Qaamooleen Israa'el bakka bu'uun mari'ataa turan Kaataarii akka deebii'aniif ajajaman

Qondaaltoonni tika Israa'el biyyattii bakka bu'uun dhukaasa dhaabuuf mari'ataa turan erga mariichi socha'u dideen booda Kaataarirraa gara biyyaatti akka deebii'aniif ajajamu ejansiin tika biyyattii Mosaad beeksiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraanni Israa’el-Gaazaa Yukireen xiyyeeffannaa dhabsiise- Zelenskii

  2. Landanii fi Waashingitanitti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman haleellaa Israa’el morman

    Hiriira mormii

    Madda suuraa, PA Media

    Namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman Sambata darbe kana magaalota UK heddu keessatti hiriira bahuun haleellaan Israa’el Gaazaa keessatti raawwatu akka dhaabbatu gaafatan.

    Poolisiin akka jedhutti, jidduugala Landanitti qofatti namoonni 30,000 ta’an hiriira bahaniiru.

    Buufatalee baaburaa Edinbiraa fi Gilasgootti akkasumas Landan keessatti namoonni lafa taa'anii imaltoonni baabura akka hin yaabbanne dhorkaa turan jedha poolisiin.

    Magaalaa Landanitti jibba sanyii kakaasuu dabalatee, yakkoota biroon dhimma walqabatuun namoonni 29 to'atamaniiru.

    Haaluma walfakkaatuun hiriirri mormii Ameerikaa Waashingitan DC fi kutaalee addunyaa biroottis itti gaggeeffamuu fufeera.

    Erga waraanni eegalame hiriira guddichi Sambata darbe kana masaraa Waayita Haawus biratti bahameera.

    Hiriirtonnis muraasni deeggarsa Pirezedant Baayidan Israa’eliif kennan qeeqaa turan.

    Namoonni kumaatamaan lakkaa’aman Ameerikaa, Kanaadaa, Awurooppaa, Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa keessatti hiriira bahuun dhukaasni akka dhaabatuu fi Filisxeem akka deeggaran ibsan.

    Hiriira mormii haleellaa Israa'el

    Madda suuraa, Rooyitars

  3. Lukaa-Lukee: Adeemsa ittiin Oromoon Maccaa dhugaa dhokate barbaadu

  4. Lammileen Israa’el kanneen butaman biyyatti akka deebifaman Teel Aviivitti hiriiraan gaafatan

    Namoota hiriira bahan

    Madda suuraa, Rooyitars

    Lammiileen Israa’el kumaatamatti lakkaa’aman Sambata darbe Teel Aviivitti hiriira bahuudhaan namoonni Hamaasiin butaman Israa’elitti akka deebifaman gaafatan.

    Hiriirri sunis maatii namoota butamaniin kan qindaa’e ture.

    Hiriirtonni "Amma gara biyyatti fidaa" jechuun namoonni ji’a tokkoof butaman kun akka biyyatti deebifaman gaafatan.

    Hiriirtoonni baayyeen suuraa namoota butamanii baatu – kanneen butaman keessatti daa'immanii fi maanguddoonnis ni argamu.

    Yerusaalemittis poolisiin mormitoota dhibbaan lakkaa’aman mana jireenyaa MM Beenjamiin Netaaniyaahuun fuulduratti bahuun aangoo akka gadhiisan gaafan duubatti deebise.

  5. Haadha ijoolleeshee dubaraa lama akkuma hammattetti ajjeefamtee argamte

  6. Ministirri Ittisa Israa'el qondaaltota olaanoo Hamaas ''dhabamsiisuuf'' dhaadatan

    Loltoota Israa'el

    Madda suuraa, Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Israa'el

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Israa'el, Yohav Gaalant qondaaltota olaanoo Hamaas tarreessuudhaan ''adamsanii dhabamsiisuuf'' dhaadatan.

    Yahyaa Sinwaar Gaazaatti hogganaa Hamaas yoo ta’u, innis qondaaltota Hamaas humnoota Israa’eliin barbaadaman keessaa tokko.

    "Jiraattota Gaazaatti himaa -yoo nu dura isa argitan waraanni ni gabaabbata," jedhan Galaant.

    Hogganaan kutaa hidhannoo Hamaas, Mohaammad Deyif, qondaalota Hamaas adamfaman keessaaisa biraati.

    Maddeen basaasaa akka jedhanitti, Sinwaariifi Deyif amma Gaazaa keessa, ulaawwan neetiwoorkii lafaa jalaa (tunnels) keessaa dhokatanii jiru.

    Gaalant ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, waraanni Israa’el magaalaa Gaazaa marsuun ''naannoo uummanni itti baay'atu seenuun'' kibbaa fi kaaba Gaazaa keessa socho'aa jira.

  7. Tarkiin ambaasaadarashee Israa'elii waamuun Netaaniyaahuu waliin haasaa dhaabde

    Tarkiin Israa'el waamicha lola Hamaas waliin taasifamaa jiruun dhukaasa akka dhaabduuf dhiyaateef diduushee hordofee ambaasadarashee Israa'el keessaa akka biyyatti deeb'ianiif waamte.

    Ministirri Dhimma Alaa Tarkii, ambaasaadara baasuunkun ''sababii haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti namoota nagaarratti raawwataa jirtuun badii namoomaa cimaa qaqqabee fi dhukaasa dhaabuu diduu Israa'eliiti'' jedhan.

    Guyyootaan dursa ammoo haasaa Pirezidanti Erdohaan dhimmicharratti taasisan hordofuun, Israa'el dippilomaatiishee Tarkii keessaa gara biyyatti akka deebii'aniif waamuun ni yaadatama.

    Saakiir Ozkaan Torunlaar bara 2022 keessa ture ambaasaaddara Tarkii ta'un Israa'elitti kan ramadaman.

    Kunis erga biyyattiin ajjeechaa filisxeemoota hedduu bara 2018tti raawwatame mormuudhaaf ambaasaadara ishee biyyattii deebiiftee waggaa afur booda ture.

    Sochiin kunis mudamni biyyoota lamaa jidduutti dabalaa dhufuu agarsiisa.

    Pirezidanti Erdohaan mootummaan isaanii Ministira Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahu waliin haasaa ni dhaaba jedhanii ture.

    ''Kanaan booda Netaaniyaahuun nama itti dubbannu miti,'' jechuu miidiyaan biyyattii Erdohaaniin eeruun gabaasan.

  8. Bilinkan Tarkii dawwannaa dippilomaasi isaaniitti dabalan

    Antoonii Bilinkan

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Dhimma Amaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan kan dureewwan biyya arabaa waliin Jordaaniitti mari'atanii turan, Dilbata har'aa ammoo Tarkii akka deeman Waajjiirri Isteeti Dippaartimantii biyyattii beeksiise.

    Bilinkan erga Tarkii qaqabaniin booda eenyu waliin akka mari'atan garuu ammatti ifa miti.

    Troban darbe keessa pirezidantiin Tarkii Resiip Taayip Erdohaan, Hamaasiin garee ''bilisummaa'' erga jedhaniin booda, Israa'el akka ''yekkamtuu waraanaatti'' socha'aa jirti jechuun himatanii ture.

    Israa'elis dippilomaatii ishee Tarkii keessaa gara biyyaatti akka deebii'an waamun gochaa kanaaf deebii kennite.

  9. Waraana Israa’el-Gaazaa torban afur guuteerratti wantota haaraa shan iftatti mul'atan

  10. Biyyoonni Arabaa Gaazaatti dhukaasni akka dhaabbatu osoo gaafatamu US marii dippilomaasii itti fufte

    Buqaatoota mana barnootaa keessa jraatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan daawwannaa saanii jidduugala bahaatiin Tarkiitti darbuun yaalii dhiibbaa dippilomaasii gochuuf itti fufan.

    Bilinkan dureewwan biyyoota naannichaa waliin waraana gaggeeffamaa jiruun deeggarsa namoomaa galchuuf dhukaasni akka dhaabbatu hojjataa jiru. Pirezidantiin US Joo Baayidanis kana gochuuf sochiin hanga tokko jiraachu Sambata dubbataniiru.

    Biyyoonni Arabaa dhukaasa dhaabuun atattamaa akka jiraatu yoo gaafatan, US garuu kun Hamaas deebii'ee akka of ijaaru gargaara jechuun yaaddoo qabdu ibsite.

    Kun osoo kanaan jiruu, loltoonni Israa'el Magaala Gaazaa keessa gadi fagaatanii seenaa jiru. Israa'el Magaala Gaazaa irraa namni bahu barbaadu yoo jiraateef daandii kibbaa guddichi guyyaa Sambata sa'aatii sadiif banaa akka ta'u himte turte.

    Garuu Hamaas ummanni akka hin baaneef dhorkaa jira jechuun himata waraanni Israa'el.

    Akkasumas UN Gaazaa keessatti namoonni miiliyoona 1.5 bakka jireenyaasaanii buqqa'un kan 700,000 ol ta'an dhaabbiilee dhaabbatichaa keessatti dahachu hime.

    Haalli kunis namoonni yoo baayyatanii waliin jiraatan balaa fayyaa olaanaa ummatichaaf qabaachu akka danda'u akeekkachise.

    Gama biraatiin ammoo ulaa Raafaah kan namoonni Gaazaa keessaa ittiin bahan tokkicharra rakkoon jiraachun gabaafame. Lammiileen biyya biraa kamuu akka daangaa keessaa hin baane dhorkamaa jiraachutu himame.

    Lammiileen biyya biraa bahuun dura namoonni miidhaman hedduun akka baafamaniif Hamaas gaafachuun gabaafame.

  11. Tamsaasa kallattii keenya eegalleera.

    Hordoftootaa tamsaasa keenya kallattii kan Dilbataa kun amma eegalleera.

    Yoo nu hordoftan keessattuu walitti bu'insa Israa'eliifi Gaazaa irratti waan addunyaa maratti ta'aa jiru isnin biraan geenya.

    Oolmaa gaarii!

  12. Turkiin ambaasaaddarashee Israa'el jiru waamte

    Pirezidantii Turkii Erdohaan

    Madda suuraa, Reuters

    Turkiin ambaasaaddarashee Israa'el jiru waamuushee ministeerri dhimma alaa Turkii beeksise.

    Ambaasaaddarri kun kan waamamaniif waa'ee haleellaa Israa'el Gaazaarratti raawwachaa jirtuufi rakkoo namoomaa Gaazaatti uumamerratti marii taasisuuf akka ta'e ministeerichi ibseera.

    Waraana Israa'el-Gaazaa jalqabuun booda Tel Aviiv fi Ankaaraan muddama dippilomaasii hamaadha jedhamu keessa galaa jiru.

    Guyyoota muraasa dura pirezidantiin Turkii Resiip Erdohaan Israa'eliin "yakkamtuu waraanaati" jedhanii dubbachuu hordofee Israa'el ambaasaaddarshee Turkiin jiru dabalatee dippilomaatotashee waamteetti.

  13. Libaanos Israa'el wajjin lolatti seenuu hambisuu dandeessii?

    Haasan gaggeessa garee Hezbollaa Hasan Nasrallaan haasan isaan kaleessa taasisan lammiilleen biyyattii yaaddoo garichi waraana guututti seenuu danda'a jedhurraa isaan boqochiisera.

    Israa'el wajjin walitti bu'iinsi daangarra jiru akka hammaatu hin labsine. Namoonni baay'en tarii Hasan Nasrallaan gareen isaan hogganan Hezbollaan Israa'el irratti waraana labsuu malu jechuun eegaa turan.

    Erga isaan haasaa taasisanii as garuu walitti bu'iinsi daangarra jiru hin dhaabbanne.

    Hezbollaan loltoota Israa'el daangarra jiran irratti haleellaa gaggeessuu beeksise.

    Israa'el ammoo haleellaa kana hordofuun buufataalee Hezbollaarratti haleellaa haaloo bahannaa gaggeessaa jiraachuu beeksifte.

    Walitti bu'iinsi kun dhaabbachuu baatus, Israa'elis ta'ee Hezbollaan waraana guututti seenurraa of-qusataa jiru.

    Har'a ganama ammoo Muummeen Ministeeraa Libaanos Naajib Mikaatii Yordaanositti Antoonii Biliinkan wajjin wal-arganii dubbataniiru.

    Naajib Mikaatii waraanni Gaazaa keessatti gaggeeffamu akka dhaabatu irratti xiyyeeffachuun Israa'el kibba Libaanositti qoccolloo gaggeessitu akka dhaabdus gaafatan.

    Ministeerri Muummee Libaanos Naajib gama tokkoon biyyisaanii Libaanos Israa'el wajjin waraanatti akka hin galleef dhama'aa jiru. Gama kaanin ammoo dhiibban isaan Hezbollaarratti qaban baay'ee xiqqaa waan ta'eef gidduutti rakkataa jiru.

  14. Bilinkan ministiroota muummee Libaanosiifi Qaataar waliin wal argan

    Ministirri dhimma alaa US Antoonii Bilinkan ministiroota muummee Libaanosiifi Qaataar waliin wal argan.

    Bilinkan aanga'oota Libaanosiifi Qaataar waliin kan wal argan erga Jordaan daawwatanii boodadha.

    Kaleessa Israa'elirraa kan jalqaban Antoonii Bilinkan gaggeessitoota biyyoota Arabaa Baha Giddu-galeessaa waliinis wal argu jedhameera.

    Ajandaa jalqabaan ministira muummee Libaanos Najiib Mikaatii waliin wayita taasisanitti Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuun barbaachisaa akka ta'e Bilinkaniif kaasanii ture.

    Bilinkan MM Libaanos waliin

    Madda suuraa, Reuters

    Bilinkan MM Qaataar waliin

    Madda suuraa, Reuters

  15. Kaaba Gaazaatti ammayyuu namoonni 400,000 hin baqatin hafan- US

    Gaazaa

    Madda suuraa, Reuters

    Kaaba Gaazaa bakka waraanni itti gaggeeffamaa jiru keessatti namoonni 400,000 ta'an ammayyuu hin bahin jiraachuu US himte.

    [Baha Giddu Galeessatti] ergamaa addaa US kan ta'an Deevid Saatarfild akka jedhanitti namoonni kuni ammayyuu Kaaba Gaazaa bakka waraanni itti gaggeeffamaa jiru keessaa hgi baane.

    Waraanni erga eegalee jirattoonni Kaaba Gaazaa keessa jiran gara Kibbaa- Waadii Gaazaa- jedhamutti akka baqataniif akeekkachiisaa turte.

    Pirezidaantin Israa'el Ayizaak Herzog kaleessa akka ibsanitti waraanni biyyattii osoo haleellaa hin gaggeessin dura lammiilen Kaaba Gaazaa keessaa gara kibbaatti akka baqataniif ergaam miliyeena 6 ta'u bifa barreeffamaafi bilbilaan ergameefii ture.

    Waraanni kun erga eegalee as Israa'el Kaaba Gaazaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa walirraa hin cinne gaggeessaa jirti.

    Amma immoo humna lafoo bobbaasun magaala Gaazatti seentee jirti. Ergamaan addaa US Deevid Saatarfild har'a magaala guddoo Yordaanos kan taate Amaan keessatti argamuun miidiyaaletti akka dubbatanitti, namoonni 800,000 hanga miliyeena tokkoo gara Kibba Gaazatti yoo baqatan hanga 400,000 kan ta'an ammoo Kaaba Gaazaa keessaa hin bahin jiru.

  16. Hezbollaan ammatti Israa'el wajjin lola guddaatti seenurraa of-qusateera

  17. Israa'el mana jireenyaa hooganaa Hamaas Misaa'elaan haleelte

    Hooganaa siyaasaa Hamaas Ismaa'iil Hanniyyee

    Madda suuraa, AFP

    Rooyitars sabaa-himaalee Hamaasitti dhiyeenya qaban eeruun akka gabaasetti, Israa'el mana jireenyaa hooganaa siyaasaa Hamaas misaa'elaan rukkutteetti.

    Ismaa'el Hanniyyaa bara 2009 Sulula Gaazaa keessaa ba'ee mana jireenyasaa Turkiifi Qaataar keessa godhateera.

    Haleellaan kun wayita manasaarratti raawwatametti Ismaa'el Hanniyyaa Gaazaa keessa akka hin jirre gabaasaaleen bahan mul'isaniiru.

    Mana jireenyaa Ismaa'iil Hanniyyee Gaazaa keessa jirurratti raawwatameen miidhaan miseensota maatiisaarra ga'eeru jiraachuu hanga ammaa wanti jedhame hin jiru.

  18. Israa'eel ambulaansii dhukkubsattoota fe'u haleeltee namoonni 15 du'an- Addeessa Diimaa Filisxeem

    Ambulaansii

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el haleellaa qilleensarraa ambulaansirratti gaggeessiteen namoonni ajjeefamuu Addeessi Diimaa Filisxeem beeksie.

    Haleellan kun kan gaggeeffame kaleessa yoo ta'u, Israa'el haleellicha gaggeessuu amanuun hidhattoota Hamaasitu ambulaansichatti fayyadamaa ture jette.

    Addeessi Diimaa Filisxeem garuu ambulaansichi dhukkubsattoota baatee akka deemu fuula X irratti beeksise.

    Ambulaansichi osoo gara hospitaalaa deemuu si'a lama daandirratti haleelamuufi namoonni 15 du'uudha kan ibse.

    Addeessi Diiman akka ibsetti ambulaansin misaa'ela Israa'el haleelame kun dhukkubsattoota fe'ee karaa ulaa Raafaa cehuuf ture.

    Waraanni Israa'el ibsa baasen hidhattoonni Hamaas ambulaansii fayyadamuun hidhattootafi meeshaa waraanaa deddeebisu jechuun haleellaa gaggeessen hidhattoota Hamaasifi caasaa isaa heddu ajjeessuu beeksise.

  19. Waraanni Israa'el miseensota Hamaas heddu ajjeese jedhe

    Magaala Gaazaa

    Madda suuraa, Reuters

    Humni Waraana Israa'el guyyaa kaleessaa hidhattoota Hamaas hedduu ajjeesuufi buufataalee garichi itti dhimma bahu baayyee barbadeessuu beeksise.

    Hamaas ulaa lafa jalaa (tunnels) keessaa bahuun loltoota Israa'el irratti haleellaa heddu yaalus hin milkoofne jedhe waraanni Israa'el ibsa baase kanaan.

    Kaaba Gaazatiin alatti Kibbattis halkan sakattaa gaggeessufi hidhattoonni Hamaas ulaa lafa jalaa keessaa bahuun dhukaasa irratti banuu beeksise.

    Haleellaa Hamaas kanas konkolaattota waraanaa sibiila uffatan fayyadamuun akka qolateefi deebisee haleellaa gaggeessen hidhattoota Hamaas dhukaasa banan ajjeesuu beesise.

    Magaala Kaaba Gaazaa marfama keessa galchuun guyyaa kaleessaa ajajoota hidhattoota Hamaas 10 kanneen haleellaa Onkoloolessa 7 qindeessuu keessaa harka qaban ajjeesus beeksise.

  20. Naannicha keessaatti waraanni guddaan akka hin babal'anne taasifameera- Pentaagon

    Birgaadar Janaraal Paatiriik S. Riidar

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubbi-Himaan Pentaagon Baha Giddu-galeessaa keessatti 'waraanni cimaa akka hin babal'anneef dhaabsiifameera'' jedhan.

    Birgaadar Janaraal Paatiriik S. Riidar sagantaa BBC Newsnight'tti wayita dubbatanitti, ''Ammaan tana, waraanni kun Israa'eliifi Hamaas jidduutti akka daangeeffame agarra'' jedhan.

    Erga dursaan garee Islaama Shiyaa Liibaanos, Hezboollaa, Haasan Naasraallaah, erga haleellaa Onkololeessa 7 as yeroo jalqabaatiif haasaa taasisuun loltoonnisaa waraanicha keessa seenuu osoo hin dubbatiin dhaabanii booda.

    Hezboollaan gara waraana kanaa akka hin seenneef guutummaatti dhorkamuu ilaalchisee kan gaafataman qondaaalli waraanaa kun, ''waraanichi gara naannootti akka hin guddanneef mootummaa keenyaafi Qajeelcha Ittisaa keenyaaf xiyyeeffannaa ijoo ta'ee ture'' jedhan.

    ''Sababii kanaatiif dooniiwwan xiyyaaroota waraanaa baatan lama dabalatee meeshaalee dabalataa gara naannichaatti erginee kan turre. Kunis taatichaaf deebii kennuun yoo nurra jiraate US'f filamaatawwaniifi dandeettii garaa garaa akka nuuf kennuuf jenneeti.''

    "Kanaaf, eeyyeen ija jabinaan dubbachuuf, waraanni babal'achuun ooleera. Ammas sana gochuu itti fufna. Iraan waliin walitti bu'insa omaa hin barbaadnu. Naannicha guutuutti walitti bu'insa omaa hin fenu. Asirratti xiyyeeffannaan keenya kana qabannee saffiisa danda'ameen gara naannoo tasgabbaa'aafi nageenyisaa eegameetti deebisuudha,'' jedhan.