Waldaa hojjettootaa Ameerikaa keessatti dhiibbaa guddaa qaban keessaa tokko kan ta’e waldaan Obbolummaa Idil addunya (International Brotherhood of Teamsters) bara 1996 booda yeroo jalqabaaf deeggarsa kaadhimamtoota pirezidaantii Ameerikaaf kennuu dide.
Gamtaan kun miseensota gara miliyoona 1.3 guutuu US fi Kanaadaa keessaa kan qabu yoo ta’u, kaadhimamtuu paartii Dimookiraatotaa Kamalaa Haarisiif akkasumallee kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Doonaaldi Tiraampiif deeggarsa hin taasisne
Qorannoon miseensota isaa sadarkaa olaanaa irratti gaggeeffame tokko akka ibsuttu kaadhimamtootni lammanuu ''deeggarsaa tokkollee'' akka hin arganne himameera.
Haa ta'u malee qorannoon dhiheenya kana ba’e lama waldaaleen hojjattoota hangi tokko Tiraampiin deeggarsa hanga tokkoo qabaachuu agarsiisa.
Tarkaanfiin kun ammo duula filannoo Harris guyyoota 50 hin guunne keessatti tattaaffii taasisaa jirtuu yaaddodha.
Waldichi hawaasa kumaatamaan lakkaa’aman kanneen kutaalee dirree waraanaa murteessoo Penniseylevaniyaa, Michigan fi Wiskoonsiin keessa jiraatan, hojjetan akka sagalee kennan sochoosuuf dandeettii qaba ture.
Waldaan hojjattootaa senaataroota Ameerikaa fi namoota dhiibbaa uumaan heddu of keessa qabu kana irraa ragaa funaanameen sagalee filannoo miseensota sadarkaa olaanaa irratti kanna 59.6% Tiraampi yoo deeggaran kennan, Haaris deeggaruuf sagalee kennan ammoo 34% qofa.
Gamtichis ibsa baaseen ''qorannoon miseensotaa bal'aan akka agarsiisutti itti aantuu pirezidaantii Haaris caalaa, miseensonni harka caaluu Pirezidaanti Tiraampii gara waayit Haawusitti akka deebi’an deggarsa agarsiisu’’ jedhe
Ta’us garuu akka baay’inaa miseensotaa fi waldaa filannoo Ameerikaa darban keessatti dhiibbaa qabutti deegggarsi waldichii kaadhimamtoota lamaanifuu agarsiisaa jiru xiqqaa ta’uutu eerame.