Haleellaa Raashiyaan raawwataa jirtu deeggarsa namoomaa danqe-Unicef

Wojjataan Dhaabbata Daa'immanii UN-Unicef tokko BBCtti akka himeetti, jiraattoonni magaalaa kibba-bahaa Maaruupol deeggarsa baayyee kan barbaada yoo ta'u, garuu ammoo haleellaa waliirraa hin cinne Raashiyaan raawwataa jirtuu hojjattoota gargaarsaa danqeera.
Joo Inglizii magaalaa lixaa Liviiv irraa BBCtti wayita dubbateetti, ''haala cimaa magaalattii keessa jiruu ibsuudhaaf jechaan rakkisaadha. Garuu hojjattoonni gargaarsaa hedduun yoo deeggarsicha qaqqabsiisuuf jedhaniitti balaaf saaxilamaa jiru,'' jedhe.
''Akkuma gama daandii deeggarsa namoomaatiin agarreetti, afaaniif tole jechuu danda'u garuu qabatamaan lafarra jiru baayyee addadha,'' jedhe.
Dhimmichi namootaa naannicha keessaa baasuu qofa osoo hin taane, namoonni hundi gadhiisanii bahu waan hin dandenyeefu dhiyeessitiiwwan namoomaas qaqabsiisuun waan nu barbaachisuuf, gareewwan namoomaa haalaan akka hojjataniif hayyamuun barbaachisaa ta'u cimsuun himeera.
Akkasumas Inglizii, biyyyattii guutuutti ''rakkoon daa'immanii'' mudachuu kaaseera.
''Kaleessa daa'ima Daanilo jedhamu kan kaansarii dhiigaa T-cell jedhamtu argeen ture. Daa'imtu kunis deeggarsa wallaansaa cimaa argachu qabdu asitti argaachu hindandeenyee,'' jedha.
''Garuu ammoo guyyaa hunda seenaa walfakkaataa dhagaha jirra. Isaan dura ammoo mucaa Andrei kan waggaa 15 fi boombii dhoka'een haadhasaa dhabee argeen ture. Torbaniin dura ammoo daa'ima torban 10 Anaa kan haatiishee murtee cimaa taasisuun kutaa daa'immanii hospitaala Kiyiiv keessatti dhiifteen arge. Anaan sababii rakkoo onnee qabduufi deeggarsa wal irraa hin cinnee barbaachisuuf haatishee kana gochu akka hindandeenye waan hubatteef hospitaaluma keessatti dhiisuuf dirqamte.''
"Biyyatii keessatti rakkoon daa'imman mudataa kan jiru kanadha. Daa'imman daangaa qaxxamuruun baqataniifis rakkoon cimaatu jira. Walumaagalattis, baayyee kan bitaa namatti galuudha,'' jedhe Ingilzii.













