Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen
Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame. Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisan keessaa tokko jedhameera.
Guduunfaa
- Sodaa waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii atattamaan Libaanosii akka bahan dhaaman
- Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan
- WBO'n mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti hin jiru jedhe
- Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse - Yukireen
- Dorgommii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman itti fufeera
- Taphoota liigii duraan Liivarpuul Yunaayitidiin, Siitiin immoo Chelsii injifatan
- Haleellaan al-Shabaabiin 37 erga ajjeefaman booda Somaaliyaan qondaalota nageenyaa hiite
- Ajjeechaa hogganaa Hamaas booda Iraaniifi Israa'el walitti dhaadatan
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Hogganaan dhaabbata qoricha sammuu hadoochuu Meksiikoo Ameerikatti qabame
Balaa sigiga lafaa Gofaatii hanga guduruu Olompikiitti: Suuraalee Afrikaa filatamoo torbanii
Senaaterri US, dhimma hidha haaromsaa irratti Itoophiyaa qeeqaa turan malaammaltummaan himataman
US fi UK'n haakaroonni Kooriyaa Kaabaa iccitii niiwkilaaraa hatuuf yaalaa jiru jechuun akeekkachiisan
Ashamaa hordoftootaa!
Odeessaalee biyya keessaa fi alaa har'as jala jalaan isin biraan gahuu itti fufna.
Nu waliin turaa. Guyyaa gaarii!
Prezidant Joo Baayidan 'dimookrasii US baraaruufin' filannoo keessaa bahee jedhan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan ergaa viidiyoon lammiilee biyyattiif dhaamaniin duula filannoo marsaa lammata keessaa bahuuf kan murteessan dimookrasii biyyattii baraaruuf akka ta'e himan.
Maanguddoon ganna 81 Baayidan, gumaachi isaanii baroota darban pireezidantummaa dabarsan marroo lammataaf kan isaan kaadhimu ta'us, ''homtuu demookrasii keenya dursuu hin qabu'' jedhan.
Itti aantuu pireezidantii Kaamlaa Heriis deeggaruun isaanis tokkummaa demokraatotaafi biyyattii cimsuu akka ta'e dubbatan.
Guyyaa afur dura filannoo keessaa bahuu erga beeksisanii har'a yeroo duraaf ummataaf dhaamsa dabarsan.
Haasaa iisaanii kanaan, ''fuula duratti qajeeluuf daandiin inni sirriin xomboora kana dhaloota haaraatti dabarsuudha jedheen murteesse,'' jedhan.
Irra deebiin dorgomanii bulchuuf fedha qabaachaa akka turan kan himan pireezidantichi, fedhiin dhuunfaa kamuu dimookrasii biyyattii olitti dursa hin qabaatu jedhaniiru.
Kaamlaa Heriis dubartii muuxannoo qabdu, jabduufi gahumsas qabdudha jehdan.
Raashiyaafi Chaayinaan daangaa UStti yeroo duraaf xiyyaara waraanaasaaniin hordoffii godhan

Madda suuraa, Russian Defence Ministry
Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara waraanaa Raashiyaa Sukhoi Su-30CM fi kan Chaayinaan Xian H-6K Alaasjkaatti hordoffii godhan Raashiyaafi Chaayinaan yeroo duraatiif waliin ta'uun Galaana Kaaba Paasifikii dhiyeenya Alaaskaatti xiyyaara waraanaan hordoffii gaggeessan.
Biyyootni lamaan amma dura naannichatti hordoffii godhanii beeku. Raashiyaan kophaatti xiyyaara waraanaashee ammayyaan hordoffii gootee beekti.
Biyyootni lameen kun xiyyaarota waraanaa isaanii walitti fidanii yeroo hordoffii godhan garuu kun kan jalqabaati.
Biyyootni lameen hordoffiin gaggeessan kun qaama sadaffaa kamuu xiyyeeffatee akka hin taane beeksisaniiru.
Ajajni ittisa qilleensaa Ameerikaafi Kaanadaa(NORAD) xiyyaarotni waraanaa lameen ''akka yaaddoootti hin fudhatamne'' jedheera.
Senaatarri Alaaskaa Liizaa Markoowiskii ta'ii kanaan dubbii barbaacha diinota keenyaa hin baratamneedha'' jedhan.
Chaayinaan gama isheen hordoffiin amma Raashiyaa waliin gaggeefame ta'iiwwan idila addunyaa fi naannichaa yeroo ammaa waliin wal hin qabatuu jette.
Raashiyaan xiyyaara ammayyaa boombii darbatu Sukhoi Su-30CM, Chaayinaan ammoo Xian H-6K jedhaman bobbaasan.
Poolisiin buufata xiyyaara Maanchistaritti nama kufe reebaa ture hojiirraa ari'ame

Qondaalli poolisii Daandii Qilleensaa Maanchistar keessatti wayita nama tokko bakka kufetti dhiituufi mataarra rukkutu viidiyoon mul'isu erga gadhiifameen booda hojiirraa ari'ame.
Poolisiin Gireet Maanchistar akka mirkanneessetti, erga ''odeeffannoon taatee Kibxata mudate sanaa gadi fageenyaan ilaalameen booda'' qondaalitichi poolisii itti gaafatamummaasaa hundarraa kaafameera.
Waraabbiin viidiyoo sunis qondaalli poolisii uffata dambii uffate tokko nama kufee lafarra ciisurratti meeshaa of wallaalchisuu itti qabaa ture, osoo mataa keessa ala lama hin rukutiin dura.
kantiibaan Maanchistar, Andii Burnhaam, erga waraabbiin viidiyoo taatee sanaa miidiyaa hawaasaarratti qodamuun dheekkamsa hawaasaa kaasuun namooti buufata poolisii Raachdaal fulduratti mormiif bahaanii booda, akka tasgabaa'aniif waamicha dabarsan.
Ummanni gara 100 ta'an Roobii galgala walitti qabamuudhaan hiriira bahanis ''itti qaana'uu qabda'' jechuun yoo iyyan dhagahamu turan.
Poolisiin Gireet Maanchistaris ''yaaddoo cimaa bal'inaan ka'aa jiru'' akka hubatu beeksiiseera.
Maskaram Abarraa himannaa irratti dhiyaateef Jan. Ababaawuufi Dr Yiliqaaliin ragaa ittisaa lakkaawwatte

Maskaram Abarraa himannaa waggaa tokkoon dura irratti dhiyaateef Ittaanaa Itaamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisaa, Janaraal Ababaawu Taaddasaa fi Pirezidantii duraanii naannoo Amaaraa Dr Yiliqaal Kafaalee akka ragaa ittisaatti lakkaawwatte.
Abbaan alangaa himatamtuu kanarratti himata kan bane waggaa tokkoofi baatii jahaan dura ALI Mudde 2015 keessa ture.
Dhaddachi dhimmashee hordofus baatii sadiin dura, abbaan alanagaa yakka seeraa kompitaraa fi labsiiwwan seera yeekkaa eeruudhaan himannaa irratti dhiyeesse akka hordoftu murtessee ture.
Murtee kana hordofuunis Maskaram Abarraa tarree odeeffannoo ittisaa baatii Waxabajjii darbe keessa mana murtiitti wayita dhiyeessiteetti, namoota kanneen lamaan akka ragaatti lakkaawwatte.
Dhaddachichis guyyaadhuma sana Janaraal Ababaawu fi Dr Yiliqaaliif karaa poolisiitiin waamichi akka qaqqabu ajajee ture.
Ajaja kana kan dabarse manni murtii olaanaa Federaalaa Lidataa ramaddi tokkoffaa, dhaddacha yakka cimaa garaagaraa, ''ragaaleen lamaan dhiyaachuun akka jechasaanii kennaniif'' Kamisa har'aatti beellama qabatee ture.
Dhaddacha har'aa irrattis ajaja akka qaqqabsiisu kan ajajamee ture poolisiin federaalaa mana murtichaatiif deebii kennuu Abokaatoon Maskaram, Obbo Henook Akliiluu BBCtti himan.
Poolisiin deebii kenneenis, ''Janaraal Ababaawudhaaf ajaja karaa maan galmee waajjirsaaniitti geessuufi Dr Yiliqaal Kafaalee gama ilaaluun ammoo teessoosaanii argachuuf waan rakkateef ajaja akka hin qaqqabsiifneefi qaqqabsiisuuf teessoon isaanii na beeksiisaa'' jechuu Abokaatoo Henook ibsan.
Waraanni Israa'el reeffa booji'amtoota shan Gaazaa baasuu beesksiise

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Israa’el reeffa booji'amtoota shan kanneen guyyaa Hamaas Onkoloolessa 7 haleellaa kibba Israa’el irratti raawwate butamuun gara Gaazaatti geeffamanii lammiilee Israa’el shan deebisee argachuu isaa ibse.
Reeffi barsiisaa oolmaaa daa’immanii, Maayaa Goreen akkasumas loltoota afur, Meejar Raavid Aryeh Kaatz, Maastar Sarjanti Oreen Goldiin, Istaaf Sarhant Tomar Ahimaas fi Saajiin Kiril Brodski Gaazaa, naannoo Kaan Yuuns keessaoppareeshinii gaggeeffameen argameera.
Waraannichi, Aadde Goreen booji’amtee kan ajjeefamte yoo ta'u, loltoonni kunneen ammoo Onkoloolessa 7 lola irratti ajjeefamanii isaan booda reeffi isaanii butamee akka fudhatame ibse.
Beeksisni kunis kanneen waraanni du’aniiru jedhame 39 dabalatee, namoota 251 booji’amanii fudhataman keessaa 111 ammallee Gaazaa keessatti akka argaman agarsiisa.
Korri TPLF murna 'olaantummaan qaba' jedhuun butamee waan hamaa ta’etti deemaa jira jedhame
Dhugaatiin shaampaanyi jaarraa 19ffaa qaruuraa 100 galaana keessatti argame

Madda suuraa, Tomasz Stachura / Baltictech
Namoonni Galaana Baaltiik keessa cillinfoo galan galaana keessaa caccabaa doonii arganii bidiruu qurxummii kiyyeessuuf oolu se'anii turan.
Yeroo qoratanii adda baasan garuu doonii yabalaa ''shaampaanyi, waayinii, bishaan albuudaa fa'i,'' irratti fe'aamee caccabee hafe dha.
Warri kana argan qarqara galaana Siwiidinitti qaruuraa shaampaanyi 100 lakkaa'uu himan.
Namoota cillinfoo galan keessaa Tooaaz Istaachuuraan dooniin caccabee galaana keessatti argame kuni gara Raashiyaatti qajeeluuf kan ka'e dha jedhan.
Dhaabbanni Baaltiteek caccabaa doonii barbaaduu irratti kan xiyyeefate yoo tahu, waan amma argame ''waan gatii jabeessa,'' ittiin jedheera.
Obbo Istaachuuraan hogganaa garee yoo tahu,''waggaa 40f cillinfoo seenaan ture, yeroo dhaa yerootti qaruuraa tokko ykn lama argita,'' jedha.
''Kanaan dura garuu qaruuraawwan akkasitti alkooliidhaan guutaman argee hin beekuu,'' jedhe.
Waan argame kunis Siwiidiin irraa km37 gara kibbaa iddoo odolli Olaand argamutti dha.
Keeniyaatti paartileen mormitootaa mootummaatti makaman

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon michoota ijoo hoggansa paartii mormituu, Raayilaa Odingaa, kaabinee isaaniif kaadhimmatan.
Kunis, mormii dhiheenya keessa mootummaa isaaniirratti guddachaa dhufe qabanneessuuf tarkaanfii fudhatan keessaa isa tokkoodha.
Aangoo ministeerota faayinaansii fi anniisaa humna guddaa qaban dabalatee, mormitootaaf gulantaalee hojii afur kenneera.
Obbo Odingaan bara 2008 kaabinee pirezidantii yeroo sanaa Mooyi Kibaakii keessatti erga muummicha ministeeraa ta'anii booda mormitoonni mootummaa keessatti yoo tajaajilan kun isa jalqabaati.
Murteen Aab Ruutoo kunis kan dhufe, wayita dargaggoonni biyyattii dhaadannoo hashtag #RutoMustGo jedhu qabachuun daandiitti bahuun akka aangoo gadhiisuuf bahuudhaan bara pirezidaantummaa isaanii keessatti rakkoo guddaa isaan mudatetiidha.
Baayyinni namoota balaa sigiga lafaa Gofaatti du’an 500 ta'u danda'a jedhame
Namni cittuu tamboo, qola mastiikaa iddoo hin eeyyamamnetti gate birrii 2000 adabama - Bulchiinsa Magalaa Finfinnee

Madda suuraa, Addis Ababa City Communication
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qulqullina magaalatti eeguurratti adabbii fooyya'aa baase.
Abbaan Taayitaa seera kabachiiftuu Fifinnee magaalattii jiraattotaaf qulqulluu, mijattuufi akka addunyaatti dorgomtuu gochuuf paarkii, iddoowwan magariisaafi daandiiwwan ijaaraa akka jiru himuun iddoowwan kunneen kosessuu irratti adabbii fooyya'aa baaseera.
Hogganaan waliigalaa abbaa taayitaa kanaa Obbo Zarihuun Tafarraa eeruun ibsi miidiyaa hawaasa bulchiinsa magaalattii irratti maxxanfame labsii150/2015 qulqullina naannoo eeguufi gochaa seeraan alaa irratti bahee ture fooyyessuu himeera.
''Hawaasni hubannoo otoo hin qabaatiin gara adabamuutti akka hin deemneef odeeffannoo gahaa kennuun barbaachisa,'' jedha ibsichi.
Qulqullina naannoo eeguu dhabuutiin adabbiin kennamu birrii kuma lamarra qabee hanga kuma 100 gahuu akka danda'us ibsameera.
Adabbiin dhaabotaafi namoota dhuunfaarratti kan kaa'ame yoo tahu isaan keessaa namni daandiirra adeemu tokko cittuu tamboo, sooftii, pilaastikii, haftee kuduraafi muduraa, tikeetii geejibaa, kaardii moobayilii, qola ancaqqee, qola karameellaa ''iddoowwan hin eeyyamamne, paarkii, lafa magariisaa fa'i yoo irratti gate birrii 2000 adabama,'' jedha ibsichi.
Qondaalli Filisxeem 'US'f guyyaa salphinaati' jedhan

UK'tti Itti-gaafatamaan Ergamaa Filisxeem, haasaa Ministirri Mummee Israa'el kaleessa kongirasii Ameerikaarratti taasisaniin booda, US gahee tasgabbii fi nageenya addunyaa keessatti qabduuf har’i “guyyaa salphinaati” jechuun ibsaniiru.
Husaam Zomloot BBC News waliin Landanitti turtii taasisaniin, Beenjaamin Netaaniyaahuun ''aangoo isaa eeguuf waanuma fedheyyuudhaaf jecha'' kan Zomlooti Gaazaatti ''duguuggaa sanyii'' jechuun ibsuun dabalatee raawwachu itti fufan jedhan.
Netaaniyaahuun addunyaa guutuutti waan ''loogiin irra jiruuf'' fi biyya keessatti ammoo himannaan malaammaltummaa waan isa mudatuuf, Kongireesiin Ameerikaa qofaatuu isa ''dhaggeeffata'' jedhan.
Zomlot akka jedhanitti, miseensonni mana maree Ameerikaa Netaaniyaahuun ''hanga ammaatti Raafaa fi Kaan Yuunis irratti boombii darbachaa osoo jiruu'' isaaf harka rukutuun isaanii ''baay'ee nama gaddisiisa'' jedhan.
MM Israa'el ''jidduugala qorannoo sobduu,'' jechuun, namoota booji'aman gadhiisiisuudhaaf waliigaltee dhukaasa dhaabuu mirkaneessuuf ''kutataa miti'' jedhan.
Zomlot itti dabaluudhaan Netaaniyaahuun gara US kan dhaqeef ''waan tokko qofaadhaaf'' - innis US gargaarsa meeshaalee waraanaa Israa'eliif taasiftu akka saffisiistu amansiisuun ittiin Gaazaa haleeluu itti fufuudhaaf jedhan.
Israa’el duula waraanaa Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtuun duguuggaa sanyii waliin wal hin gitu jechuun himannaa dhiyaate cimsitee mormuudhaani, kan irratti xiyyeeffatte Hamaas ta'u himti.
Deeggartonni Filisxeem daawwannaan Netaaniyaahuu Ameerikaatti taasisaniin dheekkaman

Mormitoonni warra Filisxeem deggeran Waashingitaniitti daawwannaa Beenijaamiin Netaaniyaahuu “guyyaa dheekkamsaa” akka ta'u akeekkachiisaniiru.
Mormiin wayita cimeettis namoonni kumaatamaan lakkaa’aman daandii Waashingitan DC irratti walitti qabaman.
Achiniisi fiishikaa afuufuudhaan shubbisaa, alaabaa mirmirsaa fi dhaadannoo dhageessisaa turan.
Sana booda ammoo, Netaaniyaahuun haasaa Kongireesii gubbaatti taasisan erga xumuranii booda hiriiraaf bahan.
Gara daandii Buufata Yuuniyeeniitti osoo deemaa jiraniis sarara poolisiiN daangeessee ture irratti ol qaxXaamuran.
Kana hordofuunis poolisiin dhangala'aa mimmixaa itti biifuun kaan isaanii to'ate.
Dureewwan isaanis to'atamuun harkasaanii hidhamee karaa cinaa ciisaa akka turan gabaafame.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Gofaatti balaa dhaqqabeef deeggarsa oolu Birrii mil. 45 kennan

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Aadde Adaanech Abeebee
Ibsa waa'ee suuraa, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsa Birrii Mil 45 tahu Gofaaf erguu himan Bulchiinsi magaalaa Finfinnee balaa sigiga lafaa Godina Gofaatti dhaqqabe hordofee deeggarsa namoomaaf kan oolu Birrii mil. 45 kennuu ibse.
Kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebee fuula Feesbuukii isaanii irratti miidhamtootaaf jajjabina hawwuun, deeggarsa Birrii Mil 45 fi meeshaalee adda addaa marsaa jalqabaan gumaachu himan.
''Har'a ganama naannoo kibba Itoophiyaa, godina Goofaa, aanaa Gizee Goofaa ganda Keetootti lammiilee keenya balaa sigiga lafaa mudateen miidhamaniif kan ta'u marsaa jalqabaatiin meeshaalee fi birrii miiliyoona 45 ol ta'u deeggarsa namoomaaf gara bakka sanaatti ergineerra,'' jedhan.
Balaa lammiilee keenyarra gaheen gadda guddaa natti dhagahame ibsaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi uummatni isaa yeroo hunda isin cinaa ta'uu isiniif mirkaneessuun barbaada jedhan Aadde Adaanech.
Sigiga lafaa marsaa lama bakka kanatti dhaqabeen lubbuun namoota 229 darbuun mirkanaa'eera.
Barbaachi namoota miidhamanii sababa roobaan addaan citee ture. Garuu ganama kana namootni hedduun bakkichatti argamuun barbaacha jalqabuuf jedhu.
Qondaalonni naannicha magaalota itti dhiyoo jiraniiti sirreeffamtoota fiduun lafa qotanii reeffa baasuurratti akka gargaaraniif hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Ammayyuu maashinoota gurguddaa galchuun lafa qotuun hin danda'amne. Namoonni deeggarsaaf deemanis lafa bu'aa ce'iin itti baay'eturra miilaan deemuun achi gahuu qabu.
Barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guutereez balaa sigiga lafaa dhaqabe kanaan ''akka malee gadduu'' himan.
Sababoonni sigigni lafaa akka uumamu godhan maal fa'i? Akkamiin of eegna?
