Humnoonni Yukireen iddoowwan Raashiyaan qabatte irraa fuudhuuf lolaa jiru - US

Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa biroon Raashiyaa tumsa biyyoota garee G20 keessaa ari'uuf yaada qabaachuu Rooyitars maddeen isaa waabeffachuun gabaaseera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Pireezidantoonni duraanii US Kiliintanifi Buush Yuukireeniif deeggarsa ibsatan

    Pireezidantoonni duraanii US Biil Kiliintan fi Joorji W Buush mana amantaa Yuukireen Chikaagoo jiru daawwachuun deeggarsa Yuukireeniif qaban ibsataniiru.

    Waldaa Kaatolikii qulqulloota Voloodimiir fi Oolhaatti argamuun abaaboo suufii haada halluu cuquliisaa fi keelloon (alaabaa Yuukireen) ofirraa qabu kaa'aniiru.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

    Chikaagoo keessa lammileen Yuukireen hedduun kan jiraatan yoo ta'u, Chikaagoon magaalaa gudditti Kiyiiv waliin 'magaalota michuuti'.

    Joorji Buush ergaa addatti tiwiitarii irratti barreessaniin, "Ameerikaan yeroo isaan bilisummaa fi egeree isaaniif lolaa jiran kanatti uummata Yuukireen tumsuun waliin ni dhaabbatti," jedhan.

  2. Zeleniiskiin Raashiyaan waliin mariin hiikoo qabu akka godhamu gaafatan

    Voloodimiir Zeleniiskii

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniiskiin Raashiyaa waliin mariin nagaa fi dhimma nageenyaa "osoo hin barfatiin" akka godhamu gaafatan.

    Mariin nagaa buusuu filannoo tokkicha Raashiyaan badii "dogoggora" isheetiin uumametti daangaa gochuuf qabdudha jechuun dubbatan.

    "Raashiyaan badii dogoggora isheetiin dhaqqabe hir'isuuf carraa tokko qofa qabdi" jechuun ergaa viidiyoon dabarsaniin dubbatan.

    "Yeroo itti wal-arganidha, yeroo itti waliin dubbatanidha, yeroo itti birmadummaa daangaa fi haqa Yuukireen itti deebisanidha.

    "Kun ta'uu baannaan wanti Raashiyaan dhabuuf jirtu irraa dandamachuuf dhaloota hedduu barbaada."

    Biyyootni lamaan yeroo gara garaatti marii taasisanillee milkiin hin argamne. Jimaata Raashiyaan biyyootni lamaan waliigalteetti dhiyaachaa jiru jettee turte.

    Pireezidant Zeleniiskiin amma duras kallattiin waliin taa'anii akka waliin mari'ataniif pireezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiniif waamicha dhiyeessanii turan.

  3. Xalayaan Raashiyaa Kaanadaan 'gulaalame' dippiloomaatota jidduutti wal-diddaa uume

  4. Waraana Raashiyaa-Yuukireen: Sa’aatii 24 darban keessaa taatee ijoon maali?

    Namoota sababa waraana Yukireeniin miirri isaanii miidhame

    Madda suuraa, Getty Images

    ·Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin “osoo hin turiin” Mooskoo waliin nagaa buusuurratti yaa mari'annu jechuun waamicha dhiyeesse.

    ·Yeroon waliin dubbatan amma kan jedhe Zeleniskiin, “kun ta’uu baannaan miidhaan Raashiyaarra gahu kan dhaloota baay'eetti darbudha” jechuun dubbate.

    ·Magaala waraanni keessatti hammaataa jiru Maariyuupool keessatti lolli wiirtuu magaalattii akka qaqqabeeru kan himu kantiibaan magaalattii, gamoowwan jireenyaa magaalattii %80 ta’us haleellaa Raashiyaan barbadaa’aniiru jedhe.

    ·Maariyuupool keessatti gamoo Tiyaatiraa Raashiyaan Kamisa haleelte jalatti ammallee namoonni danqamanii jiru.

    ·Pirezidantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniskiin sababa haleellaa Raashiyaan gaggeessaa jirtuuf ulaan ittiin magaalota marfamaniif gargaarsa geessan rakkisaa ta’eera jedhe.

    ·Mooskoo keessatti ammoo, wagga saddettaffaa Kireemiyaan Raashiyaatiin Yuukireen irraa fudhatamtee yaadachuuf hiriirri Vilaadimiir Putiin irratti haasaa taasisan gaggeffameera. “Nuti karoora qabanne mara sirriidhumatti ni raawwanna,” jedhe Putiin hiriirtotaaf haasaa taasisaniin. Haata’u male, haasaan Putiin taasisan TV irratti kallattiin tamsa’aa osoo jiruu adda cite. Adda cituuf sababiin ammo rakkoo tekinikaati jedhame.

  5. Deebineerra!

    Ashamaa, akkam jirtu?

    Gabaasni kallattii keenya kan Sanbata Bitootessa 19, 2022 asirraa eegala. Asiin gaditti gabaasa guyyoota darbanii argachuu dandeessu.

    Oolmaa Gaarii!

  6. Nagaan bulaa!

    Gabaasa keenya kallattii kan Jimaataa asumarratti xumurree, boru taateewwan haaraan walitti deebina.

    Halkan hoosee!

  7. Baayidanifi Shii Jiinpiing dhimma Yuukireen irratti mari'atan

    Joo Baayidanifi Shii Jiinpiing

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiin US Joo Baayidanifi kan Chaayinaa Shii Jiinpiing viidiyoon wal-qunnamanii mari'ataniiru.

    Itti bahiinsi marii isaanii maal akka ta'e ifatti ibsamuu baatus marichaan dura Baayidan Chaayinaan meeshaa waraanaan Raashiyaa akka hin deeggarre amansiisuuf yaada qabu turan.

    Biyyoota Lixaa waliin ta'uun Chaayinaan gocha Raashiyaa akka balaaleffattu ni gaafatus jedhamee ture.

    Miidiyaan Chaayinaa CCTV jedhamu, Shiin 'akkaataan biyyoonni garaagarummaa jidduu isaanii jiru hiikkachuu qaban waraanaan ta'uu akka hin qabne' Joo Baayidanitti himu gabaase.

    'Waraanni Yuukireen wanta nuti arguu feenu miti' jechuu isaaniis dabalee gabaaseera.

    Waayit Haawus marichi sa'aatii tokkoo fi daqiiqaa 50f kan ture ta'uu beeksise.

    Aanga'oonni lamaan erga Sadaasa darbeetii yeroo jalqabaaf waliin haasa'an.

  8. Waraana Yuukireeniin namoonni nagaa 816 ajjeefaman - UN

    Mariyupool

    Madda suuraa, Getty Images

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti erga weerarri Raashiyaan Yuukireen irratti bante eegale, hanga Kamisa Guraandhala 17tti yoo xiqqaate namoonni nagaa 816 yoo ajjeefaman 1,333 madaa'aniiru.

    Waajjirri Mirgoota Namoomaa UN, OHCHR miidhaan kun kan dhaqqabe haleellaa qilleensarraa, misaa'elootaa fi meeshaalee waraanaa dhuka'aniin akka ta'e hime.

    OCHCR akka jedhutti iddoowwan akka malee waraanni miidhe ragaa walitti qabachuu waan hin dandeenyeef lakkoofsi kun kanaa ol ta'uu mala.

  9. Waraana Yuukireen: Wanti haaraan maali?

    Wantoonni haarofti waraana Yuukireen ilaalchisee ta'aa jiran gabaabumatti kunooti:

    • Buufata suphaa xiyyaaraa barbadaa'e: Raashiyaan Lixa Yuukireen dhiyeenya buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Liviivitti misaa'elotaa dhukaastee, buufata suphaa xiyyaaraa dhiyeenya jiru barbadeessite jedhu aanga'oonni. Liviiv daangaa Poolaanditti dhiyoo kan jirtu yoo taatu baqattoota hedduuf dawoo turte.
    • Magaalota biroo haleelaman: Magaalotni Yuukireen hedduun qilleensarraan haleelamaniiru. Magaalli Baha Yuukireen Karkiivitti, gamoon yuunivarsiitii tokkoo fi gamoon manneen jireenyaa lama haleelamanii namni tokko yoo ajjeefamu 11 madaa'aniiru. Gama Kibbaatiin Kiraamaatorisk keessatti namoonni lama haleellaa misaa'elaan yoo ajjeefaman, jaha madaa'aniiru. Magaalaa guddittii Kiyiiv keessatti misaa'elli kuffifame ollaa namoonni keessa jiraatan keessatti dhohe namni tokko ajjeefameera.
    • Mariyupool marfamuu: Finciltoonni Baha Yuukireen keessa Raashiyaan deeggaramuun socho'an magaalaa Mariyupoolitti marsanii itti adeemaa akka jiran Raashiyaan himteetti. Namoonni kuma hedduun lakkaa'aman magaalaa kana keessatti danqamanii jiru.
    • Gamoo Tiyaatiraa jige jalaa namoonni baraaraman: Haleellaa Raashiyaan gamoo tiyaatiraa namoonni keessatti dahatanii turan irratti raawwatteen namoonni heddun jijjigaa gamochaa jalatti ukkaamfamanii kan turan yoo ta'u, amma dura namoonni 130 ta;an baraaramuu hoggantuun mirgoota namoomaa Yuukireen himteetti.
    • Namoonni miliyoona lama Poolanditti cehan: Eegdonni daangaa Poolaandi akka himanitti namoonni miliyoona lama Yuukireen irraa daangaa cehuun Poolaandi galaniiru. Irra hedduun isaanii dubartootaa fi daa'immani.
    • UKn miidiyaa Raashiyaa uggurte: Abbaan taayitaa UK miidiyaalee to'atu Ofcom hayyama miidiyaa mootummaa Raashiyaa RT jedhamuu haqe.
  10. Suuraan: Haleellaa misaa'elaa Kiyiiv

    Suuraaleen kunneen magaalaa guddittii Yuukireen Kiyiiv keessatti bakka misaa'elli Raashiyaan ganama kana itti dhohedha.

    Haleellaa kanaan namni tokko yoo ajjeefamu, namoonni 19 madaa'aniiru.

    Misaa'elli Raashiyaan dhukaaste qilleensarra osoo jiruu kuffifamee, ollaa namoonni jiraatan keessatti dhohee miidhaa kana dhaqqabsiise jedhu aanga'oonni.

    haleellaa misaa'elaa Kiyiiv

    Madda suuraa, Getty Images

    haleellaa misaa'elaa Kiyiiv

    Madda suuraa, Getty Images

    haleellaa misaa'elaa Kiyiiv

    Madda suuraa, get

  11. Haleellaan buufata xiyyaaraa Liviin yaaddeessadha- Ministira Ittisa UK

    Ministira Ittisaa UK
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Ittisaa UK

    Ministirri Raayyaa Ittisa UK haleellaan buufata xiyyaara Yukireen kan dhiheenya magaalaa Liviin yaaddeessaa ta'uu himan.

    Haleellaa miisaa'ela Raashiyaatiin kan irratti xiyyeefatamees dhaabbata xiyyaaroonni itti suphaman jedhameera.

    Ministirri Raayyaa Ittisa UK, Jeems Hihappii, haleellaan misaa'eelaa kun madda yaaddooti jedhan.

    Ministirichi akka sagantaa 'BBC Breakfast'tti himaniitti, ''Kun waraana sararawwan dhiyeessa hunda hordofuun raawwatamudha. Garuu dhugaansaa taateen kun namoota lixa Yukireen keessa jiraataniif yaaddoo olaanaadha.''

    Hihappii itti dablun, ammaan tana UKn lammiilee Yukireen akkamiin akka sirnawwan farra misaa'eelii itti fayyadaman irratti leenjiisaa jirti jedhan.

    Kunis ''yeroo dhiyootti'' gara biyyattiikan gahus jedhan.

  12. Konkolaataawwan deeggarsa fe'an Maqalee seenaa jiru - Mootummaa

  13. Yukireen dirree waraanaa irratti Raashiyaa qaanessaa jirti - xiinxalaa waraanaa

    Helikooptara ruktamee kufe

    Madda suuraa, Getty Images

    Yukireen dirree waraanaa irratti Raashiyaa ''qaanessaa jirti'' akkasumas ''waltajjii addunyarrattis olaantummaa goonfatteetti,'' jedhan xiinxalaan waraanaa UK.

    Pirofeesar Michael Clarke waan jedhan: ''Jarri Raashiyaa gama tarsiimootiin dogongora guddaa raawwachaa jiru.''

    Xiinxalaan kun turtii BBC Radio 4 wajjiin taasisaniin, ''Waraanni Raashiyaa humnoota tasumaa kan hin qophoofneefi lolli cimaan akkasii maal akka fakkaachuu malu waan itti hin yaadne fakkaatu,'' jedhan.

    ''Warri Yukireen imala gara fuulduraa waraanni Raashiyaa gama hundaan taasisu danqaa jiru. Inumaawuu ofirraa qolachuun gara haleellaa milkaa'aa tahe gochuutti galaniiru. Warri Raashiyaa meeshaalee waraanaafi loltoota hedduu dhabaa jiru.''

    Pirof. Kilaark akka jedhanitti, Yukireen ajaja adda waraanaafi sirna to'annoo ''sadarkaa Nato eeggate'' qabdi. Kunis erga 2014 biyyoota Nato'n deeggaramuun kan ijaaramedha.''

    Haleellaan ganama kana iddoo suphaa xayyaaraa Liviv irratti raawwatames ''Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa xiyyaarota Yukireen balali'uuf gargaaran irratti xiyyeeffachuu isaanii agarsiisa,'' jedhan.

    Magaalaa gama lixaan daangaa Polaand irraa km70 qofa fagaattee argamtu kana haleeluun isaanii ''warri Lixaa Yukireen gargaarurraa akka fo qusatan sodaachisuuf yaalii godhanidha,'' jechuunis dabalanii dubbatan.

  14. Putiin marii nagaa Tarkiin gaggeessaa jirtu irratti fedhiin isaa maal akka ta'e ibsate

  15. Haleellaa qilleensarraa magaalaa Yukreen Kiraamaatoorisk taasifameen namoonni lama du’an

    Magaalaa Yukreen bahaatti argamtu kanatti haleellaa qilleensarraan namoonni lama lubbuun darbuun dhagahameera.

    Bulchaan naannoo Paavloo Kaariyeleenkoo namoonni jaha tahan kan mana jireenyaafi gamoowwan waajiraa keessa turan madaa’aniiru.

    Viidiyoo maddisaa hin mirkanaa’iin qoode irratti, dhohinsi ibiddaa akka rookeetiiti gaafa dhohu mul’ata, hurriin aaraa guddaanis bahaa ture.

    Khaarkiivitti haleellaa manneetii jireenyaa fi dhaabota barnootaa irratti taasifameenis namni tokko du'ee, 11 immoo madaa'aniiru.

    Haleellaan kuni ''gamoo wiirtuu barnootaa,'' haalaan kan miidhe yoo tahu gamoowwan mana jireenyaa ollaa jiranis miidhamaniiru.

    Hojjettoonni yeroo balaa ibidda qabatee dhaamsuu danda'aniiru, nama achi keessatti hafe tokko baasuufis dhama'aa jiru.

    Gamoo mana jireenyaa haleelamee, aarri keessaa bahaa jiru

    Madda suuraa, State Emergency Service

  16. Yukireenoonni miiliyoona lama tahan Poolaanditti baqatan

    Namoota Yukreen irraa Poolaanditti baqataa jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Namoonni miiliyoona lama tahuuf dhibba muraasaan hanqatan waraannii erga jalqabee as Yukreen irraa Poolaand galaniiru jedhe Ejansiin Eegumsa Daangaa Poolaand.

    Gaafa Kamisaa namoonni 52,500 tahan daangaa qaxxaamuraniiru jechuun ejensichi Tiwiitara irratti kan barreesse yoo tahu lakkoofsi kuni kan Roobii irraa harka 11’n hir’iseera. Kanaanis lakkoofsi waliigalaa miiliyoona 1.9995 taha jedhe.

    Jimaata har’aa ganama keessaa gara naannoo sa’atii sadii namoonni 7,100 tahan daangaa qaxxaamuraniiru, sa’atii wal-fakkaataa isa guyyaa kamisaa turerraas harka 41'n hir’iseera.

    Namoonni miiliyoona walakkaa ol tahan immoo Poolaand gadhiisanii akka deeman Yunivarsiitii Waarsaw himeera.

  17. Daa’imni ganna 13 konkolaataa oofaa ture balaa qaqqabeen lubbuun dabre

  18. Gamoon dhiheenya buufata xiyyaara Lviiv haleelame - Kantibaa

    Ibidda

    Madda suuraa, UKRAINE SES

    Ibsa waa'ee suuraa, Ibidda

    Kantibaan Magaalaa Liviiv gamoon buufata xiyyaaraatti argamu tokko humnootii Raashiyaatiin haleelamuu beeksise.

    Kantibichi toora Telegraami isaarratti akka jedhetti buufanni xiyyaaraa hin rukutamne.

    ''Dhugaadha buufata xiyyaaraa miti kan haleelame,'' jedhan.

    Haata'u malee kun mirkanoofnaan, haleellaawwan misaa'eelii Raashiyaan erga torbanoota sadiitii as raawwataa jirtuun, kun isa dhiheenya magaalaa seena qabeettii taate Liviiviitti raawwatame ta'a.

    Haleellaa kanaan boodas hojjattoonni yeroo balaa ibiddicha to'achuuf hojjataa kan jiran yoo ta'u, hanga ammaattis miidhaan lubbuu namootaarra gahee akka hin jirre gabaafame.

  19. Awustiraaliyaafi Jappaan qoqqobbii dabalataa Mooskoorra kaa'an

    Biliyeenara Raashiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Qoqqobbiin Raashiyaafi qabbootii qabeenyaa Raashiyaa irra kaa'amu ittuma fufee jira. Amma ammoo Awustiraalifaafi Jappaan qoqqobbii dabalata Mooskoorra kaa'aniiru.

    qoqqobbii biyyoonni kunneen lamaan kaa'aniin biliyeenarroonni Raashiyaa Oleg Deripaska fi Viktor Vekselberg, akkasumas baankiiwwaniifi dhaabbileen mootummaa tarree qoqqobbii kana keessa galaniiru.

    "Dhiyeenya kana Senteraal Baank of Raashiyaa itti dabaluudhaan, Awustiraaliyaan amma dhaabbileen mootummaa Raashiyaa gara garaa irratti akka xiyyeeffatte," jedhan ministirri dhimma alaa Marise Payne dubbii dubbataniin.

    Kun osoo kanaan jiruu, Tookiyoon qoqqobbiiwwan 15 dabalataa Raashiyaanotarra keesseetti.

  20. Qonnaan bulaa Afrikaa baqattoota Yukireeniif boqqolloo kuntaala tokko arjoome