Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

US haleellaan qiyyeeffannaawwan Iraaniin hidhata qabanii deebii 'jalqabaati' jette

Gorsaan nageenya Biyyaaleessaa US, Jaak Sulivaan haleellaan diroonii Jordaan keessatiif US tarkaanfiiwwan dabalataa ni fudhatti.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaan Somaalilaand wajjin waliigaluusheen seerri idil-addunyaa cabe jiraa?

  2. Burkinaa Faasoon kennaa qamadii 'gatiin hin madaalameef' Raashiyaa galateeffatte

    Burkinaa Faasoo qamadii toonii kuma 25 bilisaan Raashiyaa irraa argachu himte.

    Ministirri mootummaa biyyatti guyyaa Jimaataa midhaanicha fudhachu wayita mirkaneessaniitti kennaa kanaan 'kennaa gatiin hin madaalamne'' jedhaniiru.

    Walitti dhufeenyi Mooskoofi Dhugaaduuguu jidduutti argamu kan cime erga waraanni fonqolcha mootummaa walitti aanu lamaan bara 2022tti aangoo qabateen kaaseetti.

    Baatii darbe keessa Raashiyaan imbaasii ishee, kan erga bara Gamtaan Sooviyeetti diigame cumafee, deebiistee Burkinaa Faassootti bante.

    Akkasumas Burkinaa Faasoon warra koloneeffattoota duraanii kan turan Faransaay irraa of fageessaa kan jirtu yoo ta'u, bara darbes loltoonni Faransaay biyyattii akka bahan ajajde.

    Burkinaa Faasoo keessatti rakkoo cimaa addunyaa baayyee dagatame akka ta'e dhaabbileen namoomaa ni dubbattu.

    Daa'imman umuriinsaanii waggaa shanii gadi keessaa kan nuusa ta'an kan qucaran ta'u odeeffannoon UN ni mul'isa. Namoonni miliyoona sadii ol ammoo hanqina nyaataa isa cimaatu mudateera.

    Biyyi Afriikaa Lixaa tunis riphee loltoota Islaamaa waggaa dheeraaf tureefi namoota miliyoona lamaa ol mana jireenyaa saaniirraa buqqaaseen rakkattaa jirti.

    Biyyattiitti manneen barnoota afur keessaa tokko sababii mana barnootaa deemuun daa'immaniif balaa ta'ef cufamaniiru.

    Sababii rakkina nagaanyaa kanaatiin lammiilee fonqolcha mootummaa waraanni taasise waggaa lamaan dura gammachuun simatan illeen garuu, waraanni juntaas waadaa milishoota islaamaa dhabamsiisuuf seene hin raawwatiin hafe.

    Siriiyyuu milishoonni bakka bal'aa biyyattii to'achu eegalan.

    Pirezidantiin Vilaadmiir Puutiin yaa'ii bara darbe St. Piitarsbargiitti gaggeeffameerratti ture qamadii toonii kumaatamaa akka Biyyattiif ergu waadaa kan seene.

    Raashiyaan addunyaarratti biyya miidhaan baayyinaan omishitu keessaa yoo taatu, bara kana keessa toonii miiliyoona 45 ta'u akka alatti ergitu raagame, akka tilmaana UStti.

    Raashiyaa akan sababii waraanaa Yukireen irratti banusheetiin wal qabatee biyyoota Awurooppaa hedduun balaaleeffamte, afriikaafi eessattuu michuumaashee cimfachuu barbaaddi

  3. Hidhattoonni Huutii doonii qabeenya UK ta'e Galoo Galaanaa Aden irratti misaa'elaan haleelan

  4. UN biyyoota deeggarsa Gaazaaf dhiyeessuu dhaaban balaaleeffate

    Ejansiin Mootummoota Gamtomanii Gaazaatti hojii deeggarsaa qindeessuufi raabsu (UNRWA)n biyyoota Gaazaaf deeggarsa erguu dhaaban balaaleeffate.

    Daareektarri Olaanaan Ejansichaa murtee kanaan ''naasisaadha'' jedhan.

    Ejansiin UN kuni jiraattoota Gaazaa miiliyoona lamaa ol ta'aniif nyaataafi dahoo dhiyeessaa ture.

    Ammatti deeggarsa maallaqaa ijoon ejansiichaaf UK fi biyyoota lixaa kaaniin kennamuf dhaabbateera.

    Kunis kan ta'e erga gabaasni hojjattoonni ejansii kanaa haleellaa Hamaas raawwate keessatti hirmaataniiru jedhu Israa'el baafteen booda.

    Itti gaafatamaan ejansichaa Fiiliippee Laazaariinii ''jireenyi namoota miliyoona lamaa kan hundaa'ee deeggarsa kanarratti'' jechuun bal'ina balaa jiruu agarsiisuuf yaalan.

    UK dabalatee deeggarsa dhiyeessuu kana dhaabde biyyoota saddeeti yoo ta'an isaanis Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, Fiilaand, Jarman, Xaaliyaanii, Neezarlaandii fi Ameerikaadha.

    Ejansichi gamasaatiin kontiraata hojjattootasaa harkiisaanii haleellaa Hamaas keessa ture jedhamanii adda kutuu fi qorannoon akka eegalamu taasisuu kaaseera.

    Dhaabbanni deeggarsaa UN kan bara 1949 hundeeffame UNRWAn dhaabba Gaazaa keessa hojii namoomaa olaanaa hojjatudha.

    Dhaabbatichi Gaazaa keessatti qofaa osoo hin taanee, kaampiiwwan baqattoota Weest Baank, Liibaanoos, Yoordaanoos fi Siiriyaa keessatti Filisxeemootaaf deeggarsa olaanaa kan taasisuudha.

    Ejjansichi Gaazaa keessatti qofaa hojjattoota kuma 13 qaba.

    Erga israa'el hojjattoonni ejansii kanaa haleellaa Hamaas raawwate keessaa harka qabu jetteen booda biyyoonni deeggarsa dhiyeessaa turan waan dhaabaniif amma eejansiichi rakkoo keessa gale.

  5. Mootummaan waa'ee marii nagaa marsaa sadaffaa WBO waliin jalqabuu maal jedhe?

  6. Pirofeesara yunivarsitii sibiila tumu

    Pirofeesar Kabiir Abu Bilaal jedhama. Namni kun pirofeesaroota yunvarsiitii Naayijeeriyaa biroorra nama adda ta'edha.

    Kabiir barsiisummaa yunvarsitii hojjatuun alattis magaalaa kaaba biyyattii Zariyaa jedhamutti hojii sibiila tumurratti bobba’era.

    Naayijeeriyaa keessatti sibila tumuun ni tuffatama, akka hojii gadaanaatti ilaalamas.

    Pirofeesar Kabiir garuu bakka hojii sibiilaa itti hojjatus banatee ifatti erga hojjachuu eegalee bubbuleera.

    ''Pirofeesaras ta’u sibiila tumuu kootti hin qaana’u,’’ jechuuun BBCtti hime.

    ''Sirumayyu hojii kanarraan maallaqa dabalataa argataa jira,’’ jechuun hojii tuffachuun akka nama hin baafne himu.

    Kabiir nama ganna 50 yoo ta’u, Yunvarsiitii Naayijeeriyaa guddaa fi kan maqaa gaarii qaban keessaa tokko kan ta’e, Yunivarsitii Ahimaduu Beelloo jedhamutti barsiisaa fi qindeessaa qorannoo damee injineeyiringiiti.

    Waggoota 18’f yunvarsiiticha keessa kan hojjate Kabiir kitaabota hedduu elektirikaal injineeyingii fi Fiiziksiirratti barreessuun maxxansiifateera.

  7. Israa'el murtoo Dhaddachi Haqaa Addunya irratti dabarseef ni ajajamti?

  8. US lammii Raashiyaa paaspoortii malee gara Loos Anjalasiitti balali'etti balleessaa murteessite

    Lammiin Raashiyaa Sadaasa darbe osoo tikkeettii, paaspoortii ykn viizaa hin qabaatiin Deenmaarkiirraa gara Loos Anjalasiitti xiyyaaraan imale, mana murtii federaalaa Ameerikaatiin balleessaan itti murtaa'e.

    Himatamaan maqaansaa Sergeey Ochigaavaa jedhamuufi umuriinsaa 46 ta'e, mana murtii Kaaliforniyaatiin Jimaata darbe balleessaan itti murtaa'e.

    Qondaaltoonnis erga balalicharrattti waa'en isaa barraa'e ykn iyyata viizaa ittin gaafate akka hin qabne erga adda baasaniin booda buufata xiyyaara Loos Anjalas keessatti to'annoo jala oolchan.

    Erga Sadaasa darbee kaasee himatamtichi hidhaarraa kan ture yoo ta'u, hidhaan hanga waggaa shanii gahuu itti murtaa'u akka danda'u himame.

    Abbaan alangaa himatamaan paaspoortii tokkoo malee tika buufata xiyyaaraa Deenmaark- Koppanheeganiitti imalaa jala dhokachuun darbeera jedhe.

    Guyyaa ittaanu ammoo, osoo hin argamiin karra ittiin xiyyaara seena keessa darbuun xiyyaara daandii qilleensaa Iskaandeeviyaan kan gara Loos Anjalasiitti imalu seene.

    Akka galmee himmannaa Ochiigaaviitti, hojjattoonni xiyyaarichi waan inni teessoo xiyyaaraa hin qabamne hedduurra taa'aa tureef akka isa argan hima.

    Akkasumas, ''tajaajila nyaataa hundarratti nyaanni lama akka kennamuuf gaafataa ture. Yeroo tokkoo ammoo Chokkoleetii miseensa hojjattoota xiyyaaraa nyaachuuf yaalee ture.''

    Hojjataan xiyyaaraa tokkos, ''balaliinsicharratti imaltoota waliin dubbachuuf yaalaa kan ture yoo ta'u, garuu baayyeensaanii jalaa didan,'' jedhe.

    Ochiigaavaanis Sadaasa 4, 2023 yeroo xiyyaarichi Loos Anjalas qubatu miseensoota tika daangaa US'n qabame. Miseensoonni tikaas balalicharratti galmee nama kanaa galmaa'e kamuu argachu hin dandeenye.

    Akkasumas viizaa, paaspoortii ykn sanada imalaa akka US seenuuf isa dandeessisu kamuus hin arganne. Erga boorsaan isaa sakkata'ameen boodas, waraqaa eenyummaa Raashiyaafi Israa'el kan isaa ta'e argan.

    Qondaaltoonnis jalqaba paaspoortii isaa xiyyaara keessatti akka irraafate himuu dabalate, ''waa'e imalasaa kanarratti odeeffannoo sobaa'' kenne jechuun imatan.

    Akkasumas tikeettii xiyyaaraa qabaachuu akka danda'u garuu akka adda hin baafannee miseensoota tikaatti dubbachutu himame.

    Kana malees attamiin akka xiyyaara keessa seenee akka hin yaadannee, guyyoota sadiif akka hin rafne dubbate.

    Shakkamaan kunis Guraandhala 5 ifatti itti murtaa'a.

  9. Kooriyaan Kaabaa qarqara baha biyyattiitti misaayiloota kiruus jedhaman dhukaaste

    Kooriyaan Kaabaa misaayiloota kiruus jedhaman heddu qaama bishaan qarqara gama Bahaa biyyattii dhukaasu Waraanni Kooriyaa Kibbaa beeksise.

    Biyyi kominisitii boombii niwukilaraa hidhatte kun irra deddeebiin misaayila shaakaluun naannichatti muddama hammeesseera.

    Dilbata kana bakka buufata doonii Sinpoo jedhamutti dhiyaaturraa kan dhukaafame yoo ta’u, yeroo meeqa akka dhukaafame fi gosti misaayilichaa maal akka ta’e waanti beekamu hin jiru.

    Roobii darbellee Kooriyaan Kaabaa misaayila kiruus tarsimoof itti gargaaramtu haaraa Pulhwasal-3-31 jedhamu shaakalaaf dhukaasu Tajaajilli oduu Kooriyaa Kibbaa Yonhap jedhamu gabaasera.

    Piyoongyaan misaayilii haaraa fi dirooniiwwanhaleellaa qaama bishaanii jalaatti raawwachuu danda’an , kan boombii niwukilaaraa baatu jedhamee yaadamu Amajjii 2024 asitti shaakaluu beeksitetti.

  10. Mormitoonni Israa'el konkolaataan deeggarsaa Gaazaa akka hin galle dhaabsiisan

    Mormiitoonni Israa'el dhibbaan lakkaa'aman konkolaataawwan deeggarsa fe'an akka Gaazaa hin galleef guyyaa sadiif dhanqan.

    Mormitoonni maatii firoonnisaanii Hamaasiin Gaazaa keessatti jalaa butamuun hanga ammaatti qabamanii dabalate kunneenis, alaabaa Israa'el mirmirsuun ulaa murteessaa gubbaatti ''deeggarsa diina qaqabuu'' morman.

    Mormitoonnis hanga namoonni butaman hudi gadi dhiifamaniitti deeggarsi kamuu Gaazaa akka seenu hin barbaadnu jedhan.

    Mormiin kunis erga US deeggarsi namoota nagaa Gaazaa keessatiif ''danqaa tokko malee'' akka seenu gaaffatteen booda gaggeeffame.

    Mormitoonnis Ulaa Keereem Shaalom kan daangaa Israa'eliifi Gaazaa jidduutti argamu irratti walitti qabamuun guyyaa sadiif konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe'an akka gara naannichaa hin gallee dhorkan.

    Konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe'an, kaan isaanii alaabaa Masrii kan qaban, mormiitoota mootummaa hanga Hamaas namoota bute fudhate gadi lakkiisuutti deeggarsi akka hin galleef gaafataniin dhanqamanii hiriiraan dhaabbataa turan.

    UNtti Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Manoomaa (OCHA)n mormii guyyaa jalqabaa Roobii tureetiin konkolaataa deeggarsa sagal qofaatu daangaa Keereem Shaaloom qaxxamuruu danda'e jedhe. Kaan 114 ammoo garaa ulaa Raafaa kan Masrii keessatti imala jijjiratan jedhe.

    UN guyyaa Roobii konkolaataa 153 qofatuu Gaazaa seenee jedhe. Kunis kan torbanoota dhiheenyaa keessa seenaniin baayyee gadiidha jedhe.

  11. Alabaamaan maaliif yakkamaa gaazii naayitiroojiin ajjeesuuf filate?

  12. Leenjisaan Baarseloonaa Zhaaviin xumura bara dorgommii kanatti kilabicha gadhiisuuf

    Taphataa sarara gidduu Baarselonaa fi Ispeen kan ture Zhaaviin, kilaba Kuwaataar Al-Saddi jedhamu erga gasdhiise booda Sadaasa 2021 irraa kaasuun leenjisaa ta’e.

    Bara dorgommii isaa jalqabaatti Baarsaan Waancaa Ispeen akka fudhatu kan qajeelche yoo ta'u, Sambata darbe kana dirree isaarratti Viilaariyaaliin 5-3’n mo'amuun garuu qabxii 10’n dursaa Laaligaa Riyaal Maadriidiin akka caalamu taasise.

    "Ani kan kilabichaati. Ofii koorraallee kilabichaaf caalaa dursa kenneera. Waaniin qabu hunda kenneera" jedhe Zhaaviin." Deeggartoonni kilabichaan akka boonan gochuu ittin fufa"jedhe.

    Nama ganna 44 kan ta’e Zhaviin, Baarseloonaatti yeroo taphataa si’a 25 badhaasota kabaajaa argateera.

    Zhaaviin amma kontiraata isaa waggaa tokko hafees Waxabajjii 30,2024tti goolabuuf jira.

    Waancaa Addunyaa bara 2010 injifate Zhaaviin, Pirezidaantii Baarseloonaa Joo’aan Laapoortaa, pireezidaantii itti aanaasaanii Raafaa Yuustee fi daayreektara ispoortii Deekoo waliin erga mariyatee booda murteessuu dubbate.

    Zhaaviin kilabicha jijjiramatu barbaachisa jedheera.

  13. Doobbaatti namni waggaa 18’f mucaa isaa haale mana murtii aadaatti amane

  14. Ameerikaan xiyyaarri waraanaa F-16 Tarkiitti akka gurguramu eeyyamte

  15. Hidhattoonni Huutii doonii qabeenya UK ta'u hin oollee jedhame misaa'elaan haleelan

    Dooniin fe'umsaa UK waliin hidhata qabdu hidhattoonni Huutiin Galoo Galaanaa Aden irratti misaa'elaan erga haleelanii sa'aatii dheeraaf boba'aa turte.

    Hidhattoonni Huutii kanneen Iraaniin deeggaramaniifi Yaman keessa maadheffatan, deebii ''haleellaa Ameerikaafi Biritish'' raawwataniif kennuuf jecha Jimaata doonii Maarlin Luwanda jedhamtu tanarratti qiyyeeffachu beeksiise.

    US fi UK'n haleellaa hidhattoonni kunneen dooniiwwan fe'umsaa Galaanaa Diimaarratti raawwataniif deebii kennuuf jechuun maadheewwan qiyyaafannoo Huutiirratti haleellaa qilleensaa raawwachu eegalan.

    Humnootiin galaanaa biyyoota akka Faransaay, Indiyaa fi Ameerikaa fa'is doonii haleellamteef deeggarsa taasisan.

    Ministeerri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa, Giraanti Shaapsi haleellaa kanaan kan ''hin obsamneefi seeraana ala'' jedhan.

    ''Galaanaa Diimaa keessatti bilisummaa imalaa mirkanneessuun hojii keenya. Kaayyoo kanaafis amma yoomittu kutannoodhaan itti fufna'' jedhan toora X isaanii gubbaatti.

    Dooniin amma haleellaan irratti raawwatamte, Marlin Luwanda'n kaampaanii UK 'Oceonix Services Ltd' jedhamuun jalatti kan galmoofte.

    Doonitiinis alaabaa odolowwan Maarshaal qabachuun bakka kubbaaniyyaa Trafigura jedhamuu bu'uun hojjataa jirti.

    Kubaaniyichi ibsa Samabata kenneen, hojjattoonni doonichaa hundi nagaa ta'u fi ibiddi itti qabate tures to'atamuu himeera. Ammattis doonittiin gara fala nagaa ta'eetti imalaa jirtis jedhe.

    Ajajni Jidduugala Ameerikaa (Centcom) doonii miseensoota hojjattoota lammiilee Indiyaa 22 fi kan Baangilaadish tokko qabatte imalaa turte tanaa hundi nagaa ta'u mirkanneesse.

    Haleellaan doonii fe'umsaa irratti hidhattoonni Huutii naannawa Galaanaa Diimaatti raawwatan kunis isa dhiyeenyaati.

    Garichi deeggarsa Filisxeemoota Gaazaa keessaaf qabu agarsiisuuf naannichatti dooniiwwan fe'umsaarratti qiyyeeffachu hime.

  16. ICJ’n Israa’el gochoota duguuggaa sanyiii Gaazaa keessatti akka hin raawwatamne akka hambistu ajaje

    Manni Murtii Haqaa idil-addunyaa (ICJ) Heegitti argamu, Israa’el duguuggaan sanyii akka hin raawwatamne akka hambistu ajaje. Dhukaasni akka dhaabatu ajajuurra garuu of qusate.

    ICJ’n Israa’el gargaarsi namoomaa Gaazaa akka seenu akka eeyyamtu fi ragaalee gochoota duguuggaa sanyii akeekan akka eegdu ajaje.

    Israa’el himannaan kun guutummaatti akka hafu barbaaddi ture, garuu otoo hin milkaa'in hafte.

    Akkaataa ajaja kanaatiin Israa’el jijjiirama jiru Mana Murtii olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kanaaf ji’a tokko keessatti gabaasuu qabdi.

    Ajaja manni murtii kun baase hordofuun deebii kan kennan Minisitirri Muummee Israa’el Beenjamiin Netaaniyaahuun, biyya keenya tifkachuu itti fufna jedhan.

    Ajaji ICJ dirqisiisaa tahus, karaa hojiitti hiikamu garuu hin qabu.

    Netaaniyaahuun "Israa’el amma injifannoo guutuu gonfattutti fi namoonni butaman gadhiifamanitti itti fufti," jedhan.

    Qondaalonni Hamaasajaja ICJ’n baase simataniiru.

    Qondaalli olaanaaa Hamaas Saami Abu Zuuri Ejensii Oduu Rooyitasitti akkas jechuun dubbate:’’Manni Murtii Yakkaa idil-addunyaa wanti ajaji baase Israa’el moggaatti kan baasuu fi yakka Gaazaa keessatti raawwatte kan saxilu’’ jedhan.

  17. MM Itti Aanaa Dammaqaa Mokonnin Itti-gaafatamummaa Paartii Badhaadhinaarraa gaggeeffaman

  18. Daandiin Qilleensaa Israa'el gara Afrikaa Kibbaa balali’uu addaan kutuuf

    Daandiin qilleensaa biyyooleessaa Israa’el - El Al, gara Afrikaa Kibbaatti balali’uu Bitootessa 2024 irraa kaasee akka addaan kutuuf jiru beeksise.

    Himanna duguuggaa sanyii Afrikaan Kibbaa Mana Murtii Haqaa idil-addunyaatti Israa’elirratti dhiyeessite hordofuun maamiltoonnisaa hir’achuu hime.

    Daandiin Qilleensaa Israa’el kun torbanitti balalii kallattii gara Johaanisbergi hanga lama ta’u qaba ture.

    "Haala nageenyaa amma jiruun, fedhiin lammileen Israa'el imala gara biyyoota adda addaatti taasisan garmalee hir'ateera - kunis Johaanisbarg, Afrikaa Kibbaa ni dabalata," jedha ibsi El Al baase.

    ‘‘Lammileen Israa’el gara Afrikaa Kibbaatti balali’uu hin barbaadan," jedhan Dubbi-himtuun Daandii Qilleensaa Israa’el.

    "Balaliisaanii haqaa jiru, xiyyaaronni duwwaadha… haalicha ni hubanna, sababnisaa kana dura beeknurraa addadha,’’ jedhan.

    Waraana Gaazaatti adeemaa jiruun Afrikaan Kibbaa deeggartuu cimaa Filisxeemootaati - kunis Israa'el wajjin muddama keessa naqeera.

  19. Yargan Kilooppi fi Liivarpuul dhuma bara kanaatti gargar bahuuf

    Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kilooppi "humnakoo fixachaan jira" jechuun, dhuma bara kanaatti kilabicha akka gadhiisu hime.

    Kilooppi 2015 keessa kilabicha leenjisuu kan jalqabe ogguu tahu, kontiraanni isaas hanga 2026 kan fulla'u ture.

    Bara 2019 kilabicha injifannoo Chaampiyoons Liigiif kan gahe ennaa tahu, waggaa 30 keessas yeroo jalqabaaf Liigicha akka injifatan gargaareera.

    Oduun kun kan dhagahames wayita Liivarpuul Pirimeer Liigiirra sadarkaa jalqabaarra taa'ee dursaa wayita jirutti.

    "Sadaasa keessa kilabichatti himeera," jedhe leenjisaan ganna 56 kun.

    "Ammatti namoota hedduu biratti naasuu uumuu danda'a... garuu ibsuuf nan yaala.

    "Waa'ee kilaba kanaa waa hundan jaaladha, magaalattiis akkasuma. Deeggartoota keenya, garee kana, hojjettoota nan jaaladha. Haala kana keessatti murtoo kana murteessuun kiyya, hangam barbaachisaa tahuu mul'isa.

    "Akkamiin ibsuu danda'a, humnikoo dadhabaa jira. Ammatti rakkoo tokkollee hin qabu. Garuu yeroo dheeraaf murtoo kanarra gahuu akkan qabu beekan ture. Hojii kana irra deddeebi'ee (yeroo dheeraaf) kanin hojjechuu danda'u miti."

    Kilooppin alatti gargaartonni leenjisaa Pepijn Lijinders fi Piitar Kirawitiz akkasumas leenjisaan Vitor Maatos leenjisaa kana wajjin kilabicha kan gadhiisan taha.

    Leenjisaan lammii Jarman kun erga kilabicha leenjisuu eegalee, kilabichi akkaan milkaa'eera.

    2019 keessa magaalaa Maadriiditti Totanihaam mo'achuun marroo shanaffaaf Chaampiyoons Liigii akka injifatan taasise.

    Ittaansuunis Uefa Super Cup fi Fifa Club World irra aanan. Bara ittaanutti ammoo waancaa Pirimeer Liigii kaasuu danda'an.

  20. Shawaa Kaabaatti namoonni jiraatti nama awwaaluun ajjeesan hidhaa cimaan adabaman

    Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaatti namoonni sadi waliin ta'uun nama lubbuun jiru awwaaluun ajjeesan hidhaa cimaan adabamuu Waajjirri Kominikeeshinii Poolisii Shawaa Kaabaa feesbuukii isaarratti ibseera.

    Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kaabaa qorannoo poolisii booda himata dhihaate hordofee guyyaa yakki kun raawwaterraa eegalee adeemsa ture ibseera.

    Akka ragaa mana murtii kanaatti namoota sadan gaafa bultii Fulbaana 10, 2016 ajjeechaa kana raawwatan keessaa himatamtuu tokkoffaan guyyaa sa'atii shan irratti daa'ima dhiiraa erga deessee booda abbaa fi haati ishee waliin ta'uun daa'ima kana jiraatti awwaalan.

    Halkan sa'atii tokkorratti boolla qotanii daa'ima lubbuun jiru madaabaraadhaan maranii boolla keessa kaa'uun biyyoo fi dhagaa itti dachaasanii haala suukanneessaa ta'een ajjeesuu isaanii eeruu hawaasaan akka bira ga'ame ibse manni murtii kun.

    Poolisiin eeruu hawaasaa hordofuun Fulbaana 22, 2016 ganama sa'atii lamarratti reenfa daa'ima kanaa qochisiisee baasisuun mana amantii Maaramii Gallayyii jedhamutti awwaalchisuu Itti Gaafatamaan Kutaa Qorannoo Yakkaa fi Murtii Haqaa Kennisiisaa Aanaa Jiddaa Gargaaraan Inispektaraa Taaddasaa Nugusaa ibsaniiru.

    Sabaabni isaan yakka kana rawwataniifis mucayyoon da’iima deesse kun kadhimamtee waan turteef kana dhoksuuf yaadamee ta’uu AabTaddasaa Nugusaa eeraniiru.

    Poolisii fi Abbaan Alangaa waliin ta'uun galmee himatamtootaa erga qoratanii booda Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kaabaaf dhiheessan.

    Manni murtichaas himata dhihaate kana ilaaluun, falmii abbaa alangaa fi himatamtoota gidduu ture erga dhaggeeffatee booda seera yakkaa bara 1996 keewwata 32/1A fi 539/1A bu'uura godhachuun himatamtoonni balleessaa raawwachuu mirkabeesseera.

    Haala kanaan dhumarratti dhaddacha gaafa 16/05/2016 ooleen tokkoon tokkoon isaaniitti adabbii hidhaa waggaa 16 fi ji'a ja'a mureera.