
Madda suuraa, AFP
Dhiibaan waraana Israa'el-Hamaas Baha Giidu Galeessatti qofa osoo hin taane biyyoota Awurooppaa kanneen akka Faransaayifi UK fa'aa keessattis mul'ataa jira.
Magaala guddoo Faransaayi Paarisitti fakkiiwwan (giraafitin) asxaa Israa'el manneenifi gamoorratti maxxanfamuurraa kan ka'e jibbba sanyii Yuhodootaa waggoota 70 dura bara 1930oota keessa Awurooppatti taasifameen kan wal-fakkaatu ta'uu himan kantiiban magaala Paaris.
Suuran mallattoo asxaa Israa'el 'Urjii Daawwit' jedhamu magaalattii keessatti halkan gaafa Wiixataa maxxanfamee bule jedhame.
Erga waraanni Israa'el-Hamaas eegalee Faransaayi mormiifi farra sanyii Yihudootaa mudatuun wal-dhaansoo wal-qabaa jirti.
Erga Hamaas gaafa Onkoloolessa 7 Israa'el irratti haleellaa gaggeessee as taatewwan farra ykn jibba sanyii Yihudootaa 850 mudachuu Minisitiirri Dhimma Biyya Keessaa Faransaayi Gerald Darmaanin ibsan.
Qondaaltonni Faransaayi ilaalcha sanyummaarraa ka'uun qabeenya namaarratti [asxaa Urjii Daawwit] maxxanfame irratti qorannoo eegaluu beeksaisan.
"Ani boo'an jira, sababni isaa ammas jibba yeroon ani daa'ima ture nurra gahaa turen argaa jira waan ta'eef," jedhu jiraataa gamoo asxaan 'Urjii Daawwit' kan Yihudii ta'uu agarsiisu itti maxxanfame keessa jiraatan tokko.
Mallattoon jibba Yihodootaa magaala Paaris keessatti maxxanfame kun taatee bara 1930oota keessa mudate kan yaadachiisu ta'uu himan kantiiban magaalattii.
Gochaan kun "taatee bara 1930oota keessa mudateefi dhumaati Yihudoota hedduuf sababa ta'e nama yaadachiisa," jedha ibsi kantiibaa.
Ittaanaa kantiibaa Paaris kan ta'an Imaanu'el Girigoor ammoo asxaan urjii kun kaafamuun qorannoon ni gaggeeffama jedhan.
"Farri [jibbi] sanyii Yihudii ajjeesuu itti fufeera," jechuun "kana dhaabsisuuf waldhaansoo taasifnu hin dhiisnu" jedhan.
Dabalataanis mallattoon wal-fakkaatan jibba Yihudootaa agarsiisu magaalota ollaa Paaris kan akka Vanves, Fontenay-aux-Roses, Aubervilliers fi Saint-Ouen keessatti argamaniiru.
Fakkiiwwan urjii kun darbee darbee barreeffamoota akka "lagarraa gara galanatti", "Filisxeem ni mooti!" jedhan fa'aa ofirraa akka qabantu gabaafame.
Kanatiibaa magaala Saint-Ouen kan ta'an Kariim Buwaamren namoonni fakkii "farra ykn jibba Yihudoota kaasaniifi jibba sanyummaa qaban" harka kennachuun qorannoof akka dhiyaatan jedhan.
Haa ta'u mallattoon urjii maxxanfaman jibba sanyii Yihudii agarsiisufi dhiisuusaanii qorattoonni of-eeggannoo gochuu qabna jedhan.
Ministeerii Muummee Faransaayi Elizaabet Boorn gamasaanin "gochaa jibbisiisaa" jechuun balaaleffatan.
Sababa waraana Israa'el-Hamaasin biyyattii keessatti muddamni dhalachuu akka malu pirezidaantin biyyattii Imaanu'el Maakroonis akeekkachiisanii turan.
Ministeerri Haqaa biyyattii akka beeksisetti ji'a kana qofaa sababa gochaa farra sanyii Yihudootatiin shakkaman 400 to'annoo jala oolaniiru.