Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hezboollaan ajajaa waraanaasaanii haleellaa qilleensaa Beerutiin ajjeeffame awwaalan

Israa'el halkan darbe Beeruti keessatti bakka Hezboollaan irra rookkeettii dhukaasu haleeluu yoo himu, gareen milishootaa misaa'eloota 150 daangaa Israa'el keessatti dhukaase.

Guduunfaa

  • Rokkeetiin hedduun Libaanosirraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bule
  • Tiraamp falmii filannoo marsaa lamaffaa Kaamalaa waliin hin gaggeessu jedhe
  • Israa'el ajajoota waraanaa Hezboollaa 12 ajjeesuu himteHaleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefame
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Israa'el magaala Beerutitti haleellaa gaggeessuu beeksifte
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Jeettiiwwan waraanaa Israa'el Beerut irra balalii'uun 'doorsisaa jiru'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haleellaa Israa'eliin namoonni 59 erga miidhamanii booda ambulaasoonni hospitaalota Beerut gahaa jiru

    Ambulaansonni kunneen namoota 59 haleellaa har'aatiin madaa'an fe'uun hospitaalota Beerutiitti imalaa turan.

    Ministeerri fayyaa Libaanos akka jedhetti, namooda madaa'an keessaa saddeet haala yaaddessaa keessa jiru.

  2. Haleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefame

    Haleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefamuu gabasaaleen mirkaneessan.

    Akka gabaasni Roohitarsiifi AFP agarsiisutti, ajajaan olaanaa Hezboollaa, Ibiraahim Aqil haleellaa qilleensaa Israa'el gama kibbaan qarqara magaalaa Beerutitti raawwatteen ajjeefameera.

    Ibiraahim Aqil, maqaa Tahisiin jedhamuun beekamu miseensa Hezbollaaah biroo garee Radwaan osoo walga'ii gaggeesaa jiranii ajjaafamuu gabaasaaleen mul'isaniiru.

  3. Piriimer Liigii torban shanaffaa Maan Siitiifi Arsenaal walitti fiduun maaltu eegama? Tilmaamni dhiyaateera

  4. Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte

    Humni waraana Israa'el har'a waaree booda magaala guddoo Libaanos kan taate Beerut keessatti haleellaa qindaa'aa gaggeessuu beeksise.

    Waa'ee haleellaa kanaa garuu odeeffannoo bal'aa hin laanne.

    Rooyitars maddeen nageenyaa Libaanos waabeffachuun akka gabaasetti, Israa'el haleellaa kanaan qondaala waraanaa olaanaa Hezbollaa irratti xiyyeeffachuuni haleellaa kan gaggeesite.

    Haleellaa Israa'el kanaan gamoon mana jireenyaa guddaan haleelamuu suuralen qoodaman ni agarsiisu.

    Ministiirri Fayyaa Libaanos ammoo namoonni sadi haleellaa kanaan du'uu beeksise. Israa'el haleellaa magaala Beerutitti gaggeessiteen komaandara oppireeshinii Hezbollaa kan ta'e Ibrahiim Aqiil irratti xiyyeeffachuun ta'uu maddeen nageenyaa lama irraa odeeffadhe jechuun Rooyitars gabaase.

    Haa ta'u garuu Ibraahim Aqiil haala inni irra jiru waanti beekamu hin jiru.

  5. Israa'el magaala Beerutitti haleellaa gaggeessuu beeksifte

    Humni Waraanaa Israa'el magaala guddoo Libaanos kan taate Beerut keessatti haleellaa qilleensarraa gaggeessuu beeksise.

    "Humni Waraana Israa'el (IDF) Beerutitti haleellaa qindaa'aa gaggeesse," jechuun humni waraanichaa fuula X gubbaatti barreesse.

    Haleellaa qindaa'aa gaggeesse jechuun alatti waa'ee haleellichaa odeeffannoo bal'aa hin kennine.

    Xayyaaronni waraanaa Israa'el har'a guyyaa magaala Beerut irra marsuun sagalee guddaa (sonic sound) dhageessisuun sodaachisaa turan.

    Kuni ta'ee yeroo gabaabaa booda Beerut keessatti haleellaa gaggeessuu Humni Waraana Israa'el beeksise.

    Torbee kana guutuu Libaanos keessatti raadiyoon qunnamtii Hezbollaa dhodhohuun namoonni kumaan lakkaa'aman miidhamuu hordofee guyyaa kaleessaa gaggeessan Hezbollaa, Hasan Narsallaa osoo haasaa taasisanii xayyaaronni waraanaa Israa'el magaala Beerut irra marsaa turan.

    Hasan Nasrallaa akkuma kaleessa dhaadatan, har'a Hezbollaan rookkeettiwwan 140 ol gara Israa'elitti dhukaasera.

  6. Hezboollaan Israa'el irratti haleellaa rokkeettii raawwachuu beeksise

    Hezboollaan buufataalee waraanaa Israa'el irratti xiyyeeffachuun haleellaa rokkeettii gaggeessuu beeksise.

    Rokkeettiwwan hedduu gara kaaba Israa'elitti dhukaasuu kan beeksise garichi, iddoo argama misaa'elaafi artilarii buufata waraanaa Yaa'ov jedhamutti argamu, akkasumas wiirtuu sirna ittisa haleellaa misaa'elaa Kiilatti argamu fa'aarratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessera jedhe.

    Akkasumas, buufata waraanaa lama Gaarreen Goolanitti argamu irrattis haleellaa gaggeessuu ibse.

    Humni Waraana Israa'el gamasaan Hezboollaan rokkeettiwwan 140 marsaa sadiin gara Israa'elitti dhukaasuu mirkaneesse.

    Kanneen keessaa sirni ittisa haleellaa qilleensarraa Israa'el rokkeettiwwan 120 kuffisuu beeksise. Haleellaa rokkeettii Hezbollaa kaaba Israa'etti gaggeessen bakka heddutti balaan abiddaa uumera.

    Hojjaattoonni balaa abidda kana dhaamsaa akka jiraniifi haleellaa rokkeettii Hezbollaan namni tokko miidhaa salphaan irra gahuu poolisiin Israa'el beeksise.

  7. Peegasas: Mosaajii basaasa Israa'el mootummoonni mirga namaa sarban itti fayyadaman

  8. Jeettiiwwan waraanaa Israa'el Beerut irra balalii'uun 'doorsisaa jiru'

    Jeettiiwwan waraanaa Israa'eel har'a magaalaa Beeruti keessa lafatti dhiyaatanii balalii'aa jiru.

    Jeettiiwwan kunnenis, bakkeewwan Kiristaanooti baayyinaan keessa jiraatan dabalatee, sa'aatii tokkkoof mataa keenyaarra marsaa turan.

    Bakkeewwan kunneen osoo waraanni jalqabameeilleen bakka nagaadha jedhamanii amanamu ture.

    Xiyyaaroonni waraanaa Israa'el magaalaa guddoo biyyattii dabalatee, samii Libaanos irra marsuun waan haaraa miti. Haata'u malee, erga muddamni Israa'eliifi Hezboollaa jidduutti hammaatee as balaliiwwan jeettii kun yeroo kam caalaa yaaddeessoo ta'aniiru.

    Baatiiwwan dhihoo as jettiiwwan kunneen magaaloota Beeruti keessatti sagalatee guddaafi sodaachisaa akka boombii dhageessisu.

    Garuu boombii osoo hin taane, sagalee hursa xiyyaara (Sonic Booms)dha.

    Dursaan Hezbollaa janaraal Haasan Nasrallaa kaleessa wayita haasaa taasisaniitti, jeettiiwwan Israa'el baayyeen lafatti gadi dhiyaatanii balalii'aa turan.

    Sakandoota muraasaan booda ammoo sagaleen ursaa jeettii afur magaalattii raase.

    Viidiyoo asiin gadii kaan daawwadhaa!

  9. Ameerikaan dhala liqaa hir'isuun lammiilee Itoophiyaa biyyattii keessa jiran irratti dhiibbaa akkamii qaba?

  10. Waanti Libaanositti ta'e "akkumu fiilmii sodaachisaa ilaaluuti"

    Raadiyoon qunnamtii miseensonni Hezbollaa itti fayyadaman dhodhohee Libaanos keessatti torbee kana rifaatuu guddaa uume.

    Haleellaa saayibarii meeshaa qunnamtii garee Hezbollaarratti gaggeeffameen namoonni 30 ol yoo du'an, kumaan kan lakkaa'aman ammoo madaa'aniiru.

    Lammiilen Libaanos taatee mudate "fiilmii sodaachisaa" ilaaludhaan wal-fakkeessu.

    "Akka waan galma fiilmii sodaachisaan itti daawwatamuu keessa jiruu ykn abjuu sodaachisaa keessa jiruuti" jechuun namoonni heddu miidhamuu BBCtti himan.

    Lammiilen biyyattii lola Israa'elifi Hezbollaa gidduutti gaggeeffamu gidduutti danqamanii akka jiranis kaasu.

    "Namni hunduu kan nuu beekuu qabu, lammiilen Lobaanos nagaa barbaadu," jechuun waraana akka hin barbaanne dubbatu.

    Hawaasa addunyaafi biyyoonni Arabaa nagaan akka bu'uuf gaheesaanii akka bahanis waamicha dhiyeessan lammiilen Libaanos.

  11. Humni nagaa eegsisaa UN muddamni Libaanositti hammaate akka dhaabbatu gaafate

    Humni nagaa eegsisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kibba Libaanositti argamu, haleellaan naannawa daangaa Israa'el fi Libaanos- Biluu Laayin jedhamuun beekamuu, dabaluu hordofuun haalichi akka tasgabbaa'u gaafate.

    Dhaabbatichatti, humni yeroo Libaanositti argamu (UNIFIL) ''gochi gara jabinaa naannawa daangaa Libaanosii fi Israa'el fi naannoowwan hojii isaa hunda keessatti hammataa ta'uu arguu'' dubbi himaan humnichaa Andiree Teeneetiin Rooyitarsiitti himaniiru.

    Itti dabaluunis "muddamni naannawa sanatti dhalate fi dabalaa dhufuun isaa nu yaaddessa, qooda fudhattoonni hundi hatattamaan gochicha irraa akka of qusatan gaafanna," jedhan .

  12. Beeruut keessatti 'namoota ijaafi harka hin qabne argeera'

    "Namoota harka hin qabne, ija hin qabne argeera," jechuun BBCtti himte kan amma Beerut jiraattu Saaraa Raamaal.

    Battaluma Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'el irratti haleellaa raawateen yeroo muraasa booda mana ishee kibba Libaanos gadhiisuuf kan dirqamte yoo ta'u, bakkichi kan Israa'el Hezbollaa irratti haleellaa itti raawwattu waan ta'ef yoom akka deebi'uu dandeessus mirkanaa'aa miti.

    Raamaal dabalataan waan Beerut keessatti argite akkas jechuun ibsiteetti: "Abbaan tokko mucaa isaa ganna torbaa harka isaa irraa muramee dhiigaa baatee adeemu arge. Gara hospitaalaatti fiigaanii ture."

    Hojjettoota eegumsa fayyaa ''kan raadiyoon qunnamtii isaanii Israa'eliin jalaa butamee'' du'an akka beektu dubbatti.

    Haata'u malee Israa'el haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa hin fudhanne.

  13. Deevid Raayaa gorsa akkamii leenjisaa isaarraa argachuun rukuttaa peenaaliitii deebise?

  14. Israa'el-Libaanos: Waraana hamaa moo waliigaltee hadhaa'aa dhukaasa dhaabuu ta'u mala?

  15. Tibbana bifa fiilmiin kan hojjetame sirni Siinqee fi Ateetee maali?

  16. Loltoonni Raashiyaa kuma 70 caalan waraanarratti du'an

    BBCn ragaalee jiran hunda xiinxaluun, erga waraanni Yukireen eegalee namoonni Raashiyaaf lolaa turan kuma 70 fi 112 du'uu mirkaneeffateera.

    Erga waraanni kun bara 2022 eegalee as namoonni fedhiisaaniitiin loltoota Raashiyaatti dabalamanii humnoota Yukireen lolaa turan hedduun ajjeefamuunyeroo jalqabaaf amma barameera.

    Loltoota Raashiyaa hanga ammaatti du'uunsaanii mirkanaa'e keessaa kuma 13 fi 781 kan ta'an tola ooltota fedhiisaaniin humna waraanaa Raashiyaatti dabalamuun adda waraanaatti ba'aniidha.

    Kana jechuun lakkoofsa loltoota ajjeefamanii keessaa dhibeentaa 20 jechuudha. Kanneen yakka raawwatanii mana hidhaa turan ammoo dhiifami akka godhamuuf jecha waraanatti makaman.

    Namoota haala kanaan loltoota Raashiyaatti makaman keessaa kanneen du'an ammoo lakkoofsa loltoota Raashiyaa hanga ammaatti du'an keessaa dhibeentaa 19.

    Lammiilee waamicha mootummaan taasise fudhachuun waraanatti makaman keessaa kanneen du'an ammoo dhibbeentaa 13 ta'u.

    Onkoloolessa bara darbeerraa eegalee lakkoofsi tola ooltotaa guyyuu du'anii 100 gadi ta'ee hin beeku, guyyaa garii 310 kan caalanfaa du'aniiru.

    Tola ooltota osoo Raashiyaaf waraananii ajjeefaman keessaa muraasni lammiilee biyyoota alaati.

    BBCn maqaa namoota 272 adda baaseera. Hedduunsaanii giddugala Eeshiyaarraa kan gara Raashiyaa imalaniidha.

    Lammiileen Uzbeekistaan 47, Taajikistaan 51, Kirigistaan 26 kanneen hanga ammaatti beekamaniidha.

    Bara darbe Raashiyaan biyyoota akka Kuubaa, Iraaq, Yaman fi Sarbiyaa irraa namoota qacaruun lolchiisaa akka turte gabaasamaa ture.

    Lammiileen biyyoota alaa kanneen Raashiyaa keessa jiraatan heduunis waraana kanarratti hirmaataniiru.

    Namoonni ''mootummaaf hojjechuuf'' waliigalan kunneen, yoo waraana kanarraa hafan haala salphaa ta'een lammummaa biyyattii akka argatanii fi biyyaa hari'amuuf saaxilamuu jalaa akka oolan waadaan seenameeraaf.

    Hedduunsaanii boodarra waan waliigalteen sun jedhu sirriitti hin hubanne jechuun komataa turan.

    Mootummoonni Indiyaa fi Neppaal Raashiyaan lammiileesaanii waraana Yukireenitti erguu akka dhaabduu fi kanneen du'an ammoo reenfasaanii akka ergituuf gaafataniiru.

    Garuu hanga ammaa gaaffiisaaniif namni gurra kenne hin jiru.

  17. Waraanni Israa'el kaaba biyyatiitti 'leenjii gaggeessuuf'

    Humni Raayyaa Ittisaa Israa'el (IDF) dhuma torbee kanaatti kaaba Israa'eliin ala ''sochiilee leenjii keessatti'' akka raawwatu ibsuun, naannoowwan sanatti seenuun ''dhorkaadha'' jedheera.

    Maxxansa toora X irratti barreesseen Raayyaan ittisa Israa'el "dhukaasa qawwee fi dhohinsi" bakka qubsama dhiheenyatti argamu keessatti dhaga'amuu mala jedheera.

  18. Himannaan Dr Ashabbir W/Giyoorgis fa'i maalirra gahe?

  19. Israa'el eddoowwan Hezbollaan rookkeettii irraa dhukaasu 100 haleeluu himte

    Israa’el haleellaa qilleensaa bal’aa kibba Libaanos irratti raawwatteen, xiyyaaronni waraanaa ishee bakka Hezbollaan rookkeettii irraa furguggisan 100 ol fi bakka kuusaa meeshaa waraanaa dabalatee, “bakkeewwan shororkeessummaa” biroo rukutteetti.

    Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) akka jedhetti, furgugsiitoonni kunneenis silaa kan Israa’el irratti dhukaasuuf qophaa'anii turan ta'u ibse.

    Miidhaan lubbuu irra gahe jiraachuu fi dhiisuu ilaalchisee ammatti wanti ifa ta'e hin jiru.

    Dhaabbanni Oduu Biyyaalessaa mootummaa Libaanos akka jedhetti, Israa’el Kamisa galgala yoo xiqqaate haleellaa 52 ta'an kibba biyyattii keessatti raawwachuu fi Libaanos gamasheetiin kaaba Israa'el keessatti iddoowwan waraanaa irratti haleellaa raawwattee jirti.

    Kanaan dura hogganaan Hezbollaa Hassan Nasraallaah taateen dhohinsa jalqaba torban kanaarratti lubbuu namaa galaafate kan ''sarara diimaa hunda qaxxaamureera'' jechuun Israa'el gochaan kunis labsii waraanaa kan bakka bu'udha jechuun himatan.

    Israa’el haleellaa kana duuba akka jirtu kallatiidhaan omaa hin jenne. Haleellaa raadiyoowwan qunnamtii (peejii fi walkie-talkies) yeroo tokkotti guutuu biyyattii keessatti Kibxata fi Roobii darbee dho’an, aanga’oonni Libaanos namoota 37 ajjeesee kanneen 3,000 ta'an maddeessuu himan.

    Haata'u malee Ministirri Ittisaa Israa'el Yoo'aav Gaallaant Israa'el ''waraana marsaa haaraa'' eegaltee jirti jechuun akka tattaaffii ishee caalaatti gara kaaba irratti xiyyeeffattee jirtu himanii ture.

    Lolli daangaa qaxxaamuruun kanaan dura darbee darbee raawwatamaa tures Onkoloolessa 8 bara 2023, guyyaa haleellaa kanaan dura mudatee hin beekamne Israa’el irratti hidhattoota Hamaas Gaazaa irraatiin raawwatamuu booda Hezbollaan deeggarsa Filisxeemootaaf qabu ibsuuf eddoowwan Israa'el irratti raawwate itti cume.

  20. Tarkiin Itoophiyaa fi Somaaliyaa addatti dubbisuun marii marsaa sadaffaa itti fufuuf