Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan ji'oota keessa yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi - UN

Iraan ammallee j’oota muraasa keessatti boombii oomishuuf yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi jedhan dureen UN sagantaa niwukilaraa hordofan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hogganaan Moosaad ergamtoota basaasaa Israa'el galateeffatan

    Hogganaan dhaabbata basaasaa Israa'el Moosaad, Deeviid Baarniyaa, ergamtoota basaasaa daawwatanii, lola dhiheenya kana Iraan waliin geggeeffame keessatti gaheesaan bahanniif galateeffataniiru.

    Viidiyoo gaafa Roobii darbe Feesbuukii irratti maxxanfame irratti ergamtoota, kanneen naannoosaa jajjaboo ta'an waliin yeroo dubbatu mul'ateera.

    Oppareshiniin hoggansa waraanaa Iraan irratti xiyyeeffachuu waggoota kan fudhate yoo ta'u, Israa'el biyya nageenya qabdu taasiseera jedhan. Teehiraaniif akeekkachiisa cimaa kenneera.

    "Pirojektoota Iraan keessatti hojjetaman hunda, kanneen bal'inaan beeknu, hordofuu itti fufna. Akkasumas hanga ammaatti akkuma achi turreetti achitti jirra."

    Yaadni ummataa hogganaa basaasaa Israa'el irraa baay'ee hin argamne kun kan mul'ate yeroo hoggansi waraanaa biyyattii lola dhiheenya kana loltoonni Israa'el Iraan keessa socho'uu isaanii beekeedha.

    Kun kan dhufe Iraan namoota Israa'eliif basaasan jedhamuun himataman sadii wayita ajjeesteettidha.

  2. Hogganaan IDF komaandoowwan Israa'el Iraan keessatti socho'aa turan jedhan

    Hogganaan waraana Israa'el viidiyoo dhiheenya kana oppareeshinii IDF Iraan keessaa raawwatte ilaalchiisuun dubbatan gadhiisanii jiru.

    Hogganaan Raayyaa Ittisa Israa'el, Eyaal Zaamir, Israa'el Iraan irratti olaantummaa qilleensaa galmeessitee, kunis gartokkoon isaa gargaarsa "komandoo lafaa turaniitiin'' akka ''danda'ame'' himan

    Isaanis "dhoksaan naannoo diinaa keessa gadi fageenyaan socho'uun bilisummaa hojii nuuf uume," jedha.

    Waldhabdee guyyoota 12'f ture kana keessatti, dhaabbanni basaasaa Israa'el, Mosaad, suuraalee oppareshiinii Iraan keessatti lafa irratti agarsiisa jedhu gadhiisee ture.

    Haata'u malee, qondaaltonni Israa'el yoo komaandoowwan IDF biyyattii keessa socho'aa turan jedhan kun kan jalqabaati.

  3. Iraan baay'inni namoota ajjeeffaman 627 gahuu himte

    Ministeerri fayyaa Iraan waraana guyyoota 12 keessatti haleellaa Israa'el raawwateen namoonni 627 du'uu kanneen 4,870 ta'an ammoo madaa'uu ibsuu, Dhaabbanni Oduu IRIB kan mootummaan hoogganamu gabaase.

    Ministeerichi akka jedhutti, miidhaan irra caalaan Teehraan fi bulchiinsa lixa Kermaanshaah keessatti kan mudate yoo ta'u, namoonni ajjeefaman harki caalaan isaanii hospitaala osoo hin taanegahiin bakkuma haleellaan itti raawwatameetti jedhameera..

    Angawoonni Iraan guyyaa guyyaan lakkoofsi namoota du'anii ifatti kan hin ibsine yoo ta'u, kunis uggura biyyattii keessaa gabaasuu waliin walqabatee, miidhaa waraanni kun namoota irraan gahe irratti odeeffannoo sirrii argachuun rakkisaa ta'eera.

    Gareen mirgaa tokko tokko lakkoofsi dhugaa baay'ee ol'aanaa ta'uu tilmaamu. Tilmaamni garee tokkoon Kibxata darbe bahees lakkoofsi namoota du'anii 974 akka ta'e ibseera.

  4. FBIn erga haleellaa Iraanii booda farra shororkeessummaa irratti xiyyeeffannoo cimse

    Angawoonni guutuu US haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwatte booda dachee Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuu malu irratti of eeggannoo cimaa taasisaa jiru.

    Hojjettoonni FBI muraasni, kanneen akka qaama kaayyoo Tiraamp baqattoota biyyaa ari'uutti, immigireeshinii raawwachiisummaa irratti xiyyeeffatanii turan, farra shororkeessummaa irratti akka xiyyeeffatan himamaa jira jedha michuu BBC Ameerikaa CBS News.

    Dilbata darbe, biiroon kun waajjiraalee dirreedhaaf qabeenya balaa shororkeessummaa irratti akka xiyyeeffataniif yaadachiisa raabseera.

    FBIn garuu jijjiirama dursa taasisuu hin mirkaneessine. Ejensichi ibsa baaseen, ''FBIn sirreeffama hojii addaa ykn murtii hojjettootaa irratti yaada hin kennu,'' jedheera.

    "Haata'u malee, balaawwan nageenya biyya keenyaarratti mudataniif deebii kennuu fi nageenya ummata Ameerikaa mirkaneessuuf qabeenya keenya itti fufiinsaan madaaluun irra deebiin qindeessina."

    Balaan addaa hin jiru, haata'u malee guyyoota darban keessa aangawoonni Ameerikaa dhiirota Iraan 11 kanneen seeraan ala US keessa turan to'annoo jala oolchaniiru. Hedduunsaanii bakka bu'oota waraanaa ykn waraana bakka bu'oota Iraan waliin hidhata qabu.

  5. Iraan du'a ajajaa waraanaa olaanaashee mirkaneessite

    Iraan du'a ajajaa Waajjira Mummeewwan Giddugaleessa, Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) Khaaatam al-Anbia Alii Shadmanii ifatti beeksisteetti.

    Miidiyaan mootummaa Iraan IRNA ibsa waajjira muummee irraa kenname wabeeffachuun kana kan beeksiseera.

    Shaadmaaniin torban darbe haleellaa Israa'el raawwateen booda miidhaan irra ga'ee akka du'e hime.

    Humni Ittisaa Israa'el ibsa Waxabajjii 17 baaseen, Shaadmaaniin ''basaasa baayyee sirrii ta'e hordofuun'' akka ajjeefaman beeksisee ture.

    Shaadmaaniin gargaaraa hogganaa olaanaa Iraan Ayaatolaah Alii Kaameenii kan turan yoo ta'u, ''yeroo waraanaa hogganaa olaanaa'' biyyattii jedhamuun beekamu turan.

    Isaanis namni aangoo kanarra dura turan Gholaamaalii Raashid haleellaa qilleensaa Israa'eliin ajjeefamuu hordofuun Waxabajjii 13 ajajaa Khaataam al-Anbiyaa ta'uun muudame.

  6. Waraana Yukireen dhaabsisuun rakkisaadha- Tiraamp

    Doonald Tiraamp walgahii NATO irratti yeroo hirmaatutti gaaffilee gaazexeessitoota irraa dhiyaataniif keessaa tokko waraana Yukireen nan dhaabsisa jedhee maalif akka dhaabsisuu dadhabeedha.

    "[Dhaabsisuun kan dadhabameef] sababa kan namoonni yaadaniin olitti rakkisaa waan ta'eefi," jechuun Puutin ammoo "caalmatti rakkisaa" ta'uu dubbate.

    "Dhuguma dubbachuuf Zeleniskii wajjin rakkoon gidduu keenyatti dhalatee ture. Waa'ee kanaa beektu jedheen yaada," jechuun kan yeroo Zeleniskiifi Tiraamp gidduutti Waayit Haawusitti falmiin ka'ee akeekee dubbate.

    Tiraamp waa'ee waraana Yukireen qofa osoo hin taane, waraanawwan biroo kan anatu akka dhaabatu godhe jedhu fakeenya kaasun dubbate.

    Waraana Israa'el-Iraan, Ruwaandaa-DR Koongoofi Indiyaa-Paakistaan akka dhaabsise dubbate.

    Kanas haasaa karaa bilbilaa taasiseen akka dhaabatu gochuu hime.

  7. US fi Iraan torbee dhufu waliin mariyatu- Tiraamp

    US fi Iraan torbee dhufu waliin akka dubbatan pirezidaantiin US Doonald Tiraamp dubbate.

    Tiraamp kana kan jedhe walgahii NATO irratti argamuuni. Tiraamp walgahii kanarratti gaaffileen garaa garaa miidiyaalee irraa dhiyaataniifiru.

    Waa'ee nikulara Iraan ilaalchisee deebii kenneen, Waayit Haawusiifi Tehraan torbee dhufu waliin dubbatu.

    "Tarii waliigaltee waliif mallatteessuu dandeenya. Akka natti fakkatutti hamma kana barbaachisaa natti hin fakkaatu. Kana jechuun koo waraana keessa turan, lolaniiru, amma immoo gara addunyaasaanii baraniitti deebi'aniiru."

    US kan barbaaddu Iraan "nikulara akka hin omishneedha" kan jedhe Tiraamp Iraan tasumaa nikulara qabaachuu akka hin qabne cimsee dubbate.

    "Iraan nikulara qabaachuu hin qabdu. Jalaa manca'eera. Haleellee jalaa barbadeessineerra...kanaaf waa'eesaa baay'udhama nan dhiphisu," jedhe Tiraamp.

  8. UK yaaddoo nageenyaa qabdu irraa ka'uun humna ittisa ishee cimsuuf akka jettu himte

    MM UK, Kiir Istaarmer, UK yeroo hundaa yaaddoo nageenyaa waan qabduuf baajata humna waraana aishee ni dabalti jedhan.

    Baasiin humna ittisa UK carraa hojii 20,000 tahu ni uuma jedhan.

    Yaaddoo haleellaa nuukileeraa irra jiru irraa kan ka'e, UK'n bittaa xiyyaara waraanaa F35A irratti xiyyeeffatte akka meeshaa nuukileeraa taha jedhan.

    ''NATO keessatti ciminaan hirmaachuun ejjennoo hin sochoonedha. Nageenya lammiilee UK mirkaneessuun jireenya gaarii hojjettoota keenyaaf uumuu waliin wal simee deemuu qaba jedhan.

    Miseensonni NATO baasii dhaabichaaf kennan bara 2035tti GDP isaanii irraa gara %5tti guddisuuf waliigalaniiru.

    Istaarmer biyya keessaa yaaddoo haleelamuu guddaa qabna jedhanii akka fakeenyaatti kan kaasan guyya guyyaan haleellaa saayiberii irratti aggaamamudha.

  9. Gaazatti sa'aatii 24 darbe keessatti namoonni 74 ajjeefaman

    Sa'aatii 24 darbe keessatti Gaazatti yoo xiqqaate Filisxeemonni 74 du'uun ibsame.

    Gaazexaan Haaretz Ministeera Fayyaa Gaazaa kan Hamaasin hogganamu waabeffachuun akka gabaasetti, namoota 74 du'an keessaa 33 bakka deeggarsi namoonaa itti kennamutti ajjeefaman.

    Namoonni kunneen hedduunsaanii osoo deeggarsa namoomaa eeggataa jiraniiti kan ajjeefaman.

    Gama biraan ammoo Israa'el guyyaa kaleessaa kibba Gaazatti loltoonni torba jalaa ajjeefamuu beeksifte.

    Lotoonni hammi guyyaa tokkotti kan jalaa ajjeefaman boombii konkolaaraa loltootaa irratti kiyyeeffameen ta'uu humni waraana biyyattii ibse. 56,156.

  10. Finciltoonni Keeniyaa Ruutoon akka aangoo gadhiisu gaafataa jiru

    Keeniyaa keessatti toora miidiyaa hawaasaa X irra wantoota haalaan qoodamaa jiran keessaa tokko #OccupyStateHouse' kan jedhu yoo tahu, kunis "masaraa mootummaa qabachuu qabna" jechuudha.

    Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo masaraa kana keessa jiraatu.

    Manni jireenyaa pirezidaantichaa humna waraanaan kan eegamu yoo tahu, seeraan ala seenuun baay'ee dhorkaadha.

    Finciltoonni Ruutoo akka hin barbaannee fi aangoo akka gadhiisu gochuuf dhiibbaa isarratti uumaa jiru.

    Qondaalonni mootummaa akka masaraa mootummaa kana hin seenneef akleekkachiisa dabarsaniiru.

    Wagga darbe finciltoonni paarlaamaa biyyattii seenuun qabeenya achi keessaa macaasuun isaanii ni yaadatama.

    Yeroo sana namoonni hedduu ajjeefamaniiru. Barana ammoo paarlaamaa fi masaraaa akka hin galleef shiboo balaa namarraan gahuun marsafmeera.

    Ogeessi seeraa Miguunaa Miguunaa jedhamuu fi mootummaa mormaa ture Masaraan mootummaa qabeenya uummataa waan taheef akka hin seenne qaamni nu dhaabu hin jiru jedhe.

    ''Qaamni nu dhaabu hin jiru. Kun qabeenya uummataati. Masaraan mootummaa kan Ruutoo miti.''

  11. Hiriira mormiirratti namoonni hedduun rasaasaan rukutamuu himame

    Magaalaa guddoo irraa gara Km60 (maayilsii 38) fagaattee argamtu Maachaakos keessatti namni tokko ajjeefame dabalatee, namoonni rasaasaan rukutamuusaanii gabaasa argachaa jirra.

    Namoonni hedduunis mormii gaggeeffamaa jirurratti poolisiidhaan rasaasaan erga rukutamanii booda madaa'uun gara hospitaala guddicha magaalaa guddoo biyyattiitti geeffamuusaanii midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

    Yoo xiqqaate namoonni 10 rasaasaan rukutamuusaanii kan gabaase 'Citizen TV' viidiyoo maxxansuun, dhukkubsattoonni gara Hospitaala Biyyoolessaa Keeniyaattaa kan Naayiroobii keessatti konkolaataadhaan yoo geessaman alarraa agarsiiseera.

    Waraabbii viidiyoo irratti namni tokko poolisiin itti dhukaasuun banuudhaan, akkasumas hiriyyoonni isaa tokko ammoo rasaasaan rukutamuu isaa biroodkaastarichatti hima.

    BBC'n gabaasa kana mirkaneessuuf yaalaa jira.

  12. US, Buufata Nuukileera Iraan haleeluu irratti eenyu maal jedhe?

    Torban darbe US bufalaaee nukileeraa Iraan sadii haleeluu ibsite.

    Doonaaldi Tiraampi, gabbisa nuukileeraa Iraan ‘’waggoota kurnan hedduuf duubatti deebisneerra’’ jedhan.

    Gabaasni Tika mootummaa Ameerikaa dhoksaan bahe ammoo haleellaan US buufata niikeleeraa Iraan irratti gaggeessite, guutummaatti hin balleessine, ‘’ji’oota muraasa qofa duubatti hanbise’’ jedhe.

    Itaamoojooriin Waraana Ameerikaa, Peetee Heegiiz, haleellichi ‘’waanuma gita hin qabne’’ jedhanii gabaasa dhoksaan bahe jedhame ‘’kaayyoo siyaasaaf’’ kan oolfame jedhan.

    Itti aanaan dhimma siyaasaa miidiyaa mootummaa biyyichaa, Hasan Abeedinii, bakkeewwan sadan US haleelte keessaa meeshaaleen nuukileeraa waan dursanii baafamaniif Iraan irra miidhaaa guddaan geenye jedhan.

    Israa’el ofumaaf buufataalee kanneen irratti haleellaa gaggeesiteetti. Israa’el gabbisa nuukileeraa Iraan haleeluun milkoofteetti jedhan MM Beenjaamin Neetanyahuu.

    Hogganaan Ejenesii Aannisa Atoomawaa idil-addunyaa, Raafa’el Giroosii, Iraan gabbisa nuukileeraa isheef dandeettii fi teeknoloojii isaa qabaachuun waan haalamu miti jedhan.

  13. Loltoonni Israa'el torba Gaazatti du'an

    Israa'el loltoonni torba Gaazatti jalaa ajjeefamuu beeksife.

    Humni Waraana Israa'el akka beeksisetti, loltoonni biyyattii torba kaleessa Kibba Gaazaa, Kaan Yuunisitti du'an.

    Miidiyaan Israa'el Haaretz humna waraanaa biyyattii waabeffachuun akka gabaasetti, loltoonni hammi kun guyyaa tokkotti kan jalaa ajjeefaman dhohiinsi boombii mudateeni.

    Loltoonni osoo Kibba Gaazatti oppireeshinii gaggeessaa jiranuu, boombiin konkolaataa waraanaa isaanitti hidhame dhohuudhan loltoonni du'uu ibsa gabaasni kun.

  14. Suuraan saatalaayitii haaraa qoodame waa'ee wiirtuu niwkulara Iraan maal agarsiise?

    Suuraan saatalaayitii kuni guyyaa Kibxataa, kaleessaa, kan kaafamedha.

    Kunis, guyyaa Israa'el fi Iraan dhukaasa dhaabuuf ittii waliigalanidha.

    Suuraawwan dhaabbati tekinoloojii Maxar jedhamu kaase akka agarsiisutti, ulaa buufata niwukilaraatti galchu bira miidhaan kana dura hin turre mul'ateera.

    Wiirtuun Isfahaan kuni xumura torban darbe Ameerikaan haleelame.

    Suuraawwan biroo qoodamaniis, mancaatii yunivarsitii kaaba-baha jirurra mudate agarsiisa.

    Yunivarsitiin kuni sagantaa niwukilaraa Iraan waliin wal qabata.

    Mancaatiin biraa lixa magaalattiitti argamuufi buufata xiyyaaraatti dhihaatutti mudachuu agarsiisa.

    BBC'n Iraan keessa akka hin seenne waan dhorkameef suuraan saatalaayitii waan lafa jiru baruuf nama gargaara.

  15. Hogganaan dhaabbata to'annoo niwukilara UN qorattoonni gara Iraanitti deebi'uu qabu jedhan

    Hogganaan Dhaabbata Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa Biyyooota Gamtoomanii (UN) Raafaa'eel Giroosii, qorattoonnisaanii gara Iraanitti deebi'anii biyyattii waliin hojjechuu akka qaban dubbatan.

    Haata'u malee, paarlaamaan Iraan dameen dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii nikulaara qoratu wajjiin hojjachuu dhaabuuf sagalee kennuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

    Giroosiin isaaniif dhimmi inni guddaan deebi'uu akka ta'e kaasuun, sun garuu salphaa akka hin taane dubbatan.

    Sagantaan nikulaara Iraan haleellaa dhaabbilee nikularaashee irratti raawwatameen ji'oota muraasaan qofaan duuba deebi'uusaa ilaalchisee gabaasa dhiyaate ilaalchisee wayita gaafatamaniitti akkana jedhan.

    "Ani tooftaa sa'aatiin jijjiramu kana hin jaalladhu, kunis ija nama ilaalu keessa jira. Haala kamiinuu beekumsi teeknooloojii jira, dandeettiin industiriis jira, kana eenyullee haaluu hin dandeenye."

    Giroosi akkas jedhan: "Carraan furmaata dippilomaasii, banamuu jira. Carraa sana darbuu hin qabnu."

    Itti dabaluudhaanis "ji'a lamaas ta'e ji'a sadii barbaachisaa miti, furmaata qormaata yeroo dandamatu nu barbaachisa" jedhan.

  16. Keeniyaatti mormiin guutuu biyyattii keessatti babal'ate

    Gaazexaan guddichi Keeniyaa, Daily Nation, yoo xiqqaate kutaalee biyyattii 47 keessaa eddoowwan 20tti mormiin gaggeeffamaa jiraachuu gabaasaa jira.

    Bara darbe yeroo mormiin baayyee sadarkaa cimaarra gahee turetti, kaawuntiiwwan biyyattii walakkaan ol keessatti hiriirri gaggeeffameera.

    Buufataaleen TV biyya keessaas taateewwan kana kallattiin tamsaasaa kan turan yoo ta'u, iskiriinii addaan qooddachuun fayyadamuun, taateewwan diraamaa hiriira jumlaa, duumessa gaazii imimmaanneessaa, daandii duwwaa fi waldhabdee mormitootaa fi poolisii gidduutti ture gabaasaa turan.

    Har'as mormiin magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii fi magaalota kanneen akka Mombasaa, Naakuru fi Kisumuu keessatti gaggeeffamaa jira.

  17. Ayaatolaan labsii dhukaasa dhaabuuf ammallee beekamtii hin kennine

    Pirezidantii Iraan dabalatee qondaaloti biyyattii Israa'eliifi Iraan gidduu dhukaasni akka dhaabbatu akka waliigalan ibsaniiru.

    Haa tahu malee, Hogganaa Olaanaa biyyattii Ayaatoolaa Alii Kaameenii hamma yoonaa dhukaasa dhaabuu kanaaf beekamti kennuun isaanii hin dhagahamne.

    Hogganaan Olaanaa biyyatti dhimma biyyaalessaa irratti murtoo isa dhumaa kennu. Iraanittis ummatni murtoo hogganaan kuni kennuuf jiran eeggataa jira.

    Kaameeniin lafa jireenyaa isaanii duraanii akka gadhiisaniifi lafa eegumsa cimaa qabu akka jiran dhagahamus Iraan garuu kana hin mirkaneessine.

    Yeroo dhumaaf TV biyyaalessaan kan dhiyaatan gaafa Waxabajjii 18 yoo tahu isa yeroos Tiraamp Iraan guutummaan guutuutti harka haa kennitu jedhan busheessanii ture.

    Dhukaasa dhaabuu dura toora X isaanii fayyadamaa kan turan yoo tahu Israa'el gaafa Waxabajjii 13 Iraan haleeluun booda ergaa waraabameen TV'tti dhiyaatu malee ofii addabaabaayittii hin baane.

  18. Dhukaasa dhaabuun lola Iraaniifi Israa'el xumuraa?

    LinkPireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Wixata galgala Israa'eliifi Iraan dhukaasa dhaabuu kan nagaa waaraa fiduu danda'a jedhan irratti waliigaluu isaanii beeksisaniiru.

    Kunis guyyoota 12f haleellaa qilleensaa Israa'el Iraan irratti raawwatte, haleellaa misaa'elaa fi diroonii Iraan haaloo ba'uuf Israa'el irratti raawwatte, akkasumas Ameerikaan iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti boombii darbite booda kan ta'edha.

    Biyyootni lammanuu haleellaa walirratti taasisan yoo dhaaban waraan dhaabuu akka fudhatan ibsanillee, Pirezidaanti Tiraamp Israa'eliis ta'ee Iraan lamaan isaanii iyyuu waligalticha cabsaniiru jechuun himatan. Amma garuu yeroof waan hojirra oolaa jiru fakkaata.

    Guutummaa odeessa kanaa argachuudhaaf karaa geessituu kanaatiin seenuu dandeessu.

  19. Hogganaan 'Nato' Ameerikaan Iraan haleeluudhaan mallattoo ciminaa agarsiifteetti jedhan

    Barreessaan Olaanaa Nato, Maark Ruut Ameerikaan ''humna niwkilaaraa tolchu Iraan keessaa balleessiteetti'' jedhan.

    Haleellaan kun ''kan karaa dinqisiisaa'' ta'een raawwatame yoo ta'u, kunis murteessaa ture jechuun dubbatan.

    Ruut akka jedhanitti, mallattoon tarkaanfiin kun addunyaa hafeetti agarsiisu keessaa tokko humna cimaadha.

  20. Anniisaan nukilaraa addunyaa fayyaduus, balleessuus danda'u akkamiin hojjetama?

    Gameessi saayinsii ammayyaa abbaan fiiziksii Albart Eyinistaayin anniisaan waan xiqqoorraa argamu addunyaa jijjiiruu akka danda'u irratti wayita oguma isaa addunyaaf gumaachu har'a balaa kana addunyaatti fida hin seene.

    Har'a sodaa addunyaa kan ta'e meeshaan waraanaa nukilaraa maddi isaa foormulaa Eyinistaayin anniisaa fi hanga wantootaa saffisa ifaan walqabsiisee uume irraa madda.

    Wanti xiqqoon tokko hangi isaa saffisa ifaa dachaan baayyifameen (iskuweerii ta'een) yoo baayyifamu anniisaa guddaa ta'e akka kennu argate. Guutummaa gabaasa kanaa dubbiifachuuf asiin seenuu dandeessu.