Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen

Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame. Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisan keessaa tokko jedhameera.

Guduunfaa

  • Sodaa waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii atattamaan Libaanosii akka bahan dhaaman
  • Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan
  • WBO'n mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti hin jiru jedhe
  • Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse - Yukireen
  • Dorgommii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman itti fufeera
  • Taphoota liigii duraan Liivarpuul Yunaayitidiin, Siitiin immoo Chelsii injifatan
  • Haleellaan al-Shabaabiin 37 erga ajjeefaman booda Somaaliyaan qondaalota nageenyaa hiite
  • Ajjeechaa hogganaa Hamaas booda Iraaniifi Israa'el walitti dhaadatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Guyyaa Jimaataa gatiin birrii dolaara biratti 58% gad cabe

    Sharafi alaa gatii gabaan akka murtaa'u erga jalqaba torban kana murtaa'e booda jijjiiramni kuni mul'ate

    Madda suuraa, Getty im

    Ibsa waa'ee suuraa, Sharafi alaa gatii gabaan akka murtaa'u erga jalqaba torban kana murtaa'e booda jijjiiramni kuni mul'ate

    Jalqaba torban kana erga mootummaan Itoophiyaa sharafi maallaqa alaa fedhii gabaan akka murtaa’u murteesse booda gatiin birrii gad cabuu itti fufeera.

    Gaafa Jimaataa sharafi akka mul’isutti gatiin birrii Dolaara biratti torban dura isa turerraa gatiin isaa 58% dhabeera.

    Guyyaa Wiixataa mootummaan riiformii diinadee haaraa hojiirra oolche gatiin birria 30% cabee ture. Eegasii suuta cabuu itti fufeera.

    Baankiileen daldalaa muraasaa Jimaata har’aa dolaara birrii 90’n akka bitan ibsaa jiru. Torban darbe birrii 57’n bitaa turan.

    Aangawoonni magaalaa Finfinnee erga gatiin akkaataa gabaan akka murtaa’u erga ifa ta’e booda kanneen suuqiwwan sharafa gurguran ‘’gatii haala hin malleen guddisan’’ saamsuu ibsaniiru.

    Tarkaanfii akkamii akka fudhatan ifa gochuu baatanis ‘’tarkaanfii cimaa’’ akka fudhatan akeekkachiisaniiru.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad tarkaanfii sharafa irratti baankileen fudhachaa jiran sirrii akka hin taane himuun hojii dabalataa akka gaafatu gaafa Kamisaa dubbatanii turan.

    ''Gabaa ilaalaa murteessaa yeroo jennu dolaara tokko Birrii 50, 70 godhaa hin jenne nuti. Adeemsi amma itti jirtan garuu sirrii natti hin fakkaatu.

    ''Garaagarummaa gabaa gurraacha gidduu jiru xiqqeessaadha kan jenne,’’ jedhan.

    Bulchaan Itoophiyaa hojjettoota mootummaa galii gadaanaa qabaniif daballii miindaa 300% akka taasifamu ibsaniiru.

    Murteen kuni hubaatii kanneen galii gadaanaa qabanirratti qabu hir’isuuf yaadameeti.

  2. Filannoo Venezuweelaa paartiin mormituu akka mo'e ragaa hedduutu jira - US

    Filannoo pirezidantummaa Hagayya 28 Venezuweelaan gaggeessite paartiin mormituu mo’achuu ‘’ragaa hedduutu jira’’ jette Ameerikaan.

    Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken hogganaan paartii mormituu Idwaardoo Gonzaalez filannicha mo’achuun waanuma ifatti beekamu jedhan.

    Haa tahu malee, pirezidantiin biyyattii Nikoolas Maaduuroon filannicha marsaa sadaffaaf mo’achuu himan.

    Paartiin mormituu ammoo sagalee caalmaa guutuu biyyattii irraa argachuu ibsuun bu’aa filannoo boordiin filannoo mootummaan to’atame ibse soba jedhe.

    Pirezidantiin Biraazil, Meksiikoo fi Kolombiyaa ragaalee hundi filannoo darbe gaggeeffamee uummataaf akka ibsamuuf gaafatan.

  3. Marii dhoksaa waggoota lamaa booda biyyoonni Lixaa fi Raashiyaan hidhamtoota walii hiikan

    Kanneen hiikaman keessaa tokko gaazexeessaa Wool Istiriit Joornaalidha

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen hiikaman keessaa tokko gaazexeessaa Wool Istiriit Joornaalidha

    Waligalteen kuni walumaa gala hidhamtoonni 24 biyyoota torba keessa jiran akka hiikaman carraa uumeera.

    Kanneen umrii 18 gadi ta’an lama dabalatee namoonni kudhan Raashiyaan simatteetti.

    Akkaataa waliigaltee kanaan lammiileen Ameerikaa sadii Raashiyaatii hiikamaniiru. Yeroo Meerilaand gahanis Pirezidant Baayidan fi P/Ittaantuu Kaamlaa simataniin.

    Yeroo hidhamtoonni hiikamanii maatiitti dabalaman bo’ichaafi gammachuu olaanaatu ture.

    Mariin icciitii olaanaan qabameefi waggoota lamaan adeemaa ture booda waliigaltee akkanaarra kan gahame.

    Raashiyaafi biyyoota Lixaa gidduu hidhamtoota walii hiikuun kuni eega waraanni ololaa dhaabatee isa guddaadha jedhameera.

    Lammiilee Ameerikaa hiikaman keessaa tokko gaazexeessaa Wool Istiriit kan ta’e Ivaan Giriishkovichidha.

    Lakkoofsi lammiilee Raashiyaa Ameerikaan hiikte saddeetidha.

  4. Ashamaa!

    Tamsaasii kallattiiBBC Afaan Oromooguyyaa Jimaataa eegaleera.

    Oduu biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu mil'achuu hin dagatiinaa.

    Nagaan!

  5. Walitti bu'insi Isra'eel waliin qabnu 'sadarkaa haaraatti ce'eera' jedhe ajajaan Hezbollaa

    Sirni awwaalchaa hoggantoota waraana Hezbollaa keessaa tokko kan ta'e Fo'aad Shukir har'a Beruut keessatti raawwateera. Dhaadannoo guddaan Israa'eliin balaaleffatus gaggeefameera.

    Hogganaan Hezbollaa inni olaanaan Hasan Nasrallaa ergaa gama televizhiniin namoota awwaalchaaf bahaniif dabarseen, walitti bu'iinsi Israa'el waliin qaban ''sadarkaa haaraatti'' galuu dubbate.

    Nageenyaaf jecha akkuma yeroo kaanii bakka hin beekamnee ergaa dabarfame kana irratti ''diinni keenya deebii isa hin oolle haa eeggattu'' jedhe. Israa'eel sarara diimaa ce'uun gamoo namootni nagaa keessa qubatan haleeluusheetiif ''deebii madaalu'' argattii jedhe.

  6. Taphattuun bunyaa Olompiikarratti sekondii 46 keessatti injifatamte maal jetti?

    Anjelaa Karinii

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphattuun bunyaa lammii Xaaliyaan Olompikii Paaris irratti dorgommii seentee sekondii 46 keessatti injifatamte.

    Morkattuunshee lammii Aljeeriyaa amma duraa testestirooniin ishee hanga eegamuun ol ta'uusaatiin dorgommiiwwan idila-addunyaarraa ugguramtee turte.

    Taphattuun Xaaliyaan Kariinii taphni eegalee sekondiiwwan 30 keessatti bunyaa jabaan morkattuushe fuulasheerra bu'e.

    Sekondii muraasa booda tapha itti fufte, garuu hin dandeenye. Achii booda jilbeeffattee boosse ''dhaabuu akkan qabun ofitti hime'' jette.

    Sagaleen kaameraadhaan waraabame ''sirrii miti'' jechuushee dhageessisa.

    ''Taphicha xumuruu hin dandeenye. Funyaankoorra dhukkubbii guddaatu natti dhagahame...nan dhaabe. Ofii kootti dhaabi jedheen hime'' jetti. ''Dabaluunis lubbuu koo eeguun qaba.''

    Sodaa riingiifi sodaa bunyaa jabaa akka hin qabne kan dubatte taphattuun kun, inni ishee mudate kun garuu jabaa ta'uu isaatiin ''taphni kun akka raawwatun godhe'' jette.

    Ministirri Muummee Xaaliyaanii drgommichi sadarkaa wal madaaluun gaggeeffamuu qaba, kun madaalawaa mitii jedhan.

    Kariinii morkattuushe ilaalchisee yaada addaa kennuurraa of qusatte, hanga dhumaatti milkooftee akka gammaddu akka hawwituuf himte.

    Lammiin Alljeeriyaa Kehiliif ''kaniin as jiru warqeefi eenyuunuu nan dorgoma'' jette.

    Sababa testeestiroonii qaamashee keessatti argamuun atileetiin aljeeriyaa kun dubartoota kaaniin oli jechuun qeeqni irratti ka'aa jira.

  7. Hidhamtootni 26 biyyoota torbarraa hiikamuu Turk beeksifte

    Waliigaltee hidhamtoota walii hiikuu Raashiyaafi warri Lixaa irra gahan hordofee hidhamtootni 26 biyyoota torbarraa Turk Ankaaraa qaqqabuu waajirri Pireezidantii biyyattii beeksise.

    Hidhamtotni 26 kunniin US, Jarman, Poolaand, Islooveeniyaa,Noorwaay, Raashiyaafi Belaarus irraa gadhiifaman jedha ibis waajira Pireezidantii Erdohaan irraa bahe.

    Hidhamtootni 10 gara Raashiyaa ergamu. 13 kan ta'an gara Jarman, sadii ammoo gara Ameerikaa gadhiifamu.

    wal-jijjiirraan hidhamtootaa kun erga waraana ololaa(Cold War) isa guddaadha.

  8. Raashiyaa fi warri Lixaa hidhamtoota walii hiikuuf waliigalan

    Raashiyaa fi warri Lixaa hidhamtoota walii hikuuf waliigalan

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchiinsi Baayidan, hidhamtoota walii hiikuurratti Raashiyaa waliin waliigalteerra gahuu miidiyaaleen US gabaasan.

    Biyyoota Lixaafi Raashiyaa gidduutti waliigaltee raawwatame kanaan walumaagalatti hidhamtootni 24 ni gadhiifamu.

    Kanneen keessaa ammoo lammiileen Ameerikaa sadii Raashiyaa keessatti hidhamanii jiran ni argamu.

    Lakkoofsi namoota warra Lixaa Raashiyaan hiitee har'a gadhiisuuf waliigaltee 12 ta'u. Namootni kun galgala kana gadhiifamanii gara Jarmanitti gaggeefamu jedhameera.

    Gama kaaniin lammiileen Raashiyaa saddeet irra hedduun isaanii tika Raashiyaa waliin hidhata qabaachuun shakkaman ni gadhiifamu.

    Raashiyaafi warri Lixaa hidhamtoota yoo waljijjiiran kun kan jalqabaa miti. Akka ogeeyyiin hariiroo alaa jedhanitti taateen kun hariiroon warra Lixaa fi Raashiyaa wayyaa'aa jira jechuu miti.

  9. Warshaan guyyaatti daabboo 300,000 oomishu Naqamteetti eebbifame

    Warshaa daabboo fi daakuu Naqamtee

    Madda suuraa, Zinash Tayachew(fb)

    Waajirri Giifti-duree warshaa daabboo magaalaa Naqamteetti ijaarsisaa ture eebbisuu beeksise.

    Warshaan kun guyyaatti daabboo 300,000 fi daakuu toonii 50 ykn kg 45,000 oomisha jedhan Aadde Zinnaash Taayyaachoo fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti.

    Pirezedantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Aadde Zinnaash waliin sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

    Warshaan kun birrii miliyoona 100 ta'uun ijaaramuus dubbatan.

    ''Warshaan daabboo Waajjira Giifti Dureen birrii mil. 100'tti siquun ijaarame kun kutaalee hawaasaa galii giddugaleessaa qaban fayyadamaa taasisuun kaayyoo mootummaan wabii nyaataa mirkaneessuuf qabate gargaaruu cinaatti carraa hojii bal'aa hawaasa naannichaaf kan umuu'' jedhan Obbo Shimallis.

  10. Sirna gaggeessaa Haniyaa irratti Ayatoolaan haleellaan kallattiin Israa'el irratti akka banamu ajajuun gabaafame

    Sirna gaggeessaa Haniyee

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganaa siyaasaa garee Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyaa Iraan keessatti ajjeefameef har'a Teheraanitti sirni gaggeessaa raawwatamaa jira.

    Kadhannaa magaalaa Teheraanitti godhame kana kan dursan hoggana Olaanaa Iraan Ayatoolaa Alii Haminiidha.

    Lammiileen Iraan kumoota hedduun lakkaa'aman gaggeessaa Haniyaarratti kan argaman yoo ta'u, awwaalchi isaa Kataaritti raawwata.

    Miidiyaaleen Ameerikaa Alii Haminii Israa'el, biyya ajjeechaa kana raawwatteetti jedhan irratti haleellaan kallatti akka banamu ajajaniiru jedhan.

    Haleellaa daangaa Iraan keessatti raawwatame kanaafis gaafatamtuu godhaniiru.

    Israa'el ammatti ajjeechaa kana ilaalchisee wanti ifatti dubbatte hin jiru.

  11. Daldaltoota carraa kana seeraan ala fayyadaman irratti tarkaanfii akka fudhatan qaamolee seeraaf dirqamni kennameera- MM Abiy

    MM Abiy daldaltoonni seera ala gatii dabalan ni adabamu jedhan

    Madda suuraa, PM Abiy FB

    Ministirri Muummee Abiy Ahmad imaammata diinagdee haaraa irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin wayita mari'atan daldaltoonni haala uumame kana akka carraatti fayyadamuun seeraan ala dantaasaanii galmaan ga'achuuf hojjetan akka gochasaaniirraa of qusatan ni hojjenna jedhan.

    MM Abiy erga mari'atanii booda yaada kana miidiyaa hawaasaa [Facebook] isaaniirratti maxxansan.

    Rifoormiin dinagdee waliigalaa irratti taasifame addatti ba'ee baaqqeedhaan kan ilaalamu osoo hin taane kan waa hunda hammatuu jedhan.

    Falaasama ida'amu keessatti waan guddina waliigalaa hunda fayyadu fiduun danda'amu erga gadi fageenyaan madaallee booda imaammata kana hojjiitti hiikuu eegalle jedhan MM Abiy.

    ''Xiyyeeffannaan keenya harka qalleeyyiidha, kanneen saaxilamoo ta'an gargaaruudha,'' jedhan.

    Garuu milkaa'ina rifoormii diinagdee kanaaf hirmaannaa fi qindoominni qaamoleen hundi oomisha, alergii fi galii guddisuu keessatti taasisan bu'uura guddaadha jedhan.

    Kana keessatti daldaltoota carraa kana karaa seeraan alaa fayyadamuu barbaadan seeraan akka gaafatan qaamolee seera kabachiisaniif dirqamni kennameera jedhan MM Abiy.

    Daldaltoota seeraan alaa irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu qaamolee dhimmi ilaallatu hundatti himuu kan ibsan MM Abiy, dhimma kanarratti tarkaanfiiwwan dabalataa fuulduratti ni ibsamu, kaan ammoo karaa miidiyaa biyyattii hordofuu akka danda'an uummata biyyattiif dhaaman.

  12. Abbaan daa’ima isaa umrii waggaa kudhanii deddeebisee gudeedaa ture hidhaan adabame

    Aasxaa Poolisii magaala Finfinnee

    Madda suuraa, Aasxaa Poolisii magaala Finfinnee

    Ibsa waa'ee suuraa, Aasxaa Poolisii magaala Finfinnee

    Abbaan daa’ima isaa gudeede hidhaa wagga 25 tahuun adabamuu poolisiin magaala Finfinnee beeksise.

    ‘’Al takka takka waan gurraaf dhaga'uun ulfaatutu mudata. Garuu dhugaan jiru uummanni yakki akkasii akka jiru beekee of eeggannoo akka godhuu fi namoota yakka akkasii irratti hirmaatan saaxiluuf poolisiif odeeffannoo kennuu waaan qabuuf odeeffannoo kana gabaasna,'' jedhee jalqabe Poolisiin magaalaa Finfinnee.

    Yakki kun kan raawwate magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Laaftoo aanaa sagal, naannoo Cuuphaa Yooseef jedhamuttidha.

    Daa’imni umrii waggaa kudhanii abbaasheetiin gudeedamte. Qorannoo yakkaa irratti hubachuun kan danda’ame abbaan ishee irra deddeebiin ishee gudeedaa ture.

    Harkaa fi miilla ishee hidhuun keeshaa keessa gochuun naannoo Taabonni Yoosef itti bahuun beekamu duubatti gatee gale.

    Namoonni achiin darban daa’ima harkii fi miili hidhamee keeshaa keessa jirtu arguun poolisii kutaa bulchiinsa Laaftoof eeruu kennuu hime ibsi pooliisi kun.

    Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaala Laaftootti Qindeesituu Qorannoo Yakka Dhimmoota Dubartootaa fi Daa’immanii kan tahan I/Inispeektera Maskaram Ibiraahim, yakkamaan daa’ima isaa kan gudeedaa ture yeroo haatishee pilaastika bishaan keessaa dhugame [qaruuraa pilaastikaa] funaanuuf baatu tahuu himan.

    Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Tokkoffaa Dhaddacha Naannoo Laaftoo qorataa turuun hidhaa wagga 25 adabeera.

  13. Duuti Ismaa'el Haniyyaa marii Israa'elifi garewwan Filisxeem gidduutti godhamu danqa- US

    Ismaa'el Haniyyaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Qondaalli olaanan Hamaas Ismaa'el Haniyyaa Iraan keeessatti halleellaa irratti gaggeeffameen ajjeefame.

    Ajjeefamuun qondaala Hamaas olaanaa Ismaa'el Haniyyaa marii nagaa Israa'elifi Hamaas gidduutti deemaa ture akka danqu US beeksifte.

    Seeneetii UStti walitti qabaa Koree Dhimma Hariiroo Alaa kan ta'an Been Kaardin duuti Ismaa'el Haniyyaa marii nagaa Israa'elifi humnoota Filisxeem gidduutti gaggeeffamu rakkisaa gochuu akka danda'au dubbatan.

    Ismaa'el Haniyyaa marii Israa'elifi Hamaas gidduuttu godhamaa ture keessatti nama adda dureen hirmaataa ture ta'uu eerun, "duutisaa keessumattuu namoota [Hamaasin] butaman gadi lakkisiisuf marii godhamu rakkisaa gochuu danda'a" jedhan.

    Dabaluunis, dhimma duraanuu hoo'aa ture akka hammeessu himan.

    Akkasumas waa'ee ajjeefamuu Ismaa'el Haniyyaa US dursitee odeeffannoo homaatuu akka hin arganneefi wa'eesaarratti odeeffannoo bal'aa dubbatan akka hin jirre himan qondaalli kun, Kappitaal Hilitti gaazexeessitootatti yoo dubbatan.

    Ajjeefamuu Ismaa'el Haniyyaan wal-qabatee Iraanifi Hamaas Israa'el qofa osoo hin taane US illee akka harka keessaa qabdu himatan.

    Kuni hammam dhugaadha? jedhamanii gaafatamanii, "Waan Iraan jettuuf baay'edhuma iddoo hin laannu, piroppaagaandaadha malee dubbii dhugaa miti" jechuun deebisan Been Kaardin.

  14. Filisxeem fi Iraan UN fi Ameerikaan 'gocha hameenyaa' Israa'el akka dhaabsisan gaafatan

    Haleellaa Israa'eliin qe'een warra Filisxeem hedduun manca'eera

    Madda suuraa, Reuters

    Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka buutonni Filisxeem fi Iraan tarkaanfii hameenyaa Israa'el fudhachaa jirtu balaaleffachuun, UN fi Ameerikaan akka dhaabsisan gaafatan.

    Kora manni marechaa dhimma nageenya biyyoota Baha Giddugaleessaa irratti gaggeesserratti bakka buutuun Filisxeem Fedaa Abdalhaadii ''gochi suukanneessaa'' Israa'el raawwachaa jirtu akka dhaabbatu gaafatte.

    ''Shorokeessummaa fi jeequmsa'' uumuun gocha guyyuu Israa'el raawwattu ta'eera kan jettu bakka buutuun Filixeem, keessattuu taatee tibbana Beeruut keessatti raawwate eeruun hammeenya Israa'el ibsite.

    ''Israa'eliif daangaan kaa'ame hin jiru. Sararri diimaan hin jiru,'' jechuun Israa'el waan Hamaasiin walqabata jettee yaaddu hunda haleelaa jiraachuu kaafte.

    Kanarratti manni maree nageenyaa tarkaanfii sirrii akka fudhatu gaafatteetti.

    ''Israa'el akka qileetti nu gattu hin eeyyamaninaafii,'' jette.

    Ambaasaaddarri Iraan Amiir Sa'iidii gamasaan ajjeechaan qondaala Hamaas Ismaa'il Haniyaa ''yakka hameenyaan guutameedha,'' jechuun balaaleffate.

    Gocha kana ''shorokeessummaa'' jechuun kan ibse ambaasaaddarri Iraan kun, Ameerikaas himateera.

    Haleellaan kun Ameerikaarraa eeyyama argachuu waan barbaachisu ture jedhe qondaalli Iraan kun.

    Inni dubbatee yeroo muraasa booda ambaasaaddarri Ameerikaa Roobart Wuud waa'ee ajjeechaa kanaa akka quba hin qabne yookiin akka harka keessaa hin qabne ibse.

    Ambaasaaddarri Iraan itti fufuun Manni maree nageenyaa UN ''kufeera'' jedhe.

  15. Barattoonni aanaa Darraa 400 qorumsaaf yunvaarsiitii Salaalee turan maatiitti deebifaman

    Barattoonni aanaa Darraa irraa qormaata biyyaalessaa kutaa 12 fudhachuuf Yuunvarsiitii Salaalee galan maatiitti deebi'uuf danqamanii torbaniif achuma turaniiru.

    Madda suuraa, Yuunvarsiitii salaalee

    Ibsa waa'ee suuraa, Barattoonni aanaa Darraa irraa qormaata biyyaalessaa kutaa 12 fudhachuuf Yuunvarsiitii Salaalee galan maatiitti deebi'uuf danqamanii torbaniif achuma turaniiru.

    Barattoonni Godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraa qorumsaaf yunvaarsiitii Salaalee turan maatii isaaniitti deebifaman.

    Barattoota Qorumsa biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf Yunvarsiitii Salaalee seenanii kan turan keessaa barattoonni aanaa Darraa irraa dhufan 395 erga qorumsa xumuranii sababa rakkoo nageenyaan osoo gara maatii hin deebi’in torbee lamatti dhihaatuuf turan.

    Yunvarsiitii Salaaleetti Daayireekrata Qunnamtii uummataa kan tahan Dr. Yeshimebeet Boggaalaa BBCtti akka himanitti barattoonni kunneen Roobii ganama irraa eegaluun gara aanaa Darraatti kan deebifaman.

    “Roobii Ganama sa’aatii 12 irraa eegaluun gara aanaa Darraa deebi’an. Barattoonni mooraa keessa turan hundi isaanituu gara maatii deebi’aniiru. Nagaadhaan gahuu isaaniis mirkaneeffanneerra” jedhan.

    Daandiin Magaala Fiichee irraa gara aanaa Darraa geessu sababa hidhattootaan rakkoo nageenyaa kan qabu waan ta’eef tajaajilli geejjibaa daandicharratti taasifamu erga adda citee bubbuleera.

    Barattoonni qorumsa Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf gara Yunvarsiitii Salaalee dhufaniis Raayyaa ittisaatin eegamanii kan dhufan yoo ta’u yeroo deebi’anis akkasuma eegumsi taasifameeti.

    Odeessa kana irratti dabalataan dubbisuuf asiin seenaa.

  16. Afrikaa Kibbaatti barattoonni gurraachi "garbummaaf caal-baasiif dhiyaachuun" dheekkamsa kaase

    Yeroo barattoota gurraacha akka garbaatti itti qosamu

    Madda suuraa, Screengrab

    Ibsa waa'ee suuraa, Barattoonni gurraachi dallaa sibiilaa keessa kaa'amanii akka garbaatti gurgurtaaf dhiyeessun yeroo itti qoosamu

    Afrikaa Kibbaa magaala Keeptaawon keessatti barattoota gurraacha akka garbaatti gurguruuf caalbaasif dhiyeeffamuunsaanii dheekkamsa kaase.

    Barattoonni gurrachi dallaa sibiilaa keessa kaa'amanii akka garbaatti caalbaasin osoo isaanirratti gaggeeffamuu viidiyoon agarsiisu dhuma torbee miidiyaa hawaasaa gubbaatti gadi lakkifamuu hordofee dheekkamsa kaasee ture.

    Barattoonni biroo barattoota gurraacha ta'an qabanii akka garbaatti caalbaasif dhiyeessanii kanneen itti qoosaa turan irratti tarkaanfin namuusaa akka fudhatamu aangawoonni beeksisan.

    Kanneen barattoota gurraacha akka garbaatti caalbaasif osoo dhiyeessanuu viidiyicharratti mul'atanis barattoota akka ta'antu himame.

    Komishiniin Mirga Namoomaa Afrikaa Kibbaa taatee kanarratti qorannoo banuu beeksise.

    Taaten kun biyyattii sirna gita bittaa Appartaayidii jalaa baatee waggaa 30 osoo hin caalin mudachuunsaa kan nama gaddisiisu ta'uu kan ibse Komishinichi, sirni warra gurraacha gadi xiqqeessu ammayyuu akka hin dhaabbanne ibse.

    Barattoonni osoo barattoota gurraacha hidhanii akka garbaatti caalbaasif dhiyeessan jedhaman mana baruumsaa irraa hari'amuus beeksise Komishinichi.

  17. Atileet Misgaanaa Waaqumaa Olompikii Paarisitti Riikardii Biyyaalessaa galmeesse

    Atileet Misgaanaan yeroon itti seene atileetii injifaterraa sakandii 36 qofa duubatti hafa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Misgaanaan yeroon itti seene atileetii injifaterraa sakandii 36 qofa duubatti hafa

    Itoophiyaan Olompikii Paaris adeemsifamaa jiruun guyyaa har’aa jalqabee dorgommiirratti hirmaachuu eegalteetti.

    Dorgommii atileetiksii har’a eegaleen tarkaanfii 20km kan dorgome atileet Misgaanaa Waaqumaa 1:19:31’n sadarkaa jahaffaan xumureera.

    Dorgommii kanarratti qofaa isaa biyya kan bakka bu’e Misgaanaan sa’aatiin inni itti seene biyyaaf riikardiidha.

    Riikardiin Biyyaalessaa yeroo fageenya tokkoon atileetiin kana dura yoo hin fiigne jiraate yookiin yeroon fooyya’aa gaafa galmaa’e kan galmaa’udha.

    Ammattii nami biraa kana dura Olompikiirratti tarkaanfii 20km'n Itoophiyaaf yoo fiigee jiraate ifa miti.

    Dorgommii kana atileetiin Ikkuwaador Pintaado Biriyaan Daani’el 1:18:55’n seenuun injifate. Atileetonni Biraaziliifi Ispeen itti aananii seenan.

    Atileetii injifateefi Misgaanaa gidduu garaagartee sakandii 36 qofatu jira.

    Kunis fuula duraaf qabxii guddaa akka fiduu malu kan akeekedha.

    Atileet Misgaanaa Waaqumaa barana Taphoota Afrikaa Gaanaa adeemsifametti dorgommii tarkaanfii 20km’n warqii injifachuun ni yaadatama.

    Shaampiyoonaa Dorgommii Tarkaanfii 30ffaa Turkitti dorgomameenis hirmaatee ture.

  18. Amma nu gahe, Israa'el haleellaa qilleensaan qondaala waraanaa Hamaas ajjeesuu mirkaneessite

    Mohaammmad Daayif

    Akka humni waraanaa Israa'el jedhutti qondaalli waraanaa Hamaas Mohaammad Daayif haleellaa qilleensarraan Israa'el gaafa Adoolessa 13 raawwatteen ajjeefame.

    Haleellaan mooraa kaan Yuunis irratti gaggeeffame Mohaammad Daayif irratti kan qiyyaafate ta'uu humni waraanaa kun ibseera.

    Waraanni Israa'el akka jedhutti wayita haleellaan sun raawwate ajajaan waraanaa Hamaas biraan Rafa'aa Salaamii jedhamus ajjeefameera.

    Garuu yeroo sanatti ajjeefamuun Da'iif hin mirkanoofne ture. Mohaammad Daayif lammiilee Israa'el biratti ''adurree lubbuu sagal qabdu'' jedhamuun beekama.

    Kana dura yaaliin ajjeechaa yeroo sagaliif irratti yaalamee lubbuun oolee ture. Ajjeechaa hogganaa Hamaas Ismaa'il Haaniyaa booda ajjeechaa qondaala gameessa Hamaas biraa dhagamedha.

  19. Siifan Olompikii Paaris irratti 'baay'ee ulfaatus' fageenya sadiin dorgomuufi

  20. Israa'el walgahii hatattamaa Mana Maree Nageenyaa UN irratti deebii kennite

    Gilad Erdan

    Yaadoo nageenyaa Baha Giddu Galeessatti dhalate ilaalachisee Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kora taa'e irratti Israa'el dhiyaachun wa'ee qondaala Hamaas osoo hin taane kan Hezbollaa magaala Beerut keessatti ajjeeftee dubbatte.

    UNtti ambasaaddara Israa'el kan ta'an Gilaad Erdan waa'ee komaandara Hezbollaa Fu'aad Shukir Beerut keessatti ajjeefamee dubbatan.

    Fu'aad shukir ajajaoota waraanaa Hezbollaa keessaa tokko yoo ta'u, Ismaa'el Haniyyaa osoo hin ajjeefamin sa'aatii muraasa dura haleellaa Israa'elin ajjeefame.

    Ambaasaaddarri Israa'el kun Fu'aad Shukir dhiiga nama nagaa heddutti harkasaarra jira jechuun ibsan. Keessumaa Garren Goolan irratti haleellaa rokkeettii ijoollee 12 ajjeesef itti gaafatamaan qondaala Hezbollaa ajjeefame kana akka ta'e eerun kanaan duras Libaanos keessatti loltoota US heddu ajjeesisuu isaa ibsan.

    Bara 1983 loltoota humna galaanaa US magaala Beerut keessa turan irratti haleella gaggeeffameen loltoonni US 241 ajjeefamanii ture. Kana qindeessuu keessatti qondaalli Hamaas ajjeefame shoora guddaa taphachuu himan qondaalli Israa'el kun.

    Iraan Israa'el lafarraa balleessuf raftee hin bultu jechuun Mana Maree Nageentaa UNtti himan.