Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hezboollaan ajajaa waraanaasaanii haleellaa qilleensaa Beerutiin ajjeeffame awwaalan

Israa'el halkan darbe Beeruti keessatti bakka Hezboollaan irra rookkeettii dhukaasu haleeluu yoo himu, gareen milishootaa misaa'eloota 150 daangaa Israa'el keessatti dhukaase.

Guduunfaa

  • Rokkeetiin hedduun Libaanosirraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bule
  • Tiraamp falmii filannoo marsaa lamaffaa Kaamalaa waliin hin gaggeessu jedhe
  • Israa'el ajajoota waraanaa Hezboollaa 12 ajjeesuu himteHaleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefame
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Israa'el magaala Beerutitti haleellaa gaggeessuu beeksifte
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Jeettiiwwan waraanaa Israa'el Beerut irra balalii'uun 'doorsisaa jiru'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp yaalii ajjeechaaf dubbii Baayidan fi Kaamalaa Haaris komatan

    Tiraamp yaalii ajjeechaa tibbanaaf Baayidan fi Kaamalaa Haaris balaaleffachuun, ‘’shakkamaan kun dubbii hamtuu Dimikiraatoonni dubbataniirraa ka’uun gocha kana raawwate’’ jedhan.

    Dubbii isaanitu rasaasaan na dhaansisa, ani biyya balaarra baraaruuf otoon yaalaa jiruu yaaliin kun narra qaqqabe jedhan.

    Jarri garuu biyya balleesuuf yaalaa jiru jedhan Tiraamp.

    Haasaan Baayidan fi Kaamlaa Haaris Tiraamp ‘’dimokiraasiif yaaddoodha’’ kanaan dura jedhan kanaaf ka’umsa ta'eera jedhan.

    ‘’Isaan yaaddoo dhugaati, kun diina keessaati jedhan’’ jechuun dubbatan.

    Baayidan fi Kaamlaa Haaris gamasaanitiinTiraamp balaarra oolutti gammadu ibsan.

  2. Baayidan 'eegdota pirezidantiif deeggarsa dabalaatu barbaachisa' jedhan

    Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayidan erga yaaliin ajjeechaa biraa Tiraampirratti yaalamee asitti yeroo jalqabaaf gabaabsanii yaada kennan.

    ‘Eegdonni pirezidantii deeggarsa dabalaa barbaadu’ jedhan wayita masaraa Waayit Haawusii bahan.

    Baayiden amma waa’ee taatee yaalii ajjeechaa Dilbata mudatee ilaalchisee gabaasa guutuu akka hin arganne ibsuun, Tiraamp nagaa ta’uutti gammaduu ibsan.

    Tiraamp yaalii ajjeechaa ammas irratti raawwatameen booda 'gonkumaa harka hin kennu' jedhaniiru.

  3. Hogganaan IGAD waa'ee 'nageenya naannichaa mari'achuuf' Somaaliyaa seenan

    Barreessaan Olaanaa Tumsa Misoomaa Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr Warqinaa Gabayyoo mariif Somaaliyaa seenan.

    Lammii Itoophiyaa kan ta’an Dr Warqinaan buufata xiyyaaraa yeroo gahan Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Mowaalim Fiqii simataniiru.

    Akka IGAD ibsetti, daawwannaa isaaniin mootummaa Somaaliyaa waliin marii gaggeessu.

    Daawwannaan Barreessaa Olaanaa Tumsa Misoomaa Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni hammaatee jirutti dhagahame.

    Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaammoo akka ibsetti, hooggansa olaanoo biyyattii waliin marii taasisu.

    Kaayyoon daawwannaa isaaniis nageenya naannichaa, jijjiirama qilleensaafi kaan irrattis xiyyeeffata.

    Itoophiyaan sababa waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand waliin mallatteessiteef Somaaliyaa waliin waldhabdeetti.

    Masriin meeshaa waraanaa Somaaliyaatti erguun immoo ittuu haalicha hammeessa jedhamee sodaatameera.

    Itoophiyaafi Somaalilaand yaaddoo erga ibsan booda Ministirri Mummee Somaaliyaa torban darbe loltuun gara Somaaliyaa dhufaa jiru hin jiru jedhaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Mowaalim Fiqii tibbana Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa yoo addaan kutte malee hidhattoota Itoophiyaa hidhachiifna jedhanii dubbataniiru.

    Eegasii dippilomatiin Itoophiyaa cimsanii balaaleeffataniiru.

  4. Namni Tiraamp ajjeesuu yaaluun shakkame wayita hidhamu suuraa agarsiisu

    Qondaalli poolisii kaawuntii Maartiin suuraa namticha Tiraamp ajjeesuu yaaluun shakkame Rayaan Ruuz harkisaa dugda duuba godhate agarsiisu gadhiise.

    Suuraan kun wayita hidhamu kan kaafame.

  5. TikTok murtee US keessatti gurguramuu ykn dhorkamuu qaba jedhamerratti ol iyyannoo dhiyeeffachuuf

    TikTok abbaan qabeenyaa Chaayinaa ByteDance ji'a sagal dhufan keessatti appii miidiyaa hawaasaa kanaa yoo gurgure malee, seera US keessatti akka hin hojjanneef dhorkamuu mormuun Wiixata ol iyyannoo dhiyeessuu ni jalqaba.

    Tarkaanfiin baatii Eblaa keessa Pirezidaant Baayidaniin mallattaa'uun seera ta'e kun, kan yaaddoo odeeffannoon fayyadamtoota Ameerikaa mootummaa Chaayinaatiin basaasaaf fayyadamamuuf saaxilamaadha jedhu irraa kan ka'edha.

    TikTok fi ByteDance yeroo hunda aanga'oota Chaayinaa waliin walitti dhufeenya akka qaban kan haalan yoo ta'u, seera kanas akka ''mirga bilisummaa yaada ibsachuurratti jidduu-seenuu addaati'' jechuun ibsaniiru.

    Dhaabbanni Ameerikaa keessaa fayyadamtoota miiliyoona 170 ol qabaachuun himamu kun, falmiisaa garee abbootii seeraa sadii qabu duratti mana murtii ol iyyannoo Waashingitan DCtti dhiyeeffata.

  6. Ittaanaan MM Xaaliyaanii doonii baqattootaa danquun hidhaan adabamuuf

    Abbaan Alangaa Xaaliyaanii Ittaanaa Ministira Mummee biyyattii Maateeyoo Saalviiniin dooniin baqattoota feetee turte akka daangaa biyyasaaniirra hin dhaabbanne dhorkuudhaan hidhaa waggaa jahaatiin akka adabaman gaafatan.

    Saalviiniin bara 2019tti ture dooniin baqattoota qabatte tokko gara buufata Xaaliyaaniitti dhiyaachuun namoota akka buuftuuf hayyamu kan didan.

    Dooniin dhaabbata miti-mootummaa Open Arms jedhamuun gaggeefamtuufi baqattoota feetee turte erga torbanoota sadiif galaanarra turteen booda ajaja mana murtiitiin Odola Laampedusaarra akka qubatan taasifame.

    Kun wayita ta'utti Ministira dhimma biyya keessaa kan turan Saalviiniin himannaa irratti dhiyaate hin fudhanne.

    Sambata darbe himannicha ilaalchisuun wayita dubbatan, ani Xaaliyaaniin ''kaampii baqattootaa akka taatuuf hin barbaadu'' jechuun ''Xaaliyaaniifi lammiileeshee tiksuun yakka yoo ta'e balleessaa hojjadheera'' jedhan.

    Dooniin baqattoota 147 qarqara galaana Liibiyaatii ka'an feetee ilamaa turte Odola Laampeduusaa akka hin qubannees dhorkamte turte.

    Odolli Laampeduusaa kan Galaana Mediteraniyaan keessatti argamus kan baqattoonni gara Xaaliyaanii imalan ittiin ce'an yoo ta'u, keessattuu baroota dhiheenya keessa baqattoota kumaatama gara Awurooppaatti imalan gara odola kanaatti qajeelu.

    Ministirri Dhimma Biyya keessaa Xaaliyaanii yeroo sanaa, Saalviinii, imaammata 'daangaa cufame' jedhu tarkaanfaachisaa turan. Imaammanni kunis kan namoota seeraan ala daddabarsan ittisuuf kan baheedha jechuun falmu.

  7. Darbii Landan Kaabaan Arsenaal dirreesaatii ala mirgaan gale

  8. Ameerikaatti jeequumsi siyaasaa adeemsa haaraa ta'aa jira

    Waggoota kurnan lamaan darbaniif jeequmsi siyaasaa kaadhimamaa pirezidaantii paartilee gurguddoo keessaa tokko irratti kallattiin osoo hin raawwatamin erga tureen booda, US amma ji’a lamaan darban keessatti yeroo lammaffaaf haalli kun mudateera.

    Taateen yeroo lamaanu raawwatamanis kan pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp irratti xiyyeeffatanidha.

    Walakkeessa baatii Adooleessaa keessa qophii Butlar, Penisilvaaniyaatti gaggeeffame irratti namni qawwee hidhatee ture mataa Tiraampi rukutuuf xiqqoof oolee. Namni gannaa 20 sunis itti dhukaafamuun ajjeeffamee ture.

    Ji'a lamaan booda ammoo, Dilbata kaleessaa waaree booda, osoo dirree goolf keessa jiruu, ajjeechaa gara biraa irratti xiyyeefatamuu FBI'n kan ibse. Shakkamaan tokkos amma to'annaa jala ooleera.

    Qorattoonni akka jedhanitti, namni qawwee gosa AK-47 hidhachuun haleellaa raawwachuuf ture jedhame tokko osoo ergamtoota Tajaajila Iccitiitiin hin argin dura, Tiraamp dirree goolfii isaa West Palm Beach irratti osoo taphachaa jiruu, bosona keessa eeggataa ture.

    Gareen Tajaajila Icciitiis, dhukaasa bananii ture.

    Lammiileen Ameerikaa waggoota muraasa darban keessa siyaasa keessatti “adeemsa haaraa” siyaasa guddaa fi xiqqaa, madaquu qabu turan. Biyyatti keessatti haasaan biyyoolessaa gara jabummaa qabu hammatera, qoqqoodinsi paartii siyaasaa qaramee hidda gadi fageeffateera. ulaagaaleen amala kaadhimamaa mancaaseera.

    Weerara biyyoolessaa jeequmsa qawwee ilaalchisee, tariis haleellaan gosa kanaa ykn gara biraa, adeemsa haaraa idilee ta’uu danda’a. Ammaaf garuu ammallee nama rifachiisa jedha gabaasaan BBC kaaba Ameerikaa Antoonii Zuurchar.

  9. Yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti gaggeeffame suuraan

  10. Himannaan Maan Siitiirratti dhiyaate har'a dhaga'amuu jalqabu maali?

  11. Kaamalaa Haaris Tiraamp nagaa ta'uusaatiif gammaduu dubbatte

    Itti aantuun pirezidantii US Kaamalaa Haaris yaalii ajjeechaa Doonaald Tiraamp irratti raawwatame hordofuun ibsa guutuu kenniteen, Tiraamp nagaa ta'usaatti gammaduu dubbatte.

    Kaamalaa Haaris ibsa karaa Waayit Haawus baasteen, “Yaalii ajjeechaa pirezidaantii duraanii Tiraamp har’a raawwatameen baay’een jeeqame” jette.

    "Jeequmsa siyaasaa nan balaaleffadha. Jeequmsa dabalataa akka hin geenyeef hundi keenya gahee keenya bahuu qabna."

    "Pireezidantii duraanii Tiraamp nagaa ta'uu isaaniif gammadeera. Tajaajilli dhoksaa Ameerikaafi michoota seera kabachiisan of eeggannoo akka isaaf taasisan nan gaafadha."

    "Akkuma Pirezidant Baayidan jedhan, Sakiriit Sarvis qabeenyaa, dandeettiifi tarkaanfiiwwan eegumsaa ergamsaanii murteessaa ta'eef barbaachisaa ta'an hunda akka qabaataniif bulchiinsi keenya ni mirkanneessa.''

    Kanaan duras Kaamalaan ''jeequmsi Ameeriikaa keessatti eddoo hin qabu'' jechuun toora X gubbaatti barreessitee turte.

  12. Namni yaalii ajjeechaa Tiraamp shakkame eenyu?

    Gabaasaan Ameerikaatti michuu BBC ta‘e CBS News, maddeen amanamoo eeruun maqaan nama Tiraamp ajjeessuuf yaaluun shakkamee Raayaan Wesilii Raawuz jedhama jedhe.

    Garuu waa’ee nama kanaa hanga ammaatti maal beekna?

    BBC Verify pirofaayilii miidiyaa hawaasaa maqaa kana waliin tokko ta’e adda baaseera. Miidiyaa hawaasaa isaa kanarrattis loltoonni biyya alaa gara Yukireen deemanii humnoota Raashiyaa akka lolaniif waamicha taasiseera.

    Muuxannoo waraanaa kan hin qabne Raayaan Wesilii Raawuz, akkuma Raashiyaan Yukireen irratti weerara banteen, loltoota Afgaanistaan Taalibaanii baqatan qacaruuf bara 2023 gara Yukireen deemee akka ture New York Times’tti himeera.

    “Yaa loltootaa, maaloo na hin waamiinaa. Ammallee Yukireen lotoota Afgaanistaan akka fudhattu yaalaa jirra. Ji’oota dhufan keessa deebii arganna jennee yaadna… maaloo obsaa,” jechuun Adoolessa keessa fuula Feesbuukii isaarratti barreesse.

    Gabaasni jalqabaa akka agarsiisutti Raayaan Wesilii Raawuz kanaan dura yakka hojjetee irratti galmaa’eeru qaba. Akka maddeen CBS jedhanitti, namni kun kanaan dura meeshaa waraanaa dhoksaa hidhachuu dabalatee yakkawwan ciccimootaan adabameera.

    Ilmi shakkamaa kanaa maqaan isaa Oraan jedhamu miidiyaa US irratti, “abbaa jaalalaafi namaaf yaadudha” jechuun isa ibse.

  13. Yaalii ajjeechaaTiraamp irratti raawatame hanga ammaa kan beeknu

    Yaalii ajjeechaa ammas Doonaald Tiraamp irratti taasifame ilaalchisee hanga ammaa waan beeknu:

    • Doonaald Tiraamp yaaliin ajjeechaa dirree goolfii isaanii Filooriidaa irratti yaalii ajjeechaa fakkaatu irratti rawwatamu hordofee gara bakka nageenyaa isaaf gaarii ta’etti geeffameera.
    • Pirezidaantiin duraanii Doonaald Tiraamp yaalii ajjeechaa kun irratti rawwatamus miidhaan kan irra hin geenye ta’uu humameera.
    • Namni yaalii ajjeechaa kanaan shakkame to'annoo jala ooluu aanga'oonni Ameerikaa mirkaneessaniiru.
    • Hidhataan shakkame kun, qarqara dirree goolfii bosona keessa dhokatee kan ture yoo ta’u hojjetaan Sakiriit Sarviis kan yeroo Tiraamp goolfii taphatu sakatta’iinsa nageenyaa raawwachaa tureen arge.
    • Hojjetaan nageenyaa (Sakiriit Sarvis) kun mataa qawwee bosona keessaa ba'u arguun shakkamaa Tiraamp irraa fageenya tarkaanfii 300 hanga 500 (meetira 274 hanga 557) itti gaadaa jiru duukaa bu’uu jalqabe.
    • Shakkamaan kun konkolaataan baqatee boodarra garuu daandii guddaa I-95 irratti dhaabatee to'annoo jala oole.
    • Ameerikaatti michuu BBC kan ta'e CBS News maddeen isaa wabeeffachuun maqaa shakkamaa kanaa Ryan Wesley Routh ta’uu himeera.
    • Boodarra qawween AK-47-style, kaameraan GoPro fi boorsaan dugdaa lama naannoo shakkamaan kun dhokatee tureetti argamuu qondaaltonni himaniiru.
    • Tiraamp kan hin miidhamne yoo ta'u, boodarra "fayyaa akk ata’eefi ofkaleera" jechuun miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseera.
  14. Tiraamp yaalii ajjeechaa ammas irratti raawwatameen booda 'gonkumaa harka hin kennu' jedhan

  15. Israa'el Huutiin haleellaa misaa'elaa rawwateef 'gatii guddaa' baasa jechuun dhaadatte

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu erga misaa’ela gareen hidhattoota Huutii Yaman keessaatiin dhukaafame giddugaleessa Israa’el keessa bu'een booda “gatii guddaa” baasuuf jirtu jechun dhaadatan.

    Waraanni Israa’el akka jedhetti, misaa’elli kun Dilbata ganama naannoo namni keessa hin jirraanetti bu’e, haata'u malee, dhuka'iichi naannoo qilleensa Israa’el osoo hin seenin dura sirna ittisa qilleensaatiin balleessuu akka hin dandeenye agarsiisa.

    Itti dabaluun, misaa’elli kun akkamitti akka itti daangaa Israa’el keessa gahuu danda’e qorachaa akka jiru ibseera.

    Misaa'elii garee kanaan Yaman kan gidduugala Israa'el irraa gara km2,000 fagaaturraa dhukaafamuun kunis jidduugala biyyattii yoo qaqqabu kun yeroo jalqabaatiifidha.

    Raayyaan Ittisaa Israa’el (IDF), Dilbata kaleessaa misaa’ela kana kuffisuuf irra deddeebiin yaaliin godhamaa ture garuu qilleensa gidduutti caccabuun isaa hin oolu jedheera.

    Huutiin ammoo haleellaa kanaaf gosa misaa’ela Haaypersoonikii haaraa fayyadameera jedhe. Kunis carraaqqii haleellicha fashaleessuuf godhame akka hin milkoofne ibsuuf gargaaruu mala.

    Huutiin garee hidhattootaa wal waraansa waliinii biyyattii keessatti deemaa jiru keessatti irra caalaa Yaman kan qabataniifi qaama "Axis of Resistance" kan Iraaniin durfamtuufi fallaa Israa’el, US fi biyyoota Lixaa ta'uu of labsan.

    Huutii ibsa kennaniin, haleellaan Dilbata kaleessaa kun kan raawwatame Filisxiimota waliin dhaabbachuufi Israa’el waggaa tokkoffaa haleellaa Onkoloolessa 7n dura waan caalu eeguu qabdi jedhan.

    Caccabaan misaa'elaa buufata baaburaa magaalaa Modiin keessatti, lafa banaa naannoo buufata xiyyaara idil-addunyaa guddaa Israa'el qarqara Tel Aviv jirutti bu'uun, miidhaa muraasa kan geessise yoo ta'u.

    Miidhaan kun kan qaqqabe misaa'ela haleellaa faashalsiisuu Israa'el mataasheetiin akka ta'e amanama.

    Netaaniyaahuun haleellaan kunis Israa'el ''lola adda hedduutiin gare Iraan (Axis) nu balleessuuf carraaqu'' keessa akka jirtu kan agarsiisudha jedhan.

    ''[Huutiin] yaaliin nu miidhuuf godhamu kamiifuu gatii guddaa akka baasuu hanga ammaatti beekuu qabu turan,'' jedhan. "Namni nu miidhuu kamuu harka keenya jalaa hin bahu."

    Haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatame hordofuun humnoonni Israa’el Hamaas balleessuuf duula kan jalqaban yoo ta’u, namoonni gara 1,200 ajjeefamanii, kanneen 251 biroon ammoo booji’amanii gara Gaazaatti geeffamaniiru.