Eegdonni Biyyaalessaa US Loos Anjalasitti 'sa'aatii 24 keessa dhaqqabu'

Donaald Tiraamp erga godaantonni magaalaa Loos Anjalas keessatti poolisii waliin walitti bu’an booda hookkara ka'e to’achuuf Eegdota Biyyaalessaa bobbaasaiiru. Bulchaan bulchiinsa Kaaliforniyaa, Geevin Niwisom, oppireeshinii adeemaa jiru ''gara jabummaa'' jechuun ibsani.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Maaski 'nama maraatedha' jedhan

    Tiraampiifi Maask

    Madda suuraa, Reuters

    Pireezidant Tiraamp michuusaanii duraanii Eloon Maskiin ''nama maraatedha'' jechuun ibsan.

    Gaaffiifi Deebii miidiyaa US ABC jedhamu waliin godhaniin ammatti Eloon Maaskitti duubbacuuf fedha akka hin qabne dubbatan. Gbaasaaleen Jimaata har'aa bilbilaan walitti dubbachuuf jiru jedhu bahaa turan

    Gaaffii fi deebii bilbilana sa'aa tokkoo oliif godham kena keesatti Tiraamp Maaskiin, ''nama maraatedha'' jedhan.

    Biiliyeenarri addunyaa Maaskii fi pirezidantiin US Kamisa kaleessaa ifatti walirratti duuluu eegalan.

    Dhimma kana irratti Waayit Haawus yaada akka kennu gaafanneerra. Gara boodaa deebii kennamu dhiyeessina.

  2. Haleellaa 'guddaa' Raashiyaan Yukireen irratt raawwatteen heddu ajjeefaman

    Ibiddaa fi aara magaalaa guddoo Yukireen Kiivitti erga dirooniin Raashiyaa Waxabajjii 6, 2025 haleellaa raawwateen booda mul'ate

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ibiddaa fi aara magaalaa guddoo Yukireen Kiivitti erga dirooniin Raashiyaa Waxabajjii 6, 2025 haleellaa raawwateen booda mul'ate.

    Raashiyaan Jimaata ganama magaalaa guddoo Yukireen fi kutaalee biyyattii biroo irratti haleellaa diroonii fi misaa’ela hamaa raawwachuu qondaaltonni himan.

    Haleellaa kanaan yoo xiqqaate namoonni sadii du’uu fi 49 kan ta'an madaa’uu Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskii himaniiru.

    Haleellaan kun Kiiv, akkasumas magaalaa Luutisk fi naannoo Ternoopil naannawa kaaba dhiha biyyattii irratti kan xiyyeeffatedha.

    Haleellaan kun kan raawwatame Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin haleellaa Yukireen dhiheenya kana buufata xiyyaaraa Raashiyaa irratti raawwatteef deebii akka kennan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akeekkachiisanii booda.

    Zelenskiin ''yeroon Ameerikaa, Awurooppaa fi namoonni addunyaa hundi Raashiyaa irratti dhiibbaa gochuun waraana kana waliin dhaabuu danda'an inni sirriin amma'' jechuun barreessan.

    Haleellaan kun diroonii 400 ol fi misaa'ela 40 ol kan fayyadame yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii fi madaa'anii dabaluu mala'' jedhameera

  3. Israa'el jala bultii ayyaana arafaa irratti Beerut haleelte

    Haleellaa Israa'eel Kibba beerut irratti Raawwaatte

    Madda suuraa, EPA

    Israa’el Hizbollaan maallaqa Iraan irraa argamuun lafa jalatti diroonii ''kumootaan'' oomishaa jira jechuun Kamisa galgala, jala bultii ayyaana Iid Al Adhatti haleellaa qilleensaa hedduu naannoo kibba Beerut irratti raawwatteetti.

    Halleellan kun raawwatamuun dura magaalota naannoo kibbaa Beerut hedduu keessaa ummatni akka baqatu akeekkachiisni kennamee ture

    Haleellaan kun kan raawwatame Israa’elii fi garee Hizbollaa jiddutti ji’oota jahan darbaniif waligalteen dhukaasa dhaabuu erga hojiirra oolaa tureen booda

    Libaanos haleellaa kana waliigaltee dhukaasa dhaabuu ''cabsuu'' jechuun balaaleeffatte.

    Ministirri muummee Libaanos lagannaa kana ''cimsee balaaleffanna'' jedhan. "Keessattuu jala bultii ayyaanaa fi yeroo turistii irratti haleellaa akkanaa raawwachuun itti yaadanii biyya keenya, nageenya, tasgabbii fi dinagdee ishee irratti raawwatamu akka ta'ettin ilaala," jechuun barreessan.

    Hizbullaah irraa ammatti yaadni kenname hin jiru.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Haleellaa Israa'el kibba Libaanos keessatti gaggeessite hordofee abidda dhalate
  4. Gatiin Doolaaraa bu'aa jiru bulchiinsa Tiraampiif miidhaa moo faayidaa qaba?

    Doolaarri kufaa jira

    Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

    Doonaald Tiraamp Erga ji'a Amajjii darbe masaraa Waayit Haawusitti deebi'anii waraanni daldalaa labsan yaaddoo hedduu uumaa jiraatulleen humni bittaa Doolaara US garuu gadi bu'aa jira.

    Torbee kana keessa hammeentaan gadi bu'e sharafa akka Yuuroo, Yeenii Jaappaanii fi Paawondii Ingiliiz waliin yoo walbira qabamu waggoota sadi keessatti isa olaanaa yoo ta'u, sochiin indastiriiwwanii US ji'oota sadiif walitti fufiinsaan gadi bu'e.

    Taateen kun ammoo Ameerikaa yookan biyyoota dinagdee isaanii Ameerikaa waliin walitti hidhata qabu qofa osoo hin taane dinagdeedhuma idil-addunyaa irrattuu dhiibbaa qaba.

    Baankiiwwan investimantii akka Morgan Istaanley, JP Morganii fi Goldman Saks waraana daldalaa Tiraamp labsaniin walqabatee gatiin doolaaraa kanarra gadi bu'uu danda'a jechuun tilmaama isaanii ibsu.

    Dabalatasaa argachuudhaaf karaa kanaan seenaa.

  5. Hariiroon Tiraamp fi Maask hammaatee wal arrabsuufi wal doorsisuutti ce'e

    Tiraamp fi Maask

    Madda suuraa, Reuters

    Waldhabdeen Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi biliyeenara teeknooloojii Elon Maask gidduutti uumame dhiita’aa turee dhohuun sadarkaa wal arrabsuufi wa doorisuurra gaheera.

    Waldhabdeen hogganaa addunyaarratti humna guddaa qabuu fi dureessa addunyaa tokkoofffaa gidduutti uumame ijoo dubbii addunyaa ta’aa jira.

    Torban tokkoo oliif, Maask labsiiwwan Tiraamp mallatteessaa ture, keessumaa baasii ilaalchisuun dabarse mormuun qeeqaa tureera.

    Kamisa darbe hogganaa Jarmanii waliin Waajjira Ovaal keessatti yeroo wal argan Tiraamp waa’ee mufannaa Maask irratti qaban ifatti dubbataniiru.

    Deebii kanaaf Maask fuula X isaarratti itti duuleera. Ragaa dhiyeessuu baatus Tiraamp faayiloota hin gadhiifamne kan yakkamaa saalqunnamtii du'aan boqote Jeffrey Epstein waliin walqabatan keessatti akka mul'atu agarsiisa jechuun barreesse Maask.

    Tiraamp akkuma kana irra deddeebiin deebii deebiseen, Maaskiin ''maraatee'' bulchiinsa kana akka gadhiisu gaafatame jedhe. Akkasumas, kontiraata mootummaan dhaabbilee Maask waliin qabu akka kutu doorsiseera.

    Lola kana gidduutti gatiin aksiyoonaa Tesla [dhaabbata Maask konkolaataa elektirikaa omishu] %14 guddaa gadi bu'eera.

    Waldhabdeen kun kan uumame erga Maaskiin torban darbe aangoo mootummaa isaa ifatti gadhiisee booda ture.

  6. Ashamaa?

    Kan baranaa kan bara egeree!

    Odeessa kallattiin isin biraan geenyu amma jalqabneerra.

    Dhimma walitti bu'iinsa michoota cimoo ta'an Doonaald Tiraamp fi Elon Maask gidduutti dhahalate, haleellaa Israa'el Libaanosiifi Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtuu fi kaan kallattiin isini biraan geenya.

    Akka filannoo keessaniitti karaa Marsariitii BBC News Afaan Oromoo, Karaa BBC News Afaan Oromoo Whatsapp Channel fi Karaa BBC News Afaan Oromoo Facebook tiin filattanii nu hordofuu dandeessu:

    Olmaa gaarii qabaadha.

  7. Baankiin Addunyaa sababa seera jaalattota saala wal-fakkaataan dhorkaa liqaa Yugaandaarra kaa'e kaase

    Alaabaa LGBTQ

    Madda suuraa, RAJESH JANTILAL / AFP

    Baankiin addunyaa sababa seera cimaa jaalattoota saala wal-fakkaataa(LGBTQ) irra keesseen dhorkaa liqaa Yugaandaarra kaa'ee ture kaase.

    Bara 2023, Yugaandaan seera cimaa nama saal-quunnamtii saala wal-fakkaataa irratti hirmaate du'aan adabu raggaaste.

    Ergasii namoonni dhibbaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru, haleellaafi hidhaanis irra gaheera jedha fooramiin hubannoo mirga namoomaa Yugaandaa Human Rights Awareness and Promotion Forum.

    Tahus Baankiin Addunyaa ''tarkaanfiin rakkoo kana hir'isuu'' fandiin kennamu gama namoota LGBTQ hin miineefi hin loogneen akka tahu akka abdatu hime.

  8. Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa bajata bara 2018 birrii tiriliyoona lama akka ta'u murteesse

    Minseensota Mana Maree Ministiirotaa

    Madda suuraa, PM Office- Ethiopia

    Ibsa waa'ee suuraa, Manni Maree Ministiirotaa Itoophiyaa wixinee labsii bajataarratti yeroo sagalee kennu

    Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa bajanni ALI bara 2018 birrii tiriiliyoona lamatti dhiyaatu akka ta'u murteessun akka ragga'uuf Mana Maree Bakka Bu'ootatti erge.

    Manni marichaa kan kan beeksise yaa'ii didilee 47ffaa har'a taa'en yoo ta'u, waa'ee bajataan alattis dhimmoota garaa garaa irratti murtii dabarsuu Waajjiri Muummee Ministeeraa beeksise.

    Manni marichaa ibsa har'a baasen akka beeksisetti bajanni bara 2018 birrii tiriliyeena lammatti dhiyaatu akka ta'uuf, galmawwan karoora guddinaa waggaa kudhanii irratti ibsaman raawwachuuf, nageenya biyyaa eegsisuuf, omishaafi omishtummaa guddisuu, lammiilee rakkoolee uumamaafi nam-tolcheen buqqa'an gargaarufun fa'aa yaada keessa galfamuun qophaa'e.

    "Kanarratti hundaa'un, baasiiwwan idilee mootummaa federaalaaf, baasiiwwan kaappitaalaa, deeggarsa naannoleef kennamuufi galmawwan misoomaa itti fufiinsan hojiirra oolchuf bajanni [birrii]tiriliyeena lamatti dhiyaatu mana marichaaf dhiyaatera," jechuun wixinee dhiyaaterratti mariyachuun murtee dabarsuu beeksise Manni Maree Ministiirotaa ibsa isaa kanaan.

    Wixinee labsii bajataa bara 2018 dhiyaate kanas irratti mariyachuun gara Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti akka ergamuuf sagalee guutun murteessuus beeksise.

  9. Tiraamp lammiilen biyyoota 12 US akka hin seennef maaliif dhorke?

    Doonald Tiraamp

    Doonald Tiraamp kaayyon lammiilee biyyoota 12 irraa gara US hin seennef uggura imalaa kaa'ef gama tokkoon yaaddoo shororkeessummaa akka ta'e ibse.

    Garuu Iraanin alatti biyyoota 12 keessaa taree galmee biyyoota shororkeessummaa deeggaranii US irratti kan argaman hin jiran.

    Biiyyoota uggurri imalaa irra kaa'ame kanneen heddu keessatti lolli qaamolee hidhatan gidduutti gaggeeffamaa jira. Kaan ammoo mootummaansaanii galmee yakkaa kennuuf fedhii qabaachuu dhabuun uggura kanaaf akka saaxilaman kaase Tiraamp.

    Haleellaa dhiyeenya Koloraadoo keessatti raawwatameen wal-qabatee haleellicha kan raawwate lammii Masirii ta'uu Tiraamp yeroo uggura imalaa kana mallatteessu beeksisee ture.

    Sababni ijoon uggura imalaas haleellawwan akkanaa ta'uus beeksise.

    Haa ta'u garuu, haleellicha kan raawwate lammii Masiriiti jedhamus, Masiriin tarree biyyoota lammiilensaanii gara US akka hin imalleef ugguramanii keessa hin jirtu.

  10. Kondomiin waggaa 200 ture agarsiisaf dhiyaate

    Kondomii bara dheeraa

    Madda suuraa, Rijksmuseum

    Magaalaa guddoo Neezarlaandis kan taate Amestardaam keessatti kondomiin waggaa 200 ture agarsiisaf dhiyaate.

    Muuziyeemin Rijiks kondomii kana agarsiisaf kan dhiyeesse yoo ta'u, kondomichi ammayyuu haala gaarirra akka jiru beeksise.

    Mar'umaan hoolaa irraa hojjatamuun akka hin oolle kan himamu kondomiin kun fakkiin dubartii monoksee taatefi dhiironni abbootii amantaa sadii irratti kaafamee jira.

    Kondomiin kun kan hojjatame bara 1830tti yoo ta'u, muuziyeemin magaalaa Amistardaam keessatti argamu bara darbe caalbaasii baheen bituu beeksise.

    Amma ammoo agarsiisa meeshaaleefi waa'ee daldala saal-qunnamtii jaarraa 19ffaa jedhu sababeeffachuuni kondomii waggaa 200 kana agarsiisaf kan dhiyeesse. Dabalataan dubbiifachuuf dubbiifachuuf asiin galu dandeessu.

  11. Tiraamp lammilee biyyoota 12 US akka hin seenne dhorkuurratti kan beekuu qabdan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ajaja imala lammilee daangessuu Kibxata halkan mallatteessaniin lammiileen biyyoota addunyaa baayyerraa gara US akka hin seenne dhorkan.

    Kana ilaalchisee wanti beekuu qabdan kunooti:

    Eenyuutu US akka hin seenne dhorkama?

    Waxabajji 9 irraa eegalee lammiileen biyyoota 12 - Afgaanistaan, Miyanmaar, Chaad, Rippabiliika Koongoo, Ikuwaatooriyaal Giinii, Ertiraa, Haayitii, Iraan, Liibiyaa, Somaaliyaa, Sudaan fi Yaman irraa gara US akka hin imalle dhorkamaniiru.

    Kanneen biyyoota biroo torba - Buruundii, Kuubaa, Laa'os, Seeraaliyoon, Toogoo, Turkmeenistaan ​​fi Veenzuweelaa irraa dhufanis gartokkoon dhorkaan ni taasifama.

    Kanarraa namni bilisa ta'e jiraa?

    Imaammata haaraa kanarraa bilisa ta'uun muraasni jira - atileetotaqophiiwwan ispoortii gurguddoof imalan, namoota lamummaa biyyoota lamaa qaban tokko tokkoo fi lammiilee Afgaanistaan ​​Viizaa Godaantotaa Addaa qaban dabalatee.

    Ministirri dhimma alaa "dhimmoota adda ta'an tokko tokko" ilaaluun haalli dhorkaa kanarraa bilisa gochuu itti danda'u jiraachuu qajeelfamni bahe kun ni mul'isa.

    Tiraamp maal jedhe?

    US "godaantota biyyoota kamirraayyu dhufan osoo sirriitti sakattaatee nageenya hin mirkaneessiin fudachuu hin dandeessu" haasaa yeroo seera dhorkaa kana mallatteessetti.

  12. Puutin haleellaa diroonii Yukireen raawwatteef haaloo bahuu akka barbaadu Tiraamp akeekkachiisan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Vilaadmiir Puutin haleellaa cimaa Yukireen dirooniidhaan buufataalee qilleensaa Raashiyaa irratti raawwatteef deebii kennuu akka qaban ibsuusaa Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akeekkachiisan.

    Tiraamp pirezidantii Raashiyaa waliin bilbilaan erga mari'atanii booda haasaa taasisaniin, "Pirezidant Puutin haleellaa dhiheenya kana buufataalee xiyyaaraa irratti raawwatameef deebii kennuu akka qaban dubbataniiru, baay'ees cimsanii dubbatan" jedhan.

    Tiraamp maxxansa miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin, haasaa bilbilaa sa'aatii tokkoo ol fudhate kanaan Raashiyaa fi Yukireen gidduutti gara ''hatattamaan gaga nagaa akka hin geessine'' akeekkachiisaniiru.

    Hoggantoonni lamaan Iraan irrattis mari'ataniiru. Tiraamp marii niwukilaraa biyyattii waliin taasifamu keessatti gargaaruuf Puutin yaada dhiheessuu himan. Dabalataan dubbiifachuuf karaa kana seenaa.

  13. Gareen mirga namoomaa dhorkaa 'gara jabeenyaa' jechuun tarkaanfii Tiraamp morman

    Mormiitoota murtee dhorkaa viisaa Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Gareen mirga namoomaa dhorkaa viizaa Tiraamp dabarsan kan qeeqan yoo ta'u, Amanastii Intarnaational USA ammoo ''tarkaanfii loogii, sanyummaa fi gara jabeenyaati'' jechuun ibseera.

    "Namoota saba isaaniirratti hundaa'uun irratti xiyyeeffachuun dhorkuun kun odeeffannoo sobaa fi jibba qofa babal'isa," jechuun barreeffama miidiyaa hawaasaa X irratti barreesse dhaabbatichi.

    Dhaabbanni Humaan Raayits Farist, kan US keessa buufate gamasaatiin, ''tarkaanfii farra godaantotaa fi adabbii biraa alaa Pirezidaant Tiraampiin fudhatame'' jechuun balaaleffate.

    "Dhurkaan kun, kanneen biyya keenya keessatti namoota jaallatan waliin walitti dhufuuf eegaa turan hedduu dabalatee, baqattoota, koolu-galtootaa fi ummata saaxilamoo biroo kan miidhudha," jedhan Daarektarri Olaanaan Abukaatummaa Baqattootaa dhaabbatichaa, Roobin Barnaard ibsa dhimma kanarratti kennaniin.

    "Dhorkaan biyya keenya nageenya akka qabaattu gochuuf homaa hin godhu, garuu nageenya biyyaa keenyaa kan miidhuu fi namoota eegumsa baay'ee barbaadan akka malee irratti xiyyeeffata," jedhan.

  14. Caasaa naannolee jijjiiruurraa hanga mootummaa Gonfoo ijaaruutti- Ajandaawwan Marii Biyyaalessaa

    Hirmaatoota marichaa

    Madda suuraa, EBC

    Komishiin marii Biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota lamaan darban kutaalee biyyattii adda addaa keessatti ajandaawwan uummatni gaafatu, dhimmoota mari biyyaalessaa keessatti hammatamuu qaban irratti hojii ajandaawwan adda baasuu hojjechaa jira.

    Hojiin dhimmoota ijoo adda baasuu kuni Tigraayiin alatti Naannolee biyyattiin qabdu hunda keessatti adeemsifamaa tureera.

    Tibbana ammoo qooda fudhattoonni sadarkaa Federaalaa ajandaawwan ijoo marii biyyaalessaa keessatti hammatamuu qaban adda baasuu irratti guyyootaaf Magaala Finfinneetti adeemsifamaa ture.

    Mari'attoonni sadarkaa Federaalaatti hojii ajandaawwan adda baasuu kanarratti hirmaatan abbootii amantaa, namoota bebbeekamoo fi dhiibbaa uumtota, namoota siyaasaa dabalatee kutaalee torbatti qoodamuun mari'achaa turan.

    Xumura marii kanarrattis ajandaawwan mari'attoonni sadarkaa Federaalaa marii biyyaalessaa keessatti irratti mari'atamuu qaba jedhan cuunfuudhaan qabxiilee ijoo torba jalatti kurfeessuun komishinichaaf dhiheessan. Dabalatadubbiifachuuf asiin galanaa.

  15. Waraanni Gaazaa akka dhaabatuuf yaada furmaataa Manni Maree Nageenyaa UN dhiyeesse US kuffiiste

    Dorootii shii

    Madda suuraa, AFP via Getty Image

    Ibsa waa'ee suuraa, UNtti ambaasaaddar US kan ta'an Dorootii Shii yaada manni marichaa dhiyeesse kufaa godhan

    Waraanni Gaazatti gaggeeffamu akka dhaabatuuf yaada furmaataa Manni Maree Nageenyaa UN dhiyeesse US aangoo sagalee sagaleen kuffisuu qabdu fayyadamuun kufaa goote.

    Lolli Gaazatti gaggeeffamaa jiru haal duree malee akka dhaabatuufi namoonni butamanii Gaazaa jiran akka gadi lakkifamaniif Manni Maree Nageenyaa UN yaada dhiyeesse biyyoonni 14 yoo deeggaran US qofaatu kufaa taasise.

    UNtti ambasaaddara US kan ta'an Dorootii Shii, yaadi Manni Maree Nageenyaa UN dhiyeesse yaalii karaa dippilomaasin furmaanni akka jiraatu godhamaa jiru danqa jechuuni ijannoo Ameerikaa kan ibsan.

    Gama biraan ammoo UN Hamaas akka dhaaba shororkeessatti hin farrajne kan jedhu sababa dhiyeessan.

    Hamaas biyyoota akka US, UK, fi Gamtaa Awurooppaa biratti dhaaba shororkeessaa jedhamuun erga farrajamee bubbuleera.

    "Tarkaanfii Hamaas hin balaaleffanneefi Hamaas akka hidhannoo hiikkatee Gaazaa keessaa bahuuf waamicha hin goone kamuu hin deeggarru," jedhan Dorootii Shii.

  16. Dhorkaan Tiraamp dorgommiiwwan olompikii fi waancaa addunyaa hin ilaalatu

    Dorgomtoota daakaa bishaanii

    Madda suuraa, Reuters

    Waggoota muraasa dhufan keessatti dorgommiiwwan ispoortii gurguddoon hedduun US keessatti gaggeeffamuuf jiru.

    Isaan keessaayis Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2026, kan Kanaadaa, Meeksikoo fi Ameerikaan waliin qopheessan fi Olompikii bara 2028 Los Anjeelees keessatti gaggeeffamu kanneen eeramaniidha.

    Haata'u malee, akkuma jirutti ta'ee, dhorkaan imalaa kun atileetota biyyoota dhorkamanii dorgoman irraa kan hin dhowiine fakkaata.

    Labsiin jechoota 4,500tti siqu kunis sarara akka hin dhorkine ibsu tokkicha kan of keessaa qabu yoo ta'u, innis: "atileetiin ykn miseensi garee atileetiksii kamiyyuu, leenjistoota dabalatee, namoota gahee deeggarsa barbaachisaa ta'e raawwatanii fi firoonni dhiyoo, Kubbaa Miilaa Addunyaa, Olompikii ykn qophiiwwan ispoortii gurguddoo biroo haaluma Ministirri Dhimma Alaatiin murteessetti imalan" jedha.

  17. Loltoonni Ertiraa bulchiinsa qabatan 'isaantu beeka' - Amb. Diinaa Muftii

    Ambaasaadar Diinaa Muftii

    Madda suuraa, MFA

    Mootummaan Ertiraa waraanasaa bulchiinsota Itoophiyaa walabaa keessaa akka baasu hawaasni idila addunyaa dhiibbaa akka godhu waamicha kan dhiyeessan Ambaasaddar Diinaa Muftii bulchiinsota qabatan ''isaaniyyuu beeku'' jechuun BBCtti dubbatan.

    Ambaasaaddar Diinaan marsariitii Horn Review jedhamu irratti mootummaan Ertiraa loltoota isaa bulchiinsota Itoophiyaa irraa akka baasu barreessuu isaanii hordofee loltoonni Ertiraa iddoowwan kam fa'i keessa akka argaman yeroo gaafatamanidha deebii kana kan kennan.

    Ambaasaaddarichi ''kana tokko tokkoon himuun baayyee rakkisaa dha. Waan ture dha, kana isaan beeku jedhanii darbuu wayya,'' maqaa bulchiinsota kanaa otoo hin dubbatanii hafan.

    Yeroo waraanni Tigraay waggaa lamaaf adeemsifame raayyaa ittisaa wajjin kan hiriire ture waraanni Ertiraa hirmaannaasaa ilaalchisee dhaabonni mirga namoomaa yeroo garagaraatti gabaasa baasaa turan. Asirratti dabalataan dubbiifachuuf asiin dhaquu dandeessu.

  18. Tiraamp Ertiraafi Somaaliyaarraa dabalatee lammileen biyyoota 12 irraa US akka hin seenne dhorke

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Ertiraafi Somaaliyaarraa dabalatee lammileen biyyoota 12 akka US hin seenne seera dhorku mallatteesse. Kun ammoo “gocha hamaa qaamolee alaan raawwatamurraa Ameerikaanota eeguudhaaf jedhameeti.

    Kana malees,Kuubaa fi Venezuweelaa dabalatee lammileen biyyoota torba biroo irraa ta’an ammoo gariin dhorkaan kun irra kaa’ameera.

    Atileetota qophiiwwan ispoortiirratti argaman, lammileen Afgaanistaan hanga tokkoofi namoota biyyoota dhorkaan kun irra kaa’amerraa lamummaa dacha qaban dabalatee ilaalchi seerri kun hin ilaallanne ni jiraata.

    Tiraamp yeroo seera dhorkaa kana mallatteessu fuula miidiyaa hawaasa isaa ‘Truth’ irratti haleellaa Dilbata Koloraadootti mudate akka fakkeenyaatti kaseera.

    Labsiin kun dhorkaa bara bulchiinsa isaa jalqabaa 2017 keessa lammileen biyyoota hawaasni Musliimaa itti heddummaataan akka US hin seenne dhorkee tureen wal fakkaata.

    Dhorkaan Waxabajji 9 irraa kaasee hojiirra oolu kun, waadaa duula filannoo 2024 seenaa ture hojiirra oolchuu yoo ta’u, raawwii isaarratti rakkoon seeraa ni mudata jedhamee eegama.

  19. ASHAMAA

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Oduu addunyaarratti ta'aa jiru toora tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu Waxabajji 05, 2025 jalqabneerra.

    Karaa Whatsapp kanaan ykn ammoo Facebook irrattis nu hordofuu dandeessu.

    Ulfaadhaa!

  20. Namni Tiktokarii beekamtuu ganna 17 hiriyyummaaf gaafate isheen didnaan ajjeesuu amane

    Tiktokarii ajjeefamte

    Madda suuraa, Sanayousaf22

    Paakistaanitti namni ganna 22 Tiktookarii beekamtuu ganna 17 hiriyyummaaf gaafatee isheen didnaan manashee seenee rasaasaan ajjeesuu amane.

    Dubartiin Saanaa Yoosuuf jedhamtu Wiixata darbe magaalaa guddoo biyyattii Islaamaabaad keessatti ajjeefamuu Poolisiin himeera.

    Namni yakka kana amane gaaffii jaalalaa inni dhiyeesse sababa diddeef akka tarkaanfii kana fudhate Poolisiin yoo ibsu, innis jecha amantaafi waakkii kenneen irra deddeebiin ishee arguuf yaalee milkaahuu dhabuu dubbateera.

    Akka ragaa Poolisiitti namni kun manashee cabsee seenee rasaasa lama itti dhukaasee, bilbila mobaayilaashee hatee sokke.

    Abbaan Saanaa mucaa durbaa takkiittii qabu dhabuu BBCtti himeera. ''Baayyee goota'' turtee jedheera.

    Saanaan ajjeefamuushee dura doorsifni kamuu irra gahuu hin dubbanne jedha abbaanshee.

    Saanaan inistagiraam gubbaatti hordoftoota walakkaa miliyoonaa qabdi. Du'ashee boodas miidiyaa hawasaa gubbaa dhaamsi gaddaa guuteera.