Shuumuufi shaaruun Bulchiinsa yeroon godhamu fudhatama hin qabu jedhe gareen TPLF

Madda suuraa, TPLF
Gareen TPLF dura taa'aa dhaabichaa Dr Dabratsiyon Gabramikaa'eliin durfamu shuumuufi shaaruun aangoo bulchiinsi yeroo naannichaan raawwatu fudhatama hin qabu jedhe.
Kora falmisiisaa tibba kanaan hooggantuu Waajira dhaabichaa ta'uun kan filataman Aadde Fatilawarqi Gabra Igzaabeer xalayaa waajiraalee TPLF godinaa hanga aanaatti jiraniif erganiin nama aangootti fiduuf aangoorraa kaasuun fudhatama hin qabu jedhan.
''Hojimaataafi adeemsa seeraa paartichaa haala hin eegneen aangootti nama muuduufi aangoorraa kaasuun raawwatamaa jira'' jedhan.
Dabaluunis bulchiinsi yeroo naannichaa yeroo dheeraaf yaalii TPLF'n diiguu gochaa ture'' jedhan.
Aangoo naannichaarratti jijjiiramni amma bulchiinsa yeroo naannichaan godhamu ''TPLFn aangoorraa buqqisuuf shira godhamaa jirudha'' jedhan.
Adeemsa gareen TPLF kun seera qabeessa miti ittiin jedheen aangoo qabatan hojjechuu akka hin dandeenye isaan beeksifna jedha.
TPLF keessa dhibdee dhiyoo ji'oota darban dhalateen gareen lama kan uumame yoo ta'u, gareen Obbo Getaachoo Raddaa aangoo naannicha bulchuu mootummana Federaalaa waliin hojjetu qaba.
Gareen Dr Dabratsiyoon ammoo beekamtii dhaabaa seera qabeessa Boordiin Filannoo kenneef qaba.










