Biyyoonni lamaan wal haleeluu yeroo itti fufanitti, Israa'el samii Tehraan guutummaatti to'achuu ibsite

Erga waldhabdeen tibbanaa kun eegalee kaasee Israa'eloonni 10 ol irra miidhaan qaqqabuun yoo himamu, ministeerri fayyaa Iraan ammoo namoonni 224 ajjeeffamu beeksiiseera.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Suuraalee haleellaa Iraaniin booda miidhaa Israa'elitti qaqqabe agarsiisan

    Yeroo ammaa Israa'elitti sa'atiin ganama barfata keessa yoo tahu suuraalee haleellaa Iraaniin booda bahan argaa jirra.

    Iraan haleellaa misaayelaa Israa'eliif deebii kennuuf raawwatteen kaabaafi gidduugala Israa'elitti manneen jireenyaa haleelamaniiru.

    Tajaajilli Yeroo Hatattamaa Israa'el yoo xiqqaate namoonni 10 ajjeefamaniiru, kanneen 100 tahan immoo madaa'aniiru jedhe.

    Manneen Israa'el keessatti jijjigan

    Madda suuraa, EPA

    Kaaba Israa'e; haleellaa Iraaniin booda

    Madda suuraa, EPA

    Manneen Israa'el keessatti jijjigan

    Madda suuraa, EPA

  2. Pirezidantiin Israa'el ''ganamni gaddaan nuun bari'e'' jedhan.

    Pirezidantii Israa'el Isaak Herozg

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa Iraan qilleensarraan giddugalaa fi kaaba Israa'el irratti raawwatteen lubbuu namootaa darbee fi namoota hedduu madaa'aniin gadduu ibsan Pirezidantiin Israa'el Isaak Herzog.

    Pirezidantichi ''ganama gaddisiisaa fi akkaan ulfaataa ta'e,'' jechuun barii kana ibsan.

    Iraan haleellaa halkan keessa Israa'el irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 10 yoo du'an 100 kan caalan madaa'aniiru.

    ''Yakkamtoonni Iraan'' haleellaa raawwataniin Arabootaa fi Yihuudota lammiilee Israa'el ta'an ajjeesan jedhan qondaalli Israa'el kun.

    Kanneen ajjeefaman lammiilee Israa'el qofa osoo hin taane baqattoonnis keessa jiru akka qondaalli kun jedhanitti.

    Hedduun ammoo daa'imman fi dubartoota akkasumas namoota humna hin qabne ta'uu ibsan.

    ''Gadda maatiiwwan namootasaanii du'aan dhabanii nan qooddadha. Miidhaa nurra ga'eef baayyeen gadda. Kanneen miidhaman akka dafanii bayyanatan nan kadhaaf.

    Kanneen dhabaman akka argamanis akkasuma. Waliin gaddina, waliin irra aanna,'' jedhan.

  3. Haleellaa Israa'eliin Iraanitti miidhaan namoota irra gahe hin ibsamne

    Dubartii oduu dubbistu

    Madda suuraa, IRINN

    Miidiyaan mootummaa Iraan har'a ganama haleellaa biyyattiin Israa'el irratti raawwataa jirtu kan gabaasan yoo ta'u, haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwattee garuu gabaasa murtaa'aa qofa dhiyeessan.

    Gabaasni oduu TV mootummaa Iraan ganama kanaa waa'ee barbadaa'uu Iron Dome Isaraa'el irratti gabaasani bal'aa kan dhiyeessan yoo tahu, haleellaa Israa'el Iraan irratti raawwatte ilaalchiisuun garuu gadi xiqqeessuudhaan miidhaan namarra qaqqabu hin eeramne.

    Iraan keessa bilisummaan miidiyaa baayyee xiqqoo yoo tahu, mootummaa ammoo hamma miidhaa haleellaa Israa'eliin qaqabee gad xiqqeessuun kan barameedha.

  4. Humni waraanaa Israa'el lammiileen Iraan naannawa buufata waraanaa akka gadhiisan akeekkachiise

    Akeekkachiisi kun haleellaa haaraa fi hamaan mudachuuf akka jiru mul'isa. Humni waraanaa Israa'el akeekkachiisa kana karaa X dabarse.

    Lammiileen Iraan naannawa buufataalee waraanaa Iraan xiyyeeffannoo Israa'el ta'anirraa akka fagaatan ibse.

    ''Namni naannawa oomisha meeshaalee waraanaa Iraan jiru hundi bakka sanaa godaanuu qaba.

    Hanga ajaji darbutti akka hin deebine. Naannawa buufata meeshaalee waraanaa kunneenii jiraannaan jireenyi keessa balaarra bu'a,'' jedha akeekkachiisi Israa'el.

  5. Haleellaa Iraan misaa'elaan Israa'el irratti raawwatteen yoo xiqqaate 10 du'an

    Haleellaa Israa'el buufata boba'aa Iraan magaalaa Tehraanitti argamu, Shahran irratti raawwatteen balaan abiddaa mudate

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Israa'el buufata boba'aa Iraan magaalaa Tehraanitti argamu, Shahran irratti raawwatteen balaan abiddaa mudate

    Qondaalonni akka beeksisanitti haleellaan lubbuu namoota 10 caalanii galaafate kun halkan keessa raawwate.

    Poolisiin akka jedhutti namoonni ja'a magaalaa kibba Teel Aviiv, Bat Yam jedhamtu keessatti ajjeefaman.

    Kanneen ajjeefaman keessaa lama daa'immani.

    Namoonni torba ammoo gamoowwan haleellaa raawwateen barbadaa'an jalatti awwaalamanii barbaadamaa jiru jedhe poolisiin.

    Namoonni afur biroon ammoo haleellaa kaaba Arab, magaalaa Tamra jedhamu keessatti raawwateen ajjeefaman.

    Haleellaa Iraan giddugalaa fi kaaba Israa'elitti raawwatte kanaan kanneen ajjeefamaniin alatti namoonni 100 caalan madaa'uu tajaajilli yeroo balaa tasaa fi maddeen hospitaalaa mirkaneessaniiru.

    Iraan erga Israa'el buufataalee boba'aa ishee haleeltee tarkaanfii kana fudhatte.

    Ministeerri boba'aa Iraan haleellaa Israa'eliin kuusaa boba'aa magaalaa Tehraan keessatti argamutti abidda qabachuu fi booda to'atamuu ibse.

    Pirezidantiin Iraan yoo Israa'el gocha kanarraa hin dhaabbattu ta'e ''tarkaanfii hadhaawaatu itti fufa,'' jechuun akeekkachiisan.

    Muddamni Israa'el fi Iraan ammallee daran hammaateera.

  6. Haleellaa Iraaniin Israa'el waan galmaan gahuu feetu ammallee ifa miti

    Benjaamin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, Reuters

    Misaayelli Iraan Israa'el keessatti dubartoota afur miseensota maatii tokkoofi daa'imman lama dabalatee namoota 10 ajjeesuun booda namoonni Israa'el keessa jiran baayyeen naasuu keessa jiru.

    Qondaaloti Israa'el biyyattiin guyyoota hamaa dabarsuu akka dandeessu akeekkachiisniiru, kunis Israa'el haleellaa mul'atee hin beekne Iraan irratti yeroo raawwachaa jirtutti dha.

    Israa'el duulli kuni yeroo dheeraa fudhata- yoo baayyate guyyoota faa jettus kaayyoonshee dhumaa maal akka tahe garuu Israa'el hin ibsine.

    Eda galgala Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu haleellaan hamma yoonaa raawwate kan sichii Iraan arguuf jirtuun yoo dorgomuu homaa miti jedhan.

    Qondaaloti Israa'el gochaan isaanii sirrii tahuu yoo himan Iraan meeshaa waraanaa niwkilaaraa oomishuun iddoo boodatti hin deebinerra geesseetti jedhan.

    Yaada kana gariin namootaa kan qeeqan yoo tahu, Iraan sagantaan niwkilaaraashee kaayyoo fayyaalessa taheef akka oolu himtus Israa'el kana takkaa fudhattee hin beektu.

    Qeeqxonni ministira mummichaa waraana filannoodhaan taasifamaa jiru jechuun sagantaa niwkilaaraa Iraan furuuf karaan sirriin dippiloomaasii dha jedhan.

    Pireezidant Tiraamp gamasaaniin Iraan waliigaltee niwkilaaraa akka fudhattu waamicha dhiyeessaa jiru, tahus waanti waliigalteef dhiyaate garuu maal akka tahe hin beekamu.

    Waliigaltee niwkilaaraa biyyoota jajjaboon bara 2015 Iraan wajjin mallatteefame keessaa Tiraamp yeroo bulchiinsa isaa jalqabaa keessaa of baasuun ni yaadatama.

    Waliigalteen sun mudaa kan hin qabne jedhamuu baatus waliigaltee Iraan irratti waliigalte ture.

    Mariin waliigaltee niwkilaaraa Ameerikaafi Iraan gidduutti taasifamuuf har'atti qabme haqameera.

    Ministirri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araaqchii haleellaa hamaa Israa'el otoo geggeessaa jirtuu mariin taasifamu hin jiru jedhe.

  7. Israa'el ganama kana lixa Iraan haleeluu ibsite

    Israa'elii fi Iraan qilleensarraan wal haleeluu itti fufaniiru. Erga halkan edaa Iraan misaa'eloota hedduu gara Israa'elitti dhukaastee booda sochiin waraanaa Israa'el kutaalee Iraan keessatti dabalaa jiraachuu dhagahaa jirra.

    Humni waraanaa Israa'el ganama kana haleellaa qilleensaa ''iddoo kuusaa fi misaa'eloonni Iraan irraa dhukaafaman,'' irratti raawwachuu ibseera.

    Kuusaan misaa'elaa kun Lixa Iraanitti kan argamu ta'uu waraanni Israa'el karaa toora Telegram ibse.

    Humni waraanaa Israa’el dirooniiwwan nam-maleeyyii (UAV) torba osoo gara Israa’el balal’iaa jiranii rukutee buusuus ibseera.

    Dirooniiwwan kunneen humna qilleensaa fi humna galaanaa biyyattiitu buuse jedhe waraanni Israa’el.

    Suuraan waraanni Israa’el maxxanse samii keessatti dhohiinsa mudate agarsiisa. Kunis wayita dirooniiwwan kunneen rukutaman ta’uu ibse.

    Muddamni Israa'el fi Iraan gidduutti dhalate daran hammaateera. Biyyoonni lameen halkan guutuu wal haleelaa bulan.

    Iraan misaa'eloota hedduudhaan giddugalaa fi kaaba Israa'el haleelte.

    Miidiyaaleen Israa'el hedduun akka gabaasaa turanitti battala haleellaan Iraan Kaaba Israa'el naannawa Haayifaa jedhamutti mudatu kanatti yoo xiqqaate namoonni afur du'aniiru.

    Humni waraanaa Israa'el gamoowwan Tehraan keessa jiran kan wiirtuu sagantaa niwukilaraa biyyattii fi waajjira humna ittisaa biyyattiiti jedhee amanu haleeluu ibseera.

    Ministeerri Boba'aa Iraan haleellaa booddana kana Israa'el raawwatteen kuusaan boba'aa Shahran kan magaalaa Tehraan keessatti argamu haleelamuu fi boodarra to'annoo jala ooluu ibse.

    Haleellaa Iraan halkan keessa raawwatteen buufati boba'aa Israa'el- Haayifaan miidhamuu viidiyoowwan achii ba'anii fi BBCn mirkaneesse mul'isaniiru.

  8. ''Israa'el fi Iraaniin salphaatti karaa marii nagaatti fiduu dandeenya,'- Tiraamp

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Ameerikaan haleellaa Israa'el fi Iraan gaggeessaa jiran keessaa harka hin qabdu jedhan.

    ''US haleellaa eda halkan Iraan irratti raawwatame keessaa gonkumaa harka hin qabdu,'' jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social jedhamurratti maxxansan.

    Iraan gamasheen Ameerikaa fi michoonni ishee Israa'el gargaaruun akka Tehraan haaloo hin baane gufachiisuu irraa akka of qusatan akeekkachiisteetti.

    ''Haala kamiinuu yoo haleellaan nurra ga'e garuu humni US qabdu akkaataa kanaan dura argamee hin beekneen gadi ba'ee tarkaanfiitti seena,'' jechuun akeekkachiisa jabaa kennan Tiraamp.

    ''Haata'u malee nuti kan feenu Israa'el fi Iraan gidduutti haleellaan kun akka dhaabbatuudha. Waraanni balaafamaan dhiiga dhangalaasu kun akka itti fufu hin feenu,'' jedhan Tiraamp.

  9. Amma nu gahe, Haleellaa Iraan halkana kana Israa'el irratti raawwatteen namoonni jaha ajjeefamuun hedduun madaa'un gabaafame

    Haleellaa Iraan Israa'el irratti dhukaafte

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Iraan Israa'el irratti halkana kana keessa raawwatameen namoonni jaha ajjeefamanii hedduun madaa’usaanii, miidiyaalee Israa’el fi tajaajila balaa tasaa himan.

    Iraan halkan kana dambalii misaa'elaa garaa garaa lama gara Israa'elitti dhukaafteeti.

    Haleellaan isa tokkoon yoo xiqqaate namoota shan kan du’an yoo ta’u, misaa’eloonni naannoo mana jireenyaa kan naannawa Haayifaatti argamu kaaba biyyattii haleellan jedha miidiyaaleen oduu Israa’el hedduun.

    Haleellaan gara biraa Iraan Israa'el irratti Teel Aviiv keessatti raawwatameen dubartii ganna 60 ajjeesuu tajaajilli balaa tasaa Israa’el Magen David Adom (MDA) ibseera.

    Naannoodhuma walfakkaatu keessatti namoonni 20 dabalataan madaa’uu isaanii, akkasumas namoonni 24 ammoo Fuulhiil Yihudaa keessatti madaa’uu dubbi himaan MDA dabalaniiru.

    BBC'n yeroo kanatti gabaasa kana addatti mirkaneessuu hin dandeenye.

    Iraan Israa'el irratti haleellaa raawwatte

    Madda suuraa, Getty Images

  10. Amma nu gahe, Iraan haleellaa haaraa Israa'el irratti yoo bantu IDF ammoo buuraalee misoomaa nikulaaraa Iraan haleeluu hime

    Haleellaa Iraan Israa'el irratti raawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan ammaan tana dambalii haleellaa haraa Israa'el irratti raawwachuu eegaluun dhagahame.

    TV mootummaa Iraan samii Teel Aviiv agarsiisuudhaan haleellaan gaggeeffamaa jiraachu kan labse yoo ta'u, Iraan ''haleellaa diroonii bal'aa'' Israa'el irratti dhukaaftee jirti jedheera.

    Gama biraatiin ammoo Raayyaan Ittisaa Israa’el bakkawwan bu’uuraalee misoomaa Teehraan keessaa kanneen sagantaa nikulaara biyyattiin waliin walqabatan irratti haleellaa walduraa duubaan raawwachuu isaa ibseera.

    Waraanni waajjira muummee ministeera ittisa Iraan fi Dhaabbata Kalaqaa fi Qorannoo Ittisaa dabalate kan irratti xiyyeeffatame ta'u ibseera.

    Itti dabaluudhaanis “qiyyeeffannaa dabalataatii” bakkeewwan “tattaaffii sirni Iraan meeshaa nikulaaraa argachuuf godhu tarkaanfachiisanii fi bakka sirni Iraan kuusaa nikulaaraa isaa dhokse” haleeluu himeera.

  11. Haleellaa Iraan Israa'el irratti raawwattee suuraadhaan

    Misaa'el Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Misaa'ela haaloo Iraan

    Madda suuraa, Reuters

    Misaa'el Iraan

    Madda suuraa, Reuters

  12. Kuusaan boba'aa Teehraan fi warshaan boba'aa qulqulleessu Haayifaa Israa'eliin haleelaman

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Fire at Shahran oil depot west of Tehran following Israeli attack

    Viidiyoon lammiileen Iraaniin miidiyaa hawaasaarratti maxxanfamee fi BBC mirkaneeffame, kaaba lixa magaalaa guddoo Teehraaniitti kan argamu bakka kuusaa boba'aatii ibiddi guddaan ka'uu agarsiisa.

    Viidiyoon BBCn mirkanaa'e tokko, jiraattonni lama yoo ibidda guddaa bakka kuusaa boba'aa Shaahraan keessatti ka'e kan kaaba lixa Teehrean, daandii Simon Bolivar irraa waraabame ilaalaa turan.

    Waraabbiin gara biraa ammoo, akkasumas daandii Simon Bolivar irraa kan waraabame yoo ta'u, taankariin boba'aa yoo gubatu, nama waraabe yeroo fi bakka viidiyichi itti waraabame mirkaneessa.

    Gabaasni dhaabbata oduu Meehr irraa bahees, akkasumas gabaasa marsariitichaa irraa waraabuun, wanti irratti xiyyeeffate kan fakkaachuu mirkaneesseera.

    Ministeerri boba'aa Iraan, haalli kun ''to'annoo jala oolfameera jira'' jedheera, miidiyaaleen Iraan garuu namoonni bakka kuusaa boba'aa sanarraa ''akka fagaatanii turan'' gaafataniiru.

    Gama biraatiinis, viidiyoon toora interneetii irratti qoodamee fi BBCn mirkanaa'e tokko, galgala kana misaa'ela Iraan irraa dhukaafame saalvoo hordofee naannoo warshaa boba'aa Haayifaatti ibiddi gubachuu agarsiisa.

    Waraabbiin kun fageenya irraa kan waraabame ta'us, mallattoolee beekaman naannoo sana jiran walsimsiisuun bakka sirrii viidiyichi irraa waraabame argachuudhaan warshaa boba'aa kana hubachuun dandaameera.

    BBC Verify'n haleellaa galgala har'aa biyyoota lameeniin raawwatameen booda viidiyoowwan dabalataa qorachuu itti fufee jira.

  13. Netaaniyaahuun kaabinee nageenyaa walitti qabe

    Walga'ii kaabinee nageenyaa Israa'el

    Madda suuraa, Avi Ohayon/ GPO

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu haleellaa misaa'elii haaraa Iraan irratti bante hordofee kaabinee nageenyaa walitti qabeera.

    Poolisiin Israa'el fi gareen tajaajila gargaarsa hatatamaa akka himanitti, haleellaa Iraan gaggeessiteen Kaaba Israa'el, Galiilee keessatti namoonni 14 madaa'anii dubartiin umuriin ishee waggaa 20oota keessa taate tokko lubbuun darbeera.

  14. Iraan haleellaa haaraa Israa'el irratti bante, Israa'el ammoo Tehiraan keessatti xiyyeeffattee rukkutaa jirti

    Haleellaa Iraan Israa'el irratti gaggeessite

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan Israa’el irratti haleellaa haaraa walirraa hin cinne bante. Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) ammoo ammallee buufatawa waraanaa Tehraan keessatti argamurratti xiyyeeffachuun rukutaa jiraachuu hime.

    Tajaajilli balaa tasaa Israa’el akka jedhutti, haleellaa galgala har’aa raawwatame hordofuun kaaba Israa’el keessatti namoonni hedduun madaa’uufi gamoowwan miidhamamkaniiru.

    Ministeerri Boba’aa Tehraan akka jedhetti ammoo, haleellaa Israa’el har’a raawwateen kuufamni boba’aa Shahraan magaalaa guddoo biyyattii keessa jiru rukutamee jira.

  15. Israa'el ajajaa waliigalaa waraana Huuti Yaman irratti qiyyaafachuun Yamanitti haleellaa gaggeessite

    Xayyaara waraanaa

    Madda suuraa, AFP

    Israa'elifi Iraan yeroo wal-haleelaa jiranitti, Israa'el hidhattoota Huutii irratti haleellaa qilleensarraa gaggeessite.

    Iraan daqiiqawwan muraasa dura misaa'elotaafi dirooniwwan heddu gara Israa'elitti dhukaaste.

    Israa'el ammoo Iraan yeroo haleelaa jirtutti, hidhattoota Huutii michuu Iraan ta'anitti ceetee jirtu.

    Miidiyaa Israa'el kan ta'e Haaretz akka gabaasetti, Israa'el ajajaa waliigalaa waraana Huutii kan ta'e Muhaammad Abdul Kariim al-Ghamaarii irratti xiyyeeffachuuni.

    Hidhattoonni Huutii bara 2023 yeroo Hamaasifi Israa'el gidduutti waraanni eegalee kaasee, misaa'elaafi diroonii gara Israa'elitti dhukaasaa ture.

  16. Israa'el yeroo Iraan haleelaa jirtutti, Iraan misaa'elaafi dirooniin Israa'el haleelte

    Iraanifi Israa'el yeroo wal-fakkaatatti wal-haleelaa jiru. Israa'el xayyaarota waraanaa bobbaasun yeroo Iraan haleelaa jirtutti, Iraanimmoo misaa'elotaafi dirooniwwan heddu gara Israa'elitti dhukaaste.

    Waraanni Israa'el haleellaa Iraan qolachaa akka jiru beeksisuun, lammiilen iddoo dahannoo akka turaniif ajajjee jirti.

    Miidiyaalen Iraan akka gabaasanitti, qiyyaafannoon Iraan magaalaa Tel Aviiv fi buufata doonii Hayifaadha.

    Gama biraan ammoo Kaaba Israa'elifi magaalaa Hayifaatti sagaleen dhohiinsaa dhagahamuu gabaasan.

    Sagaleen dhohiinsaa dhagahame caccabaa misaa'ela Iraan ta'uufi misaa'elli Iraan bakka qiyyaafannoo haleeluu adda hin baane.

  17. Iraan misaa'eloota heddu gara Israa'elitti dhukaaste

    Iraan misaa'elota gara Israa'elitti dhukaasuu Humni Waraana Israa'el beeksie.

    Misaa'elota Iraan dhukaaste amma sirni ittisaa qolachaan jira jedhe. Haleellaa misaa'elaa Iraan kana hordofee lammiilen bakka dahannoo akka turaniif ajajje.

    Miidiyaan mootummaa Iraan ammoo, biyyattiin misaa'eloota 100 ta'an gara Israa'elitti dhukaasuu gabaase.

  18. Israa'el guutuu Iraan irratti 'haleellaa bal'aa' gaggeessaa jirti, Teehiraan ammoo deebii 'hamaa' kennuuf dhaadatte

    MM Israa'el fi pirezidantii Iraan

    Madda suuraa, Getty Images and EPA

    Israa'el yeroo ammaa kana guutuu Iraan keessatti haleellaa bal'aa gaggeessaa jirti. Iraan ammoo deebii baayyee hamaa ta'e kennuufan jira jechuun dhaadachaa jirti.

    MM Netaaniyaahuun Iraan keessa xiyyeeffannaafi fuula kamiyyu ni haleella jedhe. Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan ammoo deebii baayyee hamaa ta'e dhufaa jira jechuun dhaadateera.

    Netaaniyaahuun haleellaa Iraan haaloo ba'uuf gaggeessiteef deebii kennaa jiraachuu hime.

    Pirezidantiin Iraan hanga Israa'el haleellaa gaggeessuu hin dhaabnetti mariin dhimma niwukilaraa hin jiraatu jedheera.

    Haleellaan ammaa kun kan raawwatame wayita Waashingitan fi Tehraan sagantaa niwukilaraa Iraan irratti msarii Dilbata irra deebi’anii jalqabuuf turanittidha.

    Amma garuu mariin kun haqamuun isaa himamaa jira.

  19. Bulchiinsa kaaba lixaa keessatti namoonni 31 haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu Iraan beeksifte

    Bulchaan bulchiinsa Iraan kaaba dhiha akka jedhanitti, miseensa waraanaa 30 fi miseensa Baatii Diimaa Iraan tokko dabalatee, namoonni 31 ajjeeffaman.

    Baahraam Saarmaast akkasumas hanga ammaatti namoonni 55 madaa’uusaanii dabaluun himan.

    Televijiiniin mootummaa Iraan, daa'imman 20 dabalatee, haleellaa Israa’el gamoo Teehraan irratti raawwateen namoonni 60 akka ajjeefaman gabaasaa ture.

    Iraan hanga ammaatti lakkoofsa waliigalaa namoota du’anii ifatti hin beeksiifne.

    Dhaabbanni Ji’a Diimaa Iraan akka jedhetti, bulchiinsa kaaba-lixa Azaarbaajaan dhihaa keessatti haleellaa ambulaansii irratti raawwatameen namoonni lama du’aniiru.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti ergamaan Iraan kaleessa akka jedhetti, haleellaa Israa’el raawwatteen namoota 78 ajjeesuu fi 320 ol madaa’uu ibsaniiru.

    BBC'n dubbii kana ofiin addatti mirkaneessuu hin danda'u.

  20. Amma nu gahe, Iraan Israa'el dirree boba'aa lama irratti haleellaa raawwatte jette

    Ministeerri Boba’aa Iraan ibsa kennaniin akka beeksisetti, dirree bobaa gurguddoon lama bulchiinsa Bushahr kan kibba Iraan keessatti argaman, Israa’eliin haleelamaniiru.

    Namoota ijaan argan wabeeffachuun, eddoowwan raabsaa boba'aa Iraan akka jedhanitti, dirree Boba'aa Paars Kibbaa Marsaa 14ffaan irratti haleellaan kan raawwatame UAV xixiqqoodha.

    Dhaabbanni boba'aa biraa Fajr Jam Gas Refining Company jedhamus bulchiinsa walfakkaataa kana keessatti irratti xiyyeefatamuun haleelameera.

    Israa'el dirreewwan boba'aa Iraan keessatti haleellaa raawwachuu ishee yeroo jalqabaatiif gabaasni argaa jirra.

    BBC Verify ammaan tana viidiyoo naannoo sanaa argate mirkaneessaa jira.