Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante
Raashiyaan kutaalee walakkaa Yukireen keessatti haleellaa jabaa banuu hordofee guutuu Yukireen keessatti akeekkachiifni kenname.
Guduunfaa
- Raashiyaan Kiiv dabalatee walakkaa bulchiinsa Yukireen keessatti haleellaa jabaa bante
- Jiraattotni Kiiv hedduun buufata baaburaa lafa jalaatti dahachaa jiru
- 'Bishaan dhugaatii hin qabnu' jedha jiraataan Kiiv
- Baayinni namoota haleellaa Raashiyaatiin du'anii yoo xiqqaate gara shanitti ol guddateera
- Raashiyaan diroonii fi misaayela 200'n bu'uuraalee aannisaa irratti xiyyeeffachuun Yukireen haleelte
- Haleellaan Israa'eliifi Hezbollaa jidduutti hammaachuun booda UN akka tasgabbaa'aniif gaafate
- Naannoo Amaaraatti namoonni torba reeffa namoota sigigii lafaan awwaalame baasaa turan du'an
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Humni Ibsaa Itoophiyaa bu'aa birrii biliyoona 20 ol argate, miliyoona 800 ol ammoo hannaan kasaare
Luboonni Raashiyaa haleellaa Yukireeniin ibidda guyyootaaf dhaamuu didee dhaamsuuf konkolaattota hiriiraniif kadhannaa godhan

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Luboonni Bataskaana Ortodoksii Raashiyaa bishaan qulqulluu yeroo konkolaataa abidda dhaamsutti faffacaasan. Haleellaa Yukireen buufata kuusaa boba'aa Raashiyaa irratti gaggeessiteen balaan abiddaa guddaan uumamuu hordofee luboonni Bataskaana Ortodoksii Raashiyaa konkolaattota abidda dhaamsaniif kadhannaa godhan.
Abiddi buufata kuusaa boba'aa Raashiyaa naannoo Rostoovitti mudateen guyyoota sadiif hin dhaamiin jira.
Hojjattoonni balaa abiddaa 500 ol abidda dhaamsuuf bobba'anii balaa abiddaa mudate dhaamsuuf dhama'aa turan.
Guyyaa kaleessaa, Hagayya 21, luboonni Bataskaana Ortodoksii Raashiyaa bakka balaan abiddaa haleellaa Yukireen gaggeessiteen mudatetti argamuun kadhaannaa godhanii, meeshaalee abidda ittiin dhaamsanis eebbisan.
Bulchaan naannoo Rostoov Vasiilii Golubey akka jedhanitti diroonin Yukireen rukutamtee kufte balaan abiddaa akka uumamu godheera.
Balaa abiddaa buufata kuusaa boba'aa Raashiyaatti mudate kanaan qondaalonni naannichaa labsii yeroo muddamaa labsaniiru.
Miidiyaan Raashiyaa garuu abiddichi bakka jireenyaa namootatti babal'achuuf carraan qabu xiqqaa waan ta'eef yaaddoon nageenyaa homtuu akka hin jirre gabaasan.
Hojjattoonni balaa abiddaa 41 miidhan irra gahee waldhaansa argataa akka jiran himan bulchaan Rostoov.
Halleellaa diroonii buufata kuusaa boba'aatti gaggeeffameen alatti achuma Rostoov keessatti Yukireen mala ittisa haleellaa qilleensaa Raashiyaa 3-300 jedhamu haleeluu Humni Waraana Yuireen beeksise.
Pirezidant Baayidan Netaaniyaahuutti bilbilanii dhukaasa dhaabuun hojii atattamaa ta'uu ibsan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin US Joo Baayidan Ministira Muummee Israa'elitti bilbilanii Gaazaatti dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota walii gadhiisuun ''atattaman raawwachuu akka qabu'' irra deebiin ibsan.
Baayidan Netaaniyaahuuutti kan bilbilan, Biliinken sa'aatii sadiif Tel Aviivitti Netaaniyaahuu marsisanii guyyoota muraasa booda.
Marii Biliinken waliin godhame irratti Netaaniyaahuun karoora waraana dhabuu UStti waliigalanii turan.
Achii booda garuu Netaaniyaahuun humni waraanaa isaa hangi ta'e Gaazaa keessa turuu qaba ejjennooo jedhu qabaachuun ibsameera. Kun ammoo wixinee dhukaasa dhaabuu yoo Hamas fudhate raawwachuu danda'u gufachiisa.
Waliigaltichi akka raawwatu dhiibbaa cimaa kan gochaa jirtu US, mariin kun fedha michuusheetiin akka gufatu hin feene.
Baayidan Netaaniyahuu wayita dubbisan, kaadhimatuun pireezidantii, kan amma itti aantuu isaanii ta'uun tajaajilaa jiruan Kaamlaa Hariisis dubbisaniiru.
Waayit Haawus akka jedhutti Baayidan Hamaas wixinee kana akka hin fudhanne danqaawwan biroo balleessuun akka barbaachisu himan. Haasaan kun ulaagaa haraa gama Isra'elirraa dhagaahame ilaallata.
Israa'el yaada kana akka fudhattu yoo amansiisan, Baayidan mootummaan US ''yaaddoo Iraan, Hamaas, Hezbollaafii Huutiirraa irratti aggaamamu kamuu sirraa qola'' jedhaniiru jedha ibsi Waayit Haawus.
Waajirri Netaaniyaahuu ibsa baaseen waliigaltee dhukaasa dhaabuu boodas loltootni Israa'eel daangaa Gaazaa fi Masrii bakka Filaadeelfii Koorideer jedhamu akka turan barbaaddi.
Wixineen US kun mala of keessaa qaba?
Harargeetti himataamaan daa'ima ganna afurii gadiirratti yakka miidhaa saal qunnamtii raawwate waggaa 16n adabame

Madda suuraa, Kominikeeshinii Poolisii Godina Harargee Bahaa(FB)
LinkGodina Harargee Bahaa Aanaa Mayyuu Mulluqee Araddaa Gola Soddomaa keessatti himatamaan daa'ima ganna 3-4 gidduu jirturratti yakka miidhaa saalqunnamtii raawwate hidhaa waggaa 16n adabamuu Poolisiin godinichaa beeksise.
Himatamaan Jamaal Mussaa Jugii jedhamu ALI gaafa guyyaa 4/4/2016 guyyaa keessaa tilmaamaan sa'aatii 4:00 yakka irratti murtaahe raawwate.
Himatamaan ragaa Abbaa Alangaa fi ragaa mana yaalaa barreeffamaan dhiyaateen yakka ittiin himatame raawwachuun akka mirkaneeffame kutaan Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa gabaaseera.
Miidhaan saal-qunnamtii daa'immmanirratti raawwatamu kun irra deddeebiin mudachuun isaa gabaafamaa jira.
Tibba kana naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti daa'imni umuriin ishee waggaa torba taate gudeedamtee lubbuun ishee darbe ijoo dubbii ta'eera.
Dhaabbatni Kaanadaa Bootisiwaanaa keessatti daaymandii guddinaan lammaffaa ta'e argate

Madda suuraa, Lucara Diamond
Daayimandiin guddinaan addunyaatti sadarkaa lammataa qabata jedhameefi kaaraatii 2,492 ta'u Bootisiwaanaa keessatti argame. Dhaabbata Kaanadaa achii albuuda baasu Lukaaraa Daayimand jedhamutu argate.
Daayimandiin inni guddaan amma dura lafa keessaa qotamee argame bara 1905tti Afrikaa Kibbaatti isa argamedha. Kaaraatii 3,106 ture. Daayimandiin guddichi sun bakka sagalitti adda baaafamee faaya mootota Biriitish ta'eera.
Daayimandiin inni amma kun magaalaa guddoo Botisiwaanaa, Gaaborooniirra fageenya km 500 irratti lafa albuudaa Karowee jedhamutti argame.
Mootummaan biyyattii dhagaan gati jabeessi, faayaaf oolu hanga kana gahu amma dura argamee hin beeku jedheera.
Amma dura biyyattii keessatti daayimandiin guddadha jedhamee galmaahe isa bara 2019tti argame yeroo ta'u, kaaraatii 1, 758 ture.
Bootisiwaanaan omisha daayimandiitiin addunyaarratti warra jalqabaa keessa jirti. Omishi daayimandii gabaa addunyaaf dhiyaatu keessaa 20% qabdi.
Iddoo dhagaan gatii qaalii kun argametti kan hojjetu dhaabbatni biyya Kaanadaa Lukaaraa daayimandiin amma argate hammam akka baasu hin dubbanne.
Har'a ganama sababa hurriin xiyyaaronni buufata xiyyaaraa Boolee qubachuu hin dandeenye

Madda suuraa, Ethiopian Airlines
Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara Itoophiyaa Daandiin Qilleensa Itoophiyaa har'a gara barii Hagayya 22, bara 2024, sa'a 9:00 irraa eegalee xiyyaaronni balalii irra turan Buufata Xiyyaaraa Idil-adunyaa Booleetti bu'uu akka hin dandeenye ibse.
Daandiin qilleensichaa ibsa karaa Feesbuukii isaa baaseen sababa hurrii guddaan tureef xiyyaaronni Buufata Xiyyaaraa Idil-Adunyaa Boolee gahan akka bu'uu hin dandeenye hime.
Xiyyaaronni achi gahanii bu'uu hin dandeenye gara buufataalee xiyyaaraa birootti akka imalan hime.
Sababa hurrii kanaan balaliin biyya keessaa fi dil-adunyaa har'a ganamaa rakkoof saaxilamuu ibseera.
Karoora imalaa maamiloota keenyaa rakkoof saaxilame kana sirreessuuf waan dandeenyu hundaa gochaa jirra jedhe.
Rakkoo mudateef dhiifama kan gaafate daandiin qilleensichaa ''nageenyi maamila keenyaa dursa argachuu waan qabuufi'' jedhe.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tajaajila kennuun Afrikaa irraa adda durummaan beekama. Badhaasota idil-adunyaa hedduus injifateera.
Aanga’oonni TPLF bulchiinsa yeroo keessa jiran dhaabbaticha bakka hin bu’an- Dabretsiyon

Kora TPLF 14ffaa qoqqoodama hoggantoota olaanoo gidduutti dhalateen raafamaa osoo jiruu gaggeeffamerratti warri hin argamneefi miseensonni koree giddu-galeessaafi hoji-raawwaciistuu bulchiinsa yeroo naannichaa keessa jiran dhaabbaticha akka bakka hin buune dura taa’aan TPLF Doktar Dabretsiyon Gabremikaa’el beeksisan.
Ibsa kora TPLF guyyoota torbaaf tureefi aanga’oonni olaanoo, akkasumas miseensonni irratti hin hirmannu jedhan erga xumuramee booda ibsa kennaniin ture Dabretsiyon Gabremikaa’el kana kan beeksisan.
Koreen Giddu-galeessaafi hoggantoonni Komishinii To’annoo Giddu-galeessaa Paartichaa Kora Waliigalaa 14ffaa TPLF keessaa of baasan sadarkaa miseensummaatiin ala itti-gaafatamummaa akka hin qabaanne tibba kana dhaabichi beeksisuun isaa ni yaadatama.
Dura ta’aa Ittaanaa TPLF fi pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Getaachoo raddaa dabalatee miseensonni koree giddugaleessaa 17, komishiniin to’annoo dhaabbatichaa,aanaalee kibbaafi kibba-bahaa, akkasumas kutaaleen magaalaa Maqalee garri caalan kora kanarratti hin argamiin hafaniiru.
Dabretsiyon A L I Hagayya 15,2016 turtii gaazexeessitoota waliin taasisaniin aanga’oonni kanana dura TPLF bakka bu’anii bulchiinsa yeroo Tigraay keessa turan, amma kora irratti hirmaatanii waan hin filatamneef TPLF bakka bu’uu hin danda’an jedhaniiru.
Korri TPLF 14ffaa koree giddu-galeessaa 45 filatee xumuruu isaa eeruun, aanga’oonni bulchiinsa yeroo keesatti yeroo ammaa TPLF bakka bu’anii jiran warra kora dhaabbatichaa 13ffaa irratti filatamaniifi barri aangoosaanii xumuramedha jedhaniiru.
Bakka buutonni TPLF bulchiinsa yeroo keessa jiran hundi “warra of baasanidha” jechuun akka hin danda’amneefi koricharratti kan hirmaatan akka jiran Dabretsiyon eeraniiru.
TPLF haala adda ta’een galmaa’uusaa, akkasumas waraqaan ragaa seera-qabeessummaa kennamuufiif kan beeksise Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa, paartichi osoo Boordichi hin beekiniifi taajjabdoonni isaa irratti hin argamiin korri waliigalaa gaggeeffamuu akka hin dandeenye beeksiseera.
Korri waliigalaa kun beekamtii Boordichaatiin ala yoo gaggeeffameef korichaafis ta’e murteewwan koricharratti darbaniif beekamtiin akka hin kennamne koricha guyyaa tokko dursee xalayaa TPLFf barreesseen Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsuun isaa ni yaadatama.
Itoophiyaan WBO lammiilee biyya alaa bute jechuun himatte, Waraanichi dhara jedhe
Ministirri duraanii Ertiraa Pirezidaant Isaayyaas aangoo akka gadhiisaniif ifatti gaafatan mana hidhaatti du’an
Saroonni 400 boqqolloo summaa'e nyaatanii duunaan uummanni yaadda'e

Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Zaambiyaa keessatti erga saroonni 400 soorata boqqolloo summaa'een du’anii booda sodaan uumame. Zaambiyaa keessatti erga saroonni 400 soorata boqqolloo summaa'een du’anii booda sodaan uumame.
Zaambiyaa keessatti baatii darbe keessa saroonni 400 ta'an boqqolloo faalame erga nyaatanii du'aniiru jedhameen booda, namoonnis balaadhaaf saaxilamuu akka danda'an ministeerri fayyaa biyyattii akeekkachiise.
Boqqolloo Zaambiyaa keessatti nyaata ijoo yoo ta'u, du’aatii saroota sana booda qorannoo daakuu boqqolloo Saamuda 25 dhaabbilee daaku irraa fudhataman keessaa kan walakkaa ta’an summiin fangasii isaan ittin omishamangarmalee olka'aa ta'ee argameera.
Kun ammoo dhiibbaa fayyaa hedduu ummata irratti geessisuu akka danda’u yaaddoo guddaa uumera.
Qorannoon dhiyeessii boqqolloo biyyattii irratti kan eegales, erga televizyiniin biyyatti Daayimandijedhamu saroonni yeeddun nyaata boqoolloo summa’e kanaan du’uu akka hin oollee gabaaseen boodadha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akka jedhutti, faangasiin aflatoksiin jedhamu kaansarii kalee namaa irratti fiduu akka danda'u ibseera.
Ministirri fayyaa biyyattii Elija Muchima akka eeranitti jijjiiramni qilleensaa fi dhiibbaan gogiinsi dhiheenya kana Zaambiyaa mudate ''bara kana mudachuu faangasii aflatoksi hammeessera'' jedhan.
Sababa gogiinsa Zaambiyaa muudateen kaalorii boqqolloo guyyaa guyyaan ummanni sooratu keessaa naannawa %60 kan ta’u faangasiin faalamuu kan argamsiisu ta’uu qonnaa ibseera. Kun ammoo yaaddoo Qonnaan bultoota hedduu fi qondaaltoota siyaasa ta’eera.
Mootummaan biyyatti 'ammallee boqqolloo summii qabu kun babal’atee balaa biraa akka hin geessifneefqorachaan jira’ jedha.
Poostikaardiin namaaf ergame waggaa 121 booda iddoo itti ergame dhaqabe
Kaadhimammaan pirezidaantii ittaanaa Tiim Waalz ‘duubatti hin deebinu’ jechuun Dimokiraatotatti himan

Madda suuraa, Reuters
Mineesotaarraa Kaadhimamamaa Pirezidantii Ittaanaa warra Dimokiraatotaa ta’uun filatamuu isaanii ifatti kan fudhatan Tiim Waalz Kora Biyyaalessaa Paatichaarrati dhiyaachuun dubbii dubbataniin ‘duubatti deebiyuun hin jiru’ jedhan.
Barsiisaafi leenjisaan kubbaa miilaa duraanii Tiim Waalz, maatii isaa hunda waliin waltajjii guddaa guyyaa sadaffaa Chikaagootti itti fuferratti dhiyaatanii haasaa deeggartoota hedduu onnachiise taasisaniiru.
Dubartiin miidiyaa beekamtuu Opraa Winfiree osoo namuu hin eegiin waltajjii Kora Biyyaalessaa Dimokiraatotaarratti mul’achuun ‘Waan waa’ee hin baasne dhiisaatii isa waa’ee baasu filadhaa’ jechuun ergaa dabarsiteetti.
Afaan Ingiliffaan akkas jette: "choose common sense over nonsense".
Filannoon Sadaasaa kun qabsoo “walabummaati” kan jette Opraan, “Bilisummaan garuu bilisaan hin argamu” jechuun dubbii kanaan dura gaggeessaan qabsoo mirgoota sivilii beekamaa Joon Lewiis dubbatan yaadachiifteetti.
“Kottaa dhugaa haa filannuu, kottaa kabaja haa flannuu, kottaa gammachuu haa filannuu,” jechuun hirmaattotatti dubbatte.
Dubartiin miidiyaa dureettii kun baroota dhiyoo as siyaasarraa fagaattee turtullee, osoo hin eegamiin Kaamlaa Haarisiifi Tiim Waalziif baatee deegarsa kennuu murteessiteetti.

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa qilleensaa Israa'el Libaanus keessatti raawwate booda Hezboollaan rookeetiiwwan hedduu dhukaase

Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Humni waraanaa Israa'el Hezboollaan namoota nagaarratti xiyyeeffatee haleele jechuun himate Yeroo Israa'eliifi Libaanus gidduuitti waraanni ni ka'a jedhamee sodaatamaa jirutti Israa'el Libaanus keessa seenuun qilleensarraan haleellaa raawwatte. Kanaaf deebii kennuuf Hezboollaan ammoo rookeetiiwwan hedduu gara Israa'el dhukaasee Golan Heights haleele.
Humni waraanaa Israa'el kuufama meeshaalee waraanaa Hezboollaa goodaa Bekaa keessatti argamu haleeluu hime.
Haleellaa kanaan namni tokko du'uu fi 30 kan ta'an madaa'uu Ministeerri Fayyaa Libaanus ibseera.
Deeggarsa Iraan kan qabu Hezboollaan iddoowwan buufata waraanaa Israa'el irratti qiyyaafachuun Golan Heights keessatti haleellaa rookeetii raawwate.
Haleellaa rookeetii Hezboollaa kanaan namni tokko madaa'uu fi manneen lama rukutamuu hime waraanni Israa'el.
Gama kaaniin gareen hidhattoota Filisxeem- Fatah jedhamu ajjeefamuu miseensa gameessa humna waraanaa isaaniif Israa'el himate.
Miseensi damee waraanaa Fatah kun kan ajjeefame Libaanus keessatti yoo ta'u, tarkaanfiin Israa'el kun naanna kanatti waraanni guutummaatti akka eegalu si'eessa jedhe gareen hidhataa Filisxeem.
Humni waraanaa Israa'el Kaaliid al-Makdaa Eegdota Warraaqsa Iraan (Iran Revolutionary Guards) bakka bu'uun ergama raawwachaa waan tureef ajjeesuu ibse.
Erga waraanni Gaazaa eegalee miseensi Fatah wayita haleelamu kun kan jalqabaati.
Waraanni Gaazaa kun dhibdee daangaa Israa'eliifi Libaanus gidduu waggootaaf ture tuttuqee hammeessuun yaaddoo waraanaa uumeera.
Dhiyoo kana erga Israa'el ajajaa olaanaa Hezboollaa magaalaa guddoo Libaanus, Beeruut keessatti ajjeesstee ammoo biyyoonni lameen guutummaatti waraanatti galu jedhamee sodaatamaa jira.
Israa'el haleellaa rookeetii daa'imman 12 galaafate kan ajaje nama kana jettee waan amantuuf tarkaanfii kana fudhachuu himti.
Haleellaa Israa'eliin hanga ammaatti namoonni 530 caalan Libaanus keessatti ajjeefamaniiru. Kanneen keessaa 130 kan ta'an lammiilee nagaadha.
Gama Israa'eliin ammoo namoota ajjeefaman 49 keessaa 26 lammiilee nagaadha.
Haleellaan Israa'elii fi Libaanus kun daangaa biyyoota lameeniirraa namoota kuma 200 buqqiseera.
Ministirri Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalaant waraanichi Gaazaa irraa gara daangaa Libaanusitti darbaa jira jedhe.
Aanaa Oromiyaa hidhattoonnii fi rakkooleen hawaasummaa itti walfuran
Seenaa maanguddoo waggaa 30'f riqicha jala jiraachaa warra kaan gorsan
Gaazatti haati tokko ijoolleeshee jaha waliin ajjeefamte
Karoorri waraana Gaazaa dhaabuu US dhiyeessite maalidha, danqaawwan jiran hoo maal fa'i?
Kiristiyaanoo Ronaaldoo youtube Chaanaalii banateen dubbii ijoo ta'e

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan kubbaa miilaa urjii addunyaa Kiristiyaanoo Ronaaldoo miidiyaalee hawaasaa hordoftoota miliyoona hedduu qabutti dabalataan chaanaalii Youtube banate.
Injifataan Ballon D'Or yeroo shanii amma kilaba Saawdii, Ala Nasiriif taphatu kun chaanaalii Youtube UR. Cristiano jedhu banatee sa'aatiwwan afur keessaatti sabiskiraayibaroota miliyoona afurii ol argachuun dubbii ijoo ta'e.
Sa'aatiiwwan muraasa gidduuttis viidiyoowwan 18 gadhiise.
Ronaaldoon X gubbaa hordoftoota miliyoona 112.5, Feesbuuk gubbaa miliyoona 170, Inistagiraam gubbaa ammoo miliyoona 636 qaba. Facebook and 636 million on Instagram.
US ejjennoo Netaaniyaahuun waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti qabatan qeeqxe

Madda suuraa, Getty Images
Qondaalli olaanaan mootummaa US, Ministirri Muummee Israa'el Biniyaamiin Netaaniyaahuu Gaazaatti dhukaasa dhaabuu ilaalchisee ejjennoo qabatan qeeqan.
Netaaniyaahuun yaada marii Bilinkeen booda kennaniin waan hangaa olii gaafatan, waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka galma gahus hin gargaaru'' jedhan.
Ministirri Haajaa Alaa US Antonii Bilinken erga waraana Gaazaa yeroo torbaffaaf gara Israa'el imalanii mariyatan.
Netaaniyaahuu waliin sa'aatii sadiif erga mariyatanii booda ibsa kennaniin, Israa'el karoora US dhukaasa dhaabsisuuf dhiyeessite fudhachuuf beeksisan.
Haata'u malee Netaaniyaahuun gama isaaniin ibsa san booda kennaniin loltootni Israa'eel waliigaltee dhukaasa dhaabuu booda tarsiimoof jecha Gaazaa keessa akka turan ''Bilinkeniin amansiiseera'' jedhan.
Qondaalli US eenyummaan isaanii akka ifa hin taane barbaadame kun yaadni Netaaniyaahuun maatii lammiilee biyyattii Hamaasiin butaman waliin wayita mariyatan dubbatan USn akka hin gammichiifne akeekan.
Dhimmicha irratti kallattiin deebii kennuu baatanis fedhiin hangaa olii akka kanaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka galma gahu gahee gaarii hin taane baha jedhan.
