Qaamooleen Israa'el bakka bu'uun mari'ataa turan Kaataarii akka deebii'aniif ajajaman

Qondaaltoonni tika Israa'el biyyattii bakka bu'uun dhukaasa dhaabuuf mari'ataa turan erga mariichi socha'u dideen booda Kaataarirraa gara biyyaatti akka deebii'aniif ajajamu ejansiin tika biyyattii Mosaad beeksiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kallattiin tamsaasuutti deebineerra.

    Akkam jirtu!

    Waraana Israa'el-Gaazaa kallattiin isiniif dhiyeessuu jalqabneerra.

    Nu hordofaa.

  2. Gabaasni kallattii asirratti xumurre.

    Gabaasa kallattii har'a isin biraan gahaa turre asirratti xumurreerra.

    Boru hanga oddeessalee haaraadhaan walitti deebiinutti bakka nagaa turaa.

  3. Haleellaa Jabaliyaarratti raawwatameen ajajjaafi miseensoota Hamaas ajjeefne -IDF

    Daanii'el Hagaarii

    Waraanni Israa'el ibsa sa'aatii muraasaani dura kenneen, haleellaa kaampii baqattoota Jabaliyaa irratti raawwatameen ajajaa olaanaa fi miseensoota Hamaas hedduu ajjeesse jedhe.

    Dubbi Himaan waraanichaa daani'e Hagaarii wayita oolmaa waraanichaa guyyaa irratti ibsa kennaniitti walitti qabaatti qabxileen ittaanan kaasan:

    • Haleellaa jeettiiwwan waraanaa Israa'el kaampii baqattoota Jabaaliyaa irratti raawwataniin ajajaa olaanaan Hamaas Ibraahiim Bi'aarii ajjeeffame jedhan.
    • Miseensoonni garichaa ajajaa waliin gamicha keessaa fi ulaa lafa jalaa keessa turan hedduun ajjeefaman.
    • Haleellichi akkasumas bu'uuraalee misoomaa Hamaas ulaa lafa jalaas jigseera.
    • Hamaas uummata nagaa ta'e jedhee ''gara jabiinaafi hammeenyaan'' akka dahootti fayyadama jedhan Hagaariin.
    • Akkasumas Hagaariin waraanni Israa'el ummanni kaaba Gaazaa keessaa gara kibbaatti akka deemaniif irra deebiin waamicha taasisa jedhan.
  4. Humni Waraana Israa'el Jabaliyaa haleelluu mirkaneesse

    Bakka haleellame

    Madda suuraa, Reuters

    Dubbii himaan Humna Waraanaa Israa'el (IDF), Daani'el Hagaarii, jeettiiwwan waraanaa biyyattii kaampii baqattoota Jaabaaliyaa kan Gaazaa keessarraatti haleellaa raawwachu mirkaneessan.

    Haleellaa kanaanis ajajaa olaanaa Hamaas ajjeessuufi bu'uuraalee misoomaa lafa jalaa gariichaa barbadeessuu himan.

    Haleellaa sa'aatii muraasa dura kaamppicha irratti raawwatammeen yoo xinnaante namoonni 50 ajjeeffamusaanii Ministeerri Fayyaa Gaazaa keessaa himee ture.

    Hagaariin haleellaa qilleensaa raawwatamee kanaan, miseensoonni Hamaas ajajaa waliin turaniifi kanneen ''gamoofi lafa jala turan'' gara biraas hedduun ajjeeffamu himan.

    Gamoon irratti qiyyeefatame jignaan gamoowwan kaan akka kufatan taasisee kan jedhan dubbii himaan kun, ''bu'uurri misoomaa kunis baayyee bal'aa ture'' jedhan.

    ''Kaayyoon buu'raalee misoomaa kanaatiis humnoota keenyarratti sochiilee shororkeessaa raawwachuuf ture'' jedhan.

    Haata'u malee haleellaa qilleensaa raawwatameen bu'uuraaleen misoommaa kun akkuma jiruutti barbadaa'u himan Hagaariin.

  5. Baha Giddugalaatti muddamni hammaachun yaaddoo uume

    Waraana Israa'el

    Madda suuraa, EPA

    Waraana Israa'el-Hamaasiin wal-qabatee Baha Giddugalaatti muddamni hammaatee jira. Israa'el Hamaas wajjin qofa osoo hin taane, karaa Kaaban hidhattoota Hizbollaa irraa yaaddoo biraatu ishee eeggata.

    Erga gaafa Onkoloolessa 7 Hamaas Israa'el haleelee kasee Hizbollaanis waraana kanatti makamuun Hamaas cinaa akka dhaabbatu ibsuun daangaa Libanoonin waraana Israa'el wajjin walitti bu'uu eegaleera.

    Akka kan Gaazaa hamaa ta'uu baatus Hizbollaafi Israa'el walitti dhukaasuu hin dhaabne. Karaa daangaa Libaanoniin waliti bu'iinsi jiru akkuma kan Gaazaa adda waraanaa cimaatti jijjiiramuu danda'a sodaa jedhu uumee jira.

    Hamaas, Hizbollaafi Huutin wal-ta'iinsa waloo kan qabaniifi sadan isaanituu Iraan irraa deeggarsa cimaa kan qabaniidha.

    Hidhattoonni Huutii baalistik misaa'eliifi diroonin Israa'el haleeluu beeksisee jira. Kana dura haleellaa akkasii marroo sadi Israa'el irratti raawwachuu beeksisuun haleellan kun gara fuukduraatti cimee akka itti fufu beeksise.

    Dheengadda ammoo Joo Baayidan buufanni waraanaa Iraaqifi Sooriyaa keessa jiru walakkeessa ji'a Onkoloolessaa kaasee si'a 23 haleelamuu himanii ture.

    Haleellaa buufata waraana Ameerikaarratti raawwateef ammoo gareewwan Iraanin deeggaraman komatan.

    Iraan waraana Israa'el-Hamaas kana akka hin babal'ifne US irra deddeebin akekkachiisaa jirti. Akeekkachiisa Ameerikaa kana ilaalchisee gaafa Dilbataa pirezidaantin Iraan Ibraahim Raa'isiin TV irratti dhiyaachun deebii kennan.

    "Washngatan akka nuti homaa hin goone nu gaafatti, garuummoo ofiisanii Israa'eliif deeggarsa guddaa taasisaa jiru."

    "Israa'el sarara diimaa tarii namni hunduu tarkaanfii akka fudhatu dirqisiisu ceetee jirti," jechuun dubbatan.

    Gama biraan ammoo Libaanos keessa kan socho'u Hizbollaan maal-gochuu danda'a kan jedhuufi gaggeessa garichaa Hasan Nasirallaa maal dubbatu kan jedhu eegamaa jira.

    Kana malees hidhattoonni Huutii -Yeman irraa, kanaan dura misaa'ela baalistikii fi diroonii hedduu Israa'elitti dhokaasuu himuun,ammas haleellaasaanii akka itti fufuunan har'a ifatti dhaadatan.

  6. WHOn gabaasa haleellaa dhiheenya hospitaala kaansarii Gaazaatiin yaadda'uu ibse

    Keessoo hospitaala barbadaa'ee jedhame

    Madda suuraa, Gaza health ministry

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n gabaasa haleellaa qilleensarraa dallaa hospitaala Turkish-Palestinian Friendship jedhamu keessatti guyyoota lamaan darbe raawwatame jedhuutiin baayyee yaadda'uu ibse.

    Hospitaalli kibba Magaalaa Gaazaa keessatti argamu kunis, wiirtuu kaansaarii Sulula Gaazaa isa muummeedha.

    Waraanni Israa'el BBCtti akka himeetti, hospitaalicha hin rukunnee jedheera. Haata'u malee naannoosaatti haleellaan raawwatamuu hin haalle.

    ''Sababii ibsaan adda cituufi dhiyeessitiiwwan qorichaa fi meeshaalee wallaansaa gara biraa, boba'aa fi bishaan baayyee gadaanaa ta'eetiin tajaajiilli hospitaalichaa hir'ateera. Ammatti namota buqqa'aniifilleen dahoodha'' jedha dhaabbatichi toora X irratti Kibxata har'aa akka maxxanseetti.

    Daareektarri Olaanaan Dhaabbatichaa Dr Teediroos Adhaanoom, ''Dhukkubsattoonni kaansarii duraanuu dadhaboodha. Kanaafuu kunuunsa isaan barbaachisuu argataa jiraachusaanii mirkaneessuuf kan danda'amu hunda gochuun baayyee barbaachisaadha. Dhugaatti dhimma du'aa ykn jireenyaati,'' jedhan.

    BBCnis waraabbii viidiyoo Wiixata galgala miidiyaa hawaasaa irratti qoodaameefi ala hospitaalaatti aarrii mul'achuufi dhohiinsi dhagahamuu mirkaneeffateera.

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa ammoo har'a suuraa keessoo hospitaalichaa miidhamee agarsiisa jedhe qoodeera.

  7. Akkuma Hamaas Israa'eliin wallolaa kan jiru Hezboollaah eenyu?

  8. Haleellaa Israa'elin dhohiinsa kaampii Jabaliyaatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 50 du'an jedhe Hamaas

    Bakka dhohiinsi itti mudate

    Madda suuraa, Reuters

    Gaazaa bakka qubsuma baqattootaa Jabaaliyaa jedhamutti haleellaa qaqqabeen namoonni heddu du'uufi madaa'uun dhagahame.

    Ministeerri Fayyaa Gaazaafi Daayireektarri Hospitaala Indoneeshiyaa Jabaaliyaatti argamu akka jedhanitti yoo xiqqaate namoonni 50 ta'an haleellaa kanaan du'aniiru.

    Dhohiinsi namoota heddu galaafate haleellaa qilleensarraa Israa'el gaggeessiteen kan mudate ta'uu dabaluun ibse ministeerichi.

    Jijjigaa gamoo jalaa reeffi namootafi madoon guuramaas jira. Suuran kaampii baqattootaa bakka dhohiinsi itti mudatee agarsiisu lafti bal'aan gadi boollatee naannoosaatti ammoo gamoon jijjigee lafatti dabalamee mul'ata.

  9. "Israa’el si’a sadii haleelle, fuuldurattis ni haleella"- hidhattoota Huutii Yaman

    Yahyaa Saaree

    Madda suuraa, Telegram/Yahya Saaree

    Hidhattoonni Huutii Yaman - kibba baha Israa'elirraa maayilii dhibbaan lakkaa'amu fagaatu- misaa'ela baalistikii fi diroonii ''danuu‘‘ furguggisuu mirkaneesse.

    Magaalaa kibba Israa'el Ayilat keessaa sagaleen akeekkachisa balaa Kibxata dhagahamaa kan ture yoo ta’u, Israa'el ‘‘xiyyaaara diinaati‘‘ jettuun Galaana Diimaarratti kuffifte.

    Dubbi himaan waraanaa Huutii Yahyaa Saaree ibsa TV gubbatti kennaniin, Israa’el haleeluuf si’a sadaffaaf tarkaanfii waraana fudhanneerra jedhan- haleellaan biroos akka itti fufu dubbatan.

    Humnoonni Huutii ''hanga weerarri Israa'el xumuramutti tarkaanfii waraanaa addaa fudhachuun ittifufa'' jedhan Saareen.

    Torban darbe Israa’el gareen finciltoota Yaman kan Iraaniin deeggaramu, diroonii magaalota Masrii lama keessatti dho’iinsa uume erguun himattee turte. Kaayyon haleellaa diroonii sun Israa’el haleeluuf yaadame jetteetti.

  10. Balaan fayyaa hawaasaa hamaan Gaazaatti mudachuun waan hin oolle- Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

    Haleellaan xiyyaaraa battala Raafaatti raawwatame suura agarsiisu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan xiyyaaraa battala Raafaatti raawwatame suura agarsiisu

    Gaazaatti ''balaan fayyaa hawaasaa''mudachuun akka hin oolle Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibse.

    Uggurri Israa’el ittifufee waan jiruuf, bishaan, nyaataa fi boba’aa Gaazaatti argachuun rakkisaadha. Hospitaalonnis qorichaa fi ibsaa hin qaban.

    Dubbi himaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Kiristaan ​​Liindmayer akka jedhanitti: "Namoonni jumlaan qe’eerraa buqqaa’u wajjin wal qabatee balaa fayyaa hawaasaa mudachuun waan hin ooleedha, namoonni walitti rukkataniiru, dhiyeessiin tajaajila bishaanii fi bakka balfaan itti kuufamu manca’uun yaaddoo uumera."

    Akka dubbi himaan kun meeshaan bishaan soogiddarra adda baasu akka hojjetuuf boba’aan gara Gaazaa akka seenus gaafatan.

  11. Israa'el "shororkeessitoota heddu" Gaazaa keessatti ajjeesuu beeksifte

    Loltoota Israa'el Gaazaa keessatti

    Madda suuraa, IDF

    Israa'el duula humna lafoo Gaazaatti gaggeessiteen "shororkeessitoota heddu" ajjeese jette.

    Humni waaraana biyyattii akka beeksisetti, Gaazaatti lola cimaa gaggeeffameen buufataleen garee Hamaas haleeluu fi loltota garichaa heddu ajjeefaman.

    HumnI Waraana Israa'el loltoonni biyyattii yeroo Gaazaatti sochii waraanaa gaggeessan viidiyoo agarsiise.

    Kanaanis Gaazaa keessatti:

    • "Shororkeessitoota heddu" ajjeesuu
    • Bakkeewwan misaa'eloonni farra taankii irraa furguggiufaman mancaasuu.
    • Boombiwwaniifi qawwee dabalatee meeshaalee heddu to'achuus beeksise.

    Dabalataanis, Waraanni Israa'el walakkaa Gaazaatti lolli cimaan gaggeeffamuu beeksise . BBC'n garuu waa'ee lola gaggeeffame jedhame kanaa hedduusaa hin mirkaneeffanne.

  12. Hamas lola Gaazatti gaggeeffamaa jiruun loltuu Israa'el ajjeesuu beeksise

    Gaazaa

    Madda suuraa, Reuters

    Hamaas Gaazaa keessatti loltoota Israa'el wajin lola walirratti bananiin loltuu Israa'el tokko ajjeessufi konkolaattota Israa'elis mancaasuu beeksise.

    Israa'el suuta suutan humna lafoo Gaazatti bobbaasuun Hamaas "buqqisaan" jira jette. Fuulli miidiyaa hawaasaa Telegiraamii garee Hamaasifi Islaamik Jihaadin hogganamu akka ibsetti Gaazaa keessatti waraana Israa'el wajjin lolli gaggeeffamaa jira.

    Gareen waraana Hamaas, al- Qasim Birgeed, waaree booda kana loltuu Israa'el tokko ajjeessuu ibse. Dabalataanis:

    • konkolaattoora lama gara handhuura Gaazatti lixaa turan haleeluu
    • Taankii Israa'el misaa'ela farra taankii fayyadamuunb gubuu
    • Loltoota Israa'el bakka Beet Hanuun jedhamutti gamoo seenanii ture haxxee hidhuun haleeluufi
    • Akkasumas konkolaattota Waraana Israa'el haleeluu beeksise.

    Garee waraanaa Paalestiiniyaan islaamoik Jihaad kan ta'e Birgeedin al-Quds ammoo Kaaba Gaazaa keessatti garee waraana Israa'el lama moortarii fayyadamuun haleeluu beeksise. BBCn garuu odeeffannoo kana hin mirkaneeffanne.

  13. Gaazatti abbaan ijoolleesaaf daabboo bituuf sa'aatii jaha hiriire maal jedha?

    Haleellaa Kaan Yuunisitti qaqqabe booda

    Madda suuraa, Rooyitars

    Kibba Gaazaatti bishaani fi nyaata argachuun dhimma jabaa ta’eera.

    Israa’el tajaajila bishaan dhugaatii naannicha bade nan deebisa jette- Garuu bishaan mana jiraattotaan gahuuf boba’aa barbaachisa.

    Bishaan dhugaatii taaankarii hospitaala Nassir dura dhaabbate jalaa qaruuratti warabbachuuf namoonni dhibbaan lakkaa’aman hiriiraan eeggatu.

    Maanguddoon tokko maatii isaatiif daabboo bituuf sa’aatii jahaa hiriira qabatee eegaa turuu dubbatan.

    Namoonni naannicha jiraatan koridarrii gargaarsa namoomaa ittiin isaan qaqqabu akka jiraatu barbaadu. Namoonni kun bishaani fi soorannii maatii isaanii akka qaqqabu barbaadu.

  14. Hidhattoonni Huutii Yaman halellaa diroonii Israa'elirratti gaggeessuu himan

    Buufata doonii Eyilat

    Madda suuraa, Getty Images

    Hidhattoonni Huutii Yaman bulchaa jiran Israa'elirratti haleellaa diroonii raawwachuu beeksisan.

    Gareen kun Iraanin kan deeggaraman yoo ta'u har'a Kibba Israa'elitti haleellaa diroonii raawwachuu miidiyaa AFPtti himan.

    Kibba Israa'elitti kan argamu buufata doonii Eyilatitti sagaleen akeekkachiisa haleellaa qilleensarraa dhagahamee ture.

    Haleellaa gareen Huutii Yaman Israa'el irratti fudhadheera jedhe kanaan miidhan qaqqabe hin gabaafamne.

  15. Israa'el namoonni kumaatamaan lakkaa'aman kibba Libaanon keessaa baqataa jiru jette

    Taankii israa'el

    Madda suuraa, EPA

    Sa'aatii muraasan dura, dubbii himaan Waraana israa'el (IDF) Daan'eel Hagaarii haleellaa ''qileensaa fi lafoo qindaa'ee'' qiyyeeffannaa Hamaas dhibbaan lakkaa'aman Gaazaa keessatti haleelluu irra deebiin ibsan.

    Akkasumas waa'ee haala kaaba Israa'el kan Libaanon waliin wal daangeessuu irratti dubbataniiru. Humnootiin Israa'el dhiheenya keessa gama kaaba biyyattiin humnootiin Hezboollaa Iraaniin deeggaraman waliin wal waraanaa jiru.

    Hagaariin haleellaa halkan keessa raawwatameen ''jeettiiwwan waraanaa Israa'el iddoowwan bu'uraalee dhaabbata shororkeessaa hezboollaa ta'an barbadeessaniiru'' jedhan.

    Haagaariin itti dabaluudhaan, namoonni nagaa kumaatamaan lakkaa'aman sodaa ''Hezbboolaan waraanaa nurratti fida jechuun, kaka'umsa isaanitiin'' kibba Liibaanon keessaa baqaataa jiru jedhan.

  16. Doktoroonni Gaazaa eenyu dursa lubbuu akka baraaran walii wallaalanii rakkataa jiru

    Bakka haleellan jijjige

    Madda suuraa, Reuters

    Gaazatti hanqina qorichaaafi meeshaalee waldhaansaarraa kan ka'e doktoroonni eenyu akka lubbuu baraararan irratti "dhiphina xiinsammuu" keessa galuu hima gaggeessan garee meedikaalaa Zaheer Sahlool.

    Zaheer BBCtti akka himetti, doktoroonni Gaazaa keessa jiran sababa hanqina meeshaalee wal'aansan dhiphina keessa jiru.

    "Aneesteezhyaa, qoricha dhukkubbii hir'isu, dhiiga, dawaa waan ittiin madaa hidhaniifi meeshaalee biroo heddu kan dhiiguu dhaabu fi dhukkubsattoota waldhaanuf gargaaran fixaa jiru."

    "Dabalataan ammoo halellaan boombii jira, bishaan qulqulluun, nyaanni, boba'aan hin jiru. Kana jechuun akka doktoraatti dhukkubsataa kam wal'aantee lubbuu akka oolchitu fi eenyu akka du'u murteessuuu qabda," jechuun ogeeyyin fayyaa dhiphina keessa akka jiran dubbata.

  17. Israa'el Hamaas ummata nagaa duuba dhokata jechuun himatte

    Buldoozarii israa'el Gaazaa keessatti

    Madda suuraa, IDF

    Dubbi-himaan Waraana Israa'el Piitar Larnar kan saganataa BBCtti har'a dubbatan, 'Hamaas namoota nagaa duuba dhokataa jira'' jechuun balaaleeffatan.

    Larnar ''gara lamaaniitittuu badii ilmaan namaa mudataa jira. Sababii Hamaas akka badu itti barbaadnuuf keessaa tokkoo kana. Dhaabbata kana keessaa hundi rakkaataa jira.''

    Hamaas ''Bakkeewwan rokkeettiin irraa dhukaafamu kan waajjiiraalee UN alatti argaman dabalatee, dirooniiwwan dhohan manneen jireenyaa namootaa irra ka'u, dandeettiiwwan isaa hunda waltajjiiwwan siiviil keessa kaawwateera'' jechuun himateera.

    Akkasumas, erga Onkololeessa 7 as Gaazaa irraa rokkeettiiwwan gara 7,000 Israa'el irratti dhukaafamuu himan.

    Duraan ammoo Larnar Hamaas hospitaalootaafi namoota nagaa Gaazaa keessaatti akka ''eddoo ajajasaatii fayyadamaa jira" jechuun himatanii ture.

  18. UN hojjettoonnisaa 64 Gaazaatti jalaa ajjeefamuu beeksise

    Nama bakka gamoon haleellaan diigame taa'ee gaddaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)tti Ejensiin Baqattoota Filisxeem hojjettoonnisaa 64 ta’an Gaazaa keessatti jalaa ajjeefamuu beeksiseera.

    Guyyaa kaleessaa hojjetaan UN tokko ijoolleesaa saddet fi haadha warraasaa waliin mana jireenyaa isaanii keessa osoo jiranii ajjeefamuu dubbi-himtuun Juuliyet Towumaa BBCtti himan.

    Gaazaa Istriip keessa dahoowwan baqattootaa 450 ta’an UN bulchu kan jiran yoo ta’u, dahoowwan kunneenis guutanii akka malee dhiphachuu dubbi-himtuun kun dubbataniiru.

    Dahoowwan kunneen Filisxeemota kuma 670 keessumeessaa jiru jedhameera.

    “Dhukkuboonni akka cittoofi garaa kaasaa kan fakkaatanis daddarbaa jiraachuu gabaasaaleen nu qaqqabaniiru,” jedhan.

    “Gargaarsa namoomaaf dhukaasa dhaabuun taasifamuu qaba. Waldaaleen Kiristaanaa, majiidonniifi dhaabbileen Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii eegumsi taasifamuufiif qabu haleelamaniiru. Gaazaa keessa bakki nageenyisaa eegamaadha jedhamu hin jiru. Gaazaan saffisaan gara Jaannabaa/Gaannamitti jijjiramaa jirti,” jechuun dubbatan.

    Haleellaa tasaa Hamaas raawwateef deebii kennuudha jechuun Israa’el Gaazaarratti haleellaan qilleensarraafi lafoo raawwacha ajirti.

  19. Dirooniin Yamanirraa ta’uu hin oolle magaalaa Israa’elitti 'rukutamte'

  20. Israa'el wayita itti fuftee halaalaa jirtutti Gaazaatti sirni awwaalchaa raawwatamu itti fufeera

    Halkan darbe Gaazaadhaaf halkan boombii reebamuu kan biraa ta'un darbe. Israa'el halkan darbe qofatti eddoowwan qiyyeeffannaa 300 ta'an haleeluu beeksifte.

    Suuraaleen kibba Israa'el irraa kaafaman akka agarsiisanitti ollaa Gaazaaa dhiheenyatti argamurraa aarri samiitti ol ka'ee agarsiisu.

    Akkasumas, ganama kana Gaazaa keessatti namoota hedduu erga Onkolooleessa 7 as ajjeeffamaniif sirni awaalchaa gaggeeffamuu itti fufeera.

    Hanga ammaattis Gaazaa keessatti namoonni 8,300 ta'an ajjeeffamuu Ministeerri Fayyaa Gaazaa keessaa beeksiiseera.

    Magaalaa haleellame

    Madda suuraa, Reuters

    Magaalaa Gaazaa keessaa

    Madda suuraa, Reuters

    Dubartoota gadda airra turan

    Madda suuraa, Reuters