Eegdonni Biyyaalessaa US Loos Anjalasitti 'sa'aatii 24 keessa dhaqqabu'

Donaald Tiraamp erga godaantonni magaalaa Loos Anjalas keessatti poolisii waliin walitti bu’an booda hookkara ka'e to’achuuf Eegdota Biyyaalessaa bobbaasaiiru. Bulchaan bulchiinsa Kaaliforniyaa, Geevin Niwisom, oppireeshinii adeemaa jiru ''gara jabummaa'' jechuun ibsani.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Erga Duuween argamee maaltu Imbaappee yaadata?', qaxaleen PSG kun eenyu?

    Disaayer Duuwee umrii kanaan tapha xumuraa Chaampiyoonsi Liigi irratti goolii lama galchuun rikardii qabateera

    Madda suuraa, Getty Images

    Disaayer Duuwee Onkoloolessa darbe tapha Arsenaal waliin taphatan irratti daqiiqaa 64ffaarratti wayita dirreedhaa ba'u miirri isaa gaarii hin turre.

    Ji'a saddeet booda amma kunoo waancaa guddichi Awurooppaa harka PSG gale, hanga waancaa bira ga'anitti adeemsa ture keessatti oladeemaan kun ga'umsa ajaayibaarra ture.

    Dandeettii ajaayibsiisaa dorgommiiwwan darban fi kan xumuraa irratti agarsiiseen qalbii Awurooppaa fi addunyaa hawwateera- taphataan umrii waggaa 19 kun.

    Duuween wayita Arsenaal dirree isaa Emireetis irratti PSG goolii 2 fi 0 dhaan injifatu baayyee gaddee ture.

    Ergasii kutannoo fi cichoomina agarsiiseen leenjisaa Luwiis Enrikee biratti taphataa filatamaa ta'uu danda'e. Bal'ina odeessa kanaa asiin argachu dandeessu.

  2. Lolaa Naayijeeriyaatti mudateen namoonni du'an 700 ol darbuu qondaaltoonni himan

    Jiraattoonni lolaa attamiin manasaanii akka fudhate BBCtti himan

    Madda suuraa, Gift Ufuoma

    Balaa lolaa guyyaa Kamisa darbe magaalaa Naayijeeriyaa Mokwa keessatti mudateen lubbuu namaa badee 700 ol ta'uu qondaaltonni himan.

    Bakka ergamni sakatta'iinsa itti fufee jiruuf, magaalaa Giddugaleessa kaabaa kutaa biyyaa Niijar keessatti argamtu keessatti ammalleen namoonni 500 ta'an achi buuteen isaanii dhabameera.

    Itti aanaan dura taa'aa Bulchiinsa Naannoo Mokwaa, Muusaa Kimbooku BBC'tti akka himanitti, aanga'oonni kana booda namni lubbuun jiraachuu danda'a jedhanii waan hin amanneef tattaaffiin lubbuu baraarsuu dhaabbateera.

    Lolaan kun waggoota 60'f naannoo sanatti hammaataa dhufuu himamu, rooba cimaa roobeen booda magaalota Tiffin Maazaa fi Anguwaan Hawusawa keessa kan guute ta'uu ibsameera.

    Naannawichatti dhukkubi akka hin kaanee ittisuuf carraaqqii taasifamaa jiru keessatti, aanga'oonni dhiheenyatti reeffa lafa jala awwaalame qotuu akka jalqaban itti gaafatamaan aanaa Mokwaa Muhammadu Aliyuu himaniiru.

    Balaa mudate irra deebi'anii kaasuudhaan jiraattonni naannichaa BBC'tti akka himanitti, manni isaanii fi miseensonni maatii isaanii yeroo fudhataman ijaan arganiiru.

    Namni tokko kan maqaansaa Adaamu Yuusuuf jedhamu haadha warraa fi daa'ima reefuu dhalate balaa kanaan dhabeera.

    "Yeroo bishaan maatiikoo haxaa'ee fudhatu gargaarsa tokko malee ilaalaan ture. Anis sababiin bishaan daakuu danda'auufan lubbuun hafe," jechuun BBC'tti himeera.

  3. Jidduugala raabsaa gargaarsa Gaazaatti yoo xinnaatee namoonni 21 ajjeeffamanii hedduun madaa'un ibsame

    Namoota reefa marsanii gaddasaani ibsataa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni Fannoo Diimaa lafa gargaarsi itti raabsamu kan Kibba Gaazaa Raafaa keessatti argamuutti haleellaa mudateefi falmiisiisaa ta'en rasaasaan ykn dhootuu meeshaa dhuka'uutiin namoonni 21 ajjeeffamanii hedduun madaa'u ibse.

    Dhaabbatichi namoonni miidhaman kunneenis gara hospitaala dirree dhaabbatichaatti geeffamu ibseera.

    Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa namoonni 21 hospitaalich wayita qaqaban ''du'anii akka turan'' kanneen miidhaan irra gahe 179 keessaa ammoo dubartoonnii fi daa'imman akka aragaman ibse.

    Dhaabbatichi ibsi kana kan baaseerga dhaabbanni ittisa siiviilii Gaazaa keessatti Hamaasiin geggeeffamu taatee kanaan yoo xiqqaate namoonni 31 du'uu fi hedduun madaa'uu ibsee booda yoo ta'u, kanaanis ''dhukaasa Israa'el'' namoota nagaa irratti xiyyeeffate jechuun komate.

    Haata'u malee, Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF) argannoon qorannoo jalqabaa jechuun baaseen, humnoonni isaa wayita giddugala gargaarsaa sanatti dhiheenyaan jiranuu ykn keessa jiranii namoota irratti dhukaasa hin baane jedheera.

    IDFn gamasaatiin waraabbii dirooniitin kan jedhan, yeroo namoonni hidhatanii fi haguuggii fuulaa uffatan magaalaa dhiyoo jirtu Kaan Yuunis keessatti namoota gargaarsaaf walitti qabamaniitti dhagaa darbataa fi namoota nagaa irratti dhukaasan agarsiisu gadhiiseera. BBC'n waraabbii kana battalumatti mirkaneessuu hin dandeenye.

    Israa'el BBC dabalatee dhaabbilee oduu idil-addunyaa Gaazaa akka seenaniif waan hin hayyamneef waan naannoo sana keessatti ta'aa jiru mirkaneessuun rakkisaadha.

    Gareen wiirtuu raabsa gargaarsaa kana geggeessu, Faawundeeshiniin Namoomaa Gaazaa (GHF)illee bakka saatti du'aafi miidhaan qaamaa namootarra qaqabuu haalee Hamaasiin kan odeeffamu ta'u ibseera.

    Hanga Dilbata galgalaatti, haalli lafarra jiru ifa hin turre.

  4. Seenaa addaa Sawuud Arabiyaa fi fudhatamummaa addunyaa irratti argataa jirtu

    Buufata xiyyaara idil-addunyaa Saawud Arabiyaa

    Madda suuraa, DACO

    Yeroo ammaa jijjiirama guddaa Baha Giddugaleessaatti ta'aa jiru keessatti adda durummaan kan eeramtu Saawud Arabiyaan, gumaachi murteessaan addunyaa irratti qabdu kan yeroo kamuu caalaa ifatti mul'ataa jira.

    Dippilomaasii addunyaa, nageenya anniisaa fi kalaqa teeknolojiifi guddina dinagdee dabalatee, dameewwaan hedduun shorri ba'aa jirtu biyyattii xiyyeeffannoo idil-addunyaa keessa galcheera.

    Kanaanis biyyoota ofga'oo akka Ameerikaa, Chaayinaa, Hindii fi Raashiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduun michuummaa waliin cimsachuuf ijji isaanii gara Saawudii ilaalaa jira.

    Ofii biyyattiin akkamiin sadarkaa kanarra gahuun xiyyeeffannoo biyyotaa addunyaa haala kanaan qabachuurra geesse? Fudhatamummaa fi dhiibbaan biyyattiin addunyaa irratti uumtuu hoo akkamiin ibsama?

    Jalqaba irratti seenawwaan Sa'uudi Arabiyaa biyyoota kaanirraa adda taasisan muraasa haa ilaallu. Odeessa kana gutummaasaa argachuukaraa kanaan seenuu dandeessu.

  5. Koloraadootti erga namichi hiriirtota Israa'elonni butaman akka gadhifaman gaafatanirratti abidda qabsiisee hedduun miidhaman

    Poolisootaa fi konkolaattota

    Madda suuraa, Reuters

    US bulchiinsa Koloraadoo magaalaa Boulder jedhamu keessatti namichi hiriirtota Israa'eloonni butaman akka gadhiifaman gaafatan irratti abidda qabsiiseen booda yoo xiqqaate namoonni ja'a miidhamaniiru.

    Biiroon Qorannoo Federaalaa Ameerikaa- FBI akka jedhutti ''gochi shororkeessummaatti shakkamu,'' kun namoota karaa nagaan hiriira ba'anirratti raawwate.

    Hiriirri Israa'eloonni butaman akka gadhiifaman gaafatu kun torbaniin gaggeeffama.

    Shakkamaan kun nama umriinsaa waggaa 45 ta'e Mohammad Sabrii Suleyimaan akka jedhamuu fi lammii Masrii akka ta'e biiroon kun ibseera.

    Miidiyaan michuu BBC ta'e CBS akka gabaasetti yeroon turtii viizaa nama kanaa bara 2023 obba'e.

    Suleyimaan ''walabummaa uummata Filisxeemiif'' jechuun sagalee ol kaasee erga dhaadatee booda meeshaa dhuka'uun abidda uumu gara hiriirtotaatti darbate jedhan qondaalonni.

    Namni kun amma to'atamee jira.

    Kantiibaan magaalaa Boulder Aron Brockett haleellaa suukanneessaa kanaan gaddi guddaan akka itti dhagahame ibsuun, gocha kana qolachuuf cimsanii akka hojjetan dubbatan.

  6. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eegalleerra.

    UStti namoota hiriira ba'uun butamtoonni Israa'el akka gadhiifaman gaafatan waan mudate, dhimmoota Baha Giddugaleessaa, waraana Yukireen, odeessaalee Afrikaa fi Itoophiyaa irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo jiran karaa kanaan isin biraan geenya.

    Odeessaalee dabalataa dubbifachuuf ammoo marsariitii keenyaa, WhatsApp Chaanaalii keenyaa fi fuula Facebook keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Nu faana bu'aa!