Qaamooleen Israa'el bakka bu'uun mari'ataa turan Kaataarii akka deebii'aniif ajajaman

Qondaaltoonni tika Israa'el biyyattii bakka bu'uun dhukaasa dhaabuuf mari'ataa turan erga mariichi socha'u dideen booda Kaataarirraa gara biyyaatti akka deebii'aniif ajajamu ejansiin tika biyyattii Mosaad beeksiise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Jarman sochiin Hamaas wajjin wal-qabatu kamuu biyyatti keessatti akka hin gaggeeffamne uggurte

    Chaansilara Jarman Olaaf Sholtiz

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Chaansilara Jarman Olaaf Sholtiz

    Mootummaan Jarman gochoota Hamaas wajjin hidhata qaban hunda uggurte.

    Jarmanitti Hamaas duraanu dhaaba shororkeessaatti ramadameera.

    Ministirri Dhimma biyya keessaa Naansii Fayizer: "Gochoota dhaabbata shororkeessaa Hamaas Israa’el balleessuu barbaadu guutummaatti ugggurreerra,’’ jedhan.

    Kana jechuun maqaa Hamaasiin walitti qabamuunis ta’ee holola tamsaasuun yakka.

    Fayizer neetworkiin Filisxeemotaa 'Samidoun' jedhamu Jarman keessa socho’u ni diigama jedhan.

    Chaansilara Jarman Olaaf Sholtiz ji’a darbe miseensonni isaanii ‘’shororkeessitoota’’ daandiwwan Jarmaniirratti leellisu jedhan.

  2. Gaazaatti lakkoofsi namootaa ajjefamanii 9,000 darbe

    Haleellaa xiyyaaraa Jabaaliyatti qaqqabe booda gamoo jijjige

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Fayyaa Gaazaa Hamaasin hoogganamu Onokolieessa 7, 2023 kaasee lakkoofsi namoota ajjeefamanii 9,061 qaqqabuu beeksise.

    Namoota ajjeefaman kana keessaa 3,760 daa’imman ta’uu Minisiteerichi beeksise.

    Namoonni 32,000 ammoo haleellaa raawwatameen madaa’aniiru.

    Gama biraatiin namoonni Hamaasiin buutaman 242 qaqqabuu beeksiste.

    Dubbi himaan Waraana Israa’el Daani’el Hagaarii maatii namoota butamanii waraaannii keenya haasofsiisera jedhan.

    Kanaan dura lakkoofsi namoota butamanii 239 ta’uutu ibsamee ture.

  3. Filisxeemota miidhaman dabarsuuf daangaa Raafaah yeroo jalqabaaf baname

  4. Ministirri Raayyaa Israa'el loltoota isaanii leelliisan

    Ministirri Raayyaa Ittisa Israa'el, Yoov Gaalaanti

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Raayyaa Ittisa Israa'el, Yoov Gaalaanti, waraanni Israa'el erga waldhabdeen tibbanaa eegalee asitti qofaa haleellawwan 10,000 ol samiirraa Gaazaatti raawwaachu kaasuun, gara galmasaa Hamaasiin barbadeessuutti qajeelaa jira jedhan.

    Lammiilee Biriitish fi kan biyyoota biraa dabalatee, Gaazaa keessatti danqamanii turan 400 ol amma karaa daangaa Masriitiin bahaniiru.

    Daangiichii har'as debi'ee saaqamuun namoonni dabalataa akka biyya bahaniif ni taasifamu jedhamee eegama.

    Ministirri Raayyaa Ittisaa Israa'el, ''Duulli gaggeeffamaa jiru baayyee murteessaa fi kutannoo kan qabu, tarkaanfii qindaa'aanii waraana lafoo fi humnoota qilleensaa akkasumas haleellaa galaanarraatiin deeggarameen gaggeefamuudha'' jedhan.

    ''Hojii humnoota keenyaatiif dinqisiifannaa koo ibsuun barbaada. Kunis dirreerratti milkaa'ina baayyee barbaachisaadha. Sadarkaa hundarratti shororkeessitoota haleellaa jirra,'' jedhan Ministirri Raayyaa Ittisa Israa'el.

  5. Yaasir Arafaat: badhaafamaan Nobeelii Nagaafi gaggeessaan duraanii Filisxeem maalin yaadatama?

  6. Gaazaatti abbaan haleellaa takkaan miseensota maatiisaa 11 dhabe waan himu

  7. Lola halkaniitiin Hamaas miidhaan irra gahuu waraanni Israa'el hime

    Haleellaa halkan keessa raawwatame

    Madda suuraa, Getty Images

    Humnootiin Waraanaa Israa'el (IDF) halkan keessa Hamaas waliin waraaanni cimaan gaggeeffamaa akka ture hime. Lola kanaan gama Hamaas irraa du'i ''hedduun'' mudachuu hime.

    Waraanni Israa'el Hamaas miisaa'eloota farra taankii, boombiiwwaniifi kanneen dhohan gara humnoota Israa'eliitti dhukaasaa turan jedheera.

    Waraanichi karaa haleellaa qilleensaa, dhukaasa taankii, dhukaasa helikooptarootaan samiirra raawwatamaniifi misaa'elii doonii humna galaanaarraa dhukaafamanii deebii kennaa turuu hime.

    Akkasumas, waraanni lafoo humnoota Israa'eliifi hidhattoota Hamaas jidduu akka tures waraanichi himeera.

  8. Ulaan Raafaah maali, maaliif akkasitti Gaazaaf ulaa murteessaa ta'e?

  9. Waraanni Israa'el Hezbollaan diroonni Israa'el barbadeessee jechuu haale

    Hezbollaan guyyaa kamisaa diroonii Israa'e kibba Leebaanan irraa balalii'aa ture misaa'ela itti dhukaasee barbadeessuu himee ture.

    Haata'u malee, dubbi-himaan waraana Israa'el Dani'eel Hagaarii, karaa toora X kan duraan Tiwiitara jedhemutiin, xiyyaara fageenyarraa to'atamuu isaarra ''badiin gahe omtu hin jiru'' jedhan.

    Hagaariin humnootiin Israa'el garee diroonii isaaniitti dhukaasan irratti haleellaa raawwachuu himan.

    Bakka waliitti bu'inis daangaa cimaa jirutti, Hezboollaan diroonni waraana Israa'el haleelee kufisuu yoo himu kun torbana kana keessa yeroo lammataati.

  10. Har'a namoonni 500 karaa Raafaah Gaazaa keessaa akka bahan hayyamame

    Kara daangaa Raafaah

    Madda suuraa, Reuters

    Erga waraanni Israa'eliifi Hamaas jidduutti mudateen booda karri daangaa Raafaah yeroo jalqabaatiif banamuun booda, har'a namoonni baayyee Gaazaarra gara Masriitti akka ce'aniif hayyamameera.

    Akkuma kaleessaa, maqaan namoota 500 akka Masiriitti ce'aniif hayyamameefi Masriidhaan adda baafamee, daangicha irratti ni maxxanfama, akka gabaasaan BBC Raashid Abbuu Aluuf Newshour'tti himeetti.

    Kaleessa ammoo namoonni 400 ol ta'an haala burjaajii garuu to'atamaa ta'eetiin Masriitti ce'aniiru jedhe.

    Namoonni kaleessa gara daangaa Raafaah deeman muraasni maqaansaanii akka Masrii seenaniif tarreerraa jiraachuufi dhiisuu hin barree turan.

    Gaazaa keessaa bahuun keessattuu, hospitaalonni Gaazaa keessaa dhiyeessitii qorichotaafi meeshaalee wallaansaa jalaa dhumaa jiruufi waraanni itti fufeetti, namoota wallaansa barbaadaniif baayyee

  11. Gujiitti namichi haadha warraasaa duraaniirratti falfala tolchuun himatame adabame

  12. 'Fakkiiwwan Paarisitti maxxanfaman jibba Yihudootaa bara Naazii nama yaadachisu'- kantiibaa

    Dubartii imalaa jirtu

    Madda suuraa, AFP

    Dhiibaan waraana Israa'el-Hamaas Baha Giidu Galeessatti qofa osoo hin taane biyyoota Awurooppaa kanneen akka Faransaayifi UK fa'aa keessattis mul'ataa jira.

    Magaala guddoo Faransaayi Paarisitti fakkiiwwan (giraafitin) asxaa Israa'el manneenifi gamoorratti maxxanfamuurraa kan ka'e jibbba sanyii Yuhodootaa waggoota 70 dura bara 1930oota keessa Awurooppatti taasifameen kan wal-fakkaatu ta'uu himan kantiiban magaala Paaris.

    Suuran mallattoo asxaa Israa'el 'Urjii Daawwit' jedhamu magaalattii keessatti halkan gaafa Wiixataa maxxanfamee bule jedhame.

    Erga waraanni Israa'el-Hamaas eegalee Faransaayi mormiifi farra sanyii Yihudootaa mudatuun wal-dhaansoo wal-qabaa jirti.

    Erga Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti haleellaa gaggeessee as taatewwan farra ykn jibba sanyii Yihudootaa 850 mudachuu Minisitiirri Dhimma Biyya Keessaa Faransaayi Gerald Darmaanin ibsan.

    Qondaaltonni Faransaayi ilaalcha sanyummaarraa ka'uun qabeenya namaarratti [asxaa Urjii Daawwit] maxxanfame irratti qorannoo eegaluu beeksaisan.

    "Ani boo'an jira, sababni isaa ammas jibba yeroon ani daa'ima ture nurra gahaa turen argaa jira waan ta'eef," jedhu jiraataa gamoo asxaan 'Urjii Daawwit' kan Yihudii ta'uu agarsiisu itti maxxanfame keessa jiraatan tokko.

    Mallattoon jibba Yihodootaa magaala Paaris keessatti maxxanfame kun taatee bara 1930oota keessa mudate kan yaadachiisu ta'uu himan kantiiban magaalattii.

    Gochaan kun "taatee bara 1930oota keessa mudateefi dhumaati Yihudoota hedduuf sababa ta'e nama yaadachiisa," jedha ibsi kantiibaa.

    Ittaanaa kantiibaa Paaris kan ta'an Imaanu'el Girigoor ammoo asxaan urjii kun kaafamuun qorannoon ni gaggeeffama jedhan.

    "Farri [jibbi] sanyii Yihudii ajjeesuu itti fufeera," jechuun "kana dhaabsisuuf waldhaansoo taasifnu hin dhiisnu" jedhan.

    Dabalataanis mallattoon wal-fakkaatan jibba Yihudootaa agarsiisu magaalota ollaa Paaris kan akka Vanves, Fontenay-aux-Roses, Aubervilliers fi Saint-Ouen keessatti argamaniiru.

    Fakkiiwwan urjii kun darbee darbee barreeffamoota akka "lagarraa gara galanatti", "Filisxeem ni mooti!" jedhan fa'aa ofirraa akka qabantu gabaafame.

    Kanatiibaa magaala Saint-Ouen kan ta'an Kariim Buwaamren namoonni fakkii "farra ykn jibba Yihudoota kaasaniifi jibba sanyummaa qaban" harka kennachuun qorannoof akka dhiyaatan jedhan.

    Haa ta'u mallattoon urjii maxxanfaman jibba sanyii Yihudii agarsiisufi dhiisuusaanii qorattoonni of-eeggannoo gochuu qabna jedhan.

    Ministeerii Muummee Faransaayi Elizaabet Boorn gamasaanin "gochaa jibbisiisaa" jechuun balaaleffatan.

    Sababa waraana Israa'el-Hamaasin biyyattii keessatti muddamni dhalachuu akka malu pirezidaantin biyyattii Imaanu'el Maakroonis akeekkachiisanii turan.

    Ministeerri Haqaa biyyattii akka beeksisetti ji'a kana qofaa sababa gochaa farra sanyii Yihudootatiin shakkaman 400 to'annoo jala oolaniiru.

  13. ‘Qondaala Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatu gaafate hojiirraa ariyachuun qaanessaadha’- Gaggeessaa Islaamaa

  14. Dubartiin tokko iyya Gaazaatti dhukaasni yaa dhaabbatu jedhuun Baayidan haasaa dhaabsiste

    Joo Baayidan uummata gidduutti

    Madda suuraa, Getty Images

    Roobii duula filannoo Mineesotaa keessa ture irratti dubartiin tokko Gaazaatti dhukaasni haa dhaabbatu jechuun ol fuutee iyyuun Joo Baayidan dura dhaabbatte.

    "Mr. Pirezidant, waa'ee uummata Yihudootaaf ni dhimmamta. Akka [rabbiitti], ammuma akka dhukaasni dhaabbatuuf waamicha akka taasistan nan barbaada," jette dubartiin boodarra maqaan ishee Rabbii Jesikaa Roozenberg ta'uu rippoortarootatti himte kun.

    Dubartiin kun Joo Baayidan haasaa taasisaa jiruu iyyashee kanaan akka addaan kutu taasifteetti.

    Osoo namoonni haasaa pirezidaantichaa dhaggeeffataa turan ishee dhaabsisuufi achii baasuuf yaalanis isheen garuu itti fuftee sagalee dhageessisuun Baayidan akka deebii kennu taasisteetti. "Yeroo xiqqoof dhaabbachuun isaa nu barbaachisa jedheen yaada. Yeroo xiqqoof haa dhaabbatu jechuun, namoonni hidhamanii jiran akka ba'aniif jechuudha," jechuun deebisan Baayidan.

    Waayit Hawus boodarra akka ifa godhetti, warra hidhaman yeroo jedhan pirezidaantichi namoota 240 Hamaas butee qabatee jiru ta'uu isaati.

    Rabbii Jesikaa Roozenberg, osooma "amma dhukaasa dhaabaa" jechuun iyyituu qaamoleen nageenyaa ishee baase. Baayidan garuu itti fufuun, haalichii Israa'elootaafis ta'e addunyaa Musliimaaf "akka malee walxaxaadha" jedhan.

    "Ani jalqabumarraa kaasee furmaata biyyoota lamaaniin ta'un deeggara," jedhan itti dabaluun. "Wanti baramuu qabu ammoo Hamaas dhaabbata shororkeessaadha. Dhaabbata shororkeessaa humnasa guutuun [badiitti] bobba'e," jedhan Baayidan.

  15. Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallatti waraana Israa'el-Gaazaatti deemaa jiru isiniif dhiyeessuu jalqabneerra.

    Dhiyaadha.

  16. Gabaasni kallattii asirratti dhaabbate..

    Gabaasa kallattii Roobii har'a isin biraan gahaa turre asirratti xumurreerra.

    Boru hanga oddeessalee gara biraa haraan walitti deebiinutti bakka nagaa turaa.

  17. Haleellan kaambii baqattoota Jabaaliyaatti raawwate yakka waraanaakan jechisiisudha- UN

    Haleelaa Jabaaliyaa

    Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

    Haleellaa qilleensarraa Israa'el kaleessa kaampii baqattoota Jabaaliyaa Gaazatti argamurratti raawwatte yakka waraanaa kan jitu ta'uu UN'tti Biiron Mirgoota Namoomaa beeksise.

    Dhaabbani kun miidiyaa X, kan duraan Tiwiitara jedhamu irratti ibsa baasen, akkaatan haleellichi itti raawwate kan isa yaaddesse ta'uu ibse.

    "Haleellaa qilleensarraa Israa'el buufata baqattootaa Jabaaliyaarratti gaggeessite hordofee lakkoofsa namoota du'anii sadarkaa mancaatii qaqqabee yaada keessa galchuun, haleellichi gita isaa kan hin eegganneefi yakki waraanaa raawwachuu mala kan jedhu yaaddoo cimaa butti uumera," jedha ibsi Komishinara Olaanaa Biiroo Mirga Namoomaa UN.

    Kaleessa waaree booda haleellaa Israa'el kaampii baqattootaa irratti gaggeessuu hordofee dhohiinsi guddaan mudatee ture.

    Dhohiinsa kana hordofee namoonni heddu du'uufi madaa'uu gabaafamee ture.

    Haleellicha booda suurawwan qoodamaa turan irraa akka mul'atutti boolli guddaan uumamee, gamoonis jijjigee mul'ata. Namoota du'an keessas ijoollen akka jiran ni mul'ata ture.

    Israa'el haleellaa kana gaggeessuu amanuun wiirtuu Hamaas gamicha jalaa qabu haleelun qondaala waraanaa Hamaas olaanaa ajjeesuu himte.

  18. Israa'el erga Kibxataatii loltoonni 16 jalaa ajjeefamuu himte

    Israa'el erga Kibxataatii as loltoonni ishee 16 ajjeeffamuu himte.

    Loltuun Israa'el tokko ha'ra ajjeeffameera, jedhe waraanni biyyattii wayita ibsa kenneetti.

    Akka marsariitii humnoota raayyaa biyyattiitti, loltoonni 15 Kibxata ajjeeffaman.

    Loltoota ajjeeffaman keessaa

    Madda suuraa, IDF

  19. Gaazaatti intarneetiin guutummaatti baduu Netblocks mirkaneesse

    Har'a ganama keessa dhaabbanni telekominikeshiinii Filisxeem guddichi, Paltel Gaazaa keessatti ''guutummaan tajaajilli intarneetiifi quunnamtii hundi akka bade,'' beeksiiseera.

    Israa'el Gaazaa keessatti duulli lafoo erga eegalte kaasee, gabaasni akkasii yoo dhagahamu kun kan lammataati.

    Beeksiifni dhaabbanni Paltel miidiyaa hawaasaa irratti baaseerratti, ''sababuu sarariiwwan idil-addunyaa duraan deebiifamanii suphame amma irri deebiin waan adda kutameefiidha'' jedhe.

    To'ataan neetiwarkii addunyaa Netblocks interneetiin ammas adda cituu mirkaneessuun, kana jechuunis, ''daanga namoonni miiliyoona lamaa ol keessa jiraatu irra caalaa keessatti ''kominikeshiiniin gutummaan hin jiru jechuudha,'' jedhe.

    Kanneen daangaa Gaazaa Israa'elii fi Masriin wal daangeessan yoo Sim Kaadrii idil-addunyaa qabaatan tarii konneekishiinii muraasa argachu danda'u ta'a.

  20. Baayidan lammiileen US muraasni har'a Gaazaa akka bahan abdatu

    Joo Baayidan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Joo Baayidan erga ulaan Raafaah banamee yeroo jalqabaatiif yaada kennan.

    Baayidan miidyaa hawaasaa irratti akka barreessaniitti: ''Har'a, hooggansa Ameerikaatiif galanni haa ta'utii, lammiilee Filisxeem miidhamaniifi lammiileen biyya biraa karaa nagaatiin akka Gaazaa bahan mirkaneessaniiru.

    ''Lammiileen Ameerikaa har'a ni bahu jenne eegna. Guyyoota ittaananiitti ammoo namoonni baayyeen ni bahu jennee eegna," jedhan.

    Pirezidant Baayidan ''lammiilee Ameerikaa Gaazaa keessaa baasuuf'' hojiin hojjatamu qabaatu akka raawwatamu mirkanneessuuf dhaadatan.