Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante

Raashiyaan kutaalee walakkaa Yukireen keessatti haleellaa jabaa banuu hordofee guutuu Yukireen keessatti akeekkachiifni kenname.

Guduunfaa

  • Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante
  • Jiraattotni Kiiv hedduun buufata baaburaa lafa jalaatti dahachaa jiru
  • 'Bishaan dhugaatii hin qabnu' jedha jiraataan Kiiv
  • Baayinni namoota haleellaa Raashiyaatiin du'anii yoo xiqqaate gara shanitti ol guddateera
  • Raashiyaan diroonii fi misaayela 200'n bu'uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffachuun Yukireen haleelte
  • Haleellaan Israa'eliifi Hezbollaa jidduutti hammaachuun booda UN akka tasgabbaa'aniif gaafate
  • Naannoo Amaaraatti namoonni torba reeffa namoota sigigii lafaan awwaalame baasaa turan du'an

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Qaamoleen nageenyaa aarsaa lubbuu kaffaluun sirna qormaataa naga qabeessa godhaaniiru jedhan Birhaanuu Naggaa

    Piroofeesar Birhaanuu Naggaa fi Komishinara Dammalaash Gabramikaa'eel

    Madda suuraa, ETV

    Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa waggoota sadan darban sirni qormaata biyyaalessaa kennuu qaamolee nageenyaa waliin ta'uun hojjetamuun adeemsa qormaataa milkeesseera jedhan.

    Miidiyaan biyya keessaa FBC akka gabaasetti Birhaanuun yaada kana kan kennan, dhiyeessii qormaata biyyaalessaa kutaa 12 bara kana ilaalchisee qooda fudhattoota waliin gamaaggama godhame irratti.

    ''Qaama nageenyaa gahee qaban waliin waggoota sadan darban qormataa kennine keessatti adeemsi qormaata kennuu yeroo keessa fooyy'aa deemeera'' jedhan.

    ''Qaamoleen nageenyaa aarsaa lubbuu kaffaluun sirni qormaataa naga qabeessa akka ta'u gumaacha guddaa godhaniif galata olaanaa galchina'' jechuun isaanii gabaafameera.

    Komishinarri Poolisii Federaalaa Dammalaash Gabramikaa'eel gareen hidhatan qormaatichi akka hin rawwatamne duula gaggeessaa turan fashalsuu irraa eegalee, qoramaatni iddoo itti maxxanfamee hanga Yunivarsiitilee gahutti eegumsa gochuu himan.

  2. Namichi waggaa lama keessatti dubartoota 42 ajjeese mana hidhaatii miliqe

  3. Poolisiin dubartii daboon gudeedamte daldala saal-qunnamtiin walqabsiisan itti-gaafatammummaarraa kaafaman

    Poolisii Taanzaaniyaa

    Madda suuraa, Tanzania Police

    Taanzaaniyaatti qondaalli poolisii gochaa dubartii daboon gudeedamtee daldala saal-qunnamtii waliin walqabsiisuun yaada kennite itti-gaafatamummaa irraa kaafamanii bakka biraatti jijjiiraman.

    Magaalaa Tanzaaniyaa, Dodomaatti dubartiin tokko daboodhaan yeroo gudeedamtu viidiyoon agarsiisu ballinaan qoodamuu hordofee ummata dheekamsiiseera.

    Miidhaa kana qaqqabsiisaniiru jedhamuun dhiironni afur himannaa irratti dhiyaate waakkataniiru.

    Komaandarri poolisii magaalattii dubartii gudeedamte ilaalchisuun, “daldala saal-qunnamtiirratti kan bobbaate fakkaatti” jechuun gaazexaa Taanzaaniyaatti dubbatan.

    Aariifi dheekkamsa yaadni poolisii tun uume hordofee poolisiin biyyaalessaa Taanzaaniyaa dhiifama gaafachuun komaandarittii yaada kennite ammoo bakka biraatti jijjiiruu eereera.

    “Poolisiin yaada miidiyaarratti gadhiifameen kan gaddaniifi aaran hunda dhiifama gaafata,” jechuun dubbi-himaan poolisii biyyaalessaa Daavid Miisimee dubbataniiru.

  4. Woolvis karra-eegaa Arsenaal ergisaan fudhachuuf gaaffii dhiyeesse

    Aaroon Raamsadel

    Madda suuraa, Getty Images

    Woolvis karra-eegaa Arsenaal Aaroon Raamsaadel wagga tokkoof ergisaan fudhachuuf gaaffii dhiyeesse.

    Gaaffiin taphataa kana ergifachuuf Wixata dhiyaate kun bara 2025 keessa dhaabbataan mallatteesifachuu akka filannootti dhiyeessuu dabalata.

    Ummuriin isaa wagga 26 kan ta‘e Raamsaadel, bara 2023 Daavid Raayaa Bireentifordirraa ergisaan gara Arsenaal dhufuu hordofee bakka isaa dhabeera.

    Ze Gaanars boodarra taphataa lammii Ispeen kan ta’e Daavid Raayaa dhaabbataadhaan mallatteeffateera.

    Ramsaadel bara darbe si’a 11 qofa arsenaaliif hiriiree galullee, Euro 2024 darberratti garee biyyaalessaa Ingilaand keessatti hirmaateera.

    Bara 2021 Sheefiild Yunaayitidirraa Paawondii miliyoona 24 gara Arsenaal kan dhufe Raamsadeel, waliigaltee isaa wagga lama hafe keessatti eeggataa osoo hin taane guutummaan hiriree taphachuu barbada.

    Raamsadeel tapha Piriimer Liigii baranaa jalqabaatiin Arsenaal Woolvis 2-0n mo’aterratti Raamsadeel eeggataa turus hin taphatiin hafeeera.

  5. Buufata hawaa Sheetlaanditti motarri rookeettii yaaliirra ture dhoohe

    Rookkeettii fugugsiirratti mootarri gubate

    Buufata hawaa haaraa UK Sheetland keessatti yaalii furguggigsuu irratti motorri rookkeettii dhoohuun himame.

    Yaaliin kun gaggeeffamaa kan ture dhaabbata Jarmanii Rocket Factory Augsburg (RFA) jedhamuun fi rookkeettii dhaabbataa hawaa UK isa jalqabaa gara Orbiititti furguggisuuf abdataa tureenidha.

    Yaaliin motora sagal karoorfame kun qaama yaaliiwwan hedduu osoo gara furguggifamuutti hin deemiin dura raawwatamuu qaban keessaa tokko ture.

    Dhaabbanni Jarmanii RFAn dhohinsa kanaan namni tokkollee kan hin miidhamne yoo ta'u, meeshaan furguggisuutiis ''baraaramuun olfameera'' jedheera.

    Jalqabarratti ibiddi guddaan fi aarri cimaan jala rookkeettii sanaa irraa garagalanii osoo dhukaasaa jiranii mulʼachuu ture. Sana booda ammoo caasaan rookeetichaa guutuun ibiddaan liqimfame.

    Kunis erga yaaliin rookkeettii jalqabaa bakka odola xiqqoo Unst jedhamtutti gaggeeffamee milkaa'uun labsamee ji'a sadii boodadha.

    Yeroo sanattis dhaabbanni Jarmanii RFAn motora isaanii osoo hin cufiin dura sekondii saddeetiif dhukaase.

    Ibsi SaxaVord Spaceport irraa bahe akka jedhutti, pirootokooliin nageenyaa hundi guutummaatti kan ilaalame yoo ta’u, hojjataa kamuu osoo balaaf hin hambiisiin qorannoon dura bakki sun akka duwwaa ta'u taasifameera.

  6. Yukireen riqicha Raashiyaa lamaffaa barbadeessuu himte

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Watch: Moment Ukraine appears to strike another Russian bridge

    Yukireen torban tokko keessatti riqicha Raashiyaa murteessaa ta’e lamaffaa barbadeessuu himte. Yukireen daangaa Raashiyaa naannoo Kuursik achi fagaattee keessa seenuu itti fufteetti.

    Waraanni Yukireen Dilbata darbe viidiyoo yeroo riqicha kana haleelee barbadeessu agarsiisu gadhiiseera. Riqichi kun Zvannoe keessatti kan argamu Laga Seym jedhama.

    Riqicha kana haleelanii saatii muraasaan booda, Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin kaayyoon humni waraansaa isaanii naannoo Kuursik cabsanii seenuu haleellaa Raashiyaa fageenyatti dhaabsisuudhaaf lafa irratti eeggatran uummachuu (buffer zone) akka ta’e dubbatan.

    Erga Mooskoon bara 2022 waraana irratti bantee as Yukireen daangaa Raashiyaa keessa seentee torban lamaaf haleellaa guddaa yoo gaggeessitu kun isa jalqabaati.

  7. Yeroon Kaamlaa Hariis itti seenaa hojjattu amma - Hilaarii Kilintan

    Hilaarii Kilintan

    Madda suuraa, Getty Images

    Halkan baniinsa Kora Biyyoolessaa Dimookiraatotaa irratti Hilaarii Kilintan akkamitti dubartii jalqabaa kaadhimammtuu pirezidaantummaa paartii guddaa injifatte ta’uudhaan sarara cimaa akka itti qaxxaamurte dubbatteetti.

    Haasaa walgaʼii waggaa saddeet dura goote deebistee yaadachuudhaan, “Gufuun tokkoo keenyaan yoo buqqifame, hunda keenyaaf karaa nu bana” jetteetti.

    Haata'u malee, pirezidaantuummaadhaaf dorgommiin isheen bara 2016 seena qabeessa ta’ulleen, dorgomichi dhumarratti Doonaald Tiraampiin injifatamuun mo’amuun xumurame.

    Amma ammoo, Paartiin Dimookiraatawaa dubartii jalqabaa Waayit Haawus galchuuf tarkaanfii itti aanu yeroo fudhateetti, yeroon isaa amma kan itti duungoo dabarsuu akka ga’e namoota kumaatamaan lakkaa’aman Chikaagootti walitti qabameetti himteetti.

    “Waliin taanee, sadarkaa isa olka’aa fi jabaa ta’e keessatti caccabaa baay’ee umamee jirra,” jedhan Aadde Kilintan.

    “Gartookkee baaxii sanaatiin Kaamalaa Haaris harka ishee ol kaastee akka Pirezidaantii Ameerikaa keenya 47ffaatti kakuu raawwataa jirti.”

    Erga Aadde Kilintan pirezidaantii ta’uuf dorgomanii as yeroonsaa jijjiirameera jedhu bakka bu’oonni dubartootaa fi namoonni siyaasaa DNC bara 2024 Chikaagootti gaggeeffame irratti hirmaatan hedduun.

    Yeroo Kilintan itti dorgoman sanatti, dhimma saala dubbii giddugaleessaa duula filannoo akka ta'u goote - kunis kan sochii Aadde Haaris irraa fagaachuuf filatte fakkaata.

    Dhimmi siyaasaa itti aanaan pirezidaantii tana waajjira olaanaa biyyattii seensiisuuf haala gahaa ta’een jijjiiramuu fi dhiisuun isaa ammalleen gaaffii ta’ee jira.

  8. Tujaarri UK 'Biil Geetis Biriiten' jedhaman intala isaanii waliin galaanatti dhidhiman

    Tujaarri UK Maayik Liinchii fi intalli isaa waggaa 18 qarqara Xaaliyaaniitti dhidhiman ammayyuu hin argamne

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Tujaarri UK Maayik Liinchii fi intalli isaa waggaa 18 qarqara Xaaliyaaniitti dhidhiman ammayyuu hin argamne

    Tujaarri UK Maayik Liinchi fi intalli isaa waggaa 18 bidiruu bashannanaa akkaan qaalii taheen osoo bashannanaa jiranii dhidhiman.

    Bidiruun bashannanaa gatii jabeettii jedhamte kun namoota 22 qabattee Wiixata gara ganamaa qarqara Xaaliyaanii naannoo odola Sisiliitti dhidgimte.

    Bidiruun meetira 56 dheerattu lammiilee Biriiteen, Ameerikaa fi Kanaadaa qabattee imalaa turte.

    Isaan keessaa namoonni 15 lubbuun baraaramaniiru.

    Isaan keessaa daa’imni waggaa tokkoo lammii Biriiten taate jirti. Bidirittiin sababa oriitoon dhidhimuu kan himan qondaalonni biyyattii barbaachi halkan guutuu itti fufee jiraachuu himan.

    Bidiruun kun Bayesiyaan jedhamti. Tujaarri UK Liinchi jedhaman maqaa ‚‘Biil Geetis Biriiten‘‘ jedhamuun beekamu.

    Hundeessaa kaampaanii sooftiweerii, Autonomy‘ jedhamu yoo tahan, booda doolaara biliyoona 11 tahuun kaampaanii Hewlet Paakaarditti gurguratan.

    Dubartiin tokko osoo dhidhimaa jirtuu daa'ima ishee waggaa tokkoo waliin lubbuun baraaramteetti.

    ''Sekondii lamaaf daa'imakoo galaana keessatti gadhiiseen ture. Dafeen ofitti ishee hammadheen jabeessee qabadhe. Namoonni iyyaa turan. Akka carraa tahee bidiruun lubbuu oolchu galaanicharra bololi'e jennaan 11 taanee achi keessa galle, '' jette.

  9. Maqasiin bade jennaan balaliin haqame

    Xiyyaara ANA

    Madda suuraa, Getty Images

    Sanbattan darbe buufata Xiyyaaraa Jappaan galma, iddoo taa'anii balalii eeggatanitti maqasiin bannaan balaliin jaha yoo haqamu, 201 immoo boodatti hafee imaleera.

    Buufata xiyyaarraa biyya keessaa Hokkaido’s New Chitose tti gaafa Sanbataa sakatta'insi sa'atii lamaaf boodatti harkifateera. Namoonni dhibbaan lakkaa'amanis yeroof danqamaniiru.

    Imaltoonni irra deebiin akka sakattaa'aman gaafatamuurraan kan ka'ee wal-danqaafi hiriirri dheeraan ture.

    Qondaaloti maqasii bade kana argachuuf tattaafataa turanii, guyyaa itti aanu kuusaa achuma jiru keessatti argameera.

    Maqasiin kuni gaafa Sanbataa argamuu baatullee balaliifi sakatta'insi garuu gaafasuma itti fufeera.

    Qondaaloti buufata xiyyaara kanaa gaafa Wiixataa maqasiin argame isa barbaadamaa ture akka tahe ibsaniiru.

    Ministeerri Lafaa, Bu'uuraalee Misoomaa, Geejibaa fi Tuurizimii sababa maaliin maqasiin kuni akka badeefi yaaddoo nagenyaa akka tahe akka qulqulleessu buufata xiyyaaraa kana gaafatera.

    Imaltoonni gariin dhimmi kuni uumamuurraan kan ka'ee ''eeguu'' malee filannoo akka hin qabne himuun dhaabbatichi kana caala otoo of eeggannoo otoo godheee jechuun gaafatan.

    Imalaan kaan miidiyaa hawaasaa irratti ''buufatni xiyyaaraa Jaappaan hangam waan hunda tokko tokkoon akka sakatta'u kan agarsiise dha,'' jedhan.

  10. Israa’el yaada dhukaasa dhaabuu ''walitti dhiyeessu'' fudhateetti - Biliinken

    Biliinkeniifi Netaaniyaahu

    Madda suuraa, EPA

    Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa, Antoonii Biliinkan yaada Gaazaatti dhukaasa dhaabuu biyyoota lameen ‘’walitti dhiyeessu ‘’ Ministarri Mummee Israa’el fudhataniiru jedhan.

    Dabaluunis amma waliigaluun qooda Hamaasidhas jedhaniiru Biliinkan.

    Marii qondaaloti kuni Teel Aviivitti taasisan Nataaniyaahuun akka ''gaariitti'' ilaaluu waajirri isaanii himuun Ameerikaan kanneen Gaazaatti butaman akka hiikaman kutanoo qabdus ibseera.

    Biliinkeen kanaan dura mariin miilanaa kuni waliigaltee dhukaasa dhaabu fiduuf, ‘’carraa isa dhumaa’’ tahuu mala jechuun akeekkachiisaniiru. Ameerikaan dhimma kana goolabuuf akka dhiibbaa gochuuf abdii qabdis jedhaniiru.

    Ameerikaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu kuni torbee dhufu fa’i raawwata jettee abdattus Hamaasiifi Israa’el garuu abdii kana waan qooddatan miti.

    Biyyooti lameen wal-amanuu irratti mata-jabaachuun waliigaltee kana danqaa jiru. Marii Tel Aviiviin booda Biliinkan gara dhukaasa dhaabuufi kanneen butaman gadhiisisuutti ‘’hatattamaan itti deemamuu,’’ akka qabu himan.

    ''Abdii hin kutannu,'' kana caala boodatti harkifachuun kanneen Gaazaatti butaman akka du’aniifi danqaan kana booda jiru hundi waliigaltee kamiyyuu gufachiisuu mala jedhan.

    Ministeerri Hajaa Alaa Ameerikaa kuni kana booda gara Masrii fi Kataar deemuun waliigaltee kana gara fuulduraatti dhiibuuf yaalu.

  11. Joo Baayidan ija imimmaan guteen 'nagaa dhaammatan'

    Pirezidant Joo Baayidan fi Itti-aantuu isaa Kaamlaa Hariis

    Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waltajjii Kora Biyyaalessaa Dimokiraatotaarratti ija imimmaan guuteen nagaa dhaammatan.

    Barri aangoo isaanii dhumuudhaaf baatii lama kan isaan hafe Baayidan, filannoo Ameerikaa Sadaasa dhufu gaggeeffamurratti kaadhimamtuu warra Dimokiraatotaa bakka kan buutu itti-aantuu pirezidantii Kaamlaa Hariisitti imaanaa kennataniiru.

    Dorgommii pirezidantii duraanii Donaald Tiraamp waliin taasifamu kanarratti Dimokiraatonni “Ameerikaa oolchuudhaaf kan itti qabsaa’anidha” jedhan Baayidan.

    “Ameerika, waanan qabu siif kenneera,” jedhan Joo Baayidan dhuma haasaa dheeraafi miiraan guutame taasisaniin. Aab Baayidan haasaa isaanii keessatti bara aangoo isaaniitti waan itti milkaa’eera jedhan ibsaniiru; Kaamlaa Hariisiin ammoo jajataniiru.

  12. Waa'ee daa'ima waggaa torbaa gudeedamtee duutee Heevan, harmee isheerraa akka dhageenyetti

  13. Uummanni Salaalee rakkoo nageenyaan dararame meeshaa ulfootiin bahee araaraf waaqa kadhate

  14. Korri falmisiisaa TPLF Getaachoo Raddaa aangorraa kaase, Dabaratsiyoon irra deebiin filate