Loltootni Raashiyaa hidhattoota loluuf Burkina Faasootti bobba'uu danda'u - Pirezidaantiin Burkina Faasoo
Pirezidaantiin Burkinaa Faasoo humna waraanaa biyyattiin deeggaramu barbaachisaa taanaan Raashiyaan loltoota ishee bobbaasuun jihaadistoota Afrikaa Lixaa loluu dandeessi jedhan.
Ibiraahim Tiraworee Raashiyaan shaakala waraanaa fi loojistikii barbaachisan isaaniif kennaa jiraachuu himan.
Akkasumas meeshaa waraanaa barbaannu kamiyyuu nutti gurguruuf eeyyamamoodha jedhan.
Tiraaworeen meeshaa waraanaa kamiyyuu Raashiyaa, Tarkii, Chaayinaa ykn Iraan irraa bitachuuf akka biyyoota kaanii daangaan ykn dhorkaan taa'eeru hin jiru jedhan.
Oduun kun kan dhagahame erga torban darbe loltootni Raashiyaa 100 tahan gara Afrikaati ergamaniiru jedhu baheeti.
Akkuma biyya ollaashee Maalii, Burkina Faasoon hariiroo Raashiyaa waliin qabdu haalaan jabeessiteetti.
Loltootni bitamanii lolan Waagner Maalii keessaa jihaadistoota lolaa jiru.
Burkina Faasoonbara 2023 keessa loltoota Faransaay biyya turan erga baastee hariiroo dursaan Juuntaa biyyichaa Moskoo waliin qaban ija adunyaa keessa bu'eera.
Burkina Faasoo keessa hidhattootni alla al-Qaayidaa fi IS keessa socho'uun lafa bal'aa qabataniiru.
Uummatni miliyoonotaan qe'eerraa buqqa'eera.