Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US haleellaan qiyyeeffannaawwan Iraaniin hidhata qabanii deebii 'jalqabaati' jette
Gorsaan nageenya Biyyaaleessaa US, Jaak Sulivaan haleellaan diroonii Jordaan keessatiif US tarkaanfiiwwan dabalataa ni fudhatti.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Galaanni Diimaan maaliif akka kana barbaachisaa ta'e?
Yeroo ammaa addunyaarratti ijoo dubbii ta'ee kan jiru tokko dhimma Galaana Diimaati.
Galaanni kun biyyoota Afrikaa fi Arabaa gidduutti argama. Karaa gabaabaa addunyaa lixaa fi bahaa walquunnamsiisuudha.
Dhiheenya kana Huutiin Yaman galaana kanarratti rakkoo nageenyaa uumeera. Doonii Ameerikaafi kan warra lixaa ta'e hunda Israa'el tumsuuf deemu jechuun haleeluutti jira.
Ameerikaa fi Biriteen ammoo nageenya daldala Galaana Diimaarraa mirkaneessina jechuun haleellaa Huutiirratti raawwataa jiru.
Tarkaanfiin kun waraana biraa Baha Giddugaleessaatti uuma jedhamee sodaatama.
Kana qofa miti, taateen Galaana Diimaarratti mudatu kamuu dhiibbaansaa addunyaa mara qaqqaba.
Akkamiin kan jedhuuf viidiyoo kana daawwadhaa!
Hariiroo biyyoota naannawaa Gaanfa Afrikaa kan waldhabdeen itti deddeebi'u
Namtichi Jaappaan balaa ibidda istuudiyoo namoota 36 ajjeese duuba ture duuti itti murtaa'e
Lammiin Jaappaan bara 2019tti haleellaa ibidda istuudiyoo Kyotoo kaasuun namoonni 36 du'anii hedduun ittiin madaa'aniif ka'umsa ta'e duuti itti murtaa'e.
Taateen seenaa Jaappaan bara dhihoo keessatti namoonni hedduun ittiin ajjeeffamuun himame kanaan kanneen ajjeefaman irra caalaan aartistoota dargaggootaa yoo ta'an addunyaa naasuu keessa buusee ture.
Shiinjii Aodaa namni umuriin waggaa 45 ta'e kunis haleellaa raawwateen balleessaan kan itti murtaa'e yoo ta'u, abukaatoon isaa ''rakkoo sammuu'' akka qabu eeruudhaan murtee salphaan akka itti murtaa'u gaafatanii turan.
Abbaan seeraa garuu kana kuffisuudhaan, himatamaan kun waan raawwate 'beekaati' jedhe.
''Himatamaan rakkoo sammuu akka hin qabne ykn yeroo yakkicha raawwatuutti of to'achuu kan hin dandeenyee akka turen aman,'' jedhan abbaan seeraa Maasudaan Kamisa kaleessaa Mana Murtii Aanaa Kyotoorratti.
"Duutii namoota 36 baayyee cimaafi balaa olaanaadha. Miidhaan fi sodaan namoota du'anii cimaa ture,'' jechuu miidiyaan biyyattii NHK'n gabaaseera.
Hojjattoonni istuudiyoo Animeeshinii kanneen aartistoota dargaggoo ta'an, erga kutaa gubbaa gamoo isuudiyichaa keessatti danqamanii booda ibiddichi wayita babal'ataa adeemu ajjeefaman.
Balaan kunis seenaa biyyattii keessatti taatee isa namoonni baayyeen ittiiin ajjeefaman kan dhiheenyaafi kan gadda biyyaaleessaa uumee turedha.
Ummanni biyyattiifi miidiyaaleen itti dhiyeenyaan dhimma mana murtee kana hordofaa turan.
Ashaboo dabaltee albuudonni dhiheenya Godina Baalee Bahaatti argaman maali?
Ayivoorii Koost injifatamnaan leenjisaa garee kubbaa miilaa biyyattii ariite
Biyyi dorgommii Waancaa Afrikaa keessummeessaa jirtu Ayivoorii Koost, tapha Ikuwatooriyaal Giinii waliin taphatan 4 fi 0’n erga injifatamtee guyyaa lama booda leenjisaa garee kubbaa miilaa biyyattii Jiin-Luyis Gaasset ariite.
Seenaa Ayivoorii Koost keessatti taphni tibbanaa kun injifatamu hamaa biyyattii mudate yoo ta'u, bara 1984 asitti biyyi dorgommii AFCON keessummeessite tapha gareewwan lama wajjin taphatte injifatamuun kan jalqabaati.
Gareen biyyaleessaa Ayivoorii Koost ‘Arboota‘ ofiin jedhan kun ammas taanaan garee biyyootni qabxii fooyya’aan sadaffaa ta’uun xumuran jedhamuun gareewwan dorgomtoota 16 keessa seenuu dandeenya abdii jedhu qaba.
Jiin-Luyis Gaasset ariyamuu hordofee gareen kubbaa miilaa kun Imerse Feeyin yeroof hogganama.
Harargee Bahaatti 'weerara dhibee Kooleeraan lubbuun darbaa jira'
Godina Harargee Bahaatti kan argamtu aanaa Gola Odaatti weerara dhibee Kooleeraa ji’oota sadii asitti mudateen Lubbuun namoota 16 darbuu jiraattoonni BBC’tti himan.
Jiraataa Magaalaa Burqaa fi hojjetaan mootummaa maqaa kiyya hin ibsinaa jedhan, weerarri kuni erga mudatee ji’oota sadii ta’ulleen xiyyeeffannaa gahaa hin argatin jira jedhu.
Dhibeen kooleeraa kuni magaalaa aanichaa, Burqaa keessatti mudachuu fi namootni dhukkubsatanis buufata Fayyaa Burqaatti kutaa yaala yeroo Pilaastikaan hojjetame keessatti akka argaman himu.
Erga dhukkubni kuni mudatee hanga ammaatti namootni 16 ta’an lubbuun darbuu fi guyyaa guyyaan kutaa yaala yeroo buufata fayyaa kana keessatti namootni 20 hanga 30 akka jiranis himu.
Dhukkubni kuni magaalicharraa gara gandoota ollaatti babal’achaa akka jiruu fi guyyaa guyyaan lubbuu namaa galaafachaa jiraatulleen xiyyeeffannaa argatee yaalli duulaan akka taasifamu gochuurra dhoksuutu mul’atas jedhan.
Jiraataan biraa BBC’n magaalaa Burqaa irraa dubbises, haalli dhukkubichi itti babal’achaa jiruu fi tajaajilli yaalaa kennamu kan wal hin madaalle waan ta’eef ammallee yaaddoon jiraachuu himu.
Ogeessonni yaalaa gahaan dhabamuu fi xiyyeeffannaan dhukkubichaaf kenname dhukkubicha ‘Garaa Kaasaa’ jechuun xiqqeessanii dhoksuun miidhaa hawaasarra gahu waan hammeessaa jiruuf mootummaan akka nuuf hubatu barbaanna jedhan.
Dhimma weerara dhibee Kooleeraa Aanaa Gola Odaatti lubbuu jiraattotaa galaafachaa jira jedhamee kana gaafachuuf Ittigaafatamaa waajjira fayyaa aanichaa Obbo Yusuuf Ahimad fi dursaa garee dhukkuboota daddarboo Obbo Mohaammad Sheh Xahaatti bilbillus deebii walfakkaataa “Qaamaan waajjira dhuftan malee odeeffannoo hin kenninu” jedhu nuuf kennan.
Jeetiin Raashiyaa hidhamtoota waraanaa Yukireen qabatte balaan irra gahe
Xiyyaarri waraanaa Raashiyaa Ilyushin-76 daangaa Yukireen naannoo kibba Beelgoorood kufee caccabe.
Balaa kanaan yoo xiqqaate hidhamtoonni waraanaa Yukireen 65 tahan lubbuu dhabuu Ministeerri Ittisaa Raashiyaa himeera.
Maddi oduu Riyaa Novoostii hojjettoota xiyyaarichaa jaha dabalatee namoonni biroo sagal imala kanarra turan.
Namoota xiyyaara sanarra jiran ilaalchisee garuu odeeffannoon walabatti mirkanaa'e hin jiru.
Gabaasni Kiiv irraa bahaa jiru xiyyaarri Il-76 humnoota Yukireeniin haleelamte jedha.
Qondaalli Yukireen marsariitiin Piraavaadaa dubbise, xiyyaarattiin humna ittisaa qilleensaa Raashiyaaf misaayeloota S-300 geejibaa turte jedhan. Dhimma hidhamtoota waraanaa garuu hin kaasne.
Bulchaan naannoo Beelgoorood Vaayaacheslaav, Gilaadkoov waa'ee ''taatee'' kanaa quba akka qaban himanis odeeffannoo dabalataa garuu hin kennine.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodame xiyyaarri gadi yeroo kuftuufi ganda Yaabloonoovoo keessatti guyyaa keessaa sa'atii 5:00tti dhohinsi uumamuu agarasiisa.
Akka Riyaa Noovoostiin jedhutti, ''hidhamtoonni waraanaa gara naannoo Beelgoorood kan deemaa turan wal-geeddaraafi hidhamtootaafi,'' jedhanillee, odeeffannoon kunis garuu mirkana hin arganne.
Dubbii-himaan pireezidaantii Diimtrii Peeskoov mootummaan taatee mudate quba akka qabu himuun odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Itoophiyaatti waa'ee gammoojjii namoonni jumlaan itti hidhaman, Awaash Arbaa, maal beekna?
Somaaliyaatti al-shabaab buufata waraanaa haleellaan lolli cimaan adeemaa jira
Gidduugala Somaaliyaa iddoo Muduug jedhamutti al-shabaab buufata waraanaa haleeluun booda lolli cimaa adeemsifamaa jira.
Magaalaa guddoo Moqaadishuu irraa namoonni dhohinsaafi dhukaasa Roobii barii dhagahuu himu.
Haleellaan kuni dhohiinsa boombii badee-balleessaan humna addaa mootummaa irratti xiyyeeffachuun raawwateen jalqabe.
Minsitarri Nageenyaa Gaalmuuduug Mohaammad Abdii Adeen loltoonni hidhattoota al-shabaab buufata waraanaatti lolaa jiru jechuun BBCtti himan.
Maddi Oduu Somaaliyaa Somali National News Agency (Sonna) humni waraanaa humnoota naannoo waliin tahuun haleellaa, ''miidhaa guddaa shororkeessitoonni qaqqabsiisuu malan,'' dhaabsisuun danda'ameera jechuun gabaaseera.
Tahus al-shabaab buufata waraanaa shan qabachuufi namoota kurnaan lakkaa'aman ajjeesuu hime.
Humnooti federaalaa Somaaliyaa Hagayya 2022 irraa eegalee garee al-Qaayidaa irratti haleellaa baneera.
Itoophiyaan waliigaltee Somaaliland waliin taasifte ilaalchisuun mariif qophiidha - Aanga’aa
Waliigaltee ulaa galaanaa falmisiisaa ta’e Somaaliland waliin taasifame hordofee muddama Somaaliyaa waliin uumame qabbaneessuuf Itoophiyaan “michoota dhaggeeffachuuf fedhii ni qabdi” jedhan gorsaan nageenya biyyaalessaa Ministira Muummee Itoophiyaa Ambaasaaddar Rediwan Huseen.
“Murannoo qabaachuu keenya agarsiisuuf, wal hubannoon fooyyaa’aa ta’e akka jiraatu mirkaneessuuf carraaqqii taasinu caalaa cimsuu barbaadna. Dubbii hafarfamaa jiru qabbaneessuuf fedhii wal tumsuu jiraachuu maluuf michoota keenya ni dhaggeeffann,” jedhan Ambaasaaddar Rediwaan Huseen ergaa X (kan duraan Tiwitara) jedhamurratti maxxansaniin.
"Yaada hunda fayyadu kan karaa nagaan furmaata argaturra ga'uuf carraaqqii gochuun itti fufa," jechuun dabalaniiru.
Wixata darbe, Ambaasaaddar Rediwaan “qaamolee alaa ayyaan-laallattoota ta’an” dhimma Itoophiyaafi Somaaliyaa keessa galan qeeqaniiru.
Yaadi aanga’aan Itoophiyaa kennan kun akeekkachiisa Masiriin birmaddummaa Somaaliyaatiif wanti yaaddoo ta’u akka jiraatu hin hayyamnu jeetteef deebii kan kennanidha jedhamee yaadama.
“Isaan [Somaaliyaa] akka gidduu seennu nu gaafannaan, ni seenna’’ jedhan Abdal Fattaa al-Siisiin yeroo darbe pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Masirii-Kaayirootti wayita simatanitti dubbii dubbataniin.
Haleellaa Huutii Galaana Diimaarratti yaaddoo uume dhaabsisuuf yaaliin taasifamu milkaa’aa?
US milishaa Iraaniin deeggaramu Iraaq keessa jiran haleelte
US humnoonnishee Iraaq keessatti buufata sadii milishooti Iraaniin deeggaraman itti gargaaraman jettu haleeluu ibsite.
Halellaan "gitaa" kun garee milishaa Katahub Hezbollah fi gareewwan Iraan waliin walitti dhufeenya qabanirratti" kan xiyyeeffatedha jedhan Hogganaan Ittisaa US Liyood Awustiin.
Haleellaan xiyyeeffannaa barbaachisu sirriitti adda baasuun gaggeeffame kun "deebii kallattii" deebii haleellaa US fi gurmuu michootashee Iraaq fi Sooriyaa keessa jirurratti raawwatameeti jedhan.
Torban darbe haleellaa buufata xiyyaara guddaa lixa Iraaqitti raawwatameen miseensonni waraanaa US baayyeen madaa'anii ture.
Paastariin amantoota ''beelaan'' akka du'an gochuun ajjeechaa namoota 238'n himatame
Paastariin Keeniyaa Pool Makeenziifi haati warraasaa ajjeechaa namoota 238 himataman, namoonni 93 yakka kana irratti hirmaachuun shakkamanis himatamaniiru.
Himannaan miilanaa kuni Makeenzii fi namota yakka kanarratti hirmaatan jedhaman torbe darbe shororkeessummaan himatamuun booda dhagahame.
Namni kuni amantoota waldaasaa Good News International Church gara bosona Shaakaahoolaa deemanii beeloftanii yoo duutan ''Yasuusiin argitu.'' ittiin jedhan.
Ijoollee dabalatee reeffi namoota 429 bosona keessaa qotamee baafameera. Baayyeen isaanii irratti mallattoo beelaa kan mul'ate yoo tahu, ijoolleen immoo miidhamni irra gaheera.
Bara 2021 Amajjii hanga Fulbaana 2023 gidduutti namoonni 238 tahan guyyoota sirriitti hin beekamne keessatti ajjeefamuu sanadni dhaddachaa agarsiisa.
Makeenzii fi deeggartoonni isaa biroon dhaddacha Keeniyaa Mombaasaatti taa'ameen balleessaa hin qabnu jechuun waakkataniiru.
Makeenziin bara darbe Ebla keessa erga to'annoo jala oolee gaaddisa seeraa jala jira.
Humni waraanaa Itoophiyaafi Somaaliyaa walbira qabamee yeroo ilaalamu maal fakkaata?
Pireezidantiin Laayibeeriyaa haaraa haasaa simannaa xumuruu dadhaban
Pireezidantiin Laayibeeriyaa haaraa Jooseef Bookaay haasaa simannaaf isaaniif taasisan otoo hin xumuriin wal-tajjiirraa gargaarsaan bu'an.
Namni ganna 79 Bookaayiin sirna kakuu raawwachuu isaanii irratti daqiiqaa 30f haasa'aa turan.
Yeroo lamaaf dubbachuu waan dadhabaniif sagantaan addaa citeera.
Teempireecharri naannichaa digrii seelshiyasii 30 waan tureef ho'atu isaan dadhabse jechuun kanneen gabaasan jiru.
Wal-tajjicharraa otoo hin bu'iin dura namni waraqaa qabatee otoo qilleensa isaaniif hafarsuu viidiyoon agarsiisu baheera.
Pireezidaantichi haasaa isaanii hin xumurriniyyuu malee kakuu garuu raawwataniiru. Pireezidantummaan kakuu raawwachuutiin nama isa umrii guddaas tahaniiru.
Erga isaan wal-tajjiirraa bu'aniin booda Pireezidaantiin ittaanaa haaraan Jeermii Koong keessummootatti haasa'uun gara affeerraa irbaataatti geggeesseera.
Bookaayiin Pireezidaantii duraanii biyyattiifi taphataa kubbaa miilaa coollee Joorji Wiihaa garaagarummaa dhiphaadhaan Sadaasa darbe mo'atan.
Yeroo duula siyaasaa geggeessaa turanitti dhimmi fayyaa isaanii ijoo dubbii ture, isaan garuu fayyaa qabaachuu himuun, ''umriin biyya kanaaf eebba tahuu qaba,'' jedhan.
Dubbii isaanii addaan kutanii otoo wal-tajjiirraa hin bu'iin, ''filannoon xumurameera, amma wla-tumsuun iddoo kennuun Laayibeeriyaa gara fuulduraattiu geggeessuu qabna,'' jedhan.
Somaalilaand deebii doorsiisa Masriif kenniiteen 'jiddu-seentummaa qaamolee alaa kamuu cimseen morma' jette
US fi UKn Huutii Yaman keessa jiran irratti haleellaa qindaawaa banan
Wiixata kaleessaa haleellaa iddoowwan saddeet irratti qiyyaafate gaggeessuu kan ibsite Pentaagan, iddoowwan qiyyaafannaa kunneenis kuusaawwan lafa jalaa, misaa'eloota fi giddugala basaasaa Huutii dabalata jedhe.
Gareen tumsa Iraan qabu Huutiin, dooniiwwan karaa Galaana Diimaa imalan haleeluu erga eegalanii bubbulaniiru.
Akka sababaatti kan eeran warri lixaa karaa kanaan Israa'eliif gargaarsa geessu kan jedhuudha.
Kana hordofuun Ameerikaa fi Biriiteen ''sochii daldala walabaa mirkaneessuuf'' Huutiirratti haleellaa banuu ibsan.
US fi UKn ibsa waloon baasan keessatti ''haleellaan dabalataa, madaalawaa ta'e,'' Huutii irratti fudhatamuu eeran.
''Kaayyoon keenya muuddama uumame salphisuu fi Galaana Diimaatti tasgabbii deebisuudha,'' kan jedhu ibsi kun, Huutiis akeekkachiiseera.
''Adeemsi daldalaa walabaan akka gaggeeffamuuf tarkaanfii fudhannu irraa duubatti hin jennu. Sababa hookkara Huutiin lubbuun namaa akka badus hin eeyyamnu. Daandiin galaanaa addunyaaf murteessaa ta'e kun akka goolamu hin feenu,'' jedha ibsi kun.
Erga atakaaroon kun dhalatee US yeroo saddeettaffaaf Huutii haleelte, UK waliin ammoo haleellaa waloo yeroo lammataaf gaggeessan.
Haleellaa qindaa'aan biyyoonni lameen waliin gaggeessan inni jalqabaa Amajjii 11, 2024 raawwate.
Keeniyaatti deeggartoonni Arsenaal injifannoon booda waldaa keessatti galateeffatan
Deeggartoonni Arsenaal erga garichi tapha Sambata tureen Kiristaal Paalaasiin 5-0n injifateen booda, magaala guddoo Keeniyaa, Naayiroobiitti waldaa keessatti walitti qabamuuf kadhata galataa taasisan.
Deeggartoonni garichaas tajaajila Dilbata ganamaarratti walitti qabamuun, tishartii gariichaa uffachuun gammachuun faaruu farfachaa, milkaa'ina garichi agarsiisee cimaadhaaf galata isaanii galchan.
Akkasumas waqxii itti aanan keessallee Arsenaal milkiidhaan akka ittifufu abdachuun kadhannaa taasisan.
Gaazexessaa Keendii Muriitii kan hirmaattoota kanneen keessaa tokko ture, suuraalee tajaajila kadhannaa sanaa miidiyaa hawaasaa irratti qoode.
Arsenaal ammaan tanatti Maanchiisitar Siitii kan Kaaba Landan waliin taphni tokko hafee fi Liiverpuul qabxii shaniin tarree jalqaba liigichaa irratti argama.
Suuraaleen kunneenis miidiyaalee hawaasaarratti yaadawwan garaa garaa irratti kan kenname yoo ta'u, muraasnis deeggartoota kanneenitti qoosaa turan.
Itoophiyaan bishaan dhugaatii Jibutiif guyyaatti dhiyeessitu dacha shaniin guddisuuf
Itoophiyaan bishaan dhugaatii qulqulluu Jibuutiif guyyaatti dhiyeessitu dacha shaniin guddisuun, isa kanaan dura meetir kiyubii kuma 20 ture gara meetir kiyubii kuma 100'tti ol guddisuuf akka jirtu Ministeerri Bishaaniifi Inarjii beeksiseera.
Pirojektiin bishaan dhugaatii Itiyoo-Jibutii kun ammoo qaxanaa kana misoomaan walitti fiduudhaaf murannoo Itoophiyaan qabdu agarsiisa jedhan Ministirri Bishaaniifi Inarjii Dr. Inj. Habtaamuu Ittafaa.
Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Itiyoo-Jibuutii akkaataa waliigaltee biyyoota lamaanin waggaa ja’a dura liqii mootummaa Chaayinaarraa argameen hojii jalqabe.
Pirojektiin kun uummata biyyoota lamaan diinagdeen kan walitti fidu yoo ta’u, bishaan naannoo Somaaleetti lafa jalaa bahu Jibuutii hanga ga’utti fageenya kiiloo meetira 258tu diriifama.
Jilli biyyoota lamaanii Ministira Bishaaniifi Inarjii Dr. Injinar Habtaamuu Ittafaa fi Dirree Dhawaatti Daarektarri Olaanaa Qoonsilaa Jibuutii Ambaasaaddar Muusaa Hajii Jamaaliin durfamu naannoo Somaalee Adigaalaa deemuun sadarkaa pirojektichi irra jiru daawwataniiru.
Daawwannaa kanaan haala waliigala yeroo ammaa pirojektichaafi hojiiwwan fooyya’uu qaban ilaaluun, rakkoo mudatan yeroo gabaabaa keessatti hiikuuf kallattii kaa’aniiru.
Pirojektiin kun duraan boba’aa fayyadamuun bishaan boolla keessaa baasuun guyyaatti bishaan hanga meetir kiyuubii kuma 20 maddisiisaa kan ture yoo ta’u, baatii tokko keessatti boba’aa fayyadamu gara humna ibsaatti jijjiiramee guyyaatti bishaan meetir kiyuubii kuma 100 akka maddisiisu ibsameera.
Itoophiyaan biyyoota ollaaf qabeenya uumamaa qoodaa jirti kan jedhan Dr. Inj. Hamtaamuu Ittafaa, hanguma biyyoonni ollaa misoomaa deemaniin Itoophiyanis misoomti amantaa jedhu akka qaban dubbatan.
Ambaasaaddar Muusaa Hajii gamasaaniitiin, pirojektiin bishaan dhugaatii Itoophiyana Jibutiif dhiyeessitu kun lammileen baayyee kan fayyadu ta'uu himuun, hanqinoota pirojektichaan walqabatanii jiran furuudhaaf murannoo Itoophiyaan agarsiisaa jirtus dinqisiifataniiru.