Tiraamp miidiyaa hawaasaasaa isaarratti maxxansuun deebii haleellaa Iraan kenniteen ''baay'ee laafaa'' ta'uu dubbate. "Dursanii nu beeksisuusaaniiru" jechuun ammoo galateeffate.
"Iraan Dhaabbilee Nukilaaraa isaanii balleessuu keenyaaf deebii baay'ee laafaa ta'een ifatti deebii kennitee jirti, kanas nuti eegnee turre, haala baay'ee bu'a qabeessa ta'een dhura dhaabbanneera," jedhe pirezidantiin Ameerikaa 'Truth Social' irratti.
Iraan misaa'eloota 14 dhukaafte kan jedhan yoo ta'u, isaan keessaa 13 ''kuffisaniiru'', kan biraa ammoo gara ''kallattii yaaddeessaa hin taanetti" akka qajeelfame dubbate.
Lammiileen Ameerikaa kamiyyuu miidhaan irra hin geenye, "miidhaan omaa qaqqabe jechuun hin danda'amu" jedhe. Lammiin Qaataar tokkollee hin ajjeefamne, ykn kan madaa'es hin jiru jedhe Tiraamp.
"Hunda caalaa ammoo 'sirna' isaanii keessaa hunda fixataniiru, kana booda JIBBI akka hin jirre abdii guddaan qaba. Iraan dursitee akeekkachiisa waan nuuf kenniteef galateeffachuu nbarbaada," jedhe.
"Tarii Iraan amma gara nageenyaa fi waldanda'uu naannichaatti ce'uu dandeessi, Israelis akkasuma akka gootuuf dhimmeen jajjabeessa," jedhe.
Akkasumas itti dabaluudhan, ''Addunyaan baga gammadde, yeroon amma kan nagaati'' jedhe Tiraamp.
Tiraamp ergaa lammaffaa fi sadaffaa walduraa duubaan fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti maxxanseen , Amiirii QaaTaar "Naannichaaf nageenya buusuu keessatti waan hojjete hundaaf" galateeffataniiru.
Barreeffama isaa duraatiin ammoo, haleellaa Iraan kanaan lammiileen Ameerikaa tokkollee akka hin miidhamne kan dubbate yoo ta'u, amma ammoo lammiileen Qaataar tokkollee akka hin ajjeefamne ykn kan madaa'an akka hin jirre dabaluun ibse.
"ADDUNYAA BAGA GAMMADDEE, YEROON NAGAA GAHE!", jechuun pirezidaantiin Ameerikaa barreeffama isaa sadaffaan ergaa dabarseera.