Biyyoonni lamaan wal haleeluu yeroo itti fufanitti, Israa'el samii Tehraan guutummaatti to'achuu ibsite

Erga waldhabdeen tibbanaa kun eegalee kaasee Israa'eloonni 10 ol irra miidhaan qaqqabuun yoo himamu, ministeerri fayyaa Iraan ammoo namoonni 224 ajjeeffamu beeksiiseera.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Waa'ee keenya himuu gaafa hanqanne seenaan keenyas dagatamaa deema'

    Buna

    Madda suuraa, Naggaa Wadaajoo

    Komishinara Itti Aanaa Komishinii Tuurizimii Oromiyaa kan ta'an Obbo Naggaa Wadaajoo kitaabilee qabeenya tuurizimii Oromiyaa fi Itoophiyaarratti xiyyeefatan lama barreessuun eebbisisaniiru.

    Kitaabileen 'ABC Tuurizimii Oromiyaa' fi 'ABC Tuurizimii Itoophiyaa' jedhaman kunneen Dilbata ALI Waxabajjii 1, 2017 eebbifaman.

    Dhimma kitaabileesaaniirratti BBC'f yaadasaanii kan kennan Obbo Naggaa, "Kitaabileen kun daa'imman ol adeemtonniifi ol guddattoonni beekumsa tuurizimii akkasumas beekumsa biyyaafii naannoo isaaniitiin qaramanii akka guddatan yaadamee qophaa'an" jedhan.

    Kitaabileen kun akkaataa umrii daa'immanii gituun hambaalee tuurizimii aadaa, seenaa fi umamaa Oromiyaafi Itoophiyaa qubeewwan A-Z fayyadamuun kan barsiisaniifi beeksisan akka ta'es himaniiru. Dabalata odeessa kanaa argachuuf asiin galuu dandeessu.

  2. Hidhattoonni naannichaafi humnoonni Israa'el dhiheenya raabsaa gargaarsa Gaazaatti dhukaasa banuu Filisxeemoonni himan

    Namoota gargaarsa baatanii adeeman

    Madda suuraa, Reuters

    Filisxeemoonni Gaazaa keessaa Wiixata kaleessaa gara wiirtuuwwan raabsaa gargaarsaa Faawundeeshinii Namoomaa Gaazaa kan Israa'elii fi Ameerikaan deeggaraman keessaa gara tokkotti osoo deemaa jiranii ammas rasaasni itti dhukaafamuu dubbatan.

    Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, dhiheenya bakka GHF naannoo Kibba Tal al-Sultaan Raafaahitti, yeroo jalqabaatiif Filisxeemoota qawwee hidhataniin irraa itti dhukaafame. Akkasumas loltoonni Israa'eelis dhukaasa itti dhukaasaniiru jedhan.

    Ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu akka beeksisetti, naannoowwan itti gargaarsii fudhatamuuf ramadaman keeessatti namoonni 6 du'uu fi 99 madaa'uu beeksiseera.

    Waraanni Israa'el gabaasawwan kanneen qorataa akka jiru ibseera.

    GHFn akka jedhetti bakki Tal al-Sultaan Wiixata akka hin banamnee fi bakkeewwan biroo lama kan gargaarsi keessatti keennameettis taateewwan mudatan akka hin jirre ibseera.

    Taateen kunis ministirri mummee Israa'el gosoota Filisxeem Gaazaa keessa jiran kanneen Hamaasiin morman hidhachiisaa akka turte erga beeksisanii guyyoota muraasa booda dhagahame.

  3. 'Yoon ani hojiirra hin jirre namni deessuu aanichaa gargaaru biraa omtuu hin jiru'

    Erga Taalibaan bara 2021tti aangoo qabateen booda dubartoonni manneen barnootaa fayyaa akka hin seenne dhorkamaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    "Guyyoota muraasa dura dubartoonni shan da'umsaaf gara mana yaalaa ani hojjadhu dhufan. Shanan isaaniituu tokko tokkoonan deessise.

    ''Tokkoonshee deessee yoo siree irraa buutuu, isheen itti aantu ni yaabdi. Wanti ani gochuu danda'u dafee harka dhiqadhee gara ishee itti aantuutti ce'uu qofa ture," jechuun mudannooshee kan himtu narsii deesistuu qofaashee dubartoota heddu tajaajiltuudha.

    Itti dabalunis, "guyyaa sana osoo narsiin deesistuun biraa na waliin jiraattee na gargaartee natti tola ture jedhee yaadaan."

    Kibba dhiha Afgaanistaan aanaa Chaaghaansuur, ​​kutaa Nimroz jedhamu k keessatti Arzoon narsii deessiftuu qofaati. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuudhaaf asiin seenuu dandeessu.

  4. Eegdonni Biyyaalessaa kan biraa 2,000 LA'tti qajeelan: Peentaagoon

    Bulchaa LA Gaavin Niiwsom fi Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Isaan duran bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Niiwsom, Tiraamp loltoota Eegdota Biyyaalessaa gara biraa 2,000 gara Loos Anjalasiitti bobbaasaa akka jiran dubbachuusaanii gabaafamee ture.

    Kan isaan jedhan kunis amma bulchiinsa Tiraampiin mirkanaa'eera.

    Dubbi himaan olaanaa Peentaagoon, Siin Paarneel, Eegdonni Biyyaalessaa 2,000 gara biraa gara Loos Angalas akka qajeelan federaalaa ta'uusaanii mirkaneessan.

    "Ajaja Pirezidaantichaatiin, Ministeerri Ittisaa Eegdota Biyyaalessaa dabalataa 2,000 Kaalifoorniyaatti bobbaasaa jira.

    Eegdoonni kunneenis ICE akka deeggaraniif (fi) qondaaltonni seera kabachiisoo federaalaa hojiisaanii haala nagaa qabeessa ta'een akka raawwatan dandeessisuudhaaf gara tajaajila federaalaatti waamaman," jedhan Paarneel.

  5. FBIn mormiituu LA tokko tarree warra baayyee barbaadamaniitti dabale

    Nama FBIn barbaadamaa jiru

    Madda suuraa, FBI

    Namni mormii Kaalifoorniyaa Paaraamaawunt keessatti geggeeffame irratti konkolaattota seera kabachiiftootaa irratti dhagaa darbate jedhame tarree namoota baay'ee barbaadamanii FBI keessatti dabalame.

    Ejensichi namicha "qondaala federaalaa rukutee" fi "qabeenya mootummaarraan miidhaa qaqabsiisee" jedhame kana ummanni adda baasuuf gargaaruu gaafachaa jira.

    Shakkamaan kunis suuraa irratti koofiyaa fi fuulasaatti ammoo waa maratee kan ture yoo ta'u, konkolaataa gubbaa ol ba'ees mul'atee ture.

    FBIn namawaa'ee nama barbaadamu kanarratti odeeffannoo kennuuf badhaasa doolaara kuma 50 kan dhiyeessee yoo ta'u, akka ''hidhataaf fi balaafamaatti'' ilaalama jedheera.

  6. Tamsaasa Kallattiin deebiineerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii kan ittiin odeessaalee ijoo gagabaasne ittiin isin biraan geenya kan Kibxataa amma eegalleerra.

    Oduu kaan bal'inaan yoo argachuu barbaaddan ammoo gara marsariitii keenyaa, ykn fuula Facebook keenyaa akkasumas Chaanaalii WhatsApp keenyaa millachuu hin dagatiinaa.

    Oolmaa nagaa qabaadhaa!

  7. Bulchaan Kaalifoorniyaa Eegdota Biyyaalessaa LA'tti waan ergeef Tiraamp himate

    Eegdota Biyyaalessaa Ameerikaa LA

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchaan Kaalifoorniyaa Tiraamp Eegdota Biyyaalessaa Loos Anjaklasitti waan ergeef himate. Tiraamp garuu murtee Eegdota Biyyaalessaa kana bobbaasuu sirrii ta’uu dubbachaa jira.

    “Eegdota Biyyaalessaa LA'tti erguun ‘Murtee Gaariidha’” jedhe Tiraamp qeeqa aanga’oota Kaalifoorniyaarratti dhiyeessu akka haaraatti yeroo jalqabaa jiru kanatti.

    Dubbiin hammaataa akkuma dhufeen, qondaaltonni daangaa isaa bulchaa Kaalifoorniyaa Gaaviin Niwusom to’annoo jala oolchuu qabu jedhe.

    Gaavii Niwusom gama isaatiin X irratti barreessuun deebii kenneen, “Kun guyyaa ani Ameerikaa keessatti osoo hin arginine hafee jaalladhudha” jedhe.

    Poolisoonni yeroo godaantoyta hiriira bahan dura yeroroo dhaabbatuufi hokkara uumame viidiyoon dhiyaateera.

    Daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Hokkara LA: Hokkara uumame tasgabbeessuuf Eegdota Biyyaalessaa daandiirratti bobba'e
  8. Qondaalli poolisii Loos Anjalas duula mootummaan godaantotarratti eegale hojiirra hin oolchu jedhan

    Qondaala poolisii Loos Anjalas

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Qondaala poolisii Loos Anjalas

    Jiim Maak Doonel qondaalonni poolisii magaalattii hookkara uumame tasgabbeessuu keessatti harkifataniiru ykn hirmaachuuf fedhii hin agarsiifne jedhamuun komii irratti ka'aa tureef deebii kennaniiru.

    Maak Doonel miseensonni isaanii ''kallattii kamiinuu duula godaantota irratti eegalame hojiirra oolchuu keessatti hin hirmaatan,'' jedhan.

    Hiriirri kanaaf ka'umsa kan ta'e duula mootummaan federaalaa godaantota eeyyama jireenyaa hin qaban jedheerratti eegaledha.

    Qondaalli poolisii kun dameen poolisii isaan hoogganan duudhaa fi seera ittiin bulmaataa Bulchiinsa Kaalifoorniyaan taliigama.

    Kaalifoorniyaan qaamoleen seera eegsisan, kan naannoos ta'e kan biyyaa, dhimma godaantotaa keessa seenuun mootummaa federaalaa akka deeggaran hin eeyyamtu.

    ''Sababa kanatti mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhachuu dura odeeffannoo nuuf kennuurraa of qusata,'' jedhan.

    Tiraamp wayita duula filannoo gaggeessaa turan dhimma kanarratti akka qabsaa'an dhaadataa turan.

    Seera maleessummaa Ameerikaa keessaa balleessuuf humna pirezidantiif eeyyamame hunda akka fayyadaman dubbatanii turan.

    Mormiin duula godaantota eeyyama jireenyaa hin qaban jedhaman baasuu akkaan hammaachuun waadaa Tiraamp sana qoreera. Pirezidantichis waan waadaa seenan yaadachuun dhimma kanarratti xiyyeeffataniiru.

    Qondaalonni bulchiinsa Tiraamp ejentoonni dhimma godaansaa doorsifamuu, irratti xiyyeeffatamuu fi miidhamaa jiraachuu himan.

    Wayita kana qaamoleen seera kabachiisan kan naannoo tarkaanfii fudhachuurratti harkifataniiru jedhamuun komatamu.

    Dippaartimentiin Poolisii Loos Anjalas hiriirichi garri caalaan naga-qabeessa jedhe. Aanga'oonni naannoo ammoo walitti bu'iinsa salphaa kana to'achuu ni dandeenya jechuun ga'ee federaalaa busheessan.

    Dilbata kaleessaa ganama Pirezidant Tiraamp nageenyi bu'eera jechuun Eegdota Biyyaalessaa galateeffatanii turan. Garuu, loltoonni kunneen ammallee hojii xumuranii hin deebine.

    Akkaataa Tiraamp xiyyeeffannaan dhimma kana hordofaa jiran yoo ilaallu pirezidantichi dhugumaan wal'aansoo kanaaf akka qophaa'an hubanna. Kana caalaayyuu loluu akka fedhan agarsiisa.

    Loltoota

    Madda suuraa, Reuters

  9. Tiraamp akkamiin Eegdota Biyyaalessaa bobbaasuu danda'an?

    Loltoota Eegdota Biyyaalessaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan federaalaa loltoota Eegdota Biyyaalessaa (National Guard) jedhaman 2,000 ta'an magaalaa Loos Anjalasitti ramadeera.

    Kunis fedhii Bulchaa Kaalifoorniyaa Geeviin Neewisomiin ala ture.

    Pirezidant Tiraamp hiriira mormii gaggeeffamaa jiruuf deebii kennuuf Humna lafoo fi Galaanaallee akka bobbaasan yaada kennaniiru.

    ''Ameerikaan humna biyya alaan yoo weeraramte ykn sodaa weeraramuu qabaatte'', ''fincilli ykn sodaan fincala mootummaa yoo jiraate,'' ykn mootummaan humna idileen yoo seera US hojiirra oolchuu dadhabe,'' Eegdonni Biyyaalessaa ajaja federaalaan bobbaafamuu danda'u seera jedhu qabdi.

    Tiraamp seera kana fayyadamuun Eegdota Biyyaalessaa keessaa loltoota bobbaasan.

    Pirezidantichi hiriirri kun fincilli mootummaa federaalaa irratti eegalamuu agarsiisa jedhan.

    Malli pirezidantiin US fayyadamu kan biraanis jira: Insurrection Act jedhama.

    Seerri federaalaa mootummaa US bara 1907 ba'e kun miseensonni Eegdota Biyyaalessaa naannolee ajaja federaalaan akka bobbaafaman mirga kenna.

    Pirezidant Tiraamp seera Insurrection Act jedhamu kallattiin fayyadamuun miti kan Eegdota Biyyaalessaa bobbaasan. Garuu loltoota biyyattii hojiirra jiran akka hookkara uumame gidduu seenuun seera kabachiisan waamicha dhiheessaniiru.

    Bu'uura seera jaarraa 19ffaa kanaan pirezidantiin loltoota hojiirra jiran akka biyyattii keessatti olaantummaa seeraa kabachiisan ajajuu danda'a.

    Kun yeroo garaagaraatti hojiirra ooleera. Bara waraana waliinii US Abrahaam Linkan hojiirra oolcheera.

    Bara pirezidantii 18ffaa US Ulysses S Grant fi pirezidantii 34ffaa Dwight Eisenhower illee hojiirra ooleera.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

  10. 'Gammachuu jechuun kana' - Ronaaldoo

    Ronaadoon leenjisummaa Robeertoo Maartineez jalatti galchii 20 galcheera

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ronaadoon leenjisummaa Robeertoo Maartineez jalatti galchii 20 galcheera

    Kiristiyaanoo Ronaaldoon biyya isaa Porchugaal waliin waancaa sadaffaa yeroo kaasu imimmaan cobsaa ture.

    ''Gammachuu jechuun kana,'' jechuun jifataan ganna 40 Sport TV'tti dubbate.

    Ronaaldoon akkana jedhe: ''Porchugaaliif injifachuun miira addaa natti uuma. Kilaboota waliin waancaa hedduun kaase, garuu Porchugaaliif mo'uu kan caalu hin jiru.

    ''Imimmaanidha. Fiixa baasnerra, yeroon kan gammachuuti.''

  11. Pirezidant Musxafeen waa'ee MM Abiy maal jedhu?

    Pirezidantii Naannoo Somaalee Obbo MusxafeeN kanaan dura Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif hojjetaa turan
    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Naannoo Somaalee Obbo MusxafeeN kanaan dura Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif hojjetaa turan

    Pirezidantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad namoota MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuusaanii hordofuun aangoo olaanaa mootummaa qabatan keessaa tokko.

    Turtii addatti BBC waliin taasisaniin dhimmoota bulchiinsa isaanii, waa'ee MM Abiy Ahimad, waa'ee Adda Bilisa Baasaa Ummata Ogaadeeniifi kaan hedduurratti dubbataniiru.

  12. Bulchaan Kaaliforniyaa 'koottaa na qabaa' jedhan

    Gaaviin Niiwusan

    Madda suuraa, Reuters

    Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavin Niiwusam miseensi kaabinee Tiraamp hiidhuudhaaf doorsisan jedhamuuf deebii kennan.

    "Aanga'oonni daangaa Tiraamp (czar)n waanan dubbadheef na hidhu na doorsisaa jiru. Koottu na qabaa yaa dhiiroota cimoo. Ani waan tokkollee hin sodaadhu. Kaalifoorniyaaf dhaabbachuu irraayiis na hin dhorku," jechuun X irratti barreessan.

    Sambata darbe, "Aanga'aan daangaa" Tiraamp, Toom Homaan, mormii kamiinuu osoo jiruu sakatta'iinsi immigireeshinii akka itti fufu dubbatan. Walitti qabuunis, namoonni adeemsa kana gidduu yoo seenan to'annoo jala ooluu akka danda'an akeekaniiru.

    Homaan NBC News waliin haasawa taasisaniin, qondaaltota filataman dabalatee nama kamiyyuu irratti seera walfakkaatu hojiirra akka oolchan dubbatan.

    Haata'u malee, namoota siyaasaa qabatamaan qondaaltota gufachiisan jechuun himachuu irraa dhaabbate.

    "Sarara qaxxaamurta, osoo beekanii nama seeraan alaa dahoo godhanii dhoksuun yakka guddaadha. Qaamoleen seera kabachiisan hojii isaanii akka hin hojjenne gufachiisuun yakka guddaadha," jechuun NBC'tti himeera.

  13. Waraana fidaa jedhan Tiraamp- Loos Anjalas keessatti maaltu ta'aa jra?

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Yeroo Loos Anjalas keessatti konkolaataan gubatu

    Hiriira mormii guyyaa sadiif walitti aansuun gaggeeffamaa jiruun handhuurri magaalaa Loos Anjalas iddoo hookkaraa ta'eera.

    Mootummaan giddugalli magaalattii iddoo itti walga'an gochuun seeraan ala ta'uu labseera.

    Hiriiri mormii guyyaa sadiif ture kun halkan kanas (akka Ameerikaatti) itti fufeera.

    Duula aanga'oonni US godaantota irratti eegalan mormuuf hiriirri ba'ame gara hookkaraatti geeddaramuun, kana keessas Dilbata kaleessaa namoonni 10 hidhamaniiru.

    Qaamoleen seera kabachiisan hiriirtota irratti gaazii imimmaanessu fi rasaasa pilaastikii (rubber bullets) dhukaasaa turan.

    Yoo xiqqaate miseensonni Eegdota Biyyaalessaa Kaalifoorniyaa 300 ta'an naannawa Loos Anjalas iddoowwan saditti ramadamaniiru.

    Humnoonni galaanaa 500 ta'an ammoo Loos Anjalas irraa gara bahaatti kiilomeetira 230 irratti bobba'uun dhimmaa kana hordofuuf.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haala eegamneen Eegdota Biyyaalessaa bobbaasuun isaa sirrii ta'uu ejjennoodhaan falmaniiru.

    Tiraamp osoo bulchaan Kaalifoorniyaa Gaavi Niiwusan gaaffii kana hin dhiheessin loltoota kunneen ramadan.

    Pirezidantichi miseensota Eegdota Biyyaalessaa kan ramadaniif olaantummaa seeraa kabachiisuuf akka ta'e himan.

    Gaavi Niiwusan ammoo tarkaanfiin Tiraamp ''seeraan ala'' fi ''safuu kan cabsedha,'' jechuun gochasaanii kanaaf akka himatan dhaadatan.

    Kantiibaan magaalaa Loos Anjalas Karen Bass ''Loos Anjalas keessatti hookkara argaa jirra. Kunis bulchiinsa Tiraampiin uumame,'' jedhan.

    Hiriirtonni karaa naga qabeessa ta'een yaadasaanii akka ibsatan gaafataniiru kantiibaan kun.

  14. Loos Anjalasitti sababa duula godaantota irratti eegalameen hookkarri cime

    Hiriirtonni konkolaataa guban

    Madda suuraa, EPA

    Eegdonni Biyyaalessaa Pirezidant Doonaald Tiraamp bobbaasan namoota duula kana mormuuf ba'an irratti gaazii imimmaanessu dhukaasuun rakkoo daranuu hammeessan.

    Mormiin kun ammas itti fufuun hanga handhuura magaalattiitti babal'ateera. Hookkara kana keessa konkolaattonni gubataniiru, qabeenyaan manca'eera.

    Bulchaan Kaalifoorniyaa gochi Tiraamp itti jiran ''seeraan ala'' jechuun akka himatan akeekkachiisaniiru.

    Geevin Newisoom ''hookkara isin galgala kana TV dhaan argaa jirtan kana akka uumamuuf haala mijeessan. Rakkoon daranuu akka hammaatu ga'ee olaanaa gumaachan. Abiddarratti boba'aa dabalaa jiu,'' jechuun qeeqan.

    ''Gocha faallaa heera mootummaati. Isa kanammoo bor mana seeraatti dubbanna.''

    Eegdonni Biyyaalessaa gaaffii bulchitoota naannoleetiin ramadu ture. Kana garuu Tiraamp fedhiima isaaniin ramadan.

    Yeroo ammaa magaalaa Loos Anjalasiif aduun dhihaa jirti. Hiriirtonni garuu handhuura magaalatti hiriira cimsaniiru.

    Poolisoonni ramadaman hiriirtonni akka magaalaa gadhiisan humnaan dhiibbaa uumaa jiru.

    Jiraattonni, abbootiin qabeenyaa, akkasumas daawwattoonni magaalattii keessa jiran of eeggannoo akka cimsan poolisiin akeekkachiiseera.

    Hiriirri magaalaa Loos Anjalas hookkaratti geeddarameera

    Madda suuraa, Reuters

  15. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegaleera.

    Oduufi odeeffannoowwan jala jalaan isin biraan geenya.

    Gama Facebook fi WhatsApp nu faana bu'aa.

    Lafa nagaa oolaa!