Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

US haleellaan qiyyeeffannaawwan Iraaniin hidhata qabanii deebii 'jalqabaati' jette

Gorsaan nageenya Biyyaaleessaa US, Jaak Sulivaan haleellaan diroonii Jordaan keessatiif US tarkaanfiiwwan dabalataa ni fudhatti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Loltootni Raashiyaa hidhattoota loluuf Burkina Faasootti bobba'uu danda'u - Pirezidaantiin Burkina Faasoo

    Pirezidaantiin Burkinaa Faasoo humna waraanaa biyyattiin deeggaramu barbaachisaa taanaan Raashiyaan loltoota ishee bobbaasuun jihaadistoota Afrikaa Lixaa loluu dandeessi jedhan.

    Ibiraahim Tiraworee Raashiyaan shaakala waraanaa fi loojistikii barbaachisan isaaniif kennaa jiraachuu himan.

    Akkasumas meeshaa waraanaa barbaannu kamiyyuu nutti gurguruuf eeyyamamoodha jedhan.

    Tiraaworeen meeshaa waraanaa kamiyyuu Raashiyaa, Tarkii, Chaayinaa ykn Iraan irraa bitachuuf akka biyyoota kaanii daangaan ykn dhorkaan taa'eeru hin jiru jedhan.

    Oduun kun kan dhagahame erga torban darbe loltootni Raashiyaa 100 tahan gara Afrikaati ergamaniiru jedhu baheeti.

    Akkuma biyya ollaashee Maalii, Burkina Faasoon hariiroo Raashiyaa waliin qabdu haalaan jabeessiteetti.

    Loltootni bitamanii lolan Waagner Maalii keessaa jihaadistoota lolaa jiru.

    Burkina Faasoonbara 2023 keessa loltoota Faransaay biyya turan erga baastee hariiroo dursaan Juuntaa biyyichaa Moskoo waliin qaban ija adunyaa keessa bu'eera.

    Burkina Faasoo keessa hidhattootni alla al-Qaayidaa fi IS keessa socho'uun lafa bal'aa qabataniiru.

    Uummatni miliyoonotaan qe'eerraa buqqa'eera.

  2. Harargeetti namicha haadha warraasaa asiidiin gube poolisiin barbaadaa jira

  3. Baayidan haleellaa Jordaanitti loltoota US galaafateef deebii kennuuf murteessuu ibsan

  4. Hidhattoonni Iraanitti hidhata qaban haleellaa Ameerikaarratti raawwatan akka yeroof addaan kutan beeksisan

    Hidhattoonni Iraaq dirooniidhaaan Joordaanitti loltoota Ameerikaa sadii ajjeesuun shakkaman haleellaa Ameerikaarratti raawwatan yeroof addaan kutuu ibsan.

    Hidhaattoonni Katahib Hezbollaa jedhaman Dilbata darbe haleellaa raawwachuu amanan, ‘’mootummaan Iraaq qaanii oolchuuf haleellaa sana raawwane’’ jedhan.

    Pirezedantiin Ameerika Joo Baayiden haleellaa sanaaf akkatti deebii kennan murteessanillee, akkatti deebiin laatamu garuu ibsuurra of qusatan.

    Iraan gama isheetiin haleellaa ‘’faallaa fedhakoo’’ adeemu kamuu haaloon bahadha jetteetti.

    Sana dura Ameerikaa fi Biritiish haleellaa Dilbata darbeerratti hirmaachuu kan himatan Iraan haaltetti.

    Ameerikaan akka jettutti, hidhattoonni kun bifa dambalii fakkaatuun haleellaa raaawwatan.

  5. Ministirri Muummee duraanii Paakistaan Imraan Kaan hidhaa dabalataa 14'n adabaman

    Imraan Kaan fi haati warraasaa Bushiraa Biibii hidhaa wagga 14’n adabaman. Hidhaan dabalataa kun Imraan Kaan hidhaa waggaa 10’niin erga adabamanii guyyaa tokko boodadha. Kaan walligalatti waggoota 24'f mana hidhaa turuuf jiru.

    Kaan morkataa isaaniitiin bara 2022 aangoorraa kan buufaman yoo ta’u, maalaantummaan walqabatee hidhaan wagga sadii itti muramee, hidhaa jiru.

    Kaan himannaan irratti dhiyaatu hedduun siyaasa kan bu’uureffate jedhe.

    Murtoo haaraan kun Paakistaan filannoo biyyaaleessaa Guraandhala 8, bara 2024 gaggeessitu torban tokko dursee itti murame.

  6. Naayijeeriyaatti barattoonniifi barsiisoonni butaman

    Kibba-Lixa Naayijeeriyaatti barattoonni jahaa, barsiiftoonni sadiifi konkolaachisaan atobisii namoota hidhataniin butaman.

    Motummaan naannoo Ekitii barreeffama miidiyaa hawaasaarratti baaseen, miidhamtoonni kunneenis magaalaa Emure jedhamu keessatti osoo imalarraa deebii'aa jiranu Wiixata halakan butaman jedhe.

    Bulchaan naannichaa Abii'oduun Oyeebaanjii, bulchiinsii ''daa'immaniifi barsiiftoota isaanii baraarudhaaf ni hojjata'' jechuun, jiraattoonnis odeeffannoo barbaachichaaf gargaaruu kamuu akka qoodaniif gaafate.

    Taatee kana duuba eenyu akka jiru ykn kanneen maallaqa barbaadan ta'ulleen hanga ammaatti wanti beekamu hin jiru.

    Dhiheenya keessa Naayijeeriyaatti maallaqa gaafachuuf jecha imaltoota, barattoota akkasumas jiraattoota baadiyaafi magaalaa biyyattii guutuu wanbadeewwan hidhataniin butamuun baramaa dhufeera.

    Guyyaa Wiixataas dhaabbileen miti-mootummaa 50 ta'an waliin ta'udhaan ibsa baasaniin, pirezidantiin biyyattii Bolaa Tinubuu haala nageenyaa irratti labsii yeroo muddamaa akka labsaniif gaafatan.

    Dhaabbileen kunneenis erga pirezidantichi gara aangootti dhufan Caamsaa darbee irraa kaasee namoonni 1,8000 ol butamusaanii kaasan.

  7. Guyyoonni dhi'uufi bari'uu didan kaampii waraanaa Awaash 7 akkamiin yaadatamu?

  8. Hamaas yaada Waraana Gaazaa yeroof dhaabuu haaraa qorataa jiraachuu hime

    Dureen siyaasa Hamaas Gaazaa Istiriip keessatti yeroodhaaf waraana dhaabuudhaaf yaada haaraa qorataa jiraachuu mirkaneessan.

    Ismaa'il Haaniyeeh garichi yaada Israa'eli, Ameerikaa, Kaataar fi Masriin kaa'ameerratti akka mari'atuuf affeerameera jedhan.

    Innis baatii jahaaf dhukaasni dhaabbachuun, lammiileen Israa'el butaman irra caalaan hidhamtoota Filisxeemootaan yeroo itti wal jijjiramaniif akka dhukaasni dhaabbatu kan jedhu ta'uu gabaafame.

    Obbo Haaniyeeh, dhimmoonni Hamaas dursa kennuuf dhukaasa dhaabuu dhaabbataa fi Israa'el gutummaan akka baatuuf kan ture yoo ta'u, kanas Ministitti Mummee Israa'el didu himan.

    Beenjaamiin Netaaniyaahuun garuu hanga ''injifannoo guutuun'' jechuunis hanga Hamaas barbadaa'uun lammiileen Israa'el butaman hundi gadi dhiifamaniitti waraannii akka hin dhaabbanne himan.

    Waraanni Israa'eliifi Hamaas jidduu kunis haleellaa akka tasaa Hamaas Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti banuun namoota gara 1,300 ta'an ajjeessee kaan 250 ta'an ammoo butee fudhatee booda eegale.

    Ergasiin booda ammoo namoonni 27,000 ol ta'an Gaazaa keessatti ajjeeffamu ministirri fayyaa Hamaasiin durfamu hime.

    Sadaasa darbe keessa dhukaasa dhaabuu torbaniif taasifameen, lammiileen Israa'eliifi lammiin biyyoota biraa Hamaasiin butaman keessa 150 kan ta'an Filisxeemootaa Israa'el keessatti hidhaman 240n wal jijjiramanii ture.

    Israa'elis ammoo kanneen hafan keessaa hedduun akka du'an yaadaman illeen, ganaa namoonni butaman 136 gadi hin lakkiifamiin jiraachu himti.

  9. Ashamaa, akkam turtan?

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleerra. Odeeffannoo haaraa biyya keessaa fi alaa bakka tokkotti argattu. Oolmaa gaarii!

  10. UKn biyyummaa Filisxeemiif beekkamtii kennuuf yaadaa jirti- Kaameruun

    Biriteen yeroo qabatamaan biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennitu fuulduraatti fidduuf qophiidha jedhan ministirri dhimma alaa biyyattii.

    Loord Kaameruun akka jedhanitti, Filisxeemoonni akka Baha giddu-galeessaa keessatti nagaa jajjabeessaniif kallattiin siyaasaa kennamuuf qaba.

    Aanga'aan kun erga Sadaasa darbe ministira dhimma alaa ta'uun muudamanii as yeroo arfaffaadhaaf naannicha dowwataa jiru.

    UKn biyyi Filisxeemootaa maal fakkaachuu akka qabdu ilaalchisuun hojjachuuf itti gaafatamummaa qaba jechuun ture affeerraa Weestiministerirratti kan dubbatan.

    Ummanni Filisxeemootaa gara furmaata biyya-lamaatti [tow-state solution] ''tarkaanfii booddeetti hin deebiine'' agarsiifamu qabaatu jedhan Loord Kaameruun.

    ''Akkas wayita ta'utti nutis michoota keenya waliin ta'uun, sadarkaa Mootummoota Gamtoomaniitti dabaltee, dhimma biyya Filisxeem ni ilaalla'' jechuun Mana-maree Leellisootaa Baha giddu-galeessaatti himan.

    Itti dabaluunis, ''Inni kun dhimmoota adeemsa kana booddeetti akka hin deebine taasisuuf gargaaran keessaa tokko ta'uu danda'a,'' jedhan.

    Kana malees, Israa'el deeggarsi namoomaa dabalataa Gaazaa akka galuuf akka taasiftuuf gaafatan.

  11. Humni Israa'el sakkata'insa hospitaala keessatti taasiseen loltoota Filisxeem sadii ajjeesse

    Humnootiin Israa'el sakkata'insa akka tasaa hospitaala Weest Baankiitti taasisaniin miseensoota hidhattoota Filisxeem sadii ajjeesan.

    Waraabbiin CCTV akka agarsiiseetti, miseensoonni hidhattootaa kunneen akka miseensoota wallaansaa fi namoota nagaa kaanii fakkaachuun qawwee qabatanii koriidariirra yoo deeman mul'isa.

    Waraanni Israa'el ammoo dhiiroonni kunneen hospitaala Jeeniin keessa dhukachuun, isaan keessaas tokko haleellaa raawwachuuf ture jedhe.

    Ministeerri fayyaa Bulchiinsa Filisxeem Israa'el ''hospitaaloota keessatti ajjeechaa biraa raawwataa jirti'' jechuun himate.

    Hamaas gareen Islaama hidhattoota Filisxeem amma Gaazaa keessatti Israa'el waliin wal waraanaa jiruu fi kan Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti haleellaa raawwateen, hidhattoota ajjeeffaman sadi keessa tokko miseensa isaa tokko dabaltee ''loltoonni sadii ajjeeffamaniiru'' jedhe.

    Gareen hidhate kan biraa, Jihaad Isilaamni Filisxeemoota, kanneen ajjeeffaman keessa lama miseensota isaa fi obboolaa akka turan hime.

    Itt dabalunis, tokkoonsaa hospitaalicha keessatti wallaansa fudhataa tures jedhe.

    Waraabbiin CCTV hospitaala Ibn Sinaa akka mul'iseetti, miseensoonni tikka Israa'el hedduun, dhiirriifi dubartoonni, koridarii tokko keessa saffiisaan yoo darbaniifi meeshaa waraanaa bitaafi mirgatti yoo qaban agarsiisa.

    Namni tokkos yoo nama eenyummaansaa adda hin baane tokko jilbeeffate harkasaatiin irraa fuudhee booda ammoo deebiisee itti uuwwiisu mul'ata.

  12. 'Beela moo hongeedha' isa jedhurratti falmuurra gargaarsi haa dhiyaatu- Abbagaar Uummataa

  13. Dhaabbanni Toyota konkolaattoonni 50,000 UStti argaman akka hin oofamne akeekkachiise

    Dhaabbanni konkolaataa oomishu Toyota'n abbootiin qabeenyaa konkolaataa oomisha isaa 50,000 Ameerikaa keessatti argaman suphaa ariifachiisaa taasisan malee akka hin oofneef akeekkachiise.

    Akeekkachiifni konkoltaatoota akka hin oofamne kunneenis moodeelii konkolaataa bara ''2003- 2005tti oomishaman'' kan hammatu ta'u ibsame.

    Kunis sababii korojoon ittisa balaa (Airbag) isaanii kan dhaabbata Takata jedhamuun oomishamu balaa irraan qaqabsiisuu danda'a jedhamee waan yaadda'ame ta'un himame.

    Erga bara 2009 asiitii sababaii balaa korojoo ittisa balaatiin namoonni 30 ol ta'an lubbuunsaanii darbuun himame.

    ''Korojoon kun yoo diriiree kutaan keessoo isaa dhoohuun sibiilliiwwan qara qaban dhoka'uudhaaf caarraa olaanaa qaba'' jedheera dhaabbatichi.

    Konkolaatawwan rakkoon akkasii mudatees konkolaataawwan moodeeliin isaanii 2003-2004 model Corolla, 2003-2004 Corolla Matrix fi 2004-2005 RAV4 jedhaman irratti ta'u kaaseera.

    Sababii balaa korojoo ittisa balaa Takata kanaatinis konkollaattoonni miiliyoona 100 fi dhaabbileen konkolaataa oomishan 20 ol konkolaataa saanii suphaaf waamuuf dirqamaniiru.

    Dhaabbanni Takata kan waggaa 10 oliif bu'aa bahii keessa darbeefi qorannoo yakkaa Ameerikaa keessa darbes bara 2017tti kisaaraaf saaxilamee ture.

    Qabeenyaan dhaabbatichaatis Sirnawwan Nageenyaa Furtuu (Key Safety Systems) jedhamuufi kan lammii Chaayinaatiin bulfamuutti doolaara biiliyoona 1.6tti gurguramee ture.

  14. Dararaa daa'imman Gaazaa maatiin irraa du'anii

    Ogeessonni fayyaa Gaazaa keessatti hojjetan miidhamoo waraanaa gosa wayiitiif maqaa addaa ittiin waaman qabu.

    “Ulaa Gaazaa kanatti jecha ittiin waaman adda ta’etu jira. WCNSF(Daa’imman madaa’anii, maatii lubbuun oolan hin qabne) akka jechuuti.

    Jecha yeroo hedduu fayyadamani,” jechuun himu Dr. Tanya Haj-Hassan kan ogeessota yaalaa daangaa maleessaa waliin hojjetan.

    Odeessa kanarratti dabalataan dubbiisuuf Dararaa daa'imman Gaazaa keessaa

  15. Humni galaanaa Indiyaa Paakistaanoota 19 saamtoota galaanaarra baraaran

    Humni galaanaa Indiyaa lammiilee Paakistaan 19 erga bidiirusaanii ittiin qurxummii kiyyeessan qarqara galaana Somaaliyaatti saamtoota galaanarraan butamanii turan baraaran.

    Saamtoonni Somaaliyaa 11 bidiruu qurxummiin ittiin kiyyeeffamuufi alaabaa Iraan mirmirsituu- Al-Naa'eemii yaabbachuun, miseensoota bidiruu hunda butan jedhe humni galaanaa.

    Qondaaltoonni humna galaanaa Indiyaa kunneenis, ''erga dooniin basaasaa humna galaanaa Indiyaa INS Sumitra bidiruu butamte harkaa buusanii booda miseensoota hunda nagaadhaan harkaa baasuu danda'ameera'' jedhe ibsa Kibxata har'aa baaseen.

    Taateen baraaruu lammiilee Paakistaan kunis humni galaanichaa sa'aatii 36 keessatti yoo namoota harka saamtoota galaanaa harkaa baraaru kun kan lammataati.

    Sa'aatiiwwan duras namoota 17 saamtoota Somaaliyaatiin bidiruu qurxummiin ittiin kiyyeeffamu fi alaabaa Indiyaatiin Galaana galoo Adan keessaa baraaraniiru.

    Dhiheenya kana keessa haleellaa hidhattoonni Huutii Galaana Diimaa keessatti haleellaa miisaa'elii raawwachusaanitiin wal qabatee yaaddoon nageenyaa gudataa dhufeera.

  16. Dargaggoonni meeshaa waraanaa sobaatiin hawaasa sodaachisuun saamaa turan hidhaan adabaman

  17. Mootummaan Angoolaa doonii dhiyeenya Huutiin misaa'elaan haleele kan koo miti jedhe

    Dhaabbanni boba'aa moootummaa Angoolaa Sonangol gabaasaalee doonin torban darbe keessa hidhattoota Huutiin Galoo Galaan Adan keessatti haleellamte qaama dooniiwwan isaati jedhu haale.

    Dooniin UK waliin hidhata akka qabdu himame tokko guyyaa Jimaataa loltoota Huutiin erga miisaa'eliin itti dhukaafameen booda Galoo Galaana Adan keessatti sa'aatiiwwaniif boba'aa turte.

    Hidhattoonni Huutii kan Iraaniin deeggaramaniifi Yaman keessatti bu'ureeffatan tarkaanfii Ameerikaafi Birtish fudhataniif deebii kennuuf doonittii irratti xiyyeeffachuu himan.

    Mootummaan Angoolaa kana kan jedhe erga miidiyaalee biyya keessatiin gabaasaaleen dooniin haleellame kun dhaabbata Sonangol waliin hidhata akka qabu gabaasanii booda ture.

    ''Sonangol'n dooniin dhiheenya Galaana Diimaa keessatti miisaa'eliin haleelamte Maartiin Luundaa'n qaama dhaabbata keenyaa akka hin taanee ummataaf ifa gochuu barbaadna,'' jechuun ibsa baasee dhaabbatichi.

    Dooniin hidhattoota Huutiin haleelamte tunis dhaabbata daladala meeshaalee Singaapoor keessaa Tiraafigar bakka bu'uun garuu alaabaa Odolawwan Maarshaaliin imalti.

    Dhaabbanni Singaapoor kun ammoo kanneen Angoolaadhaaf boba'aa dhiyyeessan mummee keessaa tokko.

    Akkasumas kaampaanii Annisaa Puumaa kan Angoolaa keessaa irraa gahee qaba. Dhaabbanni Sonangol's akkasumas gahee (share) dhaabbata Puumaa kan Angoolaatti argamu keessa qaba.

  18. Waa'ee barsiisaa Harargee Bahaatti du'ee argamee maatiifi poolisiin maali jedhan

  19. Gaanaan namoota 12 loltu ajjeessan irratti hidhaa umurii guutuun adabde

    Manni Murtii Gaanaa namoota 12 waggaa torbaan dura qondaala waraanaa ajjeessuun balleessaan irratti argame hidhaa umurii guutuu itti murteesse.

    Namoonni amma hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e kunneenis kanneen 16 Caamsaa 2017 keessa Maajor Maaksiweel Maahaamaan naannawaDenkyiraa Obuu'aasitti ajjeessuun shakkamaniifi biyyattii keessatti dheekkamsa olaanaa kaasee turte.

    Manni Murtii Olaanaa magaalaa guddoo -Akiraa keessa dhaddacha Wiixata kaleessaa ooleen namoota 12 kanneen irratti ajjeechaa raawwachuufi ajjeessuuf karoorfachuudhaan balleessaa itti murteesseera.

    Murteen kunis nama siyaasaa naannichaa osoo qondaalli waraanaa kuni fiigaa jiruu hawaasa walitti qabuun miidhaa irratti raawwachuun akka ajjeeffamu taasisees ni hammata.

    Shakkamtoonni gara biraa lama ammoo erga manni murtii balleessa irratti dhabeen booda bilisaan gadhifaman.

    Miseensi waraanaa umuriinsaa waggaa 32 ture kunis wayita daboodhaan saamtuu hidhateedha jedhamee reebamuun ajjeefameetti, inni garuu naannoo bulchiinsa jidduugala biyyattiiti hojii irra ture. Inni loltoota akka albuuda naannichaa eeganiif naannichatti bobbaafaman keessaa tokko ture.

    Yeroo oduun waa'ee ajjeechaa isaa wayita dhagahameettis biyyattii guutuutti dheekkamsa cimaa kaasee ture.

    Taatee sana hordofunis shakkamtoonni 50 ol kan to'ataman yoo ta'u, erga adda baafameen booda 14 qofti himannaan irratti dhiyaate.

    Sirni awwaalcha loltuu kanaas sadarkaa kabaja waraanaatiin Akiraa keessatti kan raawwatame yoo ta'u, bara 2019 keessa ammoo siidaa isaa akka duula tarkaanfii jumlaatiif gargaaruutti Akiraa keessa dhaabeef.

  20. Gurgurtaan meeshaalee waraanaa US bara 2023 biyyoota alaatti taasiste sadarkaa olaanaa qabate