Kallattiin: Haleellaan rookkeetiifi gidiraan Gaazaa wayita dabalaa jirutti Baayidan Israa'el daawwachuuf

Dubartoonniifi daa'imman haaluma ajjaja Israa'eliin naannicha gadi dhiisanii osoo deemaa jiranu konkolaataansaanii rukutamee ajjeeffamu xinxalaan BBC mirkanneesseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daangaan Gaazaa amma to'atameera- Waraana Israa'el

    Waraanni Israa'eel daangaan Gaazaa guyyaa Sambataa irraa kaasee loltoota Hamaasiin qabamee ture deebiisanii to'achu beeksiise.

    Dubbii Himaan Raayyaan Ittisaa Israa'eel (IDF), Reer Admiiraal Daani'el Haagaarii, guyyaa darbetti lo'ee kan seene homtuu hin jiru jedhan.

    Itti dabaluunis injinaroonni naannoo dallaa barbadaa'etti injinaroonni naannichaa qulleessaa jiru jedhan.

    Milishoonni Hamaas dallaa daangaa Gaazaa fi Israa'el irra ture bakkeewwan hedduudhaan cabsanii seenuudhaan haleellaa kan eegalan gaafa Sambataati.

    Bakkeewwan waraan irratti gaggeeffamaa ture
  2. Reeffi hidhattoota Hamaas 1,500 argame - Humna Ittisaa Israa'el

    Manneen haleellaadhaan diigaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni Israa'el reeffi loltoota Hamaas 1,500 Gaazaa fi Israa'el keessatti argameera jedhan.

    Akkasumas Israa'el hojiin lammiileeshee Gaazaa keessa jiran baasuu dhumaa jira jedheera.

    Israa'el daangaa Gaazaa hidhattoonni Hamaas gaafa Sambataa haleellaa itti raawwatan cuftee jirti.

    Waraanni Israa'el jiraattonni Gaazaa hulaa Masrii to'annoon irratti taasifamuun akka bahan ajajus, boodarra garuu hulaan sun cufameera jette.

  3. Lammiileen Taanzaaniyaa lama Israa’eel keessatti bakka buteensaanii dhabame

    Bakka haleellaan itti mudate

    Madda suuraa, Reuters

    Imbaasiin Taanzaaniyaa kan Israa’el keessatti argamu bakka buutee barattoota Taanzaaniyaa lamaa hordofaa jiraachu beeksiise.

    Barattoonni kunneenis Israa’el kan Sambata garee Hamaasiin haleellaan irratti raawwatame keessatti bakka buteen isaanii dhabame.

    Ambaasaadar Aleeksi Kaalu’aan BBCtti akka himaniitti, waajjiirri isaanii lammiilee Taanzaaaniyaa gara 350 ta’aniifi Israa’el keessatti argaman waliin quunnamtii gochaa jira.

    Lammiilee biyyattii kanneen keessaa irra caalaan isaanii barattoota.

    ‘‘Kibba Israa’eel bakka haalli keessatti gaarii hin taanetti barattoonni lama akka bakka buteen isaanii dhabame hubanneera. Barattoonni lamaan kunneenis qorannoo Agri-Business shaakkala irra kan turaniidha,’’ jedhan.

    "Lamaan isaaniituu nagaa ta’uudhaan akka deebiifne isaan argannu amanna. Wanti hundi nagaa akka ta’ufis imbaasichis dhimmichatti itti dhiyeenyaan hordofaa jira,’’ jedhan.

    Lammiilee Taanzaaniyaa gara 350 Irsaa’el keessatti argaman keessaa kanneen 260 ta’an barattoota sagantaa qonnaa irratti qo’achaa jiran ta’u imbaasiichi beeksiiseera.

  4. Lola Hamaas fi Israa'el irratti wantoota ijoo beeknu

    Ibidda Gamoo Gaazaa jiru duuba mul'atu
    • Haleellaa tasaa Hamaas Sambta darbe Israa’el irratti raawwachuun booda gama Israa’eliin namoonni 900 tahan lubbuun yoo darbu, haleellaa deebii Israa’el raawwataa jirtuun ammoo Gaazaatti lammiileen Fiilisxeem 690 ajjeefamaniiru.
    • Israa’el garee hidhataa Hamaas irratti ''humna gudaa akka fayyadamtu,’’ Ministirri Mummee biyyattii Beenjaamiin Netaanyaahuu beeksisaniiru.
    • Ministarri Ittisaa Israa’el nyaata, boba’aa, elektiriikii fi bishaan addaan kutuun Gaazaan ''guutummaatti akka marfamtu,’’ ajajeera
    • Kutaan waraanaa Hamaas Israa’el haleellaa qilleensarraa akeekkachiisa malee yeroo raawwattu lammiilee Israa’el bute akka ajjeesu doorsisaa jira.Maatiin namoota Hamaasiin butamanii odeeffannoo barbaadaa jiru.
    • Ameerikaan meeshaalee waraanaa galaanaafi qilleensarraa Israa’eliif erguun deeggarsa agarsiisaa jirti. Biyyoonni kaanis ejjennoo lola kana irratti qaban beeksisaa jiru.
    • Dhaaboti deeggarsa kanneen akka UNICEF iddoo lolaattii haalli namoomaa ''akkaan gadi bu’aa jira,’’hojjettoonni deeggarsaa tajaajila lubbuu baraaruu akka kennaniif taasifamuu qabu jedhe.
    • Biyyooti Lixaa tokko tokko Israa'el deeggaruun magaala ibsaa alaabaa biyyattii agarsiisu mul'aisu garsiisaa turan, gama biraan Niiw Yoorkiifi Landan keessatti Fiilisxeem deeggaruun namoonni hedduun daandiirratti walitti qabamanii turan.
  5. Ashamaa akkam jirtu

    Lolli Hamaasiifi Israa'el gidduu guyyaa arfaffaaf itti fufee jira.

    Israa'el garee hidhataa Hamaas irratti ''humna guddaa'' akka fayyadamtu himteetti.

    Gama lamaaniinuu hamma yoonaa namoonnii 1500tti siqan du'aniiru.

    Odeeffannoo jiru jala jalaan hordofnee isin biraan geenya.

    Guyyaa gaarii!

    Lafa lolli jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  6. Dureewwan UK, Faransaay, Jarmaniif US dhimma walitti bu'insa Israa'el-Gaazaa mari'achuuf

    Dureewwan biyyootaa dhimma haleellaa israa'el irratti mari'achuuf

    Madda suuraa, Reuters

    Dureewwan biyyoota akka UK, Faransaay, Jarmanii fi Ameerikaa dhimma waliitti bu'iinsa Israa'eeliifi Gaazaa irratti marii taasisuuf.

    Chaansilariin Jarmanii Olaaf Sholzi, gitasaanii UK, Farnsaayiifi Ameerikaa waliin Wiixata galgala dhimma walitti bu'insa Israa'el irratti marii'achuu eegaa akka jiran dubbatan.

    Akkasumas Sholziin walagahii waloo miseensoota kaabinee isaanii waliin Haambargi keessatti hin taa'iin dura, Pirezidantii Faransaay Emaanu'el Maakroon waliin ibsa miidiyaaleef kennan irratti dubbataa turan.

  7. 'Kun haleellaa jalqabbii qofaadha'- Neetaanyaahuu

    Gamoo Israa'el haleelte

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuun haleellaan haaloo Hamaas irratti raawwatamu reefu jalqabame jedhan.

    MM Neetaanyaahuu haleellaa cimaa lafumasaaniirratti Hamaasiin irratti raawwatameef tarkaanfii deebii ta'u biyyisaa isaa fudhattu ilaalchisuun wayita dubbataniitti ture kana kan jedhan.

    Akka AFPn gabaaseetti, Neetaanyaahuun qondaaltoota kibba Israa'eli dowwataniitti wayita dubbataniitti, ''wanti Hamaas mudatu cimaafi sukkanneessaadha,'' jedhan.

    Itti dabalunis, Neetaanyaahuun, ''kun jalqabbii qofaadha...hundi keenya isin waliin jirra. Humnaan, humna guddaan isaan ni injifanna,'' jedhan.

    Erga hamaas guyyaa Sambataa Israa'el keessatti haleellaa eegalee kaasee Israa'el keessatti namoota 700 ol ajjeeffamaniiru.

    Erga Israa'el haleellaa haaloo milishoota Filisxeem irrratti gaazaa keessatti fudhachuu eegaltee booda, ammoo yoo xinnaate namoonni 560 ajjeeffamaniiru.

  8. Kataar Hamaasiifi Israa'el gidduutti jaarsummaa eegaluu ibsite

    Ministeerri Haajaa Alaa Kataar Hamaasiifi qondaalota olaanoo Israa'el gidduutti dubbiin nagaa buusuu akka eegalu jaarsummaa taa'aa akka jiru beeksise.

    Dubbi-himaan Ministeerichaa yaada Rooyitarsiif kennaniin mariin nagaa Hamaasiifi Israa'el gidduu adeemaa jiru hidhamtoota wal-jijjiiruu kan dabalate akka ta'eefi Sanbata xiqqaa galgala akka eegale ibsan. ''Akka gaariitti deemaa jira'' jedhan.

    ''Dursa kan kenninuuf dhangala'uu dhiigaa dhaabuu, hidhamtoota gadhiisisuufi waraanni kun naannolee ollaatti osoo hinbal'atiin to'achuudha'' jedhan Dubbi himaan Ministeerichaa Majed Al-Ansaari.

    Lakkoofsi Israa'eloota harka Gaazaatti to'annoo Hamaas jala jiranii ifa miti. Kanneen harka Hamaas galan keessa garuu daa'imman, haadholiifi jaarroliin ni jiru jedhama.

    Dubbi-himaan Hamaas, Hosaam Badraan yaada AF'f kennaniin hanga waraanni ittifufetti hidhamtoota waljijiirurratti akka hin mariyanne ibsan.

  9. Lammiileen Ameerikaa sagal Israa'elitti ajjeefaman

    Lammiileen Ameerikaa sagal Israa'el keessatti ajjeefamuu mootummaan Ameerikaa mirkaneesse.

    Waayit Haawus ibsa baase keessatti akkas jedhe:''Namoota haleellaa kanaan miidhamanii fi maatii namoota miidhaman hundaa, akkasuma namoonni madaa'an akka dafanii bayyanatan hawwinaaf jedhe.

    ''Haala biyyattii keessa jiru itti dhiyeenyaan hordofuu ittifufna, michuuwwan Israa'el fi qondaaltoota biyyattii waliin haasa'uu ittifufna,'' jechuunis ibse.

  10. Sunaak muddama Israa'el fi Filisxeem gidduu ilaalchisuun yaa'ii ariifachiisa taa'uf

    Ministira Muummee UK Rishi Sunaak

    Madda suuraa, PA Media

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee UK Rishi Sunaak

    Haleellaa Hamaas Israa'eel irratti raawwate hordofuun, muddama Israa'el fi Filisxeem giddutti dhalate ilaalchisuun Har'a Ministirri Muummee UK Rishi Sunaak yaa'ii ariifachiisaa gaggeessuuf jiru.

    Sunaak akkas jedhan;''waanti Israa'elirraa dhagahamaa jiru suukaneessaadha, Hamaas gocha shororkeessummaa dalage,'' jedhan.

    Gama kaaniin ammoo lammiileen Biritish 10 ol Israa'el keessatti ajjeeffamuu ykn bakka buuteen isaanii dhabamuu akka hin hafne ibsame.

    BBC'n maddeen qondaala UK irraa akka hubateetti, haleellaa Hamaas Gaazaa irraa Israa'el irratti raawwate hordofuun, lammiileen Biritish ''10 caalan'' ajjeeffamaniiru ykn bakka buuteensaanii hin baramne.

    Sunaak lammilee Biritiish biyyattii keessa turan gargaaruuf Israa'el wajjin ''itti dhiyeenyaan hojjachaa jirra,'' jedhan.

    Sukaanak biyya michuu jedhanii waaman Israa'eliif deeggarsa barbaachisu hunda goona jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa UK yoo imaluun dirqama ta'e malee naannichatti tasumaa hin imaliinaa jechuun lammillee biyyattii akeekkachise.

  11. Gaazaan guutummaan guutuutti akka marfamtu Israa'el ajajje

    Daangaa Gaazaa

    Ministarri Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalaant Hulaan Gaazaa ''guutummaan guutuutti akka marfamu,'' ajajje. bishaan, nyaataa fi boba'aan, hin jiru.

    Israa'el daangaa qilleensaafi qarqara galaanaa Gaazaa ni to'atti, kanaanis meeshaalee gara Gaazaatti ce'uu danda'an ni daangeessiti.

    Haaluma wal-fakkaataan Masriinis daangaa Gaazaa waliin qoodattu ni to'atti.

    Gama biraan rokeetiin walitti fufinsaan Gaazaa irra Israa'elitti darbatamaa jira.

    Kaaba Gaazaa iddoo Ashkeloon jedhamutti namoonni afur madaa'uun hsopitaala geeffamaniiru jedhe tajaajilli wal'aansa yeroo balaa Israa'el.

    Iddoo Ashdood jedhamuttis dubartiin tokko akka malee madooftee hospitaal geeffamteetti.

    Yeruusaalem keessatti yoo xiqqaate dhohinsi sadii dhagahameera.

    Israa'el iddoowwan daangaa Gaazaa hunda deebistee to'attus Filisxeem waliin lolalli itti fufee jira jedhan dubbii himaan Humna Ittisaa Israa'el Daani'el Hagaarii.

    Lolli kuni daangaa Israa'el keessa iddoowwan torba ykn saddeet tahan keessatti adeemsifamaa jira.

    Ollaa rokeetiin itti darbatame

    Madda suuraa, Reuters

  12. Gaazaatti namoonni 500 lubbuun darbeera

    Mana barumsaa Gaazaa keessa jiru

    Madda suuraa, UNRWACopyright

    Ministeerri fayyaaa Filisxeem Gaazaatti hamma yoonaa lubbuun namoota 500 darbuu himeera.

    Haleellaa qilleensarraa Israa'el raawwatteen lakkoofsi namoota du'anii 493 gaheera jedha ministeerichi.

    Akkasuma namootni qaamni madaa'e immoo 2,751 gaheera.

    Gama biraan Ministeerri Hajaa Alaa Filisxeem Israa'el mana barumsaa Gaazaa keessa jiru irratti haleellaa qilleesaa raawwatte jedhe.

    Manni barumsaa kunis manguddootaafi ijoollee dabalatee iddoo namoonni nagaa dahatanii jiranii dha jedhe ministeerichi. Haleellaa kana 'hamaa dhas' ittiin jedheera.

    UN haleellaan kuni raawwachuu mirkaneessuun manni barumsaa kuni akkaan miidhamus lubbuun namaa hin darbine jedhe.

  13. Gaazaatti namoonni 123,000 manni jalaa barbadaa'un qe'eerraa buqqa'aniiru - UN

    Aara manneen duubaa mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) namoonni 123,000 tahan sodaa waan qabaniifi manni isaanii waan jalaa barbadaa'eef qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru jedhe.

    Dhaabbatichatti dameen dhimma namoomaa qindeessu Coordination of Humanitarian Affairs (OCHA)n namoonni 73,000 tahan manneen barnootaa keessatti dahatanii jiru jedhe.

    UN'tti dubbii himaan dhaabbata baqattoota Filisxeem Adinaan Abuu Haasnaa, lakkoofsi kun dabaluu mala jedheera.

    ''Mana barumsaa kana keessaa humni elektiriikii waan jiruuf nyaata, bishaan fi deeggarsa xiinsammuu akkasumas wal'aansa kenninaaf,'' jedheera.

    Gaazaa keessa lammiileen Filisxeem miiliyoona 2.3 tahan jiraatu. Israa'el haleellaa deebii gochuun dura jiraattota iddoowwan tokko tokko jiran akka gadhiisan himaa turte.

    Ministarri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaanyaahuu, ''jiraattonni Gaazaa, achii ammuma gadhiisaa bahaa, sababiinsaas humna guutuudhaan tarkaanfii fudhachuuf jirra,'' jechuun ture kan dubbatan..

  14. Haleellaan mudate kan 9/11n walfakkaata, 'Nu argatan'- Israa'el

    Loltoota Israa'el

    Qondaaltonni waraanaa Israa'el haleellaa Sambata darbe (07,10,2023) Gaazaa irraa Israa'el mudate, haleellaa 9/11 waliin walfakkeessan.

    Dubbi himaan waraanaa Meejar Niir Diinaar ''kun 9/11 keenya. Nu argataniiru,'' jedhan.

    Let. Kol Joonaataan Konrikas haleellaa Hamaas irraa isaan mudate haleellaawwan gurguddaa Ameerikaa mudatan (9/11 fi Pearl harbour) jedhamaniin adda miti jedhan.

    ''Haleellaan kun qofaansaa, haleellaawwan Ameerikaa mudatan gurguddoo 9/11 fi Pearl Harbor waliin walqixa ta'a.''

    Inumaa kun guyyaa gaddisiisaa seenaa keessatti Israa'el mudatee hin beeknedha jedhan qondaaltonni waraanaa kunneen.

    ''Diinni guyyaa tokkotti lammiilee Israa'el hagana ajjeesee hin beeku,'' jechuun hammeenya haleellaa kanaa ibsan.

  15. Lammiileen Taayilaand 12 ajjaafamanii 11 butamuun himame

    Israa'eel haleellaa samiirratti fashaleessite

    Madda suuraa, Reuters

    Ministeerri Dhimma alaa Taayilaand akka beeksisetti, erga Hamaas Israa’eel irratti Sambata haleellaa banee kaasee lammiileen biyyattii 12 ajjefaman.

    Lammiileen Taayilaand kan biraa 11 ammoo butamuufi saddeeti madaa’uu himan.

    Hojjataan lammii Taayilaand tokko BBC Thai’tti akka himetti, Sambata mataansaa ajjeeffamuuf oole.

    ‘‘Konkoolaataa jalan gadi jedhee baqataa ture. Achiinis hidhattoonni Hamaas na harkisanii baasuun qawwee natti qaban,’’ jedha.

    Lammiilee Taayilaandi gara 30,000 ta’an Israa’eel keessatti kan argaman yo ta’u, kanneen 5,000 ta’an ammoo Sulula Gaazaa keessa jiraatu.

    Haaluma walfakkaatuunis biyyoonni hedduun nageenya lammiileesaanii Israa'el keessaa yaaddoo cimaa qabaachuu ibsaa jiru.

  16. Waraanni Israa’el ammalleen daangaa ofii keessatti milishoota Hamaas waraanaa jira

    Looltoonni ammalleen Hamaas waraanaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Humnootiin Israa’el ammalleen hidhattoota Hamaas waliin eddoowwan torbaa hanga saddeeti ta’aniitti wal waraanaa jiraachuu Raayyaan Ittisaa Israa’el beeksise.

    Akka ibsa ganama kana kennametti, eddoowwan kunneenis kibba Israa’el dhiheenya Sulula Gaazaatti kan argaman.

    Eddoowwan amma waraanni keessatti gaggeeffamaa jirus, Bee’erii bakka hawaasni qonnaan bulaan keessa jiraatuufi karaa ittiin loltoonni Hamaas alkan keessa ittiin seenaniidha.

    Miseensoonni hidhattootaa hedduun kan ajjeefaman yoo ta’u, kaan isaanii ammalleen Kibbutz’tti manneen keessa dhokatanii jiru jedha raayyaan biyyattii.

    Waraanni Israa’el itti dabaluun, Gaazaa keessatti eddoowwan qiyyeeffannaa 1,000 haleeluu ibseera.

    ‘‘Haalli oppireshiinii kanaa wal xaxaafi addadha…haalaa gara ittisaafi ejjannoo nagaatti deebisuudhaaf yeroo nuti yaadnee caalaa fudhataa jira,’’ jedhan Let. Kol Riichaard Heech wayita ganama kana gaazexessitootatti dubbataniitti.

  17. US fi Raashiyaa dabalatee biyyoonni kaan waa'ee waraana kanaa maal jedhan?

    Haleellaa Hamaas tasa raawwatee fi deebii Israa'el kennite kana gidduutti gama lachuunuu namoonni 1,100 caalan du'aniiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa Hamaas, deebii Israa'el kennitee fi waliigalatti waraana hamaa deemaa jiru irratti biyyoonni addunyaa humna qabu jedhaman ejjennoo adda addaa agarsiisaniiru.

    Ameerikaan dooniiwwanii fi xiyyaarota waraanaa garasitti ramaddeetti. Meeshaa waraanaa dabalataa Israa'eliif akka gumaachitus ibsite.

    Pireezidant Joo Baayidan deeggarsi isaan Israa'eliif qaban ''akkaan cimaa fi bakka bu'aa kan hin qabne,'' jedhan.

    Ministirri Muummee UK Rishi Sunaak gita isaanii kan Israa'el Beenjaamin Netaanayaahuu akka tumsan ibsaniiru. ''Shororkeessitoota balleessuuf waan dandeeye hunda ni raawwanna,'' jedhan.

    Iraan ammoo garee Hamaas deeggarti. Pireezidantiin Iraan Ibraahiim Ra'iisii biyyisanii Filisxeem akka diina ofirraa qolatuuf akka tumsitu ibsan.

    Israa'el waggootaaf naannawa kanatti balaa uumuusheen itti gaafatamuu qabdi jedhan.

    Gareen hidhattootaa biyya Libaanon Hizboollaa jedhamus tumsa Iraan qaba. Gareen kun Dilbata kaleessaa Hamaas irra goruun rookeetiidhaan warra Israa'el haleele.

    Israa'elis kanaaf deebii kennuuf jecha meeshaalee waraanaa gurguddoon Libaanon haleeluu ibsite.

    Haalli kun waraanichi kan Israa'el fi Hamaas qofa osoo hin taane kan Israa'el fi biyyoota isheen mormanii ta'uutti deema sodaa jedhu uumeera.

    Chaayinaan ammoo gareen wal waraanan akka of qusatan dhaamti. Miidiyaan Chaayinaa ejjennoo biyyattiin nageenyi akka bu'uuf agarsiisaa jirtu gabaasu.

    Gareen lameenuu mala furmaataa barbaaduu akka qaban, kunis Filisxeem akka biyya of dandeesseetti beekamtii kennuu dabalata.

    Raashiyaanis ejjennoo Chaayinaan walfakkaatu qabdi. Ministeerri Dhimma alaa biyyattii gareen lameenuu hatattamaan dhukaasa dhaabuun, marii nagaa hunda hirmaachise gaggeessuun rakkoosaaniif furmaata waaraa fiduu akka qaban dhaame.

  18. Haleellaa Hamaasiin booda namoonni 1,100 ajjeefaman

    Meeshaa waraanaa lafoo

    Madda suuraa, EPA

    Israa’elitti lafti barii’eera. Lolli Israa’elii fi Hamaas gidduutti adeemsifamus halkan itti fufeetuma bule. Taateen hamma yoonaa mudataa jiran keessaa ijoon:

    ·Haleellaa Hamaas Sanbata darbe raawwateen booda gama lamaaniin namoonni 1,100 ajjeefamaniiru.

    ·Lolli jalqabee sa’atii 36 boodas Gaazaa irraa rookeetiin gara kibba Israa’el dhukaafamaa jira.

    ·Haleellaa Isaraa’el raawwataa jirtuun ammoo lammiileen Filisxeem 123,000 Gaazaa jiran buqqa’aniiru, kanneen 74,000 tahan ammoo maneen barnootaa fa’i keessattii dahachaa jiru jedhe UN.

    ·Hospitaalli Gaaza keessa jiru dhiphateera, elektiriikiinis addaan citeera. Maddi aannisaa Gaazaa guyyoota keessatti dhaabachuu danda’a jedha UN.

    ·Biyyoonni biroon lammiileen isaanii Israa'el keessaa Hamaasiin akka butaman gabaasaa jiru.

    ·Ameerikaan xiyyaara gara Israa’elitti geessaa jirti, ‘’weerara’’ Hamaas balaaleffachuun meeshaa waraanaa dabalataa akka ergitus himtee jirti.

    ·Ameerikaan sa’atii 48 keessatti Israa’el haleellaa lafoo Gaazaa keessatti eegalti jettee eegdi.

  19. Akkam jirtu hordoftoota keenya?

    Tamsaasa keenya kallattii har'aanis haleellaa Hamaasiin booda Israa'eliifi Gaazaa keessatti maaltu akka adeemaa jiru jala jalaan isin biraan geenya. Nu waliin turaa.

    Naannoo ibiddaan gubachaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

  20. Tamsaasni keenya kallattii asi irratti golabame!

    Hordoftootaa tamsaasa keenya kallattii kan har'aa asi irratti golabneerra.

    Boru ganama taateewwan haaraa addunyaa mara irraa qabanee hanga walitti dachaanutti nagaa keessa turaa!