Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimer Liigii Ingiliiz: Liiverpuul qabxii tokko qofaan Chelsiin caalamuun lammaffaa qabateera
Piriimer Liigii Inglizii keessatti gareen Liiverpuul tapha Saawuzhampitan waliin taasiseen 4-0n mo'achuun Chelsiitiin qabxii tokko qofaan caalamee lammaffaarra taa'ee jira.
Tapha kaleessa dirree Liiverpuul Anfiilditti taphatame kanaan Diyoogoo Jotaa Liiverpuuliif goolii lama lakkoofsiseera.
Saawuzhampitan Liivrpuuliin ni adabna jedhuun gara Anfiild deemanillee gooliin Diyoogoo Jotaa jalqaba lakkoofsise dugda isaan kutte.
Jotaan taphi jalqabamee daqiiqaa lama gidduutti ture gargaarsa kubbaa Andiriiwu Roobartisaan irraa argateen kan goolii jalqabaa lakkoofsise.
Taphataamti kun ammas daqiiqaa 32ffaa irratti kubbaa taphataan beekamaa Masirii Mohaammad Saalaah kenneefiif fayyadamuun goolii lammaffaa warra Saawuzhampitan irratti lakkoofsisuun akka mogolee buusan isaan taasiseera.
Isaan booda morkattoota kan garaa baran taphattoonni Liiverpuul dirree Saawuhampitan irra garmaamuutti ka'an.
Taphataan Afrikaa Saadiwoo Maaneen goolii sadaffaa ta'a kan jedhame itti aanee lakkoofsisus xiqqoof sararaan aladha (offside) jedhamuun jalaa haqamte.
Gooliin lamaan duraa Jotaan lakkoofsise Liiverpuul erga Yargan Kilooppiin qacaratee gooliiwwan lakkoofsise 700 irra geessise.
Gooliin sadaffaan Liiverpuul Saawuzhampitan irratti lakkoofsise ammoo daqiiqaa 37ffaa irratti dogogora ittisaa uumameen kan Tiyaagoo Alkaantiraa deebisee haleeleen uumamtedha.
Boqonnaan booda taphni jalqabamee daqiiqaa torbaan booda ammoo taphataan Liiverpuul Virjil vaan Diyaak kaleerraa fuudhee iti cuqqaale.
Taphoota Piriimer Liigii kaleessa taphataman keessaa Arsenaal Niiwu Kasiliin 2-0'n mo'ateera.
Tapha Arsenaaliifi Niiwu Kasil kana ogeessi kubbaa miilaa Laawuroon Arsenaal 2-0n Niiwu Kasiliin ni mo'ate jechuun tilmaama isaa kaa'ee tures ittiin milkaa'eera.
Gooliiwwan Arsenaal ittiin mo'atan ammoo daqiiqaa 56ffaa irratti B Saakaa, daqiiqaa 66ffaa irratti ammoo G Maartineeliitu lakkoofsiseef.
Taphoota Sambata kaleessaatiin Aston Viillaan ammoo Kiristaal Palaasiin 2-1n kan mo'ate yommuu ta'u, Biraayitan Liids Yunaayitid waliin, Noorwich Siitiin ammoo Woolvis waliin 0-0n walqixa xumuran.
Taphoota Piriimer Liigii hanga kaleessaatti taphatameenis Chelsiin qabxii 29n tokkoffaa, Liiverpuul qabxii 28n lammaffaa, Maanchester Siitiin ammoo qabxii 26 sadaffaa, West Haam ammoo qabxii 23'n afraffaarra jiru.
Arsenaal ammoo qabxii 23'n sadarkaa shanaffaarra kan jiru yoo ta'u, ammatti Tootinhaam 7ffaa Maanchester Yunaayitid ammoo 9ffaa irratti argamu.
Taphawwan Piriimer Liigii Ingiliiz shan har'a eegaman garuu sadarkaa kana hanga tokko jijjiiruu malu. Isaan keessaa taphni Chelsiifi Maanchester Yunaayitid gidduutti dirree Chelsiirratti gaggeeffamu eegamaa jira.
Maanchester Siitiinis West Haam waliin taphata.
Tapha har'aa keessaa kan Chelsiifi Maanchester Yunaayitid taphatan kana ogeessi kubbaa miillaa Laawuroon Chelsiin goolii 2-1n ni mo'ata jechuun tilmaama isaa kaa'eera.
Isin maal jettuu?