda balleessaa akka hin qabne jecha kennee, wabiin gadhiifameera.

    Chaarliin dhimma kana poolisiitti gabaasuun booda adeemsa seeraa hordofaa akka jirtu himte.

    Himannaan irratti baname namni kuni waayelotasaa kaan wajjin kitaaba kana Caamsaa 22 dura akka maxxanseefi gowwomsaan qarshii buufachuu akka barbaadu ibsa.

    Intalli pireezidantii waa'ee qabiyyee kitaabichaa qeeqa dhiyeessite kan hin qabne yoo tahu eeyyamashee malee barreeffamuu qofa kaaste.

    Qeeqxonni garuu waan seeraan ala tahe hin raawwannee jedhan.

  2. Hogganaan olaanaa Iraan waliigaltee niwukilaaraa walqabatee hogganoota USn ''kan of tuulaniifi safuu hin qabne'' jedhan

    Ayaatoolaa Alii Kaameeniin

    Madda suuraa, EPA

    Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatoolaa Alii Kaameeniin yaada waliigaltee niwukilaaraa Ameerikaan dhiyeessite qeequun oomish yuraaniyeemii akka hin dhaabne himan.

    Marii'attoonni gama Iraaniin jiran dhimma kanaaf hamma yoonaa deebii kan hin kennine yoo tahu, Waayit Haawus yaadicha ''ibsa bal'aa fi fudhatama akka qabaatu,'' kan qophaa'e jechuun Sanbata darbe himeera.

    Gabaasaaleen US irraa bahaa jiran akka himanitti yaadi dhiyaate Iraan oomisha yuraaniyeemii akka dhaabdu gaafata- yuraaniyeemiin meeshaa waraanaa niwukilaaraa tolchuuf oola- Ameerikaan Iraan yuraaniyeemii kana biyyoota naannoorraa akka argattu barbaaddi.

    Hogganaan olaanaa Kaameeniin dhimmoota murteessoo biyyattii waliigaltee niwukilaaraa dabaltee murtoo isa dhumaa kennu.

    Haasaa guyyaa yaadannoo hundeessaa Riippaabliika Islaamaa, Ayaatoolaa Ruhollaah Kaahoomeenii irratti taasisaniin ''kuni %100 faallaa yaada ''ni dandeenyaati'' dhaadannoo beekamaa Kaahoomeenii ture.

    ''Uraaniyeemii oomishuun sagantaa niwukilaaraa keenyaaf murteessaa dha, diinni ammoo oomisha keenya irratti xiyyeefata,'' jedhan.

    ''Hogganooti Ameerikaa of tuulaniifi safuu hin qabne sagantaa niwukilaaraa akka hin qabaanne irra deddeebiin gaafatu. Kana nuu murteessuuf isin eenyu?'' jedhan.

    Iraan uraaniyeemii oomishuu dhaabuu qabdi jechuun Donaald Tiraamp guuyyootaan dura dubbachuun booda haasaan Kaameenii kuni dhagahame.

  3. Magaalaan Jarman boombii bara Waraana Addunyaa Lammaffaa dhabamsiisuuf uummata 20,000 qe'eerraa godaansisaa jirti

    Magaalaa Kooln

    Madda suuraa, EPA

    Magaalaan Jarman Koolan jedhamtu boombii bara waraana addunyaa lammaffaa (WW2) dhabamsiisuuf uummatni 20,500 ta'u qe'eesaa akka gadhiisu goote.

    Bulchiinsi magaalichaa walakkeessa magaalaa keessa boombiiwwan lama erga waraana addunyaa lammaffaatii osoo hin dhoyiin hafan dhabamsiisuuf uummata baasaa jira.

    Boombicha kan kaahe Ameerikaadha. Osoo hin dhoyiin hanga ammaa turee Wiixata darbe argamee jedha ibsi magaalichaan kenname.

    Boombii kana dhabamsiisuuf yaalii godhamuun balaan qaqqabuu danda'a sodaa jedhuun uummatni raadiyeesii meetira 1,000 keessa jiran akka bahan ajajame.

    Maanneen jireenyaafi daldalaa dabalatee hoteelotniifi manneen barnootaa akkasumas hospitaalonni akka hojii dhaaban godhameera.

    Aanga'ootni uummata bahuu dide dirqiin, yoo hammaatees humna Poolisiin akka qe'eerraa baasu himeera.

    Boombiiwwan lamaan magaalota Jarman keessatti argamuun heddu raajii ta'uu baatus hangaan guddaa ta'uunis gabaafameera.

  4. Mootummaan Kaanaadaa wixinee seera baayyina kolugaltootaa daangeessuu dhiyeesse

    MM Kaanaadaa Maark Kaarinii

    Madda suuraa, Reuters

    Mootummaan Kaanaadaa wixinee seeraa baayyina koluugaltootaa xiqqeessuu fi qondaaltootaasf aanga'oo dabalataa kennurratti kiyyeeffate dhiyeesse.

    Ministirri Immigireshinii biyyattii, Liinaa Biyaab, to'annoo cimaan daangaa sirna immigireshinii biyyattii cimsuudhaan, yakka qindaa'aa fi qoricha sammuu hadoochaa fi meeshaa waraanaa karaa seeraatiin galan to'achuurratti kan kiyyeeffateedha jedhan.

    Seerichi daangaa biyyattiin Ameerikaan itti wal daangeessitu to'achuuf dambii poolisootaaf aangoo dabalataa kan kennus hammateera.

    Kana malees, namoonni kolugaltummaadhaaf iyyatan waggaa tokko caalaa Kaanaadaa keessa akka hin turre kan dhorkuudha.

    Seerri dhiyaate kunis Kaanaadaa biyya koluugatoota simachuudhaan beekamtu irratti dhiibbaan cimuusaa hordofee kan dhufe yoo ta'u, biyyattiin rakkoo tajaajila mootummaa fi mana jireenya mudateef furmaata barbaaduuf baayyina kolugaltootaa daangeessu irratti kiyyeeffatte.

    Bulchiinsi duraanii Jastiin Turudoo, gudina diinagdee biyyattii dadamaqsuuf kolugaltoota simachuun kan beekamu yoo ta'u, baqattoonni hojiifii barnootaafi biyyattii galan baayyee ol ka'ee ture.

    Yeroodhuma walfakkaatuutti, lakkoofsi namoota kolugaltummaa gaafatanii kan garmalee dbale yoo ta'u, iyyattoonni hanga dhimmisaanii ilaalamuutti hanga waggaa lamaa turuu qabu turan.

    Ministirii mummee biyyattii filammoo Eblaa injifatan, Maark Kaarinii immigireshinii biyyattii hin tasgaboofne furuuf waadaa galanii ture.

    Seera duraanitiin baqattoonni akkuma Kaanaadaa seenaniin eddoowwan seensaa akka buufata xiyyaaraa jiraniitti ykn erga Kaanaadaa seenanii booda kolugaltummaa gaafachu ni anda'u turan.

    Baqattoonni kolugaltummaa gaafachusaaniin dura Kaanaadaa keessa hangam turu akka qaban irratti daangaan hin turre.

    Seerri haaraan garuu baqattoota waggaa tokkoo ol Kaanadaa keessa turan irraa gaaffii kolugaltummaa akka hin fudhanne kan ibse yoo ta'u, akka biyya irraa dhufaniitti deebii'anis ni gaafata.

  5. IDF daandiiwwan gara buufata gargaarsaa Gaazaa geessan ''naannoo waraanaati'' jechuun guyyaa tokkoof cufe

    Namoota baqataa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni Israa'el erga daandiiwwan gara iddoowwan raabsaa gargaarsaatti geessan akka ''naannoo waraanaatti'' akka ilaalaman akeekkachiisee booda, giddugalli raabsaa gargaarsaa Gaazaa har'a ni cufamu.

    Dhaabbanni Gargaarsa Namoomaa Gaazaa (GHF), neetiworkiigargaarsaa falmisiisaan Ameerikaa fi Israa'eliin ta'ee torban darbe kan hojiisaa jalqabe yoo ta'u, ''hojii fooyya'iinsa, gurmaa'insaa fi gahumsaa'' hojjechuuf buufataaleesaa cufaa jira jedha.

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) odeeffannoo addaa baaseen ammoo, namoonni wiirtuuwwan raabsaa akka hin seenne ykn daandii gara saaniitti geessu irras akka hin imalle ''dhorkamadha'' jedheera.

    Kunis kan ta'e Kibxata darbe dhukaasa Israa'eliin erga wiirtuu dhiheenyatti argamu tokkorratti yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem 27 ajjeefamanii boodadha, akka Ejensiin Ittisa Siivilii Hamaasiin geggeeffamu ibseera.

    IDF akka jedhutti, loltoonni isaa shakkamtoonni ''karaa itti seenan murtaa'e irraa maqan'' irratti gara isaaniitti socho'an erga adda baasanii booda dhukaasa banan.

    Kunis guyyoota hamaa ta'an keessatti kun taatee namoota daandii gara GHT'tti geessu irratti raawwatameedha jedhameera.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Gaazaa keessatti namoonni miiliyoona lamaa ol beelaaf saaxilamuu irra akka jiran akeekkachiiseera. Kunis, erga Israa'el guutummaatti ergamnuun nyaataa fi gargaarsi biroo torban 11f turuu taasifteen boodadha.

  6. Israa'el Sooriyaa keessatti meeshaa waraanaarratti haleellaa raawwatte

    Xiyyaaroota waraanaa Israa'el

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el erga Kibxata kaleessaa rookeettiiwwan lama Sooriyaarraa itti dhukaafamuun gabaafamee sa'aatiiwwan booda, meeshaalee waraanaa Sooriyaatti kan jette irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu himte.

    Haleellaan Israa'el kibba Sooriyaa keesstti raawwatte ''kasaaraa namaa fi meeshaa guddaa'' akka fide ministeerri dhimma alaa Sooriyaa kan ibse yoo ta'u, Israa'el ''naannicha tasgabbii dhabsiisuuf yaalaa jirti'' jechuun himatan.

    Ministirri Ittisaa Israa'el (IDF), Israa'el Kaatz akka jedhanitti, pirezidantii yeroo Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa rookeettiiwwan gara Israa'elitti dhukaafamaniif itti gaafatamummaa ta'u isaanii ibsaniiru.

    Dhiheenya kana mudama biyyoota lamaan gidduu jiru salphisuuf mariin al-kallattiin taasifamaa jiraatulleen, Israa'el erga Shaaraa'n Muddee bara 2024 finciltootaa sirna Bashaar al-Asaad kuffiseen booda, Sooriyaa keessatti haleellaawwan qiyyeeffannaa raawwachuu cimsiteetti.

    Gareen hordoffii Mirga Namoomaa UK keessatti bu'uureeffate (Observatory of Human Rights) Sooriyaa, '' haleellaa qilleensaa Israa'el hordofuun kibba Sooriyaa, keessumatti magaalaa Quniitraa fi naannoo Daraa keessatto dhohiinsi cimaan Kibba Sooriyaa raaseera,'' jedhe.

    Ministeerri dhimma alaa Sooriyaa ibsa baaseen, "hammachuun kun kan walabummaa daangaa Sooriyaa ifatti sarbuufi kan waldhabdee naannicha keessatti hammeessadha" jedhe.

    "Sooriyaan naannicha keessatti eenyummaattu balaa taatee hin beektu, hin ta'us."

    Haleellaa Israa'el kanaan namoonni meeqa akka du'an ykn madaa'an ammatti ifa miti.

    Israa'el haleellaan kun kan raawwatame erga rookeettiiwwan lama Sooriyaa irraa itti dhukaafamuun bakka banaa biyyattii keessatti bu'anii, garuu miidhaa homaatuu hin qaqabsiisiin boodadha jetteetti.

  7. Sudaanitti konkolaataawwan UN miya deeggarsaa fe'an haleelaman

    Konkolaataa UN

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Konkolaataawwan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gara kaaba Daarfur deemaa turan haleellaan irra gahe.

    Dubbii-himaan dhaabichaa gabaasa jalqabaa jechuun ibsa baasan irratti ''namoonni baayyee miidhamuu'' himaniiru.

    Mootummaan Sudaan, ''hojjettoota eegumsaa, konkolaachistootaafi namoonni nagaa,'' haleellaa kanaan ajjeefamuu himee ajjeechaa kana kan raawwatan waraana Sudaan waliin wal waraanaa kan turan miseensota humna addaa, RSF, tahuu hime.

    Humni addaa RSF garuu haleellaan kan raawwate humnoota mootummaa irratti dha jechuun waakkate.

    Haleellaan kuni Wiixata kaleessaa Eel Koomaa iddoo jedhamtutti raawwate.

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii haleellicha eenyu akka raawwate himuu baatus konkolaataawwan naannoo beelli mul'achaa jiru gara Eel Faashar deemuuf yeroo qophiitti jiran haleellaan kuni raawwachuu himan.

    Eel Faashar magaalaa kaaba Daarfuritti kan argamtu yoo tahu to'annoo RSF jala jirti.

  8. Kirkirri lafaa mudatee hidhamtoonni 200 ol mana hidhaatii miliqan

    Mana hidhaa Paakistaan

    Madda suuraa, Reuters

    Kirkirri lafaa uumamuun booda mana hidhaa Paakistaan irraa hidhamtoonni 200 ol Kibxata har'aa miliquu poolisiin hime.

    Mana hidhaa Kaaraachii magaalaa Maaliir jirutti kirkirri lafaa dhagahamuun booda hidhamtoonni kumaatamaan lakkaa'aman nahanii foddaa fi balbala caccabsan.

    Kanneen mana hidha kana miliqanii bahan keessaa 80 poolisiin deebisee kan qabate yoo tahu kanneen 130 ammallee hin qabamne.

    Hidhamaan tokko ammoo oppireeshiiniin yeroo geggeefamu ajjeefamee,eegdonni lamas madaa'aniiru.

    Yeroo kirkirri lafaa kutaa itti hidhaman raasu gamoon nurratti jiga jedhanii sodaataniitu iyyuu jalqaban jedhan.

    Hokkorri kuni yeroo uumamutti poolisiin akeekkachiisaaf qawwee gara samiitti dhukaasuu hime.

    Hidhamtoonni baayyeen gara kutaa isaaniitti kan deebi'an yoo tahu kanneen 216 tahan carraa kanatti fayyadamuun mana hidhaarraa miliqan.

    Poolisiin ergasii namoota miliqan barbaacha manaa manatti sakatta'aa jira.

  9. UN ajjeechaan Gaazaa naannawaa raabsaa gargaarsaatti raawwatame akka qoratamu gaafate

    Filisxeemoota baqataa jiran

    Madda suuraa, AFP

    Barreessaan olaanaa UN, ajjeechaa Filisxeemootaa raabsaa gargaarsa namoomaatti Dilbataa raawwatame qaama walabaatiin akka qoratamu gaafatan.

    Himannaan humnoonni Israa'el namoota gargaarsaaf walitti qabaman irratti dhukaasa banuun erga gabaasameen booda dhimmichi falmisiisaa ta'eera.

    Wiirtuu Raafaa keessatti argamu Gaazaa Humaanitaariyaan Faawundeeshin (GHF) jedhamu Ameerikaa fi Israa'eliin geggeeffamurraa nyaata eegaa osoo jiranii rasaasni itti dhukaafamuu namoonni ijaan argan himan.

    Fannoo Diimaan gamasaatiin, namoota miidhamanii gara hospitaalasaa geeffaman 179 keessaa 21 du'aniiru jedheera.

    Dhaabbanni Ittisa Siivilii Hamaasiin geggeeffamu ammoo lakkoofsa namoota du'anii 31 akka ta'e ibseera.

    Dilbata darbe waraanni Israa'el loltoonni isaa namoota nagaa naannoo ykn bakka sana keessa jiran irratti dhukaasa banuu isaanii haalee, gabaasaaleen kana ilaalchisee dhiyaatan soba ta'uu ibseera.

    GHFn gabaasaaleen kun ''sobaan kan hojjetaman'' ta'uu ibsuun, ragaa haleellaa bakka sana ykn naannoo isaatti raawwatame jedhamee akka hin argine ibseera.

    Israa'el BBC dabalatee dhaabbilee sabaa-himaalee idil-addunyaa Gaazaa akka hin seenne waan dhorkituuf waan naannoo sana keessatti ta'aa jiru mirkaneessuun rakkisaadha.

    Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guterees, ibsa Wiixata kaleessaa kennaniin, "Gabaasa Filisxemoonni kaleessa Gaazaatti gargaarsa osoo eeggataa jiranii ajjeefamuufi madaa'uu isaanii na rifachiiseera" jedhan.

    "Taateewwan kanarratti qorannoon hatattamaa fi walabaa akka gaggeeffamuu fi yakkamtoonni akka itti gaafatamanan nan gaafadha."

    Ministeerri dhimma alaa Israa'el deebii kanaaf kennaniin, kun ''salphina'' jechuun, Hamaas maqaa hin kaafne jechuun qeeqeera.

  10. Tamsaasa kallattiin deebineerra.

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo, tamsaasa keenya kallattii kan guyyaa Kibxataa amma eegalleerra.

    Yoo nu nu hordoftan odeessaalee ijoo addunyaarraa amma ta'aa jiran isin biraan geenya.

    Odeessaalee kaan bal'inaan argachuuf ammoo marsariitii keenya, ykn fuula Facebook keenya akkasumas Chaanaalii WhatsApp keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Bakka nagaa oolaa.

  11. Haleellaa halkaniin booda guyyaa marii suuraadhaan

    Raashiyaa fi Yukireen marii nagaa marsaa lammataa kan erga biyyoonni lamaanii halkan darbe haleellaa wal irratti raawwataniin booda taa'an xumuran.

    Walgahiin marsaa lammataa kun Istaanbul keessatti wayita adeemsifamaa jirutti pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin hoggantoota miseensota Naatoo bahaa fi Noordii waliin magaalaa guddoo Lituwaaniyaa Vilnius keessatti walgahii gaggeeffame irratti hirmaataa turan.

    Haasaa achiitti taasisaniinis, "Kun akka raawwatamu gochuuf hundi keenya waliin hojjechuu qabna," jedhan.

    Miseensonni jila Yukireen Raashiyaa waliin marii marsaa lammataaf masaraa Ciragan Istaanbul gahan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni jila Yukireen Raashiyaa waliin marii marsaa lammataaf masaraa Ciragan Istaanbul gahan
    Zeleniskiin walgahii Naatoo irratti hirmaataa turan

    Madda suuraa, EPA

    Ministirri Dhimma Alaa Tarkii, Hakaan Fidaan (gidduu keessa) marii marsaa lammaffaa Raashiyaa fi Yukireen gidduutti gaggeeffame dursaaniiru.

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Tarkii, Hakaan Fidaan (gidduu keessa) marii marsaa lammaffaa Raashiyaa fi Yukireen gidduutti gaggeeffame dursaaniiru. Itti gaafatamaa waraana waliigalaa Tarkii, Metiin Guraak fi Hogganaa Odeeffannoo Tarkii Ibraahim Kaaliin gidduutti taa'aa jiru.
    Raashiyaan loltoota Yukireen kuma 6 gadhiisuuf

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Medinskiin akka jedhutti, Raashiyaan loltoota hafan kuma 6 deebisuuf waliigaluun, guyyoota lamaa hanga sadiis dhukaasa dhaabuuf yaada dhiyeessite.
  12. Obbo Taayyeen 'Poolisii Federaalaan' to'atamuu maatiin himan

    Obbo Taayyee Danda'aa

    Madda suuraa, SM

    Aanga'aa olaanaan duraanii mootummaa Itoophiyaa, Obbo Taayyee danda'aa Waxabajjii 2, 2025 irra deebiin to'annoo jala ooluu maatiin BBC'tti himan.

    Haati Warraa Obbo Taayyee, Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo abbaan warraa saanii Obbo Taayyeen har'a waaree booda naannoo sa'aa 10tti mana jireenyaasaanii keessaa qabamuu himan.

    ''Naannoo sa'aa 10tti karra manaa dhadha'aa turan. Karra irra deddeebiidhaan rurrukutaa turan'' kan jedhan Aadde Sintaayyoon, eenyummaa isaanii wayita gaafatan ''maqaa adda addaa nutti himan'' jedhan.

    ''Jalqaba waardiyyaadha jedhan. Waardiyaan karra akkasitti hin dhahu sagaleedhaanis nan beeka. Eenyummaa keessan himadhaan jedheen,'' jedhan Aadde Sintaayyoon haala Obbo Taayyeen itti to'ataman yoo himan.

    Iyyaafachaa erga turanii booda jalaa bananii eenyummaasaanii akka baran dubbataniiru. Odeessa kanarratti dabalata argachuuf kana cuqaasaa.

  13. Amma nu gahe, Zeleniskiin booji'amtoonni waraanaa dabalataa akka bilisa bahan beeksise

    Volodmiir Zeleniskii

    Madda suuraa, Reuters

    Zeleniskiin mariin Istaanbul keessatti gaggeeffamaa ture xumuramuu isaa ibsuun, booji'amtoonni waraanaa hedduun bilisa akka bahan akka eegu dubbatan.

    Zeleniskiin ''fedhiin waraanaa guddachuu qofa waan ta'eef'' eenyu akka Naatootti makamuu danda'uufi hin dandeenye akka murteessu Puutiinif hayyamamuu hin qabu jedhe.

    Galmi waloo isaanii "beela weeraraa Raashiyaa" guutummaatti xumuruu akka qabu cimsuun dubbate.

    Zeleniskiin akka jedhutti, Naatoon "Raashiyaan waraana kana irraa homaa akka hin arganne" ergaa dabarsuufii qaba.

    "Kun akka raawwatamu gochuuf ammoo hundi keenya waliin hojjechuu qabna," jedhan dabaluun.

  14. Seenetiin Ameerikaa labsii qoqqobbii haaraa Raashiyaarratti hojjechuufidha jedhan senaatarri paartii Rippaabilikaani

    Seenetiin Ameerikaa labsii qoqqobbii haaraa Raashiyaarratti hojjechuufidha jedhan senaatarri paartii Rippabilikaan

    Madda suuraa, Ukrainian Presidential Press Service

    Mariin Yukireen fi Raashiyaa har'aa kun kan gaggeeffame erga Seneterri Rippabilikaanii, Liindsii Girhaam Seenetiin Ameerikaa qoqqobbii haaraa Moskoo "lafee cabsu" irra kaa'uuf labsii baasuu gara fuulduraatti akka tarkaanfachiisu erga dubbatanii guyyoota muraasa boodadha.

    Labsiin kun meeshaalee biyyoota ammallee gaazii, boba'aa, yuuraaniyeemii fi oomishaalee biroo Raashiyaa irraa bitatanirra gibira %500 kan kaa'udha.

    Jimaata darbe Pirezidantii Yukireen Zeleniskiin wal arganii booda, "torban dhufu Seeneetiin wixinee qoqqobbii kana sochoosuu ni jalqaba jedheen eega" jedhan.

    Wixineen seeraa kunis mana maree bakka bu'oota uummataa fi Seeneetiin raggaasifamuu qaba, achiis Pirezidant Doonaald Tiraampiin mallattaa'uu qaba.

    Tiraampis dhiheenya kana gocha Puutiin Yukireen keessatti raawwataniin mufannaa agarsiisuun isaanii ni yaadatama.

    Kaayyoon kanaatiis ''mala Pirezidanti Tiraamp Puutiin minjaala marii nagaa irra akka ga'an gargaaran'' paartilee lamaaniif argachuudha jedhan.

    Itti dabaluunis, ''qoqqobbii kunneenis kan ni raawwatu'' jedhan.

  15. Yukireen nageenyaaf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf qophii ta'uushee Zeleniskiin ibsan

    Volodmiir Zeleniskii

    Madda suuraa, EPA

    Mee yaada Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin walgahii Lituuniyaa irraatti kenne isiniin haa geenyu.

    Waa'ee marii Yukireen fi Raashiyaa har'a Istaanbul keessatti taa'amaa jiru irratti yeroo dubbatan, Kiiv ''nagaaf tarkaanfii barbaachisaa ta'e fudhachuuf qophiidha'' jedhan.

    "Uumamaan ka'umsi isaa dhukaasa dhaabuufi tarkaanfii namoomaa, hidhamtoonni gadhiifamuu fi daa'imman butaman deebisuu ta'uu qaba," jechuun dabalataan ibsan.

    Zeleniskiin mariin Istaanbul ''homaa kan hin fidne'' yoo ta'e, ''qoqqobbii cimaafi haaraan hatattamaan barbaachisaadha'' Gamtaa Awurooppaa fi US irraa Raashiyaa irra kaa'amu akka qabu akeekkachiisa.

    "Addatti qoqqobbii cimaan Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waadaa galan" kan jedhan Zeleniskiin, qoqqobbiin kun damee anniisaa fi faayinaansii Raashiyaa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhan itti dabaluun.

  16. Yukireen haleellaa dirooniin xayyaarota waraanaa Raashiyaa mancaasuun Raashiyaaf ergaa maalii qaba?

    Haleellaa diroonii buufata xiyyaaroota waraanaa irratti raawwatameen booda

    Madda suuraa, Reuters

    Yukireen haleellaa diroonii buufataalee xayyaarota waraanaa irratti gaggessuun kasaaraa dolaara biliyeena torbatti shallagamu Raashiyaarraan gahuu ibsite.

    Haleellan diroonii buufataalee xayyaarota waraanaashee irratti gaggeeffamuu Raashiyaanuu amanteetti.

    Yukireen oppireeshinii "Spider Web" jedhamuun moggaaste kana gaggeessuuf waggaa tokkoo ol irratti hojjataa turte.

    Biyyattiin kanaan dura haleellaa garaa garaa daangaa Raashiyaa keessatti raawwatteetti.

    Akkuma waraanni eegalee tureen doonii waraanaa Raashiyaan ittiin boontu Moskova jedhamu haleeluun dhidhimsitee turte. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin galuu dandeessu.

  17. Abbaan haleellaa Israa'eliin ijoolleen sagal jalaa dhuman miidhama irra ga'een lubbuunsaa dabarte

    Suuraansaa osoo wal'aanamaa jiruu kan mul'atu Dr Hamiid al-Najjaar haleellaa Israa'el irratti raawwatteen lubbuunsaa dabarte

    Madda suuraa, Getty Images

    Doktarri Filisxeem kan haleellaa qilleensaa Israa'eliin ijoolleen sagal jalaa dhuman haleellaa irra ga'erraa dandamachuu dadhabuun hospitaalatti lubbuunsaa dabarte.

    Aanga'oonni fayyaa Filisxeem akka jedhanitti haleellaa qilleensaa Israa'el Caamsaa 23 Gaazaa, qe'ee maatii kanaarratti raawwatteen abbaan ijoollee kun rukutamee hospitaala gale.

    Dr Hamiid al-Najjaar osoo haadha manaasaa, Dr Alaa al-Najjaar, hospitaalatti geessee deebi'uu haleelame.

    Abbaan manaa fi haati manaa kunneen lameenuu Hospitaala Naasir keessa hojjetu turan.

    Haleellaa Israa'el mana isaanii Kaan Yuunis keessatti argamurratti raawwatteen ijoolleensaanii sagal battaluma sana ajjeefaman, daa'imni umrii waggaa 11 ammoo baayyee miidhamee amma hospitaalatti yaalamaa jira.

    Hamiid miidhaa sammuu fi keessaa qaama isaa irra ga'eef wal'aansa fayyaa argachaa ture, garuu dandamachuu hin dandeenye. Sambata darbe lubbuunsaa dabarte.

    Maatii 12 keessaa yeroo ammaa nama lama qofatu hafan. Haadha [Dr Alaa al-Najjaar] fi daa'ima isaanii kurnaffaa yeroo ammaa hospitaala jiru qofatu lubbuun jiru.

    Gurbaan dhuma kunillee fayyuummaansaa yaaddoo keessa jira.

  18. Puutiin maaliif Yukireen weerare?

    Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin loltoota hanga kuma 200 ta'an Yukireen akka seenan yeroo ajajaniitti, kaayyoon isaanii guyyoota muraasa keessatti magaalaa guddoo biyyattii Kiiv galuudhaan mootummaa ishee kan michuu warra lixaa ta'e aangoorraa kaasuu fi Yukireen gara naannoo bulchiinsa Raashiyaa jalatti deebisuuf ture.

    Puutiin kanaan hin milkoofne, garuu ammoo waggoota sadii oliif tokko shanaffaan lafa Yukireen harka Raashiyaa jala galeera.

    Vilaadmiir Puutiin

    Madda suuraa, Reuters

    Puutiin erga Waraana Addunyaa Lammaffaatiin booda weerara guddaa Awurooppaa kan jalqabaa eegaluu TV irratti haasaa dheekkamsaa taasisaniin galmisaaniis, Yukireen ''waraana fi ilaacha naazii irraa bilisa gochuu'' ta'uu labsii ture.

    Raashiyaan irra deddeebitee Yukireen ammayyaa akka mootummaa Naaziitti kan ibstu yoo ta'u, kun seenaa dabsuu cimaadhaan.

    Puutiin waggoota saddeet dura warraaqsa pirezidantii Yukireen Raashiyaa deggeru aangoo irraa kaasuun, mootummaa caalaatti warra lixaa deggeru bakka buu'een booda, waggoota saddeet dura lafa galaanaan marfamte Yukireen Kiriimiyaa qabatte.

    Sanaan booda ammoo Puutiin naannoo baha Yukireen Donbaas keessatti waraana sadarkaa gadaanaa kan kakaase yoo ta'u, humnoonni bakka bu'ummaa Raashiyaa deeggaran naannoo dhuunfachuun bulchiinsa finciltootaa Moskootiin deeggaraman hundeessan.

    Haata'u malee, weerarri bara 2022 kun kan sadarkaa addaatiin gaggeeffame ture.

    Lammiilee Yukireen lafa jalatto dhokatanii jira

    Madda suuraa, MARCUS YAM/LOS ANGELES TIMES

    Puutiin waggootaaf Naatoo gara bahaatti babal'achuu isaa balaa nageenyaa qabaachuu komachaa kan turan yoo ta'u, Yukireen gamtichatti makamuun ishee ammoo akka sarara diimaa guddaa qaxaamuruutti ilaala.

    Gamtaa Awurooppaa fi Naatootti makamuun qaama heera mootummaa Yukireen yoo ta'u, yeroo waraanni guutuun kun jalqabu garuu abdiin dhugaa kanaa hin turre.

    Komiin Puutiin Naatoo irratti kaasaan kan bara 1990tti keessaa jalqabe yoo ta'u, yeroo sanatti biyyoonni lixaa ''gara Bahaatti inchii tokkolleen akka hin babal'anne waadaa galaniiru'' jedhan.

    Haata'u malee, sun osoo Gamtaan Sooviyeet hin kufin dura kan turee fi waadaa daangeffame Pirezidantii Sooviyeet yeroo sanaa Mikaa'eel Gorbaachev'f gale irratti kan hundaa'e ture.

  19. Manni Murtii Waliigalaa himanni lamaan Obbo Taayyee Danda'aa irraa bilisa jedhaman akka itti fufu ajaje

    Obbo Taayyee Danda'aa

    Madda suuraa, SM

    Obbo Taayyee Danda'aa waggaa tokkoon dura aangoo Deetaa Ministira Nagaa irraa erga kaafamaniin booda mana jireenyaa isaaniitii qabamuun hidhamanii himatawwan sadii irratti banamee akka ture gabaasuun keenya ni yaadatama.

    Himata isaanii ilaalaa kan ture Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddachi Lidataa himatawwan sadii Obbo Taayyeen ittiin himataman keessaa himata lama ofirraa ittisuun osoo isaanirraa hin eegamne bilisa akka ta'an ALI Adoolessa 30, 2016 murteessee ture.

    Eegasii booda mirgi wabii isaaniis eegamee mana hidhaatii bahuun himata tokkicha dhimma meeshaa waraanaa seeran alaa qabachuu ilaalu irratti mana murtiitti deddeebi'anii himatasaanii hordofaa turan.

    Gama kaaniin Abbaan Alangaa himatawwan lamaan Obbo Taayyeen ittiin bilisa jedhaman 'Diina waliin waloomuu' jedhu seera yakkaa Itoophiyaa keewwata 25/C fi keewwata 257/E darbaniiru jedhamanii booda bilisa bahan ol iyyannoo itti gaafate.

  20. Haleellaa Dilbataatiin yoo xiqqaate xiyyaaronni Raashiyaa 13 barbadaa'aniiru - qondaala Yukireen

    Haleellaa diroonii jedhameen booda aara samiitti ol ka;ee mullatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ergaa qondaalli Yukreen Andrii Kovalenkoo, itti gaafatamaa Giddugala Faallaa Odeeffannoo Sobaa Yukireen, ergaa toora teelegiraama isaaniirratti qoodan amma arganne.

    Haleellaa diroonii Dilbata kaleessaa raawwatameen yoo xiqqaate xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa 13 barbadaa'uu isaanii kan himan yoo ta'u, xiyyaaronni waraanaa biroos miidhaan irra ga'uus dabalee dubbatan.

    Akkuma kanaan dura gabaafameetti, Yukireen kaleessa xiyyaarota boombii dhukaasan Raashiyaa 40 ol haleelluu kan ibste yoo ta'u, kunis haleellaa ija jabinaan hanga ammaatti aviyeeshinii Raashiyaa irratti raawwatame keessaa isa tokkodha.

    Waraabbiin viidiyoo haleellaa dirooniin xiyyaarota waraana Raashiyaa irratti raawwatame jedhame agarsiisu fakkaataan ammoo qoodamaniiru.

    Warraabbii kanaan yeroo xiyyaaronni Dibalata kaleessaa buufata xiyyaaraa waraanaa tokkotti ibiddaan gubatan kan agarsiisu fakkaatu, maddi nageenyaa Yukireen dhaabbata oduu Rooyitarsiitti agarsiifameera.

    Waraabbii viidiyoo gabaabaa kana keessatti mul'atan dirooniin kan waraabaman fakkaatu doowwadhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Dowwadhaa: Viidiyoo wayita dirooniidhaan xiyyaaroota raashiyaarratti haleellaan raawwatameetti waan ture