Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

US haleellaan qiyyeeffannaawwan Iraaniin hidhata qabanii deebii 'jalqabaati' jette

Gorsaan nageenya Biyyaaleessaa US, Jaak Sulivaan haleellaan diroonii Jordaan keessatiif US tarkaanfiiwwan dabalataa ni fudhatti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Aanaa Xuullootti Cuuphaarratti balaan tiraafikaa mudateen namoonni shan du’an

    Harargee Lixaa, Aanaa Xuullootti balaa konkolaataa namoota ayyaana Cuuphaa kabajaa jiran irra gahe lubbuu namoota shanii galaafate.

    Itti gaafatamaan qajeelcha Tiraafikaa Godina Haraargee Lixaa Inspeektar Taammiraat Isheetuu BBC'tti akka himanitti, balaan kun Dilbata guyyaarra kan qaqqabe.

    “Godina Harargee Lixaa aanaa Xuulloo Magaala Xiqqoo Dabbasoo jedhamtutti, namoota osoo Ayyaana Cuuphaa kabajaa jiranii konkolaataan siinootiraakii jedhamufi simintoo fe’e ture uummatarra bahe.

    ''Battaala sanaanis namoota shantu du’e, namoonni lama ammoo miidhaa cimaa, nama tokkorra miidhaa salphaan qaqqabeera” jedhan.

    Namoonni miidhaan irra gahes Hospitaala Cirootti yaala argachaa akka jiraniifi ka’umsa balaa kanaas poolisiin qorachaa jiraachuu himan.

  2. Dooniiwwan waraanaa Royaal UK lama qarqara galaanaa Baahireeniitti walitti bu'an

    Dooniiwwan waraanaa UK lama erga buufata Baahireeniitti walitti bu'anii booda qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Humni Galaanaa Royaal beeksiise.

    Waraabbiin viidiyoo miidiyaalee hawaasaa gubbaatti bal'inaan qodaman akka mul'isanitti, qarqara galaana buufata Jidduugala Bahaa keessatti dooniin HMS Chiddingfold gara HMS Bangor'tti garagalte agarsiisu.

    Ministeerri Raayyaa Ittisaa akka jedhetti, balaa kanaan kan miidhaaf saaxilame kan hin jirree yoo ta'u, ta'us taatee kana qorataa bakka jiranitti yaada kennuu ni dide.

    Dooniiwwan lamaan kunneen qaama argama Galoo Galaanaa keessatti UK bakka bu'uun yeroo dheeraaf kan jiraniiti.

    Dooniiwwan kunneen doonii albuuda baasu oggeessa addaa yoo ta'an, kanaaf nageenyi daldalaa karaa bishaanii kan mirkanaa'e ta'uuf gargaaru jedha Humni Galaana Rooyaal.

    ''Waa'ee taatee adamsiitoota albuudaa irra Baahireen cinaatti qaqqabee beekna. Balaa kanaan wal qabatee miidhaan namarra qaqqabe hin jiru. Osoo qorannoorra jirruu gadi fageenya isaarratti yaada kennuun barbaachisaa miti,'' jedhan dubbi-himaan Ministeera Raayyaa Ittisaa BBCn dubbise.

    Kun osoo kanaan jiruu Riil Admiiraal Edwaard Ahligeerii sababiin walitti bu'insa kanaa ''ammalleen adda baafamuu qabaata'' jedhan.

    ''Ummata keenya sadarkaa isa olaanaa jedhamutti leenjiisuun sadarkaalee nageenya maashinarootaa cimsinee hojiirra oolchiina. Garuu ammoo akka tasaatti taateen akka kanaa ammalleen mudachuu ni danda'u,'' jechuun PAtti himan.

  3. Miseensonni humna galaanaa qarqara galaana Somaaliyaatti badan du'an- Humna galaanaa US

    Humni Galaanaa Ameerikaa duula baraarsaafi barbaacha miseensoota isaa halkan Amajjii 11 qarqara galaanaa Somaaliyaatti bakka buuteensaanii dhabame lama, guyyoota 10'f barbacha gaggeessaa tureen argachuu akka hin dandeenye hime.

    Miseensoonni humna galaanaa kunneen wayita bidiruu meeshaa waraanaa qabattee imlaa turte dhaabsisuuf yaalaniitti ture kan bakka buuteensaanii dhabame.

    Isaan keessaa tokko halkan keessa osoo bidiruu yaabbachuuf jedhuu bishaan keessatti kufnaan inni gara biraa ammoo isa baraaruuf jecha utaalee bidshaan keessa bu'e.

    Haata'u malee, lamaan isaanii keessa kan ol deebii'ee hin turre.

    ''Barbaachi dadhabsiisaan miseensoota humna galaanaa US lamaan bakka buuteen isaanii dhabame guyyoota 10'f gaggeeffame argu dadhabuufi sadarkaan isaanii gara du'aatti jijjiramuu wayita ibsinu gaddaan'' jedhe ajajni jidduugala US ibsa Dilbata baaseen.

    Itti dabalunis, ''amma oppareshinii reeffa argachuu gaggeessaa jirra,'' jedhe.

    Barbaacha gaggeeffameen humnootiin Jaappaaniifi Iseen dooniiwwaniifi xiyyaarootatti fayyadamuun Galoo Galaana Aden keessatti lafa iskuwer km 54,380 ol hagugee keessa barbaaduun gargaaranii ture.

    Miseensoonni amma baduunsaanii himamee kunneen qaama kutaa humna galaanaa daddabarsa meeshaalee waraanaafi meshaalee seeraan alaa gara biraa qaxanicha keessatti to'ataniiti.

  4. Poolisiin obboolaa shanan butamanii turan gadhiisiise

    Poolisiin Naayijeeriyaa obboolaa shan mana jireenyaasaanii magaalaa guddoo biyyattii, Abujaa, keessaa hidhattootaan butamanii turan haala milkaa’een gadhiisisuun gabaafame.

    Shamarran kunneen oppareeshiinii waloo poolisiifi waraanni biyyattii bosona Kaaba Naayijeeriyaatti argamu keessatti halkan Sambataa gaggeeseen baraaraman.

    Obboolaan amma gadiifaman shananis obboleettii isaanii kan biraa ajjeeffamte waliin jalqaba baatii Amajjiitti mana jireenyaasaanii keessaa butaman.

    Qaamooleen isaan butanis gadhiisuudhaaf maallaqni guddaan akka kaffalamuuf kan gaafatan yoo ta’u, isaan amma gadi lakkiifamuun kanarratti wanti gaafatame kaffalamuu ilaalchisee omaa hin jedhamne.

    Poolisiin biyyattiis shamarran kunneen oppareshinii Bosona Kaajuruu kan bulchiinsa Kaaduunaatti argamu keessattti gaggeefffameen booda maatii isaanii waliin walitti makamuu hime.

    Obboolaan Jahan kan umuriinsaanii wagga 23 kaasee jiruu abbaasaanii Obbo Maansuur Al-Kaadriyaar waliin Amajjii 2, 2024 mana jireenyaasaanii keessaa butamuun fudhataman.

    Namoonni ijaan argan akka himaniitti, eessuumnisaanii wayita sanatti gargaarsa barbaacha fiigaa ture itti dhukaafamuu qondaaltoota poolisii sadii faana ajjeeffaman.

    Qaamooleen maatii kana butanis abbaa shamarranii akka galee maallaqa guddaa walitti qabee kaffaluuf kan gadi lakkiisan yoo ta’u, shamarree umuriin wagga 21 fi barattuu yunivarsitii wagga dhumaa Naabeehaan, akka akeekkachiisaatti ajeeffamuu, miseensi maatii BBCtti dubbatan ibsan.

    Naayijeeriyaatti namoota ykn garee butanii maallaqa guddaa gaafachuun taatee biyyattii keessatti baramaa dhufeedha.

  5. Keeniyaan ollootasheen wal dhabaa hin jirtu- Ministira Dhimma Alaa

    Ministirri Dhimma Alaa Keeniyaa, Musaalitaa Mudaavaad walitti dhufeenyi biyyattiin ollaashee waliin qabdu gadi bu'aa dhufeera gabaasa jedhuu haalan.

    Wal dhabdee dhiheenya turan hedduun karaa dippilomaasiin furamuu himan.

    Keeniyaan Yugaandaa waliin wal dhabdee raabsaa boba'aan walqabatu kan kan qabdu yoo ta'u, wal dhabdee imala qilleensaa Taanzaaniyaa waliinii reefuu torbee darbe furte.

    Jalqaba torbee kanaatti ammoo Sudaan erga Keeniyaan dursaa Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF), Mohaammad Daagaaloo, kan waraana biyyattii waliin wal waraanaa jiru, keessumeessiteen booda Ambaasaadara ishee Naayiroobii waamte.

    Muddee keessa, akkasumas Rippablik Dimokiraatawa Koongoos, erga finciltoonni Koongoo magaalaa Keeniyaa guddoo Naayiroobiitti gamtaa haaraa hundeessanii booda amabaasadara ishee Keeniyaadhaa waamte.

    Mudaavaad haasaa Dilbata taasisaniin, Keeniyaan qaxanichatti nagaa buusuuf fuulduratti tarkaafataa jirti jedhan.

    ''Obboolootakoo miidiyaa, Keeniyaan ollaashee kamuu waliin wal dhabaa hin jirtu'' jedhan itti dabalu.

  6. 'Warri michuu Somaaliyaa fakkaatan, diinumma Itoophiyaaf qaban irraati'- Redwaan Huseen

  7. Miseensoonni waraana US Iraaq keessatti haleellaa misaa'eliin miidhaman

    Haleellaa miisaa'elii lixa Iraaqitti buufata humna qilleensa US irratti raawwatameen miseensoota waraanaa hedduurra miidhaan qaqabe.

    Ajajaan Jidduugala Waraanaa US akka jedheetti, milishoonni Iraaniin deeggaraman buufata hunma qilleensaa Al-Asaad bakka loltoonni Ameerikaa qubbataniirratti misaa'eloota baalistiikiifi rookkeettiin Sambata galgala haleellaa raawwatan.

    Loltoota Ameerikaa lakkoofsi isaanii adda hin baaneef ''miidhaa sammuu irra qaqqabee irraa akka bayyanatan taasifamaa jiru.''

    Akkasumas, yoo xinnaate haleellaa kanaan loltuun Iraaq tokko irratti miidha qaqqabeera.

    Haleellaa buufata waraanaa kanarratti raawwatames garee ofiisaanii Warraaqsa Diddaa Islaamummaa (Islamic Resistance) kan Iraaq keessaatiin ta'u himan.

    Akka Insititiyuutii Waashinigtaniitti bu'ureeffate, Near East Policy jedhamuutti, gareen kunis dhuma 2023 keessa as bahuufi kan gareewwan hidhattootaa Iraaq keessa socha'an hedduu hammatedha.

    Torbanoota dhiheenya keessas humnoota US irratti haleellaa raawwachuu hime ture. Yeroo dhiyoon asittis buufanni Al-Asaad kun irra dedeebiin haleellaan irratti raawwatamaa jira.

    Waraanni US ammoo misaa'eloonni Sambata darbe dhukaafaman irra caalaan fashaleeffamuufi garuu muraasni ittissa qilleensaa keessa qaari'uun buufatucha haleelluu himuun, miidhaan qaqabe hangam akka ta'e qoratamaa jiraachu dabaluun ibse.

    Erga waraanni Israa'el-Gaazaa Onkololessa darbe eegalee kaasee haleellaawwan buufataalee waraanaa Ameerikaa irratti walitti fufiinsaan Iraaqiifi Siiriyaa keessatti kanneen Iraan waliin hidhata qabaniin raawwataman keessaa kun kan dhiheenyaati.

  8. Itoophiyaatti barattoonni ‘KG’ fi afaan Ingilizii maaliif adda bahan?

  9. Israa'el erga Gaazaatti haleellaa jalqabdee namoonni 25,000 ajjeeffaman

    Israa'el Gaazaatti haleellaa raawwachuu erga eegaltee kaasee namoonni 25,000 ajjeeffamusaanii ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin durfamu beeksiise.

    Akkasumas, sa'aatii 24 darbe keessatti qofaa namoonni 178 ajjeeffamuu kaasun, kunis erga waraanichi eegale guyyaatti namoonni hedduunkan itti ajjeeffameedha jedhe ministeerichi.

    Waraanni bakka itti fufee jiru kanatti, Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun bulchiinsa Filisxeemootaa hundeessuu irra deebiin didan.

    Waayiti Hawuus akka jedheetti, karaa bulchiinsa biyya lamaa (kan Israa'eliifi Filisxeem) hundeessuun furmaata barbaadu ilaallatuun Ameerikaafi Israa'el ''isatti dhimmoota haala addaatiin ilaalaa jiru.''

    Israa'el haleellaa Hamaas Onkololeessa 7, 2023 kibba biyyattiirratti raawwachuun namoota 1,200 ajjeessee kanneen 240 caalaan butee fuddhate hordofuun haleellaa raawwachuu eegalte.

    Yeroo ammaa kanas, hunmi qilleensaa fi waraanni lafoo Israa'el kibba Gaazaa lafa ajajoonni Hamaas gurgoddoonni lafa jala keessatti argamu jedhanii amanan, magaalaa Hahaan Yuunis irratti xiyyeeffataniiru.

    Kunis bakka Waraanni Israa'el ulaa lafa jalaa kan dheerina km 830 qabuu fi kan kiyyoowwaniifi karra dhoohan qaban gara biraa argachuu beeksiise.

  10. Odeeffannoo kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Akkam jirtu? Odeeffannoo kallattiin dhimmoota biyya keessaa, ollaa, Baha Giddu-galeessaafi guutummaa addunyaarraa akkuma ta'een isini biraan geenyu jalqabneerra.

    Toora tamsaasa keenya kallattii kanaan dura dabarsaa turres kanaan argattu.

    Dhiyaadhaa!