Kallattiin: Haleellaan rookkeetiifi gidiraan Gaazaa wayita dabalaa jirutti Baayidan Israa'el daawwachuuf

Dubartoonniifi daa'imman haaluma ajjaja Israa'eliin naannicha gadi dhiisanii osoo deemaa jiranu konkolaataansaanii rukutamee ajjeeffamu xinxalaan BBC mirkanneesseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ulaan lafa jalaa Hamaas kan akkamiiti? Israa'el dhuguma balleessuu dandeessii?

    Ulaan lafa jalaa Hamaas kan akkamiiti? Israa'el dhuguma balleessuu dandeessii?

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ulaan lafa jalaa Hamaas kan akkamiiti? Israa'el dhuguma balleessuu dandeessii?

    Israa'el ulaa lafa jalaa (tunnels) Hamaas keessa dhokatuufi tajaajila waraanaa garaa garaaf itti dhimma bahu haleeluu akka eegalte ibsite.

    Gaaza lafa baay'ee xiqqaa jirattoonni miliyeena 2 ol keessa jiraataniidha. Akka Israa'el jettutti, Gaazaa lafasaarra namoota nagaa lafa jala ammoo Hamaastu jiraata. Dabalataaf kunooti Ulaan lafa jalaa Hamaas kan akkamiiti? Israa'el dhuguma balleessuu dandeessii?

  2. Biyyoota Arabaa heddu keessatti har'a salaata booda mormiin akka gaggeeffamu ni eegama

    Hiriira magaala Baagidaaditti bahame

    Madda suuraa, Reuters

    Magaala guddoo Iraaq kan taate Baagidaad keessatti namoonni kuma hedduu walitti qabamuun deeggarsa lammiilee Filisxeem Gaazaa keessa jiraataniif qaban agarsiisaa jiru.

    "Kuni waanta Filisxeem humnaan qabamtee jirtu keessatti ta'u balaaleffachuufi," jechuun hirmaattota keessaa tokko kan ta'e Abu Kayan madda oduu AFPtti dubbate.

    Sagada guyyaa Jimaataa hawaasa Musliimaa biratti taasifamu kana booda hirrirri deeggarsaa akka gaggeeffamu gaggeessitoonni Hamaasifi Hisbollaa erga waamicha godhanii booda, har'a biyyoota Arabaa heddu keessatti mormiin akka gaggeefamutu eegama.

    Gaggeessaa duraanii Hamaas kan ta'e Kaalid Meshaal kaleessa hordoftoonni amantii Islaamaa biyyoota Arabaa keessa jiran har'a [Jimaata] adda babahiitti bahuun hiriira akka bahan waamicha taasisee ture.

    Hiriirri kun biyyoota akka Libanos, Tuniziyaa,fi Yordaanos fa'atti har'a ni eegama.

    Baha Yerusaalemitti kan argamu Masjiida al-Askaatti hokkorri akka hin kaanef poolisoonni heddu ramadamaniiru.

  3. Biliinkeen Jordaanitti Pireezidantii Paalistaayin waliin wal argan

    Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkeen Joordanitti pireezidantii Paalistaayiin Mahaammuud Abbaas waliin walargan.

    Abbaas teessoon isaanii Weestibaank yeroo ta'u, ulaa Gaazaa kan bulchu Hamaas waliin diina.

    Ammatti anga'ootni lamaan maalirratti akka dubatan hi ibsamne. Biliinken mootii Jordaan Abdullah waliinis walarganiiru. Biliinken Kamisa ammoo mariif gara Israa'el imalun Ministira Muummee Beenjaamiin Netaaniyaahuu waliinmariyataniiru.

    Achitti suura ijoollee gara jabinaan hidhattoota Hamaasiin ajjeefaman jedhaman arganiiru.

    Antonii Biliinkeniifi Mohaammud Abbaas

    Madda suuraa, Reuters

  4. Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilikan Joordaan galan

    Bilinkan Joordaan galan

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan imalasaanii Jiddugala Bahaa walitti fufaa taasisaniin har’a Joordaan galan.

    Dippilomaatii Olaanaan Ameeriikaa kunis Amaan keessatti Mootii Jordaan Abdullaah akkasumas Pirezidantii Filizxeem Maahmuud Abbaas waliin wal argu.

    Abbas, kan teessummasaanii Weest Baank keessa taasifatan, garee Hamaas kan Suluula gaazaa keessa waliin mormiitoota siyaasaati.

    Biliinkan dura Israa’eel dowwatanii kan ture yoo ta’u, deeggarsi biyyiisaa israa’eliif taasiftu kan hin jijjiramne ta’uu waadaa seenanii ture.

    Innis, ‘‘Israa’eel gonkumaa, gonkumaa’’ qofaashee hin taatu jechuun alattis, Ministira Mummee Israa’el Beenjaamiin Neetaanaahoon tarkaanfii Hamaas irratti fudhataniin ‘‘haala seera waraanaatiin akka socha’aniif’’ gaafatanii ture.

    Bilinkan dowwannaasaanii Joordaaniin boodas Kaatariitti akka imalan kan eegamu yoo ta’u, Kaatar biyya Hamaas waliin hidhata bara dheeraa qabduudha.

    Akkasumas Ministirri Raayyaa Ittisa US, Looyd Auustiin gitasaanii ministira Raayyaa Ittisaa Israa’el waliin mari’achuuf Israa’el galaniiru.

  5. Amma nu gahe, Hamaas nammoonni butaman 13 haleellaa qilleensaan Gaazaa keessatti ajjeeffaman jedhe

    Dameen waraana Hamaas halellaa qilleensaa Israa’eel sa’aatii 24 darban keessatti raawwatteen, yoo xinnaate lammiileen Israa’eel fi lammiileen biyya biraa butaman 13 Suluula Gaazaa keessatti ajjeeffamaniiru jedhe.

    ‘‘Lammiilee biyya biraa dabalatee hidamtoonni 13,’’ eddoowwan jeettiiwwan Israa’el irratti qiyyeeffatan shan keessaa ajjeeffamaniiru jedhe ibsi birgeedii Izzedin al-Qaasaam baase.

    Hamaas Onkolooleessa 7, 2023 wayita haleellaa tasaa Israa’el irratti raawwateetti namoota 150 ta’an butee ture.

    Yoo akeekkachisa malee manneen namoota nagaa Israa’eliin kan haleellamu ta’e namoota butee fudhate akka ajjeessu akeekkachiisee ture.

    Gabaasaaleen akka jedhaniitti, Ministeerri raayyaa ittisa UK , Giraanti Shaaps, waan Hamaas jedhu kana ‘‘of eegganoon’’ garuu ‘‘yaaddoo cimaadhaan’’ akka ilaalan ITV’tti himaniiru.

  6. Uummata Gaazaa akeekkachiisa Israa'eel booda Kaaba Gaazaatii bahaa jiru suuraadhaan

    Ummanni Kaaba Gaazaa Israa'eel akka sa'aatii 24 keessa gadi dhiisanii bahan akeekkachiisuu booda meeshaasaanii muraasa qabatanii bahaa jiraachuu suuraan agarsiiseera.

    Imalli amma jiraattoonni Gaazaa kaaba irraa gara kibbaatti taasisan kunis erga waraanni Israa'el ulaa Gaazaa keessaa namni kamuu akka bahuuf ajaja kenneen boodadha.

    Haata'u malee namoonni nagaa ajaja waraana Israa'el haleellaa lafoo Gaazaa keessatti eegaluun dura kennameefi Hamaas ammoo ummatichi ajaja kenname akka diduuf itti himaa jiru jidduutti rakkaataa jiraachu gabaafame.

    Daa'ima meeshaa baatee deemu

    Madda suuraa, Getty Images

    Maatii daa'ima saanii qabatanii baqataa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

  7. Hojjattoonni fayyaa Kaabaa Gaazaa keessaa bahuu didan-Gabaasaalee

    Uummannii miiliyoona 1.1 sa’aatii 24 keessatti haalli itti nagaan Kaaba Gaazaatii itti bahu hin jiru jedhu dubbii himtuun Addeecha Diimaa (red Crescent) Filisxeem Magaalaa Gaazaa keessaa, Neebaal Faarsaakh.

    Dubbi himtuun tun AP’tti yoo dubbatan ‘‘Maatiiwwan keenya maaltu mudata? Kanneen miidhaman, jaarolliifi daa’imman hospitaalota keessatti argaman qabna,’’ jette.

    Itti dabalunis, hojjattoonni fayyaa hedduun hospitaalota keessaa bahuun dhukkubsattoota gatuu hin barbaadne.

    Akkasumas BBCtti akka dubbatteetti, ‘‘Namoonni bakka dhaqan hin qaban. Dhugaan jiru sanadha. Bakka hundarratti haleellaa raawwatamu dhagahaa, gama tokkoon uummanni bu’uuraalee misomaafi daandiiwwan barbadaa’een akkasumas sochi daangeffame keessatti akka gadi dhiisee bahuuf ajajuum waanuma hin amanamneedha,’’ jette.

    Haaluma walfakkaatunis, namni siyaasaa lammii Masrii tokko sochiin Israa’el kuni humnaan Filisxeemonni Gaazaa keessaa gara Masriitti akka imalan gochuudha jedhan.

    ‘‘Haala akkasiitinis dhimmi Filisxeem guutummaatti barbadaa’a,’’ jedhan Musxaffaa baakri, Miseensi mana maree X gubbaa yaada barreessaniin.

    ‘‘Masriin gonkumaa karoora kana keessatti hirmaachuuf walii hin galtu. Filisxeemonnis lafasaanii gadi hin dhiisan. Haarsaa hangamiitu baasuu yoo qabaatanis cimanii dhaabbatu,’’ jedhan.

  8. Loltuu duraanii Israa'el Hamaas dura dhaabbachuun ollootasaa oolche

    Loltuu qofaa ollaa keessa imalu

    Madda suuraa, NIR AM

    Guyyaa Sambata barii eddoowwan Israa’el hidhattoota Haamaasiin jalqaba haleellaan irratti baname keessaa tokko, Niir Am kibbutz, bakka jiraattoonni naannichaa lola cimaa gaggeessuun hidhattoota naannoosaanii baasaniidha.

    Gaafa Sambataa sa’aatii 12:30 irratti sagalee rasaasaatiin hirribaa dammaquu kan dubbatu Adaam, ‘‘Anis shuguxiikoo, uffatakoo, uffata rasaasa dhorkuufi siijaaraakoo qofaan fudhadhe,’’ jedha. Achiinis kan gara dallaatti dhufu hunda ajjeessuu eegalle.’’

    Innis oolchaa ollaasaa Niir Am kibbutz, kan ummannii gara 400 keessa jiraatuufi Gaazaa irraa kiiloomeetira 2 qafa fagaatuutti, goota jedhamuun leeliifamaa jira.

    waa'ee odeessa kanaa dalataan duubbiifachuuf : Loltuu duraanii Israa'el Hamaas dura dhaabbachuun ollootasaa oolche

  9. Ergamaan Israa’el deebii UN ajaja ummata baasuurratti kenneen ‘qaaneessaadha’ jedhe

    Gamoo haleellaan barbadaa'e

    Madda suuraa, AFP

    Ergamaan Israa’eel deebiin dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ajaja ummannii kaabaa Gaazaa akka bahuuf Israa’een baaste irratti kennee ibsa ‘‘qaaneessaadha’’ jedhan.

    Gilaad Erdaan, UNtti Ambaasaddarri biyyattii yoo ta'an, Israa’eel jiraattoota Gaazaatiif akeekkachiIsa dursaa kennuun, oppareshinii waraanaa hamaas irratti gaggeessuun ‘‘miidhaa namoota keessatti hirmaannee irra gahu xiqqeessuuf’’ yaalaa turte jedhan.

    ‘‘Waggoota dheeraadhaaf UN hidhattoota hamaas fi yeroo inni ummata nagaa fi bu’uuraalee misooma ummatichaa Suluula gaazaa keessatti argamutti gochaa ajjeechaafi waraanaa isaatiif akka bakka dhokannaatti fayyadamu akka nama hin agarreetti ilaalaa ture,’’ jedhan.

    "Ammas Israa’el kan lammiileenshee garee Hamaasiin jalaa qalaman waliin dhaabbachuurra… Israa’eliitti lallaba’’ jedhan Gilaad.

    "UN amma kanneen butaman deebiisuu, Hamaas balaaleeffachuufi mirga Israa’el ofiishee ittiisuuf qabdu deeggaru wayyaaf’’ jedhan.

  10. UN ajajni ummataa baasuu akka haqamuuf gaafate

    Gabaasa keenya kana duraatiin Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii (UN) Israa’eel ummanni miiliyoona 1.1 kan kaabaa Gaazaa keessa jiraatu sa’aatii 24 keessatti akka bahu barbaaddi jechuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

    Ibsa dhaabbatichi miidiyaaf kennee kanaanis ajajni kun kan mirkanaa’ee yoo ta’e, ‘‘haala rakkoo kana dura umame gara badii sukkanneessatti akka hin jijjirreef ajajiichi akka haqamuuf cimseen gaafadha’’ jedheera.

    Qondaaloonni quunnamtii waraana Israa’el keessaa waa’ee ajaja ummata baasuu kana dureewwan garee UN kan Gaazaatti argamuutti akka himan. Ajajjni kunis hojjattoota UN fi kanneen dhaabbilee UN kan akka manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fi kilinikoota keessatti argaman hunda dabalata.

    Manni Maree Nageenya UN Jimaataa har’aa waaree booda walgahii ariifachiisaa miidiyaaf ifa hin taanee gaggeessuuf jiru.

    Ameerikaa, UK., Chaayinaa, Raashiyaa fi Firansaayi ammoo miseensoota mana maree Nageenya UN ijoodha.

  11. Seenaa Israa'el: Hundeeffamarraa hanga har'aatti taateewwan ijoo

    Loltoonni Arabaa gara warra Yihuudotaati wayita dhukaasan, Bitootessa 1948

    Madda suuraa, Getty Images

    Bara 1917 Biriiteen warra Otomaan harkaa Filisxeem baafatan. Filisxeem keessatti uummata Yihuudaatti mana ijaaran. Kun karaa labsii Baalfoor (Balfour Declaration) raawwate.

    Labsiin kun jechoota jahatama (60) qofaan birmadummaa fi walabummaa Yihuudotaa akka mirkaneesse seenaa keessatti beekamaadha.

    Cinaatti ammoo ''gochi mirga siivilii fi amantii hawaasa Yihuudotaan ala ta'anii sarbu kamiyyuu raawwatamuu hin qabu,'' sarara jedhu labsii kanatti dabalan.

    Labsiin Ministira dhimma Alaa yeroo sanaa Biriiteen- Aartar Baalfoor nama jedhamuun mirkanaa'e kun, xalayaa nama yeroo sana warraaqsaZiyoonizimjedhamu gaggeessaa turetti ergame keessatti dabalameera.

    Seena kanarratti bal'inaan dubbiifachuuf asiin seenaa: Seenaa Israa'el: Hundeeffamarraa hanga har'aatti taateewwan ijoo

  12. Israa'el uummanni miiliyoona 1.1 sa'aa 24 keessatti Kaaba Gaazaa gadhiisee akka bahu barbaaddi- UN

    Magaalaa Gaazaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Hogganoonni waraanaa Israa'el uummanni Kaaba Gaazaa jiru sa'aa 24 keessatti gara Kibbaatti akka godaanu UN'tti himuu, dubbii himaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) beeksise.

    Uummanni Israa'el Wadii Gaazaa keessaa akka bahan barbaaddu miiliyoona 1.1 yoo ta'an, walakkaa waliigala uummata Gaazaa ta'uutti dhiyaata. Lola kana gidduutti miidhamaa kan jiran naannolee Gaazaa uummanni hedduun keessa qubataniidha.

    Akeekkachiifni kun kan kenname Gaazaafi Jarusaaleemitti halkan qixxee xiqquma durseeti.

    ''UN iddoo jireenyaa gadhiisuun kun gaaga'ama namoomaa osoo hin uumiin raawwatamuuf kan hin danda'amneedha'' jedheera ibsa baaseen.

    Israa'el haleellaawwna qilleensaa guyyootaaf Gaazaarratti gaggeesaa turteen booda ammammoo humna lafootiin daangaa Gaazaatti duuluuf loltoota, meeshaalee gurguddaa fi taankii walitti qabaa jirti.

    Sambata xiqqaa Hamaasa haleellaa irratti banuu booda Israa'el haaloo bahuuf haleellaawwan qilleensaa hedduu Gaazaarratti gaggeessaa baate.

  13. Tamsaasa kallatti har'aa eegalleerra!

    Attam bultan hordoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Waa'ee lola Israa'eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamu ilaalchisee odeessaalee kallattii isin biraan geenyu kan har'a kunoo amma eegalleerra.

    Guyaa gaarii qabaadhaa!

  14. Tamsaasa kallattii keenya har'aa xumurreerra.

    Hordoftoota keenya tamsaasa kallattii keenya har'aa asumarratti goolabneerra.

    Boru ammoo odeessaalee haaraa qabachuun hanga walitti deebiinuutti bakka gaarii turaa!

  15. Pirezidantiin bulchiinsa Filisxeem yeroo jalqabaaf dubbachuun, wal dhabdeen akka dhaabbatuuf waamicha taasisan

    Pirezidantiin Bulchiinsa Filisxeem yeroo jalqabaatiif dubbatan

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin bulchiinsa Filisxeem, Maahmuud Abbaas Mootii Jordaan Abdullaah II waliin wal arguun, ''haleellaan ummata Filisxeem irratti raawwatamu atattamaan akka dhaabbatu'' waamicha taasisan.

    Abbaas erga Hamaas haleellaa tasaa Sambata darbe gamana israa'el irratti baneen as yeroo jalqbaatiif ifatti dubbatan.

    Akka ibsa waajira Pirezidantiin gadhiifameetti, Abbaas gochaa ''ajjeechaa ykn miidhaa namoota nagaa irratti gama lamaaniinii raawwatamu balaaleeffataniiru.''

    Dureewwan lamaanis Amaan keessatti wal arguun, ''attamiin akka haleellaan Israa'el ummata Filisxeem irratti raawwataa jiru itti dhaabbatufi deeggarsi ittiin Gaazaa galuu'' irratti mari'ataniiru.

    Akka ibsichaatti, Filisxeemoonni ''hokkora dhaabuun seera addunyaatii akka abboomaman'' gaafachuun,humnoota lamaanuu Israaliifi milishoota Filisxeemiin namoota nagaarratti qiyyeeffachuun faallaa ''dudhaa, amantaafi seera idil-addunyaati'' jedhan.

    Abbaas, dureen bulchiinsa Filisxeem Weesti Baankiitti (PA) bu'ureeffatan, Hamaas cimsuun mormu. Gareen hidhattootaa bara 2007 Gaazaa to'achuun, yeroosanatti humnoota mootummaa PA'f fi sochii Faataah Abbaasiif amanamoo ta'an walitti bu'insa okkooraatiin booda baasan.

  16. Amma nu gahe, UK'n xiyyaara basaasaa fi doonii waraanaa lama baha Meditiraaniyaanitti bobbaafte

    UK'n ''Israa'el deeggaruuf'' xiyyaara basaasaa fi doonii waraanaa lama 'Royal Navy' jedhaman baha galaana Meditiraaniyaaniirra akka bobbaastu, waajjirri MM biyyattii ibse.

    Xiyyaarri hordoffii fi basaasaa borurraa jalqabee naannicharra balali'uu akka jalqabu himan.

    Kunis ''naannichaaf yaaddoo nageenyaa kan tahan hordofuuf'' akka tahe ibsame.

    Deeggarsi Israa'eliif kennamu Doonii Waraanaa Royaal lama, xiyyaara P8 jedhamanii fi dhaabbilee galaanarra hojjetan akka tahe ibse.

    Gareen doonii waraanaa galaanarraa torban dhufu garasitti imala.

  17. Haleellaa Hamaasiin guyyoota dura Israa'el Masriirraa akeekkachiisa argattee ture - US

    Haleellaa rookkeettii

    Madda suuraa, EPA

    Hamaas daangaa ce'ee Israa'elirratti haleellaa banuu guyyoota sadii dura Masriin dhaamsa of eegannoo Israa'eliif ergitee turee jedhan dura taa'aan Koree dhaabbii koongireesii US.

    Dura taa'aa koree dhaabbii dhimmoota haajaa alaa kan ta'an Mikaa'eel Maak Kool ergaan of eeggannoo kun ergamee akka ture gaazexessitootatti himan.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjamin Netaaniyaahuun garuu gabaasa akeekkachiisa argataniiru jedhu kanaan ''oduu sobaa'' ittiin jedhaniiru. Bal'ina odeessa kaanaatiif 'Haleellaa Hamaasiin guyyoota dura Israa'el Masriirraa akeekkachiisa argattee ture'

  18. Sooriyaan buufataaleen xiyyaaraashee misaa'elii Israa'eliin rukutamuu himte

    Buufata xiyyaaraa Aleeppoo

    Madda suuraa, Reuters

    Sooriyaan buufataaleen xiyyaaraa ishee kan Damaasqoo fi Aleeppootti argaman misaa'eeloota Israa'een rukkutamuu himte.

    Miidiyaan mootummaa Sooriyaa akka jedheetti, humni Israa’el buufataalee xiyyaaraa gurguddaa lama misaa’eelaan haleeluun tajaajilaan ala taasiseera.

    Sababii buufataalee lamaan irratti bakkeen xiyyaarri irra imalu barbadaa’eetu, balaliinsi gara Laataakiyaa kan magaala Sooriyaa Kaaba-lixaatti argamtuutti jijjirameera jedhe.

    Haleellaa jedhame kanarrattis hanga ammaatti Israa’el homaa hin jenne. Israa’el duraanuu hidhata Sooriyaan Iraan waliin qabduuf jecha biyya waraanaan barbadoofte Sooriyaa irratti qiyyeeffattee jirti.

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan Jimaata boruu gara Sooriyaatti balalii’uuf karoorfatee ture.

    Buufataaleen xiyyaaraa lamaan, Damaasqoofi Aleeppoon siivil aviyeeshiinii qofaa osoo hin taane, buufata waraanaa, karaa meeshaan waraanaa Iraan irraa ittiin Hezbollaatiif ittiin dadarbuufis ni tajaajilu.

    Maddi waraanaa maqaan miidiyaa mootummaa Sooriyaatiin hin eeramne tokko akka jedheetti, "haleellaan Israa’el yeroo walfakkaatuutti buufataalee lamaanuu bakka xiyyaarri irra balalii’u barbadeessuun tajaajilaan ala taasise,‘‘ jedhan.

  19. Erga Sanbataa as Israa'el boombii 6,000 Gaazaarra buuste

    Israa'el boombii 6,000 ol Gaazaarra buusuu ibsite

    Madda suuraa, EPA

    Sanbata erga Hamaas Israa'el haleelee as Israa'el boombii 6,000 ol tahu ulaa Gaazaa irratti darbachuu dubbii himaan Humna Ittisaa biyyattii hime.

    Daani'eel Hagarii X kan duraan Tiwiiter jedhamuun beekamu irratti viiidyoo gamoo haleelamee gubatu waliin akka maxxansanitti, Israa'el boombii 6,000 ol Gaazaarra buusteetti.

    Akka jedhanitti boombiin ittiin haleelan kun hanga toonii 4,000 madaala.

  20. Erga Sambataa as Israa'eliifi Filisxeem jalaa namoonni 2,700 ol ajjeeffaman

    Erga guyyaa Sambataa Hamaas Israa'el haleelee kaasee gama lamaaniinuu namoonni 2,700 ta'an ajjeeffamuun dhagahame.

    Akka Ministeerri Fayyaa Gaazaatti namoonni haleellaa qilleensaa Israa'eliin Gaazaatti ajjeeffaman 1,400 ol darbeera.

    Ministeerri fayyaa daangaa Filisxeem akka himeetti haleellaa humna qilleensaa Israa'eliin namoonni 1,417 du'an.

    Kana malees namoonni 6,268 ta'an ammoo miidhaaf saaxilamaniiru.

    Gama Israa'elinis lakkoofsi namoota haleellaa guyyaa Sambataan ajjeeffaman amma 1,300 gaheera.

    Irra caalaan namoota ajjeeffaman kunneenis namoota nagaa bakka qophii muuziqaa fi kanneen manasaanitti ajjeeffamaniidha jedhameera.