Iraan osoo nukilarri ishee hin barbaadoofne ta'ee waliigaltee hin fudhattu -Tiramp
Traamp irra deddeebiin haleellaan Ameerikaan buufataalee nukilaraa Iraan irratti raawwatte ''haleellaa hamaa ture'' jechuun ''hanga isaan waan godhan wallaalaniitti kan isaan godhedha” jechuun ibse.
Osoo meeshaaleen waraanaa nukilaraa gabbbisaa jiran hin barbadoofne ta'ee mootummaan Iraan "amanee waliigaltee dhukaasa dhaabuu hin fudhatu ture,” jedhe.
Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoon gabaasa basaasaa miliqe bahe jedhame mormeera.
Nama miliqsee baase tokko jedhanirratti hundaa’uun “akka intelejensiin jedhutti jedhee sitti hima”, kun ammoo qaamuma tapha namoonni kunneen taphatanidha” jechuun busheesse.
Ruubiyoon itti dabaluun, "bakki jijjiirraa" boombii nukilaraa hojjechuuf barbaachisu baafamee kana booda mul'achuu akka hin dandeenye dubbata. Bakki kun eessa akka ture hin ibsine.
''Wanti gaara sana jala jiru hundi haala hamaa keessa jira,'' jechuun Iraan sagantaa nukilaraa torban tokko duraa qabdi ture caalaa ''baay'ee duubatti deebiteetti'' jedha.