Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

US haleellaan qiyyeeffannaawwan Iraaniin hidhata qabanii deebii 'jalqabaati' jette

Gorsaan nageenya Biyyaaleessaa US, Jaak Sulivaan haleellaan diroonii Jordaan keessatiif US tarkaanfiiwwan dabalataa ni fudhatti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Maalaawiitti hafaa diimaan pirezidantii hatame argamu poolisiin biyyattii beeksiise

    Poolisiin Maalaawii hafaa diimaa pirezidantummaa magaala kibba biyyattii Mwaanzaa kan dhiheenya daangaa Mozaambikiitti argamutti hatame deebisiise.

    Hafaan kunis wayita meeshaaleen gara magaalatiitti, kan pirezidantiin biyyattii Laazaaras Chaakweeraa Jimaata har'aa haasaa ummataaf itti akka taasisan eegamaniitti osoo geeffamaa jiruutti halkan Roobii dunkaana waliin hatame.

    Taatee kanaan wal qabates dhiiroonni lama to'atamusaanii dubbii himaan poolisii Piitar Kaalaayaan ibsan.

    Shakkamtoonni lamaan kunneenis meeshaalee kanneen osoo konkolaataan daandii Zaalewaadhaa gara Mwaanzaa geessuu irra imalaa jiruu konkolaataa Ministeera Geejjibaafi Hoojiiwwan Ummataa irraa akka hatan shakama.

    Pirezdinatiin biyyattii ijaarsa istaadiyeemii guddaa fi manneen poolisii magaalicha keessatti ijaaraman ilaaluudhaaf gara sana akka imalan eegamaa jiru.

    Taateen kunis erga namoonni hin beekamne waajjira Pirezidantii ittaanaa Saa'uloos Chiiliimaa, magaalaa guddoo biyyattii, Liloongweetti cabsanii seenuudhaan meeshaa hataniin guyyoota muraasaan booda kan mudateedha.

  2. Keenet Yuujiin Ismiiz: US'tti nama jalqabaa adabbiin du'aa itti murtaa'e gaazii naayitiroojiiniin ajjeefame

  3. Horsiise bultoonni Baha Afriikaa Finfinneetti walgahan

    Horsiise bultoonni Baha Afriikaa kabaja guyyaa isaaniitii fi agarsiisaaf Finfinneetti walgahan.

    Guyyaa fi Agarsiisni Horsiise Bultoota Baha Afriikaa hanga Guraandhala 1, 2024tti turu har'a magaala Finfinneetti eegalame.

    Agarsiisa Galma Barkumeetti kanas Ministeera Jallisiifii Gammoojjiwwanii Itoophiyaa fi IGAD’tu waliin ta’uun qopheesse. Agarsiisni kun aadaa, dandamannaa fi misooma itti fufaa horsiise bultootaa kabajuuf kan qophaa’edha.

    Haaluma kanaan horsiise bultoonni naannoleefii biyyoota garagaraarraa dhufan wantoota jiruufi jireenya isaanii mul’isan agarsiisaaf dhiyeessaniiru.

    Kana malees, kalaqawwan tekinoloojii, oomishaaleen horsiise bultootaa, carraawwan investimantiifi misoomaa akkasumas zooniiwwan indaastirii agarsiisaaf dhiyaataniiru.

    Guyyoota itti aananittis mariiwwan paanaalii bakka bu’oonni hawaasaa, eksipartoonnifi dhimmamtoonni biroon irratti hirmaatan ni adeemsifamu jedhamee eegama.

    Mariiwwan paanaalii kunis qormaatawwanfi carraawwan horsiise bultoonni qaban akkasumas akkamiin jiruusaanii ceesisuun akka danda’amurratti kan xiyyeeffatanidha.

  4. Kaataar jecha qeequmsa Netaniyaahun 'nahuu' ibsite

    Kaataar yaada Ministirri Mummee israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun, gaheen jaarsummaa Kaataar waraana Gaazaa keessatti bahaa jirtu kan ''rakkoo qabuudha'' jechuun kennaniitti nahuu dubbatte.

    TVn Israa'el MM Netaanyaahuun wayita maatiin firoonni jalaa Hamaasiin butamaniin, ''Kaataar yoo galateeffadhu hin dhageessan'' yoo jedhan kan waraabame tamsaaseera.

    Itti dabaluudhaanis, ''Dandeettii qabu... sababii maallaqaan Hamaas deeggaraniifu'' jedhan.

    Kaataar yoo jechi kun dhugaa ta'e, baayyee kan nama ''ajaa'ibsiisu'' ta'uu baatuulleen garuu kan ''itti gaafatamummaan hanqateedha'' jette.

    Biyyi galoo Galaanaa xiqqoon erga baroota 1990 kaasee Israa'el waliin waliitti dhufeenya olaanaa qabdi. Garuu gonkumaa walitti dhufeenya dippilomaasii idilee uummatanii hin beekan.

    Kaataar dhimma Filisxeemootaa yeroo dheeraaf kaasuun dureewwan siyaasaa gara Hamaas kan Israa'el, UK, US fi biyyoota kaaniin akka dhaaba shororkaatti ilaalamuuf dahoo kennaa jirti.

    Akkasumas lammiilee Gaazaa kanneen Israa'el fi Masriidhaan erga bara 2006 yeroo Hamaas filannoo seeraan injifatee kaasee danqamaniif, deeggarsa doolaara miiliyoona dhiibbaa hedduu dhiyeessaa jirti.

    Danqaan tures filannoon booda waggaadhaan wayita Hamaas humnoota Abbaa Taayitaa Filisxeemootaa (PA) dirqiidhaan Gaazaa baasee aangoo qabate ni cime.

    Erga bara 2018 kaasee ammoo, motummaan Israa'el mindaa hojjattoota siiviil kumaatama Gaazaa bakka motummaa Hamaasiin bulfamuu keessaa akka kanfatuuf, maatii iyyeeyyii akka deeggartu fi dhaabbata ibsaa tokkicha daangicha keessatti argamuuf boba'aa akka dhiyeessituuf Kaataariif hayyamte.

    Kaataar garuu deeggarsa taasisaa kan jirtu namoota magaa qofaafi kaayyoo namoomaatiif ta'u himti.

    Imammatichis Israa'el keessatti falmii kan kaasee yoo ta'u, Hamaas akka aangoorra turuu deeggarsaa fi sochiilee waraana ishee deegaraa jirti qeequmsa jedhun akeekkachiifamee ture.

  5. Phaaphaasonni Teessoo Abuna Pheexiroos hundeessuun to’ataman jeequmsa kakaasuun himataman

  6. Dubartiin leenca madaqsuun daandii gubbaatti mul'iste to'annoo jala oolte

    Poolisiin Taayilaand dubartii leenca madaqfattee konkolaataadhaan daandii magaalaa Pattaayaa imalaa turte to'annoo jala oolte.

    Dubartiin kun leenca cancalaan hidhamee kan konkolaataa duuba taa'u viidiyoo agarsiisuufi baay'inaan miidiyaa hawaasaarratti qoodame irratti mul'atte.

    Konkolaatichi lammii Sirii Laankaa hiriyyaa dubartii Sawaanjaatii jedhamtuu kanaa oofaa ture.

    Taayilaand keessatti leenca madaqsuun seeraan ala tahuu batullee, galmaa'uun garuu irra jiraata.

    Qondaaloti Taayilaand dubartiin kun leencicha bittee namni inni itti gurgure gara manasheetti ergaafi akka ture itti himuu dubbatan.

    Tahus adeemsa seeraa barbaachisu keessa waan hin darbiineef daddabarsas tahe bineensa kana dhuunfachuun seeraan ala taasisa.

    Kanaaf dubartiin kuni bineensa bosonaa eeyyama malee dhuunfachuu himatamti jechuu dha, kunis hidhaa waggaa tokkoofi doolaara 2,800 adabsiisa.

    Poolisiin namicha lammii Siriilaankaa konkolaataa leenci keessa ture oofaa tureefi manasaa kaa'aa ture poolisiin baraadamus Taayilaand keessaa akka bahetu dhagahame. Innis bineensa tikfamee qabamuu qabu addabaabaayitti baasuu himatamee, hidhaa ji'a jahaan adabma ture.

    Namni leenca kana Aadde Sawaanjaatii gurgures bineensa eeyyama malee daddabarsuun adabama.

    Akka qondaaloti biyyattii jedhanitti leenci 224 kara seera-qabeessaan dhuunfatamu.

  7. 'Abbootii warraa keenya nuuf deebisaa'- Dubartoota Raashiyaa

  8. Iraaq haleellaa qilleensaa 'ittigaafatamummaa hin qabne' US gareewwan Iraaniin deeggaraman irratti raawwatu balaaleeffatte

    Mootummaan Iraaqi haleellaa qilleensaa US eddoowwan gareewwan Iraaq keessatti Iraaniin deeggaraman irratti qiyyeeffachuun Roobii darbe raawwattee cimsee balaaleeffate.

    Dubbii himaan Ministira Mummee Iraaq, Mohaammad Shiyaa al-Sudaanii, 'ifatti' walabummaa biyya keenyaa sarbitee jirti jedhan.

    Ameerikaan ammoo tarkaanifiin isheen fudhatte kan ''gareewwan Iraaniin hidhata qaban'' irratti xiyyeeffateedha jette.

    Humni Sochii Populaar paaraamilitarii (PMF) ammoo haleellaa US 'gantuu' loltootasaa keessa tokko ajjeesuu hime.

    Humni waraanaa biyyatti kan milishoota Islaamaa Shiyaa Iraaniin deeggaraman keessatti baayyatus, haleellaa US magaalaa daangaa Siiriyaatti argamtu buufata isaanii al-Qaa'im fi Jurf al-Naasr bulchiinsa jidduugala Baabiil irratti raawwatteen loltoonni isaanii hedduun madaa'u hime.

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Llooyiid Austiin, haleellaan dhaabbileen sadeen kanneen milishoota Hezboollaa Kaata'ib fi gareewwan kaan irratti raawwatame ''deebii kallattii haleellaa dubbii barbaachaa walitti fufiinsaan'' US fi humnota idil-addunyaa kaan Iraaqiifi Siiriyaa irratti raawwatameeti jedhan.

    Meejar Janaraal Yehiyaa Raasool, dubbii himaan MM Sudaanii gamasaanitiin, ibsa baasaniin tarkaanfiin Ameerikaa ''kan mudama of eeggannoo maleetiif gumaachuudha'' jedhan.

    Itti dabalunis, Iraaq duulawwan Ameerikaa kan akka gochaa ''ummata biyyasaa keessa jiruurratti dubbii barbaachaa'' ta'eetti akka ilaaltu kaasuun, hawaasni addunyaa akka nagaan akka bu'uuf akka gargaaruuf gaafatan.

  9. Arab Emiretis ajjeechaawwan siyaasaa Yaman keessaa deeggaruushee qorannoon BBC saaxile

  10. Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa Israa'el waraana akka dhaabduuf waamicha dhiyaaterratti murtee dabarsuuf

    Manni murtii haqaa olaanaa UN (ICJ)n Israa'eel waraana Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu akka dhaabduuf tarkaanfii atattamaa labsuu danda'a.

    Dhaddachi Mana Murtii Idil-addunyaa Haqaa Jimaata har'aa taa'u kunis qaama himannaa Afriikaan Kibbaa Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwataa jirti jechuun dhiyeessiteeti.

    Yeroo himannichi eegalee torban lamaan dura biyyoonni lamaanu dhiyaachuun yaada kennaniiru.Israa'el himannicha cimstee balaaleeffattee turte.

    Manni murtichaa murtee Israa'el irratti dabarsu hojiirra oolchuu hin danda'u garuu ammoo dhiibbaa siyaasaa olaanaa qabaata.

    Erga Israa'el Gaazaa keessatti duula gaggeessuu eegaltee asi irra caalaan isaanii daa'immaniifi dubartoota kan ta'en, namoonni 25,000 ol ajjeeffamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa keessaa kan Hamaasiin durfamu hime.

    Waraanni kunis haleellaa Hamaas Onkololeessa 7, 2023 kibba Israa'el keessatti raawwachuun erga namoota irra caalaan nagaa ta'an 1,300 ajjeeseen boodadha.

    Haleellaa Hamaas sanaanis namoonni 250 ol ta'an butamuun Gara gaazaatti fudhatamanii ture.

    Afriikaan Kibbaa kan cimstee Filisxeemoota deeggartu fi Gaazaa keessatti duguggaa sanyii raawwatamaa jiraachu kan amantus, manni murtichaa duula waraanaa Israa'el gaggeessaa jirtu dhaabsiisuu dabalatee tarkaanfiiwwan sagal akka dabarsuuf gaaffatte.

    Israa'el ammoo himannaa duguuggaa sanyi jedhu irratti dheekkamsaan deebii kennuun, Afriikaa Kibbaa dhugaa balleessaa jirti jechuun himatte.

    Ofiishee ittisuudhaaf mirga qabaachuu eeruunis qiyyeeffannaa ishee loltoota Hamaas malee Filisxeemoota nagaa miti jetti.

    Abbootiin seeraa gaaffii Afriikaa Kibbaa dhiyeessan, kan ''baayyee dhugaa faalleesseedha'' fi duguggaan sanyii raawwatamuuf himannaa qabatamaa hin taaneedha jettee akka haqamu gaafatte.

    Abbootiin seeraa 17 kan abbootii seeraa dhaabbataa 15, tokkoon isaa Afriikaa Kibbaa fi tokko Israa'el irraa ta'anis, har'a murtee irra gahu, gaaffii lama deebiisutu irraa eergama:

    • Jalqaba, himannaa Afriikaan Kibbaa Israa'el irratti dhiyeessiteen kan waliigaltee duguuggaa sanyii UN bara 1948tti baaseen keessuummeefamuu danda'u ta'u agarsiisuuf qormaata bu'uuraa guuttee jirti kan jedhudha. Waliigalteen UN kan Israa'eliifi Afriikaan Kibbaa lamaanuu mallatteessan kunis duguuggaan sanyii maal akka ta'e ni ibsa. Sadarkaa himannaa jalqabaa kanaatti dhorkaan jiraachuf carraan gadaanaadha.
    • Lammaffaan, tarkaanfiin waraanaa Israa'el yoo itti fufe Gaazaa keessatti Filisxeemoota irratti miidhaan dandamannaa hin danda'amne qaqqabuu akka danda'uuf yaaddoo amansiisaan jiraa? kan jedhudha.

    Akkasumas abbootiin seeraa gaaffiilee Afriikaa Kibbaa qofaan kan daangeeffaman miti. Paanaalichi Israa'el gochaan ishee kan seera idil-addunyaa waliin wal simu ta'u akka mirkanneessituu fi dhiyeessii nyaataa, bishaaniifi qorichaa danqaan homaa akka hin raawwanne akka mirkanneessituuf ajajuu danda'a.

  11. Ashamaa odeessaalee keenya kallattii eegalleerra

    Hordoftoota BBC Afaan Oromoo odeessaalee ijoo addunyaa mara irraa kallattiin isin biraan geenyu kunoo amma eegalleera.

    Jala buutanii yoo nu hordoftan odeessaalee waqtaawaa biyya keessaafi addunyaa mara irraa ni argattu.

    Olmaa gaarii qabaadhaa.

  12. Saa'udiin waggaa 70 keessatti yeroo jalqabaaf suuqii alkoolii banuufi

  13. Buqqaatonni Tigiraay qe’eetti deebi'uu fi gargaarsa atattamaa gaafachuuf hiriira bahan

  14. Ministirri Ugaandaa namoonni beelaan du'an 'gowwoota' jedhan

    Ministirri Ugaandaa namoonni biyyattiitti beelaan lubbuun darbe "gowwaa ykn raatuudha" jechuu hordofee qeeqamaa jiru.

    Bara 2022 keessa biyyattii gama kaaba-bahaan namoonni 2,200 ol beelaafi dhukkuboota walqabatee dhufuun lubbuun isaanii dabruu qaamni mirga namoomaa biyyattii hime.

    Aabba Henrii Okeeloo Oriyam, haala qilleensaa mijataa fi dachee badhaaterra namoonni jiraatan, nyaata ofiisaanii oomishuu qabu jedhu.

    "Ugaandaatti namni beelaan du'u gowwaadha - raatuu isa dhugaati," jedhan qondaalli ministeera hajaa alaa biyyattii.

    "Yoo jabaattee hojjette, Ugaandaa keessa lafti jira. Jijjiiramni qilleensaa jiraatus, mijataadha. Jabaattee dafqitee qonnaan... akkamiin nyaata dhabuu dandeessa?"

    Dubbiin ministir deetaa kanaa lammiilee biratti dallansuu uume.

    Bakka bu'aan bulchiinsa Chekwii bakka rakkoo kanaan miidhamtee Moses Aleper BBCtti akka himanitti, ilaalchi Aabba Oriyem sirrii miti jedhan. Dabaluunis qondaala haalli biyyattii keessa adeemu hubatanirraa wanta akkanaa dhagahuun nama gaddisiisa jedhan.

  15. Qondaalli Ispoortii Ispeen dursituu garee kubbaa miilaa biyyattii dhungate seeraan akka himatamu yaadni dhiyaate

    Pirezedantiin federeeshinii kubbaa miilaa duraanii Ispeen Waancaa Addunyaarratti taphattu dhungate akka himatamu abbaan murtii yaada dhiyeesse.

    Abbaan murtii Ispeen Pirezedantiin federeeshinii kubbaa miilaa duraanii Ispeen Luyis Rubiyaales, dursituu(captain) garee Ispeen Jeenii Hermosoo Waancaa kubbaa miilaa dubartoota addunyaarratti dhungachuu isaatiif seeraan himatamuu akka qabu yaada dhiyeesse.

    Rubiyaales mataa Hermosoo ofitti qabeetu dhungate, kunis gareen dubartootaa Ispeen garee Awustiraaliyaa erga injifatee booda ture.

    Dhaddacha Maadiriiditti dhagahamerratti abbaan murtii ‘’dhungoon sun eeyyama malee kan raawwatame, kaka’umsa haala ajaa’ibaan addatti raawwatame’’ jechuu isaanii Rooyitars gabaase.

    Abbaan alangaa Obbo Rubiyaales qoccolaa saalaa dirqiisiise raawwate jechuun himatee ture.

  16. Gaanaan namoota fonqolcha mootummaa raawwachuuf shira xaxan jette du’a itti murte

    Lammileen Gaanaa jaha yaalii fonqolcha mootummaarratti waggaa sadan dura hirmaataniiru jedhaman fannifamanii akka du’aan adabamanitu itti murame.

    Namoota jahan kana keessaa sadii loltoota ta’uun isaanii ibsameera.

    Erga bara 1966 Ganaan kolonummaa jalaa erga baatee booda Kuwaamee Nikirumaan aangoorra fonqolchamee asitti murtoon biyya ganuu kun kan jalqabaati.

    Namoonni murtoon du’aa kun irratti murame bara 2021 magaalaa guddoo biyyattii Akiraatti meeshaalee waraanaatiin otoo shaakala gaggeessanii qabamanii, mootummaa fonqolchuun himataman.

  17. Humni waraanaa Somaaliyaa giddu gala biyyattiitti hidhattoota al-Shabaab 25 ajjeesuu ibse

    Waraanni Somaaliyaa kun buufata raadiyoo Andalus jedhamu, kan al-Shabaabiin hoogganamuu fi iddoo gareen kun boombii dhousuuf itti fayyadamu irratti xiyyeeffachuun haleeluu hime.

    Jiraattonni naannoo haala ture argan sagalee dhohiinsa gurguddaa sadi dhagahuu fi garuu bakka dhohiinsi itti raawwate deemanii nama miidhame adda baasuu akka hin dandeenye BBCtti himan.

    Taateen kun erga al-Shabaab bakka Giddugala Somaaliyaa naannawa Muduug jedhamu keessatti argamtu Aad keessatti haleellaa raawwataniiti kan mudate.

    Haleellaa kanaan loltoota biyyattii 190 caalan ajjeesuu himata gareen al-Shabaab.

    Garuu mootummaa fi miidiyaan biyyattiis akka ibsanitti, haleellaan kun haala salphaan qolatameera.

    Pirezidant Hasan Sheek Mohaammuud ji'oota keessatti garee kana balleessina waadaa jedhu seenuun al-Shabaab irratti duula haleellaa kan eegalan bara darbe ture.

    Torbee darbe, kora jaarmiyaa qaxanaa Baha Afrikaa- IGAD irratti, waliigalteen Itoophiyaa fi Somaalilaand duula isaan al-Shabaab irratti gaggeessan akka jalaa gufachiise dubbatan Pirezidant Hasan Sheek Mohaammuud.

    Waliigalteen Amajjii 1, 2024 raawwate kun Itoophiyaan akka ulaa galaanaa argattuuf carraa bana. Itoophiyaan ammoo qooda daandii qilleensaa ishee Somaalilaandiif kennuu akka dandeessu ibsite.

    Somaalilaand garuu Itoophiyaan beekamtii biyyummaa ''naaf laatti'' abdii jedhus qabdi.

  18. Keeniyaan albuuda gati-jabeessa koltaan jedhamu argatte

    Keeniyaan kuufama albuuda gati-jabeessaa koltaan jedhamu argachuu ministeerri albuudaa beeksise.

    Albuudni baay'inaan hin argamne kuni baatirii konkolaataa elektiriikii, bilbila mobaayiliifi meeshaalee elektirooniksii biroo oomishuuf fayyada.

    Riippaabliikin Demookiraatawaa Kongoo kuufama albuuda kooltaan addunyaa harka 70 tahu qabdi, kunis baha biyyattiitti waggoota kurna baayyeef madda hokkoraa tahee jira.

    Kuufamni koltaan haaraa Keeniyaatti argame jedhamu kuni hangam bal'aa akka tahe waan ibsame hin jiru.

    Qondaaloti ministeera albuudaa Keeniyaa kuufamni albuudotaa gatii-jabeessa akka jiru kana dura ciicachiisaa turan, Roobii kaleessaa garuu Ministarri Albuudaa biyyattii Saaliim Imvuuraayaa ''amma ifatti kuufama albuuda koltaan akka qabnu beekameera,'' jedhan.

    Kuufamni albuuda kanaa bulchiinsota biyyattii ja'a keessatti kan argame tahus gatiin isaanii garuu hin tilmaamamne.

    Ministarichi, ''hojii lafarra jiru garee ogeessotaaf dhiisnee, amma diinagdee keenyaaf gatiinni baasuu danda'u qorachuu qabna,'' jedhan.

    Jiraattonni Embuu baha Keeniyaa kan albuudichi keessatti argame keessaa tokko lafa isaanii of harkaa akka hin baafane gaafatamniiru.

    Gatiin koltaan tokkoo hamma qabiyyee taantaalam jedhamu of keessaa qabuun kan murtaa'u yoo tahu, kiloogiraamiin tokko doolaara 48 baasuu danda'a jedha gabaasni Foobis.

    Xiinxaltoonni akka jedhanitti, DR Koongootti milishooti naannoo bahaa bakka albuudni kuni jiru qabachuu waan barbaadaniif sababa walitti bu'insaa taheera, kana malees fedhiin gabaa albuudichaa akkaan guddateera.

    Ruwaandaafi DR Kongoo qofaatu akka addunyaatti albuuda kooltaan jedhamu kana gabaaf dhiyeessa.

  19. Xiyyaarri Ministira dhimma alaa Jarmanii akka daangaa qilleensa Ertiraa keessa hin dabarre dhorkame

  20. Himatamaan Ameerikaa nama addabbii du'aa naayitirojiin raawwatamuu kan jalqabaa ta'uuf

    Sirreeffamaan Ameerikaa mana murtii Alaanaamaatti murteen du'aa itti murtaa'e kun ol iyyannoon dhiyeeffate fudhatama waan dhabeef, lammii Ameerikaa gaazii naayitiroojiin ajjeeffamu kan jalqabaa ta'uuf daqiiqawwan muraasatu isa hafa.

    Himatamaan maqaansaa Keeneet Yujiin Isimiiz jedhamuufi dhimmisaa mana murtii waliigala biyyattiifi mana murtii ijibbaataatti ilaalamaa ture kunis addabbii gara jabinaa fi haala hin baramneetiin raawwatamu kana dhiisuuf hayyamamoo hin taane.

    Ajjeechaan kunis daqiiqawwan 15 naayitiroojiiniin gara qaama adabamaa akka seenu taasifamuu kan raawwatamudha.

    Gaheesse umuriinsaa waggaa 58 kan ta'e Isimiiz bara 1989tti tue haadha warraa lallaabaa kan turte dubartii Elsaabeet Seeneet jedhamtu ajjeessuun yakkaan kan himatame.

    Duutii himatamaa kanas har'a akka raawwatamu eegamaa jira.

    Akka odeeffannoo Wiirtuu Addabbii Du'aa irraa argameetti, Isimiiz US'tti qofa osoo hin taane addunyaa mara irratti nama haala akkanaatiin ajjeeffamu kan jalqabaa ta'a.

    Bara 1996 irraa kaasee abbookaatoowwan murtee namoota duuti itti murtaa'ee, sa'aatii dhumaarratti ol iyyannoo mana murtii olanaa biyyattiitti dhiyeeffachaa akka ta'e BBCtti himeera.

    Ismiiz jalqaba torban kanaarratti barreeffamaa deebii BBC'f kenneen carraa isaa eeggachuun 'darara' itti ta'eera.