'US weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi - Pirezidantii Iraan

Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan US"weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi jedhan. Pirezidantiin Iraan kana kan jedhan haasaa bilbilaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon waliin taasisaniinidha. ''Miidhaa hangam akka gahe sakatta'insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta'insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,'' jedhan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan har'a ganama miisaa'eelota 30 gara Israa'eliitti dhukaasuu IDF beeksiise

    Haleellaan Iraan Israa'el keessatti mudate

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa Iraaniifi Irsaa'el kan har'a guyyaa shanaffaa isaa qabateen biyyoonni lamaan misaa'el walitti dhukaasuun dhagahameera.

    Iraan har'a ganama jidduugala Israa'el keessatti misaa'eloota 30 dhukaasu ishee waraanni Israa'el (IDF) beeksiiseera.

    Akkasumas Teel Aviivii fi Yerusaalem keessattis dhohiinsi cimaan dhagahameera.

    Waraanichi misaa'eloonni irra caalaan kan fashaleeffaman yoo ta'u muraasi garuu miidhaa qaqqabsiisuusaanii ibseera.

    Hojjattoonni balaa ibiddaa suluula Heerziliiyaa kan Teelaa Aviiviin gara Kaabaatti argamutti atobisoota ibiddaan gubatan yoo dhaamsan mul'ataniiru.

  2. Amma nu gahe, 'Dhukaasa dhaabuutiin oliidha wanti nuti hojjataa jirru' jedhu Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waan dubbatan dabalataan reefu dhageenyeerra. Tiraamp haasaa kana kan taasisan 'Air Force One' irratti yeroo gaazexeessitoota dubbatan turan.

    Tiraamp dhukaasa dhaabuu akka hin barbaannu dubbachuu garuu, ''waan dhukaasa dhaabuutiin ol ta'e biraa ilaalaa jirra'' jedhan.

    Dhukaasa dhaabuu caalaa maaltu ta'u danda'a jedhamuun wayita gaafatamaniitti akkas jedhan: "Dhugaadhumatti akka dhaabbatu. Dhukaasa dhaabuu miti. Xumuradha."

    Tiraamp kan hojjetaa jiran dhukaasa dhaabuu caala yoo jedhan maal jechuusaaniiti?

    Xiyyaara Air Force One jedhamuun erga Kanaadaadhaa ba’anii deebi’anii gaazexeessitootatti dubbataniiru.

    Kora G7 adda kutanii kan gara Waayit Haawus deebi’aniif marii dhukaasa dhaabuu Iraan fi Israa’el gidduutti tolchuuf akka hin taane cimsanii dubbatan Tiraamp.

    Kan hojjetaa jiran kanaa ol ta’uu ibsu. Bu’aa ‘’dhukaasa dhaabuu’’ caalu akka barbaadan dubbatan.

    Kana jechuun maal akka ta’e wayita gaafataman ammas sirriitti hin ibsine.

    ‘’Xumura isa dhugaa. Kan Iraan guutummaatti harka kennuu of keessatti hammatu,’’ jedhan.

    Tiraamp Iraan guutummaatti sagantaa nukilaraa ishee akka dhaabdu itti cichanii dhiibbaa uumaa jiru.

    Kun ammoo ammas mariidhaan xumuruu gaafata, Tiraamp garuu ‘’amma miira mari’achuu keessa hin jiru,’’ jedhan.

    Iraan waanan dhiheesseef irratti waliigaluu qabdu jedhu Tiraamp.

    Tiraamp yeroo ammaa gara Waayit Haawus deebi’uun mana maree nageenya biyyaalessaa waliin mariitti jiru.

  3. Waajirri basaasaa Irsaa'el Mosaad Iraaniin haleelame

    Gamoo haleelame

    Madda suuraa, Getty Images

    Miidiyaan mootummaa Iraan Taasniim suuraalee waajirri basaasaa mummee Israael Mosaad haleelamuu agarsiisu maxxansaa jira.

    Taasniim loltoota Revolutionary Guard Corps eeruun waajjirri Moosaad misaayelota Iraaniin haleelame jedhe.

    ''Loltoonni humna qilleensaa IRGC Aerospace Force Israa'el sirna ittisaa ammayyaa fi jabaa otoo qabduu oppireeshinii dhiibbaa qaqqabsiisuun waajira basaasaa biyyattii haleele, '' jedhan.

    Israa'el haleellaa Mosaad irratti raawwate jedhameef deebii hin kennine, dhorkaan mootummaa jira taanaan miidiyaaleen Israa'el keessa jiran iddoowwan irratti qiyyaafatame hin gabaafaman jechuu dha

  4. Suuraaleen haleellaa Iraan raawwatteen booda Israa'el keessatti miidhaa gahe agarsiisan

    Atobisii gubate

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Iraan ganama har'aa waraanni Israa'el gabaase hordofee amma suuraalee miidhaa giddu galeessa Israa'el keessatti mudate argachaa jirra.

    Waraannis Iraan misaa'eloota 30 gara biyyattiitti dhukaasuufi irra caalaan isaanii addaan kutamusaanii hikanii ture.

    Namoonni balaa ibiddaa ittisan ammoo naannoo boolla Herzliyaa, kan kaaba Teel Aviiv keessatti argamutti otoobisoota gubatan irraa wayita ibidda dhaamsan mul'atu.

    Hojjattoota balaa ibiddaa

    Madda suuraa, Reuters

    Atobosii gubate

    Madda suuraa, Reuters

  5. Waraanni Israa'el ''ajajaa olaanaa yeroo waraanaa'' Iraan haaraa muudame ajjeesuu hime

    ajajaa olaanaa waraana Iraan  har'a Israa'eliin ajjeeffame

    Madda suuraa, EPA

    Humni waraanaa Israa'el ajajaa olaanaa waraana Iraan kan yeroo waraanaa kana keessa haaraa muudame ajjeesuu ibse.

    Alii Shadmaanii ajajaa gameessa waraana Israa'el yoo ta'u erga haleellaan Israa'el eegalee ajajaa olaanaa waraana Iraan ta'uun tajaajilaa ture.

    Qondaalli waraanaa Iraan kun hooggana isa dura ture kan Jimaata darbe ajjeefame booda akka waraana hooggananiif muudame, garuu guyyoota muraasa booda ajjeefame.

    Shadmaniin giddugala karoora waraanaa baasu, kan yeroo haleellaan mudataa jirutti ga'ee olaanaa gumaachutti ajajaa olaanaa ta'uun muudamee ture.

    Giddugalli kun oppireeshinii waloo IRBC fi waraana idilee Iraan kan qindeessudha.

    Erga namni isa dura hoogganaa ture Gholamali Rashid Jimaata darbe ajjeefamee muudame.

    Ajajaan yeroo waraanaa kanatti dirqami itti kenname kun qondaala olaanaa bulchaa biyyattii waliin hariiroo cimaa qabu ture.

    Israa'el haleellaa Jimaata darbe eegalteen ajajoota waraanaa olaanoo fi saayintistoota Iraan hedduu ajjeeste.

    Ammas aanga'oota mootummaa fi waraanaa biyyattiirratti xiyyeeffachuun haleellaa itti fufteetti.

  6. Iraan akka haaraatti Israa'el haleelte, IDF Teehraan keessatti oppireeshinii itti fufe

    Namoota saree isaanii oofaa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Ganama har'aa sagaleen saayiranii daandiiwwan Israa'el irraa dhagahamaa ture, Iraan akka haaraatti misaayeeliin Israa'el haleelaa jirti.

    Qondaalonni Israa'el akka jedhanitti Iraan misaa'eloota 20 ta'an gara Israa'el dhukaasteetti.

    Dhohinsi sagalee guddaa qabu Yeruusaaleemiifi Teel Aviiv keessatti dhagahamaa jira. Israa'el qilleensa irratti of irraa ittisaa kan jirtu yoo tahu, tajaajilli yeroo hatattamaa iddoowwan Israa'el haleelaman qaqqabeera.

    Teehraan keessatti ammoo dhukaasni ittisaa guddaan dhagahameera, Israa'el kaleessa haleellaa TV biyyaalessaa Iraan irratti raawwatteen hojjettoonni sadii ajjeefamaniiru.

    MM Isaraa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu sagantaa misaayelaafi niiwkilaaraa Iraan barbadeessuu himuun tahus humnisaanii yeroo dabalataa barbaada jedhan.

  7. Tiraamp Iraan sagantaa niiwkilaaraashee dhiisuu qabdi jedhe

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Tiraamp waa'ee humna qilleensaa Air Force One gabaastotaatti yeroo dubbatutti sagantaan niiwkilaaraa Iraan isa dhugaa akka ''dhaabbatu'' barbaada jedhe.

    Tiraamp ''dhukaasni akka dhaabbatu nan barbaada'' hin jenne Iraan sagantaa niwkilaaraashee guutummaan guutuutti dhiisuu qabdi jedhe

    Kana malees Tiraamp Israa'el haleellaa amma Iraan irratti raawwataa jirtu ni qabbaneessiti jedhee hin yaadu. ''Guyyoota aanan muraasatti ni bartu, yeroo amma qaamni suuta deemaa jiru hin jiru,'' jedhe.

    Fedhiin Ameerikaa naannoo sanatti yoo itti bu'ame ''Iraan balleessinaa'' jedhe.

  8. Tiraamp dhimma Iraan irratti filannoowwan akkamii qabu?

  9. Kora G7 adda kutee deebi'uun koo 'marii dhukaasa dhaabuu' waliin wal hin qabatu, sanaa oli- Tiraamp

    Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp kora G7 adda kutanii kan ba'aniif ''marii dhukaasa dhaabuu'' Iraan fi Israa'el gidduutti gaggeeffamuuf akka hin taane ibsan.

    Barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaanii- Truth Social jedhamurratti maxxansaniin wanti Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon dubbatan ''dogoggora'' jedhan.

    Pirezidanti Maakroon, Tiraamp gara Waashingitanitti kan deebi'aniif marii dhukaasa dhaabuu eegaluuf akka ta'e dubbatanii turan.

    ''Maaliif akkan gara Waashingitan deebi'e homaa osoo hin beekin dubbate,'' jedhan Tiraamp.

    ''Gauu deebi'uun koo marii dhukaasa dhaabuu waliin wal hin qabatu. Dhimma guddaa sanaa oliiti,'' jedhan.

    Tiraamp maaliif akka kora adda kutanii gara Waashingitan deebi'an sirriitti hin ibsine. Garuu ''Nu faana bu'aa!'' jechuun yaadasaanii xumuran.

    Pirezidant Imaanu'eel Maakroon Wiixata wayita kora G7 irratti dubbatan Pirezidant Tiraamp kora dhiisanii deemuun gaarummaadhaafi jedhan.

    Kaayyoon guddaan marii nagaa Iraan fi Israa'el irratti xiyyeeffachuudha jedhan.

  10. Amma nu gahe, Dhohiinsi guddaan Yerusaalemii fi Teel Aviiv keessatti dhaga'ame

    Iraan Israa'el irratti haleellaa raawwachuu eegaluun dhagahame

    Madda suuraa, EPA

    Haleellaa fi dhohinsi hedduu magaalaa Yerusaalem gubbaadhaa dhaga'aa jira.

    Miiltoowwan gaazexessaa BBC's Teel Aviiv keessa jiranis sagalee wal fakkaatu dhaga'usaanii dubbataniiru.

    Ammaan tana wayita kana gabaasaa jirruutti, guutuu Israa'el keessatti saayireniin dhaga'amaa jira, kunis dhukaasa misaa'ela haaraa Iraan jiraachuu kan agarsiisuudha.

    Haaluma walfakkaatunis, waraanni Israa'eel (DFI) gamasaatiin Iraan Israa'el irratti haleellaa misaa'elaa haaraa banuunshee beeksiseera.

    Iraan dalga misaa'ela haaraa Israa'el irratti furguggifte jechuun Raayyaan Ittisa Israa'el beeksise.

    Sagaleen akeekkachiisa saayirenii haleellaa qilleensaa guutuu biyyattii keessatti dhaga'amaa kan jiru yoo ta'u, IDF jiraattonni Israa'el qajeelfama Ajaja 'Home Front' akka hordofan gaafateera.

  11. Kaameeniin maal gochuu malu?

    Alii Kaameeniin aangawaa olaanaa Iraanidha

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Alii Kaameeniin aangawaa olaanaa Iraanidha

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp karoora Israa’el dursaa amantaa Iraan Ayaatoolaa Ali Kameenii ajjeesuuf yaadde diduutu gabaafame.

    Haa ta’u malee, turtii ABC News waliin Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuu taasisaniin aangawaa olaanaa Iraan kana ajjeesuuf akka karoora qaban dubbatan.

    Kameenii ajjeesuun ‘’walitti bu’iinsa xumura itti tolcha’’ akkasumas waraana niwukilaraa ni hambisa jechuun himan.

    Kuni Kaameenii carraa maalii kennaaf?

    ‘’Akka yaada kiyyatti bulchiinsa isaanii baraaruun kaayyoo isaanii ijoodha,’’ jechuun qondaalli olaanaa US, Jeeferii Feldimaan BBC Newshour’tti himaniiru.

    Sababa kanaaf bulchiinsa isaanii baraaruuf ‘Seexana waliin mari’achuyyuu’ walii galuu danda’u jedhu. Kaameniin Ameerikaatiini Seexana kan jedhan.

    Feldimaan tarii Iraan filmaata biraa hordofu maluus jedhu – loluu.

  12. Namoonni baay'inaan Tehiraan gadhiisanii bahaa jiru

    Haala magaalaa Tehiraan keessa jiru suuraa mul'isu

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haala magaalaa Tehiraan keessa jiru suuraa mul'isu

    Suuraan Tehiraan keessatti galgala kaafame akka agarsiisutti, konkolaataan hedduun gama lixa magaalaa Tehiraaniin bahaa jira.

    Duratti Pirezidantiin US Donaald Tiraamp, ‘’namni hunduu atattamaan Teehiraan gadhiisee bahuu qaba’’ jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreessanii turan.

    Israa’elis jiraattonni gama kaaba-baha Tehiraan jiran akka gadhiisanii bahan ajajjeetti.

    Lammiileen Iraan haala amma keessa jiran irratti BBCtti wayita dubbatan, hunduu ''ugguramneerra'' jedhu.

  13. Haleellaa Israa’el miidiyaa Iraanirratti raawwatteen lama du'an

    Israa'el miidiyaa Iraan irratti erga haleellaa raawwatte booda aarri fagoodhaa mul'ateera

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el miidiyaa Iraan irratti erga haleellaa raawwatte booda aarri fagoodhaa mul'ateera

    Haleellaa Israa’e gaafa Wiixataa miidiyaa Iraan, Islamic Republic of Iran Broadcasting (IRIB). Jedhamuurratti raawwatteen editaraafi hojjetaan tokko du’uu miidiyaan Iraan IRNA gabaaseera.

    Duratti miidiyaan Iraan yoo xiqqaate hojjetaan tokko ajjeefameera jedhee ture.

    Osoo gaazexeessituun TV gubbaa mul’attuu haleellaa raawwate viidiyoon mul’isu qoodameera.

    Viidiyoo kanarratti dho’insi dhagahama,, ibsaan istuudiyoos yoo dhaamu akkasmas caccabaan yoo kufu ni mul’ata.

    Erga haleellaan raawwate booda miidiyaan IRIB kuni tamsaasa eegaleera.

  14. 'Namni hunduu atattamaan Teehiraan gadhiisee bahuu qaba' - Tiraamp

    Yeroo Israa'el 'samii magaalaa Teehiraan to'adhe' jette kanatti Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ergaa dhaamaniiru.

    Pirezidantiin Donaald ‘’namni hunduu atattamaan Teehiraan gadhiisee bahuu qaba’’ jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaa barreessani.

    Waraanni Israa’elis jiraattonni kaaba-baha Tehiraan gadhiisanii akka bahan akeekkachiisa kennaniiru.

    Kunis, ‘’caasaalee waraanaa’’ bakkicha jiranirratti haleellaa raawwachuun dura akeekkachiisa bahedha.

    Akka gabaasa Rooyitarsiitti, gaafa Kibxataa ganama magaalaa Tehiraan keessatti dhohinsi akkasumas ibiddi ittisa humna qilleensaa jabaan dhagahameera.

  15. Attam bultan?

    Haleellaan Israa'eliifi Iraan oduu ijoo addunyaati. Nuyis waan bitaa mirga jiru jala jalaan isin biraan gahaa jirra.

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Kibxataas eegaleera.

    Asumaan oduun ho'aa gara bilbila keessanitt akka ergamu miseensa Chaanaalii WhatsApp keenya ta'aa. Facebook gubbaas nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!

  16. Humni qilleensaa Israa'el 'xiyyaara nama maleessa fashaleessu' hime

    Humni Ittisaa Israa'el humni qilleensaasaa ''xiyyaara nama maleessa'' gara daangaa Israa'elitti furguggifame to'adheera jedha.

    Kunis kan ta’e erga miidiyaaleen mootummaa Iraan haleellaan misaa’elaa haaraan Israa’elirratti xiyyeeffate jalqabuu gabaasanii boodadha.

    Dirooniin kuffiifaman kunneen qaama haleellaa yeroo dhiheenya eegalamuun himamee kanaa ta'uu fi dhiisuunsaa ammallee ifa miti.

  17. 'Hoggansi waraanaa Iraan baayyee butuutaa jira'

    Dureewwan waraanaa  Iraan ajjeeffaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Barruu Ikonomistiirratti gulaalaa ittisaa, Shaashaank Joshii, haleellaan Israa'el waraana Iraan miidhuu keessatti ''bu'a qabeessa ajaa'ibaa ta'eera'' jedhu.

    Sa'aatiiwwan darban 24 keessatti hoggansi waraanaa Iraan Israa'eliin ''butuuteera'' jechuun, kunis kan ta'e haleellaa lubbuu qondaaloota olaanoo irratti wal duraa duubaan raawwatameen kan mudateedha jedhan.

    "Ifaadha nageenyi hojiirra jiru Iraan haalaa gaddisiisaa keessa jira, baayyee gaddisiisaadha," jechuun Joshii Raadiyoo 5 Live'tti himaniiru.

    Haata'u malee, dandeettii nikulaara Iraan gama ilaalatuun, miidhaa haleellaa Israa'eliin irraan ga'e murtaa'aadha jechuun dabaluun dubbatan.

    "Yeroo [misaa'eloonni Iraan] Israa'el keessa galaniitti miidhaa guddaa geessisaa jiru," jedhan Joshii. "Haata'u malee, muraasa qofatu ittisa keessa darbaa jira, Ameerikaan ammoo isaan fashaleessuudhaan Israa'eliin gargaaraa jirti."

  18. Iraan 'bu'uuraalee waraanaa Israa'el irratti xiyyeeffachuu beeksiift

    Dhaabbata Biyyoota gamtoomaniitti Ambaasadara Iraan Amiir Iraavaanii

    Madda suuraa, Reuters

    Akkuma gabaasaa turre, TVn mootummaa Iraan waraanni Iraan Israa'eloonni haleellaa dabalataatiin dura akka baqatan akeekkachiisa kenneera jechuun gabaasan.

    Har'a gara ganamaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ambaasaaddarri Iraan Amiir Sa'iid, Iraan ofirraa ittisuudhaaf mirga akka qabduufi ''duulawwan qollachuu barbaachisaa'' raawwatteetti jedhanii ture.

    Haleellaan sunis kan kallattiidhaan ''addatti meeshaalee waraanaa [Israa'el] fi bu'uuraalee isaan wal qabatan'' irratti kan xiyyeefateedha jedhan.

    "Haata'u malee, Israa'el itti yaaddee haala hammachuu fi gocha weerara ishee itti fufee jiru hordofuun... Iraan, qajeelfama waliin kan wal walsimu, kan bu'uuraalee misoomaa addaa Israa'el keessatti xiyyeeffachuun tarkaanfiiwwan dabalataa akka galma seera qabeessaatti, bakkeewwan weerara ishee itti fufee jiru haala qabatamaan deeggaran irratti tarkaanfii fudhatteetti," jechuun xalayaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif barreessan keessatti ibsaniiru.

    Akkasumas, Israa'el namoota nagaa fi bu'uuraalee misoomaa siiviilii irratti haleellaa raawwatte jechuun himatan.

    Har'a gara ganamaa keessa ministirri mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaa Israa'el fi kan Iraan gidduutti garaa garummaa jiru ibsuuf wayita yaalaniitti, Israa'el yaaddoo nikulaaraa fi misaa'ela irratti xiyyeeffattee jirti jechuun, Iraan namoota nagaa irratti xiyyeeffatte jechuun himataniiru.

    Ministeerri fayyaa Iraan Israa'el erga guyyaa Jimaata haleellaa biyyattiirratti raawwachuu eegaltee as yoo xiqqaate namoonni 224 ajjeefamuu yoo ibsu, gama Israa'elitiin ammoo aanga'oonni haleellaa Iraan raawwateen namoonni 24 du'uu himan.

  19. Miidiyaan Iraan misaa'eliin walirraa hin cinne haaraan Israa'el irratti dhukaafamu eegale jedhe

    Miidiyaam mootummaa Iraan haleellaan misaa'elaa walirraa hin cinne haaraan Israa'el irratti eegalamuu beeksiise.

    Gama miidiyaa Iraan irraa haleellaan misaa'elii haaraan Israa'el irratti yeroo ammaa eegalamuu yeroo gabaasan dhagahaa jirra.

    Waan haaraa jiru jala buunee isiniin geenya waan ta'eef nu hordofaa.

  20. Israa'el jeettiiwwan waraanaa Iraan lama barbadeesse jette

    Jeettii waraanaa

    Madda suuraa, Israeli Air Force

    Humni Qilleensaa Israa’el (IAF) xiyyaara Iraan F-14 Tomcat lama buufata xiyyaaraa Teehran keessatti barbadeessuu beeksise.

    Viidiyoon galgala kana gadhiifame akka agarsiisutti, xiyyaarri kunneen meeshaa waraanaa hammayyaa'aa ta'een kan xiyyeeffate ta'uu agarsiisa.

    Jeettii barbadaa'e

    Madda suuraa, Israeli Air Force

    Viidiyooirratti baallee isaanii duubatti diriiree kan mul'atu fakkaatus, IAFn akka jedhetti, jettiin 'Tomcats' xiyyaarota Israa'el fashaleessuuf kan qophaa'an turan. Kunis kan agarsiisu akka baratamaattis ta'e dirqama battalumatti ka'uuf akka hin qindaa'in agarsiisa.

    Kaleessa, akkaataa xiyyaaroonni Humna Qilleensaa Iraan itti dullooman, F-14 dabalatee, xiyyaarota loltootaa fi meeshaalee waraanaa ammayyaa warra lixaa Israa'el qabduun wal kan hin gitne ta'u barreessuun keenya ni yaadatama.

    Israa'el har'a Teeahraan irratti olaantummaa qilleensaa guutuu akka qabdu kan ibsite yoo ta'u, kunis misaa'ela fageenya dheeraa, kan dhaabbatu osoo hin taane, meeshaa waraanaa baratameen bakka barbaadde rukutuu ishee dandeessisa.

    Olaantummaan qilleensaa qabaachuu jechuun ammoo, ittisa qilleensaa Iraan keessatti sodaa haleelamuu xiqqaadhaan bakka qiyyeeffannaa isaaniitti dhiyaachuu danda'u jechuudha.

    Jeettiiwan F-14 Tomcats erga yeroo dheeraaf humna galaanaa Ameerikaatiin kan sooramabaafamanii turan ta'ulleen, fiilmii Top Gun keessatti akka guddaa kan kaafaman.