'US weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi - Pirezidantii Iraan

Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan US"weerara raawwatteef deebii argachuu qabdi jedhan. Pirezidantiin Iraan kana kan jedhan haasaa bilbilaa Pirezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakiroon waliin taasisaniinidha. ''Miidhaa hangam akka gahe sakatta'insi dhumaa godhamuuf yeroo muraasa fudhata garuu sakatta'insa jalqabaan miidhaa hamaatu irra gahe,'' jedhan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ajajaan humna waraanaa US kan damee Afrikaa MM Abiy waliin mari'atan

    MM Abiy Ahimadiifi Ganaraal Misheel Laangleey

    Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali

    Ajajaan humna waraanaa US kan damee Afrikaa Janaraal Maayikil Laangleey Itoophiyaatti imaluun Ministira Muummee biyyattii Abiy Ahimad (Dr) waliin mari'atan.

    Mariin isaanii ijoon naannoo Gaanfa Afrikaatti yaaddoo shororkeessummaa al-Shabaabii fi ISIS qolachuu akka ta'e Imbasiin US Finfinnee jiru beeksise.

    ''Jeneraala Maariin Koor Ameerikaafi Ajajaa AFRICOM, Maayikil Laangileey waliin dhimmoota bu'aa waloo garlameefi naannawaa irratti har'a ganama marii'anneerra'' jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad.

  2. Hamma Israa'el haleellaa hin dhaabnetti mariif iddoon hin jiru- Ministira Haajaa Alaa Iraan

    Abbaas Araachi

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Dhima Alaa Iraan Abbaas Araachii hanga Israa'el Teehraan haleeluu hin dhaabnetti US waliin mariitti akka hin deebine beeksisan.

    ''Warri Ameerikaa marii barbaadanii yeroo baayyee ergaa dhaamaniiru, hanga weerarri kun dhaabatutti mariif iddoon akka hin jirre ifatti itti himneerra'' jechuusaanii miidiyaan biyyattii gabaaseera.

    ''Ameerikaa kan yakka kana keessaa qooda qabdu waliin mariin hin qabnu.''

    Araachiin har'a Jeneevaatti Ministiroota Haajaa Alaa Gamtaa Awurooppaa waliin fuulaa fuulatti dubbachuuf jiru.

  3. Viidiyoo balaa haleellaa Iraan Israa'el keessatti qaqqabsiise kana doowwadhaa

    Doowwadhaa: Kibba Israa'el keessatti haleellaa Iraan raawwateen booda konkolaattonni yoo gubatan.

    Waa'ee haleellaa kibba Israa'el Beershebaatti Iraan raawwatte isinitti himaa turre. Amma viidiyoo konkolaattota ibiddaan gubatan agarsiisu isiniif fidne kunoo. Tajaajilli balaa tasaa Israa'el namoonni shan madaa'uu himaa jira.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Dowwadhaa: Konklaattoonni wayita kibba Israa'el keessatti haleellaa Iraaniin gubataniitti
  4. , Ejjeennoo US waraana Israa'eliifi Iraan torban tokkoo keessatti agarsiifte

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Guyyaa torba dura Waxabajjii 12, Israa'el Iraaniin haleeluu booda Ministiirri Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyoo ibsa baasan.

    Michuunsaanii kophaatti haleellaa raawwattee jechuun US dhimma kana keessaa harka akka hin qabne beeksisan.

    Dabaluunis ''haleellaa Iraanirratti raawwatame keessaa nuti harka hin qabnu, wati dursa kenninuuf humoota US naannicha jiran eeguudha'' jedhan.

    Waxabajjii 13 ammoo Tiraamp dhimma Iraan miidiyaa hawaasaa isaanii Truth Social irratti barreessan.

    ''Iraan sagantaa nikuleeraasheerratti waliigalteerra akka geessu carraa irratti carraa kenniinee argattee ture, garuu hammamuu carraaqan, hammamuu itti dhiyaatan, qabaachuuf hin deeman'' jedhan.

    Waxabajjii 19 ammoo Tiraamp torbanoota lamaan dhufan keessatti US waraana kana keessatti hirmaachuufi dhiisuu akka murteessan beeksisan.

    ''Hireen marii sababa jiruuf, mariin Iraan waliin yaadame gaggeeffamus gaggeeffamuu dhabuus danda'a, duuluufi duuluu dhiisuuf torban lama keessatti nan murteessa.''

  5. Israa'elii fi Iraan halkan darbes dabalataan walitti dhukaasan

    Israa'eeliifi Iraan halkan walitti dhukaasaa turan

    Madda suuraa, Israel Firefighters

    Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) halkan darbes xiyyaarota waraanaa Israa'el 60 ol ta'aniin eddoowwan Teehraan keessatti argaman irratti xiyyeeffachuun haleellaa hedduu raawwachuu hime.

    Haleellaa kana raawwachuuf meeshaaleen waraanaa gara 120 ta'anitti fayyadaman, bakkeewwan oomisha misaa'ela waraanaa fi wiirtuu qorannoo nikularaa kanneen waraanni Israa'el meeshaa nikulaaraa Iraan qopheessuu keessatti hirmaata jedhe irratti ta'u hime.

    Akkasumas Iraanis halkan darbe Israa'el irratti haleellaa raawwachuu ishee waraanni Israa'el ibsuun, kibba biyyattii keessatti haleellaan raawwatamuun gabaafameera.

    Haata'u malee hanga ammaatti Iraan haleellaa kana ilaalchisee yaada hin kennine.

  6. Paakistaan Tiraamp waliin wal arguun rakkoo keessa galche

    Fiildii Maarshaal Asiim Muniir

    Madda suuraa, EPA-EFE/Shutterstock

    Paakistaan rakkoo keessa kan seentee jirtu fakkaatti.

    Walgahiin Roobii darbe Fiildii Maarshaal Asiim Muniir, nama ammaan ta'an Paakistaan ​​keessatti aangoo guddaa qabu fi pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp gidduutti taasifame, hanga tokko akka waan injifannootti ilaalamaa ture.

    Bu'aan ifa ta'e tokko waldhabdee dhiheenya kana Indiyaa waliin uumame keessaa tokko Ameerikaa fi Paakistaan ​​gidduutti walitti dhufeenya ummataa uumuudha. Bulchiinsa Baayidan jalatti Islaamaabaad pirezidantii Ameerikaa irraa bilbilaan illee itti dubbatamu argachuu hin dandeenye.

    Haata'u malee, yeroon daawwannaa Waayit Haawus kanaa kan ta'e Tiraamp Iraan kan Paakistaan ​​jalqabarraa balaaleffatte seenuun mootummaa Israa'el, kan Paakistaan gocha ​​''sukkanneessaa'' jettee waamte deeggaruuf yaadaa jirudha.

    Biyyattiin akkasumas lammiilee Paakistaan ​​kuma 3tti siqan Iraan irraa gara biyyaatti deebiftee baqachuu gidduutti jirti. Paakistaan ​​Iraan waliin daangaa qooddatti.

    Dhumarratti walgahiin sa'aatii lamaaf ture kaameeraa ala ture.

    Ibsi Paakistaan ​​kenniteen Iraan irratti mari'atamuu eereera, haata'u malee wanti hoggantoonni lamaan dubbatan tilmaama qofadha.

    Ibsa ministeera dhimma alaa kaleessaa keessatti gaaffiiwwan hin mirkannoofne tokko tokko turan. Tarii warri baay'ee ija jabeeyyii ta'an Iraan waliin tasumaa wal hin qabanne ta'a.

    Kutaa sana keessa namni siyaasaa siiviilii Paakistaan ​​wayi turee, itti aansee "biyya dimokiraatawaa jirraa"?

    Kolfa tokko tokko gidduutti, dubbi himaan kun kolfaatii Paakistaan ​​''akka hin shakkamneen'' dimokiraatawaa ta'uushee cimsanii kan dubbatan yoo ta'u, walgahii Fiildii Maarshaal irratti bal'ina dabalataa kamiyyuu argachuuf korporeeshinii pireesii biyya alaa gara waraanaatti erganiiru.

    Paakistaan biyya waraana nikuleeraa qabdu yoo taatu, michuu Iraani. Mariin US waliin godhame kun yeroo waraanni Israa'eliifi Iraan gaggeefamaa jirutti.

  7. Ministirri Dhimma Alaa UK fi biyyoota Gamtaa Awurooppaa gitasaanii Iraan waliin dubbachuufi

    Abbaas Araachii

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Dhimma Alaa UK Daaviid Laamiiy Jenevaatti imaluun michootasanii Faransaayiifi Jarman waliin ta'uun Ministira Haajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii waliin mariyachuufi.

    Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kajaa Kalaasis maichrratti ni hirmaatu.

    Yoo marichi akka qabametti kan gaggeeffamu ta'e Israa'el torban tokko dura Iraaniin haleeluu booda biyyattiifi biyyoota lixaa gidduu marii godhmu isa jalqabaa ta'a.

    Marichi Iraan yaada warra Lixaa akka fudhatu gochuurratti xiyyeeffata.

    Ministirri Haajaa Alaa Faransaay Jo'ee No'eel Baroot Iraan sagantaa nikuleeraafi misaayela baalestikiisheerra haala waaraa ta'een akka boodatti jettu irratti xiyyeeffanna'' jedhan.

    Laamiin X gubbaa ibsa maxxansaniin ''Baha Gidduugalaatti ta'ii yaaddessaa adeemeefi waraana naannichatti hammaatee eenyuunuu hin fayyadne dhaabuuf yeroonsaa amma'' jedhan.

    Ejjennoon warra Lixaa Iraan waraana nikuleera qabaachuu hin qabdu kan jedhuudha.

  8. Tiraamp wiirtuu nukilaaraa Fordoo laamsheessuun murteessaadha jedhee yaada - miidiyaa CBS

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp balaafi bu'aa wiirtuu niwkilaaraa Fordoo irratti ibsi kennameeraafi.

    Maddeen garagaraa miidiyaa michuu BBC kan tahe CBS'tti akka himanitti wiirtuu kana laamshessuun barbaachisaa dha jedhee amana.

    ''Badaa filannoo akka hin qabnetti amana,'' jechuun maddi tokko CBS'tti himeera. ''Hojii kana fiixaan baasuu jechuun Fordoo barbadeessuudha,'' jedhe.

    Akkuma kanaan dura gabaasaa turre Tiraamp hirmaannaa US waraana kana keessatti qabdu dabalaa jiru. Roobii ibsa gaazexeessitootaaf kenneen murtoo dhumaa irra akka hin geenye dubbatee ture.

    Kamisa ganama ammoo Tiraamp ammallee filannoo qabu irra deebiin ilaalaa akka jiru murtoo dhumaa irra akka hin geenye CBS gabaasee ture.

  9. Wiirtuu nukilaaraa Iraan boombii Ameerikaan qofa haleelamuu danda'u

    Wiirtuu niwkilaaraa Fordoo

    Kibba Tehraan gaarreen jalatti dhokatee kan jiru wiirtuun gabbisa yuraaniyeemii Iraan sagantaa nukilaaraasheef murteessaadha- Israa'el ammoo kana barbadeessuu feeti.

    Bu'uurri nukilaaraa Fordoo lafa jala awwaalamee kan jiru yoo tahu, hanga yoonaa haleellaan Israa'el bira gahuu hin dandeenye.

    Ameerikaan garuu boombii guddaa wiirtuu kana barbadeessuu danda'u akka qabdu amanama.

    Tarkaanfiin kuni fudhatamnaan lola Baha Gidduugalaa hammeessuu danda'a.

    Mancaatii uumuudhaaf iddoon kuni meeshaa waraanaa boombii ''Baankar Bastar'' jedhamuu kan lafa jala seenuu danda'uun irratti qiyyaafatamuu qaba.

  10. Hogganaan olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa haleellaa hospitaala Israa'el balaallefatan

    Teedroos Adihaanom

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaan olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa yeroo Iraaniifi Israa'el gidduu muddamni jabaatetti haleellaa hospitaala irratti raawwatame Israa'el balaallefatan.

    ''Gabaasni haleellaa hospitaalaa bahaa jiru kan rifaasisudha,'' jedhan Teedroos Adaanoom ergaa X irratti barreessaniin.

    Hoggantichi haleellaa hospitaala Sorookaa fi hojjettoonni Hawaasa Addeessa Diimaa Iraan ajjefamuu eeran.

    ''Qaamoti hundi bu'uuraalee fayyaa, hojjettoota fayyaafi dhukkubsattoota tiksuu qabu. Qorichi gaariin nagaa dha,'' jedhan.

  11. Haleellaa Iraan hospitaala Israa'el irratti raawwatteen miidhaa qaqqabe suuraadhaan

    Haleellaa misaa'elaa Iraan har'a Israa'el irratti gaggessiteen hospitaalli Kibba biyyatti argamu manca'eera.

    Iraan bakka qiyyaafannoo waraanaa malee hospitaala hin haleelle jechuun waakkatte.

    Israa'el garuu misaa'elli Iraan kun kallattiin hospitaala Sorokaa jedhamu akka haleele beeksifte.

    Haleellaa misaa'elaa Iraan kanaan miidhaan hospitaala Israa'eel irra qaqqabe suuraadhaan kunooti.

    Hospitaala Sorokaa

    Madda suuraa, Reuters

    Miidhaa qaqqabe

    Madda suuraa, Reuters

    Keessoo hospitaalichaa

    Madda suuraa, Reuters

    Netaaniyaahun bakka haleellan itti gaggeeffame yeroo daawwatu

    Madda suuraa, Reuters

  12. Haleellaa misaa'elaa hospitaala Israa'el irratti raawwateen namoonni 71 madaa'an

    Mana caccabaa

    Madda suuraa, Reuters

    Ministeerri Fayyaa Israa'el haleellaa ganama kana Iraan raawwatteen walumaagala namoonni 271 kan miidhaman yoo tahu 71 ammoo haleellaa hospitaala Sorokaan madaa'aniiru.

    ''Warreen miidhaman keessaa gariin gara iddoo nagaatti otoo deemanii midhaman,'' jedhe ministeerichi.

    Ministarri Mummee Israa'el misaayelli Iraan waraanni erga jalqabee namoonni Israa'el 24 ajjeefamaniiru jedhan.

    Qondaaloti Iraan hamma namoota waraana kanaan miidhaman erga gaafa Dilbataa hin ibsine.

    Minsiteerri Fayyaa biyyattii ibsa gaafa Dilbaaa kenneen namoonni 224 ajjeefamuufi kanneen 1,200 tahan ammoo madaa'u himee ture.

    Maddi Oduu Falmitoota Mirga Namoomaa (HRANA) - teessoo isaa Waashingitan godhateefi yeroo dheeraaf Iraan hordofaa ture namoonni 639 ajjeefamaniiru jedhe.

  13. Ministirri Mummee UK Tiraamp Iraan irratti tarkaanfii waraanaa akka hin fudhanne dhaaman

    Ministirri Mummee UK Sar Keer Istaamar Tiraamp Iraan irratti tarkaanfii waraanaa akka hin fudhanne dhaaman.

    Istaarmar balaan ''muddamni hammaachuu'' jiraachuu himuun qaamoleen hundi mala dippiloomaasii akka filatan dhaaman.

    Kanaan dura ''Ameerikaa waliin mariin marsaa baayyee taasifameera,'' dhimma kana hiikuuf ''anaaf ammallee karaan dippiloomaasii dha,' jedhan.

    Ministarri Hajaa Alaa biyyattii Deeviid Laamii, yaada waraana qabbaneessu qabatanii, Ameerikaatti gita isaanii Maarkoo Riibiyoo wajjin wal arguuf jiru.

    Har'a galgala qondaaloti lameen kunneen haala Baha Gidduugalaa irratti marii'atu jedhamee eegama.

  14. 'Kuni waraana Amerikaa miti?' - Ministarri ittaanaa dhimma alaa Iraan

    Sa'iid Kaatiibzaadeeh

    Ministarri ittaanaa dhimma alaa Iraan BBCtti haasa'anii turan.

    Ameerikaan yoo waraanatti seente Iraan ''mala harkaa qabdu hunda fayyadamti'' gaafa jettu maal jechuu dha jedhamuun gaafatamanii turan.

    Sa'iid Kaatiibzaadeeh Iraan dippiloomaasii akka barbaaddu irra deddeebiin himaniiru; tahus biyyi isaanii boombiidhaan barbadoofnaan garuu ''namni mariitti dhaqu hin jiru'' jedhan.

    ''Weeraramuun kuni kan dhaabbatu filannoon inni jalqabaa dippiloomaasiidhaani,'' jedhan. ''Kuni waraana Ameerikaa miti,'' Tiraamp waraana kana keessa seenuu yoo barbaade, pireezidantii waraana kansaa hin taanetti seenuun yaadatama,'' jedhan.

    Iraan humna waraanaa US madaaltii hin madaaltuu miti gaaffiin jedhan, biyya isaanii keessa ''tokkummaan biyyaalessaa'' jiraachuu himuun weeraraan alaa hangam jabaataa tahullee dubbiin dhimma diddaati jedhan.

  15. Ayaatolaa Kaameenii lammiilen Iraan jabaatanii akka wal-faana dhaabbataniif waamicha godhan

    Ayaatolaa Kameenii

    Madda suuraa, Reuters

    Gaggeessaan Iraan Ayaatolaa Kaameenii lammiileen biyyattii jabaatanii akka dhaabataniif waamicha taasisan.

    "Diinni keessan sodaachuu keessan yoo arge, isin hin dhiisu" jedhan ergaa fuula X gubbaatti barraa'en.

    Lammiilen Iraan gootummaa kana dura ittiin beekaman akka agarsiisanis waamicha godhaniiru.

    "Amala hanga yoonaatti qabdan sana itti fufaa; amala kana ciminaan dabaaluun itti fufsiisaa," jedhan Ayaatolaan.

    Guyyaa kaleessaa ammoo deebii Tiraampif kennaniin, Iraan salphaatti biyya harka hin laanne ta'uu dubbachuun, US Israa'el irra goruun Iraan yoo haleelte deebii haleellaa laalessaan akka eeggatu dubbatanii turan.

  16. Raashiyaan US dhimma Iraan keessa akka hin seenne akeekkachiifte

    Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peeskov US akka waraana Iraan keessa hin seenne akeekkachiisan

    Madda suuraa, AFP

    Dubbi-himaan mootummaa Raashiyaa Dimitirii Peskov ejensii oduu Raashiyaa TASS jedhamuuf yaada kennaniin, giddu seentummaan US balaa guddaa qaba jedhan.

    Ameerikaan dhimma walitti bu'iinsa Israa'el fi Iraan keessa seenuun ''rakkoo biraa kanarra hamaa ta'e uuma,'' jechuun akeekkachiisan qondaalli Raashiyaa kun.

    US fi Raashiyaan walitti bu'iinsa kana keessatti faallaa walii dhaabbachuun gareewwan wal haleelan deeggaru.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ''Iraan haal-duree tokko malee akka harka kennitu'' wayita gaafataa jirtuu fi yoo isheen didde ammoo haleeluuf dhaadatu, Raashiyaan ammoo michummaa Iraan waliin qabdu cimsachaa jirti.

    Jalqaba bara kanaa Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin gita isaanii kan Iraan Masuud Pezeshkiyaan waliin waliigalteewwan michummaasaanii daran cimsu hedduu mallatteessanii turan.

    Iraan gamasheen Raashiyaaf dirooniiwwan ishee Shahed jedhaman dhiheessaa turte. Dirooniin kun waraana Yukireen keessatti baayyee Raashiyaa fayyade.

    Ministeerri dhimma alaa Raashiyaas haleellaa Israa'el Iraan irratti eegalte balaaleffateera.

    Kaleessa ammoo ministirri dhimma alaa itti aanaa biyyattii Sergee Riyaabkov Ameerikaan gargaarsa meeshaalee waraanaa Israa'eliif akka hin taasifne akeekkachiisanii turan.

    ''Kun haala jiru daran hammeessa,'' jedhan.

    Mooskoo fi Waashingitan gamaa gamana goruun gareewwan wal haleelan degegaru, kun ammoo hariiroo Raashiyaa fi US bulchiinsa Tiraamp jalatti waan fooyya'e fakkaatee ture balleessa.

  17. Rookkeettiin SpaceX dhohee abiddi guddaan dhalate

    Rookkeettiin SpaceX shaakala balaliif qophaa'aa jiru dhohee abiddi guddaan dhalate.

    Taateen kun kan mudate Roobii galgala yoo ta'u, Wiirtuu Shaakalaa Maasey Teksaas, Ameerikaatti argamu keessattidha.

    Kampaanichi ibsa baaseen, namni miidhame hin jiru jedheera. Ummata naannawaa sana jiraaturras miidhaan qaqqabe akka hin jirre himuun, namoonni gara bakka sanaatti akka hin dhiyaanne akeekkachiisaniiru.

    Yeroo rookkeettiin kun dhohe viidiyoo waraaba kana daawwadhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: SpaceX dhohee yeroo abiddi guddaan uumame
  18. Iraan haleellaa buufataalee gabbisa nikulaaraasheerratti raawwatamu irratti IAEA'tti iyyatte

    Buufata niikulaaraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan haleellaa

    Israa'el buufataalee gabbisa niikulaara ishee irratti raawwataa jirtu ilaalchisee komii Ejansii Annisaa Atomikii idil-addunyaa (IAEA)tti dhiyeeffatte.

    Israa'el ''haala seerawwan addunyaa haleellaan akka dhaabbilee niikulaaraa irratti hin raawwatamne dhorku cabseetiin haleellaa raawwachuu itti fuftee jirti'' jechuun Iraan kan Ejansichatti himatte.

    Guyyaa har'aa Israa'el jidduugala gabbisa niikulaaraa Araak akkasumas kanaan dura dhaabbata gabbisa niikulaaraa Naataanz irratti raawwachun ibsameera.

    Ejjansiichi haleellaa bakka niikulaaraa Araak irratti raawwatameen miidhaan lubbuu namaa irra gahee akka hin jire ibsameera.

  19. Wiirtuun nukilaraa Iraan yoo rukutame balaa akkamii qaba?

    Chernobyl

    Madda suuraa, Getty Images

    Israa'el haleellaa raawwachaa jirtuun wiirtuuwwan gabbisa yuraaniyemii iraan irratti xiyyeeffatteetti.

    Wayita haleellaa kana eegalan karoorri Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu fi michuuwwan isaanii buufata niwukilaraa barbadeessuu ture.

    Garuu amma kan haleelaa jiran iddoowwan Iraan yuraaniyemii keessatti gabbisaa jirtudha malee buufati nuwukilaraa haleelame hin jiru.

    Kun akka wiirtuun nukilaraa haleelametti balaa fiduu dhiisuu danda'a. Kanaan dura buufataaleen nukilaraa Chernobyl fi Fukushimaan haleelamuun balaa guddaa uumanii turan.

    Kan Iraan kun hagas mara yaaddoo uumu hin qabu, nukilarri waan hin jirreef.

    Buufataalee ri'aaktara nukilaraa keessatti atoomonni yuraaniyemii to'annoon ala osoo hin ba'in gargar baba'uun ho'a anniisaa maddisiisu kennu. Carallaan isaanii kan yuraaniyemii caalaa cimaadha.

    Gama biraan yuraaniyemiin gabbate ammoo anniisaa qofa oomishuuf gargaara.

    Yoo wiirtuun yuraaniyemii gabbisu rukutame yuraaniyemiin gabbifamaa jiru dhohuun dhangala'uu danda'a.

    Naannootti dhangala'uu danda'a.

    Garuu dhiibbaan nukilaraa mul'atu hin jiraatu. Kanaaf balaan mudatu yoo jiraate naannooma haleelame sana qofatti ta'a.

    Carallaan gadhiifamuun iddoowwan kaanis tatamsa'uun balaan mudatu hin jiraatu, naannawa sanarraa kan hafe.

  20. US jeettiiwwan waraanaa dabalatee meeshaalee waraanaashee gara Baha Gidduugaleessatti sochoosaa jirti

    Doonii waraanaa

    Madda suuraa, EPA

    Yeroo ammaa wayita Ameerikaan Israa'el maddii dhaabbachuun Iraan irratti haleellaa raawwachu dandeessi jedhamee odeeffamu kanatti, US jeettiiwwan waraanaa buufataalee waraanaashee garaa garaatti argaman dabalatee meeshaalee waraanaa gara Baha Gidduugalaatti sochoosuun ibsameera.

    Aanga'oonni Ameerikaa qaxanicha keessaa loltoota gara kuma 40 ta'an akka qabdu dubbatanii ture.

    Guyyoota muraasa darban keessatti yoo xinnaate xiyyaaroonni 30 buufataalee waraanaa Ameerikaa keessatti argaman gara Awurooppaatti socha'aniiru.

    Taankarii waraanaa Ameerikaa jeettiiwwan waraanaa fi jeettiiwwan boombii darban boba'aa guutuudhaaf tajaajilan hundi ta'u himameera.

    Dooniin Ameerikaa xiyyaara baattuu Niimiitiz jedhamtu barbadeessitoota misaa'elaa hedduu waliin qarqara galaana Kibba Chaayinaa irraa ka'uun gara Baha Gidduugalaatti imalaa adeemaa jirti jedhameera.

    Dooniiwwan waraanaa kaan ammoo Galoo Galaanaa fi Galoo Faarsiitti kan argaman yoo ta'u, Israa'el miisaa'eloota Iraan akka haleeltuuf gargaaraniiru.

    Jaattiiwwaan waraanaa F-16, F-22 akkasumas F-35gara buufataalee waraanaa Baha Gidduugalaatti socha'aa jiraachu maddi oduu Rooyitarsi gabaaseera.