Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen

Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame. Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisan keessaa tokko jedhameera.

Guduunfaa

  • Sodaa waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii atattamaan Libaanosii akka bahan dhaaman
  • Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan
  • WBO'n mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti hin jiru jedhe
  • Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse - Yukireen
  • Dorgommii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman itti fufeera
  • Taphoota liigii duraan Liivarpuul Yunaayitidiin, Siitiin immoo Chelsii injifatan
  • Haleellaan al-Shabaabiin 37 erga ajjeefaman booda Somaaliyaan qondaalota nageenyaa hiite
  • Ajjeechaa hogganaa Hamaas booda Iraaniifi Israa'el walitti dhaadatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sirni gaggeessaa reeffa Ismaa'il Haaniyaa Iraanitti gaggeeffamaa jira

    Sirni gaggeessaa reeffa Ismaa'il Haaniyaa Teeraantti gaggeefamaa jira

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Sirni gaggeessaa reeffa Ismaa'il Haaniyaa Teeraantti gaggeefamaa jira

    Iraan, magaalaa Teeraanitti sirni gaggeessaa reeffa Ismaa'il Haaniyaa gaggeeffamaa jira.

    Lammiileen biyyattii kumaatamaan bahuun sirna kana irratti argamaniiru.

    Ismaa'il Haaniyaa haleellaa qilleensarraan roobii kaleessaa ajjeefame.

    Hogganaa olaanaan Iraan, Ayaatolaa Alii Kaameenii, sirna kadhannaa dursaa jiru. Reeffi Ismaa'il Haaniyaa gara Kaataaritti geeffamuun kan awwalamu taha.

    Miiidyaaleen US qondaalota Iraan wabeeffachuun akka gabaasanitti, Ayatolaa Alii Kameenii Israa'el irratti haleellaan kallattii akka gaggeeffamu ajajaniiru.

    Israa'el ajjeechaa kana ilaalchistee kallattiin yaada hin kennine.

  2. Ashamaa! Tamsaasa kallattiitti deebineerra

    Odeeffannoo gurguddaa biyya keessaa fi alaa tamsaasa kallattii kana irraan isiniif dhiyeessina.

    Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii!

    Eefil Taawor kan magaalaa Paarisitti argamu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Olompikiin Paaris itti fufuun gaggeeffamaa jira.
  3. Tamsaasni kallattii xumurame!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Roobii galgalaa xumurame.

    Kamisa ganama walitti deebina.

    Nagaan bulaa!

  4. 'Weerara karaa kamiinu nurratti raawwatuuf gatii jabaan deebii kennina'

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Israa'el dhihoo gara US imaluun haasaa taasisanii turan

    Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahu Tel Aviiv keessatti rippoortarootatti yeroo dubbatan Israa’el ‘’waan hundaafuu qophaa’uu’’ himan.

    Haa ta’u malee, waa’ee ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas hin dubbanne.

    Ibsa televijiniin darbaa ture kanarratti lammiilee isaaniif ergaa dhaaman.

    ‘’Lammiilee Israa’el, guyyootni rakkisoo ta’an fuuldura jiru. Erga haleellaa Beerutitti raawwatamee dhaadannoon kallattii hundaa’an dhagahamaa jira.

    ‘’Haala hundaafuu qophoofneerra. Dhaadannoo kamuu waliin dura dhaabbanna. Weerara karaa kamiinuu nurratti raawwatu Israa’el gatii guddaan [deebii kenniti],’’ jedhan.

    Guyyoota muraasa darban Israa’el michuuwwan Iraan kan ta’an Hamaasiifi Hezbollaarratti tarkaanfii fudhachuu himaniiru.

    Ta’us, ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas kan ta’an Ismaa’il Haaniyaarratti homaa hin dubbanne.

    Ajjeechaa qondaala olaanaa Hamaas booda Iraan dhaadachuun ishee ni yaadatama.

  5. Siitiin baroota lama keessa yeroo 22 yeroo qisaasuun Paawundii miiliyoona lamaa ol adabame

    Asxaa Maanchister Siitii

    Madda suuraa, Getty Images

    Maanchister Siitiin baroota dorgommii lamaan darban ta'e jedhee taphni dafee akka hin eegalle ykn akka harkifatu gochuun paawundii miiliyoona lamaa ol adabame.

    Siitiin baroota lamaan kana yeroo 22 taphni akka barfatee eegalu gochuun maallaqaan adabameera.

    Kilabichi himannaawwan irratti ka'an kanaaf sababa gahaa osoo hin dhiyeessiin balleessaasaa amaneera.

    Siitiin bara 2022/23 tapha deebisee eegaluun yeroo irra jirurraa yeroo saddeet barfachuun £390,000 adabameera.

    Bara 2024 keessa ammoo badiiwwan yeroo qisaasuu 14 raawwachuun adabbiin maallaqaa hanga £1.7m ta'uu irratti murameera.

    Adabbiin yeroo qisaasuuf kaahame inni guddaan £200,000.

    Siitiin walitti aansee yeroo arfaffaaf shaampiyoonaa ta'uu tapha mirkaneeffate irratti Weest Haamiin 3-1n osoo dursuu tapha deebisee eegaluuf daqiiqaa lamaafi sekoondii 46 barfate. Kuni qisaasa yeroo isa guddaadha.

    Piriimiyeer Liigiin Ingilizii gara dhumaa bara kanaatti seera faayinaansii cabsuun himannaawwan 135 Siitirratti ka'an ni ilaala.

  6. Amma nu gahe, Hezbollaan ajajaa isaa keessaa tokko Israa'eliin ajjeefamu ifatti mirkaneesse

    Hezbollaan reefu ibsa baasen ajajoota waraanaa gameeyyii garichaa keessaa tokko kan ta’an Fu'aad Shuukri haleellaa Israa’el guyyaa kaleessaa Beerut keessatti raawwatteen ajjeefamu mirkanesseera.

    Israa’el erga haleellaa raawwatte booda akka ajjeefte ibsitee turte. Haa ta’u malee, reeffi isaa hin argamne ture.

    Duratti gaazexeessituun BBC Libaanos magaalaa Beerut keessa argamtu maatii Fu’aadif gadda taa’aa jedhamee himamuu gabaaftee turte.

  7. Gaazexeessitoonni Al Jaziiraa lama mana jireenyaa ajajaa Hamaas ajjeefame biratti ajjeefaman

    Gaazexessitootni lameen Konkolaataa keessatti ajjeefaman

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni neetwoorkii Teleevizhinii Al Jaziiraa gaazexeessitoonnisaa lama dhiyeenya mana jireenyaa ajajaa Hamaas Iraanitti ajjeefamee kan Gaazaatti argamutti haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu gabaase.

    Gaazexeessitootni lameen mana jireenyaa Ismaa'el Haaniyaa kan Lixa Gaazaa naannoo Kaampii baqattootaa Shaati jedhamutti argamanii osoo viidiyoo waraabanii ajjeefaman.

    Hamaas ibsa baaseen haleellaa gaazexeessitootaa kanarratti raawwate ''yakka gara-jabinaa'' jechuun balaaleffate.

    ''Ji'oota sagaliif duguuggaa sanyii ummata keenya Gaazaa jiraaturatti gaggeeffamaa jiru gaazexessitoonni Filisxeem akka hin gabaasne shororkeessuufi callisiisuufi'' jedha ibsichi.

    Israa'el waa'ee ajjeechaa gaazexessitoota kanaa homaa hin dubbanne.

    Akka Rooyitarsi gabaasetti gaazexeessitoonni kun konkolaataa keessa osoo jiranii haleellaa qilleensaan ajjeefaman.

    Dhaabbatni mirga gaazexeessitootaaf falmu 'Committee to Protect Journalists' akka jedhetti, erga waraanni Gaazaa eegalee gaazexeessitoonniifi ogeeyyiin miidiyaatti hidhata qaban 111 magaalaa Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru.

  8. Ajjeechaan Haaniyaa waa'ee nageenya Iraan maal nutti hima?, Kasraa Hajii, BBC Afaan Pershiyaa

    Iraan akka himtetti, hogganaan siyaasaa Hamaasiifi eegduun isaanii kaaba Teehiraan mana keessummaan keessa boqotutti ajjeefaman.

    Ajjeechaan kuni misaa’ela daangaa Iraaniin ala dhuka’e jedhameen guyyaa Roobii barii keessa sa’aatii saddeetitti raawwatame.

    Haleellaan kuni dhaabbilee nageenyaa Iraan gaaffii keessa galcheera.

    Waggoota darban Israa’el saayintistoota niwkilarii Iraan, Iraan keessatti ajjeesteetti. Ammoo namoota siyaasaa Iraan ajjeestee hin beektu.

    Waggoota sadan dura garuu hogganaan duraanii tika Iraan, Alii Yuneesi, Israa’el daangaa cabsitee haleellaa raawwattun aangawoonni hunduu lubbuu isaaniif yaadda’uu qabu jedhanii turan.

  9. Kataariifi US waa'ee Gaazaatti dhukaasa dhaabuu mari'achuu itti fufna jedhan

    Ministirri Dhimma Alaa US fi MM Kataar

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa US fi MM Kataar baatii darbe Dohaa keessa wal arganii turani

    Ministirri Dhimma Alaa US fi Ministirri Muummee Kataar Sheek Mohaammad bin Anduliraahimaan Al Taani waa’ee Gaazaatti dhukaasa dhaabuurratti mari’achuu akka itti fufan dubbataniiru.

    Hogganaan siyaasaa Hamaas ajjeefaman, Ismaa’il Haaniyaa, marii kanarra qooda fudhataa turan.

    Qondaalli kunis du’ani ‘’faayidaa namoota hundaaf jecha’’ mariin akka itti fufu dippilomatiin US ibsaniiru.

    Hamaas fi Israa’el gidduu jaarsummaan qooda kan fudhataa turte Kataar immoo ajjeechaan Ismaa’il Haaniyaa mariirratti danqaa uumuu mala jetteetti.

    ‘‘Osoo qaami marii keessa qooda fudhatu tokko isa kaaniin ajjeesuu akkamiin mariin milkaa’a?’’ jechuun Ministirri Muummee Kataar barreeffama X gubbaa ka’aniin gaafataniiru.

    Faallaan immoo dubbii himaan mootummaa Israa’el marii dhukaasa dhaabuu keessa akka hirmaatan beeksisani.

  10. Ajajaan waraanaa Hezboollaa gameessi ajjeefameera - Maddeen, Naafiseh Konaavaard, Beerutirraa

    Kana dura mootummaan Ameerikaa nama Fuwaad Shukrii bakka jiru dubbateef dolaara miiliyoona shan akka kennu beeksisee ture

    Madda suuraa, Mootummaa US

    Ibsa waa'ee suuraa, Kana dura mootummaan Ameerikaa nama Fuwaad Shukrii bakka jiru dubbateef dolaara miiliyoona shan akka kennu beeksisee ture

    Ajajoota gameeyyii Hezboollaa keessaa tokko kan ta’e Fuwaad Shuukri akka ajjeefame maatiitti himamuu maddeen itti himuu gaazexeessituun BBC odeeffatte.

    Akka gaazexeessituun BBC jettetti, Hezbollaah waa’ee ajjeechaa qondaala kanaa ibsa baasuuf jedha.

    Qondaalli kuni kaleessa galgala Israa’eliin Libaanos magaalaa Beerutitti haleellaan irratti raawwatame.

    Haa ta’u malee, lubbuun jiraachuufi dhabuun isaa hin baramne ture.

    Hezbollaanis reeffa qondaala isaatii argachuu hin dandeenye ture.

    Amma waan argatan fakkaata. Israa’el guyyaa kaleessaa Shukrii ajjeefamuu beeksistee turte.

  11. Dii Mariyaan kalaba ijoollummaasaatti deebi'u fedhus doorsifamuu hime

    Aniheel Dii Mariyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphataan intarnaashinaalaa lammii Arjentiinaa Aniheel Dii Mariyaa kubbaa miilaa idil-addunyaa dhaabuu erga beeksisee booda kilaba ijoollummaasaatti deebi'ee soorama bahuu yaadus, doorsifni ajjeechaa isaaf maatiisaarra gahuun yaada akka jijjiiru isa dirqisiisuu hime.

    De Mariyaan Riyaal Maadriid, Beenfikaa, PSG, Maanchistar Yunaayitidiifi Yuuveentusiif taphateera.

    Milkaahinni isaa kubbaa miilaa kan eegalu garuu kilaba ijoollummaasaa Arjentiinaa keessatti argamu Rozaariyoo Senteraal jedhamuudha.

    Arjentiinaa waliin Kooppaa Ameerikaa erga injifatee booda tapha internaashinaalaa akka dhaabu beeksiseera.

    Dhaadannoo irra gahaa jiru kana gabaasuuf sodaatee dhoksaa akka ture hime.

    ''Daldala obboleettiikoorratti dhaadatan, saanduqa keessa mataa booyyee rasaasni keessa bahe kaahanii ergan, barreeffamni keessa jiru yoon achi deebi'e (Rozaariyoo), kan itti aanu mataa mucaakee dubaraa Piyaa ta'a jedha'' jechuun Dimaariyaan Dhaabbata Televizhinii Rozaariyoo keessa jiru tokkotti dubbateera.

    Dii Mariyaan ji'ootni qe'ee ijoollummaasaatti dabarse sodaan kan guutan ture jedhe.

    Hawwiin kilaba ijoollummaasaatti deebi'uuf qabate milkaahuu dhabuutti gaddaa akka turanis dubbate.

    Sababni dhaadannoon irra gahuufi akka deebi'u hin barbaadamneef garuu hin ibsamne.

  12. Hamaas sirna awwaalchaa Haaniyaa ifoomse

    Sirni awwaalchaa qondaala Hamaas Iraanitti ajjeefamee bor magaalaa Iraan Tehraan keessatti gaggeeffama.

    Sirni awwaalchaa Ismaa'il Haaniyaaa ''idilee fi Ifa tahe'' bor Tehraanitti gaggeeffama jedhe.

    Sana booda reeffi isaa bakka duraan jiraachaa ture Kaataar magaalaa Dohaatti geeffama.

    Sirni awwaalcha isaa xumuraa ammoo Hagayya 2 bakka awwaalchaa Luusaayilitti gaggeeffama.

  13. Ismaa'il Haaniyaa eenyu bakka bu'uu danda'a?

    Ismaa'il Haaniyee erga ajjeefamanii eenyu akak bakka bu'u maqaa dhahamaa jira

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ismaa'il Haaniyee erga ajjeefamanii eenyu akak bakka bu'u maqaa dhahamaa jira

    Qondaala olaanaa Hamaas Ismaa'il Haaniyaa eenyu bakka bu'a kan jedhu dubbii wal xaxaa fi waan salphaatti murtaa'u miti.

    Kun mankaraareessitoonni Iraaniin akka malee deeggaran hogganaa Hamaas akka tahaniif karaa saaqaaf.

    Isaan keessaa tokko Hogganaa garee kanaa Gaazaa keessa jiruu Yaayyaa Sinwaaridha.

    Yaayyaa Sinwaar qondaala olaanaa Hamaas haleellaa Israa'el irratti Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwate qindeessedha jedhama.

    Akkasumas qondaalonni biroo lama tahan Ismaa'il Haaniyaa bakka bu'uu danda'an jiru.

    Hagas mara mankaraaressummaan kan hin beekamne Kaalid Meshaal namoota hoggansa kanaaf kaadhimamuu malan keessaati.

    Kana dura Haaniyee dura Hamaasiin gaggeessaa ture. Garuu Iraan waliin hagas mara hariiroo gaarii hin qabu.

    Kaadhimamaa biraa tahuu kan malu ammoo Zaaher Jabareen yoo tahu, lammiilee Filisxeem Israa'el keessatti hidhamanii jiran hordofuu irratti hojjechaa ture.

    Marii dhukaasa dhaabuu ammaa keessatti hidhamtoota wal jijjiiruu irra gahuuf shoora olaanaa bahata jedhamee abdatama.

    Kan hafan sadan ammoo itti aantota Haaniyaa tahuun warra hojjechaa turanidha.

  14. Haleellaa qilleensaa Israa'el Beerut keessatti raawwatteen balaa qaqqabe

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Haleellaa qilleensaa Israa'el Beruut keessatti raawwatteen balaa qaqqabe

    Israa'el magaalaa guddoo Libaanos Beerut keessatti haleellaa qilleensaa raawwatteen ajajoota waraanaa Hezbollaa olaanoo keessaa tokko ajjeefamuun gabaafameera.

    Haleellaa Komaader Fu'aad Shuukir ittiin ajjeefame kana booda bakka ajjeechaan kun itti raawwaterraa viidiyoon gaazexeessaa BBCn waraabame akka agarsiisutti gamoon mana jireenyaa tokko barbadaa'eera.

    Aarri jijjigaa gamoo kanaa keessaa bahus ni mul'ata.

    Qaamoleen tajaajila yeroo balaa bakka balaan qaqqabetti dhaqqabuun namni hedduunis baraarameera.

    Ministirri Muummee Libaanos Najiib Mikaatii ''weerara Israa'el'' balaaleffataniiru. Israa'el ajajaa waraanaa kanarratti xiyyeeffachuu ibsite.

  15. Ameerikaan waayee ajjeechaa hogganaa Hamaas 'quba hin qabu' jette

    Antonii Bilinkeen

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Biliinken ajjeechaa hogganaa siyaasaa Hamaas Ismaa'el Haniyee quba akka hin qabne ibsan.

    ''Wanti kun waan irraa quba qabnu, keessaas qooda qabnu miti'' jedhan.

    Biliinken ta'iin har'aa kun maal fidee akka dhufu tilmaamuu akka hin feene dubbatan. Ammoo barbaachisummaa dhukaasa dhaabuun akka milkaahu qabu cimsanii dubbatan.

    Daawwannaaf Singapoor kan jiran Biliinken, wanti kamuu barbaachisummaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan dursu akka hin jirre himan.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ammoo lammiileen Hamaasin butamanii turan akka gadhiifaman gargaara jedhan.

    Dabaluunis Filisxeemonni, daa'imman, dubartoonnii fi dhiironni Gaazaa keessatti dhukaasa Hamaas raawwatu gidduutti guyyaa guyyaan dararaa argaa jiru'' jedhan.

  16. 'Nama jaarsummaa taa'u ajjeesaa, akkamiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu milkaa'a?' Kaataar

    Hogganaan Hamaas ajjeefamuu hordofee marii dhukaasa dhaabuuf gufuu akka tahu Kaataar himte

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan Hamaas ajjeefamuu hordofee marii dhukaasa dhaabuuf gufuu akka tahu Kaataar himte

    'Kaataar waraanni Israa'elii fi Gaazaa gidduu akka dhaabbatuuf jaarsummaa taa'aa turte.

    Qondaalli Israa'el ajjeeste Ismaa'il Haaniyaa kana dura Tarkii fi Kaataar jiraachaa turaniiru.

    Biyyoonni lameenuu warreen akkka waliigaltee dhukaasa dhaabuurra gahamuuf dhiibbaa gochaa turanidha.

    Ajjeechaa Israa'el raawwatte kana ammoo cimsanii balaaleffataniiru. Gama Hamaasiin ammoo waliigaltee dhukaasa dhaabuurra akka gahamuuf shoora olaanaa taphataa kan ture Ismaa'il Haaniyaati.

    Kaataar Haaniyaan ajjeefamuun marii dhukaasa dhaabuu jalqabe gufachiisa, isatu shoora olaanaa bahataa ture jette.

    "Ajjeechaa siyaasaa gaggeesuu ittifufuu fi lammilee nagaa Gaazaa keessaa haleeluun dhaabbachuu dhabuun gaaffii akka kaasnu nu taasiseera. Yeroo qaamni tokko isa qaama biraa irraa jaarsummaaf taa'u ajjeesuu akkamiin mariin nagaa milkaa'uu danda'a?'' jette Kaataar.

    Israa'el ammayyuu haleellicha gaggeessuu ishee ifatti hin ibsine.

  17. Viidiyoo Haaniyaan ajjeefamuu isaa sa'aatii muraasa dura agarsiisu

    Hoggaanaan Hamaas Ismaa'el Haaniyaa Iraanitti ajjeefame.

    Ajjeechaan qondaala olaanaa Hamaas kun Baha Giddugaleessaatti waraanaa hammeessa jedhamee sodaatamaa jira.

    Viidiyoon kun Ismaa'el Haaniyaa ajjeeffamuu sa'aatii muraasa dura kan agarsiisudha.

    Daawwadhaa!

  18. Ismaa’el Haaniyaarratti amma maaf qiyyaafatame?

    Haaniyaan miseensot Paarlaamaa Iraaniin marfamuun mallattoo injifannoo wayita agarsiisan

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Haaniyaan miseensot Paarlaamaa Iraaniin marfamuun mallattoo injifannoo wayita agarsiisan

    Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa’elitti raawwate hordofee maatiin Haaniyaarratti Israa’el qiyyaafattetti.

    Ilmaan dhiiraa Haaniyaa fi ijoolleen-ijoolleesaatii haleellaa Israa’eliin ajjeefaman.

    Haaniyaan akka qondaaloota Hamaas biroo dhokatee jiraataa hin turre.

    Israa’elitu ajjeese jedhamee yaadama, garuu Israa’el Haaniyaa Kataaritti ajjeesuun gamaa siyaasaatiin hin danda’amneef.

    Israa’el biyya Iraan keessatti ajjeesuun garuu Israa’el iddoon hin geenye akka hin jirre, eenyuyyuu haleellamurraa bilisa akka hin taane dhaamsa akeeku qaba.

    Haaniyaan marii dhukaasa dhaabuu fi namoota butaman gadhiisisuurratti hirmaataa ture.

  19. Qondaalli olaanaa Hamaas Israa'el Iraan keessatti ajjeeste Ismaa'il Haaniyaa eenyu?

    Ismaa'il Haaniyee, Iraan keessatti ajjeefaman

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Ismaa'il Haaniyee, Iraan keessatti ajjeefaman

    Ismaa'el maqaa masoo Abu al-Abiid jedhamuun beekama. Innis gaggeessaa siyaasaa olaanaa Hamaas keessaa tokkodha.

    Mana hidhaa Israa'el daangaa Israa'elii fi Libaanositti argamu bakka namni hin jiraanne keessatti haala rakkisaa keessatti dabarseera.

    Erga mana hidhaatii bahee Gaazaatti deebi'uun biiroo gaggeessaa amantaa Hamaas kan ta'e Sheek Ahimad Yaasinitti gaggeessaa ta'ee muudame.

    Gaggeessummaafi dandeettinsaa cimaa deemnan Ministeera Muummee ta'ee filatamuurra gahe.

    Walitti bu'iinsa torbee tokkoof Hamaasiif Faataa gidduutti gaggeeffameen al-Qasiim Birgeedirraa namoonni heddu du'anii booda bakka bu'oota paartii Pirezedant Mohaammad Abbaas- paartii Faataa- Gaazadhaa waan ari'eef, Mohaammad Abbaas ammoo aangoo Ministeerra Muummerraa Ismaa'el Haaniyaa hari'an.

    Yeroo ariyatamu sana reefu waggaa tokkoof Ministeera Muummee ta'ee tajaajila ture. Boodarra ammoo Faataa wajjin araara buusuf yaalii garaa garaa gochaa ture.

    Bara 2017'tti gaggeessaa biiroo siyaasaa Hamaas ta'ee kan muudame yoo ta'u, waggaa itti aanu ammoo Ameerikaan shororkeessaa addunyaa jechuun galmeessite.

  20. Ismaa'il Haniyaa marii dhukaasa dhaabuuf taasifamu keessatti nama murteessaa ture- amma maaltu ta'a?

    Waa'een haleellaa lubbuu Ismaa'il Haniyaa galfaatee akkuma bal'innisaa ibsamaa deemuun miidhaan siyaasaa inni qabus xiyyeeffannaa argateera.

    Marii dhukaasa dhaabuu, takka bu'aa takka ka'u, kan hawaasa idiladdunyaa hedduun arguu fedhanirratti miidhaa guddaa akka qabu beekamaadha.

    Ismaa'il Haniyaa waan guyyuu Gaazaa keessatti ta'aa jiru hin hoogganu, kun ga'ee ajajaa waraanaa Hamaas- Yahyaa Sinwaar.

    Garuu akka qondaala Hamaas biyya alaa keessa jiraatuutti marii dhukaasa dhaabuu jaarsummaa Qataar, US fi Masriin gaggeeffamaa turerratti nama maqaansaa jalqabarratti eeramuudha.

    Dhiheenya kana qondaaltonni Ameerikaa mariin dhukaasa dhaabuu yeroo dhihootti ni milkaa'a yaada jedhu kennanii turan.

    Garuu mariin dhuma torbee darbee Roomitti gaggeeffame bu'aa tokkollee hin buusne.

    Amma ammoo wayita qondaalli Hamaas marii kanaaf murteessaa ta'e ajjeefamuun dhagahamu waa'een Gaazaa keessatti dhukaasi dhaabbachuu abdii nama kutachiisa.

    Kun yoo oppireeshinii Israa'el ta'e maaliif akkas gochuun barbaachise? gaaffii jedhu kaasisa.

    Israa'el nama Hamaas waliin hidhata qabu hunda ajjeestee maal buufachuuf deemti?

    Pirezidantiin Tarkii yaada kana qooddatu. Beenjaamin Neetaniyaahuu ''nageenya buusuuf fedha akka hin qabne,'' agarsiisa jechuun himatan.