Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan ji'oota keessa yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi - UN

Iraan ammallee j’oota muraasa keessatti boombii oomishuuf yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi jedhan dureen UN sagantaa niwukilaraa hordofan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan Ameerikaaf deebii 'cimaa' kennuu jalqabeera jette

    Miidiyaan biyyaalessaa Iraan biyyattiin haleellaa ''isa guddaafi mo'icha qabuun'' Ameerikaaf deebii kennuu jalqabdeettii jedhe.

    Miidiyaan Taasniim jedhamu Eegduun Warraaqsaa Iraan buufataalee waraanaa Qaataariifi Iraaqitti misaayela dhukaasuu hime.

    Daqiiqaa muraasa dura Qaataaritti dhohinis dhagahamuu hubanneerra.

    Odeessaalee dabalataaf nu hordofuu keessan itti fufaa.

  2. Amma nu gahe, Iraan haleellaa misaa'elaa buufataalee waraanaa US irratti gaggeessite

    Iraan buufataalee waraanaa US Kaataarifi Iraaq keessa jiru irratti raawwaachuu maddi oduu Rooyitars gabaase.

    Kanaan wal-qabatee magaala guddoo Kaatar kan taate Dohaa keessatti dhohinsi dhagahamaa jiraachuun gabaafame.

    maddeen oduu Rooyitars fi dhaabbilee oduu AFP akka gabaasanitti qilleensa Dohaa irratti sagaleen dhohiinsaa dhagahameera. .

    Kunis gabaasaalee miidiyaaleen Ameerikaa kanan dura Iraan buufata Ameerikaa Kaataar keessatti argamurratti misaa’ela dhukaasuuf qophaa’aa akka jirtu gabaasa hordofeeti.

  3. Iraan keessatti namoonni 500tti siqan ajjeefamaniiru -TV mootummaa

    Erga Waxabajji 13 Israa'el Iraan irratti haleellaa bantee kaasee namoonni "500tti siqan" ajjeefamuu ministeera fayyaa waabeffachuun TVn Iraan gabaaseera.

    Itti dabaluun, namoonni 3,000 ol ta'an ammoo madaa'aniiru jedhe.

    Sababa dhorkaan mootummaa Iraaniin kaa'ameeruuf, gaazexeessitoonni BBC biyyattii keessaa gabaasuu hin danda'an.

    Kun ammoo haleellaa Israa'el gaggeessiteen miidhaan qaqqabe hangam akka ta'e argachuuf rakkisaa taasisa.

    Jaarmiyaan mirga namoomaa walitti bu'insa kanahordofu - Humaan Raayitis Aktivistis in Iraan - lakkoofsa namoota ajjeefamanii kana dachaa ibsameeru kanaa gochuun dhiyeesse.

  4. Daawwadhaa: Misaa'eliin Iraan bakka buufata humna ibsaa Israa'el yeroo haleelu

    Iraan fi Israa'el akkuma walitti dhukaasuu itti fufanitti jiru.

    Israa'el, Ashdood keessatti bakka buufata annisaa dhiyootti haleellaa misaa'elaa Iraan gaggeessiteen dhohinsi guddaan mudateera.

  5. Israa'el buufata nikularaa Fordoo haleelte

    Israa'el buufata nikularaa Fordoo haleeluu miidiyaalen Iraan gabaasan.

    Maddeen oduu Iraan IRNA fi Tasnim jedhaman qondaalota mootummaa waabeffachuun akka gabaasanitti, buufanni nikularaa Foordoo kan bulchiinsa Qoom keessatti argamu haleelameera.

    US buufata nikularaa Foordoo dabalatee buufataalee nikularaa sadii haleelunshee ni yaadatama.

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp haleellaan US gaggeessite milkaa'aafi wiirtuu gabbisa nikulara Iraan guutummaan kan mancaase ta'uu ibsanii ture.

  6. Amma nu gahe, Israa'el mana hidhaa guddicha Iraaniifi wiirtuu milishoota Baasiij haleeluu beeksifte

    Israa'el haleellaa Iraanirratti gaggeessituun mana hidhaa namoonni siyaasaa heddu itti hidhaman Eviin jedhamuufi wiirtuu milishoota Baasij haleeluu beeksifte.

    Ministiirri ittisaa Israa'el kan ta'an Israa'el Kaatz akka ibsanitti, haleellichi kan gaggeeffame magaalaa Tehraan keessatti.

    Milishoonni Baasiij jedhaman qaama nageenyaa mootummaa yoo ta'an, mootummaan diddaawwaniifi mormii isarratti gaggeeffaman ukkaamsuuf humna itti fayyadamuudha.

    Manni hidhaa Eviin ammoo bakka namoonni siyaasaa mootummaa Iraan morman itti hodhamaniifi dararaman jedhamee beekama.

    Viidiyoon fuula ministeera Israa'el irratti qoodame akka agarsiisutti, balballi mana hidhichaa rukutamee mul'ata.

    Iraan gamasheen manni hidhaa Eviin haleelamuu mirkaneessun, haalli jiru to'annoo jala ooluu beeksifte.

  7. Haleellaa Iraaniin booda lammiileen Israa'el kumaatamni ibsaa dhaban – ministeera

    Iraan erga ganama kana Israa'el keessatti misaa'el dhukaafteen booda namoonni 8,000 ta'an ibsaa dhabaniiru jedhan ministirri anniisaa biyyatti.

    Elii Koohen akka jedhanitti, aanga'oonni ''yoo elektirikii adda citee miidhaa geessisuu danda'uuf dursanii qophaa'uun'' sa'aatii sadii keessatti akka deebi'uf dursa hojjatamu.

    Dhaabbanni Elektirikii Israa'el (IEC) kanaan dura "miidhaa naannoo dhaabbata bu'uuraalee misoomaa tarsiimoo" kan kibbatti argamu irra gahuu gabaasee kan ture yoo ta'u, kunis hawaasa hedduu keessatti ibsaa akka adda citu taasiseera.

    "Gareen IEC anniisaa hanga danda'ameen saffisaan deebisuuf jecha lafarra bakka hedduutti bobbaafamanii jiru.

    ''Oppareeshiniin kunis suphaa bu'uuraalee misoomaa fi balaa nageenyaa jiddugaleessa gochuu kan dabalatu yoo ta'u, humnoota nageenyaa waliin qindoominaan raawwatamaa jira," jedhan.

  8. Amma nu gahe, Israa'el 'humna kanaan dura ta'e hin beekneen' Teehraan haleelaa jirti - ministeera ittisaa

    Haleellaan Iraan Israa'el irratti raawwatte lammiilee Israa'el kumaatamaan lakkaa'aman ibsaa kan dhabsiisee yoo ta'u, waraanni Israa'el ammoo Teehraan keessatti iddoowwan mootummaa Iraan waliin hidhata qaban "humna kanaan dura hin argame hin beekneen" rukutaa jirra jedhe.

    Ministirri Ittisaa Israa'el Kaatz ibsa kennaniin, haleellaan ''mallattoo sirnichaa'' irratti raawwatamuus ''deebii dhukaasa fuullee manneen Israa'eliti qubatan hundaa'' ta'uu ibsuun, ''abbaan irree Iraan ni adabama, haleellaan humna guutuus itti fufa'' jechuun akeekkachiisu.

  9. Ejansiin Atoomikii UN (IAEAn) iddoowwan nikulaara Iraan akka sakatta'amaniif dhukaasni akka dhaabatu gaafate

    Dhaabbanni to'annoo Atoomikii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii iddoowwan nikulaaraa Iraan sakkata'u akka danda'uuf dhukaasa dhaabuun akka ta'uuf gaafateera.

    Hogganaan dhaabbata to'ataa nikulaaraa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Raafaa'eel Giroosii, Iraan keessatti dhukaasa dhaabuun Dhaabbanni Annisaa Atomiikii Idil-addunyaa (IAEA)n iddoowwan nikulaaraa Iraan akka sakatta'uuf iyyataniiru.

    Ibsa boordii bulchitoota IAEA Veenaatti kennaniin kan akkas jechuun gaafatan:

    "Dhugaa lafa jirurratti hundeessuun waliigaltee kamiifuu haal-dureedha, kunis kan ta'uu danda'u sakatta'iinsa IAEA qofaatiin."

    "Iraan gareewwan IAEA gara iddoowwan sanatti galchuun haala jiru madaaluuf haalli nageenyaa fi tasgabbii barbaachisaa ta'e akka jiraatuuf diinummaan dhaabbachuu qaba."

  10. Yaadni Tiraamp 'jijjiirama sirnaa' jedhu 'qoosaa' ta'uu mala - ergamaa Ameerikaa duraanii Iraan

    Bara aangoo Tiraamp jalqabaatti Iraan keessatti ergamaa Ameerikaa kan turan Eliyoot Abraams sagantaa BBC Today irratti yaada kennaniin, yaada Tiraamp dhiheenya kana Iraan irratti kennan irratti ''dogoggorri kallattii'' hedduun akka jiru dubbataniiru.

    Akkuma amma ibsame, Tiraamp yaada Iraan keessatti sirna jijjiiruu miidiyaa hawaasaa irratti dhiyeessan, Abraam garuu ''qoosaa'' qofa ta'uu mala jedhanii yaadu.

    Akkasumas Abraams waa'ee balaa Iraan ulaa daldalaa barbaachisaa ta'e kan boba'aa fi gaaziin addunyaa gara afurtama ta'u ittiin darbu 'Strait of Hormuz' cufuuf qabdus dubbataniiru. Sun US'f ''rakkina guddaa miti'' jedhan.

    "Eeyyee banamuudhaaf guyyoota ykn torban muraasa dabalataa fudhata ta'a, garuu kanaaf deeggarsa baayyee bal'aan ni jiraata ture," jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, Iraan osoo daandii bishaanii kan cuftee, boba'aa biyya alaa erguu waan hin dandeenyeef ''kokkee ofiishee muraa jirti'' jechuudha jedhan.

  11. Israa'el buufata xayyaaraa Iraan jahaafi xayyaarota waraanaa 15 rukutuu beeksifte

    Humni Waraanaa Israa'el haleellaa Iraan irratti gaggeessen buufataalee xayyaaraa 6 haleelun xayyaarota waraanaa Iraan 15 mancaasuu beeksise.

    Waraanni Israa'el fuula X gubbaatti akka barreessetti, buufataaleen xayyaaraa kunneen kan haalelaman lixa, giddu galeessafi baha Iraan keessatti.

    Haleellichi kan raawwatame diroonii fayyadamuun yoo ta'u, xayyaarota waraanaa Iraan kanneen akka F-15, F-5, xayyaara boba'aa guutufi helikoptara AH-1 manca'uu beekise.

    Xaayyarota waraanan alatti ulaawwan lafa jalaas haleeluu beeksifte. Haa ta'u garuu haleellan kun yoom akka gaggeeffame hin beeksifne.

    Iraan gamasheen waa'ee haleellaa jedhame kanaa waan jette hin qabdu.

  12. Walgahii NATO fi PuutinIiifi ministiirri dhimma alaa Iraan walarguu - taatewwan ijoo har'aa

    US haleellaa Iraanirratti raawwachuun addunyaa rifaasuu booda, har'a sochii dippilomaasIiifi nageenyaa gurguddaatu ta'aa jira.

    Maaltu ta'aa akka jiru qabxiiwwan ijoon kunooti:

    • Ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii "yaaddoo waloo qaban" irratti mariyachuuf Raashiyaa jiru. Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin wajjin wal-arguun ni mariyatu.
    • Walgahiin NATO Neezarlaandisitti eegaluuf jedha. Rakkoon Baha Giddu Galaatti dhalate ajandaawwan marii kanaa ta'uun waan hin oolle.
    • Dhaabbanni UN nikulara to'atu Ejansiin Annisaa Atomikii Idiladdunyaa (IAEA) kora ariifachiisaa taa'aa jira.
    • Manni Maree Nageenyaa UN walgahii ariifachiisaa taa'uf jedha. Manni Marichaa haleellaa US Iraanirratti gaggeessite ilaalchisee kaleessa wal-gahii taa'ee ture.
    • Ministironni dhimma alaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa (EU) ammoo Beeljiyeemitti wal-gahii taa'anii jiru.
  13. US Iraan ulaa Hormuuz akka hin cufneef Chaayinaan akka dhiibbaa gootu gaafatte

    Iraan sarara jikni bobaa addunyaa kanaa harka shan keessa tokko keessa darbu akka hin cufneef dhiibbaa akka taasiftuuf ministirri dhimma alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiiyoon Chaayinaaf waamicha taasisan.

    Haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwatte hordofee, ulaa Hormuuz kan Iraaniifi Omaan jidduuti argamu akka cufamuuf paarlaamaan biyyatti murteessuu miidiyaaleen mootummaa Iraan gabaasaniiru.

    ''Mootummaan Chaayinaa dhimma kanarratti dhiibbaa akka taasisuun jajabeessa. Sababiinsaas isaanis boba'aa argachuuf waan baayyee ulaa Hormuuz irratti hirkataniifiidha'' jechuun Ruubiiyoo Oduu Fooxsiitti himan.

    Ruubiyoo ergaa Iraaniif dabarsaniin ''kana yoo raawwatan dogongora cimaa biraati. Isaanisf yoo ta'e diinagdeen of balleessuudha'' yechuun yaada kennan.

    Sarara boba'aa murteessaa kana adda kutuun qabeenyaa diinagdee addunyaa irratti miidhaa olaanaa hordofsiisa kan jedhame yoo ta'u, gatiin boba'aa addunyaa akka qaala'u ni taasisa.

    Kana malees, sarara kanaan biyyoonni akka Chaayinaa, Indiyaa fi Jaappaan kanneen boba'aa baayyee alaa galchan irra takkoo uuma jedhameera.

    Xinxaltoonni sarara Hormuuz cufuuf aangoon paarlaamaa caalaa kan aanga'oota nageenyaati jedhu.

    Iraan mataanshee ulaa kana daldalaaf waan itti fayyadamtuuf tarkaanfii haaloo bahuumsaatiif jecha yoo cufte ofiishees akka miidhu kaasu. Dhiibbaa cufamuun ulaa kanaa addunyaarratti qabaatu asiin dubbachu dandeessu.

  14. Jeneraalonni Iraan 'deebii cimaa' fudhanna jechuun US doorsisan

    Hoggantoonni olaanoo waraanaa Iraan hedduun haleellaa Ameerikaan raawwatteef deebii akka kennan doorsisaniiru.

    Miidiyaaleen Iraan viidiyoo ajajaan olaanaa Iraan Amiir Haataamii, yeroo kutaa opereshinii keessatti qondaaltota waliin hojjatan waliin yoo haasa'an agarsiisu gadhiisan.

    Viidiyoo kana irratti, kanaan duras yeroo US Iraan irratti ''yakka'' raawwatte hunda ''deebii murteessaa akka argatanii fi yeroo kanas kana gochuun ni ta'a'' jedhan.

    Gama biraatiin ammoo, hogganaan waraana Iraan Abdolraahim Muusaavii ibsa baasaniin, US humnoonni isaanii loltoota Ameerikaa irratti ''tarkaanfii kamiyyuu'' fudhachuuf carraa bantee jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Iraan ''yoomiyyuu duubatti hin deebitu'' jedhan.

  15. Ministeerri Dhimma Alaa US lammiilee biyyattii addunyaa guutuuf akeekkachiisa of eeggannoo kenne

    Lammiileen Ameerikaa addunyaa guutuutti argaman, haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwatte hordofee, dammaqinaan akka jiraatan gaafatamaniiru.

    Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa, lammiilee Ameerikaa addunyaa guutuutti argamaniif akeekkachiisa nageenyaa baaseera.

    "Tarii lammiilee Ameerikaa fi dantaa biyyatii alaa irratti hiriirri bahamuu dnada'ama ta'a. Ministeerri Dhimma Alaa lammiileen Ameerikaa addunyaa guutuutti argaman of eeggannoo cimaa akka godhan gorsa," jedhe.

  16. MM Awustiraaliyaa haleellaa Ameerikaa akka deeggaran irra deebi'anii ibsan

    Ministirri Muummee Awustiraaliyaa Antoonii Albaaneesii, biyyisaanii haleellaa Ameerikaan dhaabbilee nikulaaraa Iraan irratti raawwatte guutummaatti duuba jirti jechuudhaan, gama hundaanuu gara mariitti akka deebi'an dhaamaniiru.

    Ministirri Mummichaa kunis Ministira Dhimma Alaa biyyattii Peenii Woong waliin ta'uudhaan, magaalaa guddoo biyyattii Kaanberaa keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, ''haala muddamaa fi waraana guutuu hin barbaannu,'' jedhan.

    ''Marii fi dippilomaasiidhaaf waamicha gochuu itti fufna,'' jechuun, Iraan ''tarkaanfii dabalataa naannicha tasgabbii dhabsiisuu danda'u akka hin fudhanneef'' gaafatanii jiru Albaanees.

  17. Haleellaan Bataskaana Damaasqootti raawwateen namoonni 22 ajjeefamuu aanga'oonni Sooriyaa himan

    Haleellaa boombii namni ajjeesee of ajjeesu tokkoon Bataskaana Damaasqoo keessatti raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 22 ajjeefamanii 63 ammoo madaa'uu ministeerri fayyaa Sooriyaa beeksise.

    Namni tokko Dilbata galgala tajaajila irratti Mana Amantaa Ortodoksii Raajii Eliyaas Giriikii kan ollaa Diwelilaatti argamutti amantoota tajaajila kadhanarraa turaniitti osoo dhoosuu hin darbatiin dura qawween dhukaasa banee akka ture ministeerri biyya keessaa beeksiseera.

    Namni ajjeechaa kana raawwate kunis garee jihaadistii Islaamummaa (IS) waliin hidhata akka qabu ibseera. Haata'u malee garee kanarraa battalatti wanti jedhamee hin turre.

    Suuraalee fi viidiyoon bataskaanicha keessaa argame akka agarsiisutti, iddoon aarsaa baayyee miidhame, teessoo caccabaa ofilaaliin guutamuu fi dhiigni keenyaa irratti faca'e agarsiisa.

    Namni taatee kana ijaan arge, Laawrens Maamari, dhaabbata oduu AFPtti akka himanitti, ''namni tokko meeshaa waraanaa qabate bataskaana keessa seenee dhukaasa jalqabe,'' jedhan.

    Namoonnis "osoo inni of hin dhoosiin dura isa dhaabuuf yaalaaa turan" jechuun dabalaniiru.

    Namni biraa suuqii dhiyootti argamu keessa ture tokkoos dhukaasa qawwee achiin ammoo itti aansee dhohinsi dhagahu dubbateera.

    "Bataskaana keessatti ibiddaafi haftee teessoo mukaa hanga seensaatti darbatame argine," jedha Ziyaad.

    Erga humnoonni finciltootaa Islaamummaan durfaman Muddee keessa Baashaar al-Asad kuffisanii waraana biyya keessaa hamaa waggoota 13'f ture xumuree booda haleellaa akkasii Damaasqoo keessatti isa jalqabaati.

  18. Ministirri dhimma alaa Iraan ''yaaddoo waloo'' irratti Pirezidantii Raashiyaa waliin dubbachuuf

    Ministirri dhimma alaa Iraan yeroo ammaa Moskoo jiru. Kireemliinitti Pirezidanti Putiin waliin mari'achuuf jedhu.

    Marii akkaan murteessaa fi ijoo ta'e akkaataa ''sodaa fi yaaddoo waliin qaban'' qolachuun danda'amurratti gaggeessuuf akka gara Raashiyaa imalan ibsan.

    Raashiyaan haleellaa Ameerikaan buufataalee nukilaraa Iraan irratti raawwatte balaaleffatteetti. UNtti ambaasaaddarri Raashiyaa tarkaanfii US kana balaaleffachuun yaada kennaniiru.

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araaghchii har'a Putiin waliin kan walargan yoo ta'e simannaa gaarii fi jechoota deeggarsaa gaggaarii dhagahuu danda'u.

    Garuu ammatti deeggarsa waraanaa argachuun waan yaadamu miti.

    Ammatti Raashiyaan waraana Yukireeniif dursa kenniti. Raashiyaa fi Iraan hariiroo cimaa akka qaban beekamaadha.

    Garuu waliigaltee waraanaa akkanaa hin qaban. Kanaaf Moskoon yeroo akkanaatti dirqama deeggarsa waraanaa Iraaniif taasisuuf waliigalteen mallattaa'e hin jiru.

    Torbee darbe Putiin Iraan akka deeggarsa meeshaalee waraanaa hin gaafanne dubbatanii turan. Ammatti ariitiidhaan deeggarsa waraanaa taasisuuf akka hin jirres ibsaniiru.

    Raashiyaan Iraan fi Israa'el waliin hariiroo gaarii qabaachuu feeti. Bulchiinsa Tiraamp waliinis haala gaariin hojjechuuf dhiheenya kana fedhiin argamaa jira.

  19. Xiyyaara boombar B-2 erga Iraan keessatti haleellaa raawwatteen booda yoo deebitu

    Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa B-2 jedhamtu erga dhaabbilee nikulaara Iraan keessaa irratti haleellaa raawwatteen booda gara US'tti yoo deebitu viidiyoo waraabameedha.

    Doowwadhaa.

  20. Erga US buufataalee nukilaraa Iraan haleeltee booda maaltu ta’e?

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp haleellaan raawwatamee yeroo muraasa booda ibsa kennaniin ''Iraan amma nagaa buusuu qabdi,’’ jedhan. Yoo hin taane haleellaan itti aanu cimaa ta’a jechuun akeekkachiisan.

    Haleellaan namni muraasi beekuu fi iccitii olaanaadhaan xiyyaara waraanaa B-2 stealth bomber jedhamuun raawwatame kun buufata nukilaraa lafa jalaa Fordo fi Natanz akkasumas Isfahan irratti xiyyeeffate.

    Tiraamp ijaarsi nukilaraa Iraan hunduu guutummaatti barbadaa’eera jechuun miidiyaa hawaasummaarratti barreessan.

    Tehraan gamasheen haleellaan kun Tiraamp Iraan fi lammiilee Ameerikaa ganuu agarsiisa jette. Bu’aan haleellaa kanaas mancaatii hamaa akka ta’u akeekkachiiste.

    Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii haleellaan kun balaa hamaa waraana kana hammeessuudha jechuun yaaddoo qabu ibse.

    Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu tarkaanfii jabaa fudhatan jechuun Tiraampiin saadan. Tarkaanfiin Tiraamp kun seera baastota US biratti ammoo miira walmakaa uumeera.

    Iraan fi Israa’el misaa’elaan wal haleeluu itti fufaniiru. Gama lamaanuu buufataaleen waraanaa xiyyeeffannaa guddaadha.

    UKn gamasheen haleellaa US Iraan irratti raawwatte keessatti akka hin hirmaanne mirkaneessite. Iraan gara mariitti akka deebitus gaafatte.