Aanaa Xuullootti Cuuphaarratti balaan tiraafikaa mudateen namoonni shan du’an
Harargee Lixaa, Aanaa Xuullootti balaa konkolaataa namoota ayyaana Cuuphaa kabajaa jiran irra gahe lubbuu namoota shanii galaafate.
Itti gaafatamaan qajeelcha Tiraafikaa Godina Haraargee Lixaa Inspeektar Taammiraat Isheetuu BBC'tti akka himanitti, balaan kun Dilbata guyyaarra kan qaqqabe.
“Godina Harargee Lixaa aanaa Xuulloo Magaala Xiqqoo Dabbasoo jedhamtutti, namoota osoo Ayyaana Cuuphaa kabajaa jiranii konkolaataan siinootiraakii jedhamufi simintoo fe’e ture uummatarra bahe.
''Battaala sanaanis namoota shantu du’e, namoonni lama ammoo miidhaa cimaa, nama tokkorra miidhaa salphaan qaqqabeera” jedhan.
Namoonni miidhaan irra gahes Hospitaala Cirootti yaala argachaa akka jiraniifi ka’umsa balaa kanaas poolisiin qorachaa jiraachuu himan.