Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan ji'oota keessa yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi - UN

Iraan ammallee j’oota muraasa keessatti boombii oomishuuf yuraaniyeemii gabbisuu dandeessi jedhan dureen UN sagantaa niwukilaraa hordofan.

Guduunfaa

  • BBC Afaan Oromoo WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa
  • Akkasumas dhihoo YouTube eegalle - ammuma 'subscribe' tolchaa
  • Israa'el moo Iraanitu lola adeemaa jiruun buufate?
  • Israa'el fi Iraan waliigalteerra gahuu beeksisan, garuu dhukaasni jira
  • 'Israa'eliifi Iraan waraana kana qixxee yaada waraana kana dhaabuu qabu - Tiraamp
  • Labsii dhukaasa dhaabuu ni kabajna yoo Israa'el cabsite malee - pireezidantii Iraan

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan buufataalee niwukilaraa isheerra miidhaa guddaan ga'uu amante

    Ministirrichi haleelaa boombii dhiheenya kana Ameerikaa fi Israa’eeliin bakkeewaan gabbisa Nikuleraa Iraan irratti rawwataniin miidhaan ''garmalee fi hamaa'' akka qaqqabe amanee jira.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araghchi Kamisa galgala miidiyaa mootummaatt akka himanitti, hangi miidhaa qaqqabes Dhaabbata Annisaa Atoomikii Iraanin qorannoon gaggeeffamaa jira jedhan

    Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatollaah Ali Khamene garuu haleellaan kun sagantaa niwukilaraa biyyattii akka hin miinee dubbatanii ture.

    Khameneen deebii Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp boombiin kun iddoowwan niwukilaraa sadii ''guutumaan guututti dhabamsiiseera'' jedhaniif deebisaniin, ''Ameerikaan haleellaa raawwatteen bu'aa omaatuu hin buufannee jedhanii ture.

    Garuu dubbiin Araghchi waan kanaan faalladha.

    Ministirri Dhimma Alaa kun marii niwukilaraa Ameerikaa waliin taasifamu deebisee eegaluuf karoorri akka hin jirres himaniiru.

    "Marii haaraa eegaluuf waliigaltee ykn qophiin taasifame akka hin jirre ifatti ibsuu barbaada," jedhan.

    Ministeerri fayyaa Iraan haleellaa qilleensaa Israa’el guyyoota 12f raawwatteen namoonni 610 kan ajjeefaman yoo ta’u, aanga’oonni Israa’el ammoo Israa’el keessatti namoonni 28 ajjeefamuu ibsaniiru

  2. Waa'ee bidiruu 'Xaanaanash 2' kan Jibuutii kaatee Baahir Daar gahuuf baatii lamaaf imalatti jirtu kan beeknu

    Bidiruun Xaanaanash 2 erga Jibuutiirraa kaatee lafarra imala eegaltee baatii lama kan lakkoofsiifte yoo ta'u, baatii tokkoon booda magaalaa Baahir Daar ni qaqqabdi jedhamee akka eegamu Geejibnii fi Loojistiikiin Galaan Itoophiyaa ibse.

    Dhaabbatichatti Daareektara Komunikeeshinii kan ta'an Obbo Damissaw Bantii BBC'tti akka himanitti, bidiruun tun buufata Jibuutii irraa kan kaate ALI Bitootessa 30, 2017 yoo ta'u, Waxabajjii 13, 2017 magaalaa Finfinnee geesse.

    Garuu yeroo hagasii itti fudhate? Geessituu kanaan seenaa dubbisaa

  3. Itoophiyaan ''ajandaa waraanaaf deeggarsa argachuuf duula dippilomaasii narratti cimsite''- Ertiraa

    Ertiraan mootummaan Itoophiyaa ''ajandaa waraanaasaatiif deeggarsa argachuuf duula dippilomaasii eegale cimseera,'' jechuun himatte.

    Mootummaan Itoophiyaa ''guyyoota darban'' keessaa xalayaawwan Ertiraa himatan gara ''Baarreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi dureewwan biiyyotaatti ergeera'' jechuun balaaleeffatte.

    Ibsi mootummaa biyyattii, Itoophiyaan ''walitti bu'iinsa sababaan haguuguu fi kakakassuuf alaabaa sobaa mirmirsaa jirti'' jechuun himata.

    Dabalata oduu kanaa asii argattu.https://bbc.com.im/afaanoromoo/articles/cj0mz9zyp67o%3C/a%3E%3C/p%3E%3C/div%3E%3C/div%3E%3C/article%3E%3C/li%3E%3Cli class="css-xxlek1">

    Mormiin Keeniyaatti ta'e 'yaalii fonqolcha mootummaati' jedhan ministirri

  4. Haleellaan Israa'el Gaazaa gabaarratti raawwatteen Filisxeemoonni 18 ajjeesuu hakiimni fi namoonni ijaan argan himan

  5. Gaazexeessitoonni 'oduu sobaa' tamsaasan ari'amuu qabu-Tiraampi

    Tiraampi miidyaa hawwaasaa isaanii irratti gaazexeessitoonni waa'ee haleellaa US Iraan irratti raawwattee oduu sobaa tamsaasan CNN fi New York Times keessaa ''ari'amuu qabu'' jedhan.

    Tiraampi gaazexeessitoota gabaasa sobaa dabarsan jedhan kanneen ''namoota gadhee fi ilaalacha hamaa qabanidha'' jechuun ibsan.

    Tiraampi irra deddeebiin CNN fi New York Times balaaleffachaa turan.

    Miidiyaaleen kunneen gabaasa waa'ee haleellaa US, Iraan irratti raawwattee Pentagon keessaa dhoksaan bahe jedhaniin haleellichi gabbisa nuukileeraa Iraan ji'ootaaf duubatti deebise malee hin barbadeessine jedhanii ture.

    Ministirri Ittisaa US fi Tiraampi gabaasa kana balaaleffatanii US haleellaa seena qabeessaa fi milkaa'aa tahe Iraan irratti raawwachuun gabbisa nukileeraa ishee barbadeessiteetti jedhan.

  6. IRGC ajajaan olaanaa isaa Saayid Izaadii ajjeefamuu mirkaneesse

    Humni Warraaqsa Eegdota Iraan ajajaa olaanaa isaanii Sayid Izaadii ajjeefamuu mirkaneesse.

    Ajajaa Olaanaa Humnoota Kuudsi kan turan haleellaa Hamaas Israa'el irratti gaggeesse nama qindeesse tahuu himama.

    Eessaa fi yoom akka ajjeefame ogaruu odeeffannoon bahe hin jiru.

    IDF Izaadiin kan ajjeefame Waxabajji 21 tahuu ibseera.

    Haleellaa Onkoloolessa 7 duuba nama jiru jechuun Israa'el isa himachaa turte.

    Nagaa fi tasgabbiin Baha Gidduugaleessaa keessaa dhabamuuf UK'n bara 2023 Izaadii irratti qoqoobbii dabarsiteetti.

    UK biyyakoo keessatti namoota dhuunfaa ajjeesisuuf socho'aa ture jechuun komachaa turte.

    US ammoo bara 2019 isa qoqqobde. Hamaasiif maallaqa doolaara miliyoonota kenneera jechuun himatte.

  7. 'Boombiin 'Baanker Baaster' jedhamu Foordoo haleeluuf hojjetame'

    Boombiin Baanker Baaster jedhamu buufata nuukileeraa Iraan Foordoo jedhamu haleeluuf hojjetame jedhan Jeneraal Daan Kaayin.

    Ameerikaan odeessa Iraan gaara jalatti gadi fageessitee gabbisa nuukileeraa jalqabuu waggoota dheeraa dura argatte jedhan.

    Qondaalli olaanaan humna ittisa Ameerikaa irraa tokko Foordoo waggoota 15 qorataa ture jedhan.

    Itti dabaluun boombiin 'Baanker Baasyer' jedhamu kun sana booda Foordoo haleeluuf hojjetame jedhan.

    Haleellaan Foordoo irratti gaggeeffame xumura qophii waggoota 15 tahuu eeran.

    Meeshaan waraanaa haleellichaaf itti fayyadamne, ''dizaayinii isaa hojjetame, karoorfame, qophii tahuun hojiirra oole'' jedhan.

    Iraanonni haleellicha irraa ittisuuf jecha dhagaa jabaan ijaaranis bakkeewwan lama buufaticha keessaa haleelan jedhe.

    Sana booda viiidyoo haleellichaa keessaa tokko agarsiisan.

  8. 'Loltoonni US, Buufata waraanaa Ameerikaa ittisuuf Kaataar keessatti hafan 44 qofa turan'

    Jeneraal Daan Kaayin, Hogganaan Waloo Waraana Ameerikaa, waa'ee haleellaa Iraan buufata waraanaa US irratti raawwattee dubbatan.

    ''Wiixata ganama Iraan buufata waraanaa US, Kaataar jiru rukutuuf akka jettu ergaa hedduu nu dhaqabaa ture'' jedhan.

    Ajaja pirezidaantiidhaan loltoonni muraasa qofa naannicha eeguuf hafanii hedduun isaanii bakka biraatti akka imalan godhame jedhan.

    Buufaticha ittisuuf loltoota 44 qofatu achitti hafe jedhan. Isaan keessaa kan umurii isaa guddaa tahe loltuu waggaa 28 yoo tahu kan xiqqaan ammoo 21 kan waraana keessa waggaa lamaa gadi turedha jedhan.

    Kaataar buufaticha ittisuu keessatti gargaarsa gooteef galateeffataniiru.

    Buufanni waraanaa Ameerikaa Kaataar jiru Al Udeeyid jedhamu buufata waraanaa Ameerikaa keessatti isa baay'ee guddaa tahedha.

    Loltoonni Kaataarii fi US waliin tahuun ittisa buufatichaaf godhan galateeffataniiru.

    Humni qilleensaa isaanii sekondii keessatti maal gochuu akka qaban murteessuuf gaheen Kaataar guddaa tahuu eeran.

  9. Ameerikaan haleellaa seena qabeessa Iraan irratti gaggeessite

    'Seenaa keessatti haleellaa milkaa'aa Ameerikaan gaggeessiteedha'' jedhan ministirri ittisaa Ameerikaa.

    Heegiz, Ejensiin Atoomii Israa'el haleellaan US, ''gabbisa nuukileeraa Iraan akka inni hin hojjenne godheera'' jedhan.

    Akkasumas hogganaan to'annoo Nuukileeraa UN, haleellaan US, nuukileera Iraan irratti ''miidhaa cimaa geessiseera'' jedhan.

    CIA gabaasa baaseenis gabbisni nuukileeraa Iraan akka malee miidhameera.

    Miiidiyaaleen gabaasa akka haleellichi hin milkoofne dabarsan ''itti gaafatamummaa'' dhabuudhaani jedhan.

    Akka Ameerikaanotaatti haleellaa seena qabeessa kana ni leellisna jedhan.

    Iraan ammoo haleellaan US homaa gabbisa nuukileeraa ishee irratti miidhaa cimaa akka hin geessine ibsite.

    Tiraampi gidduugalli gabbisa nuukileeraa sadanuu ''hojiin ala'' tahaniiru jedhan.

  10. Ameerikaan haleellaa Iraan irratti raawwatteen homaa hin buufanne

    Bulchaan Iraan Ayatoolaa Alii Kameenii haleellaa US, buufataalee Nuukileeraa Iraan sadii irratti raawwatteen ''homaa tokkoyyuu hin buufanne'' jedhan.

    Dubbii Ayaatolaa Alii Kaameenii kun isa Tiraamp gabbisa nuukileeraa Iraan ''barbadeessineerra'' jedhan waliin wla faallessa.

    US Iraaniin haleeltee yeroo deebite xiyyaarota waraanaa 125 bobbaastee ture.

    Isaan ammoo gabbisa nikularaa Foordoo, Nataanzi fi Isfahaan haleelaniiru jedhan Tiraamp.

    Wal gahii NATO Nezerlaandisitti gaggeeffame irratti, Tiraamp gabaasa Peentaagon dhoksaan bahe jedhamee fi haleellaan US, gabbisa Nikularaa Iraan ji'ootaan qofa duubatti deebise malee hin barbadeessine jedhu mormaniiru.

    Tiraamp garuu US, gabbisa nikularaa Iraan ''guutummaan barbadeessiteetti'' jedhan.

    ''Seenaa keessatti haleellaa milkaa'aa US raawwatte gadi xiqqeessuuf gabaasa miidiyaalee baheedha'' jedhan Tiraampi.

    Ministirri Ittisaa US, Peetee Heegiz, gabaasa Peentagon bahe jedhan dhuga amiti jedhaniiru.

    Waanti haleelame gaara jalatti awwaalameera, barbadaa'eera,'' jedhan.

    Daarikterri CIA Joon Raatkiliif, gabbisni nuukileeraa Iraan ''akka malee miidhamuu isaaf ragaa basaasaa gahaa qabna'' jedhan.

  11. Iraan 'Ameerikaa sirriitti kaballe' jette

    Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatolaah Kaamenii barreeffama X gubbaa katabaniin baga gammaddan jechuun biyya isaanii jajan.

    ''Injifannoo jaallatamtuu Iraan bulchiinsa Ameerikaarratti gonfatte,'' jedhan.

    Ameerikaan ''waraana kallattii kan seenteef, yoo seenuu baatte bulchiinsi Tsiyoonii (Israa'el) akkuma jirun waan barbadooftuufidha.''

    Guyyootaaf mul'atanii kan hin beekne Ayaatolaah Alii Kaameniin, Ameerikaan waraana kana keessatti ''waan milkeessite homa hin qabdu,'' jedhan.

    Iraan ''injifachuu'' fi ''fuula Ameerikaa kaballaan diimeessuu'' dubbatan.

  12. Ayaatolaan Iraan Israa'el irra aaante jedhan

    Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatolaa Alii Kaameeniin ergaa X irratti barreessaniin uummata Iraaniif ergaa baga gammaddanii dhaamaniiru.

    ''Mootummaa Tsiyoonistii sobaa injifachuu keenyaaf baga gammaddan jechuun fedha,'' jedhan.

  13. Gara Sa'udii kanin deeme maallaqaaf miti - Mendii

    Karri eegaa lammii Seneegaal Eduwaard Mendii isaafi kaan gara Sa’udii kan deeman maallaqa barbaacha yaadni jedhu sirrii miti jedhe.

    Taphataan ganna 33 bara 2023 ture Chelsii gadhiisuun Al-Ahilii kan seene.

    Waancaa Afrikaa kan mo’ate Mendiin kilabiin isaa kuni Chaampiyeens Liigii Eeshiyaa akka mo’atu gargaareera.

    Kunis, taphattoota muraasa Chaampiyeens Liigii Eshiyaafi Awurooppaa injifatan keessaa tokko isa godha.

    Haa ta’u malee, akka taphattoota kaanii maallaqaaf jecha Sa’udii deeme jedhamee qeeqama.

    Gaaffii kana kan gaafatame Mendiin, ‘’Pirojektiin Al-Ahilii gidduutti dhufe akkan qooda guddaa keessaa qabaachuu malu akka natti dhagahamu godhan,’’ jechuun hime.

    Achi imalee waggaa lama booda seenaa kilabichaa keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Chaampiyeens Liigii Eeshiyaa injifachuu hime.

    Namoonni jarjaranii maallaqaaf gara Sa’udii akkan deeme dubbatu malee waancaafin imale jedhe.

  14. Tiraamp Ameerikaan torbee dhufu Iraan waliin marii nukilaraa ni gaggeessiti jedhe

    Pirezidaantiin U.S. Doonaald Traamp torban dhufu Iraan waliin marii dhimma nukilaraa irratti mariiyachuuf akka jiru Roohitarsi gabaaseera.

    Tiraamp haleellaa bu’a qabeessa jedhe Dilbata darbe buufata nukilaraa Iraan irratti haleellaa boombii gaggeessuun balleessuu isaanii dubbachuun boodadha.

    Tiraamp Roobii walgahii NATO Ze Heeg keessatti gaggeefamerratti wayita hirmaate haasawa taasiseen, Iraan ammas meeshaa nukilaaraa gabbisuurratti bobbaatee arguu hin barbaadu jedhe.

    Tehraan waggoota kurnan lamaan darbaniif himannaa hoggantoonni biyyoota Lixaa meeshaa nukilaraa gabbifataa jirti jechuun dhiyeessan haalaa turte.

    “Torban dhufu isaan waliin haasofna, Iraan waliin. Waliigaltee mallatteessuu dandeenya.”

  15. Barsiisonni suuraa qullaa barattoota dubaraa agarsiisu kaasan adabaman

    Poolisiin Jaappaan barsiisota mana barumsaa sadarakaa tokkoffaa lama naamusaan ala qullaa ijoollee dubaraa suuraa kaasuun garee onlaayinii irratti barsiisota kaan wajjin qoodan to'annoo jala oolche.

    Barsiisonni dhiiraa lamaan nama ganna 42 fi nama ganna 37 yoo tahan suuraafi viidiyoo ijoollee ganna 13 gadi kaasuu amananiiru.

    Suuraawwan kunneen keessaa suuraan qoloo isaaniirraan gonofee isaanii agarsiisu garee barsiisonni kunneen banan irratti qoodameera.

    Jaappaan haleellaan saalaa jabaachaa dhufnaan suuraa akkanaa kaasuufi dhoksaatti viidiyoo gochaa saal-quunnamtii waraabuun seeraan dhorkiteetti.

    Suuraan kuni namni yakka wal-qabataa raawwate jedhame yeroo sakatta'amutti garee onlaayinii inni keessa ture keessatti argame.

    Namoonni yakka kanaan himataman yeenii Jaappaan miiliyoona sadii ($20,800) fi hidhaa waaggaa sadiin adabamau.

    Seerri fooyya'aan Jaappaan ijoolleen yeroon itti saal-quunnamtiif eeyyama kennan waggaa 13 isa ture gara 16 guddiseera.

  16. Mariisiftoonni tattaaffi dhukaasa dhaabuu jabeessaniiru - Qondaala Hamaas

    Qondaalli Hamaasa olaanaan marsiiftoonni dhukaasni akka dhaabbatuufi namoonni butaman akka gadhiifaman tattaaffii jabeessanii jiru garuu Israa'el wajjin ammatti waan geeddarame hin jiru jedhan.

    Ergamaan addaa Baha Gidduugalaa Ameerikaa, Israa'eliifi Hamaas gidduu waliigalteen raawwatamuuf ''baayyee dhiyaateera,''jechuun itti himuu Tiraamp dubbatan.

    Roobii kaleessaa Israa'el haleellaa Gaazaa guutummaatti raawwatteen lammiileen Filisxeem 45 ajjeefamuu ministeerrii fayyaa Hamaasiin hogganamu yoo himu isaan keessaa gariin yaalii argataa turan jedhan.

    Waraanni Israa'el gama biraan loltoonni torba haleellaa boombiin jalaa ajjeefamuu himeera, Hamaas gochaa kana raawwachuu Kibxata darbee himee ture.

    Tiraamp, waliigalteen dhukaasa dhaabuu baayyee dhihoo akka jiru, ergamaan addaa isaanii itti himuu dubbatu.

    ''Oduu aagaa ni qabaanna. Istiivitti haasa'aan ture waan Gaazaa dhiyaachaa jira jedheera'' jedhan.

    Tiraamp kana dubbachuun booda qondaalli Hamaas ''qaamolee waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti hojjetan quunnamaan ture,'' jechuun ibsan.

    Tahus gareen hidhataa kuni ''yaadni haaraa waliigaltee kana ilaallatu nuun geenye,'' jedheera.

    Qondaalli Israa'el immoo gaazexaa Heertiz jedhamu marii isaanii irratti waan geeddarame akka hin jirreefi wal-dhabdeen otoo hin furamiin aaka jiru himan.

  17. Iraan to'attoota nukilaaraa akka deebi'an hayyamuu qabdi -Maakroon

    Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon, Ejensiin Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) ergama isaa Iraan keessaatti akka deebi'ee eegaluuf hayyamamuun hatattamaan ta'uu akka qabu dubbatan.

    Maakroon X irratti maxxansuun, Faransaay ejensiin IAEA dhaabbata ''nageenya nikulaaraatiif murteessaadha'' jechuun akka waliin cimsanii dhaabbatan ta'uus himaniiru.

    Jalqaba baatii kanaarratti ammoo, IAEAn Iraan ''walta'insa waliigalaa dhabuun'' qeequun, Yuuraaniyeemii qulqullina %60 ta'e gabbiisaa jiraachuu, kun ammoo sadarkaa meeshaa waraanaa ittiin omishuutti dhihoo kan ta'e fi boombii nukilaaraa sagal hojjechuuf akka qabdu ibseera.

  18. Tamsaasa kallattiin deebiineerra!

    Ashammaa hordoftoonni BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa kallattii ittiin oduu isin biraan genyu kunoo amma eegalleerra.

    Oduu keenya barreeffamaan argachuuf marsariitii keenya, akkasumas Chaanaalii WhatsApp, ykn Facebook keenya akkasumas ammoo karaa viidiyootiin ammoo YouTube keenya milladhaa.

    Bakka nagaa oolaa!