Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante

Raashiyaan kutaalee walakkaa Yukireen keessatti haleellaa jabaa banuu hordofee guutuu Yukireen keessatti akeekkachiifni kenname.

Guduunfaa

  • Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante
  • Jiraattotni Kiiv hedduun buufata baaburaa lafa jalaatti dahachaa jiru
  • 'Bishaan dhugaatii hin qabnu' jedha jiraataan Kiiv
  • Baayinni namoota haleellaa Raashiyaatiin du'anii yoo xiqqaate gara shanitti ol guddateera
  • Raashiyaan diroonii fi misaayela 200'n bu'uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffachuun Yukireen haleelte
  • Haleellaan Israa'eliifi Hezbollaa jidduutti hammaachuun booda UN akka tasgabbaa'aniif gaafate
  • Naannoo Amaaraatti namoonni torba reeffa namoota sigigii lafaan awwaalame baasaa turan du'an

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Poolisoonni shan namicha dubartoota 42 ajjeese hidhaatii akka miliqu gargaaran himataman

    Koolins Jumaayishii Khaluushaa

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Koolins

    Poolisoonni Keeniyaa shan namicha haadha manaasaa dabalatee dubartoota 42 haala sukkaneessan ajjeesuun shakkame mana hidhaatii akka miliqu gargaaran jedhaman irratti himanni baname.

    Lammiin Keeniyaa Koolins Jumaayishii Khaluushaa jedhamu haadha manaasaa dabalatee dubartoota 42 ajjeesun shakkamee to'atamee ture.

    Poolisiin akka jedhetti namni kun dubartoota kana ajjeesuu amaneera jedhee beeksisus abukaatonsaa reebamee akka amanu godhame jechuu falmee ture.

    Haa ta'u garuu Khaluushaan guyyaa kaleessaa lammiilee Ertiraa 12 wajjin mana hidhaatii miliquutu dhagahame.

    Lammiilen Ertiraa kun karaa seeraan alaa Keeniyaa seenun to'ataman yoo ta'an namicha dubatoota heddu ajjeesun shakkamee hidhame kana wajjin kan mana hidhaatii miliqan osoo poolisoonni ciree nyaataa jiranuuyyu jedhame.

    Yeroo namoonni kun miliqan poolisoonni hojiirra turan saddeet hojiirraa akka dhaabatan godhamuun isaan keessaa poolisoota shan irratti himannaan banamee akka jiru poolisiin biyyattii beeksise.

    Poolisoonni kun shannan namoonni kun hidhaa keessaa akka baqatan haala mijeessaniif jedhamuuni himanni kan irratti baname.

    Lammiin Keeniyaa waggaa lama keessatti haadha manaasaa dabalatee dubartoota 42 ajjeese jedhamuun to'atamuu hordofee Keeniyaa keessatti dheekkamsa kaasee ture.

    Bakki dubartoonni kun itti ajjeefamanii gataman waajjira poolisii biyyattiirraa fageenya meetira 100 irratti argamuun isaa ammoo gaaffii biraa kaase.

  2. Gosti harree badii jala jirtu paarkii Ingilaanditti dhalte

    Harree badii jala jiru

    Madda suuraa, Knowsley Safari

    Sanyiin harree badii jala jirtu maqaa Somali wild ass jedhamuun beekamtu dhaluun tattaaffii eegumsa sanyii harree kanaaf taasifamu jabeessa jedhame.

    Ingilaand Paarkii Nuuwuzlii keessatti sanyiin harree kanaa 200 qofti hafuu kan himan qondaaloti paarkichaa kormaan amma dhalate kuni sanyiin harree kanaa akka horuuf tattaaffii taasifamuuf ''akkaan barbaachisaa dha,'' jedhan.

    Haati harree haaraa dhalate kanaa isa eeguuf jecha harroota dhaltuu kaanirraa fagaachaa turte jedhan kanneen paarkicha eegan.

    Dhalachuun Somali wild ass paarkii Nuuwuzliifis tahe sanyii harree kanaaf ''waan guddaa dha,'' jedhan hojjetaan paarkichaa Liindsayi Baankis.

    Gosti harree paarkii Ingilaand keessatti dhalatte kuni gosa harree Afrikaa gammoojjii Itoophiyaa fi gaarreen Kaaba Baha Eritiraatti argamaniiti.

  3. Leenjisaan Chelsii Istarliing dabalatee taphattoota 15 garee keessaa kophaatti baasuu hime

    Enzoo Mareeskaa

    Madda suuraa, Reuters

    Leenjisaan Chelsii Ezoo Mareeskaa taphattootni garichaa 15 ta'an garee jalqabaa waliin leenjii hordofaa akka hin jirre beeksise.

    Leenjisaan Chelsii haarofni ibsa miidiyaaleef kenneen taphattootasaa gammachiisuuf gafatamni irra jiraatus, hunda gammachiisuun akka isa dhibu hime.

    Garee Chelsii keessa taphattootni jiran marti teessoo jijjiirraa ka'anii daqiiqaa muraasaafillee hiree argachuu hin danda'anii jedhan.

    Mareeskaan akka jedhutti ''ammaan tana taphattootni 15 qophaatti leenji'aa jiru, garee jalqabaa waliin hin jiran.''

    Rahiim Isterliing taphattoota garee jalqabaa keessaa hanqifaman keessaa tokko.

    Waayee Isterliing yoo dubbatu ''taphataa gaarii miti jechaa hin jiru. Cinaarratti garuu isa jalaa ijoollee biroon filadha'' jedhe.

  4. 'Itoophiyaatti handaaqqoo nyaanna jenna malee qullubbii nyaanna'- MM Abiy Ahimad

    MM Abiy Ahimad

    Madda suuraa, EBC

    Ministirri Mummee Abiy Ahimad kaleessa Hagayya 20/ 2024 wiirtuu wucii andaaqqoo yaasu Naannoo Sidaamaatti ijaarameeebbisaniiru.

    Abiy wiirtuu eebbisan kun gabaa Baha Afrikaafillee qaqqabu akka ta'e himan.

    Wiirtuu kana wayita eebbisan ittoo jaalataamaa biyyattii, ittoo andaaqqoorratti, yaada kennan.

    ''Kanaan dura Itoophiyaa keessa handaaqqoo nyaanna kan jennu handaaqqoo osoo hin taane qullubbii dha nyaachaa turre,'' jechuun eebba wiirtuu kanaarratti dubbatan.

    ''Qullubbii keessa handaaqqoo xiqqoo daballee handaaqqoo nyaanne jenna. Tahus baay'inaan kan nyaannu qullubbii dha, qullubbii nyaachuu osoo hin taane gara handaaqqoo nyaachuutti akka ceenu dha kan barbaachisu,'' jedhan.

    Dabaluunis andaaqqoon ''waadamee zayitii fi qullubbiin otoo itti hin baay'atiin akka nyaachuu dandeenyu dha fedhiin keenyi guddaan'' jedhaniiru.

    Dubbiinsaanii kun miidiyaa hawaasaa gubbaa bal'inaan qoodamaa jira.

    Wiirtuun Naannoo Sidaamaatti ijaarame kuni wucii handaaqqoo miiliyoona 90 hanga 100 akka yaasuu danda'u miidiyaan biyya keessaa EBC'n gabaaseera.

  5. Haleellaa of wareegaa al-Shabaab raawwachuu amaneen loltootni jaha ajjeefaman

    Qaamolee nageenyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Somaaliyaatti haleellaa boombii of wareegaan raawwateen loltootni biyyattii jaha ajjeefamuu aanga'oonni beeksisan.

    Haleellaan boombii kun kan raawwate daandii Moqaadishoofi Afgooyee gidduu jiru bakka sakatta'insi gaggeeffamutti.

    Dhiyeenyuma sanitti qaamoleen nageenyaa konkolaataa dhuka'aa baatu rukutanii dhoosanis, tarkaanfii kanaan madoo malee duuti qaqqabe akka hin jirre jiraattotni naannichaa himaniiru.

    Haleellaa lubbuu loltoota jahaa galaafate kanaaf al-Shabaab gaafatamummaa fudhateera.

  6. Obbo Geetaachoon naannichatti beekamtii waajjirasaaniin ala walgahiin akka hin gaggeeffamne akeekkachisan

  7. Taatoo fi weellistuu beekamtuun Jeenifer Loopeez yeroo afuraffaaf gaa'ela hiikufi.

    Jeenifer fi Been Afleek

    Madda suuraa, Getty Images

    Taatootni beekamoon Hooliwuud Jeenifer Loopeezi fi Been Afleek gaa'ela waggaa lamaa booda wal hiikufi.

    Guyyaa Kibxata darbe weellistuu fi taatoo beekamtuun Loopeez mana murtii olaanaa Loos Anjelesitti argamutti iyyata abba warraa ishee waliin wal hiikkaa dhuyeeffachuu sanadoonni mana murtii BBC’n arge ni mul’isu.

    Xindiwwaan kunneen baatii Adoolessa bara 2022 keessa Laas Veegaasitti wal fuudhanii ji'a itti aanuttis Joorjiyaa keessatti cidhaa guddaa qopheeffatanii turan.

    Hariiroon jaalaala isaanii kan eegale bara 2003 wayita filmii ‘crime caper Gigli’ jedhamu hojjataa turanittidha. Bara sana keessa gaa’ila isaanii godhachuuf karoorfataniyyuu, jalqaba bara 2004ttimmoo hariiroo jaalaalaa isaanii addaan kutan. Garuu waggoota kurnan lama booda hariiroo jalalaa isaaniitti deebi’uun bara 2022 tti irra deebiin wal fuudhan.

    Wayita kanas Loopez “jaalalli gaarummaadha, obsa barbaada, kanaaf waggoota 20 booda walitti deebine” jettee turte. Dhimmicha walikka gaa’ilaa taatotaa kana irratti BBC'n bakka bu'oota isaanii qunnamuun akka odeeffannoo argatetti,

    Manni murtii dhimmicha qabate Loopeez ykn abukaatoon ishee iyyannoo isheen gaa'ela isaanii diiguuf dhiheessite Afleek beeksisuu qabu jedhera. Gabaasni miidiyaa akka agarsiisutti Loopeez maqaa dhumaa ishee seeraan gara Aflek jijjiirtee turte, iyyannoo wal hiikuu ishee keessatti maal ta’uu akka qabu hin ibsine.

    Sanadni dhimmicha irratti Mana Murtii Olaanaa Loos Anjelesitti dhiyaate akka jedhutti, lamaan isaanii iyyuu jijjiirama faayinaansii isaanii irratti dhufu kamiyyuu galii, baasii, qabeenyaa fi liqaa isaanii dabalatee odeeffannoo faayinaansii qooddachuu dirqama qabu. Hariiroo isaanii irratti ji'ootaaf tilmaamni ka'aa tureera.

    Manni isaanii Beverliy Hilsi jedhamu doolaara miliyoona 65 (£50m) gurgurtaaf dhiyeessaniiru. Afleck yeroo lama Oskaar kan injifate yoo ta'u, kanaan dura taatoo Jenifer Garner jedhamtu kan bara 2001 fiilmii jaalalaa ‘Pearl Harbor’ irratti wal baruun gaa’ila godhatanii ijoollee sadii waliin horatan waliinis waggoota kurnan itti wal fuudhan booda bara 2015 addaan ba'an.

    Loopeez ammo yeroo afur gaa'ela kan godhatte yoo ta'u, jalqaba bara 1997-98tti dhalataa Kuubaa kan ta'e Ojani Noha waliin, achiis shubbisaa ishee duraanii Kiriis Juud waliin bara 2001-03tti; akkasumas weellisaa Maark Antoonii, kan ijoollee lakkuu waliin horatan waliinis bara 2004-14tti. Akkasumallee yeroo tokko urjii garee Niwu Yoorki kan ture Alex Rodrigeez waliinis kaadhimamtee turte.

  8. Seensawwan magaalaa Finfinneetti misoomni koriidarii marsaa lammaffaan eegaluuf

  9. Hoomaan hantuutaa paarlaamaa Paakistaan weeraruun yaaddoo uume

    Gamoo Paarlaamaa Paakistaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Gosi hantuutaa paarlaamaa Paakistaan weerare kun qaamaan baayyee gurguddaafi adurroonnillee itti dhiyaachuu kan sodaatanidha.

    Hoomaan hantuutaa kunneen galma paarlaamaa weeraruun hookkara uuman, miseensota paarlaamaa akkaan burjaajessan.To'achuunillee kan hin danda'amne ture.

    Yeroo hoomaan hantuutaa gamoo paarlaamaa weeraran miseensi paarlaamaa tokko sanadi kora waggoota dura gaggeeffamee turee akka dhiyaatuuf wayita gaafatetti.

    Sanadi kun hantuutaan nyaatamee bututaansaa argame.

    ''Gosoonni hantuutaa gamoo kana keessa jiran qaamnisaanii baayyee gurguddaa ta'uurraa kan ka'e adurroonnillee ni sodaatu,'' jechuun dubbi himaan mana maree biyyaalessaa Zaafaar Sultaan BBCtti himan.

    Hoomaa hantuutaa adurroonni sodaatan kunneen dhabamsiisuuf manni marechaa baajata doolaara 4,300 ramaduun caalbaasii baaseera.

    Hoomaan hantuutaa kunneen galma walga'ii paarlaamaa fi iddoowwan nyaata itti nyaatan hedduu weeraraniiru.

    Guyyaa sagaleesaanii dhoksanii riphanii oolu. ''Namni hundi wayita gara manaatti galu eeganii bakka jiranii yaa'uun akka fiigicha maraatooniitti gamocha keessa burraaqu,'' jedhan Aab Sulxaan.

    Paarlaamaa biyyattii qaama hoomaa hantuutaa kana balleessuuf barbaaduuf gaazexaa fi miidiyaaleerratti beeksisa baaseera.

    Haata'u malee, hanga ammaa hantuutota qaamaan gurguddaa ta'an kunneen balleessuurratti hojjechuuf fedhii kan agarsiisan dhaabbilee lama qofa.

  10. Obamaafi Miishel dorgommii pirezidaantummaa Kaamlaa Haaris akka mo'attuuf shoora olaanaa qabu

    Obaamaa fi Miishel Kora Dimokiraatotaa irratti Haarisiin deeggaran

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Obaamaa fi Miishel Kora Dimokiraatotaa irratti Haarisiin deeggaran

    Obaamaafi haati warraa isaa Miisheel Kaamlaa carraa Haaris kaadhimamtuu pirezidaantii akka taatu raggaasisuuf wal tajjiirra yeroo bahanitti fayyadamuun akka uummanni ishee filatuuf ergaa dhaaman.

    Dubbiin Obaamaa fi haadha warraa isaa Misheel warra Rippaabilikaanotaa boosisuu hin hafne.

    Misheel waa'ee Haaris yoo dubbattu, ''waanti dinqisiisaan tokko amma qilleensarra jira....humna daddarbuu abdiin qabu'' jette. ''Isheen hojii kanaaf qophii gahaa qabdi'' jette.Haala guddina Haaris kan Tiraampiin faallaa tahuu agarsiifte.

    ''Qabeenya dhaloota irraa dhalootatti darbe'' jechuun dubbiin Tiraampiin yoo tuqxu, haalli guddina Haaris ''jireenya isin keessa darbitan, jireenya lammiilee Ameerikaa irra caalaa jireneya fooyya'aa qabaachuuf dhama'aniin wal fakkaata'' jette.

    Obaamaan ammoo dubbii Tiraampi abbaa warraa Haaris tuqeef deebii kenne.

    Baqattoonni ''hojii gurraacha'' hojjechaa jiru jechuun Tiraampi dubbatee ture. Hojii lammiilee biyyattii fudhatan waan taheef biyyaan baasa jedhaniiru.

    Obaamaan ammoo osoo beekee hojii inni amma fudhachuuf dorgomaa jiru ''hojii gurraacha'' jedhe sana keessaa tokko jedhe.

    Tiraampis maatiin isaa biyya biraa irraa Ameerikaatti godaanuu ibsuuf.

    Obamaan amma guci aangoo kun Baayiden irraa Haarisitti kennameera. garuu dorgommii jabaa waan taheef taatonni siyaasaa Dimokiraatotaa hundi gahee isaanii bahachuu qabu jedhe.

    Tiraampiin ''biliyeenera'' yeroo hundaa rakkinoota isaa irraa kan ka'e boo'aa oolu jedheen.

    Lammiileen Ameerikaa waggaa afur biraa Tiraampi waliin hin barbaadan. Kana dura fiilmii marsaa jalqabaa argineerra. gara waan badaatti akka deemaa ture argine jedhe.

    Amma yerootti Kamalaan biyyattii tokkoomsitudha kan jedhe Tiraampi Kamalaanis hojii kanaaf qophiidha jedhan.

  11. Obaamaan ‘boqonnaa haaraaf’ Kaamlaa Hariis akka deeggaraniif Ameerikaanotaaf waamicha dhiyesse

    Obaamaafi hadha warraasaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin duranaii US Baraak Obaamaafi haati warraasaa Miishel Obaamaa haasaa Kora Biyyaalessaa Dimokiraatotaa halkan lamaffaarratti dhiyaatanii haasaa taasisaniin Kaamlaa Haarisiin akka deeggaraniif lammilee Ameerikaatiif waamicha dhiyeessaniiru.

    Haasaa isaanii waltajjii Chikaagootti qophaa’eraatti dhiyaatanii taasisaniin hordoftootatti hamilee guddaa horaniiru.

    ‘Boqonnaa haaraa’ isheen [Kaamlaan] qabattee jirtu akka deeggeraniif filattootaaf waamicha taasisaniiru.

    Miisheel Obaamaan haasaashee keessatti dubbii Doonaald Tiraamp kanaan dura waa’ee godaantonni carraa hojii warra gurraachotaa jalaa fudhataa jiru jechuun dubbaterratti kallattiin itti qoosteetti.

    "Inniyyu [doonaald Tiraamp] bakka hojii gur'aachaa tokko akka barbaadaa jiru eenyuti itti hima laata?" jechuun itti qooste Mishel Obaamaa.

    Kaadhimamaam Rippabilikaanotaa kan ta’e Doonaald Tiraamp, godaantonni “hojii warra gurraachaa” jalaa fudhataa jiru jechuu isaatiin qeequmsi itti jabaateera.

    Korri Biyyaalessaa Dimokiraatotaa guyyaa afuriif gaggeeffame kun Kaamlaa Haarisiin kaadhimamtuu Dimokiraatotaa gochuun ifatti muudeera. Doonaald Tiraamp ammoo yaalii ajjeechaa irratti gaggeeffamerraa erga oolee booda ji’a darbe ture kora biyyaalessaa kan gaggeeffate.

  12. Hariiroo Obaamaa fi Kamalaa Haaris waggoota 20 ol lakkoofsise

    Hariiroon Obaamaa fi Haaris waggoota 20 ol lakkoofsise ammayyuu duula filannoof osheef gumaachaa jira

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hariiroon Obaamaa fi Haaris waggoota 20 ol lakkoofsise ammayyuu duula filannoof osheef gumaachaa jira

    Pirezidaantiin duraanii US, Baaraak Obaamaan waggoota 20 booda waltajjii jalqaba bakka itti akka pirezidaantii tahanii dorgomaniif amantaan itti kenname Chikaagootti deebi'an.

    Obaamaan amma umuriin waggaa 63 taheera. Haaris 59 yoo taatu, erga hariiroo jabaa ummatanii waggoonni 20 darbaniiru.

    Bara 2004 Obaamaa fi Haaris galii walitti qabuuf Kaalifoorniyaatti wal argana. Kamalaan kaadhimummaa pirezidaantummaa Obaamaa jalqabumarraa eegaluun deeggaraa turte.

    Amma Obaamaa fi haati warraa isaa Misheel oolmaa ishee kana deebisuuf duula gaggeessaafii jiru.

    Kamalaan wajjira pirezidaantii 'Oval' akka galtuuf Obaamaan cimsee ergaa dabarsaa jira.

    Yeroo Obaamaan jalqaba dorgomaa ture bara 2007 Kamalaa Haaris Saanfiraansiiskootti abbaa alangaa tahuun reefu hojii jalqabdi ture.

    Yeroo sana namoota 15000 deeggarsa kennuuf bahan keessaa tokko turte.

    Bara 2012 yeroo Obaamaan marsaa lammaffaaf akka dorgomiif korri taa'ame pirezidaantii duraanii Biil Kiliintan fuuldura dhaabbachuun ''fuulduratti deemuu qabna,'' jechuun dubbatte.

    Duula filannoo bara 2024 jecha ishee kana deebistee fayyadamaa jirti.

    Yeroo sana garuu Obaamaa deeggaruuf dubbii taasifte ture.

  13. Kamala Haaris anaafis biyya kanaafis 'nama sirridha'- Abbaa warraa Kamaalaa

    Kamalaa Haaris 'Air Force Two' keessa taa'uun yeroo abbaan warraa ishee waayeshee dubbatu ilaalaa turte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Kamalaa Haaris 'Air Force Two' keessa taa'uun yeroo abbaan warraa ishee waayeshee dubbatu ilaalaa turte

    Abbaan warraa Kamalaa Haaris waa'ee gaa'ila isaanii, amantaa isaanii, cidha ilma isaanii fi kaan ilaalchisee yeroo waa'ee ishee dubbatu Kamalaan buufata waraanaa US 'Air Force Two' jedhamu keessa taa'uun ilaalaa turte.

    Daag Emhoof abbaa warraa Kamalaa Haarisidha. Abbaan warraa ishee kun kolfaa fi gammachuun guutamee waa'ee haadha warraa isaa kana dubbataa ture.

    Hariiro jabaa maatii isaa yoo ibsu, ijoollee isaanii Kool, Elaa fi haadha warraa isaa Kamalaa waliin jaalala jabaa akka qaban dubbate.

    Gaarummaa ishee ibsaa turee booda Kamalaa Haaris ''loltuudha,'' waan feete galmaan gahuuf qabsooftuu jabduudha jedhe.

    Kamalaa Haaris dubartii ''dadhabinakee suuftee daftee adda baasuu dandeessudha,'' jedhe.

    Kamisa yeroo kora paartii ishee irratti argamtu waggaa kudhanaffaa gaa'ila isaaniis itti kabajatu.

    "Kamalaan jireenyakoof nama sirrii, baay'ee barbaachiftuu taatedha,'' kan jedhe abbaan warraa ishee yeroo ammaa kana seenaa biyya keenyaafis pirezidaantii sirriin isheedha jedhe.

  14. Lammiilee Afrikaa Libaanos keessatti danqaman: 'Deemuun barbaada garuu hin danda'u'

  15. Mohammad bin Salman: Iccitii jireenyaa ilma mootii Sawuudii Arabiyaa

  16. ''Boonyee hirmii hin baafanne, bakka jiru barree hin tasgabboofne, qara ilaalaa hafne''- Maatii Artist Jireenyaa Ayyaanaa

  17. Taammiraat Tolaa injifannoo maaraatoonii Niiw Yoork dabalachuuf akka fiigu ibsame

    Taammiraat Tolaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Taammiraat Tolaa maaraatoonii magaalaa Niiw Yoork bara 2023 wayita injifatu

    Olompikii Paaris irratti maaraatooniin warqee kan injifate Taammiraat Tolaa maaraatoonii Niiw Yoork irratti akka hirmaatu qopheessitootni sagantichaa beeksisan.

    Taammiraat dorgommii bara darbee sa'aatii 2:04:58 fiiguun riikardii dorgommichaa fooyyessuun injifate.

    Rooyitarsi akka gabaasetti, Taammiraat injifannoosaa bara darbee kan eegisufatu yoo ta'e, atileetii bara tokko keessattii Olompikiifi dorgommii maaraatoonii Niiw Yoork injifate ta'uun nama lammaffaa ta'a.

    Eggataa ta'ee gara Paarisitti imalus hiree argateen riikardii Olompikii haaraa galmeessuun kan injifate Taammiraat, dorgommiin Niiw Yoork akka itti tolu Rooyitarsitti himeera.

    ''Akka ta'utti bayyanachaan jira, shaakala salphaa hojjehchuutti deebi'eera. Leenjii leenjisaan koo naa kennutti nan amana. Niiw Yoorki iddoo dorgommii ani jaaladhudha'' jedhe.

  18. Maariyyeen jaldeessaa 'Kooviidii haaraa miti' to'atamuu danda'a jedhan ogeessi

    Ogeessi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Maariyyeen Jaldeessaa 'Kooviidii haaraa miti', ogeeyyiin damee fayyaa dhibee kana akkamiin to'achuun akka danda'amu beeku jedhan.

    Gosti vaayirasii kanaa haaraan yaaddoo uumus, ''waliin tanee to'achuu dandeenya, gochuus qabna'' jedhan dayireektarri WHO damee Awurooppaa Dr Haans Kiluug.

    Hojii guddaan kan barbaachisu bakka akkaan barbachisutti dhiyeessii talaallii mirkaneessuudha jedhan.

    Siwidiin keessatti gosti haaraan dhibee kanaa, Clade Ib, jedhamu kan mirkanaa'e yoo ta'u, Afrikaa keessatti bal'achaa jira.

    Balaan hawaasa bal'aarraan gahuxiqqdhaa jedhan ogeessi kun.

    Akka bara Kooviid uggara sochii fi imalaatti galuu mallaa? gaaffii jedhuuf deebii ''gonkumaa'' jedhu kennan.

  19. Israa'el namoota Hamaas butee fudhate keessaa reeffa namoota jahaa Gaazaa keessaa arge jette

    Namoota reeffisaanii Gaazaa keessaa argame

    Madda suuraa, Hostage Families Forum

    Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el reeffa namoota Hamaas butee fudhatee jaha Gaazaa keessaa argite

    Humni Waraana Israa'el namoota Hamaas butee turee keessaa reeffa jaha Gaazaa keessaa arguu beeksise.

    Reeffi lammiilee Israa'el butamanii turanii kun Gaazaa, Khaan Yuunis keessaa akka argame waraanni biyyattii ibse.

    Humni waraana biyyattii halkan edaa qaama nageenyaa Shiin Beet waliin ta'uun oppireeshinii gaggeesseen hidhattoota Hamaas wajjin lola cimaa erga gaggeessanii reeffa namoota kanaa baasuu beeksise.

    Maatin namoota Hamaas butee Ministeera Muummee Israa'el Beeniyamin Netaaniyaahuu komataa jiru.

    Aleeksandar Daansing namoota jaha reeffisaanii Gaazaa keessaa argaman yoo ta'u, ilmisaa Maatii Daansing, mootummaan Beeniyaamin Netaaniyaahuu "ofii aangorra turuuf jecha namoota butaman dagate" jedhe.

    "Netaaniyaahun namoonni butaman akka aarsaa ta'an filate," jechuun itti gaafatama kana jalaa akka hin baane hima.

    Akka mootummaan Israa'el jedhutti, namoota butaman keessaa ammayyuu namoonni 105 harka Hamaas akka jiraniifi isaan keessaa namoonni 71 lubbuun jiru.

    Ministiirri Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalant reeffi namoota kanaa oppireeshinii ulfaataa booda kan argamee himuun, biyyisaanii ammayyuu "Hamaas mancaasuu" itti fufti jedhan ibsa kennaniin.

    Pirezidaantin Israa'el Ayizaa Herzoog ammoo gadda itti dhagahame ibsuun maatii namoota du'aniif jajjabina hawwan.

  20. Biliinkeen marii Gaazaatti dhukaasa dhaabuu milkeessuuf Masrii dhaqan

    Antonii Biliinkeniifi Abdal fattaah Al Siisii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Biliinken Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu dhiibbaa gachuuf gara Masrii imalaniiru.

    Guyyoota lamaan darban Tel Aviiv kan turan Biliinken dhukaasni dhaabatee gareen lameen hidhamtoota walii akka gadhiisan waliigalchuuf hojjechaa jiru.

    Tela Avivitti Ministira Muummee Israa'el Banjamiin Netaaniyaahuu waliin dubbatanii, dhibdee garee lamaan gidduu jiru dhiphisuuf wixinee qophaaye fudhataniiru jedhan. Hamaasis wixinee kana akka fudhatuufi gara dhukaasa dhaabuu akka deeman gaafataniiru.

    US yeroon kun waliigaltee dhukaasa dhaabuu raawwachuuf murteessaa ta'uu ibsitus, garaagartummaan Israa'eeliifi Hamaas gidduu jiru ammallee bal'aa ta'uun gabaafameera.