Kallattiin: Haleellaan rookkeetiifi gidiraan Gaazaa wayita dabalaa jirutti Baayidan Israa'el daawwachuuf

Dubartoonniifi daa'imman haaluma ajjaja Israa'eliin naannicha gadi dhiisanii osoo deemaa jiranu konkolaataansaanii rukutamee ajjeeffamu xinxalaan BBC mirkanneesseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Antoonii Bilinkeen boru gara Kataaritti imaluuf

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkeen qondaalota olaanoo biyyatti waliin wal arganii mariyachuuf garasitti Imalu.

    Jalqaba torban kanatti Kataar dubartoonni fi daa’imman Hamaasiin butamanii Gaazaa geeffaman dubartoota 36 mana hidhaa Israa’el waliin akka wal jijjiran waliigalchiisuuf yaalaa turte.

    Kataar gartuu lachuu gartuu lamaan waliigalchiisurratti qooda fudhachuu amanteetti. Haa ta’u malee, Israa’el marii kanatti hirmaachu haaltetti.

  2. Israa'el humna eeggataa kumaatamaan lakkaa'aman gara daangaa Libaanusitti bobbaafte

    Loltoota Israa'el naannoo daangaa Libaanusitti kaleessa argaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Humna eeggata kuma 300 qophii tahe keessaa, humni guddaan gara daangaa Libaanoonitti bobbaafame.

    Sababni isaas gareen hidhattootaa biraan achiinis Israa’el irratti haleellaa raawwatu jedhamee sodaatameeti.

    Garee Heezboollaa akkuma Hamaas UK, US fi biyyoota biroon shororkeessummaan galmaa’etu haleellaaf qophii tahuu mala jedhamee sodaatame.

    Gareen kun Iraaniin kan deeggaramu yoo tahu, Libaanoon keessaa deeggarsa siyaasaa fi waraanaa cimaa qaba.

    Guyyoota darbaniif humnoota waraanaa Israa’eliifi hidhattoota Hezboollaa gidduu dhukaasni tureera.

    Hidhattootni garee Filisxeem keessaas biyyittii keessa socho’u.

    Haalli kun hunduu Israa’eliif balaa qaba.

    Yoo haalli naannichaa hammaate addi waraanaa biraan achiin baname Israa’el Libaanoon waliinis wal dhabdee keessa galuu isheeti.

  3. Ajajaan waraana Israa'el haleellaa Hamaas hanbisuu dhabuun dadhabina tahuu amanan

    Lt Gen Herzi Halevi, Ajajaa Raayyaa Ittisa Israa'el

    Madda suuraa, Getty Images

    Ajajaan Humna Ittisaa Israa'el erga Hamaas haleellaa raawwate yeroo jalqabaaf miidiyaatti dubbatan.

    ''Humni Ittisa Biyyaa Israa'el [IDF] nageenya biyyaa fi lammiilee Israa'eliif itti gaafatamummaa qaba,'' jedhan Letanaal Jeneraal Herzii Haleefii.

    ''Sanbata ganama naannoo ulaa Gaazaatti haleellicha oolchuu hin dandeenye'' jedhan.

    '' Irraa baranna, ni qoranna, amma garuu yeroon kan waraanaati,'' jedhan Jeneraal Herziin.

    Haaleeviin waa'ee lammiilee Hamaas ugguramanii yoo gaafatamaniif,'' aarsaa waraanni nama kaffalchiisu guddaa fi ulfaataadha.

    Namoota ugguraman deebisnee fiduuf waan hundaa goona'' jedhan.

  4. 'Ergaa xumuraa nu gaheen, akka nu jaallatan nutti himan'

    Qe'ee maatii Shaaked gubateeru

    Madda suuraa, Shaaked Haaraan

    Amma yeroo gabaasni kun bahaa jirutti namootni 150 Hamaasiin ukkaamfamanii fudhatamuun Gaazaa jiru.

    Namootni ijaan argan akka jedhanitti hidhattootni Hamaas mana namaa cabsanii seenuun namoota konkolataatti galachanii fuudhanii deemaa turan, manneetiis gubaa turan.

    Shaaked Haaraan, bakka naga qabeessa barbaaddachuuf jecha mana ishee dhiistee bahuu kan dubbate, miseensi maatii ishee namootni kudhan mana maatiisheeti fudhatamaniiru.

    ''Abbaankoo obboleessakoof ergaa dhumaa tokko ergeera. Waan hamaa keessa jirra, isin jaalanna'' kan jedhu ture jette.

    Yeroo bilbila abbaa isheerratti bilbilan namni tahe tokko Afaan Ibirootaan ''nama qabame, nama qabame' jedhe jette.

    Humni waraanaa Israa'el yeroo naannoo mana maatii ishee gahan gubatee badeera. Shaaked hawwaasni idil-adunyaa waa'ee namoota ugguramna kanneenii yoo dhiibbaa gochuu danda'an jedheen dubbachaa jira jette.

  5. Lammiileen Israa'el dirqama waraanaaf ofumaan bahan akkaan dabalaa jiru

    Dargaggooni Israa'el waraana Haamaas irratti biyyi isaanii bantetti makamuuf gabaasa gochaa jiru

    Madda suuraa, EPA

    Magaalaa Teel Aviiv, naannoo Waajjira Humna Ittisaa Israa'el, lakkoofsi dargaggootaa dirqama waraanaaf uffata waraanaa uffachuun qawwee hidhatanii bahanii dabalaa jira.

    Israa'el keessatti tajaajila waraanaa kennuun dirqamadha. Kanaaf waraana waliin hidhata yeroo dheeraa qabu.

    Amma guutuu biyyattii keessatti gara buufata waraanaa naannoo isaanii deemaa kan jiran lakkoofsi isaanii dabalaa jira.

    Dargaggoonni gariin uffata siivilii ykn namootni nagaa uffataniin deemaa jiru.

    Maatiin isaanii waliin kan dhaqan boodarra hidhannoon waraanaa kennameefii ture.

    Israa'el loltoota filachaa kan jirtu yoo tahu, Hamaasiin isa dhumaaf balleessuuf dhaadataa jirti.

    Harmeen tokko naannoo suuqii bakka alaabaan Israa'el itti mirmirfamu dhaabataa turan tokko osoo waraanaaf waamamanii akak gammadan himan. Garuu amma hin barbaadamtu jedhamuu himan.

    Garuu Israa'el loltoota humna eeggataa kuma dhibbaan bobbaasaa jirti. Hedduun isaanii gara Kibba biyyattii naannoo Gaazaa bakka irra caalaa humni itti barbaadamutti imalaa jiru.

  6. Israa'el jiraattoonni Gaazaa dahanootti akka baqataniif barreefama akeekkachiisa raabsite

    Barreeffama akeekkachiisaa Israa'el raabsiite

    Israa'el jiraattoonni Gaazaa dahanootti akka galaniif akeekkachiisuuf barreeffama samiirraa raabsite.

    Waraqaan asiin gadiifi afaan isaanitiin barraa'ee kunis xiyyaaraan samii irraa magaala Be'iit Laahi'aa kan Suluula Gaazaa keessatti gadi dhiifame.

    Barreeffani waraqaa kanarratti barraa'ees, ''sababii gochaa Hamaasiif Raayyaan Ittisa Israa'el tarkaanfii fudhataa jira,'' jedha.

    Akkasumas barreeffamichi jiraattoonni gara dahannoosaanii akka deemaniif akeekkachiisuun gamoowwan bakki Hamaas keessa socha'aa jiruu ni barbadaa'a jedha.

  7. Uefa'n Waldaa Kubba Miilaa Israa'eliif 'gadda guddaa' itti dhagahame ibse

    Uefa haleellaa Israa'el irra gaheef gadda itti dhagahame Waldaa Kubba Miilaa Israa'eliif ibse

    Madda suuraa, Getty Images

    Waldaan Kubba Miilaa Ingiliz istaadiyeemii Wembilee halluu alaabaa Israa'eliin faayuu akka hin dandeenye hime.

    Sababni isaas sodaa hawaasa kaan irraa mormiin na mudata jedhuuni.

    Ganama kana pirezidantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Awurooppaa kan Israa'eel matumtishee miseensa taate, haleellaa Hamaas dhaqabsiiseen gadduu ibse.

    Taphni gulaallii Israa'elii fi Koosoovoo gidduutti gaggeeffamu guyyaa biraatti darbeera.

    Sababni isaas sababa haleellaa Hamaas dhaqabsiise hordofee qondaalonni Israa'el gareen biyyaalessaa akka biyya biraatti imalan hin eeyyamne.

  8. 'Hamaas Israa'el balleessuu barbaada'- Biliinken

    Antoonii Biliinkenii fi MM Israa'el Beenjaamiin Neetanyaahuu waa'ee haleellaa Haamaas irratti ibsa kennaa jiru

    Madda suuraa, US Pool

    Dippilomaatii olaanaan Ameerikaa Aantoonii Biliinken MM Israa'el cina dhaabbachuun waa'ee haleellaa Haamaas dhaqabsiise dubbataa turan.

    ''Namni kamiyyuu nagaa fi haqa barbaadu, gochaa shororkeessaa Haamaas balaaleffachuu qaba,'' jedhan Biliinken.

    ''Haamaas ajandaa tokko qofa qaba- Israa'eeliin balleessuu fi Jewushota ajjeesuu.'' Haa tahu malee, lammiileen biyya kamiiyyuu akka hin miidhamneef of eeggannoon taasifamuu qaba jedhan.

    ''Miidhaa lammiilee kamirrayyuu gahu hanbisuufidha of eeggannoo taasisuun kan barbaachisu, lubbuu badeef kan gaddaa jirrus kanumaaf,'' jedhan Biliinken.

    ''Namoonni nagaan amantaa kam keessa jiranii fi lammiileen biyyoota adda addaa ajjeefamaniiru,'' jedhan.

    Lammiileen US 25 tahan haleellaa Haamaasiin Israa'el keessatti ajjeefamuus ibsaniiru.

  9. Haleellaa Hamaas fi yaaddoo uummata irratti uume ija Yihuudota Itoophiyaan

    Dubartii gaddiitee teessuu

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaa gareen hidhattootaa Hamaas Sanbata darbe Israa’el irratti raawwate miidhaa dhaqabsiiseenis tahe hammeenyi isaa kana dura tahee kan hin beeknedha jedhame.

    Haleellaan osoo hin eegamiin Israa’el irratti raawwate kun waggoota kurnaniif muddama isaan lamaan gidduu jiru kan agarsiisudha.

    Haleellaan Baha Gidduugaleessaatti raawwate kun Israa’eelii fi Filisxeem keessatti achiis guutummaa addunyaatti raafama uumeera.

    Haleellichi yeroo raawwatu lammiileen Israa’el hedduun hirribarra turan.

    Guyyichi Sanbata waan taheef maatii fi hiriyyoonni walitti qabamuun kaan kadhannaadhaan, kaan ammoo bashannanuun guyyaatti waliin dabarsan ture. Dabalataaf: Haleellaa Hamaasiifi yaaddoo ummataa ija Yihudoota Itoophiyaa Israa'elitti argamaniin

  10. Pireezidantiin Iraan Israa'eliin 'duguuggaa sanyiin' himatan

    Ibraahiim Ra'iisii

    Madda suuraa, Reuters

    Yeroo Israa'el iddoowwan Gaazaa irratti qiyyaafattee haleelaa jirtu kanatti, pireezidantiin Iraan ''duguuggaa sanyii'' raawwachuun Israa'el himatan.

    Ibraahiim Ra'iisiin Gaazaa marsanii qabachuudhaan bishaan, elektiriikii fi boba'aa kutuun, waliigaltee idila addunyaa hunda ni sarba jedhan.

    Iraan garee hidhataa Hamaas Gaazaa keessatti socho'u akka deeggartu beekama. Kibxata darbe garuu, Hogganaan olaanoo Iraan Ayaatoolaa Alii Kahaameenii haleellaa Sanbata darbe Hamaas raawwate duuba Iraan keessa hin jirtu jedhan.

    Tahus, waarreen haleellaa kana karoorsan, ''harka dhungachuu'' himanii ture.

  11. Karaan ittiin Gaazaadhaa bahamu homtuu hin jiru

    Ulaawwan namoonni ittiin Gaazaa bahuu danda'an cufamaniiru

    Waraanni Israa'el guyyaa Kibxataa, uummata Gaazaatiin: ''karaan Raafaah kan Masriin to'atamu ammalleen banaadha, bahuu kan danda'u hunduu akka bahuuf gorsaa,'' jedhee ture.

    Garuu ammaan tana Gaazaa keessaa bahuun kana danda'amu miti. Daangaan Israa'eliifi Gaazaa jidduutti argamu cufameera.

    Humni waraanaa galaanaa, waan qarqara galaanaa to'ateef, bidiruudhaan bahuuf yaaduun filmaata hin ta'u.

    Ulaan Raafaah kan Masriitti qaxxaamursu jira. Ammatti daandiin jiru isa qofaadha. Garuu ammoo innumtu hayyamaan kan galamu yoo ta'u, yeroo dheeraaf eeggachuun barbaachisa.

    Torban kana sirummaayyu bahuun baayyee rakkisaadha.

    Karaan ittiin bahamu guyyaa Kibxataa xiyyaara Israa'eliin rukutameera. Waraanni Israa'el gorsa jalqaba kenne hordofuunis, karichi Masriidhaan cufamuu beeksiiseera.

    Erga yeroo sanaatii kaasees, ulaan Raafaah cufameera yookaan garmalee eegumsi cimuun dhorkameera.

    Ammattis, Filisxeemonni karaa ittiin Gaazaa keessaa bahan homaayyuu hin qaban.

  12. Benjaamin Netaaniyaahuu: Komaandoo waraanaatii hanga ministira mummee Israa’elitti

    Beenjaamiin Neetaanyaahuun

    Madda suuraa, EPA

    Kan gara waggoota 17'f ministira mummee Israa'el ta'uun tajaajilan, Benjaamiin Netaniyaahuu waan lamaan addatti beekamaniiru - gaggeessaa bara dheeraa aangoorra turan ta'uufi osoo aangoorra jiranii aanga'aa yakkaan shakkamanii mana murtiitti dhiyaatan ta'uunii.

    Deeggartoonni isaanii maqaa masoo "King Bibii/ mootii Bibii" jechuun waamu. Kan kana jedhaniif ammoo raajii filannoo mo'achuu irratti isaan agarsiisanidha. Jecha isaaniitiin "Maajiishiyaan" jechuun jajatu.

    Israa'el keessatti paartii warra "right-wing" jedhaman hoogganu. Maqaan paartii isaanii kunis Liikuwid jedhama.

    Odeessa dabalataaf geessituu kan hordofaa: MM Israa'el Neebjaamiin Neetaanyaahuu eenyu?

  13. Ofii gareen Israa'el waliin wal lolaa jiru Hamaas eenyu?

    Looltoota Hamaas

    Madda suuraa, AFP

    Hamaas gareewwan milishaa Islaamaa Filisxeemootaa Gaazaa bulchan hedduu keessaa isa guddaadha.

    Moggaasni Hamaas jedhu kan dhufe gabaajee Afaan Arabaa Sochii Diddaa Islaamummaa irraati. Kunis kan dhalate wayita intifaadaa ykn fincila Filisxeem jalqabaa jedhamuun beekamu 1987 irratti.

    Intifaadaan kun Israa'eel Weest Baankiifi Qarqara Gaazaatti qubachiisuu eegaltu kan eegalamedha.

    Hamaas chaaratara hundeeffamasaa keessatti Israa'el lafarraa balleessuuf galmasaa godhatee kahe. Haata'u malee, deeggartoota isaatiin Hamaas akka sochii diddaa seera qabeessaatti ilaalama.

    Gabaasa bal'aa odeessa kana geessituu kanarraa argattu: Ofii gareen Israa'el waliin wal lolaa jiru Hamaas eenyu?

  14. Hospitaalonni Gaazaa gara kutaa reeffaatti geeddaramuuf jiru - Koree Fannoo Diimaa

    Hospitaala Shiifaa Gaazaa keessatti argamu

    Madda suuraa, Reuters

    Hospitaalonni Gaazaa keessaa humna elektiriikii waan hin qabneef gara kutaa reeffaatti geeddaramuuf saaxilamaa jiru jechuun Koreen Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) beeksise.

    Buufanni annisaa Gaazaan qabdu sababa hanqina boba'aan Roobii kaleessaa hojii dhaabe. Kana jechuun hospitaalotaa Gaazaa dabalatee- jenereetara fayyadamu kara biraan jenereetarri immoo dhiyeessii boba'aa barbaada.

    Dhiyeessiin aannisa elektiriikii Gaazaa baayyee Israa'el irraa dhufa, biyyattiin amma humna kana erga Hamaas haleellaa raawwatee addaan kutteetti.

    ''Gidiraan namootaa lola hammaate kanaan mudachaa jiru jibbisiisaa dha, gama lamaaniinuu warreen jiran gidiraa namoota nagaa akka hir'isan nan kadhadhaanii,'' jedhan Gidduugala Bahaatti hogganaan ICRC Faabriiziyoo Kaarboonii.

    ''Gaazaan yoo humna elektiriikii hin qabaanne, hospitaalota keessatti daa'imman reef dhalatanii inkubeetara keessa jiraniifi manguddoonni oksijiniidhaan jiran balaaf saaxilamu. Wal'aansi kalee daayaalisiisiin hin dhaabbata, raajii kaasuun hin danda'amu,'' jedhan.

    Kaarbooniin lammiilee Israa'el Hamaasiin butamaniifis yaaddoo akka qaban ibsuun,hatattamaan akka gadhiifaman gaafatan.

  15. Hamma warri butaman gadhiifamanitti Gaazaan bishaaniifi elektiriikii hin argattu - Israa'el

    Ministirri Aannisaa Israa'el, Israa'el Kaaz, hamma namoonni Hamaasiin qabaman gadhiifamanitti Gaazaan guutummaan akka marfamtetti turti jedhan.

    Miidiyaa hawaasaa irratti, ''elektiriikii ykn bishaan banamu tokko hin jiraatu, konkolaataan boba'aas achi hin darbu, hamma warreen butaman deebi'anitti,'' jechuun barreessan ministarichi.

    Israa'el, Hamaas erga Sanbata darbe haleellaa raawwateen booda dhiyeessiiwwan kunneen Gaazaa irra adda kutte.

  16. Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Israa'el galan

    Antoonii Bilinkan

    Madda suuraa, US POOL

    Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Biliinkan Israa’eel galan.

    Biliinkan daawwannaa isaanii gabaabaadhaan, qondaaltoota Israa’eliifi Pirezidantii Filisxeem Mohammud Abbaas waliin wal arguun mari’atu.

    Abbaas Weesti Baank keessatti kan jiraatan yoo tahu, Hamaas Sulula Gaazaa keessa jiru waliin wal dhabdee siyaasaa akka qaban beekamaa dha.

  17. 'Israa'el akka achii baanu nutti himti, garuu iddoon deeman hin jiru'-

    Ibidda masjiida duuba mul'atu

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammiileen Filisxeem Gaazaa keessaa eeddoo itti dhokatan qabu jechuun waan kolfaati, jedhan barreessituufi gaazexeessituun duraanii Al -Jazeeraa La'iilaa El Haddaad.

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu gaafa Sanbataa lammiileen Filisteem Gaazaa keessa jiran iddoo lolli jiru keessaa akka bahan akeekkachiisanii turan.

    Ta'us Gaazaa keessa iddoon nagaa qaba jedhamu hin jiru jedhan La'iilaa El Haddaad af-gaaffii BBC waliin taasisaniin, ''waan irra deddeebiin dhageenyeefi kan dhaabbachuu qabu dha,'' jedhan.

    ''Waan boombii irraa si dhorku hin jiru. Waan guddaa kan gochuu dandeessu kooridarii mana kee tahuu dha. Durbiiwwan koo achi jiran ijoollee isaanii waliin kanuma gochaa jiru jedhan.

  18. Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii lola Israa'el-Gaazaarratti mariiyachuuf

    Manni Maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Jimaata dhufu walitti bu'iinsa Israa'el-Gaazaarratti mariiyachuufi.

    Pireezidantummaa mana marichaa marsaan naanna'uun pireezidantii yeroo kanaa kan taate Biraaziil karaa Ministeera Haajaa Alaashee waamicha dhiyeessiteen rakkoo qaamolee lamaaniirratti haa mariiyannu jetteetti.

    Ministirri Haajaa Alaa Biraaziil Maawuroo Viyeera daawwannaa gara Eeshiyaatti eegalan adda kutuun yaa'ii kanarratti hirmaachuuf gara Niiw Yoork deemaniiru. Biyyootni miseensa mana marichaa ta'an Dilbata darbe wal-gahanii imaammata dhimma Filisxeemiifi Israa'el ilaallatu irratti gara yaada tokkotti dhufuu hanqatanii gargar galan.

    Pireezidantiin Biraaziil Luwiiz Inaasiyoo Luulaa da Silvaa yaada X duraan Tiwiitar jedhamu gubbaa maxxansaniin da'aimman butanii akka qabdiitti qabachuun addunyaa kamittuu fudhatama hin qabuu jechuun Hamaas daa'imman maatii jalaa bute akka gadhiisuu gaafatan.

    Itti dabalauunis Israa'el Filisxeem keessatti haleellaa bombii itti fufte dhaabdee ijoolleefi haadholiin karaa Masriin Gaazaa akka gadhiisan gochuu qabdi jedhan.

  19. Gaazaatti lakkoofsi namoota lubbuun darbe 1,200 gahe

    Erga Israa’el Gaazaatti gaafa Sambataa haleellaa qilleensarraa jalqabdee namoonni 1,200 tahan ajjeefamaniiru jedhe Ministeerri Fayyaa Filisxeem.

    Kanneen 5,339 tahan immoo miidhaan qaamaa irra gaheera.

    Gama biraan UN Gaazaarraa namoonni 338,000 tahan qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru – baayyeen isaaniis hospitaalaa fi manneen barnootaa keessatti dahatanii jiru jedhe.

    Gaazaa erga haleellaan qilleensaarraa har'a ganama raawwateen booda

    Madda suuraa, Reuters

  20. Akkam jirtu hordoftoota keenya gabaasa kallaatti har'aa eegalle, Odeeffannoo lola Israa'eliifi Hamaas isin biraan gahuu itti fufna

    Haleellaa Hamaasiin guyyoota dura Israa'el Masriirraa akeekkachiisa argattee ture - US

    Hamaas daangaa ce'ee Israa'elirratti haleellaa banuu guyyoota sadii dura Masriin dhaamsa of eegannoo Israa'eliif ergitee turee jedhan dura taa'aan Koree dhaabbii koongireesii US.

    Dura taa'aa koree dhaabbii dhimmoota haajaa alaa kan ta'an Mikaa'eel Maak Kool ergaan of eeggannoo kun ergamee akka ture gaazexessitootatti himan.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjamin Netaaniyaahuun garuu gabaasa akeekkachiisa argataniiru jedhu kanaan ''oduu sobaa'' ittiin jedhaniiru.

    ''Masriin haleellaan akka kanaan akka mudachuu maluu Israa'eeliin akeekkachiisuu ni beekna'' jedhan Maak Kool marii cufaa odeeffannoon tikaa rakkoo gidduu gala bahaa keessa jirurratti xiyyeefate xumuranii yoo bahan. Yaada isaanii kana waabeffatee kan gabaase AFP dha.