Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hezboollaan ajajaa waraanaasaanii haleellaa qilleensaa Beerutiin ajjeeffame awwaalan

Israa'el halkan darbe Beeruti keessatti bakka Hezboollaan irra rookkeettii dhukaasu haleeluu yoo himu, gareen milishootaa misaa'eloota 150 daangaa Israa'el keessatti dhukaase.

Guduunfaa

  • Rokkeetiin hedduun Libaanosirraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bule
  • Tiraamp falmii filannoo marsaa lamaffaa Kaamalaa waliin hin gaggeessu jedhe
  • Israa'el ajajoota waraanaa Hezboollaa 12 ajjeesuu himteHaleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefame
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Israa'el magaala Beerutitti haleellaa gaggeessuu beeksifte
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Jeettiiwwan waraanaa Israa'el Beerut irra balalii'uun 'doorsisaa jiru'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Rokkeettii Hezboollaan dhukaase Israa'el keessa hanga kibba Hayifaatti qaqqabe

    Haleellaa Sambata halkan Libaanos irraa Hezboollaan Israa'elitti dhukaase hanga kibba Israa'el-Hayifaati qaqqabeera. Haleellaa kana hordofee kaaba Israa’el magaalaa Haayifaa irratti aarri ol ka’ee mul’ateera.

    Gamoowwan manneen jireenyaa tokko tokkos ibiddi itti gubachuun jiraattonnis madaa'aniiru.

    Gareen lubbuu baraaran namoota madaa’an yaaluuf bakka sana kan gahan yoo ta’u, humnoonni nageenyaa Israa’el ammoo naannicha marsaniiru.

    Magaalattiin haleellaan rokkeettii Hezboollaa kanaan dura dhukaafamerraa gara kibbaatti argamti.

  2. Israa'el haleellaa Hezboollaan booda manneen-barnootaa cufte, akeekkachiisa kennite

    Israa'el haleellaa Hezboollaa hordofuun manneen-barnootaa kaaba biyyattii hundi hanga Wiixata galgalaatti akka cufaman ajajjee.

    Akkasumas, walga'iiwwan naannoolee kaaba biyyattii hedduu keessaa fi Gaarreen Golaan kan Israa'eliin qabaman keessatti kan dhorkame yoo ta'u, manaan alatti namoota 10 caalaa, mana keessatti ammoo namoota 100 ol ta'anii waliitti qabamuun hin danda'amu jetteetti.

    Akkasumas, eddoowwan bashannanaa galaana qarqaraas tajaajila ummataatiif cufaa turu.

    Minisiteerri fayyaa Israa'el gamasaatiin kaaba Israa'el keessatti hospitaalonni naannoolee nagaa ta'an keessa qofaatti akka hojjataniif ajajeera.

    Hospitaalli Raambaam kan magaalaa Haa'ifaa keessatti argamu hojiisaa gara lafa jala bakka buufata konkolaattotaa jalaa qabutti dabarseera.

  3. Ministirri Muummee Libaanos biyyoonni 'ajjeechaa suukaneessaa' akka balaaleffatan gaafatan

    Ministirri muummee Libaanos, hawaasni addunyaa “ajjeechaa suukaneessaa kana” irratti ejjennoo ifa ta’e akka qabaatu” gaafataniiru.

    Ministirri Muummee Najiib Mikaatiin yaa’ii waliigalaa UN irratti hirmaachuuf gara Niiw Yoorkitti imaluuf yaada qaba ture, garuu haleellaa Israa'elii fi Hisbollaan taasisaa jiran hordofee imala isaanii haquuf murteessuu himan.

    "Yeroo ammaa kanatti aantummaan ajjeechaa Israa'el raawwachaa jiruu fi lola gosa adda addaa isheen geggeessaa jirtu dhaabuu caalaa aantummaa ol'aanaan biraa akka hin jirre irra deebi'ee nan ibsa," jedhan Najiib ibsa isaniin

    "Hawaasni idil addunyaa fi yaadni namaas ajjeechaa suukaneessaa kana irratti ejjennoo ifa ta'e akka qabaatan nan gaafadha."jedhe.

    Ministirri Muummee Najiib Mikaatiin haleellaa peejirii fi raadiyoo qunnamtii tibbana Libanoos hordofuun "malawwan teeknooloojii waraanaa hawaasa siivilii jiddu galeessa godhatu tarkaanfiin seera idil-addunyaa akka fudhatamu" gaafatee jira.

  4. Bunni yoo dhugdan dhamasaammoo yoo akaa'amu urgaasaati caalaa isinitti tola?

  5. Barattoonni aanaa Gooroo Doolaa waggaa tokkoof barnoota malee dabarsan baranaaf galmaa’aa jiru

  6. Ameerikaan Lammileen ishee Libaanos keessa bahaa jette

    Ameerikaan Lammileen ishee Libaanos keessa akka ba’aniif gaafatte.

    Waldhabdee Hezboollaah Libaanos keessa jiranii fi Isra’el hordofee sochiin gara waraana hamatti ce’uu dabalaa dhufeera.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa lammiilee Ameerikaa yeroo ammaa Libaanos keessa jiraniif gorsa imala haaraa kenneen, akka yeroo gababa keessatti ba’an dhaamera.

    Imbaasiin US Beerut jiru carraan gara boodaa jiru sodaachisaa ta’uu eeruun, “namoonni amma filannoowwan geejjibaa osoo jiruu Libaanos akka gadhiisan'' gaafateera.

    Imbaasichi itti dabaluudhaan, ''lammiilee Ameerikaa amma hin bane garuu Imbaasichi gargaaruu dhabuu mala'' jedheera.

    Ministeerri haajaa alaa biyya ollaa kan taate Joordaan lammiilee isheetiif gorsa walfakkaatu kan kenne yoo ta’u, namoonni Libaanos keessa jiran dafanii akka ba’an dhaamaniiru.

    Lolli daangaa qaxxaamuraa Israa’eliifi Hezboollaah gidduutti eegalamee kana hordofee torban darbe raadiyoo qunnamti dhohee namoonni heddun ajjeefamuu hordofee Sanbata halkan Rokkeetonni hedduun Libaanos irraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bulaniiru.

    Kanaan dura yeroo hoganaan Hamaas Ismaa'el Hanniyyaan Iraanitti ajjeefamettis muddama Libaanos keessatti uumameen biyyoonni US, UK, Awustiraaliyaa, Faransaay, Kanaadaa, Kooriyaa Kibbaa, Sa'uud Arabiyaa, Jappaan, Tarkii, Yordaanus fi biyyoonni kaan lammileen isaanii akka bahaniif akeekkachiisaniiru.

    Libaanos, Beerut keessa lammiileen Itoophiyaa hedduutu jiraatu.

  7. Rokkeetiin hedduun Libaanosirraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bule

    Humni Waraanaa Israa’el (IDF) akka beeksisetti, halkan rokkeettiin hedduun iddoowwan industiriifi waraanaarratti xiyyeeffatan Libaanosirraa gara kaaba Israa’elitti dhukaafamaniiru.

    Rokkeetota dhukaafaman keessaa harki caalu kan gara 105 ta’an qolatamaniiru.

    Kanneen miidhaa qaqqabsiisanis jiraachuufi halakan guutuu sagaleen haleellaan jiraachuu akeekkachiisan iyyaa buluu humni ittisaa Isra’el kan ibse.

    Hezboollaan haleellaa torban darbe keessa Peejiriifi raadiyoo qunnamtiirratti raawwatameef deebii kennuudhaan rokkeetota kanneen gara Israa’elitti dhukaase jedheera.

    Israa’el haleellaa qilleensaa Jimaata darbe Beerut keessatti raawwatameen boodas haleellaa xiyyaaraa Libaanos keessatti raawwachuu itti fuftee jirti. Humni Waraanaa Israa’el ajajoota olaanoo Hezboollaah heddu ajjeese jedheera. Libaanos ammoo daa'imman sadii dabalatee namoonni 37 ajjeefamaniiru jette..

    Viidiyoon toora interneetiirratti maxxanfame, kan hanga ammaatti BBC'n hin mirkaneeffanne, Israa’elitti naannoon mana jireenyaa Haayifaa erga rokkeettii Hezboollaan rukutamee booda ibiddi ka'uu kan agarsiisu fakkaata.

    Sanbata darbe, “Hezboollaan gara naannoo Israa’elitti dhukaasuuf qophaa’aa jiraachuu erga adda baafamee booda xiyyaaronni waraanaa hedduun kibba Libaanos ‘bal’inaan’ rukutuu jalqabaniiru” jedhan dubbi-himaan Raayyaa Ittisa Israa’el Reyar Adm Dani’eel Hagarii.

    Haleellaan galgalaa Israa'elitti osoo hin jalqabin dura Humni Isra’el” bakkeewwan murteessoo gara 180 fi kuusawwan [rokkeettii furguggisan kumaatamaan lakkaa'aman'' barbadeessuusaa ibseera

    Jalqaba torbee darbee guutuu Libaanos keessatti guyyoota lamaaf peejiriifi raadiyoo qunnamtii garee Hezbollaa, qondaaltoonniifi garee siyaasaa Iraanin deeggaraman irratti erga dhohee booda namoonni 39 ajjeefamanii heddun madaa’aniiru . Haleellaa sana booda Israa’el seera namoomaa idil-addunyaa cabsuudhan qeeqmaa turte.

    Amma Israa’el keessatti sochiin hawaasa naannawa Kaaba Isra’eliifi Kutaalee kibbaa keessatti dangeffameera. Kunis daangessa sa’aatii, bakka kanatti namootni 10 ol , bakka hin mul’annetti ammoo namonni 100 ol wal ga’iifaa taa'uu akka hin dandenye dabalata.

  8. Tiraamp falmii filannoo marsaa lamaffaa Kaamalaa waliin hin gaggeessu jedhe

    Pirezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp itti-aantuu pirezidantii US yeroo ammaa Kaamalaa Haaris waliin falmii filannoo TV irratti kallattiin darbu marsaa lamaffaarratti hin hirmaadhu jechuun gaaffii dhiyaateef akka hin fudhanne hime.

    Falmii marsaa lamaffaa kaadhimamtoota pirezidantummaa US walakkeessa ji'a Onkoloolessaa keessa CNN TV qopheesse Kaamala Haaris akka fudhattu yoo himtu, Tiraamp garuu falmii taasisuudhaaf "amma yeroon isaa barfateera ykn irra darbeera" jechuun falmii kanarratti akka hin hirmaanne deeggartootasaaf ibseera.

    Tiraamp torbanoota muraasa dura falmii filannoo Filaadelfiyaa keessatti gaggeeffame anatu mo'ate jedhee erga dubbateen booda, falmii filannoo marsaa lammaffaatiis isaaf dhiyaate fudhachuun isarra ture jechuun miseensonni garee duula filannoo Kaamaalaa Haariis waamicha dhiyeessaniiru.

    Haata'u malee, falmii filannoo kanan dura gaggeeffameen booda akka yaadni ummataa sassaabame agarsiisutti, namoonni falmii ture sana hordofan Kaamalaa Haaris Donaald Tiraamp akka caalte amanu.

    Tiraamp duula filannoo Sambata Wiilmigitaniifi Noorzi Kaarolaayinaa keessatti gaggeessan irratti falmii kanaan dura taasisaniin akka mo'atan eeruun, amma marsaa biraa falmii gaggeessuudhaaf yeroon darbeera jedhe.

    "Sagalee kennuun jalqabameera" kan jedhe Tiraamp, Kaamalaa Haaris "falmii marsaa biraa gaggeessuu kan barbaaddeef" falmii isa kanaan dura tureen "baayyee waan mo'amteefidha" jechuun dubbate.

  9. Loltoonni Israa’el osoo kallattiin tamsaasaa jiruu waajira Al Jazeera weeraruun cufan

  10. Akkam jirtu?

    Hordoftoota keenyaa oduu kallattiin isiniif dhiyeessinuu jalqabneerra.

    Oduu halkan Hezboollaan Israa'elitti Rokkeettii dhukaasaa buluu dabalatee odeeffannoo ollaa, biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa isiniif dhiyeessina.

    Dhiyaadhaa!

  11. Israa'el ajajoota waraanaa Hezboollaa 12 ajjeesuu himte

    Israa'elii fi Hezbollaan walitti dhukaasuu itti fufaniiru. Naannichatti muddamni hamaan dhalateera. Uummanni biyyattii garatti baqatu wallaaleera.

    Hezboollaan buufata waraanaa Israa'el gara Kaabaa jiru lama irratti rokkeettii dhukaaseera jedhe. Israa'el rokkeettii gara 80 tahu Libaanus keessaa itti dhukaafamuu himteetti.

    Haa tahu malee buufata Hezbollaati kan jette Libaanus keessaa bakka hedduu haleeluu himteetti. Miseensota Hezbollaa 16 isaan keessaa ajajoota waraanaa olaanoo kan tahan 12 ajjeesuu himte.

    Balaa dhohinsa peejerii Libaanus keessaan ammoo lakkoofsi namoota du'anii 37 gahuu ministeri Fayyaa Libaanus himeera.

  12. Haleellaa Israa'eliin jiraattonni Beeruy yaaddoo hamaa keessa jiru

    Libaanus keessaa Dahihi naannoon jedhamu bakka Israa'el haleelte isa guddaadha. Uummata bal'aatu keessa jiraata.

    Qarqara Kibba Beerut keessa Hezbollaan bal'inaan buufata. Jiraattonni naannichaa amma garatti baqatan wallaalaniiru.

    Uummanni naannoo Dahehii jedhamtu keessa jiraatan hundatu Hezbollaa deeggara miti ykn hunda isaaniitu Musiliimota Shiyaa miti.

    ''Waan kanatu miidiyaa irraa dhokateera'' jechuun jiraattuun naannichaa Nuur jedhamtu tokko gabaastuu BBCtti himte.

    Musilima Shiyaa taatus ishee fi maatiin ishee walabummaa ykn sekulaarizimiitti amanu.

    Isheen dhaabbata gargaarsa idil-adunyaa tokkoof hojjetti. Dhaabbatichi achii akak baatus ishee gorsus oboolaa fi maatiin ishee garuu ishee waliin achii bahuu didan.

    Diroonii Israa'el halkanii fi guyyaa magaalaa Beerut irra marsaa akka oolan himte.

  13. Raadiyoo quunnamtii dhodhoosuun nama fixuun seera idiladdunyaa sarbuudha- UN

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa badii meeshaaleen quunnamtii Pagers fi Walkie-talkie jedhaman dhodhohuun qaqqabsiisan booda qorannoon bal'inaan akka gaggeeffamu gaafateera.

    Balaa kanaan yoo xiqqaate namoonni 37 yoo du'an 3,000 kan ta'an ammoo madaa'aniiru.

    Meeshaan quunnamtii gareen Hezboollaa itti fayyadamu kun Kibxataa fi Roobii darbe guutummaa Libaanusitti dhodhohaa ture.

    ''Seerri namoomaa idiladdunyaa meeshaalee dhohanitti fayyadamuun balaa uumuu ni dhorka. Meeshaalee miidhaa geessisan qabatanii hawaasa keessa deemuun seera kanaan dhorkaadha,'' jedhan Volker Turk.

    Qondaalli UN kun yaa'ii hatattamaa Mana Maree Nageenyaa kaleessa galgala geggeeffamerratti kana dubbatan.

    ''Kun yakka dhala namaarratti raawwatamutti ramadama. Hookkara uumuun hawaasa shororkeessuun yakka dhala namaati,'' jedhan.

    Kanaafis qorannoon bilisaa fi bal'aa ta'e akka geggeeffamu gaafatan.

  14. Hezboollaan ammas ajajaan olaanaa kan biraan jalaa ajjeefamuu ibse

    Sambata kana ganama Hezboollaan qondaalli isaa olaanaan kan biraa Ahmad Wahbii jedhamu jalaa ajjeefamuu ibseera.

    Ajajaa olaanaan kun erga haleellaan Israa'el Beeruut keessatti eegalee kan ajjeefame yoo ta'u, isa dabalatee qondaaltonni Hezboollaa olaanoon lama hanga ammaa haleellaa kanaan ajjeefamuusaaniiti.

    Rooyitarsi akka gabaasetti Ahmad Waahbii damee waraanaa Hezboollaa- Radwan jedhamu dursaa ture.

    This morning, Hezbollah says another of its senior commanders was killed in the Israeli attack on a Beirut suburb yesterday.

  15. Bulchiinsa UStti waggaa 13 keessatti adabbiin du'aa jalqabaa raawwate

    Bulchiinsa US, Saawuz kaarolaayinaa keessatti waggaa 13 keessatti namni adabbiin du'aa itti murtaa'e yeroo jalqabaaf ajjeefame.

    Fireedii Owiins dawaa hatattamaan lubbuu namaa galaafatuun lilmoodhaan waraanamee ajjeefame.

    Ga'eessi umrii waggaa 46 kun bara 1997 wayita hidhattoonni Greenville keessatti saamicha raawwatan nama suuqii keessa turte Irene Graves ajjeesuun himatamee itti murtaa'e.

    Namni Owiinsi waliin himatame wayita yakki kun raawwate inni akka achi hin turre dhugaa baheeraaf, Garuu dhugaa bahumsi isaa kun Owiinsi du'aan adabamuurraa hin baraaramne.

    Manni murtii olaanaa Saawuz kaarolaayinaa adabbiin ajjeechaa Owiinsi akka hin raawwatamne gochuu dideera.

    Sababni isaa Owiinsi jechoota kennaa ture irratti waliin dhaheera, waan walfakkaataa dubbataa hin turre jedhe manni murtii kun.

    Fireedii Owiins wayita meeshaa waraanaan saamicha raawwachuun lubbuu namaa balleesse umriinsaa waggaa 19.

    Dubartii haadha ijoollee sadii taatee fi abbaa malee ijoollee guddistu kan umriin waggaa 41 erga ajjeesee waggaa lama booda, bara 1999 yakka ajjeechaa, saamichaa fi yaaddoo uumuudhaan himatame.

    Yakkamaa ta'uunsaa baramee guyyaa tokko booda ammoo mana hidhaa keessatti nama waliin hidhaman tokko ajjeese.

  16. , Ministirri dhimma alaa UK 'Libaanos keessaa lammiilee baasuuf qopheessaa jiru'

    Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Laamiin har’a gara ganamaa haala Libaanos fi Baha Giddu Galeessaa keessatti hammaataa dhufe irratti walgahii hatattamaa Koobraa geggeessan.

    Dubbi himaan Waajjira Dhimma Alaa, walgahiin kun ''hojii qophii walitti fufee jiru fi balaan hammachuu olaanaa ta'ee irratti'' marii'achuu kan of keessaa qabu ta'uu dubbataniiru.

    Ibsichi itti fufuunis: “Nageenyi lammiilee Biriteen dursa keenya lakkoofsa tokkooffaa waan ta’eef, amma osoo imalliiwwan daldalaa jiruu Libaanos keessaa akka gadhiisanii bahaniis gorsuu itti fufnee jirra,” jedhe.

    Mootummaan lammiilee Biriteen akeekkachiisa yeroo gabaabaatiin Libaanos keessaa baasuuf qophii ta’uu akka barbaadu BBCn ni hubata.

  17. Tarkaanfiiwwan keenya mataansaanii ofiin dubbatu- Neetaanyaahuun

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun ibsa gabaabaa kennaniin, ''Kaayyoon keenya ifaafi tarkaanfiiwwan keenyas kan ofiin dubbataniidha'' jedhan.

    Walgahii kaabinee nageenyaa Netaaniyaahuu Wiixata taasisaniin booda, Israa’el jiraattota gara 60,000 ta’an kanneen bakka jireenyaa saanii irraa buqqaafaman gara kaaba biyyattiitti nagaan deebi’anii galma waraanaa ishee taasifte jedhanii ture.

    Gama biraatiin ammoo Neetaaniyaahuun karoora imalasaanii gara US'tti gochuuf turan sa'aatii 24f boodatti butan.

    Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun daawwannaa ifaa Niiw Yoorkitti taasisan sababa haala nageenyaa kaaba biyyattii keessatti mul’ateef jecha akka tursiisan dhaabbanni oduu AFP gabaaseera.

    Netaaniyaahuun Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif haasaa taasisuuf imala guyyoota shaniif taasisuu karoorsanii ture.

    Waajjirri isaanii akka jedheetti, sagantichaan cinaatti hoggantoota addunyaa waliin wal arguuf akka turan kan ibsee ture yoo ta'u, garuu gadi fageenyasaa hinibsine.

    AFPn akka gabaasetti, Netaaniyaahuun amma Fulbaana 25 gara US kan imalu yoo ta’u, kunis jalqaba beellamame irraa guyyaa tokkoon booda jechuudha.

  18. Suuraa: Ajajaan olaanaa Hezboollaa waraanni Israa'el ajjeese jedha

    Suuraa Ibraahim Aqiil, nama Israa'el haleellaa Beerut keessatti har'a ajjeessuu beeksiifte kanaa kanaa bara darbe Mootummaan Ameerikaa maxxansee ture.

    Odeeffannoon qondaala olaanaa Hezboollaa nama bakka inni itti argamu eeruun akka qabamu taasiseef gargaareef badhaasa doolaara miiliyoona 7 (£5.2m) akka kennu mootummaan Ameerikaa beeksisa baasuun isaa ni yaadatama.

    Suuraan kunis yoom akka kaafame garuu ifa miti.

  19. Qondaalli olaanan Hezboollaa Israa'el ajjeese jette Ibraahim Aqiil eenyu?

    Israa'el haleellaa qilleensarraa har'a magala guddoo Libaanos Beerut keessatti gaggeessiteen ajajaa olaanaa Hezbollaa ajjeesuu beeksiste.

    Ibraahim Aqiil maqaa Taahsiin jedhuun beekama. Garee Hezbollaa keessatti gaggeessitoota ijoo ta'an keessaa tokkoodha.

    Bara 1980oota keessaa ka'ee miseensa cimaa garichaa kan ta'e Ibraahim Aqiil haleellaa boombii embasii US magaala Beerut keessatti argamuufi buufata waraana humna galaana Ameerikaa achitti argamu irratti bara 1983 raaawwatame warra qindeessan keessaa tokko akka ta'etu amanama.

    Haleellaa embasii US irratti gaggeeffameen namoonni 63 yoo du'an, haleellaa boombii buufata waraana Ameerikaa irratti gaggeeffameen ammoo namoota 307 du'ee ture.

    Ibraahim Aqiil shororkeessadha jechuun US bara 2019 farrajjee turte.

    Bara darbe ammoo nama Ibraahim Aqiil bakka inni jiru argeef dolaara miliyoona 7 beenyaa akka kennituuf US beeksiftee turte.

  20. 'Meeshaan waraanaa Itoophiyaarraa gara bulchiinsa Puuntlaanditti galaa jiru na yaddesse' - Somaaliyaa