Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse jette Yukireen

Taateen kuni suluula Kiriimiyaa keessatti mudachuutu gabaafame. Dooniin kuni dooniiwwan Raashiyaa afur bakkichaatii misaa’elaa furguggisan keessaa tokko jedhameera.

Guduunfaa

  • Sodaa waraanaan biyyoonni lammiileen isaanii atattamaan Libaanosii akka bahan dhaaman
  • Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan
  • WBO'n mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti hin jiru jedhe
  • Doonii waraanaa Raashiyaa bishaan jala deemu rukuteen dhidhimse - Yukireen
  • Dorgommii Olompikii Paaris atileetonni Itoophiyaa itti eegaman itti fufeera
  • Taphoota liigii duraan Liivarpuul Yunaayitidiin, Siitiin immoo Chelsii injifatan
  • Haleellaan al-Shabaabiin 37 erga ajjeefaman booda Somaaliyaan qondaalota nageenyaa hiite
  • Ajjeechaa hogganaa Hamaas booda Iraaniifi Israa'el walitti dhaadatan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tamsaasi kallattii xumurame.

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo Wiixata galgalaa xumurame.

    Kibxata ganama walitti deebina.

    Halkan gaarii!

  2. Amma nu gahe, Paarlaamaan Itoophiyaa walgahii atattamaa waame

    Miseensonni Paarlaamaa akka qaamaan dhihaatanii gabaasa godhan ergaan darbeera

    Madda suuraa, HoPR

    Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni Paarlaamaa akka qaamaan dhihaatanii gabaasa godhan ergaan darbeera

    Paarlaamaan Itoophiyaa ALI Guyyaa Roobii Adoolessa 24 walgahii atattamaa waamuu beeksiseera.

    Yeroo ammaa Manni Maree Bakka Bu’oota Itoophiyaa boqonnaarra osoo jiruuti walgahiin kuni kan waamame.

    Akkaataa qajeelfama qaama seera tumuun, dhimmi ariifachiisaa gaafa qunname miseensonni boqonnaarra jiraatanis walgahii atattamaa ni waamamu.

    Haa ta’u malee, dhimmi atattamaa walgahiin kuni itti waamameef manni marichaa hin ibsine.

  3. Namicha Tiraampitti dhukaase daqiiqaa 90 dura poolisiin argee ture jedhame

    Haleellaa raawwateen Donaadl Tiraamp xiqqumaaf lubbuuf hafan jedhaniiru xiinxaltoonni

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa raawwateen Donaadl Tiraamp xiqqumaaf lubbuuf hafan jedhaniiru xiinxaltoonni

    Namichi qawwee hidhatee Tiraampitti dhukaase haleellaan raawwatuu 90 dursee poolisiin argee akka ture ergaan barreeffamaa poolisoonni walii ergan agarsiise.

    Namicha dhukaase jechuunis Tomaas Maatiw Kiruukis teessumarra taa’ee erga argan booda shakkuun waahillan isaanii gurra buusanii turan.

    Ammoo tarkaanfiin fudhatan yoo jiraate ammatti hin beekamne.

    Ergaan Niiw Yoork Taayimsiifi ABC News argatan kuni qeeqa qaamolee nageenyaarratti dhihaachaa jiru kan cimsudha.

    Haleellaa Adoolessa 13 raawwateen namni tokko du’ee sadiimmoo mada’aniiru.

    Namichi dhukaases ajjeefameera.

    Pirezidantiin duraanii Donaald Tiraampis gurra isaanii keessa rasaasni dhahee miidheera.

    Eegasii hooggantuun eegdota Pirezidantii US Sekireet Sarvis jedhaman aangoorraa ka’aniiru.

  4. Haati intalli akka heerumtu dirqisiisan hidhaa seenan

    Aadde Sakiinaa Muhaammad Jaan bara 2020 to'ataman

    Madda suuraa, Australian Federal Police

    Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Sakiinaa Muhaammad Jaan bara 2020 to'ataman

    Taateen kuni Awustiraaliyaatti ta’e, yeroo jalqabaafis mudate.

    Seera gaa’illi dirqiin akka raawwatu taasisuun murtee yeroo jalqabaaf dhagahameen harmeen ganna 40 keessa jiran yakkamaa ta’aniiru.

    Harmeen kuni intalli isaanii Ruqiyaa Hadaari jedhamtu dargaggeessa ganna 26 Mohaammad Ali Haliimi jedhamutti dirqiin heerumsiisan.

    Kanaafis immoo maallaqa xiqqoo argatan. Garuu himannaa irratti baname hin fudhanne.

    Torban jaha booda garuu Halimiin haadha warraa isaa kana ajjeese. Yeroo ammaa hidhaa umrii guutuu itti murtaa’eera.

    Guyyaa Wiixataa manni murtii dhiibbaa haati intala isaaniirratti taasisaniin yoo xiqqaate waggaa tokkof mana hidhaa akka turan murtesseera.

  5. Qopheessitoonni Olompikii Paaris Kiristaanota mufatan dhiifama gaafatan

    Fakkii waaqa tolfamaa Giriikii Diyoonisas

    Baniinsa Olompikii Paaris irratti qopheessitoonni sagantaa baniinsaa dhiyeessan taatee agarsiisa Kiristaanota mufachiise dhiyeessuu isaaniin dhiifama gaafatan.

    Sagantaa baniinsaa irratti agarsiisawwan dhiyaatan keessaa wantoota faallaa Macaafa Qulqulluu ta'an dhiyeessan jedhamuuni kan komiin irratti ka'e.

    Macaafa Qulqulluu keessatti Yesuus Kiristoos bartootasaa 12 wajjin maadditti dhiyaachuu kan agarsiisu saganticharratti kan dhiyaate yoo ta'u, faallaa bartoonni Yesuus Kiristoos 12 dhiirota turan dubartootaafi namoota saalaasaanii jijjiirrataniin bakka buufamanii dhiyaachun komii Kiristaanonni kaasan keessayi.

    Bataskaanni Kaatolikii Faransaayi, agarsiifni sirna baniinsa Olompikiirratti dhiyaate "Kiristaanummaarratti qoosudha" jechuuni kan komii dhiyeessite.

    Jarraa 15ffaa keessa Liyonaardooo Daavinchii fakkii beekamaa Yesuus Kiristoos osoo hin fannifamin dura guyyaa dhumaaf bartoota isaa kudha lamman wajjiin osoo maaddiitti dhiyaatee jiruu agarsiisu kaase.

    Bartoonni Yesuus Kiristoos kudha lammanuu dhiirota akka ta'an Macaafa Qulqulluu ibsameera.

    Haa ta'u garuu, sagantaa baniinsa Olompikiirratti agarsiisi dhiyaate bartoonni kudha lamman dhiirota osoo hin taane, dubartootafi namoota saala jijjiirrataniidha.

    Kuni ammoo ammoo hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti mufii kaafnan qopheessitoonni sagantichaa dhiifama gaafatan.

    Dhaabbanni telekoomii US, C Spire jedhamu baniinsa sagantichaarratti guyyaa dhumaa Yesuus Kiristoos bartootasaa wajjin irbaatatti dhiyaatetti qoosamuusaatti gadduun beeksisa waa'ee Olompikiirratti hojjatu keessaa of baasuu beeksise.

    Wantoota sagantaa baniinsa Olompikii Paaris irratti dhiyaachun Kiristaanota mufachiisan keessaa tokko agarsiisni waaqa tolfamaa durii Giriikii Diyoonisas jedhamu dhiyaachudha.

    Namoota agarsiisicha morman

    Madda suuraa, Getty Images

  6. Kaabineen Israa'el Hezbollaarratti haleellaan haaloo bahuu akka gaggeeffamu raggaasise

    Maatii namni jalaa du#e

    Madda suuraa, Reuters

    Kaabineen nageenyaa Israa'el mootummaan Beeniyaamin Netaaniyaahuu Hezbollaa irratti haleellaa akka gaggeessuf raggaasise.

    Kaabineen nageenyaa biyyattii wal-gahii taa'eni Ministirri Muummee Netaaniyaahufi Ministiirri Ittisaa yoomifi akkamitti akka haleellaa gaggeessan akka murteessaniif kan raggaasise.

    Haleellaa rokkeettii Hezbollaatu raawwate jedhameen kaaba Israa'elitti daa'imman 12 ajjeefamuu hordofeeti kaabineen nageenyaa Israa'el wal-gahii hatattamaa taa'un tarkaanfin haaloo bahuu Hezbollaa irratti akka gaggeeffamu kan murteesse.

    Israa'el haleellaa rokkeettii lammiileeshee 12 galaafateef Hezbollaatti quba qabdus, Hezbollaan garuu ni waakkata.

    Haleellaa kaaba Israa'el Gaarren Goolan irratti raawwate kana hordofee Israa'elifi Hezbollaan waraana guututti seenuu danda'u kan jedhu sodaa cimaa uumera.

    Michoota Israa'el dabalatee biyyoonni hedduu gareen lachuu waraana guututti akka hin seenne waamicha gochaa jiru.

    Miidiyaalen Libaanos akka gabaasanitti haleellaa dirooniii Israa'el har'a magaala Shaqraa jedhamutti gaggeessiteen namoonni lama du'aniiru.

    Namoonni du'an lachuu loltootasaa akka ta'an Hezbollaan ibseera.

    Gama biroon ammoo Israa'el tarkaanfii haaloo bahannaa cimaa Hezbollaa irratti gaggeessu dandeessi sodaa jedhuun daandiwwan qilleensaa heddu balalii gara Libaanositti taasisan addaan kutaniiru.

  7. Ameerikaan sirni gabaa jijjiirraa maallaqaa haaraan Itoophiyaaf ''tarkaanfii sirriidha'' jette

    Asxaa Imbasii US

    Madda suuraa, US EMBASSY

    Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru erga Itoophiyaan sirni jijjiirraa sharafa alaa haala gabaa irratti hundaa'e hojiirra oolchuue egaltee dhimma kana ilaalchisuun ibsa baaseen kana jedhe.

    Sirna maallaqaa Wiixata har'aa (Adoolessa 29, 2024) hojiirra ooluu eegale kana eeruun ibsa kan baase imbaasichi, sirni jijjiirraa maallaqaa alaa akkanaan kun ''rakkisaa'' ta'uus ibseera.

    Haata'u malee goolama diinagdeen biyyattii keessa seeneef furmaata kaa'uuf tarkaanfii barbaachisaadha jedhe.

    Tarkaanfii mootummaan fudhate kanaaf deeggarsa qabus ibseera.

    Mootummaan Itoophiyaa lammiilee biyyattii gargaaruuf imaammatoota fooyya'iinsa diinagdee hojiirra oolchu, akkasumas biyyattiin ''gara diinagdee bilisaa fi cimaa ta'eetti'' akka ceetu gochuuf hojii hojjetu Ameerikaan akka jajjabeessitu ibsa kana keessatti eerameera.

  8. Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa jaarmiyaalee maallaqaa idiladdunyaafi michootarraa doolaara biiliyoona 13.5 argachuu beeksise

    Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Miratuu

    Madda suuraa, NATIONAL BANK OF ETHIOPIA

    Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Miratuu

    Immammataa diinagdee sirni jijjiirraa sharafa alaa haala gabaa jiru irratti akka hundaa'u jajjabeessu kan Itoophiyaan har'a hojiirra oolchuu eegalte fi labsiiwwan diinagdeen fooyyeffaman biroo hojiirra oolchuuf kan oolu doolaara biiliyoona 13.5 argachuu Baankiin Biyyaalessaa beeksise.

    Maallaqi baankichi karaa deeggarsaa fi filannoowwan biroon argamuu ibse kun jaarmiyaalee maallaqaa idiladdunyaa fi biyyoota michoota Itoophiyaa ta'anirraati kan argame.

    Kana keessaa deeggarsi maallaqaa doolaara biiliyoona 10.7 ta'u Jaamriyaa Maallaqaa Idiladdunyaa- IMF, Baankii Addunyaa fi liqeessitoota irraa argamuu ibsan Hoogganaan Baankii Biyyaleessaa Maammoo Miratuu.

    Bulchaan baankichaa kana kan ibsan Wiixataa har'aa ganama (Adoolessa 29, 2024) seera jijjiirraa sharafa alaa fooyyessuuf ba'e irratti ibsa kennaniin ture.

    Sababa mootummaan seera fooyya'iinsa diinagdee kana hojiirra oolchuu eegaleen ''baasiiwwan yeroo ce'umsaa'' dabalataan mudachuu akka danda'an, akkasumas sirni jijjiirraa sharafa alaa haaraan ''dhiibbaan uumuu danda'an'' akka jiran Obbo Miratuun ibsa isaanii keessatti eeraniiru.

    Haata'u malee dhiibbaawwan uumamuu malan kunneen hir'isuuf kan oolu maallaqa doolaara biiliyoona 10.7 ta'u michoota alaarraa argachuu ibsaniiru.

    Kun ''deeggarsa guddaa'' akka ta'es ibsan.

    ''Maallaqi deeggarsaa Jaarmiyaa Maallaqaa Idiladdunyaa, Baankii Addunyaa fi liqeessitoota irraa argamu kun rifoormii haaraa kanaan kan walqabatuudha,'' jechuun maallaqa argame kanaan ''deeggarsa'' jedhanii kan waaman Obbo Maammoon madda maallaqa kanaas haala kanaan ibsaniiru.

    Dabalataan biyyoota michuuwwan Itoophiyaa ta'an irraa maallaqi doolaara biiliyoona 2.8 ta'u argamuu Obbo Maammoon ibsaniiru.

    Maallaqi kun kan argame ''kuufama maallaqa baankii giddugaleessaa (central bank diposite) fi mala wal jijjiirraa maallaqaa biyyoota gidduutti taasifamu (currency swap) jedhamuun argame,'' jedhan.

    Hoogganaan kun maallaqi haala kanaan argame biyyoota kamfaarraa akka argame ibsuu baatanis, torbee lama dura Itoophiyaa fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) waliigaltee maallaqa wal jijjiiruu mallatteessanii turan.

    Obbo Maammoon ibsa har'a kennan keessatti karaan maallaqi ittiin argamu filannoowwan biroon jiraachuus waan akeeku eeraniiru.

  9. Naannoo Sidaamaatti sigiga lafaa biraa mudateen lubbuun namoota jahaa darbe

    Sidaamaatti balaa sigiga lafaa mudachuun namoonni jaha du'an

    Madda suuraa, Fuula Feesbuukii naannoo Sidaamaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Sidaamaatti balaa sigiga lafaa mudachuun namoonni jaha du'an

    Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Sidaamaa akka jedhetti sababa bokkaa jabaa roobeef Godina Gidduugala Sidaamaa, aanaa Waanshoo jedhamtu keessatti balaan sigiga lafaa mudachuun namoonni jaha yoo du’an, namoonni jaha biraa ammoo miidhamaniiru.

    Bulchiinsi godinichaa yeroo balaan kun dhaqqabe irraa jalqabuun miidhamtootaaf deeggarsa akka kennamu gochaa jira.

    Dabalataan balaan biraa gahuun miidhaan akka uummatara hin geenyeef hojjechaa jiraachuus himeera.

    Balaan biraa dhaqqabuu waan danda’uuf uummanni of eeggachuu akka qbaus dhaamaniiru.

    Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti balaan sigiga lafaa mudachuun Lubbuun nama tokkoo yoo darbu nama lama irra miidhaan qaqqabeera jedhe waajiri komunikeeshinii aanichaa.

    Oromiyaa keessaa godina Jimmaa aanolee adda addaa keessatti sigigi lafaa mudachuu torban darbe keessas gabaafameera.

  10. Baankiin Daldala Itoophiyaa gatii bittaa fi gurgurtaa Doolaaraa irratti daballii Birrii 17 taasise

  11. Itoophiyaan gatiin sharafa alaa akkaataa gabaa jiruun akka murtaa’u labsite

  12. Ashamaa! Tamsaasa kallattii eegalleerra

    Tamsaasa kallattii kunoo jalqabneerra. Odeessaalee biyya keessaa fi alaa asirraan argattu. Nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii

  13. 'Agarsiistuuwwan hundinuu' haleellaa rookeetii Hizboollaan raawwachuu mul'isu- US

    Antonii Bilinken

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri haajaa alaa US Antonii Bilinken 'agarsiistuuwwan hundinuu' haleellaa rookeetii Goolan Haaayit (Golan Heights) keessatti raawwate Hizboollaan dhukaasuu mul'isu jedhan.

    US mirgi haleellaa ofirraa qolachuu Israa'el akka kabajamu gochuuf waan hundaan tumsiti jedhan qondaalli kun.

    Gaazaa keessatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu daangaa Israa'el fi Lebaanan gidduuttis nagaa buusuuf carraa guddaadha jedhan Bilinken.

    Yeroo ammaa Ameerikaan rakkoo mudaterratti Israa'el waliin dubbataa jiraachuu kan eeran qondaalli kun, biyyisaanii babal'achuu waraana kanaa akka hin barbaanne ibsan.

    Daawwannaaf Ameerikaa kan turan Ministirrii Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaaniyaahuu ammoo gara biyyaa deebi'aniiru.

    Hoji maneen isaanii itti aanu haala nageenyi irra jiru sakatta'uu fi Kaabinoota dhimma nageenyaa waliin mari'achuudha jedha ibsa waajjira isaaniitii bahe.

    Neetaaniyaahuun wayita US turan Pirezidant Joo Baayiden fi itti aantu Kamaalaa Haariis arganii waliin dubbataniiru.

    Neetaaniyaahuu fi Baayiden tattaaffii waliigaltee dhukaasa dhaabuu milkeessuuf taasifamurratti mari'ataniiru.

  14. Uummanni kaleessa Israa'eliitti rookeetiidhaan haleelaman- Druze eenyu?

    Haleellaa Majdal Shams keessatti raawwateen daa'imman fi ijoollee dhumaniif sirni awwaalchaa raawwate

    Madda suuraa, Reuters

    Kaleessa haleellaan rookeetii balaafamaan magaalaa Druze kan Majdal Shams keessatti argamtutti raawwate.

    Druze uummata garee amantii fi gosaan gurmaa'uun Kaaba Israa'e, Lebaanan, Jordaan fi Siiriyaa keessa jiraataniidha.

    Kanneen Israa'el keessa jiraatan lammummaa guutuu qabu, baayyinni isaanii baayyina uummata Israa'el keessaa dhibbeentaa 1.5 ta'a.

    Kanneen Goolan keessa jiraatan wayita bara 1981 naannoon kun Siiriyaa irraa fottoqfamte lammummaan Israa'el kennameef, garuu hundisaanii tole jedhanii hin fudhanne.

    Uummanni Druze Israa'el keessa jiran barachuu fi hojjechuuf mirga qabu. Garuu filachuu kan danda'an warra lammummaa qaban qofa.

    Dhiironni Druze humna waraanaa keessa tajaajiluufis dirqama qabu.

    Humna waraanaa Israa'el keessatti Jewisshiin alatti baayyina kan qaban isaani.

    Irra jireessi hawaasa addunyaa Israa'el Goolan Haayit (Golan Heights) Siiriyaa irraa fottoqfachuutti walii hin galan.

  15. Hezbollaan Israa'el haleeluu hordofee humni qilleensa Israa'el Libaanos haleele

    Israa'el haleellaa haaloo bahu buufata Hezboollaarratti raawwatte

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el haleellaa haaloo bahu buufata Hezboollaarratti raawwatte

    Hezbollaan Israa'el irratti haleellaa rokkeettii gaggeessen ijoollee 12 ajjeessuu hordofee Israa'el Hezbollaarratti haleellaa qilleensarraa gaggeessite.

    Humni qilleensaa Israa'el akka beeksisetti haleellawwan qilleensarraa kan gaggeeffaman buufataalee waraanaa Hezbollaa Libaanos keessatti argamu irratti.

    Haleellaa Gaaren Goolan magaala Diruuz jedhamtutti ijoollee kubbaa miilaa taphatan irratti gaggeeffameef Israa'el garee Hezbollaa Libaanos keessa jirutti quba qabde. Garichi garuu namoota nagaa kana ajjeesuu keessaa qooda akka hin qabne waakkate.

    Humni Waraana Israa'el har'a ganama akka beeksisetti daangaa Libaanos bakkeewwan buufataalee humna Hezboolaa torba irratti haleellaa qilleensarraa raawwareera.

    Waraanni Israa'elifi Hamaas gidduutti eegalee Hezboollan michuusaa Hamaas irra goruun Israa'el wajjin walitti dhukaasaa turan.

    Walitti haa dhukaasan malee gareen lachuu gara waraana guututti hin galle.

    Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 gaggeessee as guyyaa tokkotti lammiilen Israa'e 12 du'uun kun isa jalqabaati. Kuni ammoo Israa'elifi Hamaas gara waraana guututti galuu danda'u kan jedhu sodaa uumera.

    Haleellaa Sambata kaleessaa Gaarren Goolaan irratti gaggeeffame booda ministiirri muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Hezbollaan gatii guddaa akka baasu dhaadatan.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Israa'elis ta'ee Hezbollaan haala jiru akka qabbaneessaniif waamicha dhiyeesse.

  16. Olompikiirratti Kooriyaan Kibbaa dogoggoraan Kooriyaa Kaabaa jedhamtee beeksifamte

    Jila atileetotaa Kooriyaa Kibbaa Olompikii Paaris 2024 irratti

    Madda suuraa, Reuters

    Qindeessitoonni Olompikii 2024 sirna baniinsaa Paarisitti adeemsifamerratti atileetota Kooriyaa Kibbaa dogoggoraan Kooriyaa Kaabaa jechuun beeksisan booda ''dhiifama guddaa'' gaafatan.

    Gareen/jilli atileetotaa Kooriyaa Kibbaa gammachuu guddaan alaabaa mirmirsaa yeroo Laga Bishaan Seen irraa bidiruudhaan achii as bahanitti, warri afaan Faransaayiifi Ingilizii beeksisaa turan lamaan isaaniiyyuu garee Kooriyaa Kibbaa jechuun osoo isaanirri jiruu ‘Kooriyaa Kaabaa’ ittiin jedhan.

    Kun kan ta’e osoo alaabaa Kooriyaa Kibbaa mirmirsaa jiraniiti. Akkuma beekamu biyyoonni lamaan kunneen masaanota olla walii jiranidha.

    Kooriyaan lamaan erga Waraanni Addunyaa Lammaffaa xumuramee as kan qoqqoodaman yoo ta’u, yeroo dhiyoo asitti waldhabdeen mootummoota gidduu jiru daran hammaataa dhufeera.

    Warri kallattiin afaan lamaaniin beeksisaa jiran haa dogogoraniyyu malee, tamsaasa televijiinii turerratti ammoo mata-dureen sirriitti barreeffameera.

    Ministeerri ispoortii Kooriyaa Kibbaa badii nama qaanessu kanaan walqabatee ''sadarkaa mootummaa Faransaayitti komii cimaa'' dhiyeessuuf karoorfachuu ibseera.

  17. Amma nu gahe, Haleellaa rookkettii Golaan-Israa'el to'aturratti raawwatameen namoonni 11 du'an - gabaasa

    Nama strechariin baatame

    Madda suuraa, EPA

    Haleellaa dirree kubbaa miilaa Israa’eliin to'atamu Golaan Heeyitis [Gaarreen Golaan] keessatti halellaa raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 11 du’uufi 19 madaa'u miidiyaaleen Israa’el gabaasan.

    Raayyaan Ittisa Israa’el akka jedhetti, rookketiin naannoo daangaa Majdal Shams jedhamutti kufe.

    Namoonni lubbuun isaanii darbe irra caalaan daa'immaniifi dargaggoota ta'uun akka hin ollee amanama.

    Waraanni Israa'el (IDF) haleellaa kanaaf Hezboollaah kan himate yoo ta'u, garuu dubbii himaan Hezboollaa, Mohamad Afiif “taatee Majdel Shams waliin hariiroo hin qabnu” jechuun haaleera.

    IDF haleellaa kanaaf Hezboollaah komatee garuu dubbi-himaan Hezboollaah Mohamad Afif ''taatee Majdal Shams waliin hariiroo akka hin qabne'' haaleera.

    "Himannaan [hirmaannaa garee kanaa] hunduu sobaha”.

    Waraanni Israa’elii fi Hezboollaan erga waraanni Israa’el fi Hamaas jidduutti Onkoloolessa 2023 jalqabee kaasee dhukaasa daangaa qaxxaamuran wal jijjiiraa jiru.

    Viidiyoon akka mirkanneessetti, namoonni hedduu dirree kubbaa miilaa jiraachuufi istireechariidhaan namoota baatanii gara ambulaansiitiin wayita fiigan agarsiisa.

    Majdal Shams gandoota afur Gaarreen Golaan keessa jiran keessaa tokko yoo ta'u, ummanni Druze jedhaman gara 25,000 ta'an keessa jiraatu.

    Ummanni Druze kun bara 1981tti yeroo Gaarreen Golaan Sooriyaa irraa fudhatamu carraan lammii Isra'el ta'uu kennameefiif, isaan garuu fudhachuu didan.

    Ummanni kun Israa'el keessatti barachuufi hojjechuu ni danda'u, garuu sagalee kennuu hin danda'an.

  18. Dirooniin garee masaanuu basaasuu isaaniitiif gareen Kanaadaa adabame

    Garee kubbaa miilaa dubartootaa Kanaadaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Gareen kubbaa miilaa dubartootaa Kaanaadaa, Olompikii Paaris 2024 irratti hirmaachaa jiran diroonii erganii garee masaanuusaanii waan basaasaniif adabamanii, leenjisuun garee kanaa Beev Piriistimaan wagga tokkoof hojiirraa dhorkamte.

    Gareen kubbaa miilaa dubartootaa Kanaadaa kun qabxii ja’a irraa kutuun adabaman.

    Gareen Kanaadaa kun diroonii bakka dirree gareen masaanuu ittiin morkatan shaakalaa jiranitti erguudhaan ture kan basaasan.

    FIFAn, adabbii maallaqa £175,720 dablatee garee Kanaadaa kanarratti darbe kan kan beeksise, erga leenjistuun garee kanaa dhalattuu Ingilaand taate Piriistimaan ari’amtee guyyaa tokkoon boodadha.

    Aanga’oonni Waldaan Kubbaa Miilaa Kanaadaa (CSA) Jooseef Lambaardiifi Jaasmiin Maander akkuma kana wagga tokkoof hojiirraa dhorkamaniiru.

    FIFAn ibsa baaseen CSAn naamusuma mataasaa “cabseera” jedhe.

  19. Neetaaniyaahuun Israa'el walgahii dhukaasa dhaabbu Gaazaarratti ni hirmaatti jedhe

    Tiraampiif Neetaaniyaahuu

    Benijaamin Netaaniyaahuun marii waraana Israa’el Hamaas waliin gaggeessitu dhaabuudhaaf kaayyeffaterratti hirmaachuuf jila gara Roomaa akka ergu ibse.

    Yaada Kamlaa Heriis waa’ee waraanaa Gaazaa keessatti gaggeeffamaa jiru ilaalchiisuun kenniterratti kaayyeffataniiru.

    Ministirri Mummee Israa’el kana kan dubbatan Jimaata darbe daawwannaa Filooriidaatti argamu Mar-a-Lago estate keessatti Doonaald Tiraamp waliin taasisaniin yoo ta’u, kunis tattaaffii dhukaasa dhaabuurratti Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan fi pirezidaantii itti-aantuu Aadde Kaamlaa Heriis waliin Waashingitanitti erga mari’atanii guyyaa tokkoon boodadha.

    Bulchiinsi Baayidan Israa'elii fi US dhimmicharratti ''qaawwa'' jiran cufaa jiru jedheera.

    Aadde Kaamlaan, kaadhimamtuu pirezidaantii Dimookiraatotaa ta'uun ishee tilmaamamu garuu, paartileen hundi waliigalteerra akka gahaniif gaafataniif, ''balaa'' fi ''rakkina'' lammiilee nagaa Gaazaan mudate'' callisaaan hin darbu'' jechuun dubbatan.

    "Waraanni kun haala Israa'el nageenya qabduun xumuramee, namoonni booji'aman hundi gadi lakkifamanii, gidiraan Filisxeemoota Gaazaa keessa jiran xumuramuu, ummanni Filisxeemis mirga bilisummaa, kabajaa fi hiree murteeffannaa isaa itti fayyadamuu danda'uun yeroon isaa ammadha, " jedhan Aadde Haaris.

    Mr Netaaniyaahuun Tiraamp waliin erga wal arganii booda, Israa'el mariisistoota tarii ''jalqaba torbee kanaa irratti'' mariidhaaf gara Roomitti akka ergitu dubbataniiru.

    Tattaaffii dhukaasa dhaabuu irratti ''sochii tokko tokko'' jiru sababii, ''dhiibbaa waraanaa nuti gooneen'' jechuun dubbatan.

    Haata'u malee, ''hamma Hamaas Israa'elii fi Ameerikaa gidduutti ifa guyyaa akka hin jirre hubatutti, waliigaltee kana saffisiisa jedheen yaada,'' jedheera. "Yaadni [Haariis] sunis kana akka hin jijjiirre abdiin qaba."

  20. Mormituun Yugaandaa kutaa poolisii keessatti miidhaa saalaa irra gahe - Abukaatoo

    Yugaandaatti mormitoonni farra malaamaltummaa 90 torban kana hidhaman

    Madda suuraa, Reuters

    Aktiivistiin lammii Yugaandaa, namoota torban kana hiriira dhorkamerratti hirmaachuu isaaniitiin hidhaman hedduu keessaa tokko yoo ta'u, mana hidhaa keessatti miidhaa saalaa irra gahuu abukaatoon isaa beeksiseera.

    Mormii farra-malaammaltummaa magaalaa guddoo biyyattii Kaampaalaa keessatti gaggeefame hordofuun, dargaggoonni 90 ol to’annoo jala oolaniiru.

    Namoota hidhaa kanarraa gadhiifaman tokko tokkos kutaa poolisii keessa osoo jiranuu miidhaa saalaa irra ga'uu isaanii himuun qeequmsa bal'aa kaasuun isaa ni yaadatama.

    Haata'u malee, poolisiin himannaa kana haaleera.

    Hiriirri farra-malaammaltummaa Kaampaalaa keessatti guyyoota lamaaf Kibxataafi Kamisa darbe kan itti fufe yoo ta'u, mormitoonni kun ''ibiddaan taphachaa jirtuu'' jechuun pirezidaant Yoweerii Museveenii akeekkachiisuun isaanii ni yaadatama.

    Mormitoonni kunneenis hiriira farra gibiraa tibbana Keeniyaa kaka'uudhaan, af-yaa’iin paarlaamaa malaammaltummaan himatamte aangoo akka gadhiisan gaafachaa yoo ta'u, isheen garee himannicha haaltee jirti.

    Garuu poolisiin hiriira Yugaandaa dafee dhaabsisee, dargaggoota aktivistoota hedduufi dhiyeessaa TV beekamaa dabalatee, konkolaattota duubairratti fe’umsaa to'ate.

    Gariin mormitootaa himannaan adda addaa kan irratti baname yoo ta'u, garuu kanneen lakkoofsi isaanii hin beekamne ammoo to'annaa poolisii jala akka jiran miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Abukaatoon Eron Kiiza, himata miidhaa saalaa maamiltoonni isaanii mudatan eeruun akka jedhanitti, namoonni akkasitti kutaa poolisii keessatti haleellaan saal-qquunnamtii irratti raawwatamuun waan barame miti jedhan.

    "Battaluma hidhamee sanatti saalqunnamtiin irratti raawwate," jechuun BBC'tti himeera.

    Imbaasiin Ameerikaa Kaampaalaatti argamu ibsa baaseen, “Himannaan namoota hidhaa keessatti haleellaa saal-quunnamtii irra gahe jedhamu kamiyyuu qoratamee yakkamtoonni akka itti gaafataman gaafanna” jedheera.