Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haleellaa cimaa
niwukilaraa fi buufatawwan waraanaarratti erga raawwatteen boodas, Israa’el
ammas haleellaa ‘caalaa hamaa’ ta’e raawwachuu malti jechuun Iraaniin
akeekkachiise.
Tehraaniif ‘carraa irratti carraa’ kenneeraaf kan jedhu
Tiraamp, akka dhimma sagantaa niwukilaraashee ilaalchisuun waliigalteerra ga’uu
akka qabdus gaafateera.
Mariin waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamaa
ture Wiixata marsaa 6ffaa isaa seenuuf ture.
“Jechoota cimaan, “irratti hojjedhu” jedheen itti hime,
garuu hammam yoo yaalanillee, hammam itti dhihaatanillee, waliigalteerra gahuun
milkeessuu hin dandeenye,” jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti barreessa.
"Duraanuu du'aa fi badiisa guddaatu jira, garuu ammallee yeroon
itti qalma kana, haleellaan itti aanu duraan karoorfame daran gara jabeessa
ta'ee, akka xumuramu gochuuf jira," jedhe.
"Iraan waliigaltee gochuu qabdi, osoo wanti tokkollee
hin hafiiniifi waan yeroo tokko Impaayera Iraan jedhamuun beekamu baraaruu
qabdi. Kana booda duuuti, kana booda badiisni akka hin jiraanne, OSOO YEROON
HIN DABIIN AMMA HOJJEDHU.”
Traamp Israa’el osoo haleellaa hin raawwatiin dura akka
karoorfatte akka beeku dubbate, garuu waraanni Ameerikaa hojii kana keessatti
gahee akka hin qabne ifa godheera.