Liivarpuul: Ministirri Masrii Liivarpuul gadhiisi jedhaniis, Saalah 'waliigaltee haaraa mallatteessuufi'

Madda suuraa, Getty Images
Mohaammad Saalah kilaba Livarpuul walin waliigaltee haaraa tolfachuufi jedhan ministirri ispoortii Masrii Ashiraaf Sobi.
Kana dura qondaalli kuni taphataan ganna 29 kuni Anfiild akka gadhiisu gorsanii turan. Ta'us, Saalah hanga Waxabajjii 2023'tti waliigaltee Livarpuul waliin qabu akka dheeressuu malu hime.
''Kilaba Livarpuul gadhiise kilabii biraa waliin akka imalu gorseen ture, amma garuu kallattiin isaa achumatti waliigaltee dheeressuudha,'' jedhan.
Leenjisaan Livarpuul Yargan Kiloop adeemsa waliigaltee haaraan ''gammachuu'' akka qaban ibsaniiru.
Saalaah Baatii Amajjii keessa Liivarpuul keessa turuu akka barbaadu hime. Garuu, hireen isaa fuulduraa kilaba isaarratti hundaa'a jedhee ture.
''Maal akkan barbaadu hin beeku. Waan lafarra hin jirre hin gaafanne,'' jechuun barruu GQ jedhamuuf hime.
''Haala jiru bulchiinsi akka hubatu ta'eera. Harka isaaniirra jira.''
Bakka bu'aan Saalah Raami Abbaas kana dura yeroo Yargan Kiloopp adeemsa waliigalteen gammachuu akka qaban ibsan immooji kolfu tiwiitara gubbaa gadhiisee ture.
Gabaasonni dhihoo bahaa jiran akka agarsiisanitti Saalah torbanitti paawundii 400,000 akka kanfalamuufi kontiraata waggaa afurii mallatteessuuf deema.
Ministirri Ispoortii Masrii Saalah kan dubbisan torban darbe gulaallii Waancaa Addunyaaf penaalitiidhaan Senegaaliin erga mo'amanii booda ture.
''Waan mudate dagadhuuti, waan fuula dura jiruurrati xiyyeeffadhuun jedheen,'' jechuun himan.
Mohaammad Saalah Livarpuuliif si'a 240 hiriiree taphatee galchiiwwan 153 galcheera. Livarpuul kan seenees paawundii miiliyoona 34'n yoo ta'u kunis bara 2017 Roomaatii ture.
Bara dorgommii jalqabaa galchiiwwan 44 erga galche booda waliigaltee isaa dheeresse.
Livarpuul bara 2019 Waancaa Chaampiyoons Liigii kan injifate yoo ta'u bara 2020 immoo Waancaa Pirimiyeer Liigii fudhate.













