Aanga'aan kun sagantaa nikulaara Iraan naga qabeessa ta'usaa fi haleellaan buufataalee kanneen irratti raawwatamu kan seera idil-addunyaa cabseedha jechuun ibsan.
Iraan ''mirga ofiishee ittisuu fayyadamuu itti fufti'' kan jedhan Abbaas Araagchiin, ''dandeettii of ittisuu Iraan mariidhaaf kan hin dhiyaannee ta'u ifa gochuun barbaada'' jedhan.
"Hawwii nan qaba. Garuu balaa IRGC [Eegdota Warraaqsa Islaamaa], [Ayaatolaah Ali] Kaameenii fi ayaatolaawwan akka waliigalaatti nu fi addunyaa irraa akka balleessan nan barbaada."
'Bakka biraa deemnu hin qabnu, jireenyikoo Tehraan keessa jira' jedha lammiin Iraan gara manasaatti deebi'aa jiru
Zamiir osoo bal'inaan hin ibsin, ''galanni haalawwan duulaa fi tarsiimoowaa qindoomaa irraa kan ka'ef haa ta'utii'' oppareshiniin kun raawwatamu akka danda'e dubbachuun, haleellaa kana tursiisuun haalawwan sana dhabuu fi Israa'el balaadhaaf saaxiluu danda'a jedha.
'Haleellaa jalqabaa cimaa fi ajaa'ibsiisaa kan bu'aan addaa ittiin arganneef galanni haa ta'u,'' jedhan Zaamir.
Tamsaasa kallattiin deebiine!
Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.
Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee gaggabaabaa ijoo addunyaa mara irraa ittiin isin biraan geenyu kan Sambata har'aa kunoo amma deebiifnee eegalleerra.