Antoonii Bilinkeen boru gara Kataaritti imaluuf
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkeen qondaalota olaanoo biyyatti waliin wal arganii mariyachuuf garasitti Imalu.
Jalqaba torban kanatti Kataar dubartoonni fi daa’imman Hamaasiin butamanii Gaazaa geeffaman dubartoota 36 mana hidhaa Israa’el waliin akka wal jijjiran waliigalchiisuuf yaalaa turte.
Kataar gartuu lachuu gartuu lamaan waliigalchiisurratti qooda fudhachuu amanteetti. Haa ta’u malee, Israa’el marii kanatti hirmaachu haaltetti.
















