Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Hezboollaan ajajaa waraanaasaanii haleellaa qilleensaa Beerutiin ajjeeffame awwaalan

Israa'el halkan darbe Beeruti keessatti bakka Hezboollaan irra rookkeettii dhukaasu haleeluu yoo himu, gareen milishootaa misaa'eloota 150 daangaa Israa'el keessatti dhukaase.

Guduunfaa

  • Rokkeetiin hedduun Libaanosirraa gara Israa’elitti dhukaafamaa bule
  • Tiraamp falmii filannoo marsaa lamaffaa Kaamalaa waliin hin gaggeessu jedhe
  • Israa'el ajajoota waraanaa Hezboollaa 12 ajjeesuu himteHaleellaa Israa'eliin ajajaan Hezboollaa ajjeefame
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Israa'el magaala Beerutitti haleellaa gaggeessuu beeksifte
  • Israa'el Beerutitti qondaala olaanaa Hezboollaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatte
  • Jeettiiwwan waraanaa Israa'el Beerut irra balalii'uun 'doorsisaa jiru'

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Biliinkan dho'insa Libaanos keessatti mudate US quba hin qabdu ykn keessatti hin hirmaannes jedhan

    Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan wayita Masirii daawwachaa jiranitti gaaffii miidiyaarraa isaaniif dhiyaateen US waan Kibxata Libaanos fi Sooriyaa keessatti mudate [dho'insa meeshaa komunikeeshinii Hezboollaan itti fayyadamu 'the Pagers'] mudate "waan beektu hin qabdu, keessattis hin hirmaanne" jedhan.

    Wantoota ykn tarkaanfiiwwan Baha Giddu-galeessaa keessatti dubbii hammeessanirraa fagaachuun barbaachisaa akka ta'e ejjennoo US qabdu ifa ta'edha jedhan Biliinkan.

    Biliinkan US ammallee ejjennoo waliigaltee dhukaasa dhaabuun "dhimma jala muramuu qabudha" jettee amanti jedhan.

    Imalli Biliinkan Masiriitti taasisan kun "marii tarsiimawaa" US fi Masirii gidduu jirurratti kan fuulleffatu yoo ta'u, "dhimma dhukaasa dhaabsisuurattis walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiru".

    Pirezidantii Masirii Abdel Fattaah al-Siisii waliin marii bal'aa akka taasisanis Biliinkan dubbataniiru.

  2. Masiriin Libaanos waliin akka dhaabbattu ibsite

    Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan Kaayiroo jiru.

    Osoo Ministira Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellaatii waliin akkaataa Gaazaa keessatti warana dhaabsisuun danda'amu wayita dubbachaa jiranii Libaanos keessatti dho'insi meeshaa qunnamtii Hezboollaah'n itti fayyadamu bakka garagaraatti mudate.

    Aanga'oonni kunneen lamaan haasaa waliin duraan taasisaa turan keessatti waa'ee dho'insa kanaa kan dubbatan hin qaban ture.

    Garuu deebii Masiriin waan mudate kanarratti qabdu ibsa miidiyaarratti gaafatamanii Kaayiroon guutummaan guututti Libaanos waliin dhaabbatti jedhan Abdellaatiin.

    Kana malees, haleellaan dabalataa waraana guddaatti geessuu danda'a jechuun akeekkachiisan Abdellaatiin.

    Tarkaanfiin birmadummaa Libaanosirratti xiyyeeffatu kamiyyuu abaaraniiru ministirri dhimma alaa Masirii kun.

    Weerarri Israa'el Gaazaa keesssatti gaggeessitu "balaa kanaaf dhimma ijooti' jechuun waliigalteen waraana dhaabuu Israa'el-Gaazaa akka dubbiin kana caalaa hin hammaanne godha jedhan.

  3. Dubbiin Israa'el fi Hezboollaah Onkololeesssarraa kaasee akkamiin hammaachaa dhufe?

    Duraaniyyuu rakkoon Israa'eliifi garee Hezboollaah gidduu jiru gaarii hin turre.

    Keessumaa erga Onkoloolessa 7 Hamaas Israa'el irratti haleellaa banee booda Israa'el ammoo gamasheetiin haleellaa haaloo ba'uu fudhachuu jalqabdee daran hammaachaa dhufeera.

    Dho'insa meeshaa komunikeeshiinii Hezboollaan fayyadaman (Hezbollah pagers) bakka garagaraatti mudateen namoonni 12 du'anii hedduun madaa'uu gabaasaaleen himaa jiru.

    Dho'insa kana duuba ammoo ejensiiwwan basaasa Mosaad jiraachuun hin oolu jedhamaa jira.

    Israa'el fi gareen Libaanos keessa jiru Hezboollaah gidduutti durattiyyu walitti dhukaasuufi wal eeggachuun inuma ture.

    Amma garuu waan hammaachaa dhufe fakkaata.

  4. Akkuma Hamaas Israa'eliin wallolaa kan jiru Hezboollaah eenyu?

    Gareen hidhattootaa Hezboollaah akkuma garee Hamaas Israa'eliin wal lolaa jiru.

    Keessattuu erga Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwachuun humnoota Israa'el waliin wal waraana keessa seeneen booda, Hezboollaah kan Libaanoon keessa maadheffate waliin walitti dhukaasaa jiraachuun gabaafamaa jira.

    Gareen Iraaniin akka deeggaramu himamuu fi karaa kaabaa Israa'eeliin rookkeettii waliitti dhukaasaa jiran kun eenyuudha?

  5. Baazaariin Irreechaa dhaabbileen 255 ol akka irratti hirmaatan himame maal ofkeessaa qaba?

  6. Daawwadhaa: Viidiyoo yeroo meeshaan daa'imman dabalatee namoota 12 galaafate dho'u mul'isu

    Ministeerri Fayyaa Libaanos akka gabaasetti, dho'insa meeshaa qunnamtii biyyattii keessatti mudateen daa'imman lama dabalatee namoonni 12 du'aniiru.

    Ministirri Fayyaa Libaanos Firaas Abaayid mucaa intalaa umuriin ishee waggaa saddeet taateefi mucaa dhiiraa umuriin isaa waggaa 11 ta'e dabalatee dho'insa mudateen namoonni 12 du'aniiru jedhan.

    Abaayid wayita dhimma kanarratti ibsa kennan akka dubbatanitti, dho'insa kanaan namoota du'an keessatti hojjetoonni fayyaas ni argamu.

    • Dho'insa meeshaa elektirooniksii yeroo baayyee namni ofirratti godhatuufi ergaa fudhatu kumaan lakkaa'aman miseensonni Hezboollaa fayyadamaniirra dursanii kan kaa'an ejensii basaasa Mosaad ta'uu malu gabaasaaleen jedhaman bahaa jiru.
    • Maddi ol aanaa nageenyaa Libaanos tokko Roohitarsitti akka himetti meeshaaleen kun ji'a dura gara biyyaa galfaman.

    Viidiyoo yeroo meeshaan kun dho'u agarsiisu bakka hedduu keessaa tokko daawwadhaa.

    Akeekkachiisa: Viidiyoon kun isin rifaasisuu mala.

  7. Icciitiin meeshaa teknooloojii qunnamtii battala tokkotti guutuu Libaanositti dhohe duuba jiru maali?

  8. Meeshaa qunnamtii dho'een namoonni 12 amma yoonaatti du’uu Ministirri Fayyaa Libaanos beeksise

    Namoonni meeshaa qunnamtii dhibban lakkaa’amu Libaanositti dhodho’een madaa’an keessaa 2,750 hospitaalatti hafanii yaalamaa akka jiran Ministirrii Fayyaa biyyattii Firaas Abihad beeksisan.

    Miidhaan kun irra caala namoota baay’inaan naannoo Beerut jiraatanirra qaqqabe.

    Naaannoo Beerutitti namoota 1,750 madaa’e, namoonni 750 ammoo kibba Libaanositti madaa’an.

    Namoota dho’insa meeshaa qunnamtii kanaan mada’aan keessaa muraasni gara Iraaniifi Sooriyaatti ergaman- irra caalan isaanii (% 98) biyyuma keessatti wal’aanamuu itti fufu jedhan.

    Libaanos namoota miidhaman kaan wal’aansa dabalataaf gara biyya alaatti erguuf akka jirtus beeksisteetti.

  9. Raashiyaan 'haleellaa michuu ishee- Libaanos irratti raawwatame' balaaleffatte

    Biyyoonni addunyaa tokko tokko haleellaa Libaanos irratti raawwatame irratti yaada kennaa jiru.

    Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa haleellaan Kibxata kaleessaa Libaanos ''michuu'' biyyasaanii keessatti raawwatame ''seera idil-addunyaa irratti qormaata guddaa kan bakka bu'u'' jette.

    Maariyaa Zakaaroovaan itti dabaluudhaan, "qindeessitoonni haleellaa teeknooloojii olaanaa kanaattis itti yaaduudhaan waldhabdee hidhannoo Baha Giddugaleessaa keessatti waraana guddaa kakaasuuf barbaadu kan raawwatameedha" jetteetti.

    Bakka biraattis pirezdaantiin Tarkii Risiip Taayip Erdogaan, haleellaa kanaan gadda isaanitti dhagahame wayita ministira muummee Libaanos, Najib Mikaatii waliin bilbilaan dubbattaniitti ibsu isaanii, dhaabbanni oduu mootummaa Tarkii Anaadoluun gabaaseera.

    Ittaanaan ministira muummee, Ayirlaand dhohinsi raawwatame kun kan waliigaltee Jenevaa cabse akka ta'eetti akka ilaalan dubbatan.

    “Kun waraana bifa haaraati, waa’ee isaas garmalee yaadda’uu fi yaaddoo qabaachuu qabna jedheen yaada. Hawaasni addunyaas maalummaa haleellaa kanaa irratti xiinxaluu qaba,” jechuun ture Mikaa'el Maartiin kan Dabliin keessatti gaazexessitootaatti himan.

  10. 'pager' meeshaa akkamiiti?- Hezbollaan maaliif itti gargaarama?

    Hanga taatee guyyaa kaleessaatti meeshaan Peejar (pagers) jedhamufi tajaajila quunnamtiif oolaa ture teeknolojii baayyee irraanfame turtedha.

    Peejar hospitaalaa fi tajaajila yeroo muddamaas hojiirra oolaa tureedha. Bara 2000 keessa moobayiliin dhufnaan fudhatamni meeshaan kun bilbila moobaayilaan irraa fudhatamuun, isaan booda waa’een Peejar dagatamee ture.

    Meeshaan quunnamtii kun amma qola sigaaraa kan geessuu yoo taatuu, fiixee qabattootti maxxanfama.

    Peejar dhaamsa haaraa ittin dhaggeeffachuuf oolu- irra caalaan isaanii dhaamsa fudhachuu qofaaf oolu.

    Hezbollaan bilbila caala meeshaa qunnamtii kanatti gargaaramuu kan filateef teessuuma lafaa (GPS)dhaan bakki itti argamu beekuun waan hin danda’amneef ture.

    Meeshaan Peejar jedhamu kun wayita dhaamsa fudhatu sagalee xiixu kenna, akkasuma ni hoollata (vibrate) godha.

    Dhaamsa barreeffamaa gabaatu mul’ata- yeroo baayyee namni dhaamsi ergameef akka deebisee bilbilu ykn bakka sana qaamaan dhaqu akeekkachiisuuf oola.

  11. Waraanni Israa’el halkan edaa miseensota Hezbollaa haleeluu beeksise

    Waraannii Israa’el (IDF) iddoo miseensonni Hezbollaa danuun turan halkan edaa haleelu beeksise.

    Waraannii Israa’e toora X gubbaattii ''humnoonni Israa’el miseensota Hezbollaa shororkeessitoota heddu kanneen caasaa waraanaa keessatti hirmaatan mandara kibba Libanoos Majdal Salaamitti argine’’jedhe.

    ‘’Xiyyaaronni waraanaa gamoo shororkeessitoonni keessa turan haleele’’ jedhe.

    Waraanni Israa’el gamoowwan hidhattoota Hezbollaa kibba Libaanos iddoowwan shanitti haleelu beeksise.

    Waraanni Israa'el waa'ee meeshaa qunnamtii kumaatamaan lakkaa'amu Libanoon keessatti dhodho'erratti yaada hin kennine.

  12. Shaampiyoonsi Liigiin, Liiverpuulii fi Maadirid yoo mo'atan Baayern Munik galchii 9-2'n mo'ate

  13. Dhaabbanni Taayiwaan meeshaa qunnamtii Libanositti dho’e oomishe, dho’insa mudate keessaa qooda hin qabu jedhe

    Hundeessaan dhaabbata elektironiksii Taayiwaan dhaabbata Goold Appooloo jedhamuu Su Ching Kuwaang, meeshaa qunnamtii kumaatamaan lakkaa’aman Libanoositti dho’e keessaa qooda hin qabnu jedhanii waakkaatan.

    Kuwaang akka himetti, dhaabbanni isaa kaampanii Awurooppaa keessatti argamu akka meeshaa qunnamtii peejar jedhamu oomishu waliigaltee mallatteessu himan.

    Dhaabba Awuurooppaa keessa maadheffate BAC jedhamuun wajjin erga waliigaltee mallatteessanii waggaa sadii ta’eera.

    Dhaabbatii BAC mallattoo kaampanichaa fi saxaxa dhaabbatichaatti gargaarama.

    Dhaabbanni BAC jedhamu amma Budapeest, Hangaariitti akka argamu dhaabbanni Goold Appooloo beekksisera.

  14. Haleellaa diroonii Yuukireen hordofuun namoonni akka baqatan naannoon Raashiyaa tokko ajajje

    Naannoo Raashiyaa Tivir jedhamutti haleellaa diroonii’’ cimaa’’Yuukireen raawwatte balaa ibiddaa qaqqabsiisuu hordofuun namoonni hangi tokko naannicha keessaa akka bahan ajajje.

    Bulchaan naannichaa Igor Rudenyaa jedhaman hojjattoonni yeroo balaa magaalaa Toropitsi balaa ibiddaa caccabaa diroonii kufuun uumamu to’achuuf yaalaa jiru jedhan.

    Qondaalli Raashiyaa kun namni haleellaa miidhamuuf dhiisu hin ibsine.

    Viidiyoon maddisaa hin mirkanoofne tokko akka agarsiisuutti, magaalaa Toropitsi jedhamu kanatti balaa ibiddaa guddaan qaqqabeera.

    Gabaasni muraasni akka akeekanitti, halkan edaa bakki kuusaa meeshaalee waraanaa haleelamuu hordofuun balaan ibiddaa mudate.

    Magaalaa Toropitsi magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskoorraa km 380 fagaattee gara kaaba dhiyaatti argamti.

    Qondaalonni magaalichaa Roobii ganama akka beeksisanitti konkolaattoonni namoonni naannichaa ittiin bahan qophaa’aniiru.

  15. Turkiin garee Itoophiyaan keessa jirtu, BRICS, maaliif seenuu barbaadde?

  16. Daa'imman afur firijii moofaa keessatti taphataaa turan du’an

    Poolisiin Nambiyaa, daa'imman afur Kaaba bulchiinsa Zaambezitti osoo firijii moofaa fi duwwaa ture keessa taphatanuu keessatti du’an qorataa jira.

    Ijoolleen umriinsaanii waggaa sadii hanga jahaa giddutti argamu kunneenis, Wixata waaree booda ture reeffisaanii firijii moofaa bakka namoonni itti heddummatu magaalaa Katimaa Muliloo jedhamutti kan argame.

    Poolisiin daa’imman kunneen osoo firiijicha keessatti taphatanii tasa keessatti danqamanii ukkamamanii du'an jedhee kan amanu yoo ta'u, garuu qorannoo gaggeessu ittifufeera.

    Ijoollee afran keessaa lamaan isaanii firijiichuma keessatti du’anii argaman, lama ammoo erga hospitaala qaqqabanii booda osoo wal’aanamaa jiranii du’an.

    Abbaan daa’imman du'an keessaa kan tokkoo ta'an, Aranjes Shooroo: ''Yeroon ani asi gahuu, lubbu baraartonni intalakoo fi mucaa durbaa biroo gara hospitaalaa geessuuf muddamaa turan. Daa’imman du’an lama ammoo reeffisaanii konkolaataatti fe’ame’’ jechuun gaazeexaa Naamibiyaatti himan.

    Ajajaan poolisii naannoo Zaambezii Andirees Shiileloo dhaabbata oduu AFP wabeeffachuun akka gabaasetti, ''Firiizaricha irratti furtuu karaa alaatiin qofa banamuu danda'utu ture,'' jedheera.

    "Daa'imman kunneenis gara sa'aatii tokkoo fi walakkaaf qabamaniiru, ukkaamsaniiru."

  17. Mootummaan Itoophiyaa walitti bu’iinsa keessootiif hangam diroonii fayyadamaa jira?

  18. Raadiyoon qunnamtii dhohee miseensota Hezbollaa heddurra miidhan geenyan Hezbollaan Israa'el himate

    Libaanos keessatti raadiyoon qunnamtii dhohee miseensota Hezbollaa heddurra miidhaan gahe, namoota sagal ammoo ajjeese.

    Kanneen du'an keessaa daa'imni keessatti argamti. Raadiyoon qunnamtii kun miseensonni garee hidhattoota Hezbollaa qunnamtiif kan ittifayyadaman yoo ta'u, meeshaan qunnamtii kun guutummaa Libaanos keessatti al-tokkotti dhohuu Ministiirri Fayyaa biyyattii beeksise.

    Meeshan qunnamtii kun dhohee namoota 2,800 miidhaman keessaa Libaanositti ambaasaaddarri Iraan tokkoodha.

    Dhohiinsa meeshaa qunnamtii kanaan miseensonni isaa 8 du'uu Hezbollaan amanee Israa'elitti quba qabuun haaloo akka bahu dhaadate.

    Raadiyoon qunnamtii guutummaa Libaanos keessatti osoo hin dhohin sa'aatii muraasa dura kaabineen Israa'el haleellaa gareen Hezbollaa karaa Kaaba Israa'el gaggeessu dhaabsisuun namoota qe'eesaanirraa buqqa'an deebisuun akka barbaachisu dubbataa ture.

    Israa'elifi Hamaas gidduutti lolli erga eegalee kaasee Hezbollaan Hamaas irra goruun ji'oota 11 darabaniif Israa'el wajjin wal-loluutti jira.

  19. Taatee kaleessaatiin miseensoonni Hezbollaa saddeeti ajjeefaman

    Raadiyoon quunnamtii harkatti qabatamu erga guutuu Liibaanositti dhoheen booda miseensoonni Hezbollaa saddeet ajjeeffamuu garichi mirkanneesse.

    Gareen Hezbollaa Roobii kaleessaa toora Telegraamii isaarratti akka ibseetti, miseensoonni isaa saddeeti taatee kanaan ajjeeffaman.

    Haata'u malee Ministirri Fayyaa Leebaanoon ammoo, mucaa dubaraa xiqqoo tokko dabalatee yoo xinnaate namooni sagal du'uu beeksise.

    Tarii lakkoofsi kun dabaluu akka danda'u himamee ture.

  20. Tamsaasa keenya eegalleerra.

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti? Kunoo tamsaasa keenya kallattii kan guyyaa Roobii har'a eegalleerra.

    Odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa waan isin biraan geenyuufu nu hordofaa.

    Oolmaa gaarii qabaadhaa!