Waraana Raashiyaa-Yukireen sa’aatiiwwan 24 darban keessa

Madda suuraa, Getty Images
Waraana Raashiyaan Yukiraan irratti bane guyyoota 23 lakkoofsiseen sa’aatii 24 darban keessa taateewwan ijoo kanneen turan:
.Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii akkaataa Gimbiin Barliin bara dur itti jige yaadachuun, miseensota mana maree Jarman akkasuma gimbii haaraa Awurooppa walabummaafi hacuuccaatti adda qoode “ka’aa jigsaa” jechuun waamicha dhiyeesse
·Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gama isaatiin haasaa bilbilaan gaggeessaa Tarkii waliin taasiseen marii nagaa buusuu Yukireen waliin itti jiran ilaalchisuun fedhii qabu ibsateera.
·Raashiyaan dhimma namoomaa ilaalchisuun Jimaata yaada furmaataa UN sagaleen irratti akka kennamuuf dhiyeessu itti hin fufu jette. Kanaaf ammoo, US biyyoonni waliigaltee kana akka hin deeggarreef dhiibbaa gochaa jirti jechuun himatte.
·Qondaalonni waraanaa US fi UK akka jedhanitti, humnoonni Raashiyaa guyyoota dhiyoo as waraana itti jiraniin lafa ballifataa hin jira, kun ammoo rakkoowwan hamileefi loojistikaa isaan mudateera jedhan
·Magaalaa Kaharkiiv, Yukireen irratti roobuun itti fufeera, loltoonni Yukireen garuu cimanii dura dhaabbachaa jiru
·Akka aanga’oonni jedhanitti magaalaan Yukreen kibba-bahaatti argamtu Maariyaapool ammallee humnoota Raashiyaatiin reebamaa jirti, namoonni 30,000 ta’anis magaalattii keessaa baqachuu danda’aniiru
·Pirezidantiin US Joo Baayidan bilbila har’a bilbilaniin gita isaanii Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing cimsanii akeekkachiisuuf jiru, dhimmi isaan ittiin akkeekkachiisaniif ammoo Chaayinaan gocha Rashiyaa qoqqobbiiwwan biyyoota Lixaa jalaa baraaruuf gootu jiraannaan “gatii ishee baasisu qaba” jedhan.








