Gabaasa Kallatti
Yooyyaa!
Mammaaksi guyyuu keenya har’aa kunooti. Gabaasa kallattii dhimma waraana Yuukireem irratti xiyyeeffatuun odeessaalee haaraa yeroo kanaa eegalee isin biraan geenya.
Nu hordofaa.

Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa biroon Raashiyaa tumsa biyyoota garee G20 keessaa ari'uuf yaada qabaachuu Rooyitars maddeen isaa waabeffachuun gabaaseera.
Yooyyaa!
Mammaaksi guyyuu keenya har’aa kunooti. Gabaasa kallattii dhimma waraana Yuukireem irratti xiyyeeffatuun odeessaalee haaraa yeroo kanaa eegalee isin biraan geenya.
Nu hordofaa.

Hordoftootaa, gabaasni kallattii keenya kan Wiixata asumarratti golabameera.
Boru ganama odeessaalee biraatiin hanga walitti deebiinuutti nagaan bulaa.
Halkan nagaa!
Kiiyiiv guyyaa Dilabataa dhokiinsawwan gurguddaa hedduutuu mudate. Kanaanis gamoowwan manneen jireenyaa fi jiddugalli gabaa magaalaa kaaba-lixaa barbadaa'aniiru.

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, Getty Images
Mooskootti erga Guraandhala 25 boromtaa waraanni itti eegaleen as yeroo jalqabaatiif gabaan akkisyoonii (stock market) deebii'ee walakkaan hojii eegale.
Daldalli boondiiwwaniifi sheerii gabaawwan faayinaansii Raashiyaa erga akksiyooniin batalumaan %33 kufeen booda dhaabbate.
Qoqqoophii idil-addunyaa diinagdee biyyatti keessatti mul'ataa kan jiru yoo ta'u, jidduugalliwwan gabaa tokko tokkos gurgurtaa meeshaalee bu'uuraa kan akka soogddaa fi zayitii nyaataa dabareen gurguraa jiru.
Gabaan akkiyoonaa kunis liiqaa boondii motummaan Raashiyaa baasee muraasaa sa'aatii biyyaatiin 13:00 irratti deebii'ee saaqame.
Daldala dursa -gabaa keessatti, biindiiwwan motummaa irratti bu'aan osoo deebii'ee hin kufiin dura gara %20, kan baayyee olaanaa jedheetti ol kaafamee ture. Bu'aa olaanaa jechuunis motummaan liqaa fudhatuuf dhala baayye kanfala jechuudha, kunis invastimantii baayyee akka midhamu mul'isa.
Adda ammoo, dolaarri tokkoo maallaqni Raashiyaa rouble 105tti jijjirame ganama har'aa.Kunis erga waraanni eegalee as harka tokko afuriin (nusaan) gadi bu'eera.
Sweetaa Raamaachaandraan, invastimantiiwwan Gamiitti hogganaa invasitimantii kan ta'an BBCtti akka himaniitti, dhiibbaan gurgurtaa boobdii kunis invastimantiin biyya alaa qabatamaa waan hinjiraaneef torbanoota itti aana keessatti lammiilee Raashiyaatti dhagahamu danda'a.
''Baankiin Jiddugala Raashiyaas gabaafi diinagdee deeggaruuf boondiiwwan feederaalaa biyyattii baayyinaan akka bitu eegama'' jedhan.

Madda suuraa, Getty i
Manni murtii Moskoo Feesbuukii fi Inistaagiraamiin 'mankaraaristoota' jechuun labse, Raashiyaa keesatti akka hin hojjennes uggure.
Raashiyan akka jettutti qabiyyeewwan finxaalessummaa hedduun Raashiyaarratti waraanni akka gaggeeffamuuf waamicha kan dhiyeessan, miidiyaalee hawaasummaa kunneen irratti maxxanfamaniiru jetti.
Barreeffamoonni Feesbuukii fi Inistaagiraamii irratti maxxanfaman loltoota dhuunfaa Yukireen jiran dabalatee qondaaltota hedduurratti waraana labse jechuun Raashiyaan komatti.
Jalqaba ji'a kanaarratti abbootiin alangaa Raashiyaa kubbaaniyyaan miidiyaa hawaasummaa Meta jedhamu yakka raawwateef akka qoratamu seera hololaa fi mankaraaristummaa Raashiyaa eeruun gaafatanii turan.
Metan gamasaan fayyadamtoonni isaa Pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin irratti waraana yoo labsan akka hin dhorkine, akkasumas ''weerartoota Raashiyaaf du'atu mala'' jedhanii yoo maxxansan akka eeyyamuuf ibsee ture.
Qabiyyeewwan akkasii qajeeltota kubbaniyyichaa kan faallessan ta'anis, garuu haala kana keessatti seera qajeeltoo itti fayyadama isaa akka jijjiiru ibseera Metan.
Uggurri miidiyaalee hawaasummaa kunneen irra kaa'ame, qabeenya Meta kan ta'e WhatsApp hin dabalatu.

Haala magalaa Yukireen kan kibba-bahatti argamtu Mariyapol keessa jiru dhagahaa jirra. Sababii waraanaatiin namoonni danqamanii ibsaa, ynaataafi bishaan malee jiraachuuf dirqamuufi kanneen ajjeefaman ammoo daandiiwwan irrati awwaalamaa jiraachuutu gabaafame.
Gabaasaan BBC jiraattoota magaalattiidhaa waraanaa dura baqatan dubbiseera.
Kaaffee magaalaa Dniproo keessa, bakka inni mataansaa haleellaa Raashiyaa jala galeetti Oksaanaan wal arge.
Isheenis abbaa warraashee waliin torban darbe keessaa magaalaa mariyapol keessaa haala baayyee rakkisaa ta'ee keessa darbuun baqachuu dandeesse. Daandiirratti sakkatta'insi loltoota Raashiyaa baayyee rakkisaanii turuu himti.
Affeerraa keenya bunaa isaaniif dhiyeessine hundi saanitu tasgabbiidhumaan didan. Oksaanaan kunis miseensoota maatii isaan kutaalee Mariyapol kan keessaa baqachuun hin danda'amne keessatti hafaniif tuffii ta'a jette.
''Dhugaattis balaa ofirratti murteessinee ture garuu yeroo sanatti Mariyapool keessatti ykn bahuuf osoon yaalaa jiruu du'ee dhimma hin qabun ture,'' jette.
Abbaan warraashee Andrii ammoo magaalattii keessa dhiyeessitiin bishaan, ibsaa, qorraaf ho'i akkasumas kumunikeeshiniin waan hin jirreeffuu, biyyaa bahu malee yeroo sanatti filmaata omaatu akka hin qabne dubbata.
''Akka nurratti qiyyaafatamuuf carraan jiru beekna ture. Balaa fudhachuu akka ta'es hubanneera. Osoo turree jirra ta'e, carraan lubbuun hafuu keenya zeeroo ture,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Dhimma Alaa Luteeniyaa, Gamtaan Awurooppaa qoqqobbiiwwan Raashiyaarra kaa'uufi Yukireen gargaaruu ''dadhabu hin qabu'' jedhe.
Ministirichi, Gaabreeluus Laandbargas miirri akka waan kutaa wayii keessa taa'anii aara galfatanii kun sirrii mitii jechuun akeekkachiisan.
Ministirichi wayita walgahii ministiroota dhimma alaa fi ministiroota ittisaa EU irratti hirmaachuuf Biraasalsi deemanitti ture kan gaazexessitootatti dubbatan.
Keessattuu gama qoqqoobbiitiin, waa'ee damee annisaa dubbachuun waan ''bira hindarbamneedha'' jedhan.
''Sirriidha waa'ee boba'aa dubbachu dandeenya. Sababiin isaa ammoo dameen kun Raashiyaadhaaf madda galii bajataa olaanaadha, akkasumas haala salphaan bakka buufamu kan danda'amuudha,'' jedhan.
Luteeniyaan kan Poolaandi, Laativiyaa, Beraaluus fi Kaaliningraad Oblaast- Raashiyaatiin wal daangeessitu, qoqqoophii Raashiyaa irra kaa'amu ilaalchisee biyya ifaafi cimsanii dubbatan keessaa tokko.

Madda suuraa, Getty Images
“Helloo yaa lafaa''. Akkasiin ture miseensi mana maree Yukireen, Yaaroslaav Zheleznaak haala magaalaa isaa keessa jiru kan ibse jedhan gabaasaan BBC Yugoo Bachegaa gabaasa isaa Liviiv irraa ergeen.
Dhugaatti haallisaa baayyee abdii nama kutachiisa.
Magaalaan Maaruupool loltoota Raashiyaatiin marfamuun, karaan deeggarsi namoomaa ittiin seenee uummataaf ittiin raabsamu dhorkameera.
Jiraattoonni magaalattii gara kuma 300 ta'an magaalatti keessatti danqamuun ibsaa, bishaan ykn qilleensa qorraatti ho'a malee jiru. Nyaanniifi dhiyeessitiin qorichaa hir'ataa waan jiruuf rakkinnichi caalaa hammaachuun namoonni beelaaf saaxilamuu fi dhukkubni babal'achu mala.
Raashiyaan haleelaa lafoo, qilleensaa fi galaanarraa raawwataa jirtu magaalattii irratti waan itti fufteef, jiraattoonnis yeroo saanii irra caalaa dahannoo fi bakkeewwan gamoo lafa jalaa keessatti akka dabarsan qondaaltoonni ni dubbatu.
Suuraaleenis magaalattii diigamtee barbadoofte ishee agarsiisu.
Kantibaan magaalattii Vaadiim Boychenkoo, torban darbe gaazexessaa BBCtti akka himeetti, gamoowwan mana jireenyaa harki 80 guutummaan ykn wallakkaan barbadaa'eera. Isaan keessaas harki sadi kan ta'u gonkumaa kan suphamuu hindanda'amneedha.
Reeffa namootaas kaasuun baayyee balaafamaa waan ta'eef daandiiwwan irratti dhiifamaa jira. Dhumarratti wayita walitti qabamuttis mallattoo sukkaneessaa biraa kan ta'e, awwaalcha jumlaatti awwalaman.
Janaraalli Raashiyaa mataansaa magaalattii keessatti badiinsi namoomaa cimaan mudataa jiraachu amaneera. Haata'u malee badiinsa kanaaf ittigaafatamtoonni humnootii isaa ta'u hin fudhanne.
Humni Waraanaa Yuukireen odeeffannoo haaraa ganama kana gadi dhiiseen akkasi jedhe:
Haata'u malee himannaawwan kanneen BBC madda walabaa irraa hin mirkanneeffanne.

Madda suuraa, Reuters
Gorsaan Kantibaan Magaalaa Maaruupool, Piyootr Andruusenkoon, waadaa Mooskoon deeggarsi namoomaa akka seenuuf taasiftu hin amanamu waan ta'eef magaalattiin of-ittisuu ittuma fufti jedhan.
''Hanga loltuun keenya hundi dhumaniitti ni lolla' jechuun BBCtti himan Andrushenkoon.
Qondaalli kun himannaa dhiheenya kana deddeebiin qondaaltoota Maaruupooliin dhiyaataa tureefi garuu hin mirkaneessine, humnootiin Raashiyaa humnaan jiraattoota magaalichaa muraasaa gara Raashiyaatti geessaa jiru jedhu irra deebiin kaasan.
''Wayita humnootiin Raashiyaa waa'ee karaa namoomaaf banuu dubbatan, dhugaatti kan raawwatan garuu maaliidha? Isaanis uummata dirqiidhaan gara Raashiyaatti geessan'' jedhan.
Himannaawwan kanneen garuu BBC madda walabaa irraa mirkanneeffachu hin dandeenye.

Madda suuraa, Getty Images
Ameeriikaatti ambaasaadarri Chaayinaa Kiin Gaangis, biyyisaa waraana Yuukireen keessatti Raashiyaaf meeshaa waraanaafi deeggarsa hin ergituuf jedhan.
Itti dabaluunis waldhabdee jiru dhaabuuf Beejiing kan danda'ameef hunda ni raawwatti jedhan.
Ambaasaadarichi yaada kana kan keennan erga pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan guyyaa Jimaataa pireezidantii Chaayinaa Shii Jinpingiin yoo Mooskoof deggarsa taasisan ''balaa hamaa'' qabaata jechuun akeekkachisaniin booda.
Beejiing kana dursa gabaasa torban darbe keessa Mooskoof meeshaalee waraanaa dhiyeessuuf jedhuu ''odeeffannoo sobaati'' jechuun fudhatama dhabsiisaa turte. Haata'u malee Chaayinaan hanga yoonaatti ifatti weerara Raashiyaan raawwatteef hin balaalleefanne.
Ameerikaatti Ambaasaadarri Chaayinaa Kiin Gaangi wayita miidiyaa Ameerikaa CBStti dubbataniitti, balaaleeffannaa uummataa warra Lixaa ''baay'ee hin gargaaru'' waan ta'eef ''dippilomaasii gaariitu'' barbaachisa jedhan.

Madda suuraa, Waajjira Pireezidantii Yuukireen
Israa'eel Yuukireen fi Raashiyaa jidduutti nagaa buusuuf carraaqqii gochaa jirti, fuulduraaf mariin sadarkaa aanga'oota olaanootti taasifamu achitti godhamuu mala jedhan pireezidantiin Yuukireen Volodimiir Zeleniiskii.
"Ministirri Muummee Israa'eel Obbo Beneet mariif karaa soqaa jira," jedhe Zeleniiskiin ergaa viidiyoo uummata Yuukireeniif Dilbata dabarseen.
"Yaalii isaaf galata qabna, kanaaf barfatus Raashiyaa waliin marii ni eegalla, kun ammoo Jerusaaleemitti ta'uu mala" jedhe.
"Nagaa buusuun yoo ni danda'ama ta'e, kun bakka sirriidha" jedhe.
Zeleniiskiin kana kan jedhe karaa viidiyoon paarlaamaa Israa'eeliif haasawa erga taasiseen booda.

Madda suuraa, Reuters
Yuukireen gaaffii Raashiyaa magaalaan buufata galaanaa humnoota Raashiyaan marfamte Maariyupool yoo harka kennatte, namoonni nagaa achitti danqaman akka bahan ulaa nan bana jedhu kufaa goote.
Yoo humnoonni Yuukireen magaalatti ittisuuf lolaa jiran meeshaa isaanii lafa naqaan namoonni nagaan rakkoo malee akka bahan nan hayyama jette Raashiyaan.
Yuukireen garuu magaalaa ijoo kana dabarsanii kennuun waan gaaffii keessa galu miti jechuun didde.
Namoonni 300,000 ta'an achitti danqamanii akka jiran tilmaamama. Namoonni kunneen nyaata fixachaa akka jiraniifi gargaarsa galchuuf karaan cufaadha.
Haleellaa qilleensarraa hospitaala haadholiifi daa'immanii dabalatee iddoowwan garagaraatti Raashiyaan raawwatteen namoonni hedduun ajjeefamanii, hedduun miidhamaniiru.
Erga waraanichi eegalee magaalaan Maariyupool iddoowwan lolli hamaan itti gaggeeffamaa jiru ishii ijoodha.
Namoonni madaa'an achii bahuu danda'an hagi tokko hospitaala Zaapporiziiziyaa dhiyoo jirutti wal'aanamaa jiru.
Ashamaa, akkam jirtu?
Gabaasni kallattii keenya kan Wiixata Bitootessa 21, 2022 asirraa eegala.
Asiin gaditti gabaasa guyyoota darbanii argachuu dandeessu.
Oolmaa Gaarii!

Madda suuraa, EPA
Poopi Firaansiis carraa sagantaa Dilbataa irratti eebba kennaniitti fayyadamuun haasaa Magaalaa Vaatiikaan keessatti taasisaniin, waraanni Yukireen keessaa sirriin kan hin taaneefi ''ajjeechaa hiikaa hin qabne'' jechuun hoggantoonni ''waraanaa jibbaa kana'' akka dhaabaniif waamicha taasisan.
''Akka carraa ta'ee waraanni Yukireen irratti baname ammalleen hin dhaabbanne,'' kan jechuun namoota kumaatama addabaabaayii St. Pitariitti waliitti qabameetti himan Poopi Firaansiis.
Itti dabaluunis, ''Gochiichi ajjeechaa guyyaa hunda namoonni ajjeefamuufi miidhaan itti irra deebii'amudha,'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaltoonni waraanaa Yukireen erga pirezidaanti Vilaadmiir Putiin torban sadiin dura waraanaa Yukireen irratti banee kaasee loltoonni isaa kuma 15 ta'an ajjeeffamu himan.
Odeeffannoo haaraa fuula facebook hogganaa waraanaa Yukireen irratti maxxanfameen, waraanaa guyyoota 25 gaggeeffameen lolotoonni Raashiyaa 14,700 ajjeefamanii jedhu qondaaltoonni.
Akkasumas meeshaalee waraanaa ciccimoon Raashiyaa hedduun waraanicha keessatti barbadaa'uu himeera. Haaluma kanaanis, taankiiwwan Raashuyaa 476, jeettiiwwan waraanaa, hilkopitarootaafi dirooniiwwan 200 ol, konkoolaataawwan loltoota fe'an gara 1,487 barbadaa'aaniiru jedhan.
BBC odeeffannoo kana qaama walabaa irraa qulleeffachu hin dandeenye. Garuu ammoo maddeen warra Lixaa Raashaa miidhaan guddaan akka irra gahee ni amanu. Qondaaltoonni waraanaa Ameerikaa ammoo yoo xinnaatee loltoonni Raashiyaa 7,000 ta'an ajjeefamuufi kanneen 21,000 irra miidhaan qaqabuu tilamaamaniiru.

Oleg Savchuk kan magaalaa Yukireen marfamte Marupool keessa baqachuun amma Dnipro galee haala magaalattii keessa ture BBCtti himeera.
Innis haalli magaalaa keessa jiruu ''sukkaneessaa'' waan ta'eef, erga mannisaanii barbadaa'een booda warraa fi akkoowwan isaa waliin baqachuuf murteessuu dubbata.
Oleg akka jedhuutti, gaazii fi ibsaan omtu hin jiru, eenyuufuu bilbiluu ykn odeeffannoo kamu argachu hin danda'an. Ollaasaanii waliin ala bahanii ibidda qabsiisuun bishaan o'iiffachuufi nyaata bilcheefachuu lubbuun turu akka danda'an hima.
Akkasumas yoo gara dahannootti deemuun dhokachuun isaan barbaachisuutti sagalee boombii humnootii Raashiyaatiin dhukaafamu adda baasuuf 'ogummaa haaraa' akka horate hima.
Magaalattii alkanii guutuu meeshaan itti dhokaafamaa akka jiru himuun, tarii guyyaatti sa'aatii tokko ykn lama qofaaf osoo sagalee dhukaasaa hin dhagahiin akka turan ibsa.

Madda suuraa, Reuters
Humnootiin Raashiyaa haleellaa misaa'eelii hayiparsonikii lammaffaa bakka kiyyeeffanaawwan Yukireen irratti raawwataniiru jedhe Ministeerri Ittisaa Mooskoo.
Qondaaltonni akka jedhaniitti, haleellaan kan raawwatamee sirna misaa'eelii haaraa Raashiyaa Kinzhal'tti fayyadamuun kibba biyyatiitti dirree kusaa boba'aa barbadeesseera.
''Kinzhal... fi misaa'eloonni baalaastiki hayiparsoonikii dirree kuusaa boba'aa guddaa fi sayitii humnoota waraana Yukireen dhiheenya qubatan Kostyaantynivka barbadeesseera,'' jedhan qondaaltoonni.
BBC garuu odeeffannoo kana madda walabaa irraa kan hinmirakeeffannoo yoo ta'u, dhugaa yoo ta'e garuu Raashiyaan Yukireen meeshaa akkasiin yoo haleeltu kun guyyaa lamataa ta'a.
Qondaaltoonni Raashiyaa akka jedhaniitti Kinzhal dandeetti fageenya kiloomeetira 2,000 ol irratti saffiisa sa'aatiin km 6,000 balalii'iin kiyyeeffannaa isaa rukutuu qaba jedhu.