Iraan Ameerikaa akeekkachiisuuf 'warra dubbii barbaadaniif barumsa kennuuf dhaadatte' Miidiyaa Iraan

Madda suuraa, Getty Images
Itaanaan Ministira Dhimma ALaa Iraan, wayita pirezidanti Doonaald Tiraamp haleellaa Israa'el iddoowwan nikulaaraa Iraan irratti raawwattutti makamuu fi dhiisuu itti yaadaa jiran kanatti Ameerikaa akeekkachiisan.
Miidiyaaleen mootummaa Iraan, Kaazem Ghaaribaabaadi wabeeffachuudhaan akka gabaaseetti: "US Israa'el deeggaruuf dammaqinaan gidduu seenuuf yoo kna barbaaddu ta'e, Iraan meeshaaleeshee fayyadamtee dubbii barbaaddoota barumsa barsiisuu fi ofirraa ittisuu alatti filannoo gara biraa hin qabdu."
''Yaadni nuti US'f kenninu yoo xiqqaate dubbii barbaacha Israa'el dhaabuu yoo hin barbaanne,gara kallattii dhaabbadhaa kan jedhuudha,'' kan jedhan aanga'aan kun, itti dabaluudhaan, ''murteessitoonni waraanaa Iraan filannoowwan barbaachisoo ta'an hundaof fuulduraa qabu'' jedhan.















