Biyyoonni lamaan wal haleeluu yeroo itti fufanitti, Israa'el samii Tehraan guutummaatti to'achuu ibsite

Erga waldhabdeen tibbanaa kun eegalee kaasee Israa'eloonni 10 ol irra miidhaan qaqqabuun yoo himamu, ministeerri fayyaa Iraan ammoo namoonni 224 ajjeeffamu beeksiiseera.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Viidiyoo dhohiinsaa fi ibidda haleellaa Israa'el booda agarsiisu

    Israa'el erga haleellaa cimaa Iraan irratti raawwatteen booda magaalaa gudduu biyyattii Teehiraan keessatti dhohinsiifi ibiddi guddaan mudachuun gabaafameera.

    Mee viidiyoo kana dowwadhaa.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Footage shows explosions and damaged ablaze in Iran
  2. Israa'el akka haleellaa kana raawwattu maaltu kakaase?

    Hogganaa Olaanaan Iraan wayita dhaabbata niikulaaraa dowwataniitti

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Israa'el iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti raawwachuu ilaalchisee tilmaamni waggootaaf naanna'aa kan ture yoo ta'u, guyyoota muraasa darban keessatti garuu haalaan cimee ture. Kamisa darbe miidiyaaleen Ameerikaa haleellaan akkanaa dhihoo ta'uu gabaasan.

    Israa'el mariin Ameerikaa fi Iraan gidduutti (Ebla irraa eegalee adeemsifamaa ture) waliigaltee nikulaaraa haaraa Iraan sagantaa nikulaaraa qabaachuu dandeessisuu mala jettee yaaddoo keessa turte. Kanas ammoo Israa'el bifa kamiinuu fudhachuu akka hin dandeenye dubbatteetti.

    Waggootaaf sagantaa nikulaaraa Iraan irraa balaa jiraachuu akka danda'au waggootaaf akeekkachiisaa turte. Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun walakkeessa bara 1990moota irraa eegalee kana mata duree haasaa taasisaniiru.

    Iraan ammoo sagantaa nikulaaraanshee nagaa, kan kaayyoo siiviilii qofaaf ooluu ta'uu cimsitee himuu itti fufuudhaan meeshaa nikulaara oomishuu barbaaduu haaltee jirti.

    Haata'u malee, aanga'oonni Lixaa fi Ejjansiin Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) kan niikulaara addunyaa to'atu, dhimma kanarratti hin gammadne.

    Guyyaa Kamisa darbee IAEAn waggoota 20 keessatti yeroo jalqabaatiif Iraan dirqama niikulaaraa cabsuu ilaalichiisee ibsa baasee ture.

    Haleellaan kun yeroo jalqabamu kan dubbatan Netaaniyaahuun, haala madaallii dhiheenya IAEAn taasiseen wal simuun, Iraan meeshaa gahaa, akka yaadaatti, boombiiwwan nikulaaraa sagal oomishtee jirti jedhan.

    Itti dabaluunis, Iraan ''dhimma jiraachuuf Israa'eliif baayyee yaaddodha'' jedhan.

    Haleellaan kunis marii nikulaaraa marsaa itti aanu kan Dilbata gaggeeffamuu qabu dursee jira.

  3. IAEA'n bakke gabbiisa niikulaaraa Iraan guddichi haleelamu mirkanneesse

    Namoota gaddaa jira

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni niwukilaraa addunyaa to'atu bakkeen niwukilarri itti gabbiifamu guddaan Iraan keessa jiru haleelamuu mirkaneesseera.

    Hogganaan dhaabbata niwukilaraa addunyaa, Ejensiin Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) bakkii Iraan Naatanzitti keessatti itti niikulaaraa gubbiiftu guddichi Jimaata gara ganamaa keessa haleellaa Israa'eliin rukutamuu isaa mirkaneesseera.

    Ejensiin barreeffama isaa toora X irratti qoodeen ''haala Iraan keessatti baayyee yaaddessaa ta'e itti dhiyeenyaan hordofaan jira'' jedheera.

    Ejensichi sadarkaa raadiyaashiniin iddoo haleellaa sanaa akkasumas to'attoota isaa Iraan keessa jiran ilaalchisee aangawoota Iraan waliin wal qunnamtii akka qabu ibseera.

  4. Amma nu gahe, Waraanni Israa'el Iraan diroonii gara 100 gara Israa'elitti furguggisuu ibse

    Gamoowwan haleellaa Israa'eliin barbadaa'an keessa

    Madda suuraa, Majid Asgaripour/WANA (West Asia News Agency) via Reuters

    Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) Birgaader Janaraal Effie Defriin, Iraan "tilmaamaan dirooniiwwan UAV gara 100 ta'an Israa'elitti furguggifte" kan jedhan yoo ta'u, isaanis hojii fashaleessuu hojjechaa akka jiran dubbatan.

    Aanga'aan kun itti dabaluudhaan, haleellaa halkan edaa Israa'el raawwatteen ammoo hogganaan waraana Iraan, ajajaan Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) fi ajajaan humna yeroo balaa Iraan ajjeefamaniiru.

    Akkasumas miidiyaaleen mootummaa Iraanis isaan dura hogganaan Eegdota Warraaqsaa, Hoseen Salaamiin ajjeefamuu isaanii gabaasaniiru.

    Akka yaadachiisaatti, Israa'el keessatti labsiin yeroo muddamaa labsameera.

  5. Gatiin boba'aa addunyaa erga Israa'el Iraan haleelteen booda baayee dabalaa jira

    Nama konkolaataatti boba'aa gutaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Sababa waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa hammaataa dhufeef, keessumaa erga Israa'el Iraan irratti haleellaa raawwattee booda gatiin boba'aa garmalee ol ka'e.

    Erga taateen kun dhagahameen booda, kontiraatoonni ittiin boba'aan madaalamu, Brent Crude fi Nymex light sweet, %10n ol dabaleera.

    Daldaltoonnis waldhabdeen Iraanii fi Israa'el gidduutti uumamu kun dhiyeessii naannoo boba'aan badhaadhe kana irraa dhufu jeequu danda'a jechuun yaaddoo keessa jiru.

    Baasii jikita boba'aa gatii nyaataa supparmaarkeetiiwwan kaasee kan hanga boba'aa konkolaataatti guutamuutti gatii waan hundaa irratti dhiibbaa qaba.

    Xiinxaltoonni BBC'tti akka himanitti, amma daldaltoonni boba'aa Iraan guyyoota itti aanan keessatti haaloo ba'uu fi dhiisuu ishee ni hordofu.

  6. Hogganaan Eegdota Warraaqsa Iraan haleellaa Israa'eliin ajjeefame Hoseen Salaamiin eenyu?

    Eegduu Warraaqsa Islaamaa Hoseen Salaamii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ajajaan Eegduu Warraaqsa Islaamaa Hoseen Salaamii hogganaa olaanaa Iraan haleellaa Israa’eliin ajjeefame ta’uun isaa himamaa jira.

    Salaamiin jalqaba bara 1980 yeroo waraanni Iraan fi Iraaq ka'etti Eegdota Warraaqsaatti makame.

    Akkuma gulantaa waraanaa keessaatti sadarkaan guddichaa deemeen, US fi michoota isheerratti dubbii cimaa dubbachuudhaan beekama ture.

    Bara 2000 irraa eegalee Sagantaa Niwukilaraa fi waraanaa Iraan keessatti hirmaachuusaatiin Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Ameerikaan qoqqobbiin irra kaa'ameera.

    Bara 2024 Iraan yeroo jalqabaaf haleellaa waraanaa kallattiin Israa’el irratti raawwatte, diroonii fi misaa’ela 300 ol bobbaasuun itti gaafatamaa Eegdota Warraaqsaa ture.

    Erga dhiyoo as Israa'el waliin waldhabdeen uumame hammaataa waan dhufeef, Salaamiin Kamisa darbe Iraan ''waan dhufuu maluufi haala kamiifuu guutummaatti qophiidha'' jedhe.

    “Diinni akkuma Filisxeemota warra kaan isaanirraa ittisu hin qabne goolama Israa’el jala jiran sana Iraan waraanuu nan danda’a jedhee yaada.” "Nuti waraanaan qoramnee, muuxannoo qabna," jechuun dubbate.

  7. Hogganaan UN haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatte balaaleffachuun 'of qusannaa olaanaaf' waamicha taasisan

    Bareessaa Olaanaa dhaabbata UN

    Madda suuraa, Reuters

    Hogganaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Baha Giddu Galeessaa keessatti ''of qusannaa olaanaan'' akka jiraatuuf gaafachuun, haleellaa Israa'el iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti raawwattu balaaleffatan.

    Barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez bakka bu'uun kan dubbatan Dubbi himaansaanii, Guutareez: "yeroo mariin Iraan fi Ameerikaa gidduutti geggeeffamaa jirutti haleellaan Israa'el dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti raawwatamuu yaaddoo addaa qabu" jedhan.

    Barreessaan Olaanaan kun ''gama lachuunuu of qusannaa guddaa akka agarsiisan, haarsaa gara waldhabdee cimaa kamuuttuu geessuufi haala naannichi baay'ee rakkisaa ta'e kamuu irraa akka of qusataniif waamicha taasisaniiru," jedhan dubbi himaan kun.

  8. Diinummaa US fi Iraan walakkaa jaarraa guute dudduuba maaltu jira?

    Tiraamp fi Ayaatoolaah

    Madda suuraa, Reuters

    US naannoo Baha Giddu Galeessaa keessa yaaddon nageenyaa jira jechuun Israa'el Iraaniin haleeluu dura dippilomaatota muraasaa fi maatii humnoota waraanaashee achii baastee jirti.

    Haleellaan Israa'el raawwatamuu dura tarii yoo raawwatame Iraan ammoo haaloo bahuuf buufataalee waraanafi embasiiwwan US Baha Giddu Galeessaa keessa jiran irratti haleellaa banuu dandeessi yaaddoon jedhu tureera.

    Gama biraan ammoo US fi Iraan marii dhimma nikularaa irratti gaggeessaa jiraniin bu'aan barbaachisaan akka hin jirre Tiraamp ibse ture.

    Garuu diinummaan biyyoota lamaanii waggoota 50 akkamiin eegale? Biyyoonni lamaan dur michuu garaa turan akkamiin deebi'anii argaa walii jibban? Dudduubeesaa mee haa ilaallu. Odeessa kanarratti dabalataan dubbiisuuf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  9. Netaaniyaahuun haleellaa Iraan irratti gaggeessaniin buufataalee niikuleeraarratti xiyyeffachuu himan

    Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun haleellaan Israa'el gaggeessite ''handhuura sagantaa gabbisa niwukilaraa Iraan rukute'' jedhan.

    Israa’el bakka gabbisa guddaa [niwukilaraa] Iraan magaalaa Nataanz jedhamtu kan magaalaa guddoo Iraan Tehraan irraa gara kibbaatti 225km fagaattu rukutteetti jedhan Netaaniyaahuun.

    Ebla bara 2021 keessa Iraan haleellaa saayibarii dhaabbatichaa irratti raawwatteef Israa'el komachaa turte.

    Israa'el saayintistoota Iraan ''boombii Iraaniif hojjetan'' irratti xiyyeeffachuushees dubbatan Netaaniyaahuun.

    Haleellaan kun ''hanga guyyoota barbaachisuutti itti fufa,'' jedhan Netaaniyaahuun itti dabaluun.

  10. Lammiileen Israa'el qajeelfama waraanaa akka hordofuu qaban akeekkachiifaman

    Magaalaa Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun lammiileen Israa’el qajeelfama waraanaa akka hordofan dhaamaa jiru. Yeroo dheeraaf bakka dahoo qabu keessa turuu akka danda'anis dubbataniiru.

    Netaaniyaahuun haleellaa Iraan irratti gaggeeffame ''baay'ee milkaa'aadha'' jechuunis ibsaniiru. Garuu Israa'el amma haleellaa deebii Iraan irraa dhufuu maluuf jecha labsii yeroo muddamaa keessa jirti.

    Jiraattonni "bakka eegumsa qabu keessa turuu" fi "qajeelfama" aanga'ootaa akka hordofan itti himameera.

  11. Hogganaan olaanaan Iraan Israa'el 'hiree hadhaawaa' dhamdhamuuf jirti jedhan

    Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Komeenii

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Komeenii akka jedhanitti, haleellaawwan kunneen 'amala hamaa' Israa'el agarsiisa.

    Akka Raahitars gabaasetti, haleellaa kanaan Israa'el "hiree hadhaawaa argachuuf jirtu ofiif qopheessite.

  12. Israa'el wiirtuu niwukilaraafi ajajaa waraanaarratti xiyyeeffachuun Iraan haleelte

    Haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatteen booda abidda mul'atu

    Madda suuraa, AP

    Israa'el wiirtuuwwan niwukilaraafi buufatawwan waraanaarratti xiyyeeffachuun Iraan haleelte.

    Haleellaa Israa'el kanaan saayinitistoonni niwukilaraa Iraan fi hogganaan Eegduu Warraaqsaa Iraan [Iran Revolutionary Guard] ajjeefamuun gabaafameera.

    Israa’el haleellaa Iraan keessatti raawwatte kana wiirtuuwwan niwukilaraarratti xiyyeeffachuun akka ta’e Humni Ittsaa Israa’el (IDF) beeksiseera.Dho’insawwanis magaalaa guddoo Iraan, Tehraan keessatti dhaga’ameera.

    Haleellaan kun qaama Opireeshinii Raayizing Laayiwon [Operation Rising Lion] akka ta’e Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu dubbataniiru.

    Iraan “jiraachuu Israa’eliif” yaaddoodha jedhan MM Netaaniyaahuun itti dabaluun.

    Israa'el haleellaan deebii kennuu [haaloo ba’uu] “yeroo dhiyootti” Iraan irraa dhufuu mala yaada jedhuun labsii yeroo muddamaa labsiteetti.

    TVn mootummaa Iraan bakkeewwan jireenyaa Tehraan keessa jiran rukutamuufi daa'imman dabalatee namoonni nagaa kanneen ajjeefaman keessaa ta'uu gabaaseera. Haata’u malee, gabaasni kun qama walabarraa hin mirkanoofne

    Miidiyaaleen mootummaa Iraanis hogganaan Eegdota Warraaqsaa Hoseen Salamiin haleellaa raawwatameen ajjeefamuu isaanii gabaasaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoo haleellaa kana keessatti hirmaannaafi gargaarsi Ameerikaa hin turre jedhan.

    Haleellaa kana hordofee yaadni idil-addunyaa irraa kennamaa jiru baayyee yoo ta’u, Awustiraaliyaan dubbiin kun hammachuun ''yaadda’uu'' himteetti.

  13. Amma nu gahe, Daandii qilleensa Indiyaa ilamtoota 241 xiyyaaricha keessa turan keessaa 241 du'usaanii ibse

    Cacabaa xiyyaaraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Daandiin qilleensaa Indiyaa balaa xiyyaaraa har'a qaqqabeen namoota xiyyaarichaan imalaa turan 242 keessaa lubbuun namoota 241 darbuu mirkaneesse.

    Daandiin xiyyaarichaa itti dabaluudhaan, lammii Biriteen "lubbuun hafe tokkichi" hospitaalatti yaalamaa akka jiru ibseera.

    Xiyyaarrii imaltootaa silaa Indiyaa irraa ka'ee gara UK imaluuf ture ka'ee sakandii muraasaan booda kuffee cacabuun lubbuun namoota kanneen badeera.

    Gareen baraartoota lubbuu bakka xiyyaarri kun itti kufee caccabee, Ahmadaabaad hojii baraarsaa xumuruu ministeerri sivil aviyeeshinii Indiyaa ibsan.

  14. Viidiyoo namicha balaa xiyyaaraa namoota 204 galaafate irraa lubbuun hafee yeroo ka'ee deemu agarsiisu

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Viidiyoo namicha balaa xiyyaaraa lubbuu 204 galaafate keessaa lubbuun hafee yeroo ka'ee deemu agarsiisu

    Kun viidiyoo lammiin Biriteen, Vishwaashkumaar Raameesh jedhamu bakka balaan xiyyaaraa namoota 204 galaafate itti mudate, Ahmedaabaad irraa lubbuun oolee ka'ee osoo deemaa jiruu agarsiisa.

    Akka yaadachiisaatti, Raameesh kanaan dura siree hospitaala isaarraa gaazexeessitoota waliin kan dubbate yoo ta'u, kaardii ittiin xiyyara seene (boarding pass) isaa agarsiiseera.

    BBCn ammoo fira isaa UK- Leesteer jiru waliin haasa'eera.

    Daawwadhaa!

  15. Ummanni yaadannoo namoota balaa xiyyaaraatiin miidhamaniif dungoo qabsiisan

    Ummata walitti qabanee dungoo ibsaa kadhata gaggeessu

    Madda suuraa, Getty Images

    Namoonni hedduun walitti qabamuudhaan yaadannoo namoota balaa xiyyaaraa qaqqabeetiin miidhamaniif duungoo qabsiisan.

    Suuraalee biyya Indiyaatti namoonni magaalota Paatnaa fi Siligurii jedhaman keessatti sirna kadhannaa irratti hirmaatan agarsiisan qoodamaa jirra.

    Namoonni kunneen kanneen balaa xiyyaaraa har'aa akkuma balaliidhaaf buufata xiyyaaraa irraa ka'een daqiiqaa muraasa keessatti magaalaa Ahmedaabaad keessatti mudateen miidhamaniif yaadannoof duungoo kan ibsan.

    Suuraan namoonni hedduun walitti qabamanii yoo duubgoo ibsa argasiisuu kunooti:

    Namoota dungoo bobbaafatan

    Madda suuraa, Getty Images

  16. Lammiin Biriitish teessuma 11A irra ture balaa xiyyaaraa Indiyaarraa lubbuun oole

    Nama balaa xiyyaaraa Indiyaarraa oole

    Madda suuraa, Hindustan Times

    Balaa xiyyaara Ayir Indiyaa yoo xiqqaate lubbuu namoota 200 galaafate keessaa namni tokko lubbuun hafuu hogganaan poolisii tokko dhaabbata oduu Indiyaa tokkoof himan.

    Komishinarri Poolisii Ahmedabaad GS Maalik ANItti akka himanitti, balalii Boeing 787-8 gara Landanitti imalurratti teessuma 11A irra kan ture namni lubbuun hafe tokko jira.

    Ibsa balalii aanga'oonni qoodan akka agarsiisetti, imalaan teessoo sanarra ture lammii Biriteen Vishwaash Kumaar Raamesh ta'uu ibseera.

    Miidiyaaleen Indiyaa hospitaala keessatti Obbo Raamesh waliin dubbachuusaanii ibsuun: "Erga ka'ee sekondii soddoma booda sagalee guddaan dhaga'amuu hordofee xiyyaarichi kufe. Kun hundi battalumatti ta'e" jechuun gabaasan.

  17. Viidiyoo balaa booda bakka xiyaarri itti kufe agarsiisu

    Viidiyoon Ahmedaabaad bakka xiyyaarri itti kufee caccabetti namoonniifi hojjetoonni abidda dhaamsan walitti qabamanii agarsiisa.

    Cabaan xiyyaara kufees gamoorraa gadi rarra'ee mul'ata.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Viidiyoo balaa booda bakka xiyaaraan itti kufe agarsiisu
  18. Xiyyaarri manasaanirratti kufuu hordofee yoo xinnaate barattoonni fayyaa 50 miidhamanii hospitaala geeffaman

    Gamooni barattoonni wallaansaa keessa jiraatan barbadaa'e

    Madda suuraa, Reuters

    Akeekkachiisa: Qabiyyeen bareeffama kanaa miira keessan miidhuu danda'a.

    Federeeshinii Waldaa Meedikaalaa Indiyaa Guutuu (FAIMA) akka beeksisetti, xiyyaarri daandii qilleensa Indiyaa hospitaala hakiimonni keessa jiraatan irratti kufuu hordofee, barattoonni fayyaa gara 50 hanga 60 ta’an miidamanii yaaliif gara hospitaalaatti geeffamaniiru.

    Waldichi akka jedhutti, barattoonni shan ammoo achi buuteen isaanii kan dhabame yoo ta'u, yoo xiqqaate lamaan isaanii ammoo kutaa yaala cimaa (ICU) keessatti yaalamaa jiru.

    Akkasumas, firoonni hakiimotaa tokko tokkoos achi buuteen isaanii dhabameera.

    Federeeshinii Waldaa Meedikaalaa Indiyaa Guutuu (FAIMA)n akka jedhutti, imaltoonni xiyaarichaan balal'ii turan irra caalaan isaanii erga du'anii booda gara hospitaalaatti geeffaman.

  19. Dr. Maahilet dabalatee hakimoonni hedduun marii Ministeera Fayyaa waliin booda hiikaman- Abukaatoo

    Dr Maahleet Guush

    Madda suuraa, Dr. Maahleet Guush

    Ogeeyyiin fayyaa torbaan sadii oliif hidhaarra turan Waxabajjii 11 galgala Ministeera Fayyaa waliin erga mari'atanii booda akka hiikaman, Manneen Murtii Federaalaa Kamittuu gorsaa seeraa fi abukaatoo kan ta'an Jambar Abdoo BBC'tti himan.

    Haati daa'ima ganna tokkoofi ji'a jahaa irraa kan hidhamte Dr. Maahilet Guushis har'a hiikamuu miseensi maatii BBC'f mirkaneessaniiru.

    Sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa turaniin hordofee kutaalee biyyattii gara garaa keessatti Pirezidantii Waldaa Ogogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa dabalatee ogeeyyiin hedduun hidhamaa turaniiru.

    Naannolee akka Amaaraa fi Oromiyaa keessatti ogeeyyiin fayyaa hidhaman kan gadhiifaman yoo ta'u, ogeeyyiin Finfinneetti hidhaman ammoo "jeequmsaaf hokkora" kaasuun shakkaman jedhirratti ammoo poolisiin qorannaa taasisaa turuun kan yaadatamudha.

    Ogeeyyiin fayyaa himanni irratti hin banamne garuu ammoo qorannaarra turan kan beellamaan dhaddachatti dhiyaachaa turuu kaasuun, mirgi wabii isaanii akka eegamuuf gaafachaa turuu dubbatu.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.

  20. Viidiyoo Xiyyaara Indiyaa kufuu isaa duraafi booda agarsiisu

    Viidiyoon kun Xiyyaarri Indiyaa caccabe osoo hin kufiin duraafi booda kan agarsiisudha.

    Akeekkachiisa: Viidiyoon gabaabaa kun kan nama rifaasisudha.

    Daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Viidiyoo Xiyyaara Indiyaa kufuu isaa duraafi booda agarsiisu